Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 29

Geggeessaa Keenya Yesuus Deggeraa

Geggeessaa Keenya Yesuus Deggeraa

“Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera.”—MAT. 28:18.

FAARFANNAA 13 Kiristoos, Fakkeenya Keenya

QABIYYEE *

1. Yeroo harʼaatti fedhiin Yihowaa maalidha?

 YEROO harʼaatti fedhiin Waaqayyoo misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaarratti akka lallabamudha. (Mar. 13:10; 1 Xim. 2:3, 4) Kun hojii Yihowaati. Hojiin kun baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, Yihowaan hojii kana akka geggeessuuf Ilma isaa isa jaallatamaa filateera. Yesuus nu geggeessaa waan jiruuf, hojiin lallabaa dhumni dhufuu isaa dura akka Yihowaan barbaadutti akka xumuramu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Mat. 24:14.

2. Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?

2 Mata duree kana keessatti Yesuus nyaata hafuuraa qopheessuu fi duuka buutonni isaa duula lallabaa isa guddaarratti akka hirmaatan gurmeessuuf ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamaa kan jiru akkamitti akka taʼe ilaalla. (Mat. 24:45) Tokkoon tokkoon keenya Yesuusii fi garbicha amanamaa deggeruuf maal gochuu akka dandeenyus ni ilaalla.

YESUUS HOJII LALLABAA GEGGEESSAA JIRA

3. Yesuusiif aangoon akkamii kennameera?

3 Yesuus hojii lallabaa geggeessaa jira. Kana mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Yesuus gara samii deemuu isaa yeroo muraasa dura gaara Galiilaa keessatti argamu tokkorratti duuka buutota isaa amanamoo taʼan muraasa wajjin wal argee ture. “Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera” isaaniin jedhe. Itti aansuudhaan maal akka isaaniin jedhe hubadhaa: “Kanaafuu, dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa.” (Mat. 28:18, 19) Kanarraa akka hubannutti, aangoo Yesuusiif kenname keessaa tokko hojii lallabaa geggeessuudha.

4. Yesuus hojii lallabaa geggeessuu isaa akka itti fufe mirkanaaʼoo kan taane maaliifi?

4 Yesuus hojiin lallabuu fi barattoota gochuu “saboota hundumaa” keessatti akka raawwatamuu fi ‘hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa’ duuka buutota isaa wajjin akka taʼu dubbateera. (Mat. 28:20) Yaada kanarraa ifatti akka hubannutti, hojiin lallabaa geggeessaa Yesuus jalatti hanga harʼaatti raawwatamuu isaa itti fufeera.

5. Raajiin Faarfannaa 110:3 irratti argamu akka raawwatamu gochuurratti gaʼee akkamii qabna?

5 Yesuus dhuma sirna kanaatti hanqinni hojjettootaa na mudata jedhee hin yaaddofne. Raajiin faarfatichi, “Guyyaa humna waraanaa kee geggeessitutti sabni kee fedhiidhaan of dhiheessa” jechuudhaan dubbate akka raawwatamu beeka. (Far. 110:3) Hojii lallabaarratti hirmaachaa jirta yoo taʼe, Yesuusii fi garbicha amanamaa deggeraa, akkasumas raajiin kun akka raawwatamu gargaarsa gochaa jirta jechuudha. Hojiin kun hojjetamaa jira, garuu haalli rakkisaanis jira.

6. Haalli rakkisaan labsitoota Mootummichaa yeroo harʼaatti mudatu inni tokko maalidha?

6 Haalli rakkisaan labsitoota Mootummichaa mudatu inni tokko mormiidha. Gantoonni, akkasumas geggeessitoonni amantaa fi siyaasaa hojii keenya ilaalchisee namoota hedduutti soba dubbatu. Firoonni keenya, namoonni beeknuu fi namoonni wajjin hojjennu odeeffannoo sobaa kana amananii Yihowaa tajaajiluu fi lallabuu keenya akka dhaabnu dhiibbaa nurratti gochuu dandaʼu. Biyyoota tokko tokkotti diinonni keenya obbolootaa fi obboleettota keenya doorsisuu, miidhuu, akkasumas mana hidhaallee isaan galchuu dandaʼu. Kun taʼuun isaa nu hin dinqisiisu. Yesuus, “Maqaa kootiin kan kaʼe saboota hundumaa biratti ni jibbamtu” jedheera. (Mat. 24:9) Namoonni nu jibbuun isaanii Yihowaa biratti fudhatama akka arganne mirkaneessa. (Mat. 5:11, 12) Mormii kana duuba kan jiru Diyaabilosi. Haa taʼu malee, inni Yesuus wajjin wal gituu hin dandaʼu. Gargaarsa Yesuusiin misiraachichi saboota hundumaatiif lallabamaa jira. Mee ragaa jiru haa ilaallu.

7. Ragaa Mulʼanni 14:6, 7 raawwatamaa akka jiru argisiisu akkamii argiteetta?

7 Haalli rakkisaan nu mudatu inni kan biraan immoo, namoota afaan garaa garaa dubbataniif lallabuudha. Yesuus mulʼata Yohaannis ergamaatti argisiiserratti, bara keenyatti labsitoonni Mootummichaa gufuu kana moʼuudhaan misiraachicha akka lallaban dubbateera. (Mulʼata 14:6, 7 dubbisi.) Akkamitti? Hamma dandaʼametti namoonni hedduun ergaa Mootummichaa dhagaʼuuf carraa akka argatan gargaaraa jirra. Yeroo ammaatti weebsaayitiin keenya jw.org afaanota 1,000 oliin waan argamuuf, namoonni addunyaa maratti argaman barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan dubbisuu dandaʼu. Qaamni Ol Aanaan kitaabni Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu afaanota 700 oliin akka hiikamu heyyama kenneera. Kitaabni kun meeshaalee barattoota gochuuf itti fayyadamnu keessaa isa guddaadha. Nyaanni hafuuraa namoota gurri isaanii hin dhageenyeef viidiyoodhaan, namoota qaro dhabeeyyiidhaaf immoo bireeliidhaan qophaaʼeera. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu yeroo raawwataman ifatti argaa jirra. Namoonni “qooqawwan sabootaa hundumaa keessaa dhufan” “qooqa qulqulluu,” jechuunis dhugaa Kitaaba Qulqulluu barachaa jiru. (Zak. 8:23; Sef. 3:9) Kun hundi raawwatamaa kan jiru geggeessaa keenya Yesuus Kiristoos isa gaʼumsa qabu jalattidha.

8. Hojiin lallabaa keenya hanga ammaatti buʼaa akkamii argamsiiseera?

8 Yeroo harʼaa namoonni 8,000,000 ol biyyoota 240 keessatti kutaa jaarmiyaa Yihowaa taaneerra. Waggaa waggaadhaanis namoonni kumaatamaan lakkaaʼaman cuuphamaa jiru. Haa taʼu malee, wanti baayʼina isaanii caalaa barbaachisaa taʼe amaloota Kiristiyaanaa, jechuunis “namummaa haaraa” horachuu isaaniiti. (Qol. 3:8-10) Namoonni baayʼeen gocha naamusaan ala taʼe hojjechuu, hammina raawwachuu, halaalatti nama jibbuu fi miira sabboonummaa dhiisuu dandaʼaniiru. Raajiin Isaayyaas 2:4 irratti argamu raawwatamaa jira; “isaan kana booda waraana hin baratan.” Namummaa haaraa uffachuuf carraaqqii yeroo goonu namoonni gara jaarmiyaa Waaqayyoo akka dhufan gargaarra, akkasumas geggeessaa keenya Yesuus Kiristoos duukaa buʼaa akka jirru argisiisna. (Yoh. 13:35; 1 Phe. 2:12) Kun hundi taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Yesuus gargaarsa nu barbaachisu nuuf gochaa waan jiruufi.

YESUUS GARBICHA TOKKO MUUDE

9. Maatewos 24:45-47 irratti bara dhumaa ilaalchisee raajiin akkamii dubbatameera?

9 Maatewos 24:45-47 dubbisi. Yesuus bara dhumaatti nyaata hafuuraa dhiheessuuf “garbicha amanamaa fi ogeessa” akka muudu dubbateera. Kanaafuu, garbichi kun bara keenyatti jabaatee akka hojjetu eegna. Wanti taʼaa jirus kanuma. Geggeessaan keenya saba Waaqayyoo fi namoota fedhii qabaniif yeroo sirrii taʼetti ‘nyaata hafuuraa dhiheessuuf’ garee xinnoo dhiirota dibamoo qabate kanatti fayyadama. Dhiironni kun amantii warra kaaniirratti gooftolii akka taʼanitti of hin ilaalan. (2 Qor. 1:24) Kanaa mannaa, Yesuus Kiristoos “geggeessaa fi ajajaa” saba isaa akka taʼe ni hubatu.—Isa. 55:4.

10. Barreeffamoota fakkicharratti mulʼatan keessaa daandii jireenya bara baraarra deemuu akka jalqabdu kan si amansiise isa kami?

10 Bara 1919 kaasee garbichi amanamaan barreeffamoota namoonni fedhii qaban dhugaa Dubbii Waaqayyoo akka baratan gargaaran qopheessaa tureera. Bara 1921​tti garbichi amanamaan namoonni fedhii qaban barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka baratan gargaaruuf kitaaba Baganaa Waaqayyoo jedhamu qopheesse. Yeroon jijjiiramaa yommuu deemu barreeffamoonni dabalataa qophaaʼaniiru. Barreeffamoota armaan gadii keessaa Abbaa keenya isa samii akka beektuu fi akka jaallattu kan si gargaare isa kami? “Waaqayyo Dhuga Qabeessa Haa Taʼu,” Dhugaa Jireenya Bara Baraatti Geessu, Lafarra Jannata Keessa Bara Baraan Jiraachuu ni Dandeessa, Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessu, Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?, Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? moo kitaaba haaraa Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu? Barreeffamoonni kun hundi barattoota gochuu akka dandeenyu nu gargaaruuf qophaaʼan; kaayyoo itti qophaaʼanis galmaan gaʼaniiru.

11. Hundi keenya nyaanni hafuuraa kan nu barbaachisu maaliifi?

11 Nyaanni hafuuraa jabaan kan barbaachisu namoota haaraadhaaf qofa miti. Hunda keenyayyuu ni barbaachisa. Phaawulos ergamaan, ‘nyaanni jabaan kan barbaachisu namoota bilchaatoodhaaf akka taʼe’ barreesseera. Phaawulos itti dabaluudhaan wanta Kitaaba Qulqulluurraa baranne hojiirra oolchuun “wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf” akka nu gargaaru dubbateera. (Ibr. 5:14) Yeroo namoonni hedduun karaa naamusaa mancaʼan kanatti ulaagaalee Yihowaa hordofuun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yesuus nyaata hafuuraa amantii cimaa qabaannee itti fufuuf nu dandeessisu akka argannu nu gargaara. Maddi nyaata kanaa Kitaaba Qulqulluu isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamedha. Garbichi amanamaan qajeelfama Yesuus jala taʼuudhaan nyaata kana qopheessaa fi raabsaa jira.

12. Akkuma Yesuus maqaa Waaqayyootiif ulfina kennaa kan jirru akkamitti?

12 Nutis akkuma Yesuus maqaa Waaqayyootiif ulfina isaaf malu kennaa jirra. (Yoh. 17:6, 26) Fakkeenyaaf, bara 1931 kaasee maqaa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee fi Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun waamamuu jalqabne. Kana gochuudhaan maqaa Waaqayyootiif iddoo guddaa akka kenninuu fi maqaa kanaan beekamuu akka barbaannu argisiisneerra. (Isa. 43:10-12) Baruma sana jiʼa Onkoloolessaatii kaasee maqaan Waaqayyoo qola barruu kanaarratti baʼuu jalqabe. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyoo bakka isa sirriitti deebisee galcheera. Kun waldaalee Saba Kiristiyaanaa maqaa Yihowaa hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu isaanii hedduu keessaa baasan irraa baayʼee addadha.

YESUUS DUUKA BUUTOTA ISAA GURMEESSE

13. Yesuus yeroo harʼaatti “garbicha amanamaa fi ogeessatti” fayyadamaa akka jiru wanti si amansiise maalidha? (Yohaannis 6:68)

13 Yesuus ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamee lafarratti jaarmiyaa dinqisiisaa waaqeffannaa qulqulluu babalʼisu hundeesseera. Jaarmiyaa kana ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Tarii akkuma Pheexiros ergamaa isa akkana jedhee barreessee sitti dhagaʼama taʼa: “Gara eenyuu dhaqna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabda.” (Yoh. 6:68) Jaarmiyaa Yihowaa hin beeknu utuu taʼee harʼa haala akkamii keessatti argamna turre? Kiristoos jaarmiyaa kanatti fayyadamee karaa hafuuraa akka gaariitti nu sooraa jira. Tajaajila keenyas karaa buʼa qabeessa taʼeen akka raawwannu nu leenjisaa jira. Kana malees, Yihowaa gammachiisuu akka dandeenyuuf “namummaa haaraa” akka uffannu nu gargaaraa jira.—Efe. 4:24.

14. Yeroo weerarri dhibee Kooviid-19 jirutti kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuun kee kan si fayyade akkamitti?

14 Yesuus yeroo rakkinaattis qajeelfama ogummaarratti hundaaʼe nuuf kenna. Buʼaan qajeelfama kanaa yeroo weerarri dhibee Kooviid-19 jalqabetti ifatti mulʼateera. Namoonni addunyaa hedduun maal akka godhan yeroo wallaalanitti Yesuus qajeelfama nageenya keenya eeggachuuf nu gargaaru nuuf kenneera. Yeroo namoota wajjin taanu maaskii akka godhannuu fi fageenya keenya akka eeggannu jajjabeeffamaa turreerra. Jaarsoliinis obboloota gumii keessa jiran hunda yeroo hunda akka gaafatanii fi karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa gargaarsi isaan barbaachisa yoo taʼe akka mirkaneeffatan yaadachiisni isaaniif kennamaa tureera. (Isa. 32:1, 2) Gabaasawwan Qaama Ol Aanaarraa qajeelfama dabalataa fi jajjabina argachaa turreerra.

15. Yeroo weerarri dhibee jirutti walgaʼii godhachuu fi hojii lallabaarratti hirmaachuu ilaalchisee qajeelfama akkamiitu nuuf kenname? Kun hoo buʼaa akkamii argamsiise?

15 Kana malees yeroo weerarri dhibee jirutti walgaʼiiwwan gumii godhachuu kan dandeenyuu fi hojii lallabaarratti hirmaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe qajeelfamni ifa taʼe nuuf kennamaa tureera. Yeroo gabaabaa keessatti walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo karaa viidiyookonfiransii godhachuu jalqabne. Xalayaa fi bilbilaanis dhugaa baʼuu jalqabne. Yihowaan carraaqqii keenya eebbiseera. Waajjiroonni damee hedduun lakkoofsi babalʼistootaa baayʼee akka dabale gabaasa godhaniiru. Obboloonni hedduun yeroo kanatti muuxannoowwan nama jajjabeessan argataniiru.—Saanduqa, “ Yihowaan Tajaajila Keenya ni Eebbisa” jedhu ilaali.

16. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

16 Namoonni tokko tokko jaarmiyichi weerara dhibee ilaalchisee garmalee akka of eeggatu isaanitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, qajeelfamni nuuf kennamu ogummaarratti kan hundaaʼe akka taʼe irra deddeebinee argineerra. (Mat. 11:19) Yesuus saba isaa jaalalaan geggeessaa kan jiru akkamitti akka taʼe yommuu xiinxallu, gara fuulduraatti maaliyyuu yoo nu mudate Yihowaa fi Ilmi isaa jaallatamaan nu wajjin akka taʼan mirkanaaʼoo taana.—Ibroota 13:5, 6 dubbisi.

17. Yesuus geggeessaa keenya taʼuu isaatti maaltu sitti dhagaʼama?

17 Yesuus geggeessaa keenya taʼuu isaa akka eebba guddaatti ilaalla. Jaarmiyaa aadaa, lammummaa fi afaaniin hin qoqqoodamne keessatti hammatamneerra. Nyaata hafuuraa hedduu fi qajeelfama hojii lallabaa raawwachuuf nu barbaachisu ni arganna. Dhuunfaatti namummaa haaraa uffachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranneerra; akka wal jaallannus barachaa jirra. Geggeessaa keenya Yesuusiin boonuuf sababa gaʼaa qabna.

FAARFANNAA 16 Ilma Isaa Dibameef Yaahiin Jajadhaa

^ Dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen miliyoonaan lakkaaʼaman yeroo ammaatti misiraachicha hinaaffaadhaan lallabaa jiru. Atoo isaan keessaa tokkodhaa? Taanaan, ajaja Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jalatti hojjechaa jirta jechuudha. Mata duree kana keessatti ragaa Yesuus yeroo harʼaatti hojii lallabaa kana geggeessaa akka jiru argisiisu ilaalla. Kanarratti xiinxaluun keenya qajeelfama Kiristoos jala taanee Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf akka kutannu nu kakaasa.