Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 1

“Ani Waaqayyo Kee Ti hin Naʼin!”

“Ani Waaqayyo Kee Ti hin Naʼin!”

“Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras.”—ISA. 41:10.

FAARFANNAA 7 Yihowaa, Jabina Keenya

QABIYYEE *

1-2. (a) Ergaan Isaayaas 41:10 irratti galmeeffamee jiru obboleettii Yoshiikoo jedhamtu irratti dhiibbaa kan godhe akkamitti? (b) Yihowaan ergaan kun eegamee akka turu kan godhe faayidaa eenyuufi dha?

OBBOLEETTIIN Yoshiikoo jedhamtu tokko oduu gaddisiisaa dhageesse. Doktariin ishii lubbuudhaan kan jiraattu jiʼoota muraasa qofa akka taʼe ishiitti himte. Obboleettiin kun maaltu ishiitti dhagaʼame? Yoshiikoon caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko, jechuunis Isaayaas 41:10 (dubbisi) yaadatte. Achiis tasgabbiidhaan Yihowaan harka ishii qabee waan jiruuf, akka hin sodaanne doktarii ishiitti himte. * Ergaan caqasa kana keessa jiruu fi nama jajjabeessu obboleettiin keenya guutummaatti Yihowaatti akka amanamtu ishii gargaareera. Caqasni kun nutis yeroo qorumsi cimaan nu irra gaʼu tasgabbaaʼuu akka dandeenyu nu gargaara. Caqasni kun kana gochuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe hubachuuf, jalqaba Waaqayyo ergaa kana Isaayaasiif kan kenne maaliif akka taʼe haa qorru.

2 Yihowaan, jalqaba Isaayaas caqasa kana akka barreessu kan godhe Yihudoota yeroo booda gara Baabilonitti boojiʼaman jajjabeessuuf ture. Haa taʼu malee, Yihowaan Yihudoota boojiʼamanii turaniif qofa utuu hin taʼin, saba isaa sana booda jiraatan hundumaaf ergaan kun eegamee akka turu godheera. (Isa. 40:8; Rom. 15:4) Nutis harʼa, ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa waan jiraannuuf, jajjabinni kitaaba Isaayaas keessa jiru yeroo kam iyyuu caalaa nu barbaachisa.—2 Xim. 3:1.

3. (a) Isaayaas 41:10 isa caqasa waggaa 2019f filatame keessatti abdiiwwan akkamiitu argama? (b) Abdiiwwan amansiisaa taʼan kun kan nu barbaachisan maaliifi?

3 Mata duree kana keessatti abdiiwwan amantii keenya jabeessanii fi Isaayaas 41:10 irratti galmeeffaman keessaa sadii irratti xiyyeeffanna: (1) Yihowaan nu wajjin taʼa, (2) inni Waaqayyo keenya dha, akkasumas (3) inni nu gargaara. Nutis akkuma Yoshiikoo jireenya keenya keessatti qorumsi waan nu mudatuuf, abdiiwwan * kun nu barbaachisu. Kana malees, haalawwan addunyaa keessatti raawwatamaniin kan kaʼe, rakkoowwan nu mudatu. Mootummoonni aangoo guddaa qaban nu keessaa tokko tokko irra ariʼatama geessisaa jiru. Mee ammaa abdiiwwan sadan kana tokko tokkoon haa ilaallu.

‘ANI SII WAJJINAN JIRA’

4. (a) Abdii Yihowaan kenne isa jalqabaa kam qoranna? (Miiljalees ilaali.) (b) Yihowaan jaalala nuuf qabu karaawwan kamiin ibseera? (c) Dubbiin Waaqayyoo maaltu akka sitti dhagaʼamu godha?

4 Yihowaan jalqaba, “Ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin!” * jechuudhaan nuuf mirkaneesseera. Yihowaan xiyyeeffannaa guutuu nuu kennuu fi jaalala hoʼaa nutti argisiisuudhaan akka nu wajjin jiru argisiisa. Inni gaarummaa fi jaalala guddaa akkamitti akka nutti argisiise hubadhaa. Yihowaan, ‘ati ana duratti gati-jabeessa, ulfina-qabeessas waan taateef, ani si jaalladheera’ jedheera. (Isa. 43:4) Hawaa keessaa, Yihowaan namoota isa tajaajilanitti jaalala akka hin argisiisne humni gochuu dandaʼu hin jiru; amanamummaan inni nuuf qabu hin raafamu. (Isa. 54:10) Jaalalli inni nuuf qabuu fi michummaan inni nu wajjin qabu ija jabina guddaa akka qabaannu nu godha. Akkuma Abraam (Abrahaam) isa michuu isaa taʼe eegee ture, nuunis yeroo harʼaa nu eega. Yihowaan, “Yaa Abraam, hin sodaatin! Ani gaachana kee ti” isaan jedheera.—Uma. 15:1.

Gargaarsa Yihowaatiin qorumsawwan lolaa bishaanii fi ibiddatti fakkeeffaman kam iyyuu keessa darbuu ni dandeenya (Keeyyata 5-6 ilaali) *

5-6. (a) Yihowaan qorumsa dhuunfaatti nu mudatu irratti nu gargaaruuf fedhii akka qabu akkamitti beekuu dandeenya? (b) Fakkeenya Yoshiikoo irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

5 Yihowaan qorumsa dhuunfaatti nu irra gaʼu keessatti akka inni nu gargaaru beekna. Sababiin isaas inni, saba isaatiif abdii akkana jedhu kenneera: “Yommuu ati bishaan keessa adeemtu ani sii wajjinan jira, yommuu ati bishaan keessa ceetus bishaan si fudhatee hin badu; ibidda keessa yommuu darbitu hin gubattu, arrabni ibiddaas si hin qabatu.” (Isa. 43:2) Jechoonni kun hiika maalii qabu?

6 Yihowaan rakkoowwan jireenyi keenya ulfaataa akka taʼu godhan akka nu irra hin geenye gochuuf waadaa hin galle. Haa taʼu malee, rakkoowwan ‘bishaanitti’ fakkeeffaman akka nu fudhatan ykn qorumsawwan ‘arraba ibiddaatti’ fakkeeffaman miidhaa itti fufiinsa qabu akka nu irraan geessisan hin heyyamu. Inni nu wajjin taʼuudhaan rakkoowwan kana ‘keessa akka darbinu’ nu gargaaruuf waadaa nuuf galeera. Yihowaan nu gargaaruudhaaf maal godha? Yoo duʼaaf saaxilamne illee amanamummaa isaaf qabnu eeggachuu akka dandeenyuuf, akka hin sodaanne nu gargaara. (Isa. 41:13) Yoshiikoon ishiin olitti ibsamte, kun dhugaa taʼuu isaa hubatteetti. Intalli ishii akkas jetteetti: “Tasgabbiin Harmeen argisiiste baayʼee nu ajaaʼibsiisee ture. Yihowaan nagaa keessaa ishiidhaaf kennee akka ture argineerra. Harmeen hamma gaafa duuteetti, waaʼee Yihowaa akkasumas abdii inni kennee narsotaa fi dhukkubsattootatti ni himti turte.” Fakkeenya Yoshiikoo irraa maal baranna? Nutis abdii Waaqayyo, “Ani sii wajjinan jira” jechuudhaan kennetti yommuu amanamnu, qorumsa dandamachuuf ija jabinaa fi humna qabaanna.

“ANI WAAQAYYO KEE TI”

7-8. (a) Abdii lammaffaan qorru isa kami dha? Akkasumas hiika maalii qaba? (b) Yihowaan Yihudoota boojuu jala jiraniin ‘hin naʼinaa’ kan jedhe maaliif ture? (c) Jechoonni Isaayaas 46:3, 4 irra jiranii fi garaa saba Waaqayyoo tasgabbeessanii taʼuu dandaʼan isaan kami dha?

7 Abdiin Isaayaas galmeesse inni lammaffaan, “Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin!” akka jedhu hubadhaa. Yaadni naasuu ilaalchisee dubbatame kun hiika maalii qaba? Caqasa kana irratti jechi “hin naʼin” jedhu afaan jalqaba ittiin barreeffameen, “duuba ofiitiin miidhaan akka nama irra gaʼu sodaatanii milʼachuu” ykn “akka nama haala sodaachisaa keessa jiru tokkootti naannoo ofii dammaqinaan ilaaluu” yaada jedhu of keessaa qaba.

8 Yihowaan, Yihudoota boojiʼamanii gara Baabilon deemaniin ‘Hin naʼinaa’ kan jedhe maaliifi? Sababiin isaas jiraattonni biyya sanaa akka sodaatan waan beekuufi. Akka sodaatan kan godhu maal ture? Waggoonni 70n Yihudoonni boojiʼamanii itti turan xumuramuu jala yommuu gaʼanitti, Baabilon raayyaa waraanaa Meedoo Faares isa humna guddaa qabuun weeraramti. Yihowaan saba isaa boojuu Baabilon jalaa bilisa baasuuf raayyaa kanatti fayyadama. (Isa. 41:2-4) Baabiloononnii fi saboonni yeroo sanatti jiraatan kaan, diinonni isaanii dhihaachaa akka jiran yommuu beekan, walii isaaniitiin “Jabaadhu!” jechuudhaan ija jabina isaanii eeggachuuf yaalii godhu. Kana malees, eegumsa akka isaaniif godhan abdachuudhaan waaqolii tolfamoo hedduu ni tolfatu. (Isa. 41:5-7) Yeroo kanatti, Yihowaan, “Yaa Israaʼel, [olloota kee irraa haala adda taʼeen] ati . . . garbicha koo ti; . . . Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin!” jechuudhaan garaa Yihudoota boojuudhaan jiranii tasgabbeesse. (Isa. 41:8-10) Yihowaan, “Ani Waaqayyo kee ti” jechuu isaa hubadhaa. Yihowaan jechoota kanatti fayyadamuudhaan, inni waaqeffattoota isaa warra amanamoo taʼan akka hin irraanfanne, jechuunis amma iyyuu Waaqa isaanii akka taʼee fi isaanis saba isaa akka taʼan mirkaneesseera. Inni, ‘Anumatu isin baata, anatu isin fayyisas’ isaaniin jedheera. Jechoonni nama jajjabeessan kun Yihudoota boojuudhaan jiran jajjabeessanii taʼuu akka qabu hin shakkisiisu.—Isaayaas 46:3, 4 dubbisi.

9-10. Nuti sodaachuu kan hin qabne maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

9 Harʼa yeroo kam iyyuu caalaa, namoonni naannoo keenya jiran haalawwan addunyaa mancaʼaa jiraniin kan kaʼe ni dhiphatu. Dhugaa dha, rakkoowwan kun nu irras miidhaa ni geessisu. Haa taʼu malee, sodaachuun nu hin barbaachisu. Yihowaan, “Ani Waaqayyo kee ti” nuun jedheera. Yaadni kun tasgabbaaʼoo taanee itti fufuuf sababii guddaa kan taʼe maaliifi?

10 Fakkeenya kana ilaalaa: Imaltoonni Jiimii fi Been jedhaman lama xiyyaara qilleensa cimaadhaan raafamaa jiruun deemaa jiru. Xiyyaarichi qileensaan yommuu olii fi gad butamu, balaliisaan xiyyaarichaa beeksisa, “Yeroo muraasaaf qilleensa cimaa keessa balaliina. Qabattoo teessuma keessanii hidhadhaa” jedhu hime. Yeroo kanatti Jiim baayʼee dhiphate. Haa taʼu malee, balaliisaan sun itti dabaluudhaan, “Hin naʼinaa. Wanti hundi toʼannaa koo jala jira” jedhe. Achiis Jiim mataa isaa asii fi achi raasee, “Kun nama jajjabeessuudhaa?” jedhe. Haa taʼu malee, Jiim dhiphinni tokko illee Been irraa akka hin mulʼanne hubate. Kanaafuu Jiim, “Tasgabbiin akkasii maaliif sitti dhagaʼame?” jedhee isa gaafate. Been seeqaa, “Sababiin isaa ani balaliisaa kana akka gaariitti beeka. Inni abbaa koo ti!” isaan jedhe. Achiis Been, “Mee waaʼee abbaa kootii sitti nan hima. Isaa fi dandeettii isaa caalaatti yommuu beektu, atis akkuma koo akka tasgabbooftu nan beeka” jedhe.

11. Fakkeenya waaʼee imaltoota lamaanii ibsu irraa barumsa akkamii arganna?

11 Fakkeenya kana irraa maal barachuu dandeenya? Akkuma Been nutis Abbaa keenya Yihowaa isa samii akka gaariitti waan beeknuuf, tasgabbii qabna. Guyyoota dhumaa sirna kanaatti rakkoowwan akka obomboleettii jiran keessa nagaadhaan darbuu akka dandeenyuuf qajeelfama akka nuuf kennu beekna. (Isa. 35:4) Nuti Yihowaa ni amananna, kanaafuu, yeroo addunyaan sodaadhaan raafamu tasgabbiidhaan itti fufuu dandeenya. (Isa. 30:15) Kana malees, Waaqayyo irratti amanannaa qabaachuu kan dandeenye maaliif akka taʼe ollaawwan keenyatti yommuu himnu akkuma Been nutti dhagaʼama. Yeroo kanatti isaanis rakkoowwan akkamii iyyuu yoo isaan mudate, Yihowaan akka isaan deggeru mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu.

‘ANI SIN JABEESSA, SIN GARGAARAS’

12. (a) Abdii sadaffaan itti aansinee qorru isa kami dha? (b) Jechi ‘irree’ Yihowaa jedhu dhugaa isa kam nu yaadachiisa?

12 Abdii sadaffaa Isaayaas, “Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras” jechuudhaan galmeesses haa ilaallu. Isaayaas, “Waaqayyo gooftaan humnaan in dhufa, irree isaatiinis in moʼa!” jechuudhaan, Yihowaan saba isaa akkamitti akka jabeessu ibseera. (Isa. 40:10) Kitaabni Qulqulluun, aangoo argisiisuuf yeroo baayʼee jecha “irree” jedhutti fayyadama. Kanaafuu, yaadni Yihowaan ‘irree isaatiin in moʼa’ jedhu, Yihowaan Mootii humna qabeessa taʼuu isaa nu yaadachiisa. Inni kanaan dura tajaajiltoota isaa deggeruu fi eeguuf jabina isaa isa injifatamuu hin dandeenyetti fayyadameera, yeroo harʼaattis warra isatti amanatan jabeessuu fi eeguuf jabina isaa kanatti fayyadamuu isaa itti fufa.—Kes. 1:30, 31; Isa. 43:10.

Meeshaan waraanaa irree eegumsa Yihowaa isa cimaa irratti milkaaʼina argatu hin jiru (Keeyyata 12-16 ilaali) *

13. (a) Yihowaan keessumaa waadaa nu jabeessuuf gale kan eegu yoomi dha? (b) Abdiin jabinaa fi amanannaadhaan akka guutamnu nu godhu isa kami?

13 Keessumaa yeroo diinonni nu ariʼatanitti Yihowaan abdii, “Ani sin jabeessa” jechuudhaan kenne ni eega. Yeroo harʼaa kutaa addunyaa tokko tokko keessatti diinonni keenya hojii lallabaa keenya dhaabuuf ykn jaarmiyaa keenya cufuuf yaalii cimaa gochaa jiru. Taʼus ariʼatama kana ilaalchisee garmalee hin dhiphannu. Yihowaan abdii jabinaa fi amanannaadhaan akka guutamnu nu godhu nuuf kenneera. Inni, “Si balleessuudhaaf miʼi waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin dandaʼu” jechuudhaan abdii nuuf kenneera. (Isa. 54:17) Yaadni kun dhugaawwan iddoo guddaa qaban sadii nu yaadachiisa.

14. Diinonni Waaqayyoo lola yoo nu irratti banan dinqisiifamuu kan hin qabne maaliifi?

14 Tokkoffaa, duuka buutota Kiristoos waan taaneef, jibbi akka nu irra gaʼu ni eegna. (Mat. 10:22) Yesuus guyyoota dhumaatti barattoonni isaa garmalee akka ariʼataman raajii dubbateera. (Mat. 24:9; Yoh. 15:20) Lammaffaa raajiin Isaayaas, diinonni keenya nu jibbuu caalaa iyyuu, meeshaawwan waraanaa adda addaatti akka fayyadaman nu akeekkachiiseera. Meeshaawwan waraanaa kun, gowwoomsaa dhokataa, soba guddaa fi ariʼatama suukanneessaa dabalatu. (Mat. 5:11) Yihowaan diinonni keenya meeshaawwan waraanaa kanatti fayyadamanii waraana akka nu irratti hin banne hin dhorku. (Efe. 6:12; Mul. 12:17) Haa taʼu malee, sodaachuun nu hin barbaachisu. Maaliifi?

15-16. (a) Dhugaan inni sadaffaan yaadachuu qabnu isa kami dha? Isaayaas 25:4, 5 kana kan deggeru akkamitti? (b) Isaayaas 41:11, 12 warra nu lolan irra wanta gaʼu kan ibse akkamitti?

15 Dhugaa yaadachuu qabnu isa sadaffaa haa ilaallu. Yihowaan, “miʼi waraanaa” nuuf qopheeffamu kam iyyuu ‘nu miidhuu akka hin dandeenye’ dubbateera. Akkuma masaraan tokko obonboleettii miidhaa geessisu irraa nu eegu, Yihowaanis ‘wanta afaan jalʼootaa keessaa baʼu’ irraa nu eega. (Isaayaas 25:4, 5 dubbisi.) Diinonni keenya miidhaa itti fufiinsa qabu nu irraan geessisuudhaan matumaa milkaaʼina hin argatan.—Isa. 65:17.

16 Yihowaan warra nu “hadheessan” ykn nutti aaran irra wanta gaʼu balʼinaan ibsuudhaan amanannaa isa irratti qabnu caalaatti nuuf cimseera. (Isaayaas 41:11, 12 dubbisi.) Diinonni keenya hammam iyyuu yoo nu waraanan ykn waraanichi hammam iyyuu cimaa yoo taʼe xumurri isaa tokkuma dha; jechuunis diinonni saba Waaqayyoo “in dhumu malee, waaʼee hin baasan.”

AMANANNAA YIHOWAA IRRATTI QABNU AKKAMITTI GUDDIFACHUU DANDEENYA?

Yeroo hundumaa Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee Yihowaa dubbisuudhaan amanannaa isa irratti qabnu guddifachuu ni dandeenya (Keeyyata 17-18 ilaali) *

17-18. (a) Kitaaba Qulqulluu dubbisuun amanannaa Waaqayyoo irratti qabnu kan nuuf guddisu akkamitti? Fakkeenya tokko kenni. (b) Caqasa waggaa 2019f filatame irratti xiinxaluun keenya nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

17 Yihowaa caalaatti beekuudhaan, amanannaa isa irratti qabnu guddifachuu dandeenya. Karaan tokkichi Waaqayyoon sirriitti beekuu dandeenyu immoo, Kitaaba Qulqulluu of eeggannoodhaan dubbisuu fi wanta dubbisne irratti xiinxaluu dha. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan kanaan dura saba isaa akkamitti akka eege ilaalchisee seenaa amanamaa qabateera. Seenan barreeffamee taaʼe kun, yeroo ammaattis Yihowaan akka nu kunuunsu amanannaa nuuf kenna.

18 Yihowaan akkamitti akka nu eegu ibsuuf fakkeenya gaarii Isaayaas itti fayyadame haa ilaallu. Yihowaan tiksee akka taʼee fi tajaajiltoonni Waaqayyoo immoo ilmoolee hoolaa akka taʼanitti ibseera. Isaayaas, Yihowaa ilaalchisee, “Ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata” jedheera. (Isa. 40:11) Harki Yihowaa inni jabaan akka nu hammate yommuu nutti hubannu, eegumsa akka arganne nutti dhagaʼama akkasumas ni tasgabboofna. Garbichi amanamaa fi ogeessi rakkoowwan kan nu irra gaʼan taʼus, tasgabbiidhaan itti fufuu akka dandeenyu nu gargaaruuf, Isaayaas 41:10 isa “Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin!” jedhu caqasa waggaa 2019 akka taʼu filateera. Jechoota nama jajjabeessan kana irratti xiinxalaa. Jechoonni kun rakkoowwan gara fuulduraatti dhufan yommuu isin irra gaʼan isin jabeessu.

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

^ key. 5 Caqasni waggaa bara 2019f filatame, yeroo wantoonni hamoon addunyaa irratti ykn jireenya keenya keessatti raawwataman illee sababii itti tasgabbaaʼuu dandeenyu sadii kenna. Mata dureen kun sababiiwwan kana ibsa, akkasumas garmalee akka hin dhiphannee fi caalaatti Yihowaatti akka amanannu nu gargaara. Caqasa waggaa kana irratti xiinxalaa. Yoo dandeessan immoo yaadatti qabadhaa. Rakkoowwan gara fuulduraatti isin mudataniif isin jabeessa.

^ key. 3 IBSA JECHAA: Abdiin, yaada dhugaa wanti tokko guutummaatti akka raawwatamu argisiisu dha. Abdiiwwan Yihowaan nuuf kenne, rakkoowwan jireenya keenya keessatti nu mudachuu dandaʼanitti garmalee akka hin dhiphanne nu gochuu dandaʼu.

^ key. 4 Gaaleen “Hin sodaatin” jedhu Isaayaas 41:10, 13 fi 14 irratti al sadii caqasameera. Caqasoonni kun jecha “ani” jedhus (Yihowaa argisiisuuf) irra deddeebiʼanii caqasu. Yihowaan, Isaayaas hafuuraan geggeeffamee jecha “ani” jedhu irra deddeebiʼee akka fayyadamu kan godhe maaliifi? Garmalee sodaachuu irraa bilisa taʼuu kan dandeenyu Yihowaatti yoo amanamne akka taʼe ibsuufi dha.

^ key. 52 IBSA FAKKII: Miseensonni maatii tokkoo bakka hojiitti, fayyaa isaanii wajjin haala wal qabateen, tajaajila irrattii fi mana barumsaatti qorumsi isaan mudate.

^ key. 54 IBSA FAKKII: Walgaʼiin Dhugaa Baatonni mana dhuunfaa keessatti godhan poolisootaan kan weerarame taʼus, obboloonnii fi obboleettonni hin sodaanne.

^ key. 56 IBSA FAKKII: Waaqeffannaa Maatii dhaabbataa taʼe qabaachuun jabaannee akka dhaabannu nu cimsa.