Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 3

Garaa Keenya Eeggachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Garaa Keenya Eeggachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

“Yaada kee [‘garaa kee,’ NW] baʼeessa godhii eeggadhu!”—FAK. 4:23.

FAARFANNAA 36 Yaada Keenya ni Eegganna

QABIYYEE *

1-3. (a) Yihowaan Solomooniin kan jaallate maaliifi? Solomoon eebbawwan akkamii argatee ture? (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii kennina?

SOLOMOON mootii kan taʼe ijoollummaa isaatti ture. Bulchiinsa isaa gara jalqabaa irratti Yihowaan abjuudhaan isatti mulʼatee, “Wanta akkan siif kennu barbaaddu na gaafadhu!” isaan jedhee ture. Solomoonis, ‘ani mucaa xinnaa fi muuxannoo kan hin qabne dha, kanaafuu, tajaajilaan kee saba keetiif murtii akka kennuuf, garaa ajajamu isaaf kenni’ jedhee deebiseera. (1 Mot. 3:5-10, NW) Kadhannaan “garaa ajajamu” argachuuf dhihaate kun gaaffii gad of qabuu argisiisu dha. Yihowaan Solomooniin akka jaallatu hin shakkisiisu! (2 Sam. 12:24) Waaqni keenya deebii mootiin dargaggeessi kun kennetti baayʼee waan gammadeef, “garaa ogeessaa fi hubataa” isaaf kenneera.—1 Mot. 3:12, NW.

2 Solomoon amanamaa yeroo ture hundatti eebbawwan hedduu argateera. “Maqaa Waaqayyo gooftaa Israaʼeliif” mana qulqullummaa ijaaruuf mirga argateera. (1 Mot. 8:20) Ogummaa Waaqayyo isaaf kenneen beekamaa taʼeera. Wantoonni inni yeroo hafuura Waaqayyootiin geggeeffamaa turetti dubbate, kitaabota Kitaaba Qulqulluu sadii keessatti galmeeffamaniiru. Isaan keessaa inni tokko kitaaba Fakkeenyaa ti.

3 Kitaaba Fakkeenyaa keessatti garaan gara al 40 caqasameera. Fakkeenyaaf, Fakkeenya 4:23 irratti, “Yaada kee [“garaa kee,” NW] baʼeessa godhii eeggadhu!” jedhameera. Caqasa kana irratti jechi “garaa” jedhu maal argisiisa? Mata duree kana keessatti gaaffii kanaaf deebii kennina. Kana malees, gaaffiiwwan kan biroo lama qorra: Isaanis Seexanni garaa keenya mancaasuuf kan yaalu akkamitti? Garaa keenya eeggachuuf hoo maal gochuu dandeenya? Waaqayyoof amanamaa taanee jiraachuuf deebii gaaffiiwwan barbaachisoo taʼan kanaa beekuu qabna.

“GARAA KEE” KAN JEDHAME MAALI DHA?

4, 5. (a) Faarfannaan 51:6 jechi “garaa” jedhu maal akka argisiisu hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (b) Fayyaa keenya kunuunsuun barbaachisaa taʼuun isaa, garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame eeggachuun barbaachisaa akka taʼe hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

4 Fakkeenya 4:23 irratti, jechi “garaa” jedhu “keessa namummaa namaa” argisiisuuf itti hojjetameera. (Faarfannaa 51:6 dubbisi.) Karaa kan biraatiin, ‘garaan’ yaada dhuunfaa, miira, kakaʼumsaa fi fedhii keenya argisiisa. Garaan wanta alaan fakkaachuuf yaallu utuu hin taʼin, keessa keenyatti dhugumaan nama akkamii akka taane argisiisa.

5 Fayyummaan qaama keenyaa, barbaachisummaa keessa namummaa keenyaa kan ibsu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Tokkoffaa, qaamni keenya haala gaarii irra akka jiraatu eeguuf, nyaata gaarii filachuu fi yeroo hundumaa sochii qaamaa gochuu qabna. Haaluma wal fakkaatuun, garaan keenya inni fakkeenyaan ibsame fayyaa taʼee akka itti fufu gochuuf, yeroo hundumaa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisuu fi Yihowaa irratti amantii akka qabnu argisiisuu qabna. Sochii akkasii gochuun wanta baranne hojii irra oolchuu fi waaʼee amantii keenyaa namootatti himuu dabalata. (Rom. 10:8-10; Yaq. 2:26) Lammaffaa, wanta alaan mulʼatu irratti hundaaʼuudhaan keessi keenya dhukkubsataa taʼus, fayyaa akka taanetti yaaduu dandeenya. Haaluma wal fakkaatuun, sochii tiʼookraasii guyyaa guyyaadhaan goonu irratti hundaaʼuudhaan, amantiin keenya cimaa akka taʼe yaaduu kan dandeenyu taʼus, hawwiin dogoggoraa keessa keenyatti guddachaa jiraachuu dandaʼa. (1 Qor. 10:12; Yaq. 1:14, 15) Seexanni yaada isaatiin nu faaluu akka barbaadu yaadachuu qabna. Keessumaa kana gochuuf kan yaalu akkamitti? Of eeguu kan dandeenyu hoo akkamitti?

SEEXANNI GARAA KEENYA FAALUUF KAN YAALU AKKAMITTI?

6. Kaayyoon Seexanaa maali dha? Kaayyoo isaa kana galmaan gaʼuuf kan yaalu akkamitti?

6 Seexanni akkuma isaa akka taanu, jechuunis finciluudhaan ulaagaa Yihowaa akka cabsinuu fi ofittummaadhaan akka geggeeffamnu barbaada. Seexanni akka isaatti akka yaadnuu fi akka hojjennu nu dirqisiisuu hin dandaʼu. Kanaafuu karaawwan kan biraatiin kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf yaalii godha. Fakkeenyaaf, namoota isaan faalamaniin akka marfamnu godha. (1 Yoh. 5:19) Hiriyummaan gadheen akkaataa itti yaadnuu fi waa hojjennu akka ‘mancaasu’ kan beeknu taʼus, isaanii wajjin yeroo dabarsuuf filachuu akka dandeenyu ni abdata. (1 Qor. 15:33) Malli kun Solomoon Mooticha irratti hojjeteera. Inni dubartoota Yihowaa hin waaqeffanne hedduu kan fuudhe siʼa taʼu, isaanis dhiibbaa guddaa isa irraan geessisuudhaan ‘suutuma suuta garaa isaa’ Yihowaa ‘irraa jalʼisaniiru.’—1 Mot. 11:3, NW.

Yaalii Seexanni yaada isaatiin garaa keessan faaluuf godhu irraa of eeguu kan dandeessan akkamitti? (Keeyyata 7 ilaali) *

7. Seexanni yaada isaa babalʼisuuf wanta kan biraa kamitti fayyadama? Waaʼee kanaa of eeggannoo gochuun kan nu barbaachisu maaliifi?

7 Seexanni yaada isaa babalʼisuuf, fiilmiiwwanii fi sagantaawwan televijiiniitti fayyadama. Seenaawwan karaa kanaan dhihaatan, nu bashannansiisuu caalaa waan raawwatan akka qaban beeka; seenaawwan kun yaada, miiraa fi gocha akkamii qabaachuu akka qabnu nu barsiisu. Yesuus mala barsiisuu kana akka gaariitti itti fayyadameera. Fakkeenya inni waaʼee nama Samaariyaa isa gara laafessa taʼe sanaa fi waaʼee ilma mana gadhiisee baʼuudhaan dhaala argate balleessee dubbate qoruu dandeenya. (Mat. 13:34; Luq. 10:29-37; 15:11-32) Haa taʼu malee, namoonni yaada Seexanaatiin faalaman, seenaawwan kana nu mancaasuuf itti fayyadamuu dandaʼu. Kanaafuu madaallii keenya eeggachuu qabna. Fiilmiiwwanii fi sagantaawwan televijiinii yaada keenya utuu hin faaliin nu bohaarsuu fi nu barsiisuu dandaʼu. Haa taʼu malee of eeggachuu qabna. Bashannana yommuu filannu, ‘Fiilmiin ykn sagantaan televijiinii kun hawwii foonii kootiif harka kennuun sirrii akka taʼe na barsiisaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaarii dha. (Gal. 5:19-21; Efe. 2:1-3) Sagantaan tokko yaada Seexanaa akka babalʼisu yoo hubatte maal gochuu qabda? Akkuma dhukkuba daddarbaa irraa fagaattu isa irraas fagaadhu!

8. Warri ijoolleen isaanii garaa isaanii akka eeggatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

8 Warra kan taatan, carraaqqii Seexanni garaa ijoollee keessanii mancaasuuf godhu irraa isaan eeguuf itti gaafatamummaa addaa qabdu. Ijoollee keessan dhukkuba qaamaa irraa eeguuf waan isiniif dandaʼame hunda akka gootan beekamaa dha. Mana keessan ni qulqulleessitu akkasumas wanta isin irra ykn ijoollee keessan irra dhukkuba geessisuu dandaʼu hunda baastanii gattu. Haaluma wal fakkaatuun, ijoollee keessan fiilmiiwwan, sagantaawwan televijiinii, tapha elektirooniksii fi weeb saayitoota yaada Seexanaatiin isaan faaluu dandaʼan irraa isaan eeguu qabdu. Yihowaan nageenya hafuuraa ijoollee keessanii akka eegdan aangoo isiniif kenneera. (Fak. 1:8; Efe. 6:1, 4) Kanaafuu mana keessan keessatti seerawwan ulaagaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan baasuu hin sodaatinaa. Ijoolleen keessan maal ilaaluu akka dandaʼanii fi maal ilaaluu akka hin dandeenye itti himaa; akkasumas sababii itti murtoo sana gootan akka hubatan gargaaraa. (Mat. 5:37) Yommuu guddachaa adeeman immoo, akka ulaagaa Yihowaatti wanta sirrii taʼee fi wanta dogoggora taʼe ofii isaaniitiin akka hubatan leenjisaa. (Ibr. 5:14) Ijoolleen keessan wanta isin dubbattan irraa waan hedduu kan baratan taʼus, wanta isin gootan irraa caalaatti akka baratan yaadadhaa.—Kes. 6:6, 7; Rom. 2:21.

9. Yaadni Seexanni babalʼisu tokko maali dha? Kun hoo balaa kan qabu maaliifi?

9 Kana malees, Seexanni yaada Yihowaa caalaa ogummaa namootaatti akka amanamnu gochuudhaan garaa keenya faaluuf yaala. (Qol. 2:8) Sooressa taʼuun galma jireenya nama tokkoo isa guddaa taʼuu qaba, jechuudhaan yaada Seexanni babalʼisu haa ilaallu. Namoonni akkasitti yaadan sooressa taʼuu dandaʼu ykn hin dandaʼan taʼa. Sanas taʼe kana, balaadhaaf saaxilamanii jiru. Maaliif? Sababiin isaas galma isaanii irra gaʼuuf, fayyaa isaanii, hariiroo maatii isaanii wajjin qabanii fi michummaa waaqayyoo wajjin qaban aarsaa gochuudhaan qarshii argachuu irratti garmalee xiyyeeffachuu dandaʼu. (1 Xim. 6:10) Abbaan keenya inni samii inni ogeessi qarshiidhaaf ilaalcha madaalamaa akka qabaannu nu gargaaruu isaatti ni galateeffanna.—Lal. 7:12; Luq. 12:15.

GARAA KEENYA EEGGACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

Akkuma eegdotaa fi karra eegdota bara duriitti turanii, dhiibbaawwan mancaasan garaa keessanitti akka hin seenne dammaqinaan eegaa akkasumas tarkaanfii fudhadhaa (Keeyyata 10-11 ilaali) *

10-11. (a) Ofii keenya eeguuf maal gochuu dandeenya? (b) Bara duriitti eegdonni maal hojjetu turan? Qalbiin keenya akka eegduutti nu tajaajiluu kan dandaʼu akkamitti?

10 Garaa keenya eeggachuu irratti milkaaʼina argachuu yoo barbaanne, balaa jiru addaan baasnee beekuu fi of eeguuf hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qabna. Fakkeenya 4:23 irratti, jechi “eeggadhu” jedhamee hiikame, hojii eegduun tokko hojjetu nu yaadachiisa. Bara Solomoon Mootichaatti, eegdonni dallaa magaalaa irra dhaabatanii kan eegan siʼa taʼu, balaan gaʼuuf akka jedhu yoo argan sagalee akeekkachiisaa dhageessisu turan. Kana yaadaan ilaaluun keenya, Seexanni yaada keenya akka hin mancaasneef, maal gochuu akka qabnu hubachuuf nu gargaara.

11 Bara duriitti, eegdonnii fi karra eegdonni magaalaa walitti dhihaatanii hojjetu turan. (2 Sam. 18:24-26) Diinni yommuu dhihaatu, waliin taʼanii karrawwan cufuudhaan magaalichi akka eegamu godhu turan. (Nah. 7:1-3) Yommuu Seexanni garaa keenya toʼachuuf, jechuunis yaada, miira, kakaʼumsa ykn hawwii keenya irratti dhiibbaa gochuuf yaalu, qalbiin keenya inni Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe * eegduu nuu taʼuudhaan nu akeekkachiisuu dandaʼa. Qalbiin keenya sagalee akeekkachiisaa yommuu dhageessisu dhaggeeffachuu fi akka fakkeenyaatti karra garaa keenyaa cufuu qabna.

12-13. Maal gochuuf qoramuu dandeenya? Haa taʼu malee, maal gochuu qabna?

12 Yaadni Seexanaa dhiibbaa akka nu irratti hin goone akkamitti of eeguu akka dandeenyu fakkeenya argisiisu tokko haa ilaallu. Yihowaan, ‘halalummaanii fi xuraaʼummaan akaakuu hundumaa nu gidduutti akka hin dubbatamne’ nu barsiiseera. (Efe. 5:3) Haa taʼu malee, bakka hojiitti ykn mana barumsaatti hiriyoonni keenya waaʼee halalummaa haasaʼuu yoo jalqaban hoo maal gochuu qabna? ‘Wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa irraa fagaachuu’ akka qabnu beekna. (Tit. 2:12) Eegduun keenya, jechuunis qalbiin keenya sagalee akeekkachiisaa ni dhageessisa taʼa. (Rom. 2:15) Garuu nuti isa ni dhaggeeffannaa? Kanaa mannaa, hiriyoota keenya dhaggeeffachuuf ykn suuraa isaan nuuf ergan ilaaluuf qoramuu dandeenya taʼa. Haa taʼu malee, haasichaa jijjiiruu ykn dhiisnee deemuudhaan akka fakkeenyaatti karra magaalichaa cufuu kan qabnu yeroo kanatti dha.

13 Wanta dogoggoraa akka yaadnu ykn hojjennu dhiibbaa hiriyoonni keenya nu irraan gaʼan dandamachuun ija jabina gaafata. Yihowaan carraaqqii nuti goonu akka arguu fi jabinaa fi ogummaa yaada Seexanaa mormuuf nu gargaaru akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. (2 Sen. 16:9; Isa. 40:29; Yaq. 1:5) Haa taʼu malee, nuti garaa keenya eeggachuudhaan gaʼee keenya baʼuu kan dandeenyu akkamitti?

EEGUU KEESSAN ITTI FUFAA

14-15. (a) Garaa keenya maaliif banuu qabna? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Fakkeenyi 4:20-22 dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenya irraa caalaatti fayyadamuuf nu gargaaruu dandaʼaa? (Saanduqa “ Akkamitti Xiinxaluu Dandeenya?” jedhus ilaali.)

14 Garaa keenya eeguuf dhiibbaan dogoggoraa akka nu irratti hin godhamne cufuu qofa utuu hin taʼin, dhiibbaa gaariidhaaf banuu qabna. Mee ammas fakkeenya waaʼee magaalaa dallaadhaan marfamtee yaadaa. Namni karra eegu tokko diinni gara magaalichaatti seenee akka hin weerarre karra magaalichaa ni cufa; yeroo kan biraatti garuu nyaannii fi wantoonni kan biraan akka ol galaniif karricha ni bana. Karrawwan sun matumaa yoo banamuu baatan jiraattonni magaalichaa ni beelaʼu. Haaluma wal fakkaatuun, nutis dhiibbaa yaada Waaqayyootiif yeroo hunda garaa keenya banuu qabna.

15 Kitaabni Qulqulluun yaada Yihowaa qabateera, kanaafuu, yeroo isa dubbisnu hundatti, yaadni Yihowaa yaada, miiraa fi gocha keenya irratti dhiibbaa akka godhu heyyamna. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenya irraa caalaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Kadhannaan barbaachisaa dha. Obboleettiin tokko akkas jetteetti: “Kitaaba Qulqulluu dubbisuu koo dura, Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan, ‘wanta dinqisiisaa’ dubbii isaa keessa jiru sirriitti ‘arguuf’ akka na gargaaru nan gaafadha.” (Far. 119:18) Kana malees, wanta dubbisne irratti xiinxaluu qabna. Yeroo kadhannu, dubbisnuu fi xiinxallu, Dubbii Waaqayyoo ‘yaada keenyatti qabanna’ akkasumas yaada Yihowaa caalaatti jaallanna.—Fakkeenya 4:20-22 dubbisi; Far. 119:97.

16. Namoonni hedduun JW Biroodkaastiingi ilaaluudhaan kan fayyadaman akkamitti?

16 Karaa kan biraan yaadni Waaqayyoo dhiibbaa akka nu irratti godhu itti heyyamnu immoo wantoota JW Biroodkaastiingi irratti baʼan ilaaluu dha. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko akkas jedhaniiru: “Sagantaawwan jiʼa jiʼaan baʼan kun deebii Yihowaan kadhannaa keenyaaf kenne dha! Sagantaawwan kun nu jajjabeessaniiru akkasumas yeroo gaddinu ykn kophummaan nutti dhagaʼamu miira keenya kakaasaniiru. Muuziqaawwan sagantaa kana irratti baʼan mana keenya keessatti yeroo hunda dhaggeeffanna. Yeroo nyaata bilcheessinu, yeroo qulqulleessinu ykn yeroo shaahii dhugnu ni dhaggeeffanna.” Sagantaawwan kun garaa keenya eeggachuuf nu gargaaru. Akka Yihowaan yaadutti akka yaadnu nu barsiisu, akkasumas yaada Seexanaa akka horannu dhiibbaa nu irra gaʼu moʼuuf nu gargaaru.

17-18. (a) Akkuma 1 Mootota 8:61 irratti ibsame wanta Yihowaa irraa baranne yommuu hojii irra oolchinu maaltu taʼa? (b) Fakkeenya Hisqiyaas Mootichaa irraa maal baranna? (c) Kadhannaa Daawit isa Faarfannaa 139:23, 24 irra jiruu wajjin haala wal simuun waaʼee maalii kadhachuu dandeenya?

17 Faayidaa wanta sirrii raawwachuun qabu yommuu hubannu hundatti, amantiin keenya caalaatti cima. (Yaq. 1:2, 3) Yihowaan ijoollee isaa keessaa tokko akka taanetti nu ilaaluu isaatti waan kooruuf, miirri gaariin nutti dhagaʼama akkasumas hawwiin isa gammachiisuuf qabnu caalaatti cima. (Fak. 27:11) Qorumsi nu irra gaʼu hundi, abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼe tajaajilaa kan jirru garaa hirʼuudhaan akka hin taane argisiisuuf carraa nuuf kenna. (Far. 119:113) Kanaa mannaa, garaa guutuudhaan jechuunis garaa ajaja isaa fi fedhii isaa raawwachuuf murteesseen Yihowaa tajaajilaa akka jirru mirkaneessina.—1 Mootota 8:61 dubbisi.

18 Dogoggora ni raawwannaa? Eeyyee; nutti namoota cubbuu dhaalle dha. Kanaafuu yoo gufanne fakkeenya Hisqiyaas Mootichaa haa yaadannu. Inni dogoggora raawwateera. Haa taʼu malee, inni yaada geddarateera, akkasumas “garaa guutuudhaan” Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufeera. (Isa. 38:3-6; 2 Sen. 29:1, 2; 32:25, 26) Kanaafuu, yaalii Seexanni yaada isaatiin nu faaluuf godhu irraa haa fagaannu. Akkasumas “garaa ajajamu” qabaachuuf haa kadhannu. (1 Mot. 3:9, NW; Faarfannaa 139:23, 24 dubbisi.) Hundumaa caalaa yoo garaa keenya eegganne, Yihowaadhaaf amanamaa taanee jiraachuu ni dandeenya.

FAARFANNAA 54 “Karichi isa Kana”

^ key. 5 Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraanna moo, Seexanni nu gowwoomsee Waaqayyo irraa akka nu fageessu heyyamna? Deebiin gaaffii kanaa qorumsi cimaan nu irra gaʼuu fi dhiisuu isaa irratti utuu hin taʼin, garaa keenya akka gaariitti eeggachuu fi dhiisuu keenya irratti kan hundaaʼe dha. Jechi “garaa” jedhu hiika maalii qaba? Seexanni garaa keenya mancaasuuf kan yaalu akkamitti? Garaa keenya eeguu kan dandeenyu hoo akkamitti? Mata dureen kun gaaffiiwwan barbaachisoo taʼan kanaaf deebii kenna.

^ key. 11 IBSA JECHAA: Yihowaan yaada keenya, miira keenyaa fi gocha keenya gamaaggamuudhaan ofii keenyaaf murtii akka kenninu dandeettii nuuf kenneera. Kitaabni Qulqulluun dandeettii kana qalbii jedhee waama. (Rom. 2:15; 9:1) Qalbii Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe kan jedhamu, qalbii ulaagaa Yihowaa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsametti fayyadamuudhaan wanti yaadnu, hojjennu ykn dubbannu sirrii ykn dogoggora taʼuu isaa murteessu dha.

^ key. 56 IBSA FAKKII: Obboleessi cuuphame tokko utuu televijiinii ilaalaa jiruu wanti naamusaan ala taʼe tokko televijiinii irratti mulʼate. Wanta itti aansee godhu murteessuu qaba.

^ key. 58 IBSA FAKKII: Eegduun bara duriitti ture tokko balaa dallaa magaalattii ala jiru arge. Iyyee karra eegdota isaa gad jiranitti hime, isaaniis yeruma sana karra magaalattii cufan akkasumas ni danqaran.