Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 1

‘Warri Yihowaa Barbaaddatan Wanti Gaariin Tokko Illee Isaanitti hin Hirʼatu’

‘Warri Yihowaa Barbaaddatan Wanti Gaariin Tokko Illee Isaanitti hin Hirʼatu’

CAQASA WAGGAA BARA 2022: Warri Yihowaa barbaaddatan wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu.’—FAR. 34:10.

FAARFANNAA 4 “Yihowaan Tiksee Koo Ti”

QABIYYEE *

Daawit yeroo rakkisaa keessatti illee ‘wanti gaariin tokko illee akka isatti hin hirʼanne’ itti dhagaʼameera (Keeyyata 1-3 ilaali) *

1. Daawit haala rakkisaa akkamii keessa ture?

 DAAWIT lubbuu isaa oolfachuuf baqachaa jira. Saaʼol inni mootii Israaʼel taʼe isa ajjeesuuf kutatee kaʼeera. Daawit nyaata waan barbaadeef utuma baqachaa jiruu magaalaa Noobitti goree daabboo shan qofa akka isaaf kennan gaafate. (1 Sam. 21:1, 3) Boodas, innii fi namoonni isaa holqa tokko keessa dhokatan. (1 Sam. 22:1) Daawit haala kana keessa kan gale akkamitti?

2. Saaʼol balaa keessa kan of galche akkamitti? (1 Saamuʼel 23:16, 17)

2 Saaʼol beekamtii fi injifannoo Daawit waraana irratti argatetti baayʼee hinaafee ture. Kana malees, Saaʼol ajajamuu waan dideef, Yihowaan inni mootii Israaʼel taʼee akka itti fufu akka hin barbaannee fi mootii akka taʼuuf Daawitiin akka filate beeka. (1 Saamuʼel 23:16, 17 dubbisi.) Taʼus, Saaʼol mootii Israaʼel waan tureef, raayyaa waraanaa guddaa fi deggertoota hedduu qaba ture; kanaafuu, Daawit lubbuu isaa oolfachuuf baqachuun isa barbaachiseera. Garuu Saaʼol kaayyoo Waaqayyo Daawitiif qabu fashaleessuu akka dandaʼutti yaadee turee? (Isa. 55:11) Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa wanta dubbatu hin qabu; taʼus, Saaʼol balaa keessa of galchee akka ture ifatti hubanna. Warri Waaqayyoon morman yoom iyyuu isaaniif hin milkaaʼu!

3. Daawit haala rakkisaa keessa jiraatus miira akkamii qaba ture?

3 Daawit nama of tuulu hin turre. Mootii Israaʼel akka taʼuuf kan muudame filannaa isaatiin miti. Yihowaatu isa filate. (1 Sam. 16:1, 12, 13) Saaʼol garuu Daawitiin akka diina isaatti ilaaluu jalqabe. Taʼus, Daawit balaa isa irra gaʼeef Yihowaa hin komanne; nyaata gaʼaa dhabuu isaattis taʼe holqa keessa jiraachuu isaatti hin gungumne. Faallaa kanaatiin, faarfannaa jajannaa gaarii taʼe kan barreesse yeroo holqa sana keessa turetti taʼuu hin oolu; faarfannaan kun caqasa ijoo keenyaa isa, ‘Warri Yihowaa barbaaddatan wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu’ jedhu kan dabalatu dha.—Far. 34:10.

4. Gaaffiiwwan kamfaa qorra? Barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

4 Yeroo harʼaatti tajaajiltoonni Yihowaa hedduun yeroo tokko tokko nyaatas taʼe wantoota jireenyaaf barbaachisan kaan argachuun isaan rakkisa. * Kun keessumaa yeroo weerarri dhibee jirutti ifatti mulʼateera. Yeroo “rakkinni guddaan” dhihaachaa dhufu immoo rakkinni caalaatti akka dabalu beekamaa dha. (Mat. 24:21) Dhugaawwan kana sammuutti qabachuudhaan mee gaaffiiwwan afur haa qorru: Daawit ‘wanti gaariin tokko illee isatti kan hin hirʼanne’ akkamitti? Wanta qabnutti gammannee jiraachuu barachuu kan qabnu maaliifi? Yihowaan akka nu kunuunsu amanuu kan dandeenyu maaliifi? Akkasumas, yeroo gara fuulduraatiif ammuma qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti?

“HOMTUU NATTI HIN HIRʼATU”

5-6. Faarfannaan 23:1-6 yaada Daawit tajaajiltoonni Waaqayyoo “wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu” jechuudhaan dubbate hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

5 Daawit tajaajiltoota Yihowaatti “wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu” yeroo jedhu maal jechuu isaa ti? Faarfannaa 23 isa yaada kanaa wajjin wal fakkaatu qabate qoruudhaan deebii gaaffii kanaa argachuu dandeenya. (Faarfannaa 23:1-6 dubbisi.) Daawit jalqaba faarfannaa kanaa irratti, “Yihowaan tiksee koo ti. Homtuu natti hin hirʼatu” jedheera. Itti aansuudhaan Daawit wantoota faayidaa dhugaa argamsiisan caqaseera; isaan keessaa tokko eebbaawwan hafuuraa Yihowaa akka Tiksee isaatti ilaaluudhaan argate dha. Yihowaan “daandii qajeelummaa irra” isa geggeesseera, akkasumas yeroo gaariittis taʼe yeroo hamaatti amanamummaadhaan isa deggereera. Daawit jireenyi “kaloo lalisaa” Yihowaan qopheesse keessa jiraatu rakkina irraa walaba akka hin taane hubateera. Yeroo tokko tokko abdii kutachuu isaatiin kan kaʼe akka waan “sulula dukkanaaʼaa keessa” deemaa jiruuttii isatti dhagaʼameera; diinotas qaba ture. Taʼus, Daawit Yihowaan Tiksee isaa waan taʼeef, “miidhaan na irra gaʼa jedhee hin [sodaatu].”

6 Amma gaaffii, ‘Wanti gaariin tokko illee Daawititti kan hin hirʼanne’ akkamitti? jedhuuf deebii arganneerra. Daawit karaa hafuuraa wanta isa barbaachisu hundumaa qaba ture. Gammachuun isaa kan hundaaʼe qabeenya irratti hin turre. Qophii Yihowaatti gammadee jiraateera. Jireenya isaa keessatti iddoo guddaa kan kennu eebbaa fi eegumsa Waaqayyo irraa argatuuf ture.

7. Luqaas 21:20-24 akka jedhutti Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti Yihudaa keessa jiraachaa turan haala rakkisaa akkamiitu isaan mudate?

7 Yaada Daawit dubbate irraa qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun keenya baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubanna. Qabeenyi keenya hammam iyyuu yoo taʼe gammachuudhaan jiraachuu ni dandeenya; taʼus, jireenyi keenya qabeenya irratti akka xiyyeeffatu gochuu hin qabnu. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti Yihudaa keessa jiraachaa turan kana hubataniiru. (Luqaas 21:20-24 dubbisi.) Yesuus yeroon magaalaan Yerusaalem ‘loltootaan itti marfamtu’ akka dhufu akeekkachiisa kennee ture. Yeroo kun raawwatamutti ‘gara gaarotaatti baqachuu’ qabu. Baqachuun isaanii fayyina kan isaaniif argamsiisu taʼus, qabeenya isaanii dhiisanii deemuu isaan gaafata. Waggoota muraasa dura Masaraan Eegumsaa yaada akkana jedhu qabatee baʼee ture: “Maasii isaanii fi mana isaanii dhiisanii baʼan; qabeenya mana isaanii keessa jiru illee fudhachuu hin dandeenye. Yihowaan akka isaan eeguu fi akka isaan deggeru waan amananiif, wanta barbaachisaa fakkaatu kam iyyuu caalaa waaqeffannaa isaatiif dursa kennaniiru.”

8. Wanta Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Yihudaa keessa jiraachaa turan mudate irraa barumsa barbaachisaa akkamii arganna?

8 Wanta Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Yihudaa keessa jiraachaa turan mudate irraa barumsa barbaachisaa akkamii arganna? Masaraan Eegumsaa olitti caqasame akkana jedheera: “Ilaalcha qabeenyaaf qabnuu wajjin haala wal qabateen gara fuulduraatti qorumsi nu mudata; iddoo guddaa kan kenninu qabeenyaaf moo fayyina Waaqayyoof amanamoo taʼuudhaan argannuufi? Yeroo dhumni dhihaachaa deemu rakkinni garaa garaa nu mudata, aarsaa kaffaluunis nu barbaachisa. Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Yihudaa keessaa baqatanii, nutis aarsaa barbaachisu kam iyyuu kaffaluuf qophaaʼoo taʼuu qabna.” *

9. Gorsa Phaawulos warra Ibrootaatiif kenne irraa barumsa akkamii arganna?

9 Kiristiyaanota sanaaf wanta qaban hundumaa dhiisanii deemuunii fi bakka kan biraatti jireenya haaraa jalqabuun hammam ulfaataa akka taʼe mee yaadi. Yihowaan wantoota buʼuuraa jireenyaaf isaan barbaachisan akka isaaniif guutu amantii qabaachuu qabu. Gargaarsa amantii isaanii guddifachuuf isaan dandeessisus argataniiru. Warri Roomaa Yerusaalemitti marsuu isaanii waggaa shan dura Phaawulos ergamaan gorsa gaarii akkana jedhu warra Ibrootaatiif kennee ture: “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala maallaqaa irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa. Sababiin isaas inni, ‘Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu’ jedheera. Kanaafuu, ija jabina guddaadhaan, ‘Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?’ jenna.” (Ibr. 13:5, 6) Namoonni warri Roomaa Yerusaalemiin weeraruu isaanii dura gorsa Phaawulos kanaaf xiyyeeffannaa kennan naannoo haaraa jiraatan keessatti wanta xinnoo qabanitti gammadanii jiraachuun isaaniif salphata. Yihowaan wantoota jireenyaaf isaan barbaachisan akka isaaniif guutu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. Yaanni Phaawulos dubbate nutis amanannaa akkasii akka qabaannu godha.

“WANTOOTA KANATTI GAMMANNEE JIRAACHUU QABNA”

10. Phaawulos “iccitii” akkamii nutti hime?

10 Phaawulos gorsa kanaa wajjin walfakkaatu Ximotewosiif kenneera; gorsi isaa kun nuufis ni hojjeta. “Kanaafuu, nyaataa fi uffata yoo qabaanne wantoota kanatti gammannee jiraachuu qabna” jedhee isaaf barreessee ture. (1 Xim. 6:8) Kana jechuun nyaata gaarii nyaachuu, mana gaarii qabaachuu ykn uffata gaggaarii bitachuu hin dandeenyu jechuu dhaa? Wanti Phaawulos jechuu barbaade kana miti. Kanaa mannaa, wanta qabnu kamitti iyyuu gammannee jiraachuu qabna jechaa jira. (Filp. 4:12) Phaawulos “iccitii” kana baratee ture. Hundumaa caalaa iddoo guddaa kan kenninu qabeenya keenyaaf utuu hin taʼin, michummaa Yihowaa wajjin qabnuufi dha.—An. 3:17, 18.

Israaʼelonni waggoottan 40n lafa onaa keessa imalaa turanitti ‘wanti isaanitti hirʼate hin jiru.’ Wanta amma qabnutti gammannee jiraachuu ni dandeenyaa? (Keeyyata 11 ilaali) *

11. Wanta Museen Israaʼelotatti hime irraa wanta qabnutti gammannee jiraachuu ilaalchisee maal baranna?

11 Wanta nu barbaachisu ilaalchisee ilaalchi nuti qabnuu fi ilaalchi Yihowaan qabu garaa gara taʼuu dandaʼa. Israaʼelonni waggoota 40f lafa onaa keessa erga jiraatanii booda wanta Museen isaaniin jedhe qalbeeffadhu: “Waaqni kee Yihowaan wanta goote hundumaa irratti si eebbiseera. Inni lafa onaa guddaa kana keessa darbuu kee akka gaariitti beeka. Waggoota 40 kanatti Waaqni kee Yihowaan sii wajjin ture; wanti sitti hirʼates hin jiru.” (Kes. 2:7) Yihowaan waggoota 40mman kana keessatti Israaʼelota mannaa sooraa ture. Uffanni Gibxii keessaa uffatanii baʼan isaan irratti hin dhumne. (Kes. 8:3, 4) Isaan keessaa tokko tokko wantoonni kun gaʼaa akka hin taane kan isaanitti dhagaʼamee taʼus, Museen wanta isaan barbaachisu akka qaban isaan yaadachiiseera. Yihowaan wanta qabnutti gammannee yoo jiraanne nutti gammada; wanta xixinnoo nuu kenneef illee akka galateeffannuu fi wantoonni kun kennaa isaa akka taʼan akka hubannu barbaada.

YIHOWAAN AKKA SIIF YAADU MIRKANAAʼAA TAʼI

12. Daawit ofitti utuu hin taʼin Yihowaatti akka amaname akkamitti beekna?

12 Daawit Yihowaan warra isa jaallataniif amanamaa akka taʼee fi garaadhaa akka isaaniif yaadu beeka ture. Daawit yeroo Faarfannaa 34 qindeessetti jireenyi isaa balaadhaaf saaxilamee kan ture taʼus, ija amantiitiin ‘maleekaan Yihowaa naannoo isaa buufatee’ akka jiru argeera. (Far. 34:7) Daawit tarii maleekaa Yihowaa loltuu dirree keessa buufatee diina eeggatuu wajjin wal fakkeessee taʼuu dandaʼa. Daawit goota taʼus, akkasumas akka inni mootii taʼu Yihowaan waadaa kan isaaf gale taʼus, dhagaa furrisuudhaanis taʼe, goraadeedhaan diina isaa injifachuuf dandeettii ofii isaatti hin amanamne. (1 Sam. 16:13; 24:12) Yihowaa irratti amantii waan qabuuf maleekaan isaa ‘warra Waaqayyoon sodaatan’ akka oolchu mirkanaaʼaa ture. Nuti yeroo harʼaatti dinqiidhaan eegumsa arganna jennee akka hin eegne beekamaa dha. Taʼus, namoonni Yihowaatti amanaman miidhaan bara baraa akka isaan irra hin geenye beekna.

Yeroo rakkina guddaatti Goog inni biyya Maagoog manuma keenya utuu jirruu miidhaa nu irratti geessisuuf yaala. Haa taʼu malee, Yesuusii fi maleekonni isaa wanta raawwatamaa jiru akka beekanii fi akka nu oolchan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya (Keeyyata 13 ilaali)

13. Yommuu Goog inni biyya Maagoog haleellaa banu namoota eegumsa hin qabne fakkaannee kan mulʼannu maaliifi? Taʼus, sodaachuu kan hin qabne maaliifi? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

13 Dhiheenyatti amantiin dandeettii Yihowaan nu eeguuf qabu irratti qabnu ni qorama. Yommuu Goog inni biyya Maagoog, jechuunis saboonni wal taʼiinsa uuman saba Waaqayyoo irratti haleellaa bananitti jireenyi keenya balaadhaaf kan saaxilame fakkaata. Yihowaan nu oolchuuf humna akka qabuu fi akka nu oolchu amanannaa qabaachuu qabna. Hoolota tiksee hin qabne fakkaannee sabootatti mulʼanna. (His. 38:10-12) Meeshaa waraanaa hin hidhannu, leenjii waraanaas hin fudhannu. Saboonni salphaatti akka nu injifatanitti yaadu. Isaan wanta nuti ija amantiitiin ilaallu, jechuunis maleekota eegumsa nuuf gochuuf naannoo keenyatti marsanii jiran hin argan. Eeyyee, saboonni kana arguu hin dandaʼan. Isaan Waaqayyo irratti amantii hin qaban. Raayyaawwan samii yommuu nuuf loluu dhufan baayʼee rifatu!—Mul. 19:11, 14, 15.

YEROO GARA FUULDURAATIIF AMMUMA QOPHAAʼI

14. Yeroo gara fuulduraatiif qophaaʼuuf amma tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenya?

14 Yeroo gara fuulduraatiif qophaaʼuuf amma maal gochuu dandeenya? Tokkoffaa, gaaf tokko qabeenya keenya irraa adda baʼuu akka dandeenyu yaaduudhaan, qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun keenya barbaachisaa dha. Kana malees, wanta qabnutti gammannee jiraachuu fi hundumaa caalaa michummaa Yihowaa wajjin qabnutti gammaduun nu barbaachisa. Waaqa keenya caalaatti yeroo beekaa deemnu, yeroo Goog inni biyya Maagoog haleellaa banutti nu eeguuf dandeettii akka qabu caalaatti amanannaa qabaanna.

15. Daawit Yihowaan akka isa hin qaanessine amanannaa akka qabaatu kan godhe maali dha?

15 Amma immoo, wanta Daawitiin gargaaree fi nuunis rakkina dandamachuuf nu gargaaru kan biraa haa ilaallu. Daawit, “Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa; namni isatti kooluu galu gammadaa dha” jedheera. (Far. 34:8) Yaanni kun Daawit gargaarsa Yihowaan isaaf godhutti kan amaname maaliif akka taʼe ibsa. Daawit yeroo baayʼee Yihowaatti ni amanama, innis isa hin qaanessine. Daawit yeroo dargaggeessa turettii fi Goliyaad isa loltuu Filisxeemotaa guddaa fi cimaa taʼe loluuf baʼetti, “Harʼa Yihowaan harka kootti dabarsee si kenna” isaan jedheera. (1 Sam. 17:46) Yeroo booda, Daawit Saaʼol Mooticha tajaajiluu kan jalqabe yeroo taʼu, innis isa ajjeesuuf irra deddeebiʼee yaalii godheera. Taʼus, “Yihowaan Daawitii wajjin ture.” (1 Sam. 18:12) Daawit sana dura gargaarsa Yihowaa jireenya isaa keessatti waan argeef, yeroo rakkisaa kanattis akka isa gargaaru isatti amanamuu dandaʼeera.

16. Gaarummaa Yihowaa ‘dhandhamuu’ kan dandeenyu karaawwan kamiini?

16 Yeroo ammaatti qajeelfama nu barbaachisu akka nuuf kennu Yihowaatti kan amanamnu taanaan, gara fuulduraatti nu oolchuuf dandeettii akka qabu caalaatti amanannaa ni qabaanna. Walgaʼii aanaa ykn walgaʼii naannoo irratti argamuuf heyyama akka nuuf kennu ykn walgaʼiiwwan gumii hundumaa irratti hirmaachuu fi tajaajila irratti saʼaatii dabalataa dabarsuuf sagantaa hojii akka nuuf sirreessu hogganaa keenya gaafachuun, amantii fi fedhii qabaachuu gaafata. Tarii hogganaan keenya gaaffii keenya fudhachuu diduudhaan hojii irraa nu ariʼuu dandaʼa. Yihowaan matumaa akka nu hin dhiisne ykn nu hin gatne, akkasumas yeroo hundumaa wanta jireenyaaf nu barbaachisu akka nuuf guutu amantii qabnaa? (Ibr. 13:5) Obboloonni tajaajila yeroo guutuu keessa jiran hedduun Yihowaan yeroo gargaarsi isaan barbaachisutti akka isaan gargaaru muuxannoo isaanii irraa arganiiru. Yihowaan amanamaa dha.

17. Caqasni waggaa bara 2022 maali dha? Caqasni kun filatamuun isaa sirrii kan taʼe hoo maaliifi?

17 Yihowaan nuu wajjin waan jiruuf yeroo gara fuulduraa sababa itti sodaannu hin qabnu. Jireenya keenya keessatti fedhii isaatiif dursa hamma kenninetti inni matumaa nu hin dhiisu. Qaamni Ol Aanaan guyyoota rakkisoo gara fuulduraatti nu eeggataniif ammuma qophaaʼuun akka nu barbaachisuu fi Yihowaan matumaa akka nu hin gatne amanuun akka nu barbaachisu nu yaadachiisuuf jecha, Faarfannaan 34:10 caqasa waggaa bara 2022 akka taʼu filateera; caqasichi, ‘Warri Yihowaa barbaaddatan wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu’ jedha.

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

^ Caqasni waggaa bara 2022 Faarfannaa 34:10 irraa kan fudhatame yeroo taʼu, ‘Warri Yihowaa barbaaddatan wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu’ jedha. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon hedduun qabeenyi isaan qaban muraasa dha. Maarree, “Wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu” kan jennu maaliifi? Hiika caqasa kanaa hubachuun keenya rakkoowwan gara fuulduraatti nu mudataniif kan nu qopheessu akkamitti?

^Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 2014 irratti argamu ilaali.

^ IBSA FAKKII: Daawit Saaʼol Mooticha jalaa baqatee holqa keessa jiraachuun kan isa barbaachise taʼus, qophii Yihowaa dinqisiifateera.

^ IBSA FAKKII: Israaʼelonni Gibxiidhaa erga baʼanii booda, Yihowaan mannaa isaaniif kenneera, akkasumas uffanni isaanii akka isaan irratti hin dhumne godheera