Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 4

Irbaata Salphaa Tokko Irraa Waaʼee Mootii Keenya isa Samii Maal Baranna?

Irbaata Salphaa Tokko Irraa Waaʼee Mootii Keenya isa Samii Maal Baranna?

‘Kun foon koo argisiisa. Kun dhiiga koo isa “dhiiga kakuu” taʼe argisiisa.’—MAT. 26:26-28.

FAARFANNAA 16 Ilma Isaa Dibameef Yaahiin Jajadhaa

QABIYYEE *

1-2. (a) Yesuus duʼa isaa karaa salphaa taʼeen akka kabajnu qophii nuuf godha jennee eeguu kan dandeenyu maaliifi? (b) Amalawwan Yesuus warra kamfaa qoranna?

AYYAANA YAADANNOO duʼa Yesuus Kiristoos waggaa waggaadhaan kabajamu irratti wanta raawwatamu ibsuu ni dandeessuu? Baayʼeen keenya wanta ayyaana Irbaata Gooftaa irratti raawwatamu akka yaadannu beekamaa dha. Maaliifi? Sababiin isaas irbaanni kun salphaa ture. Haa taʼu malee, kun qophii iddoo guddaa qabu ture. Kanaafuu, ‘Irbaanni kun baayʼee salphaa kan taʼe maaliifi?’ jennee gaafanna taʼa.

2 Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turetti, dhugaawwan baayʼee barbaachisaa taʼan karaa salphaa, ifaa fi hubachuuf ulfaataa hin taaneen barsiisuudhaan beekama ture. (Mat. 7:28, 29) Haaluma wal fakkaatuun, ayyaanni yaadannoo duʼa isaa karaa salphaa, taʼus hiika guddaa qabuun akka yaadatamu * qophii godheera. Mee Irbaata Yaadannoo kana, akkasumas wantoota Yesuus dubbatee fi raawwate gad fageenyaan haa qorru. Kana gochuudhaan, Yesuus kan gad of qabu, ija jabeessaa fi jaalala qabeessa taʼuu isaa caalaatti hubanna, akkasumas fakkeenya isaa akkamitti hordofuu akka dandeenyu baranna.

YESUUS KAN GAD OF QABU DHA

Maxinoo fi wayiniin Ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatu Yesuus lubbuu isaa akka nuuf kennee fi yeroo ammaatti immoo samii keessatti Mootii taʼee bulchaa akka jiru nu yaadachiisu (Keeyyata 3-5 ilaali)

3. Akkuma Maatewos 26:26-28 irratti galmeeffame irbaanni Yaadannoo Yesuus hundeesse hangam salphaa ture? Wantoonni achi irratti dhihaatan lamaan maal argisiisu?

3 Yesuus Ayyaana Yaadannoo duʼa isaatii kan hundeesse bakka ergamoonni isaa amanamoon 11 argamanitti ture. Yaadannoo salphaa kana kan hundeesse wantoota ayyaana Faasikaa irraa hafanitti fayyadamee ture. (Maatewos 26:26-28 dubbisi.) Wanti inni itti fayyadame maxinoo fi wayinii achi jiran qofa ture. Yesuus wantoonni lamaan buʼuura taʼan kun foon isaa fi dhiiga isaa warra mudaa hin qabne, isa inni yeroo muraasa booda isaaniif jedhee aarsaa godhu akka argisiisan ergamoota isaatti dubbateera. Ergamoonni irbaanni iddoo guddaa qabu kun salphaa taʼuun isaa isaan hin dinqisiisne taʼa. Maaliif?

4. Gorsi Yesuus duraan Maartaadhaaf kenne, Yesuus irbaata Yaadannoo salphaa kan godhe maaliif akka taʼe hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

4 Yesuus jiʼoota hedduu dura tajaajila isaa waggaa sadaffaa keessatti, yeroo mana michoota isaa Alaazaar, Maartaa fi Maariyaam dhaqetti wanta raawwatame ilaalaa. Yeroo boqonnaa kanatti Yesuus barsiisuu jalqabee ture. Maartaan bakka kana kan jirtu taʼus, keessummaa kabajamaa kanaaf nyaata hedduu qopheessuu irratti yaadni ishii hihhiramee ture. Yesuus kana hubachuudhaan, nyaanni hedduun barbaachisaa kan taʼu yeroo hunda akka hin taane ishii hubachiisee gaarummaadhaan ishii sirreesseera. (Luq. 10:40-42) Yesuus, booda aarsaa taʼee duʼuu isaa saʼaatii muraasa dura gorsa kenne kana ofuma isaatii hojii irra oolcheera. Irbaanni Yaadannoo salphaa akka taʼu godheera. Kun waaʼee Yesuus maal nu barsiisa?

5. Irbaanni kun salphaa taʼuun isaa waaʼee Yesuus maal nu barsiisa? Kun hoo yaada Filiphisiyus 2:5-8 irra jiruu wajjin kan wal simu akkamitti?

5 Yesuus wanta dubbatee fi wanta raawwate hundumaa irratti akka gad of qabu argisiiseera. Kanaafuu, galgala yeroo dhumaatiif lafa irratti dabarse sanatti amala gad of qabu argisiisuun isaa kan nama dinqisiisu miti. (Mat. 11:29) Yeroo muraasa booda, seenaa ilmaan namootaa keessatti aarsaa hunda caalu akka dhiheessuu fi Yihowaan duʼaa isa kaasee samii irratti mootii akka isa godhu beeka ture. Taʼus, yaadannoon duʼa isaa sirna guddaadhaan akka kabajamu qophii gochuudhaan garmalee xiyyeeffannaa ofitti hin harkisne. Kanaa mannaa, barattoonni isaa waggaatti al tokko irbaata salphaa kanaan isa yaadachuu akka qaban isaanitti himeera. (Yoh. 13:15; 1 Qor. 11:23-25) Irbaanni salphaa fi haala isaatiif mijataa taʼe kun Yesuus kan kooru akka hin taane argisiisa. Gad of qabuun amalawwan guguddaa mootiin keenya inni samii qabu keessaa tokko taʼuu isaa beekuun keenya nu gammachiisa.—Filiphisiyus 2:5-8 dubbisi.

6. Yeroo qorumsi nu mudatutti akkuma Yesuus akka gad of qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Gad of qabuu irratti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Fedhii warra kaanii kan ofii keenyaa dursuudhaani. (Filp. 2:3, 4) Mee galgala Yesuus yeroo dhumaatiif lafa irratti dabarse yaadaa. Yesuus yeroo muraasa booda duʼa suukanneessaa akka duʼu beeka ture; taʼus, waaʼeen ergamoota isaa amanamoo yeroo muraasa booda isaaf gadduuf jiranii baayʼee isa yaaddessee ture. Kanaafuu, galgala isa dhumaa lafa irratti dabarsetti isaan barsiisuu, jajjabeessuu fi isaan tasgabbeessu irratti xiyyeeffatee ture. (Yoh. 14:25-31) Yesuus gad of qabuudhaan nageenya ofii isaa caalaa kan warra kaaniitiif akka yaadu argisiiseera. Kun nuuf fakkeenya hunda caalu mitii!

YESUUS IJA JABEESSA DHA

7. Yesuus Irbaata Gooftaa erga hundeesse utuu baayʼee hin turin ija jabina guddaa kan argisiise akkamitti?

7 Yesuus Irbaata Gooftaa erga hundeessee utuu baayʼee hin turin ija jabina guddaa argisiiseera. Akkamitti? Yakka Waaqayyoon arrabsuu isa qaanessaa taʼeen himatamee akka duʼu akka isa godhu kan beeku taʼus, fedha abbaa raawwachuuf of dhiheesseera. (Mat. 26:65, 66; Luq. 22:41, 42) Yesuus maqaa Yihowaa kabajuuf, ol aantummaa isaa deggeruu fi ilmaan namootaa yaada geddaratan jireenya bara baraa akka argatan karaa banuuf guutummaatti amanamaa taʼeera. Kana malees, duuka buutota isaa wanta yeroo muraasa booda isaan mudatuuf isaan qopheesseera.

8. (a) Yesuus ergamoota isaa amanamoo taʼanitti maal himee ture? (b) Yesuus erga duʼee booda waggoota turanitti, barattoonni isaa fakkeenya ija jabina isaa kan hordofan akkamitti?

8 Yesuus wanta isa yaaddessuu dandaʼu kam irratti iyyuu xiyyeeffachuu mannaa, wanta ergamoota isaa amanamoo taʼaniif barbaachisu irratti xiyyeeffachuudhaan ija jabina argisiiseera. Irbaanni salphaan Yesuus erga Yihudaa baasee booda hundeesse, dibamtoonni duuka buutota isaa taʼan faayidaa dhiigni isaa inni dhangalaʼe qabuu fi hirmaannaa kakuu haaraa keessatti qaban isaan yaadachiisa. (1 Qor. 10:16, 17) Yesuus duuka buutonni isaa waamichaa isaanii isa samiitiif kan malan akka taʼan isaan gargaaruuf, wanta innii fi Abbaan isaa isaan irraa eegan isaanitti himeera. (Yoh. 15:12-15) Kana malees, qorumsa gara fuulduraatti isaan eeggatu ergamoota isaatti himeera. Achiis “jabaadhaa!” jechuudhaan fakkeenya isaa akka hordofan isaan jajjabeesseera. (Yoh. 16:1-4a, 33) Waggoota hedduu booda barattoonni Yesuus fakkeenya inni fedhii ofii isaa aarsaa gochuudhaan kaaʼe hordofaniiru akkasumas ija jabina argisiisaniiru. Dhiphina kan isaan irraan geessisu taʼus, qorumsawwan gara garaa keessatti walii isaanii ni deggeru turan.—Ibr. 10:33, 34.

9. Ija jabina argisiisuu irratti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Haaluma wal fakkaatuun nutis yeroo harʼaa ija jabina argisiisuu irratti fakkeenya Yesuus ni hordofna. Fakkeenyaaf, obboloota keenya warra sababii amantii isaaniitiin ariʼataman gargaaruun ija jabina gaafata. Yeroo tokko tokko obboloonni keenya jalʼina haqaatiin hidhamuu dandaʼu. Yeroo haalli akkasii uumamu, isaaniif falmuu dabalatee, waan nuuf dandaʼame hundumaa isaaniif gochuu qabna. (Filp. 1:14; Ibr. 13:19) Karaa kan biraan ija jabina itti argisiisnu immoo “ija jabinaan” lallabuu keenya itti fufuu dha. (HoE. 14:3) Namoonni yoo nu mormanii fi yoo nu ariʼatan illee, akkuma Yesuus nutis ergaa Mootummichaa lallabuuf kutanneerra. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko ija jabina dhabuu dandeenya. Maarree maal gochuu dandeenya?

10. Torban Ayyaana Yaadannoo dura jiranitti maal gochuu qabna? Maaliif?

10 Abdii aarsaan furii Kiristoos nuuf argamsiisu irratti yaaduudhaan ija jabina keenya cimsachuu ni dandeenya. (Yoh. 3:16; Efe. 1:7) Torban Ayyaana Yaadannoo fuuldura jiran muraasatti dinqisiifannaa furiidhaaf qabnu guddifachuuf carraa addaa qabna. Yeroo sanatti, dubbisa Kitaaba Qulqulluu Ayyaana Yaadannoo hordofaatii dubbisaa, akkasumas haalawwan yeroo Yesuus duʼetti turan irratti kadhannaadhaan xiinxalaa. Achiis yommuu Irbaata Gooftaatiif walitti qabamnu, barbaachisummaa maxinoo fi wayinii sanaa akkasumas aarsaa addaa wantoonni kun bakka buʼan caalaatti hubanna. Wanta Yesuusii fi Yihowaan nuuf raawwatan yommuu dinqisiifannuu fi wanti isaan nuuf raawwatan kun nuunis taʼe namoota jaallannu akkamitti akka fayyadu yommuu hubannu, abdiin keenya ni cima, akkasumas hamma dhumaatti jabaannee dhaabachuuf kakaana.—Ibr. 12:3.

11-12. Hamma ammaatti maal baranne?

11 Hamma ammaatti, Irbaanni Gooftaa furii isa iddoo guddaa qabu qofa utuu hin taʼin, amalawwan Yesuus warra gurguddaa jechuunis gad of qabuu fi ija jabina isaa akka nu yaadachiisu baranneerra. Yesuus samii irratti Luba Ol Aanaa nuuf kadhatu taʼuudhaan amalawwan kana argisiisuu isaa akka itti fufe beekuu keenyatti guddaa dinqisiifanna! (Ibr. 7:24, 25) Dinqisiifannaa keenya garaadhaa madde argisiisuuf, akkuma inni ajajetti amanamummaadhaan Ayyaana Yaadannoo duʼa isaa kabajuu qabna. (Luq. 22:19, 20) Kana kan goonu guyyaa Niisaan 14 irra ooluu fi waggaa keessatti iddoo guddaa qabutti dha.

12 Qophiin Irbaata Gooftaa salphaa taʼuu isaa irraa amala kan biraa Yesuus akka nuuf duʼu isa kakaases hubachuu ni dandeenya. Yesuus yeroo nama taʼee lafa irra jiraachaa turetti amala kanaan beekama ture. Amalli kun maali dha?

YESUUS JAALALA QABEESSA DHA

13. Yohaannis 15:9 fi 1 Yohaannis 4:8-10 jaalala Yihowaa fi Yesuus nutti argisiisan kan ibsan akkamitti? Jaalala isaanii irraa kan fayyadaman hoo eenyufaʼi?

13 Yesuus wanta raawwate hundumaa irratti jaalala guddaa Yihowaan nuuf qabu akka gaariitti calaqqiseera. (Yohaannis 15:9; 1 Yohaannis 4:8-10 dubbisi.) Hunda caalaa immoo, Yesuus lubbuu isaa kan nuuf kenne garaa isaatii kakaʼee ture. Dibamtootas taane “hoolota kan biraa” jaalala Yihowaa fi Ilmi isaa karaa aarsaa kanaa nutti argisiisan irraa ni fayyadamna. (Yoh. 10:16; 1 Yoh. 2:2) Wantoota Irbaata Yaadannoo irratti dhihaatanis yaadaa; wantoonni kun Yesuus barattoota isaa akka jaallatuu fi akka isaaniif yaadu argisiisu. Akkamitti?

Jaarraa hedduudhaa fi haala garaa garaa keessatti akka kabajamuuf Yesuus sirna Ayyaana Yaadannoo salphaa taʼe jaalalaan hundeesseera (Keeyyata 14-16 ilaali) *

14. Yesuus barattoota isaatti jaalala kan argisiise karaa kamiini dha?

14 Yesuus duuka buutonni isaa hafuuraan dibaman sirna wal xaxaa utuu hin taʼin, irbaata salphaadhaan duʼa isaa akka yaadatan gochuudhaan jaalala akka isaaniif qabu argisiiseera. Yeroon darbaa yommuu adeemu, duuka buutonni isaa warri dibamoon, Ayyaana Yaadannoo waggaa waggaadhaan kabajuu kan qaban siʼa taʼu, kanas mana hidhaa dabalatee haala gara garaa keessatti gochuun isaan barbaachisee ture. (Mul. 2:10) Maarree ajaja Yesuus raawwachuu dandaʼaniiruu? Eeyyee dandaʼaniiru!

15-16. Namoonni tokko tokko haala rakkisaa keessatti Irbaata Gooftaa kabajuu kan dandaʼan akkamitti?

15 Kiristiyaanonni dhugaan hamma bara keenyaatti Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus kabajuuf carraaqqii gochaa turaniiru. Al tokko tokko haala rakkisaa keessatti illee, hamma isaaniif dandaʼametti sirna Irbaata Gooftaa hordofaniiru. Fakkeenya armaan gadii ilaalaa. Obboleessi keenya Haaroldi Kiingi Chaayinaa keessatti yeroo kophaa isaa hidhamee turetti, karaa itti Ayyaana Yaadannoo kabaju argachuuf carraaqqii gochuun isa barbaachisee ture. Wanta of harkaa qabutti fayyadamee iccitiidhaan maxinoo fi wayinii Ayyaana Yaadannoo qopheesse. Guyyaa Ayyaanni Yaadannoo itti kabajamus hamma isaaf dandaʼame of eeggannoodhaan shallage. Guyyaan sun yeroo gaʼu, kutaa isaa keessatti kophaa isaa faarfannaa faarfate, kadhannaa dhiheesse, akkasumas haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kenne.

16 Fakkeenyi kan biraanis jira. Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti gareen obboleettotaa tokko Irbaata Gooftaa kabajuuf lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii turan. Haa taʼu malee, wantoonni ayyaana kana irratti dhihaatan salphaa waan taʼaniif Ayyaana Yaadannoo kabajuu dandaʼaniiru. Akkas jechuudhaan gabaasaniiru: “Gabatee miilaa carqii adiin itti uwwifame tokkotti naannofnee dhaabanne. Ibsaa elektiriikii fayyadamuun wanta goonu waan mulʼisuuf dungoo qabsiifanne. . . . Humna keenya guutuudhaan maqaa isaa isa qulqulluu mirkaneessuuf waadaa Abbaa keenyaaf galle akka haaraatti irra deebine.” Kun amantii guddaa akkamiitii! Yesuusis haala rakkisaa keessatti illee Ayyaana Yaadannoo kabajuu akka dandeenyu haala mijeessuudhaan jaalala guddaa akka qabu argisiiseera.

17. Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu dandeenya taʼa?

17 Ayyaanni Yaadannoo dhihaachaa yommuu dhufu gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuun keenya barbaachisaa dha: ‘Jaalala argisiisuu irratti caalaatti fakkeenya Yesuus hordofuu kanan dandaʼu akkamitti? Wanta na barbaachisu caalaa wanta obboloota kootiif barbaachisu nan yaadaa? Wanta isaan kennuu dandaʼan caalaa obbolootaa fi obboleettota koo irraa nan eegaa ykn humna isaanii nan beekaa?’ “Miira walii” keenyaa hubachuudhaan yeroo hundumaa fakkeenya Yesuus haa hordofnu.—1 Phe. 3:8.

BARUMSA KANA SAMMUU KEESSANITTI QABADHAA

18-19. (a) Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? (b) Maal gochuuf murteessiteetta?

18 Ajajni Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos akka kabajnu kenname yeroo dheeraadhaaf itti hin fufu. Yesuus yeroo rakkina guddaatti yommuu “dhufu” “warra isaaf filataman” keessaa warra hafan gara samiitti waan walitti qabuuf, Ayyaana Yaadannoo kabajuun ni hafa.—1 Qor. 11:26; Mat. 24:31.

19 Irbaanni Yaadannoo kabajamuun isaa erga hafee booda illee, sabni Yihowaa irbaanni salphaan kun mallattoo gad of qabuu, ija jabinaa fi jaalala hamma ammaatti argisiifame hunda caaluu akka taʼe gammachuudhaan yaadachuu isaanii itti fufu. Yeroo sanatti namoonni irbaata iddoo guddaa qabu kana irratti hirmaatanii turan, namoota yeroo sanatti jiraatan fayyaduuf waaʼee irbaata kanaa dubbachuu isaanii akka itti fufan hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, ammuma iyyuu irbaata kana irraa fayyadamuuf gad of qabuu, ija jabinaa fi jaalala Yesuus argisiise hordofuuf murtoo gochuu qabna. Yoo akkas goone Yihowaa irraa badhaasa keenya akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—2 Phe. 1:10, 11.

FAARFANNAA 13 Kiristoos, Fakkeenya Keenya

^ key. 5 Yeroo muraasa booda duʼa Yesuus Kiristoos kabajuuf Irbaata Gooftaa irratti ni argamna. Irbaanni salphaan kun waaʼee gad of qabuu, ija jabinaa fi jaalala Yesuus waan hedduu nu barsiisa. Mata duree kana keessatti amalawwan Yesuus warra dinqisiisoo argisiisuu irratti fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

^ key. 2 IBSA JECHAA: Yaadachuu jechuun wanta raawwatame tokko ykn nama iddoo guddaa qabu tokko yaadachuu fi kabajuuf wanta adda taʼe tokko gochuu jechuu dha.

^ key. 56 IBSA FAKKII: Fakkii, tajaajiltoonni amanamoon gumii jaarraa jalqabaa keessa, dhuma waggoota 1880mmaniitti, mana hidhaa Naazii keessatti, akkasumas bara keenya immoo Galma Walgaʼii xinnoo naannoon isaa banaa taʼee fi biyya Kibba Ameerikaa bakka qilleensi hoʼaan jirutti argamutti Ayyaana Yaadannoo yommuu kabajan argisiisu.