Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 31

Mirga Kadhannaatiif Bakka Guddaa Kenni

Mirga Kadhannaatiif Bakka Guddaa Kenni

“Kadhannaan koo si duratti akkuma ixaana qopheeffamee . . . haa taʼu.”—FAR. 141:2.

FAARFANNAA 47 Guyyaa Guyyaadhaan Yihowaa Kadhadhaa

QABIYYEE *

1. Mirga Yihowaatti kadhannaa dhiheessuuf qabnuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

 UUMAAN samii fi lafaa mirga ajaaʼibsiisaa taʼe nuuf kenneera. Kadhannaadhaan akka isatti dhihaannu nuuf heyyameera. Mee yaadi! Yeroo kamittiyyuu, afaan kamiiniyyuu, beellama qabachuun utuu nu hin barbaachisin wanta garaa keenya keessa jiru Yihowaa duratti dhangalaasuu ni dandeenya. Hospitaala ciisnees taʼe, mana hidhaatti Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe akka nu dhagaʼu amanannaa guutuu qabaachuudhaan kadhannaa isatti dhiheessuu ni dandeenya. Mirga kanaaf iddoo guddaa kennina.

2. Daawit mirga kadhannaatiif iddoo guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti?

2 Daawit Mootichi mirga kadhannaatiif iddoo guddaa kenna ture. Faarfannaa isaarratti Yihowaadhaan, “Kadhannaan koo si duratti akkuma ixaana qopheeffamee . . . haa taʼu” jedheera. (Far. 141:1, 2) Bara Daawititti ixaanni qulqulluun waaqeffannaa dhugaadhaaf ooluu fi luboonni dhiheessan of eeggannoo guddaadhaan qophaaʼa ture. (Bau. 30:34, 35) Daawit ixaana akka fakkeenyaatti caqasuun isaa wantoota kadhannaa isaarratti caqasu of eeggannoodhaan irratti yaaduu akka barbaadu ibsuu isaa ture. Nutis fedhii akkasii qabna. Kadhannaan keenya Yihowaa kan gammachiisu akka taʼu barbaanna.

3. Yeroo kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaannu maal gochuu qabna? Maaliif?

3 Yeroo Yihowaatti kadhannaa dhiheessinu, kadhannaa keenya kabaja guddaadhaan dhiheessuu qabna. Waaʼee mulʼatawwan ajaaʼibsiisoo Isaayyaas, Hisqiʼel, Daaniʼelii fi Yohaannis arganii yaadi. Mulʼatawwan kun garaagara taʼanis, wanti wal isaan fakkeessu tokko jira. Hundi isaaniiyyuu Yihowaan Mootii ulfina guddaa qabu akka taʼe ibsaniiru. Isaayyaas, “Yihowaan teessoo dheeraa fi ol kaʼaa taʼe irra taaʼee” argeera. (Isa. 6:1-3) Hisqiʼel, Yihowaan ‘ifa guddaa sabbata waaqaa fakkaatuun’ marfamee saragallaa samiirra taaʼee argeera. (His. 1:26-28) Daaniʼel, “Inni Bara Dheeraa Jiraate” uffata adii akka uffatee fi teessoo isaa keessaa laboobni ibiddaa yeroo baʼu argeera. (Dan. 7:9, 10) Yohaannis immoo, Yihowaan teessoo sabbata waaqaa imeraaldi fakkaatuun marfamerra taaʼee argeera. (Mul. 4:2-4) Ulfinni Yihowaa gita kan hin qabne akka taʼe yeroo xiinxallu, kadhannaadhaan isatti dhihaachuun mirga addaa akka taʼee fi yeroo kadhannaadhaan isatti dhihaannu kabaja guddaa argisiisuu akka qabnu hubanna. Haa taʼu malee, kadhannaa keenyarratti maalfaa caqasuu qabna?

“AKKANA JEDHAA KADHADHAA”

4. Wanta Yesuus kadhannaa fakkeenya taʼurratti caqaserraa maal baranna? (Maatewos 6:9, 10)

4 Maatewos 6:9, 10 dubbisi. Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti Waaqayyoon kadhachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe barattoota isaa barsiiseera. Yesuus, “Akkana jedhaa kadhadhaa” erga jedhee booda, jalqabarratti kan caqase dhimmoota barbaachisoo kaayyoo Yihowaa wajjin kallattiidhaan wal qabatan kanadha: Maqaan Waaqayyoo akka qulqullaaʼu, Mootummaan mormitoota Waaqayyoo hundumaa balleessu akka dhufu, akkasumas lafaa fi ilmaan namootaatiif eebba akka fidu. Dhimmoota kana kadhannaa keenyarratti caqasuudhaan kaayyoo Waaqayyootiif iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu dandeenya.

5. Dhimma dhuunfaa kadhannaa keenyarratti caqasuun sirriidhaa?

5 Wanti Yesuus itti aansuudhaan caqase waaʼee dhimma dhuunfaa kadhachuun sirrii akka taʼe argisiisa. Yihowaan nyaata guyyichaaf nu barbaachisu akka nuuf kennu, cubbuu keenya akka nuuf dhiisu, qorumsarraa akka nu eeguu fi isa hamaa sanarraa akka nu oolchu kadhachuu ni dandeenya. (Mat. 6:11-13) Wantoota kana kadhannaa keenyarratti yeroo caqasnu gargaarsi isaa akka nu barbaachisu akka hubannuu fi isa gammachiisuuf fedhii akka qabnu argisiisna.

Abbaan manaa tokko haadha manaa isaa wajjin waaʼee maalii kadhachuu dandaʼa? (Keeyyata 6 ilaali) *

6. Kadhachuu kan qabnu waaʼee dhimmoota kadhannaa fakkeenya taʼurratti caqasamanii qofadhaa? Ibsi.

6 Yesuus duuka buutonni isaa kadhannaa fakkeenya taʼu irra deddeebiʼanii akka dhiheessan isaanirraa hin eegu. Yesuus kadhannaawwan yeroo biraatti dhiheesserratti dhimmoota yeroo sanatti isa yaaddessan kan biroo caqaseera. (Mat. 26:39, 42; Yoh. 17:1-26) Nutis wanta nu yaaddessu kamiyyuu kadhannaa keenyarratti caqasuu ni dandeenya. Murtoo tokko gochuun yeroo nu barbaachisutti, ogummaa fi hubannaa argachuuf kadhachuu ni dandeenya. (Fr. 119:33, 34) Hojiin ulfaataa taʼe tokko yeroo nuuf kennamutti, akkamitti hojjechuu akka qabnu hubachuuf akka nu gargaaru Yihowaa kadhachuu ni dandeenya. (Fak. 2:6) Warri ijoollee isaaniitiif kadhachuu ni dandaʼu. Ijoolleen immoo warra isaaniitiif kadhachuu ni dandaʼu. Hundi keenyayyuu namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnuu fi namoota dhugaa itti himnuuf kadhachuu ni dandeenya, kadhachuus qabna. Haa taʼu malee, Yihowaa kan kadhannu gargaarsa argachuuf qofa miti.

Kadhannaa keenya keessatti Yihowaa jajachuu fi galateeffachuuf wantoonni nu kakaasan maalfaʼi? (Keeyyata 7-9 ilaali) *

7. Kadhannaa keenyarratti Yihowaa jajachuu kan qabnu maaliifi?

7 Kadhannaa keenyarratti Yihowaa jajachuu akka qabnus dagachuu hin qabnu. Hundumaa caalaa jajamuu kan qabu Waaqa keenyadha. Inni “gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha.” Akkasumas ‘araara qabeessaa fi gara laafessa, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi amanamummaan isaa baayʼee kan taʼe dha.’ (Far. 86:5, 15) Eenyummaan isaa fi wanti inni raawwate isa jajachuuf nu kakaasa.

8. Wantoonni Yihowaa galateeffachuuf nu kakaasan tokko tokko maalfaʼi? (Faarfannaa 104:12-15, 24)

8 Kadhannaa keenyarratti Yihowaa jajachuuf qofa utuu hin taʼin wantoota ajaaʼibsiisoo inni raawwateef isa galateeffachuufis ni kakaana. Fakkeenyaaf, halluuwwan babbareedoo abaaboowwan qabaniif, nyaatawwan miʼaawoo taʼan garaagaraatii fi michoota baayʼee itti dhihaannu qabaachuu keenyattis galateeffachuu dandeenya. Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe wantoota kanaa fi kan biroo kan nuuf kenne akka gammannu waan barbaaduufi. (Faarfannaa 104:12-15, 24 dubbisi.) Kana malees, Yihowaan nyaata hafuuraa hedduu fi abdii dinqisiisaa waan nuu kenneef isa galateeffanna.

9. Yihowaa galateeffachuu akka hin daganne maaltu nu gargaara? (1 Tasalonqee 5:17, 18)

9 Wanta Yihowaan nuuf godhu hundaaf isa galateeffachuu salphaatti dagachuu dandeenya. Maarree, akka hin daganne maaltu nu gargaara? Wantoota Yihowaa kadhatte barreessuudhaan, yeroo booda kadhannaa keetiif akkamitti deebii akka kenne ilaaluu dandeessa. Achiis gargaarsa isaatiif isa galateeffadhu. (1 Tasalonqee 5:17, 18 dubbisi.) Mee yaadi: Warri kaan yeroo nu galateeffatan baayʼee gammanna, akkasumas akka jaallatamnu nutti dhagaʼama. Haaluma wal fakkaatuun, nutis deebii Yihowaan kadhannaa keenyaaf kenne yaadannee isa galateeffachuun keenya isa gammachiisa. (Qol. 3:15) Sababii barbaachisaan Waaqa keenya galateeffachuuf nu kakaasu kan biraan hoo maalidha?

ILMA ISAA ISA JAALLATAMAA WAAN NUU KENNEEF YIHOWAA GALATEEFFADHU

10. Akka 1 Pheexiros 2:21 jedhutti Yihowaan Yesuusiin gara lafaatti erguu isaatiif isa galateeffachuu kan qabnu maaliifi?

10 Pheexiros Tokkoffaa 2:21 dubbisi. Yihowaan akka nu barsiisuuf Ilma isaa jaallatamaa waan ergeef isa galateeffachuu qabna. Seenaa jireenyaa Yesuus qoʼachuudhaan waaʼee Yihowaa fi akkamitti isa gammachiisuu akka dandeenyu wanta baayʼee barachuu dandeenya. Aarsaa Kiristoosirratti amantii akka qabnu yoo argisiisne Yihowaa wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya cimaa qabaachuu dandeenya, isa wajjinis nagaadhaan jiraachuu dandeenya.—Rom. 5:1.

11. Maqaa Yesuusiin kadhachuu kan qabnu maaliifi?

11 Karaa Ilma isaa gara isaatti kadhannaa dhiheessuu dandaʼuu keenyaaf Yihowaa ni galateeffanna. Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuuf Yesuusitti fayyadama. Yihowaan kadhannaa maqaa Yesuusiin dhiheessinu ni dhagaʼa, akkasumas deebii ni kenna. Yesuus, “Abbaan karaa Ilmaa ulfina akka argatuuf, wanta isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu ani isiniif nan raawwadha” jedheera.—Yoh. 14:13, 14.

12. Yihowaan Ilma isaa nuu kennuu isaatti isa galateeffachuuf wanti nu kakaasu kan biraan maalidha?

12 Yihowaan aarsaa furii Yesuusirratti hundaaʼee dhiifama nuuf godha. Kitaabni Qulqulluun Yesuus ‘luba ol aanaa keenya isa samii keessatti mirga teessoo isa Ulfina Qabeessa sanaa taaʼe’ akka taʼe ibsa. (Ibr. 8:1) Yesuus ‘gargaaraa Abbaa biraa qabnu dha.’ (1 Yoh. 2:1) Yihowaan Luba Ol Aanaa dadhabina keenyatti nuuf gadduu fi “nuuf kadhatu” nuu kennuu isaatti baayʼee galateeffanna. (Rom. 8:34; Ibr. 4:15) Nuti ilmaan namootaa cubbamoota waan taaneef, aarsaa Yesuus malee kadhannaadhaan gara Yihowaatti dhihaachuu hin dandeenyu. Kennaa guddaa Yihowaan nuu kenneef, jechuunis Ilma isaa isa jaallatamaadhaaf galateeffannaa qabnu jechaan ibsuu hin dandeenyu yoo jedhame akka irratti walii galtu beekamaadha.

OBBOLOOTAA FI OBBOLEETTOTA KEETIIF KADHADHU

13. Yesuus barattoota isaa akka jaallatu galgala duʼuu isaa dura turetti kan argisiise akkamitti?

13 Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti Abbaan isaa ‘isa hamaa sana irraa akka isaan eegu’ barattoota isaatiif saʼaatii dheeraadhaaf kadhateera. (Yoh. 17:15) Kun Yesuus baayʼee akka isaan jaallatu argisiisa. Yesuus yeroo muraasa booda rakkinni hedduun akka isarra gaʼu kan beeku taʼus nageenyi ergamoota isaa isa yaaddessee ture.

Obbolootaa fi obboleettota keenya ilaalchisee waaʼee maalii kadhachuu dandeenya? (Keeyyata 14-16 ilaali) *

14. Obbolootaa fi obboleettota keenya akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Nutis fakkeenya Yesuus waan hordofnuuf wantoota nu barbaachisan qofarratti hin xiyyeeffannu. Kanaa mannaa, yeroo hunda obbolootaa fi obboleettota keenyaaf ni kadhanna. Akkas yeroo goonu ajaja Yesuus akka wal jaallannu nuuf kenne hojiirra oolchina, akkasumas obboloota keenya hammam akka jaallannu Yihowaatti argisiisna. (Yoh. 13:34) Obbolootaa fi obboleettota keenyaaf kadhachuun yeroo gubuu miti. Dubbiin Waaqayyoo, “Wawwaannaan nama qajeelaa humna qaba” jedha.—Yaq. 5:16.

15. Obboloonni keenya kadhannaan keenya kan isaan barbaachisu maaliifi?

15 Obboloota keenyarra rakkinni hedduun waan gaʼuuf kadhannaan keenya isaan barbaachisa. Yihowaan dhukkuba, balaa uumamaa, waraana, ariʼatamaa fi rakkoowwan kan biroo dandamachuuf akka isaan gargaaru kadhachuu dandeenya. Obbolootaa fi obboleettota keenya fedhii ofii aarsaa gochuudhaan warra gargaarsi barbaachisu gargaaruuf carraaqqii godhaniifis kadhachuu dandeenya. Tarii obboloota rakkoowwan akkasii wajjin waldhaansoo gochaa jiran tokko tokko beekta taʼa. Maarree, maqaa isaanii caqastee maaliif isaaniif hin kadhattu? Yihowaan jabaatanii dhaabbachuuf akka isaan gargaaru kadhachuudhaan jaalala obbolummaa dhugaa akka qabnu argisiisna.

16. Obboloota nu gidduutti dura buutota taʼaniif kadhachuu kan qabnu maaliifi?

16 Obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban kadhannaa keenya keessatti waaʼee isaanii yeroo caqasnu baayʼee gammadu. Kadhannaan isaaniif dhiheessinu baayʼee isaan gargaara. Phaawulos kun dhugaa taʼuu isaa dubbateera. Akkana jedhee barreesseera: “Iccitii qulqulluu misiraachichaa beeksisuu irratti ija jabinaan dubbachuu akkan dandaʼutti, yommuun afaan koo saaqqadhu wanti ani dubbadhu akka naaf kennamu anaafis kadhadhaa.” (Efe. 6:19) Yeroo harʼaas obboloota nu gidduutti dura buutota taʼanii jabaatanii hojjetan hedduu qabna. Yihowaan hojii isaanii akka eebbisu kadhachuudhaan jaalala isaanitti argisiisuu dandeenya.

WARRA KAAN BAKKA BUUNEE YEROO KADHANNU

17-18. Warra kaan bakka buunee kadhannaa akka dhiheessinu kan gaafatamnu yoomi? Yeroo akkasiitti maal dagachuu hin qabnu?

17 Yeroo tokko tokko warra kaan bakka buunee kadhannaa akka dhiheessinu affeeramna. Fakkeenyaaf, obboleettiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessaa jirtu obboleettiin ishii wajjin qoʼachiisaa jirtu kadhannaa akka dhiheessitu gaafachuu dandeessi. Obboleettiin affeeramte sun barattuu sana sirriitti beekuu dhiisuu dandeessi. Kanaafuu, qoʼannaan isaanii erga xumuramee booda kadhannaa dhiheessuu filatti taʼa. Akkas gochuun ishii yeroo kadhattu wanta barattuu sana barbaachisurratti xiyyeeffachuuf ishii gargaara.

18 Obboleessi tokko walgaʼii tajaajila dirreerratti ykn walgaʼii gumiirratti kadhannaa akka dhiheessu gaafatamuu dandaʼa. Obboloonni mirga akkasii argatan kaayyoo walgaʼichaa dagachuu hin qaban. Yeroo kadhannaa dhiheessan gumichaaf gorsa kennuun ykn beeksisa himuun sirrii miti. Walgaʼiiwwan gumii hedduurratti yeroon faarfannaa fi kadhannaadhaaf ramadame daqiiqaa shan qofadha. Keessumaa obboleessi jalqaba walgaʼichaarratti kadhannaa dhiheessu “jechoota baayʼee” dubbachuu hin qabu.—Mat. 6:7.

JIREENYA KEE KEESSATTI KADHANNAADHAAF DURSA KENNI

19. Guyyaa murtii Yihowaatiif qophaaʼuuf maaltu nu gargaara?

19 Guyyaan Yihowaan murtii itti kennu dhihaachaa yeroo jiru kanatti jireenya keenya keessatti kadhannaadhaaf caalaatti dursa kennuun keenya barbaachisaadha. Kana ilaalchisee Yesuus, “Wantoota taʼuu qaban kana hunda jalaa baʼuu . . . akka dandeessaniif, dammaqaa eegaa, yeroo hundumaas wawwaannaa dhiheessaa” jedheera. (Luq. 21:36) Karaa hafuuraa dammaqoo taʼuu fi guyyaan murtii Waaqayyoo yeroo dhufu qophaaʼoo taʼuuf yeroo hunda kadhachuun keenya barbaachisaadha.

20. Kadhannaan keenya akkuma ixaana urgaa gaarii qabuu taʼuu kan dandaʼu akkamitti?

20 Mata duree kana keessatti maal baranne? Mirga kadhannaatiif iddoo guddaa kennina. Kadhannaan keenya adda durummaadhaan dhimmoota kaayyoo Yihowaa wajjin wal qabatan irratti xiyyeeffachuu qaba. Yihowaan Ilma isaa waan nuu kennee fi Mootummaa isaa waan nuu hundeesseef isa galateeffanna. Obboloota keenyaafis ni kadhanna. Wanta karaa qaamaa fi karaa hafuuraa nu barbaachisan argachuufis kadhachuu dandeenya. Wantoota kadhannaa keenya keessatti caqasnurratti of eeggannoodhaan kan yaannu yoo taʼe, mirga addaa kanaaf iddoo guddaa akka kenninu argisiisna. Akkas kan goonu taanaan kadhannaan keenya akkuma ixaana urgaa gaarii qabuu ‘Yihowaa kan gammachiisu’ taʼa.—Fak. 15:8.

FAARFANNAA 45 Wantan Garaa Kootti Yaadu

^ Mirga kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuuf qabnuuf iddoo guddaa kennina. Kadhannaan keenya akkuma ixaana urgaa gaarii qabuu kan isa gammachiisu akka taʼu barbaanna. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii kadhachuu akka dandeenyu ilaalla. Yeroo warra kaan bakka buunee akka kadhannu affeeramnutti qabxiilee sammuutti qabachuu qabnu muraasas ni ilaalla.

^ IBSA FAKKII: Obboleessi tokko haadha manaa isaa wajjin intala isaanii mana barumsaa jirtuuf, miseensa maatii isaanii dhukkubsatee ciisee jiruuf, akkasumas barattuu Kitaaba Qulqulluutiif kadhachaa jira.

^ IBSA FAKKII: Obboleessi dargaggeessi tokko aarsaa furii Yesuusiif, pilaaneetii keenya bareedduu taatee fi nyaata madaalamaa Yihowaan nuu kenneef galateeffachaa jira.

^ IBSA FAKKII: Obboleettiin takka Yihowaan Qaama Ol Aanaadhaaf hafuura isaa akka kennuu fi warra sababa balaa fi ariʼatamaatiin rakkachaa jiran akka gargaaru kadhachaa jirti.