Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barnet, Siimoon, Istanii fi Keelab

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Oshiiniyaa

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Oshiiniyaa

OBBOLEETTIIN Ranee jedhamtuu fi walakkeessa umurii waggoota 30mmanii keessatti argamtu maatii hinaaffaa qabuu fi Awustiraaliyaatti argamu keessatti guddatte. Akkana jetteetti: “Yeroo baayʼee gara naannoo labsitoonni Mootummichaa caalaatti itti barbaachisanitti gargaarsa gochuuf deemneerra. Abbaan koo fi haati koo haalli isaa kan nama hawwatu, kan nama gammachiisuu fi kan nama bashannansiisu akka taʼu godhu turan! Anis ijoollee lama yommuun godhadhu, isaanis jireenya akkanaa akka jiraatan nan barbaade.”

Abbaa manaa Ranee kan taʼe Sheen inni dhuma umurii waggoota 30mmanii keessatti argamus galma hafuuraa akkanaa qaba ture. Akkana jedheera: “Daaʼima lammaffaa erga godhannee booda, Masaraa Eegumsaa irraa waaʼee maatii Dhugaa Baatota taʼanii fi odoolawwan Toongaatti lallabuuf bidiruu isaaniitiin gara kibba dhihaa Paasifiik deeman tokkoo dubbisne. * Mata dureen sun naannoon babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti itti barbaachisan eessa akka taʼe gaafachuuf gara waajjiroota damee Dhugaa Baatota Yihowaa Awustiraaliyaa fi Niiwu Ziilaanditti barreessuuf nu kakaase. * Kanaan kan kaʼes gara Toongaa, jechuunis biyya waaʼee isaa dubbisnee turre sanaa akka dhaqnu afeeramne!”

Jeekab, Reen, Iskii fi Sheen

Sheen, Ranee fi ijoolleen isaanii Jeekabii fi Iskiin gara waggaa tokkootiif Toongaa keessa erga jiraatanii booda, jeequmsi walitti aansee uumame gara Awustiraaliyaatti deebiʼuuf akka dirqaman kan godhe taʼus, galma tajaajila isaanii balʼifachuuf qaban hin irraanfanne. Bara 2011⁠tti gara odoola xinnoo Paasifiikitti argamtuu fi Odoola Noorfok jedhamtuu ishii karaa baha Awustiraaliyaa gara kiiloo meetira 1,500 fagaattuu dhaqan. Achi deemuu isaaniitiin buʼaa argataniiruu? Jeekab inni amma umuriin isaa waggaa 14 taʼe, “Yihowaan nu kunuunsuu qofa utuu hin taʼin, tajaajilli gammachiisaa akka nuu taʼus godheera!” jedheera.

MAATIIDHAAN TAJAAJILUUF CARRAAQUU

Akkuma Sheen, Ranee fi ijoollee isaanii, maatiiwwan Dhugaa Baatota taʼan hedduunis naannoo barbaachisutti tajaajiluuf fedhiidhaan of dhiheessaniiru. Bakka gara biraa deemuuf maaltu isaan kakaase?

“Namoonni baayʼeen misiraachichaaf fedhii qabu turan. Kanaafuu, dhuunfaatti yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan carraa kennuufii barbaadne.”—Barnet

Hiriyoonni gaaʼelaa Barnetii fi Siimoon warri walakkeessa umurii waggoota 30mmanii keessatti argaman, akkasumas ijoolleen isaanii Istanii fi Keelab amma umuriin isaanii waggaa 12 fi 9 taʼe, gara magaalaa Barkitaawon ishii fagaattee Quwiinsilaandi Awustiraaliyaatti argamtuu dhaqan. Barnet akkana jetteetti: “Bakka kanatti Dhugaa Baatonni waggaa sadii ykn afur keessatti al tokko qofa lallabu turan. Namoonni baayʼeen misiraachichaaf fedhii qabu turan. Kanaafuu, dhuunfaatti yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan carraa kennuufii barbaadne.”

Jiim, Jaak, Maarkii fi Kaaran

Maarkii fi Kaaran warri yeroo ammaatti jalqaba umurii waggoota 50mmanii keessatti argaman, ijoollee isaanii sadan Jesikaa, Jiimii fi Jaak wajjin gara Nalanbooy ishii fagaattee Bulchiinsa Kaabaa keessatti argamtuu fi namoonni albuuda baasan keessa jiraatan deemuu isaanii dura gumiiwwan naannoo Siidnii Awustiraaliyaatti argaman garaa garaa keessatti tajaajilaniiru. Maark, “Namoota waanan jaalladhuuf, gumii fi naannoo tajaajilaa hojii hedduun itti hojjetamu keessa jiraachuun barbaade” jedheera. Kaaran garuu deemuuf mamtee turte. “Maarkii fi warri kaan erga na jajjabeessanii booda garuu yaaluun barbaade. Amma akkas gochuu kootti gammadeera!” jetteetti.

Beenjaamiin, Jeed, Bireeʼaa fi Kaaroliin

Bara 2011⁠tti Beenjaamiinii fi Kaaroliin, akkasumas intaloonni isaanii Jeedii fi Biriiʼaan warri umuriin isaanii barumsaaf hin geenye lamaan Kuwiinsilaand Awustiraaliyaadhaa gara biyya xinnoo Tiimoor Leesti jedhamtuu fi Odoola Tiimoor ishii odoolawwan Indooneeshiyaa keessaa tokko taatetti deebiʼan. Beenjaamiin akkana jedheera: “Kaaroliinii fi ani duraan Tiimoor Leestitti qajeelchitoota addaa taanee tajaajilleerra. Hojiin lallabaa baayʼee gammachiisaa ture; obboloonnis deggersa namaaf godhu turan. Naannoo sanaa deemuun keenya baayʼee nu gaddisiisee ture. Akka deebinu murteessinee turre. Yommuu ijoolleen keenya dhalatan garuu karoora keenya yeroo kan biraatti dabarsine; taʼus hin jijjiire.” Kaaroliin itti dabaluudhaan, “Ijoolleen keenya misiyoonota, miseensota maatii Betʼelii fi qajeelchitoota addaatiin akka marfaman, akkasumas karaa hafuuraa muuxannoo guddaa akka argatan barbaanna turre” jetteetti.

DEEMUUDHAAF QOPHAAʼUU

Yesus duuka buutota isaatiin, ‘Isin keessaa namni mana dhagaa ijaaruu barbaadu, duraan dursee horii qabaachuu isaa taaʼee kan hin shallagne eenyu?’ jedheera. (Luq. 14:28) Haaluma wal fakkaatuun, maatiin tokko gara naannoo kan biraa deemuuf yommuu yaadu, karoora gaarii baafachuun isaa barbaachisaa dha. Wantoota akkamii irratti yaaduu qaba?

JIREENYA HAFUURAA: Beenjaamiin akkana jedheera: “Namoota kaan tajaajiluu malee isaan irratti baʼaa taʼuu hin barbaadne. Kanaafuu, deemuu keenya dura karaa hafuuraa of ijaarree turre. Akkasumas, hirmaannaa tajaajilaa fi sochii gumii irratti goonu guddisnee turre.”

Jeekab inni olitti caqasame akkana jedheera: “Gara Odoola Noorfok deemuu keenya dura, Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! irraa seenaa jireenyaa waaʼee maatiiwwan naannoo caalaatti gargaarsi itti barbaachisutti tajaajilanii dubbatu hedduu dubbisneerra. Rakkoowwan akkamii akka isaan mudatanii fi Yihowaan akkamitti akka isaan kunuunse waliin mariʼanneerra.” Obboleettiin isaa Iskiin ishiin umuriin ishii waggaa 11 taʼe itti dabaluudhaan, “Dhuunfaattis taʼe haadha koo fi abbaa koo wajjin kadhannaa hedduu dhiheesseera!” jetteetti.

MIIRA: Raneen akkana jetteetti: “Naannoo maatii fi michoota keenyatti dhihoo taʼe jiraachaa waan turreef, achuma turuun anaaf salphaa ture. Haa taʼu malee, wantan dhabu irratti xiinxaluu mannaa, deemuun keenya maatii keenya kan fayyadu akkamitti akka taʼe nan yaade.”

AADAA: Maatiiwwan hedduun naannoo haaraa itti jiraataniif of qopheessuuf jecha qorannaa ni godhu. Maark akkana jedheera: “Waaʼee Nalanbooy hamma dandeenye wanta hedduu dubbisnee turre. Obboloonni achi jiraatan gaarummaadhaan kakaʼanii gaazexaa waaʼee namoota naannichaa fi aadaa isaanii hamma tokko hubannaa argachuuf nu gargaaru nuu ergan.”

Sheen inni gara Odoola Noorfok deeme itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Hunda caalaa amala Kiristiyaanummaa argisiisuu irratti xiyyeeffadheera. Garaa qajeelaa yoon qabaadhe, garraamii fi amanamaa yoon taʼe, akkasumas jabaadhee kanan hojjedhu yoon taʼe addunyaa keessa eessa iyyuu jiraachuu nan dandaʼa.”

RAKKOOWWAN MOʼUU

Milkaaʼinni namoonni naannoo gargaarsi barbaachisutti tajaajilan argatan, rakkoowwan hin eegamne yommuu nu mudatan akka haala isaatti jijjiirama gochuunii fi ilaalcha gaarii qabaachuun barbaachisaa akka taʼe argisiisa. Fakkeenyota tokko tokko ilaali:

Raneen akkana jetteetti: “Wantoota tokko tokko karaa garaa garaa raawwachuu baradheera. Fakkeenyaaf, yeroo Odoola Noorfokitti galaanni jeeqamu, dooniiwwan miʼa feʼan dhufuu waan hin dandeenyeef wantoonni nyaataaf barbaachisan hin argaman, akkasumas miʼaa taʼu. Kanaafuu, yommuun nyaata qopheessu malaan fayyadamuu baradheera.” Abbaan manaa ishii Sheen itti dabaluudhaan, “Bajata torban sanaaf ramadne irra caalu akka hin baasne sirreeffama goona turre” jedheera.

Ilmi isaanii Jeekabis haala rakkisaa taʼe gara biraa caqaseera. Akkana jedheera: “Gumiin keenya inni haaraan miseensota torba qofa kan qabu siʼa taʼu, hundi isaanii iyyuu namoota guguddaa dha. Kanaafuu, hiriyoota umurii koo irratti argaman hin qabun ture! Taʼus, obboloota guguddaa wajjin tajaajila irratti yommuun hirmaadhu yeruma sana isaanii wajjin michoota taʼuu jalqabne.”

Jiim inni amma umuriin isaa waggaa 21 taʼes haalli akkanaa isa mudatee ture. “Gumiin Nalanbooyitti dhihoo jiru kiiloo meetira 725 waan nu irraa fagaatuuf, walgaʼiiwwan guguddaa irraa faayidaa argachuuf carraaqqii guddaa goona turre. Dursinee geenyee michummaa obbolootaa wajjin qabnu cimsachuuf yaalii goona. Tibbawwan kun waggicha keessatti nuuf yeroo addaa akka taʼanitti ilaalla!”

“AS DHUFUU KEENYATTI BAAYʼEE GAMMADEERA!”

Kitaabni Qulqulluun, “Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa” jedha. (Fak. 10:22) Addunyaa maratti, obboloonni naannoo caalaatti gargaarsi itti barbaachisutti tajaajilan hedduun yaanni geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kun dhugaa taʼuu isaa jireenya isaanii keessatti arganiiru.

Maark akkana jedheera: “Eebba achi deemuun keenya nuuf argamsiise keessaa inni guddaan ijoollee keenya irratti dhiibbaa gaarii gochuu dandaʼuu isaa ti. Ijoolleen keenya warri guguddaan Yihowaan namoota fedhii Mootummichaatiif dursa kennaniif kunuunsa akka godhu amanannaa guutuu qabu. Amanannaa akkanaa qarshiidhaan bitachuu hin dandeessu.”

Sheen, “Haadha manaa koo fi ijoollee koo wajjin baayʼee walitti dhihaadheera. Wanta Yihowaan isaaniif godhe yeroo dubbatan yommuun dhagaʼu baayʼeen gammada” jedheera. Ilmi isaa Jeekabis yaada kana irratti walii galuudhaan, “Yeroo gaarii dabarsaan jira. As dhufuu keenyatti baayʼee gammadeera!” jedheera.

^ KEY. 3 Mata duree “Michoota Waaqayyoo Warra ‘Odoolawwan Namoota Jaallatan’ Irra Jiraatan” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa, Muddee 15, 2004 (Amaariffa) ful. 8-11 irra jiru ilaali.

^ KEY. 3 Bara 2012⁠tti waajjiroonni damee Awustiraaliyaa fi Niiwu Ziilaandi walitti makamanii waajjira damee Awustiraaleeshiyaa jedhamu taʼan.