MATA DUREE QOʼANNAA 28
FAARFANNAA 123 Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu
Dhugaa Adda Baafachuu ni Dandeessaa?
“Qabattoo dhugaatiin mudhii keessan hidhachuudhaan . . . jabaadhaa dhaabbadhaa.”—EFE. 6:14, 15.
YAADA IJOO
Garaagarummaa dhugaa Yihowaarraa barannee fi soba Seexannis taʼe mormitoonni keenya babalʼisan gidduu jiru beekuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna.
1. Dhugaa ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?
SABNI Yihowaa dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu baayʼee jaallatu. Amantiin keenya kan hundaaʼe dhugaa kanarrattidha. (Rom. 10:17) Yihowaan gumii Kiristiyaanaa “utubaa fi deggertuu dhugaa” godhee akka ijaare ni amanna. (1 Xim. 3:15) ‘Warra nu gidduutti dura buutota taʼuudhaan’ dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu nuuf ibsanii fi qajeelfama fedhii Waaqayyoo wajjin wal simu nuuf kennaniif gammachuudhaan bitamna.—Ibr. 13:17.
2. Yaaqoob 5:19 irratti akka ibsametti, dhugaa erga barannee booda haalli akkamii nu mudachuu dandaʼa?
2 Haa taʼu malee, dhugaa barannee gaʼee jaarmiyaan Waaqayyoo qajeelfama amansiisaa nuuf kennuuf qabu amannee erga fudhannee booda daandii dhugaarraa goruu dandeenya. (Yaaqoob 5:19 dubbisi.) Seexanni amanannaa Kitaaba Qulqulluu fi qajeelfama jaarmiyaa Waaqayyoorratti qabnu nu dhabsiisuu caalaa wanti isa gammachiisu hin jiru.—Efe. 4:14.
3. Dhugaa cimsinee qabachuun kan nu barbaachisu maaliifi? (Efesoon 6:13, 14)
3 Efesoon 6:13, 14 dubbisi. Diyaabilos yeroo dhihootti saboota hunda dogoggorsuudhaan Yihowaa mormanii akka dhaabbatan gochuuf olola cimaa taʼetti fayyadama. (Mul. 16:13, 14) Seexanni saba Yihowaa dogoggorsuuf caalaatti carraaqqii akka godhus ni eegna. (Mul. 12:9) Garaa garummaa dhugaa fi soba gidduu jiru beekuun, akkasumas dhugaadhaaf ajajamuu barachuun kan nu barbaachisu kanaafi. (Rom. 6:17; 1 Phe. 1:22) Rakkina guddaarraa ooluu kan dandeenyu akkas yoo goonedha!
4. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
4 Mata duree kana keessatti, amaloota dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu adda baafachuu fi qajeelfama jaarmiyaa Waaqayyoorraa argannu fudhachuuf nu gargaaran lama ilaalla. Ittaansuudhaanimmoo wantoota dhugaa cimsinee qabachuu keenya itti fufuuf nu barbaachisan sadiirratti mariʼanna.
AMALOOTA DHUGAA ADDA BAAFACHUUF GARGAARAN
5. Yihowaa sodaachuun keenya dhugaa adda baafachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
5 Yihowaa sodaachuu. Yihowaa kan sodaannu yoo taʼe, baayʼee waan isa jaallannuuf wanta isa gaddisiisu akkamiiyyuu gochuu hin barbaannu. Isa biratti fudhatama argachuu waan barbaannuuf, garaa garummaa wanta sirrii fi dogoggora taʼe, akkasumas dhugaa fi soba gidduu jiru beekuuf fedhii guddaa qabna. (Fak. 2:3-6; Ibr. 5:14) Wanti namoota gammachiisu yeroo baayʼee Yihowaa kan hin gammachiisne waan taʼeef, sodaan namaa jaalala Yihowaadhaaf qabnurra akka caalu matumaa hin heyyamnu.
6. Ajajjoonni Israaʼel kurnan sodaan namaa dhugaa akka jalʼisan dhiibbaa kan isaanirratti godhe akkamitti?
6 Yihowaa caalaa namoota kan sodaannu yoo taʼe daandii dhugaarraa goruu dandeenya. Mee fakkeenya ajajjoota 12n biyya Yihowaan Israaʼelotaaf kennuuf waadaa gale basaasuuf dhaqanii haa ilaallu. Basaastonni kurnan jaalalli Yihowaadhaaf qaban xiqqaa waan tureef, Kanaʼaanota garmalee sodaatanii turan. Israaʼelota kaaniin, “Isaan nu caalaa ciccimoo waan taʼaniif, ol baanee namoota sana waraanuu hin dandeenyu” jedhan. (Lak. 13:27-31) Akka ilaalcha namaatti, namoonni Kanaʼaan Israaʼelota caalaa ciccimoo turan. Haa taʼu malee, Israaʼelonni Kanaʼaanota injifachuu hin dandaʼan jedhanii dubbachuun Yihowaa tilmaama keessa akka hin galchine argisiisa. Basaastonni kurnan sun wanta Yihowaan Israaʼelonni akka godhan barbaadurratti xiyyeeffachuu qabu turan. Wanta inni yeroo muraasa dura isaaniif godherrattis xiinxaluu qabu turan. Utuu akkas godhaniiru taʼee humni Kanaʼaanotaa humna Yihowaa isa Waaqa hundumaa dandaʼu taʼe wajjin yeroo wal bira qabamu wayittuu akka hin galle ni hubatu turan. Basaastota amantii hin qabne sanarraa haala adda taʼeen Iyyaasuu fi Kaaleb Yihowaa biratti fudhatama argachuu barbaadanii turan. Sabichaan, “Yihowaan nutti gammadeera yoo taʼe, dhugumaan biyya . . . kanatti nu galcha; ishiis nuuf kenna” jedhaniiru.—Lak. 14:6-9.
7. Sodaa Yihowaadhaaf qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
7 Sodaa Yihowaadhaaf qabnu cimsachuuf wanta goonu hundumaarratti murtoo isa gammachiisu gochuurratti xiyyeeffachuu qabna. (Far. 16:8) Seenaa Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistu, ‘Haala kana keessa utuun taʼee murtoo akkamiin godha ture?’ jedhii of gaafadhu. Fakkeenyaaf, yeroo ajajjoonni Israaʼel kurnan gabaasa sirrii hin taane dhiheessan dhaggeeffachaa akka jirtu godhii yaadi. Gabaasa isaan dhiheessan amanuudhaan sodaa namaatiin ni moʼamta moo, jaalalli Yihowaadhaaf qabduu fi fedhiin isa gammachiisuuf qabdu cimaa taʼee itti fufa? Israaʼelota sana keessaa baayʼeensaanii dhugaa Iyyaasuu fi Kaaleb isaanitti himan utuu adda hin baafatin hafaniiru. Kanaan kan kaʼes, carraa Biyya Abdachiifamtetti galuuf qaban dhabaniiru.—Lak. 14:10, 22, 23.
8. Amala isa kam horachuuf carraaqqii gochuu qabna? Maaliif?
8 Gad of qabuu. Yihowaan dhugaa kan beeksisu namoota gad of qabanittidha. (Mat. 11:25) Dhugaa akka barannu gargaarsa nuu godhame gad of qabnee fudhanneerra. (HoE. 8:30, 31) Ammas taanaan akka hin koorre of eeggachuu qabna. Kan koorru yoo taʼe ilaalchi keenya qajeelfama Kitaaba Qulqulluu fi jaarmiyaa Yihowaarraa argannu wajjin qixxee akka taʼetti yaaduu jalqabuu dandeenya.
9. Amala gad of qabuu argisiisuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Amala gad of qabuu argisiisuu keenya itti fufuuf, yeroo Yihowaa wajjin wal bira qabamnu baayʼee baayʼee xiqqoo akka taane yaadachuu qabna. (Far. 8:3, 4) Caalaatti amala gad of qabuu horachuuf akka nu gargaarus Yihowaa kadhachuu dandeenya. Yihowaan yaada ofii keenyaa caalaa yaada inni karaa Dubbii fi jaarmiyaasaa nu barsiisuuf dursa akka kenninu nu gargaara. Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbistu, wantoota Yihowaan gad of qabuu akka jaallatu, kooruu, of tuuluu fi of bokoksuu garuu akka jibbu argisiisan argachuuf yaali. Keessumaa mirgi hamma tokko beekamtii siif argamsiisu yeroo siif kennamu, amala gad of qabuu argisiisuu kee itti fufuuf caalaatti carraaqqii gochuu qabda.
DHUGAA CIMSINEE QABACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
10. Yihowaan sabasaatiif gorsaa fi qajeelfama kennuuf eenyutti fayyadama?
10 Amantii qajeelfama jaarmiyaa Yihowaarraa argatturratti qabdu cimsadhu. Israaʼel durii keessatti Yihowaan sabasaatiif gorsa kennuuf Museetti, boodammoo Iyyaasuutti fayyadameera. (Iya. 1:16, 17) Israaʼelonni namoota kana bakka buutota Waaqayyoo akka taʼanitti yeroo ilaalan eebba argatu turan. Jaarraawwan hedduu booda, yeroo gumiin Kiristiyaanaa hundaaʼetti qajeelfama kan kennan ergamoota 12n turan. (HoE. 8:14, 15) Boodas gareen kun jaarsolii Yerusaalemitti argaman kan biroo kan dabalatu taʼeera. Qajeelfama namoota amanamoo kanarraa argatan hordofuudhaan “gumiiwwan amantiitti cimaa fi guyyuma guyyaadhaan lakkoofsaan dabalaa deeman.” (HoE. 16:4, 5) Yeroo harʼaattis, qajeelfama jaarmiyaa Yihowaarraa argannu kan hordofnu yoo taʼe eebba arganna. Haa taʼu malee, Yihowaan warra inni muudeef ajajamuu yoo didne maaltu isatti dhagaʼama? Deebii gaaffii kanaa ilaaluuf wanta yeroo Israaʼelonni gara Biyyattii Abdachiifamtetti imalaa turanitti uumame haa qorru.
11. Israaʼel durii keessatti namoota Musee isa Waaqayyo geggeessaa godhee muuderratti fincilanirra maaltu gaʼe? (Fakkichas ilaali.)
11 Yeroo Israaʼelonni gara Biyyattii Abdachiifamtetti imalaa turanitti, namoonni beekamoo taʼan Musee fi gaʼee Yihowaan isaaf kennerratti fincilanii turan. “[Musee qofa utuu hin taʼin] guutummaan yaaʼichaa, hundumti isaanii qulqulluu dha; Yihowaanis isaan gidduu jira” jedhanii turan. (Lak. 16:1-3) Yihowaan “guutummaan yaaʼichaa” isa duratti qulqulluu taʼus, sabicha gidduutti geggeessaa akka taʼu Musee filate. (Lak. 16:28) Finciltoonni kun Musee qeequunsaanii Yihowaa qeeqaa akka jiran argisiisa. Wanta Yihowaan barbaadurratti utuu hin taʼin, wanta isaan barbaadanirratti, jechuunis aangoo fi beekamtii dabalataa argachuurratti xiyyeeffataniiru. Waaqayyo namoota fincila sana geggeessaa turanis taʼe namoota kumaan lakkaaʼamanii fi isaan wajjin walii galanii turan balleesseera. (Lak. 16:30-35, 41, 49) Yeroo harʼaattis Yihowaan namoota qophii jaarmiyaasaatiif kabaja hin qabnetti akka gaddu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.
12. Amanannaa jaarmiyaa Yihowaarratti qabnu eeggachuu ni dandeenya kan jennu maaliifi?
12 Amanannaa jaarmiyaa Yihowaarratti qabnu eeggachuu ni dandeenya. Obboloonni dura buutota taʼan, dhugaa Kitaaba Qulqulluu tokko ilaalchisee hubannaa qabnurratti ykn karaa hojiin Mootummichaa itti gurmaaʼerratti sirreeffamni godhamuu akka qabu yeroo ifa taʼu, jijjiirama barbaachisu gochuurraa duubatti hin jedhan. (Fak. 4:18) Kana kan godhan wanta kamiyyuu caalaa Yihowaa gammachiisuu waan barbaadaniifi. Kana malees, qajeelfamni kennan Dubbii Waaqayyoorratti akka hundaaʼu gochuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu; Dubbiin Waaqayyoo qajeelfama sabni Yihowaa hundi hordofuu qabanidha.
13. ‘Dubbii gaariin akka qajeelfamaatti hordofuu’ qabnu isa kami? Dubbii kanatti maal taʼuu qabna?
13 “Dubbii gaarii . . . akka qajeelfamaatti hordofi.” (2 Xim. 1:13) ‘Dubbii gaariin akka qajeelfamaatti hordofuu’ qabnu barumsawwan Kiristiyaanaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman argisiisa. (Yoh. 17:17) Barumsawwan kun wanta itti amannu hundaaf buʼuuradha. Jaarmiyaan Yihowaa qajeelfama kanatti akka maxxannu nu barsiiseera. Kana gochuu keenya yoo itti fufne eebba arganna.
14. Kiristiyaanonni tokko tokko ‘dubbii gaarii akka qajeelfamaatti hordofuu’ isaanii kan dhiisan akkamitti?
14 ‘Dubbii gaarii akka qajeelfamaatti hordofuu’ keenya yoo dhiisne maaltu uumama? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanonni tokko tokko guyyaan Yihowaa akka gaʼe oduu babalʼisaa turan. Dhimma kana ilaalchisee xalayaan Phaawulos ergamaan akka barreessetti yaadan tokko jiraachuu hin oolu. Kiristiyaanonni Tasalonqee keessa jiraachaa turan tokko tokko dhugaasaa utuu hin mirkaneeffatin oduu odeeffamu kana waan amananiif isaanis babalʼisuu jalqaban. Wanta Phaawulos yeroo isaan faana turetti isaan barsiise utuu yaadataniiru taʼee hin gowwoomfaman turan. (2 Tas. 2:1-5) Phaawulos wantuma dhagaʼan hunda akka hin amanne obbolootasaa gorseera. Gara fuulduraatti akka of eeggatan isaan gargaaruuf xalayaa warra Tasalonqeetiif barreesse isa lammaffaa yaada akkana jedhuun xumureera: “Kun nagaa koo isa ani Phaawulos harkuma kootiin barreesse dha, kun mallattoo xalayaa koo hundaa ti, kun akkaataa ani itti barreessu dha.”—2 Tas. 3:17.
15. Oduu sobaa dhugaa fakkaaturraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni. (Fakkichas ilaali.)
15 Wanta Phaawulos warra Tasalonqeetiif barreesserraa maal baranna? Wanta barumsa Kitaaba Qulqulluurraa baranne wajjin wal hin simne tokko ykn seenaa nama naasisu tokko yeroo dhageenyu dandeettii hubannaa keenyatti fayyadamuu qabna. Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti diinonni keenya xalayaa waajjira muummeerraa kan ergame fakkaatu tokko obbolootaaf kennanii turan. Xalayichi obboloonni muraasni jaarmiyaa kan biraa akka hundeessan kan jajjabeessu ture. Xalayichi dhugaa fakkaata ture. Obboloonni amanamoo taʼan garuu kanaan hin gowwoomfamne. Ergaan xalayichi qabate wanta kanaan dura baratan wajjin akka wal hin simne hubatanii turan. Yeroo harʼaattis, diinonni dhugaa morman yeroo tokko tokko teknoolojii ammayyaatti fayyadamanii nu burjaajessuu fi nu qoqqooduuf yaalu. Yeroo akkasiitti ‘dafnee yaada keenyaan raafamuu’ mannaa, wanti dhageenye ykn dubbisne sun dhugaawwan hamma yoonaatti baranne wajjin kan wal simu taʼuu fi dhiisuusaa irratti yaaduudhaan balaarraa of eeguu dandeenya.—2 Tas. 2:2; 1 Yoh. 4:1.
16. Roomaa 16:17, 18 irratti akka ibsametti namoonni tokko tokko dhugaarraa yoo goran maal gochuu qabna?
16 Tokkummaa namoota Yihowaadhaaf amanamoo taʼan wajjin qabdu eeggadhu. Yihowaan tokkummaadhaan akka isa waaqeffannu barbaada. Dhugaatti maxxannee hamma jiraannetti tokkummaa keenya eeggachuu ni dandeenya. Namoota dhugaarraa goranii gumii keessatti qoqqoodinsa uuman ilaalchisee Waaqayyo, “Isaan irraa fagaadhaa” jedhee nu akeekkachiiseera. Taʼuu baannaan, nutis dhugaarraa fagaachuu dandeenya.—Roomaa 16:17, 18 dubbisi.
17. Dhugaa yoo adda baafannee fi cimsinee yoo qabanne faayidaawwan kamfaa arganna?
17 Dhugaa yoo adda baafannee fi cimsinee yoo qabanne karaa hafuuraa cimoo taana. (Efe. 4:15, 16) Barumsawwan sobaa fi olola Seexanaarraa eegumsa arganna, akkasumas yeroo rakkina guddaatti kunuunsa Yihowaa arganna. Wanta dhugaa taʼe cimsitee yoo qabatte ‘Waaqni nagaa sii wajjin taʼa.’—Filp. 4:8, 9.
FAARFANNAA 122 Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa!
a IBSA FAKKII: Hojiin argisiisa waggoota hedduu dura Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti diinonni keenya obbolootaaf xalayaa waajjira muummeerraa kan ergame fakkaatu tokko yeroo kennan argisiisu. Bara keenyatti, diinonni keenya jaarmiyaa Yihowaa ilaalchisee oduu nama dogoggorsu babalʼisuuf intarneetiitti fayyadamuu dandaʼu.