Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 4

Ayyaana Yaadannoo Irratti kan Argamnu Maaliifi?

Ayyaana Yaadannoo Irratti kan Argamnu Maaliifi?

“Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa.”—LUQ. 22:19.

FAARFANNAA 20 Ilma Kee Jaallatamaa Nuu Laatte

QABIYYEE *

1-2. (a) Waaʼee nama duʼaan dhabnee kan yaannu keessumaa yeroo akkamiitti? (b) Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti maal hundeesse?

 NAMOONNI jaallannu kan duʼan yeroo dheeraa dura taʼus, amma iyyuu isaan yaadanna. Keessumaa guyyaan itti duʼan yeroo gaʼu waaʼee isaanii wanta baayʼeetu gara sammuu keenyaatti dhufa.

2 Waggaa waggaadhaan, addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼamnu duʼa nama baayʼee jaallannuu, jechuunis duʼa Yesuus Kiristoos kabajuuf walitti qabamna. (1 Phe. 1:8) Kana kan goonu Yesuus isa cubbuu fi duʼa jalaa bilisa nu baasuuf jecha lubbuu isaa furii godhee kenne yaadachuufi. (Mat. 20:28) Yesuus iyyuu duuka buutonni isaa duʼa isaa akka yaadatan barbaada. Galgala duʼuu isaa dura turetti irbaata addaa kan qopheesse yeroo taʼu, “Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa” jedhee ajajeera.—Luq. 22:19.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Namoota Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos irratti argaman keessaa muraasni isaanii abdii samii irra jiraachuu qabu. Namoonni abdii lafa irra jiraachuu qabanii fi miliyoonaan lakkaaʼamanis ayyaanicha irratti ni argamu. Mata duree kana keessatti, sababiiwwan gareewwan lamaanuu waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoo irratti argamuu itti barbaadan ilaalla. Ayyaana kana irratti argamuun keenya kan nu fayyadu akkamitti akka taʼes ni ilaalla. Mee jalqaba sababiiwwan dibamtoonni ayyaana kana irratti itti argaman muraasa haa ilaallu.

DIBAMTOONNI AYYAANICHA IRRATTI KAN ARGAMAN MAALIIFI?

4. Dibamtoonni maxinoo fi waynii Ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatu irraa kan hirmaatan maaliifi?

4 Waggaa waggaadhaan, dibamtoonni Ayyaana Yaadannoo irratti argaman maxinoo fi waynii dhihaatu irraa ni hirmaatu. Hirmaachuun isaanii sirrii kan taʼe maaliifi? Deebii gaaffii kanaa beekuuf, wanta galgala dhumaa Yesuus lafa irratti dabarsetti raawwatame haa ilaallu. Yesuus Ayyaana Faasikaa erga kabajanii booda, ayyaana yeroo booda Irbaata Gooftaa jedhamee beekame hundeesse. Maxinoo fi waynii ergamoota isaa amanamoo 11f erga kennee booda akka nyaatanii fi akka dhugan isaanitti hime. Achiis Yesuus waaʼee kakuuwwan ykn walii galteewwan lamaa isaanitti hime; isaanis, kakuu haaraa fi kakuu Mootummichaa ti. * (Luq. 22:19, 20, 28-30) Kakuuwwan kun ergamoonni sunii fi namoonni lakkoofsi isaanii daangeffame kan biroon samii keessatti moototaa fi luboota akka taʼan karaa baneera. (Mul. 5:10; 14:1) Maxinoo fi waynii Ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatu irraa hirmaachuu kan dandaʼan dibamtoota hafan * warra kakuu lamaan kana keessatti hammataman qofa dha.

5. Dibamtoonni waaʼee abdii isaanii maal beeku?

5 Sababiin dibamtoonni Ayyaana Yaadannoo irratti argamuuf itti hawwan kan biraan immoo, qophiin kun carraa abdii isaanii irratti itti xiinxalan waan isaaniif banuufi. Yihowaan abdii dinqisiisaa isaaniif kenneera; samii keessatti jireenya hin duunee fi hin tortorre argatu, akkasumas Yesuus Kiristoos isa duʼaa kaafamee fi dibamtoota kaanii wajjin tajaajilu; hunda caalaa immoo, fuula Waaqa keenya Yihowaa duratti dhihaatu! (1 Qor. 15:51-53; 1 Yoh. 3:2) Dibamtoonni kan filataman samii irratti mirgawwan kana argachuuf akka taʼe beeku. Gara samii dhaquuf garuu hamma duʼanitti amanamoo taʼuu qabu. (2 Xim. 4:7, 8) Dibamtoonni waaʼee abdii isaanii yaaduun baayʼee isaan gammachiisa. (Tit. 2:13) ‘Hoolonni kan biroon’ hoo Ayyaana Yaadannoo irratti kan argaman maaliifi?—Yoh. 10:16.

HOOLONNI KAN BIROON AYYAANICHA IRRATTI KAN ARGAMAN MAALIIFI?

6. Hoolonni kan biroon waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoo irratti kan argaman maaliifi?

6 Hoolonni kan biroon maxinoo fi waynii irraa kan hin hirmaanne taʼus, Ayyaana Yaadannoo irratti argamuun isaan gammachiisa. Warri lafa irra jiraachuuf abdii qaban Ayyaana Yaadannoo irratti akka argaman yeroo jalqabaatiif kan affeeraman bara 1938⁠tti ture. Masaraan Eegumsaa Bitootessa 1, 1938 akkana jedheera: “[Hoolonni kan biroon] walgaʼii akkasii irratti argamanii wanta raawwatamu ilaaluun isaanii wanta sirrii taʼe dha. . . . Isaanis ayyaanicha irratti argamuu qabu; yeroon kun isaaniifis yeroo gammachiisaa dha.” Akkuma keessummoonni affeeraman cidha gaaʼelaa tokko irratti argamuun isaan gammachiisu, hoolonni kan biroonis Ayyaana Yaadannoo irratti argamuun isaan gammachiisa.

7. Hoolonni kan biroon haasaa Ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatu dhagaʼuuf kan hawwan maaliifi?

7 Hoolonni kan biroonis abdii isaanii irratti ni xiinxalu. Haasaa Ayyaana Yaadannoo isa wanta Kiristoosii fi namoonni 144,000 isaa wajjin bulchan Waggaa Bulchiinsa Barkumee keessatti namoota amanamoodhaaf godhan irratti xiyyeeffatu dhaggeeffachuuf hawwu. Bulchitoonni samii kun qajeelfama Mootiin isaanii Yesuus Kiristoos isaaniif kennuun lafa gara jannataatti jijjiiruu irratti, akkasumas ilmaan namootaa ajajamoo taʼan mudaa irraa bilisa akka taʼan gochuu irratti gargaarsa godhu. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi Ayyaana Yaadannoo irratti argaman, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kanneen akka Isaayyaas 35:5, 6; 65:21-23 fi Mulʼata 21:3, 4 jiran yeroo raawwataman yaadaan ilaaluun baayʼee isaan gammachiisa. Namoota jaallatanii wajjin addunyaa haaraa keessa yeroo jiraatan yaadaan ilaaluudhaan, abdii isaanii fi murtoo Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufuuf godhan jabeeffatu.—Mat. 24:13; Gal. 6:9.

8. Sababiin hoolonni kan biroon Ayyaana Yaadannoo irratti itti argaman kan biraan maali dha?

8 Mee sababii hoolonni kan biroon Ayyaana Yaadannoo irratti itti argaman kan biraa haa ilaallu. Hoolonni kan biroon dibamtoota akka jaallatanii fi akka deggeran argisiisuu barbaadu. Dubbiin Waaqayyoo dibamtootaa fi warra abdii lafa irra jiraachuu qaban gidduu walitti dhufeenyi cimaan akka jiraatu raajii dubbateera. Akkas kan jennu maaliifi? Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

9. Raajiin Zakkaariyaas 8:23 irratti argamu miira hoolonni kan biroon dibamtootaaf qaban kan ibsu akkamitti?

9 Zakkaariyaas 8:23 dubbisi. Raajiin kun miira hoolonni kan biroon obboloota isaanii dibamtoota taʼaniif qaban karaa baayʼee namatti toluun ibsa. Ibsawwan “Yihudii tokkoo” fi “isin” jedhan dibamtoota hafan argisiisu. (Rom. 2:28, 29) “Namoonni qooqawwan sabootaa hundumaa keessaa dhufan kudhan” immoo hoolota kan biroo argisiisu. Waaqeffannaa qulqulluu irratti isaanii wajjin hirmaachuudhaan dibamtoota “cimsanii qabatanii” jiru, jechuunis amanamummaadhaan isaanitti dhihaatanii jiraatu. Kanaafuu, hoolonni kan biroon dibamtootaa wajjin Ayyaana Yaadannoo irratti argamuun isaanii baayʼee akka isaanitti dhihaatan argisiisa.

10. Yihowaan raajiin Hisqiʼel 37:15-19, 24, 25 irratti argamu akka raawwatamu gochuuf maal godhe?

10 Hisqiʼel 37:15-19, 24, 25 dubbisi. Yihowaan raajiin kun akka raawwatamu gochuudhaan, dibamtoonnii fi hoolonni kan biroon tokkummaa cimaa baduu hin dandeenye akka qabaatan godheera. Raajiin kun waaʼee uleewwan lamaa dubbata. Warri samii irra jiraachuuf abdii qaban akkuma ulee ‘Yihudaadhaaf’ jedhamee irratti barreeffamee ti (gosti Yihudaa gosa mootonni Israaʼel keessaa filatamani dha); namoonni lafa irra jiraachuuf abdii qaban immoo akkuma ulee “Efreem” jedhamee irratti barreeffamee ti. * Yihowaan gareewwan lamaan kun akkuma ‘ulee tokkoo’ akka taʼaniif tokkummaa akka qabaatan godheera. Kana jechuun, Mootii isaanii Kiristoos Yesuus jalatti tokkummaadhaan tajaajilu jechuu dha. Waggaa waggaadhaan dibamtoonnii fi hoolonni kan biroon yeroo Ayyaana Yaadannoo irratti argaman garee garaa garaa lama utuu hin taʼin, ‘tiksee tokko’ jalatti “tuuta tokko” taʼu.—Yoh. 10:16.

11. ‘Hoolonni’ Maatewos 25:31-36, 40 irratti ibsaman obboloota Kiristoos adda durummaadhaan kan deggeran akkamitti?

11 Maatewos 25:31-36, 40 dubbisi. ‘Hoolonni’ fakkeenya kana irratti ibsaman qajeelota bara dhumaatti argamanii fi abdii lafa irra jiraachuu qaban, jechuunis hoolota kan biroo argisiisu. Hoolonni kan biroon obboloota Kiristoos lafa irratti hafan amanamummaadhaan deggeru; adda durummaadhaan kana kan godhan itti gaafatamummaa isaanii isa guddaa, jechuunis hojii lallabuu fi barattoota gochuu addunyaa maratti raawwatamaa jiru irratti isaan gargaaruudhaani.—Mat. 24:14; 28:19, 20.

12-13. Karaawwan dabalataa hoolonni kan biroon obboloota Kiristoos akka deggeran itti argisiisan kam faʼi?

12 Hoolonni kan biroon waggaa waggaadhaan torbeewwan muraasa Ayyaana Yaadannoo dura jiranitti duula addunyaa maratti namoonni fedhii qaban ayyaanicha irratti akka argaman affeeruuf geggeeffamu irratti hirmaannaa guutuu gochuudhaan obboloota Kiristoos deggeru. (Saanduqa, “ Tibba Ayyaana Yaadannootti Maal Gochuuf Karoorfatteetta?jedhu ilaali.) Gumiiwwan hedduu keessa dibamtoonni kan hin jirre taʼus, gumiiwwan addunyaa maratti argaman hundumaa keessatti Ayyaana Yaadannoo kabajuun akka dandaʼamuuf qophii barbaachisu hundumaa gochuu irrattis gargaarsa ni godhu. Hoolonni kan biroon karaawwan kanaan obboloota Kiristoos deggeruun baayʼee isaan gammachiisa. Hoolonni kun Yesuus wanta isaan obboloota isaa dibamaniif godhan akkuma isaaf godhanitti akka ilaalu beeku.—Mat. 25:37-40.

13 Abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa irra jiraachuu hundi keenya iyyuu Ayyaana Yaadannoo irratti argamuuf sababiiwwan dabalataa akkamii qabna?

HUNDI KEENYA IYYUU AYYAANICHA IRRATTI KAN ARGAMNU MAALIIFI?

14. Yihowaa fi Yesuus jaalala guddaa kan nutti argisiisan akkamitti?

14 Yihowaa fi Yesuus jaalala waan nutti argisiisaniif baayʼee isaan galateeffanna. Yihowaan karaawwan hedduudhaan jaalala kan nutti argisiise yeroo taʼu, karaan inni tokko garuu hundumaa irra kan caalu dha. Waaqni keenya Ilmi isaa nuuf jecha akka dhiphatuu fi akka duʼuuf gara lafaatti erguudhaan jaalala guddaa nutti argisiiseera. (Yoh. 3:16) Yesuusis nuuf jecha fedhiidhaan lubbuu isaa kennuudhaan jaalala guddaa nutti argisiiseera. (Yoh. 15:13) Jaalala Yihowaa fi Yesuus nutti argisiisaniif matumaa wanta wal gitu gochuu hin dandeenyu. Taʼus, jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti akka isaan galateeffannu argisiisuu dandeenya. (Qol. 3:15) Kana malees, jaalala isaan nutti argisiisan yaadachuuf, akkasumas jaalala nuti isaaniif qabnu argisiisuuf Ayyaana Yaadannoo irratti ni argamna.

15. Dibamtoonnis taʼan hoolonni kan biroon qophii furichaatiif iddoo guddaa kan kennan maaliifi?

15 Furichaaf iddoo guddaa kennina. (Mat. 20:28) Dibamtoonni abdiin isaanii inni dinqisiisaan akka raawwatamu waan godhuuf, furichaaf iddoo guddaa kennu. Aarsaa Kiristoos irratti amantii waan qabaniif, Yihowaan qajeelota akka taʼanitti isaan ilaala, ijoollee isaa godhees isaan fudhateera. (Rom. 5:1; 8:15-17, 23) Hoolonni kan biroonis qophii furichaatiif baayʼee galateeffatu. Dhiiga Kiristoos irratti amantii waan qabaniif, Yihowaa duratti ejjennoo qulqulluu qabaachuu, tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessuu, akkasumas abdii “rakkina guddaa” dhiheenyatti dhufu jalaa ooluu qabaachuu dandaʼaniiru. (Mul. 7:13-15) Karaan dibamtoonnis taʼan hoolonni kan biroon qophii furichaatiif akka galateeffatan itti argisiisan inni tokko waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoo irratti argamuu dha.

16. Sababiin Ayyaana Yaadannoo irratti itti argamnu kan biraan maali dha?

16 Sababiin Ayyaana Yaadannoo irratti itti argamnu kan biraan immoo, Yesuusiif ajajamuu waan barbaannuufi. Abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa irra jiraachuu, ajaja Yesuus galgala Ayyaana Yaadannoo hundeessetti kenneef ajajamuu barbaanna; Yesuus, “Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa” jedheera.—1 Qor. 11:23, 24.

HUNDI KEENYA IYYUU AYYAANICHA IRRATTI ARGAMUUN KEENYA KAN NU FAYYADU AKKAMITTI?

17. Ayyaanni Yaadannoo Yihowaatti dhihaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

17 Yihowaatti dhihaanna. (Yaq. 4:8) Akkuma olitti ilaalle, Ayyaana Yaadannoo irratti argamuun keenya abdii Yihowaan nuuf kennee irrattii fi jaalala guddaa inni nutti argisiise irratti xiinxaluuf carraa nuuf bana. (Er. 29:11; 1 Yoh. 4:8-10) Abdii keenya isa amansiisaa taʼe irrattii fi jaalala Waaqayyoo isa hin banne irratti yeroo xiinxallu, jaalalli Yihowaadhaaf qabnuu fi michummaan isaa wajjin qabnu cimaa deema.—Rom. 8:38, 39.

18. Seenaa waaʼee Yesuus ibsu irratti xiinxaluun keenya maal gochuuf nu kakaasa?

18 Fakkeenya Yesuus hordofuuf kakaana. (1 Phe. 2:21) Guyyoota Ayyaana Yaadannoo dura jiranitti, seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee torban dhumaa Yesuus lafa irratti dabarsee, waaʼee duʼa isaa fi duʼaa kaʼuu isaa ibsan dubbisna. Ayyaanicha irratti immoo, haasaan jaalala Yesuus nutti argisiise nu yaadachiisu nuuf dhihaata. (Efe. 5:2; 1 Yoh. 3:16) Seenaawwan Yesuus fedhii isaa aarsaa akka godhe ibsan yeroo dubbisnee irratti xiinxallu, “akka inni deddeebiʼetti deddeebiʼuuf” dirqamni akka nu irra jiru nutti dhagaʼama.—1 Yoh. 2:6.

19. Jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuu keenya itti fufuuf nu kakaasa. (Yih. 20, 21) Waaqayyoof ajajamuuf wanta dandeenyu hundumaa gochuudhaan, maqaa isaa qulqulleessuudhaan, akkasumas garaa isaa gammachiisuudhaan jaalala isaa keessa jiraachuu keenya itti fufuu dandeenya. (Fak. 27:11; Mat. 6:9; 1 Yoh. 5:3) Ayyaana Yaadannoo irratti argamuun keenya guyyaa guyyaadhaan karaa Yihowaan barbaaduun jiraachuudhaan, ‘Jaalala kee keessa bara baraaf jiraachuu nan barbaada!’ isaan jechuuf nu kakaasa.

20. Ayyaana Yaadannoo irratti argamuuf sababiiwwan quubsaa akkamii qabna?

20 Abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa irra jiraachuu, sababiiwwan quubsaa Ayyaana Yaadannoo irratti itti argamnu qabna. Waggaa waggaadhaan guyyaa sanatti yeroo walitti qabamnu, duʼa nama baayʼee jaallannu tokkoo, jechuunis duʼa Yesuus Kiristoos yaadanna. Hunda caalaa immoo, jaalala guddaa Yihowaan Ilma isaa furii godhee kennuudhaan nutti argisiise yaadanna. Waggaa kanatti Ayyaanni Yaadannoo kan kabajamu Jimaata, Ebla 15, 2022⁠tti dha. Yihowaa fi Ilmi isaa baayʼee waan nu jaallataniif, guyyaa yaadannoo duʼa Yesuusitti wanti ayyaanicha irratti argamuu caalaa barbaachisaa taʼe hin jiraatu.

FAARFANNAA 16 Ilma Isaa Dibameef Yaahiin Jajadhaa

^ Abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa jannata taatu irra jiraachuu waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoo irratti argamuuf ni hawwina. Mata duree kana keessatti, sababiiwwan quubsaa ayyaana kana irratti itti argamnu ilaalla; ayyaanicha irratti argamuun keenya kan nu fayyadu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

^ Kakuu haaraa fi kakuu Mootummichaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree, “‘Mootummaa Lubootaa’ Ni Taatu” jedhu isa maxxansa Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2014 ful. 15-17 irratti baʼe ilaali.

^ IBSA JECHAA: Yaanni dibamtoota hafan jedhu Kiristiyaanota dibamoo lafa irra jiran argisiisa.

^ Raajii Hisqiʼel boqonnaa 37 irratti argamuu fi waaʼee uleewwan lamaa dubbatu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse! jedhamu ful. 130-135, key. 3-17 ilaali.