Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Kennaan Waaqayyoo Inni Hammas Hin Jedhamne’ Jaalala Isaa Hordofuuf Isin Haa Kakaasu

‘Kennaan Waaqayyoo Inni Hammas Hin Jedhamne’ Jaalala Isaa Hordofuuf Isin Haa Kakaasu

“Kennaa isaa isa hammas hin jedhamneef, Waaqayyoof galanni haa taʼu!”—2 QOR. 9:15.

FAARFANNAA: 53, 18

1, 2. (a) ‘Kennaan Waaqayyoo inni hammas hin jedhamne’ maalfaa dabalata? (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa qorra?

YIHOWAAN Ilma isaa isa tokkicha gara lafaatti yeroo ergetti, kennaa jaalalaa isa hunda caalaa taʼe kenneera. (Yoh. 3:16; 1 Yoh. 4:9, 10) Phaawulos ergamaan kennaa kana ‘kennaa Waaqayyoo isa hammas hin jedhamne’ jedhee ibseera. (2 Qor. 9:15) Phaawulos akkana kan jedhe maaliif?

2 Phaawulos abdiiwwan guguddaan Waaqayyo kenne hundi akka raawwataman wabiin kan kenname, karaa aarsaa Kiristos isa mudaa hin qabne sanaa akka taʼe beekeera. (2 Qorontos 1:20 dubbisi.) Kanaafuu, ‘kennaan hammas hin jedhamne’ kun gaarummaa fi jaalala guddaa Yihowaan karaa Yesus nutti argisiise hunda kan dabalatu dha. Dhuguma iyyuu, kennaan sun baayʼee dinqisiisaa waan taʼeef, jecha namaatiin guutummaatti ibsamuu hin dandaʼu. Kennaa guddaa akkanaa argachuun keenya dhiibbaa nu irratti gochuu kan qabu akkamitti? Akkasumas, kennaan kun Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristos Roobii Bitootessaa 23, 2016 kabajuuf akka qophoofnu karaawwan kamiin nu kakaasuu qaba?

KENNAA WAAQAYYOO ISA ADDA TAʼE

3, 4. (a) Namni tokko kennaa yommuu siif kennu maaltu sitti dhagaʼama? (b) Kennaan adda taʼe tokko jireenya kee kan jijjiiru akkamitti?

3 Kennaa tokko yommuu fudhattu, miirri garaa garaa akka sitti dhagaʼamu hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, kennaawwan tokko tokko dhugumaan jireenya namaa waan jijjiiraniif adda taʼuu ykn hiika guddaa kan qaban taʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, yakka tokko hojjetteetta jedhamtee waan himatamteef duuti akka sitti murteeffame godhii yaadi. Haa taʼu malee, yeruma sana namni ati hin beekne tokko tuuta namootaa keessaa gad baʼee bakka kee buʼee adabamuuf fedhii akka qabu ibse. Namni kun bakka kee buʼee duʼuuf illee fedhii qaba! Kennaan adda taʼe akkanaa maal gochuuf si kakaasa?

4 Jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe akkanaa argachuun kee, gocha kee irra deebitee gamaaggamuu fi akkaataa jireenyaa kee jijjiiruuf akka si kakaasu beekamaa dha. Kennaan akkanaa caalaatti arjaa akka taatuu fi warra kaan akka jaallattu, akkasumas nama balleessaa si irratti hojjete kamiif iyyuu dhiifama akka gootu si kakaasuun isaa hin oolu. Jireenya kee isa hafetti nama fedhiidhaan iddoo kee buʼe sanaaf jiraachuuf idaan akka si irra jiru sitti dhagaʼama.

5. Furiin inni kennaa Waaqayyoo taʼe, kennaa kan biraa kam irra iyyuu guddaa kan caalu akkamitti?

5 Haa taʼu malee, wanti Yihowaan karaa Kiristos nuuf kenne, kennaa fakkeenya kana irratti ibsame irra guddaa kan caalu dha. (1 Phe. 3:18) Akkana kan jennu maaliif akka taʼe mee haa ilaallu. Cubbuu dhaalleen kan kaʼe hundi keenya adabni duʼaa nutti murteeffameera. (Rom. 5:12) Haa taʼu malee, Yihowaan jaalalaan kakaʼee, Yesus gara lafaa dhufee ‘nama hundumaaf duʼa akka miʼeeffatu’ qophii godheera. (Ibr. 2:9) Yihowaan jireenya keenya isa ammaa oolchuu qofa utuu hin taʼin, bara baraaf wanta duʼaaf sababa taʼe balleessuuf buʼuura kaʼeera. (Isa. 25:7, 8; 1 Qor. 15:22, 26) Namoonni Yesusitti amanan hundi Mootummaa Waaqayyoo isa Kiristos bulchu jalatti lafa irratti nagaa fi gammachuudhaan jireenya bara baraa argatu; dibamtoonni immoo Mootummaa sana keessatti isaa wajjin bulchitoota taʼu. (Rom. 6:23; Mul. 5:9, 10) Kennaan Yihowaa biraa argame kun eebbawwan kan biraa kamfaa dabalata?

6. (a) Eebbawwan karaa kennaa Yihowaa argaman kamfaa argachuuf hawwita? (b) Wantoota kennaan Waaqayyoo akka goonu nu kakaasu sadii caqasi?

6 Kennaan Yihowaa dhukkuba keenya hunda irraa nu fayyisuu, lafa keenya gara jannataatti jijjiiruu fi warra duʼan duʼaa kaasuu kan dabalatu dha. (Isa. 33:24; 35:5, 6; Yoh. 5:28, 29) Yihowaanii fi Ilmi isaa inni jaallatamaan, ‘kennaa hammas hin jedhame’ waan nuu kennaniif akka isaan jaallannu beekamaa dha. Haa taʼu malee gaaffiin, ‘Jaalalli Waaqayyoo maal gochuuf nu kakaasa?’ jedhu deebii argachuu qaba. Mee jaalalli Waaqayyoo (1) faana Kiristos Yesus dhiheenyatti hordofuuf, (2) obboloota keenyatti jaalala argisiisuuf, akkasumas (3) warra kaaniif garaadhaa dhiifama gochuuf akkamitti akka nu kakaasu haa qorru.

“JAALALLI KIRISTOS NU DIRQISIISA”

7, 8. Jaalala Kiristos ilaalchisee maaltu nutti dhagaʼamuu qaba? Jaalalli Kiristos maal akka goonu nu kakaasuu qaba?

7 Tokkoffaa, jaalalli Kiristos Yesus, isaaf jennee akka jiraannu nu dirqisiisuu qaba. Phaawulos ergamaan, “Jaalalli Kiristos nu qaba [“dirqisiisa,” NW]” jedheera. (2 Qorontos 5:14, 15 dubbisi.) Phaawulos Kiristosiif jennee jiraachuuf utuu hin dirqisiifamin ykn hin kakaʼin, jaalala Kiristos isa hunda caalu argachuu akka hin dandeenye hubateera. Sammuun keenya wanta Yihowaan nuuf godhe guutummaatti yommuu hubatuu fi garaan keenya jaalala isaatiin yommuu kakaʼu, garaa keenya guutuudhaan Kiristos Yesusiif jiraachuuf fedhii qabaanna. Fedhii akkanaa qabaachuu keenya akkamitti argisiisna?

8 Namoonni Yihowaa jaallatan akka Kiristos deddeebiʼetti deddeebiʼuu fi faana isaa duukaa buʼuudhaan fakkeenya isaa hordofuuf dirqamu. (1 Phe. 2:21; 1 Yoh. 2:6) Waaqayyoo fi Kiristosiif jaalala akka qabnu isaaniif ajajamuudhaan argisiisna. Yesus, “Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa, kan na jaallatu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti mulʼisuufan jira” jedheera.—Yoh. 14:21; 1 Yoh. 5:3.

9. Dhiibbaa akkamiitu nu irra gaʼa?

9 Tibba Ayyaana Yaadannootti akkaataa jireenyaa keenya irratti yaaduun keenya barbaachisaa dha. ‘Faana Kiristos Yesus hordofuu irratti sochii gaarii gochaa kanan jiru gama kamiini? Fooyyaʼiinsa gochuu kanan dandaʼu hoo gama kamiini?’ jedhii of gaafadhu. Daandii addunyaa akka hordofnu dhiibbaan wal irraa hin cinne nu irra gaʼaa waan jiruuf, haala kanaan of qoruun keenya barbaachisaa dha. (Rom. 12:2) Yoo of eeggachuu baanne, falaasota addunyaa kanaa ykn namoota beekamoo taʼanii fi gootota ispoortii duukaa buʼuu dandeenya. (Qol. 2:8; 1 Yoh. 2:15-17) Dhiibbaawwan akkanaa moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

10. Tibba Ayyaana Yaadannoo kanaatti gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu dandeenya? Deebiin gaaffiiwwan kanaa hoo maal akka goonu nu kakaasuu dandaʼa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

10 Tibbi Ayyaana Yaadannoo, uffata keenya, fiilmii fi muuziqaa qabnu, tarii immoo wantoota kompiitara, moobaayilii fi taableetii keenya irratti feʼanne sakattaʼuuf carraa gaarii akka taʼe goonee ilaaluu dandeenya. Uffata kee yommuu sakattaatu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Bakka Yesus itti argamu tokko dhaqaan jira utuu taʼee, uffata kana uffachuu kootti nan qaanaʼaa?’ (1 Ximotewos 2:9, 10 dubbisi.) ‘Uffata kana uffadheera yoon taʼe, duuka buutuu Kiristos Yesus taʼuun koo namoota hundatti ifatti ni mulʼataa?’ Fiilmiiwwanii fi muuziqaawwan filannu ilaalchisees gaaffiiwwan akkanaa of gaafachuu dandeenya. ‘Yesus fiilmii kana ilaalee ykn muuziqaa kana dhaggeeffatee ni bohaara turee? Yesus moobaayilii ykn taableetii koo utuu ergifatee, wanti inni achi keessatti argu na qaanessa turee?’ Tapha viidiyoo ilaalchisee yommuu qorannaa gootus, ‘Tapha viidiyoo kana taphachuu maaliif akkan jaalladhu Yesusiif ibsuun natti ulfaata turee?’ jedhii of gaafadhu. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, gatiin isaa hammam iyyuu yoo taʼe wanta bartuu Kiristosiif hin malle kam iyyuu akka of biraa balleessinu nu kakaasuu qaba. (HoE. 19:19, 20) Yeroo of murteessinetti ofii keenyaaf utuu hin taʼin, Kiristosiif akka jiraannu waadaa gallee turre. Kanaafuu, wanta faana Kiristos dhiheenyatti akka hin hordofne nu dhowwuu dandaʼu kamitti iyyuu cichuu hin qabnu.—Mat. 5:29, 30; Filp. 4:8.

11. (a) Jaalalli Yihowaa fi Yesusiif qabnu hojii lallabaa irratti hirmaachuuf kan nu kakaasu akkamitti? (b) Jaalalli keenya namoota gumii keessa jiran kaan gargaaruuf kan nu kakaasu akkamitti?

11 Jaalalli Yesusiif qabnu hojii lallabaa fi bartoota gochuu irratti garaa keenya guutuudhaan akka hirmaannus nu kakaasuu qaba. (Mat. 28:19, 20; Luq. 4:43) Tibba Ayyaana Yaadannootti, qajeelchaa gargaaraa taanee saʼaatii 30f ykn 50f hojii lallabaa irratti hirmaachuuf carraa qabna. Kana gochuuf haala kee mijeessuu ni dandeessaa? Obboleessi umuriin isaa waggaa 84 taʼee fi haati manaa isaa jalaa duute tokko, sababii umurii isaa fi haala fayyaa isaatiin kan kaʼe qajeelchaa gargaaraa taʼuu akka dandeenye yaada ture. Taʼus, qajeelchitoonni naannoo isaa jiran hedduun isa gargaaruuf of dhiheessan. Geejjiba waan isaaf qopheessanii fi naannoo tajaajilaa inni itti tajaajiluu dandaʼu of eeggannoodhaan waan filataniif, saʼaatii 30 tajaajiluudhaan galma isaa irra gaʼuu dandaʼeera. Ati hoo obboleessi ykn obboleettiin gumii kee keessa jiran tokko tibba Ayyaana Yaadannootti qajeelchaa gargaaraa taʼuudhaan gammachuu akka argatan gargaaruuf carraaqqii gochuu ni dandeessaa? Dhugaa dha, hundi keenya qajeelchaa gargaaraa taʼuu hin dandeenyu taʼa. Taʼus, yeroo fi humna qabnu hundatti fayyadamnee aarsaa galataa Yihowaadhaaf dhiheessinu guddisuu ni dandeenya. Kana gochuudhaan nutis akkuma Phaawulos jaalalli Kiristos akka nu dirqisiise argisiisuu dandeenya. Jaalalli Waaqayyoo wanta gara biraa akkamii akka goonu nu kakaasa?

WAL JAALLACHUUF DIRQAMNI NU IRRA JIRA

12. Jaalalli Waaqayyoo maal gochuuf nu kakaasa?

12 Lammaffaa, jaalalli Waaqayyoo jaalala obboloota keenyaaf qabnu ibsuuf nu kakaasa. Yohannis ergamaan kana waan hubateef, “Michoota ko! Waaqayyo akkana erga nu jaallatee, nuufis immoo wal jaallachuun in taʼa [“wal jaallachuuf dirqamni nu irra jira,” NW]” jechuudhaan barreesseera. (1 Yoh. 4:7-11) Eeyyee, obboloota keenya jaallachuuf dirqamni akka nu irra jiru utuu hin hubatin jaalala Waaqayyoo argachuu hin dandeenyu. (1 Yoh. 3:16) Jaalala keenya karaawwan qabatamaa taʼaniin argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

13. Yesus namoota kaan jaallachuu ilaalchisee fakkeenya akkamii nuuf taʼa?

13 Mee fakkeenya Yesus ilaali. Yesus yeroo lafa irratti tajaajilaa turetti namoota iddoo guddaa hin qabneef xiyyeeffannaa adda taʼe kenneera. Namoota dhibee qaamaa qaban, jechuunis warra hokkolan, warra iji isaanii jaame, warra gurri isaanii duudee fi warra dubbachuu hin dandeenye argachuuf carraaqqii godheera. (Mat. 11:4, 5) Yesus namoota karaa hafuuraa dheebotan, jechuunis warra geggeessitoonni amantii Yihudii “abaaramoo” akka taʼanitti ilaalan barsiisuun isa gammachiisa ture. (Yoh. 7:49) Yesus namoota iddoo guddaa hin qabne kana ni jaallata ture; isaan tajaajiluufis jabaatee ni hojjeta ture.—Mat. 20:28.

Obboleessa ykn obboleettii maanguddoo taʼan tokko tajaajila irratti gargaaruu ni dandeessaa? (Keeyyata 14 ilaali)

14. Obboloota keetti jaalala argisiisuuf maal gochuu dandeessa?

14 Tibba Ayyaana Yaadannootti yeroo fudhattee waaʼee obbolootaa fi obboleettota gumii kee keessa jiranii yaaduun kee fakkeenya Yesus hordofuuf carraa siif bana. Kana yoo goote, namoota jaalala ati argisiistu irraa faayidaa argatan tokko tokko akka argattu hin shakkisiisu. Tarii obboloonnii fi obboleettonni maanguddoon gargaarsa barbaadan jiru taʼa. Obboloota jaallatamoo taʼan kana deemtee gaafachuu ni dandeessaa? Nyaata isaaniif geessuu, hojii mana keessaa isaan gargaaruu, gara walgaʼiitti isaan geessuu ykn sii wajjin tajaajila irratti akka hirmaatan isaan afeeruu ni dandeessaa? (Luqaas 14:12-14 dubbisi.) Jaalalli Waaqayyoo, jaalala obboloota keenyaaf qabnu ibsuuf carraaqqii akka goonu nu kakaasuu qaba.

OBBOLOOTAA FI OBBOLEETTOTA KEENYATTI GARA LAAFINA ARGISIISI

15. Maal hubachuu qabna?

15 Sadaffaa, jaalalli Yihowaa obbolootaa fi obboleettota keenyaaf dhiifama akka goonu nu kakaasuu qaba. Ijoollee namicha jalqabaa Addaam waan taaneef, hundi keenya iyyuu cubbuu fi duʼa isa adaba cubbuu taʼe dhaalleerra. Nu keessaa namni tokko illee, “Furichi na hin barbaachisu” jechuu hin dandaʼu. Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamummaa guddaa argisiisan illee, kennaan furii isaan barbaachisa. Tokkoon tokkoon keenya gatiin hammana hin jedhamne akka nuuf dhiifame hubachuu qabna. Kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Deebiin gaaffii kanaa fakkeenyota Yesus dubbate keessaa isa tokko keessatti argama.

16, 17. (a) Fakkeenya Yesus mootii tokkoo fi garboota isaa ilaalchisee dubbate irraa barumsa akkamii arganna? (b) Fakkeenya Yesus irratti erga xiinxaltee booda maal gochuuf murteessiteetta?

16 Yesus mootiin tokko garbicha isaatiif liqii meetii miliyoonii baayʼee akkamitti akka isaaf dhiise dubbateera. Haa taʼu malee, garbichi gatii guddaan isaaf dhiifame sun nama akka isaa garbicha taʼeef gatii xinnoo, jechuunis gatii akka birrii dhibba tokkoo dhiisuu hin barbaanne. Kanaafuu, garbichi mootichi gara laafinaan kakaʼee isaaf dhiise sun mata jabeessa akka taʼe mootichi yommuu hubatu baayʼee aare. Mootichi, “Ati hojjetaa hamaa nana! Ani gatii si irra jiru sana hundumaa waan ati ana kadhatteefan siif dhiise. Akkuma ani siif ooʼe, atis immoo hojjetaa akka keetiitiif ooʼuun siif hin taʼu turee ree?” jedhe. (Mat. 18:23-35) Eeyyee, gara laafinni guddaan mootichi garbicha sanatti argisiise, innis namicha akka isaa garbicha taʼe sanaaf gatii isa irraa qabu akka dhiisu isa kakaasuu qaba ture. Haaluma wal fakkaatuun, jaalallii fi gara laafinni Yihowaa maal akka goonu nu dirqisiisuu qaba?

17 Tibbi Ayyaana Yaadannoo obboleessa ykn obboleettii keenya tokkotti haaloo qabanneerra yoo taʼe dhimmicha irratti yaaduuf carraa nuuf bana. Haaloo qabanneerra taanaan, yeroon kun fakkeenya Yihowaa isa ‘cubbuu namaaf dhiisuu’ hordofuuf yeroo gaarii mitii? (Nah. 9:17; Far. 86:5) Wanta Yihowaan gatii keenya hedduu nuuf dhiisuudhaan nuuf godhe kan dinqisiifannu yoo taʼe, warra kaaniif garaadhaa dhiifama gochuuf fedhii ni qabaanna. Warra kaan yoo jaallannee fi yoo dhiifama isaaniif goone malee, jaalalaa fi dhiifama Waaqayyoo argachuu hin dandeenyu. (Mat. 6:14, 15) Dhiifama gochuun wanta darbe kan hin jijjiirre yoo taʼe illee, jireenya keenya gara fuulduraa irratti jijjiirama gaarii akka fidu hin shakkisiisu.

18. Jaalalli Waaqayyoo obboleettiin tokko hirʼina obboleettii kan biraa akka dandeessu kan ishii gargaare akkamitti?

18 Baayʼee keenyaaf obbolootaa fi obboleettota keenya guyyaa guyyaadhaan ‘dandaʼuun’ ulfaataa nutti taʼuu dandaʼa. (Qolosaayis 3:13, 14; Efesoon 4:32 dubbisi.) Fakkeenyaaf, obboleettii qeenteen Liillii jedhamtu, obboleettii abbaan manaa irraa duʼee fi Kaarol [1] jedhamtu tokko fedhiidhaan gargaarti turte. Liilliin, Kaaroliin konkolaataadhaan bakka ishiin barbaaddetti geessiti, ishiidhaaf ergamti, akkasumas karaawwan hedduudhaan gaarummaa ishiitti argisiisti turte. Liilliin wanta kana hunda kan ishiidhaaf gootu taʼus, Kaarol yeroo hunda ishii ceephaati, akkasumas ishii rakkisti turte. Taʼus, Liilliin amala gaarii Kaarol qabdu irratti xiyyeeffatti turte. Liilliin hanga Kaarol akka malee dhukkubsattee duutetti waggoota hedduudhaaf ishii gargaaraa turte. Liilliin akkana jetteetti: “Utuma kun taʼee jiruu illee, Kaarol yommuu duʼaa kaatu arguuf nan hawwa. Yommuu ishiin cubbuu irraa walaba taatu ishii beekuu nan barbaada.” Eeyyee jaalalli Waaqayyoo, obbolootaa fi obboleettota keenya akka dandeenyuu fi yeroo cubbuun namootaa bara baraaf itti balleeffamu hawwiidhaan akka eeggannu nu dirqisiisuu dandaʼa.

19. ‘Kennaan Waaqayyoo inni hammas hin jedhamne’ maal akka gootu si kakaasa?

19 Dhuguma iyyuu, Yihowaa biraa ‘kennaa hammas hin jedhamne’ arganneerra. Kennaa gatii guddaa qabu kana matumaa akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Kanaa mannaa, keessumaa tibba Ayyaana Yaadannoo kanatti, wanta Yihowaanii fi Yesus nuuf godhan hundumaa irratti dinqisiifannaadhaan haa xiinxallu. Eeyyee, jaalalli isaanii faana Yesus dhiheenyatti hordofuuf, obboloota keenyatti jaalala argisiisuuf, akkasumas obboloota keenyaaf garaadhaa dhiifama gochuuf kan nu dirqisiisu akka taʼu hawwina.

^ [1] (keeyyata 18) Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.