Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 28

Mootummichi Bulchaa Jira!

Mootummichi Bulchaa Jira!

“Mootummaan addunyaa, Mootummaa Gooftaa keenyaa fi Mootummaa Kiristoos ni taʼe.”—MUL. 11:15.

FAARFANNAA 22 Mootummichi Inni Bulchuu Jalqabe haa Dhufu!

QABIYYEE *

1. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Maaliif?

 HAALA addunyaa yeroo ilaaltu ilaalcha gaarii qabaatanii itti fufuun ulfaataa akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Miseensonni maatii akka kanaan duraa wal hin jaallatan. Walumaa galatti namoonni caalaatti lola kan jaallatanii fi ofittoo taʼaa jiru. Namoonni baayʼeen warra aangoorra jiran amanuun isaanitti ulfaata. Haa taʼu malee, wantoonni kuniyyuu haalawwan amma jiran akka fooyyaʼan ragaa taʼu. Akkana kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, namoonni akkuma Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” ilaalchisee raajiidhaan dubbate gochaa jiru. (2 Xim. 3:1-5) Namni garaa qajeelaa qabu kamiyyuu raajiin kun raawwii isaa argachaa akka jiru haaluu hin dandaʼu. Raawwiin raajii kanaa Kiristoos Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchaa akka jiru argisiisa. Raajiin kun raajiiwwan waaʼee Mootummichaa dubbataman hedduu keessaa tokko qofadha. Raajiiwwan waggoota dhihoodhaa asitti raawwataman kan biroo qoruun keenyas amantii keenya nuuf cimsa.

Kutaawwan fakkii tokkoo walitti fiduudhaan fakkii barbaadamu tokko argachuun ni dandaʼama. Raajiiwwan kitaaba Daaniʼelii fi Mulʼataa keessatti ibsaman yeroo walitti fidnus kaayyoo Yihowaa wajjin haala walqabateen yeroo akkamii keessa akka jiru hubachuu ni dandeenya (Keeyyata 2 ilaali)

2. Mata duree kana keessatti maal ilaalla? Maaliif? (Fakkii qola isaarra jirurratti yaada kenni.)

2 Mata duree kana keessatti (1) raajii Mootummichi yoom akka hundeeffame hubachuuf nu gargaaru, (2) raajiiwwan Yesuus karaa hin mulʼanneen Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee argamuu isaa hubachuuf nu gargaaran, akkasumas (3) raajiiwwan diinonni Mootummaa Waaqayyoo kan balleeffaman akkamitti akka taʼe ibsan ilaalla. Akkuma kutaawwan garaagaraa fakkii tokkoo yeroo walitti dhufan fakkii barbaadame tokko nuuf argamsiisan, raajiiwwan kun wal faana raawwatamuun isaaniis yeroo akkamii keessa akka jirru ifatti hubachuuf nu gargaaru.

MOOTUMMICHI KAN HUNDEEFFAME YOOM AKKA TAʼE AKKAMITTI BEEKNA?

3. Raajiin Daaniʼel 7:13, 14 irratti argamu Mootii Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee maal nuuf mirkaneessa?

3 Raajiin Daaniʼel 7:13, 14 irratti ibsame Kiristoos Yesuus bulchaa Mootummaa Waaqayyoo hundarra caalu akka taʼe nuuf mirkaneessa. Namoonni saba hundumaarraa dhufan gammachuudhaan “isa tajaajilu.” Innis matumaa bulchaa kan biraatiin bakka hin buufamu. Raajiin kitaaba Daaniʼel keessatti ibsame kan biraan immoo Yesuus Mootummaa isaa kan fudhatu yeroon bara torba jedhamee waamame erga xumuramee booda akka taʼe argisiisa. Yesuus Mootii kan taʼe yoom akka taʼe beekuun ni dandaʼamaa?

4. Daaniʼel 4:10-17 Kiristoos Mootii Mootummichaa kan taʼe yoom akka taʼe hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ibsi. (Miiljalees ilaali.)

4 Daaniʼel 4:10-17 dubbisi. “Barri torba” waggoota 2,520 argisiisa. Yeroon kun kan jalqabe, Dh.K.D. bara 607​tti yeroo warri Baabilon mootii isa dhumaa teessoo Yihowaa isa Yerusaalem keessatti argamurraa kaasanitti ture. Yeroon kun kan xumurame immoo, Dh.K.B. bara 1914​tti yeroo Yihowaan Yesuus isa “mirga seeraa qabu” Mootii Mootummaa Waaqayyoo godhee muudettidha. *His. 21:25-27.

5. Faayidaan raajii waaʼee ‘bara torbaa’ dubbaturraa argannu tokko maalidha?

5 Raajiin kun kan nu fayyadu akkamitti? Raajii waaʼee ‘bara torbaa’ dubbatu hubachuun keenya Yihowaan waadaa gale yeroo sirrii taʼetti akka raawwatu nuuf mirkaneessa. Yihowaan yeroo Yesuusiin Mootii godhee itti muudu murteessee ture; yeroon murteesse sun yeroo gaʼettis kana godheera. Kanaafuu, raajiiwwan inni dubbate kaan hundis yeroo inni murteessetti akka raawwataman akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Eeyyee, guyyaan Yihowaa “hin turu.”—An. 2:3.

KIRISTOOS MOOTII MOOTUMMAA WAAQAYYOO TAʼEE AKKA ARGAME BEEKUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

6. (a) Ragaawwan Yesuus samii keessatti bulchaa akka jiru argisiisan kamfaʼi? (b) Raajiin Mulʼata 6:2-8 irratti argamu ragaan kun dhugaa taʼuu isaa kan nuuf mirkaneessu akkamitti?

6 Yesuus tajaajila isaa isa lafarraa xumuruu isaa yeroo muraasa dura, taʼeewwan addunyaa akka inni samii keessatti bulchuu jalqabe hubachuuf nu gargaaran tokko tokko dubbateera. Fakkeenyaaf, waraana, beelaa fi kirkira lafaa caqaseera. Kana malees “bakka garaa garaatti” golfaan, jechuunis dhukkubni akka jiraatu dubbateera. Weerarri dhibee Kooviid-19 dhiheenyatti mudate kanaaf fakkeenya taʼa. Taʼeewwan kun kutaa wanta Kitaabni Qulqulluun “mallattoo” argama Kiristoos jedhee waamuuti. (Mat. 24:3, 7; Luq. 21:7, 10, 11) Yesuus duʼaa kaafamee gara samiitti erga deebiʼee waggaa 60 booda ragaa taʼeewwan kun akka raawwataman argisiisu dabalataa Yohaannis ergamaatti himeera. (Mulʼata 6:2-8 dubbisi.) Taʼeewwan kun bara 1914​tti yeroo Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee kaasee raawwatamaa jiru.

7. Yeroo Yesuus bulchuu itti jalqabee kaasee lafarratti rakkinni kan baayʼate maaliifi?

7 Haalli addunyaarra jiru yeroo Yesuus Mootii taʼetti kan hammaate maaliifi? Mulʼanni 6:2 kana ilaalchisee ibsa barbaachisaa taʼe kenna: Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo akkuma taʼeen waraana tokko baneera. Waraana kana kan bane eenyurratti? Seexanaa fi jinniiwwan isaarratti. Mulʼanni boqonnaa 12 akka ibsutti Seexanni waraana kanarratti waan moʼameef innii fi jinniiwwan isaa gara lafaatti gad darbatamaniiru. Kanaan kan kaʼes, Seexanni baayʼee aaree ilmaan namootaarratti miidhaa geessisaa jira.—Mul. 12:7-12.

Oduu gaddisiisaa ilaaluun kan nu hin gammachiisne taʼus, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu yeroo raawwataman arguun keenya Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiru amantii qabnu nuuf cimsa (Keeyyata 8 ilaali)

8. Raajiiwwan waaʼee Mootummichaa dubbataman yeroo raawwataman arguun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

8 Raajiiwwan kun kan nu fayyadan akkamitti? Haalli addunyaa fi ilaalchi namootaa baayʼee jijjiiramuun isaa Yesuus Mootii akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Kanaafuu, namoonni ofittummaa fi jibba yeroo argisiisan aaruu mannaa gochi isaanii kun raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu gochaa akka jiru haa yaadannu. Mootummaan Waaqayyoo bulchaa jira! (Far. 37:1) Armaagedoon dhihaachaa yeroo deemu rakkinni addunyaarratti mulʼatu caalaatti dabalaa deema. (Mar. 13:8; 2 Xim. 3:13) Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe addunyaarratti rakkinni kan baayʼate maaliif akka taʼe akka hubannu waan nu gargaareef baayʼee isa galateeffanna.

DIINONNI MOOTUMMAA WAAQAYYOO KAN BALLEEFFAMAN AKKAMITTI?

9. Raajiin Daaniʼel 2:28, 31-35 irratti ibsame mootummaa addunyaa isa dhumaa kan ibsu akkamitti? Mootummaan kun bulchuu kan jalqabe hoo yoomi?

9 Daaniʼel 2:28, 31-35 dubbisi. Yeroo harʼaatti raajiin kun yeroo raawwatamu argaa jirra. Abjuun Nebukadnezaar “guyyoota dhumaatti” Kiristoos bulchuu erga jalqabee booda maaltu akka raawwatamu ibseera. Diinonni Yesuus warri lafarraa mootummaa addunyaa isa dhumaa Kitaaba Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbatame dabalata. Mootummaan kun miila “sibiilaa fi suphee” irraa tolfameen bakka buufameera. Mootummaan addunyaa kun yeroo ammaatti bulchaa jira. Mootummaan kun bulchuu kan jalqabe yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Biritaaniyaa fi Yuunaayitid Isteetis tokkummaa uumuudhaan mootummaa Angiloo Ameerikaa taʼanittidha. Siidaan Nebukadnezaar abjuu isaatiin arge yoo xinnaate wantoota mootummaa addunyaa kana mootummoota isa dura turanirraa adda godhan lama ibsa.

10. (a) Raajiin Daaniʼel mootummaa Angiloo Ameerikaa akka gaariitti kan ibsu akkamitti? (b) Balaa akkamiirraa of eeguu qabna? (Saanduqa, “ Suphicharraa Of Eegi!” jedhu ilaali.)

10 Tokkoffaa, mootummoota addunyaa isa dura turanirraa haala adda taʼeen mootummaan Angiloo Ameerikaa kan bakka buufame sibiila jabaa kan akka warqii fi meetiitiin utuu hin taʼin makaa sibiilaa fi supheetiini. Supheen “sanyii ilmaan namootaa” argisiisa. (Dan. 2:43, milj.) Yeroo harʼaatti ifatti akka hubannutti dhiibbaan namoonni yeroo filannootti godhan, duulli mirga isaaniitiif falmuuf geggeessan, mormiin kaasanii fi sochiin dhaabbileen mirga hojjettootaa eegsisan godhan mootummaan addunyaa kun wanta yaade raawwachuun akka isatti ulfaatu godheera.

11. Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa bulchuun isaa yeroo dhumaa keessa jiraachaa akka jirru amanannaa keenya kan nuuf cimsu akkamitti?

11 Lammaffaa, Angiloo Ameerikaan miila siidaa isa guddaatiin waan bakka buufameef Mootummaa addunyaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame isa dhumaati. Mootummaan ilmaan namootaa bakka isaa buʼu kan biraan hin jiraatu. Kanaa mannaa, Mootummaan Waaqayyoo yeroo waraana Armaagedoonitti mootummoota ilmaan namootaa kaan hundumaa wajjin isa balleessa. *Mul. 16:13, 14, 16; 19:19, 20.

12. Raajiin Daaniʼel ragaa nu jajjabeessuu fi abdii nutti horu dabalataa akkamii qabateera?

12 Raajiin kun kan nu fayyadu akkamitti? Raajiin Daaniʼel bara dhumaa keessa jiraachaa akka jirru ragaa dabalataa nuuf kenna. Waggoota 2,500 dura Daaniʼel raajichi Baabilon booda mootummoonni addunyaa afur saba Waaqayyoorratti dhiibbaa akka godhan raajii dubbateera. Kana malees, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa mootummoota kana keessaa isa dhumaa akka taʼu ibseera. Dhiheenyatti Mootummaan Waaqayyoo mootummoota ilmaan namootaa hundumaa balleessuudhaan lafa akka bulchu beekuun keenya nu jajjabeessa, akkasumas abdii nutti hora.—Dan. 2:44.

13. ‘Mootii saddeettaffaanii’ fi ‘mootonni kurnan’ Mulʼata 17:9-12 irratti ibsaman maal argisiisu? Raajiin kun kan raawwatame akkamitti?

13 Mulʼata 17:9-12 dubbisi. Badiisni Waraanni Addunyaa Tokkoffaan geessise raajiin Kitaaba Qulqulluu waaʼee guyyoota dhumaa dubbatu kan biraan akka raawwatamu godheera. Bulchitoonni addunyaa addunyaadhaaf nagaa fiduu waan barbaadaniif, Amajjii 1920​tti Waldaa Mootummoota Addunyaa hundeessan. Waldaan kun Onkoloolessa 1945​tti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin bakka buufame. Dhaabbanni kun “mootii saddeettaffaa” jedhamee waamameera. Taʼus, mootummaa addunyaa miti. Dhaabbanni kun humna kan qabaate mootummoonni isa deggeran waan jiraniifi. Kitaabni Qulqulluun mootummoota kana “mootota kurnan” jedhee waama.

14-15. (a) Mulʼanni 17:3-5 waaʼee “Baabilon Guddittii” maal ibsa? (b) Amantaawwan sobaarra maaltu gaʼaa jira?

14 Mulʼata 17:3-5 dubbisi. Yohaannis ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee sagaagaltuu “Baabilon Guddittii” jedhamtee waamamtu takka mulʼataan argeera. Sagaagaltuun tun amantaa sobaa addunyaa maraa bakka buuti. Mulʼanni kun kan raawwatame akkamitti? Waggoota hedduudhaaf amantaawwan sobaa mootummoota addunyaa wajjin walitti dhihaatanii hojjechaa fi isaan deggeraa turaniiru. Haa taʼu malee, dhiheenyatti Yihowaan ‘yaada isaa akka raawwataniif’ humnoota siyaasaa ni kakaasa. Maarree, buʼaan isaa maal taʼa? Humnoonni siyaasaa “mootota kurnan” jedhaman kun dhaabbilee amantaa sobaarratti kaʼanii isaan balleessu.—Mul. 17:1, 2, 16, 17.

15 Badiisni Baabilon Guddittii akka dhihaate akkamitti beekna? Deebii gaaffii kanaa argachuuf magaalaa Baabilon ishii durii yaadachuun keenya nu gargaara. Magaalaan Baabilon Laga Efraaxiis isa guddaa taʼee fi gartokkoon ishiitti marsee jiruun eegumsa argatti turte. Kitaabni Mulʼataa deggertoota Baabilon Guddittii miliyoonaan lakkaaʼaman bishaanota eegumsa ishiidhaaf godhanitti fakkeessa. (Mul. 17:15) Kitaabni Mulʼataa bishaanonni sun akka ‘goganis’ ni ibsa. Kunis dhaabbileen amantaa sobaa addunyaa deggertoota isaanii hedduu akka dhaban argisiisa. (Mul. 16:12) Raajiin kun yeroo harʼaatti raawwii isaa argachaa jira. Namoonni hedduun amantaa sobaa hordofuu dhiisanii rakkina isaaniitiif iddoo biraatii furmaata argachuuf yaalaa jiru.

16. Raajii waaʼee hundeeffamuu Waldaa Mootummoota Gamtoomanii fi badiisa Baabilon Guddittii dubbatu hubachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

16 Raajiiwwan kun kan nu fayyadan akkamitti? Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hundeeffamuun isaa fi dhaabbileen amantii deggertoota isaanii hedduu dhabuun isaanii guyyoota dhumaa keessa jiraachaa akka jirru nuuf mirkaneessa. Baabilon Guddittiin deggertoota ishii hedduu dhabaa kan jirtu taʼus, dhaabbilee amantaarra badiisa kan geessisu kana miti. Akkuma olitti ilaalle Yihowaan ‘mootonni kurnan,’ jechuunis humnoonni siyaasaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deggeran ‘yaada isaa akka raawwatan’ isaan ni kakaasa. Mootummoonni kun karaa addunyaa dinqisiisuun akkuma tasaa Baabilon Guddittii ni balleessu. * (Mul. 18:8-10) Badiisni Baabilon Guddittii guutummaa addunyaarratti dhiibbaa guddaa geessisa. Namoonni rakkinaaf saaxilamuu dandaʼu. Nuti garuu gammaduuf yoo xinnaate sababiiwwan lama ni qabaanna. Tokkoffaa, amantaan sobaa yeroo dheeraadhaaf diina Yihowaa ture sana booda hin jiraatu, lammaffaa yeroon sirna hamaa kanarraa itti oollu dhihaateera.—Luq. 21:28.

YIHOWAAN SABA ISAA AKKA EEGU AMANTII QABAADHU

17-18. (a) Amantii keenya cimsachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Mata duree itti aanurratti waaʼee maalii ilaalla?

17 Daaniʼel ‘beekumsi dhugaan akka baayʼatu’ dubbateera. Yeroo harʼaatti raajiin kun raawwatamaa jira. Yeroo ammaatti raajiiwwan waaʼee bara keenyaa dubbataman hubachuu dandeenyeerra. (Dan. 12:4, 9, 10) Raajiiwwan kun tokko tokkoon raawwatamaa waan jiraniif, Yihowaa fi Dubbii isaa isa hafuura qulqulluudhaan barreeffameef caalaatti dinqisiifannaa akka qabaannu godhaniiru. (Isa. 46:10; 55:11) Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti qoʼachuudhaan, akkasumas namoonni kaan Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan gargaaruudhaan amantii kee cimsachuu kee itti fufi. Yihowaan namoota guutummaatti isatti amanaman ni eega, ‘nagaa wal irraa hin cinnes’ isaaniif ni kenna.—Isa. 26:3.

18 Mata duree itti aanurratti raajiiwwan waaʼee gumii Kiristiyaanaa bara dhumaatti argamuu ibsanirratti xiyyeeffanna. Raajiiwwan kun guyyoota dhumaa keessa jiraachaa akka jirru kan mirkaneessan akkamitti akka taʼes ni qorra. Ragaawwan dabalataa Yesuus inni Mootii keenya taʼee bulchaa jiru, duuka buutota isaa amanamoo taʼan geggeessaa akka jiru argisiisanis ni qorra.

FAARFANNAA 61 Cimaa, Isin Dhugaa Baatonni!

^ Seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroo adda taʼe keessa jiraanna! Akkuma raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu garaa garaa keessatti ibsametti Mootummaan Waaqayyoo hundeeffameera. Mata duree kana keessatti raajiiwwan amantii Yihowaarratti qabnu nuuf cimsan, akkasumas yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti tasgabbaaʼuu fi isatti amanamuu keenya itti fufuuf nu gargaaran qorra.

^ Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu barumsa 32, qabxii 4​ffaa fi jw.org irraa viidiyoo Mootummaan Waaqayyoo Bara 1914​tti Bulchuu Jalqabe jedhamu ilaali.

^ Raajii Daaniʼel ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2012, ful. 14-19 ilaali.

^ Wantoota dhiheenyatti raawwataman ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf kitaaba Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira! jedhamu boqonnaa 21 ilaali.