Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 5

Walgaʼiiwwan Irratti Argamuun Keenya Waaʼee Keenya Maal Ibsa?

Walgaʼiiwwan Irratti Argamuun Keenya Waaʼee Keenya Maal Ibsa?

“Hanga inni dhufutti duʼa Gooftaa labsuu keessan itti fuftu.”—1 QOR. 11:26.

FAARFANNAA 18 Furichaaf Galateeffachuu

QABIYYEE *

1-2. (a) Yihowaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Irbaata Gooftaa kabajuuf walitti qabamuu isaanii yommuu argu maal ilaala? (Fakkii qoola isaa irra jiru ilaali.) (b) Mata duree kana keessatti maal qoranna?

YIHOWAAN addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Irbaata Gooftaa kabajuuf walitti qabamuu isaanii yommuu argu maaltu akka itti dhagaʼamu yaadaa. Yihowaan kan ilaalu walumatti qabaatti baayʼina namootaa qofa miti, kanaa manaa tokkoon tokkoon nama walgaʼii kana irratti argame ni ilaala. Fakkeenyaaf, namoota waggaa waggaadhaan amanamummaadhaan walgaʼii kana irratti argaman ni ilaala. Namoota kana keessaa warri ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼaa jiru ni argamu. Warri kaan immoo walgaʼiiwwan kaan irratti yeroo hunda kan hin argamne taʼanis, Ayyaana Yaadannoo kana irratti argamuun garuu baayʼee barbaachisaa akka taʼetti ilaalu. Yihowaan namoota waaʼee Ayyaana kanaa beekuuf yeroo jalqabaatiif argamanis ni ilaala.

2 Yihowaan namoonni hedduun Ayyaana kana irratti argamuu isaanii yommuu ilaalu akka gammadu beekamaa dha. (Luq. 22:19) Haa taʼu malee, Yihowaan adda durummaadhaan kan xiyyeeffatu baayʼina namoota argamanii irratti miti. Inni caalaatti kan xiyyeeffatu sababii isaan itti argaman irratti dha; walgaʼii kana irratti akka argaman wanti isaan kakaase Yihowaa biratti iddoo guddaa qaba. Mata duree kana keessatti, gaaffii barbaachisaa taʼe tokko qoranna: Ayyaana Yaadannoo waggaa waggaadhaan kabajamu qofa irratti utuu hin taʼin, walgaʼiiwwan torbanii Yihowaan warra isa jaallataniif qopheesse irratti argamuu kan qabnu maaliifi?

Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Irbaata Gooftaa irratti simatamaniiru (Keeyyata 1-2 ilaali)

GAD OF QABUUN WALGAʼII IRRATTI AKKA ARGAMNU NU KAKAASA

3-4. (a) Walgaʼiiwwan irratti kan argamnu maaliifi? (b) Walgaʼiiwwan irratti argamuun keenya waaʼee keenya maal ibsa? (c) Akka 1 Qorontos 11:23-26 irratti ibsametti, Ayyaana Yaadannoo irraa hafuu kan hin qabne maaliifi?

3 Walgaʼiiwwan gumii irratti kan argamnu adda durummaadhaan kutaa waaqeffannaa keenyaa waan taʼeefi dha. Kana malees, walgaʼii irratti kan argamnu Yihowaan achitti irratti waan nu barsiisuufi dha. Namoonni of tuultota taʼan, eenyu irraa iyyuu barachuun akka isaan hin barbaachisne isaanitti dhagaʼama. (3 Yoh. 9) Faallaa kanaatiin, nuti Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irraa barachuuf fedhii guddaa qabna.—Isa. 30:20; Yoh. 6:45.

4 Walgaʼiiwwan irratti argamuun keenya gad of qaboo akkasumas barachuuf qophaaʼoo fi fedhii kan qabnu taʼuu keenya argisiisa. Galgala Ayyaanni Yaadannoo duʼa Yesuus kabajamu irratti kan argamnu, dirqama akka taʼe waan nutti dhagaʼamuuf qofa utuu hin taʼin, ajaja Yesuus “Kana yeroo hunda yaadannoo kootiif godhaa” jechuudhaan kenne gad of qabuudhaan hojii irra akka oolchinu argisiisuufi dha. (1 Qorontos 11:23-26 dubbisi.) Walgaʼiin kun abdii keenya gara fuulduraa nuuf cimsa akkasumas jaalala guddaa Yihowaan nuuf qabu nu yaadachiisa. Haa taʼu malee, Yihowaan jajjabinni kan nu barbaachisu waggaa keessatti al tokko qofa akka hin taane ni beeka. Kanaafuu torban torbaniin walgaʼii nuuf qopheesseera, akka irratti argamnus nu gorsa. Gad of qabuun gorsa isaa kana hojii irra akka oolchinu nu kakaasa. Torban torbaniin walgaʼiidhaaf qophaaʼuu fi irratti argamuudhaaf saʼaatii hedduu dabarsina.

5. Namoonni gad of qaban afeerrii Yihowaatiif deebii kan kennan maaliifi?

5 Waggaa waggaadhaan namoonni gad of qaboo taʼan hedduun afeerrii Yihowaan akka isa irra baratan isaaniif dhiheesse ni fudhatu. (Isa. 50:4) Ayyaana Yaadannoo irratti gammachuudhaan ni argamu, akkasumas walgaʼiiwwan kaan irratti argamuu jalqabu. (Zak. 8:20-23) Yihowaan inni “gargaaraa [keenya], furee [keenyas]” taʼe namoota kana wajjin nu barsiisuu fi qajeelfama nuu kennuu isaatti ni gammadna. (Far. 40:17) Dhugaa dubbachuuf Yihowaa fi Ilmi isaa Yesuus, inni abbaan isaa guddaa isa jaallatu akka isaan irraa barannu afeerrii nuuf dhiheessan fudhachuu caalaa wanti nama gammachiisu jiraa?—Mat. 17:5; 18:20; 28:20.

6. Gad of qabuun, namni tokko Ayyaana Yaadannoo irratti akka argamu kan isa gargaare akkamitti?

6 Waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus irratti akka argaman hamma nuuf dandaʼame namoota hedduu afeeruuf carraaqqii goona. Namoonni gad of qaban hedduun afeerrii nuti isaaniif dhiheessine fudhachuudhaan fayyadamaniiru. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Waggoota hedduu dura namni tokko waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannoo kan fudhate taʼus, walgaʼii kana irratti argamuu akka hin dandeenye obboleessa isa afeeretti hime. Haa taʼu malee, obboleessi kun galgala Ayyaana Yaadannootti namichi sun gara Galma Walgaʼiitti yommuu seenu arguun isaa baayʼee isa dinqisiise. Namichi kun simannaa isaaf godhame baayʼee waan dinqisiifateef, walgaʼii torbanii irratti argamuu jalqabe. Dhugaa dubbachuuf waggaa itti aanu hundumaatti walgaʼii irraa kan hafe al sadii qofa ture. Walgaʼiiwwan kana hunda irratti akka hirmaatu maaltu isa gargaare? Yaada isaa jijjiiruuf nama gad of qabu ture. Obboleessi isa afeeree ture yeroo booda, “Inni nama baayʼee gad of qabu dha” jedheera. Namni kun amma obboleessa cuuphame waan taʼeef, akka Isa waaqeffatu Yihowaan gara ofii isaatti isa harkisee akka ture hin shakkisiisu.—2 Sam. 22:28; Yoh. 6:44.

7. Wantoonni walgaʼiiwwan irratti barannuu fi Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisnu gad of qaboo taʼuuf kan nu gargaaran akkamitti?

7 Wanti walgaʼiiwwan irratti barannuu fi wanti Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisnu gad of qaboo taʼuuf nu gargaaruu dandaʼa. Torban Ayyaana Yaadannoo dura jiranitti, walgaʼiiwwan keenya yeroo baayʼee fakkeenya Yesuusii fi amala gad of qabuu isa lubbuu isaa furii godhee akka kennu isa kakaase irratti xiyyeeffatu. Kana malees, guyyoota Ayyaana Yaadannoo dura jiranitti, seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee duʼaa fi duʼaa kaʼuu Yesuus ibsan akka dubbisnu jajjabeeffamna. Wantoonni walgaʼiiwwan kana irratti barannuu fi seenaawwan Kitaaba Qulqulluu kana irraa dubbisnu aarsaa Yesuus nuuf kaffaleef dinqisiifannaa qabnu nuuf guddisu. Yeroo ulfaataa taʼutti illee, fakkeenya inni gad of qabuudhaan kaaʼe hordofuu fi fedhii Yihowaa raawwachuuf ni kakaana.—Luq. 22:41, 42.

IJA JABINNI WALGAʼII IRRATTI ARGAMUUF NU GARGAARA

8. Yesuus ija jabina kan argisiise akkamitti ture?

8 Ija jabina argisiisuu irrattis fakkeenya Yesuus hordofuuf yaalii goona. Mee ija jabina Yesuus guyyoota duʼuu isaa dura turanitti argisiise yaadaa. Diinonni isaa yeroo muraasa booda akka isa qaanessan, isa reebanii fi isa ajjeesan guutummaatti ni beeka ture. (Mat. 20:17-19) Taʼus, fedhiidhaan duʼa dandamateera. Yeroon isaa yommuu gaʼu, ergamoota isaa amanamoo Getesemaanee keessatti isaa wajjin turaniin, “Kaʼaa, haa deemnu. Kunoo, inni dabarsee na kennu dhihaateera” jedheera. (Mat. 26:36, 46) Kana malees, yeroo namoonni meeshaa waraanaa hidhatan sun isa qabuuf dhufanitti, gara fuulduraatti baʼuudhaan kan of beeksise siʼa taʼu, loltoonni sun ergamoota isaa akka dhiisan isaan ajajeera. (Yoh. 18:3-8) Ija jabinni Yesuus argisiise adda ture! Kiristiyaanonni dibamoonis taʼan hoolonni kan biraan yeroo harʼaa jiran ija jabina argisiisuu irratti fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii godhu. Akkamitti?

Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuuf ija jabinni ati argisiistu warra kaan ni cimsa (Keeyyata 9 ilaali) *

9. (a) Yeroo hundumaa walgaʼii irratti argamuuf ija jabinni nu barbaachisuu kan dandaʼu maaliifi? (b) Fakkeenyi keenya obboloota sababii amantii isaaniitiin hidhaman jajjabeessuu kan dandaʼu akkamitti?

9 Haalli rakkisaan yommuu nu mudatutti illee, walgaʼiiwwan irratti yeroo hundumaa argamuuf, ija jabina argisiisuun nu barbaachisuu dandaʼa. Obboloonnii fi obboleettonni keenya tokko tokko gadda guddaa keessa kan jiran, abdii kan kutatan ykn rakkina fayyaa kan qaban taʼanis walgaʼiiwwan irratti ni argamu. Warri kaan immoo miseensota maatii isaanii ykn abbootii taayitaa mootummaa irraa mormii cimaan kan isaan irra gaʼu taʼus, ija jabinaan walgaʼiiwwan irratti ni argamu. Mee fakkeenyi keenya obboloota keenya mana hidhaa keessa jiran akkamitti akka jajjabeessu yeroo muraasaaf yaadaa. (Ibr. 13:3) Qorumsi kan nu irra gaʼu taʼus, Yihowaa tajaajiluu keenya akka itti fufne yommuu dhagaʼan, amantii, ija jabinaa fi amanamummaa isaanii eeganii itti fufuuf cimina argatu. Phaawulos ergamaanis muuxannoon kanaa wajjin wal fakkaatu isa mudatee ture. Roomaa keessatti mana hidhaa keessa yeroo ture, obboloonni isaa amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa akka jiran dhagaʼuun isaa isa jajjabeesseera. (Filp. 1:3-5, 12-14) Phaawulos xalayaa isaa warra Ibrootaatiif kan barreesse hiikamuu isaa yeroo muraasa dura ykn akkuma hiikameen ture. Xalayaa kana irratti Kiristiyaanonni amanamoo taʼan, ‘akka obbolootaatti wal jaallachuu isaanii akka itti fufan’ akkasumas walitti qabamuu isaanii matumaa akka hin dhiisne isaan gorseera.—Ibr. 10:24, 25; 13:1.

10-11. (a) Ayyaana Yaadannoo irratti akka argaman eenyuunfaa afeeruu qabna? (b) Efesoon 1:7 sababii itti kana gochuu qabnu kan ibsu akkamitti?

10 Firoota keenya, namoota waliin hojjennuu fi ollaawwan keenya Ayyaana Yaadannoo irratti akka argaman yommuu afeerru ija jabina argisiisna. Namoota akkasii kan afeerru maaliifi? Wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf raawwataniif galateeffannaa guddaa waan qabnuuf, warra kaan Ayyaana Yaadannoo irratti akka argaman afeeruu irraa duubatti hin jennu. Namoonni kunis ‘gaarummaa guddaa’ Yihowaan karaa furii nutti argisiise irraa faayidaa akkamitti akka argatan akka baratan barbaanna.—Efesoon 1:7 dubbisi; Mul. 22:17.

11 Walitti qabamuudhaan ija jabina argisiisuun keenya, amala barbaachisaa kan biraa, Waaqayyoo fi Ilmi isaa karaa adda taʼeen argisiisan akka qabnus ni argisiisa.

JAALALLI WALGAʼII IRRATTI AKKA ARGAMNU NU DIRQISIISA

12. (a) Walgaʼiiwwan keenya jaalala Yihowaa fi Yesuusiif qabnu kan nuuf cimsan akkamitti? (b) 2 Qorontos 5:14, 15 fakkeenya Yesuus hordofuudhaan maal akka goonu nu jajjabeessa?

12 Jaalalli Yihowaa fi Yesuusiif qabnu walgaʼiiwwan irratti akka argamnu nu dirqisiisa. Wanti walgaʼiiwwan irratti barannus, jaalala Yihowaa fi Ilma isaatiif qabnu nuuf guddisa. Walgaʼiiwwan irratti yeroo hundumaa wanta isaan nuuf godhan yaadachiifamna. (Rom. 5:8) Keessumaa Ayyaanni Yaadannoo, warra furii hin dinqisiifannee illee dabalatee jaalalli isaan nuuf qaban hangam guddaa akka taʼe nu yaadachiisa. Galateeffannaa guddaa waan qabnuuf, akkaataa guyyaa guyyaadhaan itti jiraannu irratti fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii goona. (2 Qorontos 5:14, 15 dubbisi.) Kana malees, Yihowaan furii nuuf qopheessuu isaatiif akka isa jajannu garaan keenya nu kakaasa. Karaan itti isa jajannu inni tokko walgaʼiiwwan keenya irratti yaada garaadhaa madde kennuu dha.

13. Jaalalli Yihowaa fi Ilma isaatiif qabnu cimaa taʼuu isaa akkamitti argisiisuu dandeenya? Ibsi.

13 Wanta qabnu kam iyyuu isaaniif kennuuf fedhii qabaachuudhaan jaalalli Yihowaa fi Ilma isaatiif qabnu hangam cimaa akka taʼe argisiisuu dandeenya. Yeroo baayʼee walgaʼiiwwan irratti argamuuf aarsaa adda addaa gochuu qabna. Gumiiwwan hedduun walgaʼii kan godhan guyyaa hojii galgala yeroo nuti baayʼee dadhabnutti taʼuu dandaʼa. Walgaʼii kan biraan immoo dhuma torbanii yeroo namoonni kaan boqonnaa fudhatanitti godhama. Dadhabbii kan qabnu taʼus walgaʼiiwwan irratti yommuu argamnu Yihowaan ni ilaalaa? Eeyyee ni ilaala! Dhugaa dubbachuuf, Yihowaan jaalala nutti isaaf qabnu caalaatti kan dinqisiifatu yeroo carraaqqii cimaa goonutti dha.—Mar. 12:41-44.

14. Yesuus jaalala fedhii ofii aarsaa godhu argisiisuu irratti fakkeenya kan kaaʼe akkamitti?

14 Yesuus jaalala fedhii ofii aarsaa godhu argisiisuu irratti fakkeenya nuuf kaaʼeera. Barattoota isaatiif duʼuuf fedhii qabaachuu qofa utuu hin taʼin, guyyaa guyyaadhaan karaa fedhii ofii isaa utuu hin taʼin fedhii isaanii akka dursu argisiisuun jiraateera. Fakkeenyaaf, yeroo karaa qaamaa dadhabu ykn karaa miiraa dhiphatutti illee duuka buutota isaa wajjin yeroo ni dabarsa ture. (Luq. 22:39-46) Kana malees, wanta warra kaan irraa argachuu dandaʼu irratti utuu hin taʼin, wanta warra kaaniif kennu dandaʼu irratti xiyyeeffateera. (Mat. 20:28) Jaalalli Yihowaa fi obboloota keenyaaf qabnu akkuma kan isaa yommuu cimu, Irbaata Gooftaa fi walgaʼiiwwan gumii kaan hunda irratti argamuuf waan nuuf dandaʼame hunda ni goona.

15. Keessumaa eenyuunfaa gargaaruu irratti xiyyeeffanna?

15 Obbolummaa Kiristiyaanaa dhugaa isa tokkicha taʼe keessa kan jirru taʼuu isaa irra iyyuu, namoonni haaraan akka nutti dabalaman afeeruu irratti yeroo hedduu dabarsuun nu gammachiisa. Haa taʼu malee, keessumaa “warra amantiidhaan nutti firoomanii” fi karaa hafuuraa qabbanaaʼan gargaaruu irratti ni xiyyeeffanna. (Gal. 6:10) Walgaʼiiwwan keenya, keessumaa immoo Ayyaana Yaadannoo irratti akka argaman isaan jajjabeessuudhaan jaalala akka isaaniif qabnu ni argisiisna. Akkuma Yihowaa fi Yesuus yeroo namni qabbanaaʼe tokko gara Yihowaa isa Abbaa fi Tiksee keenya jaalala qabeessa taʼetti deebiʼu ni gammadna.—Mat. 18:14.

16. (a) Wal jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? Walgaʼiiwwan keenya maal nuuf raawwatu? (b) Kun wanta Yesuus Yohaannis 3:16 irratti dubbate yaadachuuf waggaa keessaa yeroo gaarii kan taʼe maaliifi?

16 Torban itti aananii jiranitti Ayyaana Yaadannoo Jimaata galgala Ebla 11, 2011 (Ebla 19, 2019) kabajamu irratti akka argaman hamma isiniif dandaʼame namoota hedduu afeeraa. (Saanduqa “ Isaan ni Afeertaa?” jedhu ilaali.) Waggaa dhufu hundatti walgaʼiiwwan Yihowaan nuuf qopheesse hundumaa irratti yeroo hunda argamuudhaan wal jajjabeessuu keenya itti haa fufnu. Dhumni sirna kanaa dhihaachaa yommuu jiru kanatti, walgaʼiiwwan keenya gad of qaboo, ija jabeeyyii fi jaalala qabeeyyii taanee akka itti fufnu nu gargaaru. (1 Tas. 5:8-11) Yihowaa fi Ilmi isaa baayʼee nu jaallachuu isaaniitiif maaltu akka nutti dhagaʼamu garaa keenya guutuudhaan argisiisuu keenya itti haa fufnu!—Yohaannis 3:16 dubbisi.

FAARFANNAA 126 Dammaqi, Jabaadhu, Cimi!

^ key. 5 Ayyaanni Yaadannoo duʼa Kiristoos Ebla 11, 2011 (Ebla 19, 2019) Jimaata galgala kabajamu, walgaʼiiwwan waggaa keessatti godhaman hunda caalaa iddoo guddaa qaba. Walgaʼii kana irratti akka argamnu maaltu nu kakaasa? Yihowaa gammachiisuuf barbaaduu keenya akka taʼe beekamaa dha. Mata duree kana keessatti Ayyaana Yaadannoo irrattis taʼe walgaʼiiwwan torbanii irratti argamuun keenya waaʼee keenya maal akka ibsu qoranna.

^ key. 52 IBSA FAKKII: Obboleessi sababii amantii isaatiif hidhamee jiru tokko xalayaa manaa isaaf ergame irraa jajjabina argachaa jira. Akka hin irraanfatamne beekuu isaatiin kan kaʼe akkasumas naannoo isaaniitti jeequmsi kan jiru taʼus, maatiin isaa Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachaa akka jiran waan dhagaʼeef baayʼee gammadeera.