Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 5

“Yeroo Keessan Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa”

“Yeroo Keessan Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa”

“Kan deddeebitan akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa; . . . yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.”—EFE. 5:15, 16.

FAARFANNAA 8 Yihowaan Dawoo Keenya

QABIYYEE *

1. Yihowaa wajjin yeroo dabarsuu kan dandeenyu akkamitti?

 NAMOOTA jaallannuu wajjin yeroo dabarsuun nu gammachiisa. Hiriyoonni gaaʼelaa, wanta kam iyyuu caalaa yeroo waliin dabarsuun isaan gammachiisa. Dargaggoonni, hiriyoota isaanii wajjin taʼuun isaan gammachiisa. Hundi keenya immoo, obboloota keenyaa wajjin yeroo dabarsuun nu gammachiisa. Hunda caalaa kan nu gammachiisu garuu, Waaqa keenyaa wajjin yeroo dabarsuu dha. Kana gochuu kan dandeenyu kadhachuudhaan, Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan, akkasumas kaayyoo isaa fi amalawwan isaa irratti xiinxaluudhaani. Dhuguma iyyuu, yeroon Yihowaa wajjin dabarsinu gatii guddaa qaba!—Far. 139:17.

2. Rakkinni nu mudatu maali dha?

2 Yihowaa wajjin yeroo dabarsuun kan nu gammachiisu taʼus, kana gochuun yeroo hunda salphaa miti. Hojiin waan nutti baayʼatuuf, yeroo sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaannu qabaachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Hojiin, itti gaafatamummaan maatii fi wantoonni barbaachisoon kaan yeroo baayʼee waan nu jalaa fudhataniif, kadhachuuf, qoʼachuuf ykn xiinxaluuf yeroo akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa.

3. Wanti yeroo keenya fudhatu kan biraan maali dha?

3 Wanti yeroo keenya nu jalaa fudhatu kan biraanis jira. Yoo of eeggachuu baanne sochiiwwan dogoggora hin taane tokko tokko yeroo Yihowaatti dhihaachuuf itti fayyadamuu dandeenyu nu jalaa fudhachuu dandaʼu. Mee bashannana akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Bashannanuun barbaachisaa akka taʼe beekamaa dha. Taʼus, bashannanni gaariin illee yeroo sochiiwwan hafuuraa irratti dabarsinu nu jalaa saamuu dandaʼa. Wanti hundumaa caalaa barbaachisaa taʼe bashannana akka hin taane yaadachuu qabna.—Fak. 25:27; 1 Xim. 4:8.

4. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

4 Mata duree kana keessatti wanta jireenya keenya keessatti iddoo guddaa kenninuuf adda baafachuun kan nu barbaachisu maaliif akka taʼe ilaalla. Kana malees, yeroo Yihowaa wajjin dabarsinu akka gaariitti kan fayyadamnu akkamitti akka taʼee fi yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuudhaan faayidaa argannu ilaalla.

FILANNAA SIRRII GODHI; WANTA DURSI KENNAMUUFII QABUUF DURSA KENNI

5. Dargaggeessi tokko gorsa Efesoon 5:15-17 irratti argamu irratti xiinxaluun isaa murtoo gaarii gochuuf kan isa gargaaru akkamitti?

5 Jireenya hunda irra wayyu filadhu. Dargaggoonni yeroo baayʼee jireenya hunda irra wayyu jiraachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe beekuu barbaadu. Barsiisonni isaanii fi miseensonni maatii Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane hojii galii gaarii isaaniif argamsiisu argachuuf yunivarsiitii galuu akka qaban isaan jajjabeessu taʼa. Yunivarsiitii galanii barachuun yeroo hedduu isaan jalaa fudhata. Karaa biraatiin immoo, warri isaanii fi obboloonni gumii keessa jiran, jireenya isaanii Yihowaa tajaajiluuf akka itti fayyadaman isaan jajjabeessu. Dargaggeessi Yihowaa jaallatu tokko murtoo gaarii gochuuf maaltu isa gargaara? Efesoon 5:15-17 dubbisee irratti xiinxaluun isaa isa fayyada. (Dubbisi.) Caqasa kana erga dubbisee booda akkana jedhee of gaafachuu dandaʼa: ‘“Fedhiin Yihowaa” maali dha? Murtoo akkamiitu isa gammachiisa? Murtoon yeroo kootti akka gaariitti fayyadamuuf na gargaaru isa kami?’ “Guyyoonni kun hamoo” akka taʼanii fi sirni Seexanni bulchu dhiheenyatti akka badu yaadadhu. Jireenya keenya karaa Yihowaa gammachiisuun itti fayyadamuun keenya ogummaa dha.

6. Maariyaam filannaa akkamii goote? Filannaa ogummaa irratti hundaaʼe goote kan jennu hoo maaliifi?

6 Wanta dursi kennamuufii qabuuf dursa kenni. Yeroo tokko tokko yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuun sochiiwwan dogoggora hin taane keessaa tokko filachuu gaafata. Seenaa beekamaan Yesuus mana Maariyaamii fi Maartaatti akka affeerame dubbatu qabxii kana akka gaariitti ibsa. Maartaan nyaata gaarii qopheessitee Yesuusiin simachuu ishiitti akka gammaddu hin shakkisiisu. Obboleettiin ishii Maariyaam garuu gooftaa ishii bira teessee barumsa isaa dhaggeeffachaa turte. Wanti Maartaan raawwatte dogoggora taʼuu baatus, Yesuus, Maariyaam “gaʼee hunda irra caalu” akka filatte dubbateera. (Luq. 10:38-42, milj.) Yeroo booda Maariyaam nyaata yeroo sanatti nyaatte irraanfachuu dandeessi; wanta Yesuus irraa baratte garuu, akka hin irraanfanne beekamaa dha. Akkuma Maariyaam yeroo Yesuusii wajjin dabarsiteef iddoo guddaa kennite, nutis yeroo Yihowaa wajjin dabarsinuuf iddoo guddaa kennina. Yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

YEROO YIHOWAA WAJJIN DABARSITU AKKA GAARIITTI FAYYADAMI

7. Kadhachuun, qoʼachuu fi xiinxaluun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

7 Kadhannaan, qoʼachuu fi xiinxaluun kutaa waaqeffannaa keenyaa akka taʼe yaadadhu. Yommuu kadhannu, Abbaa keenya isa samii baayʼee nu jaallatu haasofsiisna. (Far. 5:7) Yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼannu, “beekumsa Waaqayyoo” isa madda ogummaa hundumaa taʼee arganna. (Fak. 2:1-5) Yommuu xiinxallu immoo, amalawwan Yihowaa fi kaayyoo dinqisiisaa inni nuun dabalatee uumama hundumaatiif qabu irratti yaanna. Kana gochuun keenya yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuuf nu dandeessisa. Haa taʼu malee, yeroo keenya akka gaariitti fayyadamuuf maaltu nu gargaara?

Qoʼannaa dhuunfaatiif iddoo tasgabbaaʼaa argachuu dandeessaa? (Keeyyata 8-9 ilaali)

8. Karaa Yesuus lafa onaa keessatti yeroo isaa itti fayyadame irraa barumsa akkamii arganna?

8 Dandaʼamnaan, iddoo tasgabbii qabu filadhu. Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu. Tajaajila isaa isa lafa irraa jalqabuu isaa dura, guyyoota 40f lafa onaa keessatti dabarseera. (Luq. 4:1, 2) Yesuus yeroo tasgabbii qabu kanatti, gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu fi wanta Abbaan isaa akka godhu barbaadu irratti xiinxaluu ni dandaʼa. Kana gochuun isaa qorumsa dhiheenyatti isa mudatuuf akka isa qopheesse hin shakkisiisu. Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeessu akkamitti? Kan jiraattu maatii balʼaa keessa yoo taʼe, yeroo hundumaa mana keessaa iddoo tasgabbii qabu argachuun si rakkisuu dandaʼa. Akkas taanaan, manaa alatti iddoo tasgabbii qabu barbaaddachuun kee gaarii dha. Juuliyaan kadhannaadhaan Yihowaa wajjin yeroo dabarsuu yeroo barbaaddutti akkana gooti. Ishiinii fi abbaan manaa ishii biyya Faransaayitti appaartaamaa xinnoo tokko keessa jiraatu; kanaafuu, mana keessatti kophaa taʼuunii fi iddoo tasgabbii qabu argachuun rakkisaa dha. Juuliyaan, “Kanaafuu, guyyaa guyyaadhaan miillaan gara paarkii tokkoon dhaqa. Achitti kophaa koo waanan taʼuuf, yaada koo sassaabbachuu fi garaadhaa Yihowaa haasofsiisuu nan dandaʼa” jetteetti.

9. Yesuus hojiin kan isatti baayʼatu taʼus, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabuuf iddoo guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti?

9 Yesuus hojii hojjetu baayʼee qaba ture. Yeroo lafa irra tajaajilaa turetti namoonni iddoodhaa gara iddootti isa duukaa deemu turan; namoonni kun hundi xiyyeeffannaa isaa barbaadu turan. Yeroo tokko isa ilaaluuf ‘namoonni magaalattii hundi balbalicha duratti walitti qabamanii’ turan. Taʼus, Yesuus yeroo hundumaa gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuuf yeroo ni ramada ture. Lafti bariʼuu isaa dura, Abbaa isaa wajjin kophaatti yeroo dabarsuuf “bakka namni hin jirre” deema ture.—Mar. 1:32-35.

10-11. Maatewos 26:40, 41 akka dubbatutti iddoo biqiltuu Getesemaanee keessatti Yesuus barattoota isaatiif gorsa barbaachisaa akkamii kenne? Garuu isaan maal godhan?

10 Galgala dhumaa Yesuus lafa irratti dabarsetti, jechuunis yeroo tajaajila isaa xumuruuf jedhutti ammas xiinxaluu fi kadhachuuf iddoo tasgabbii qabu barbaaddate. Kanaafuu, iddoo biqiltuu Getesemaanee dhaqe. (Mat. 26:36) Yeroo kanatti Yesuus, kadhannaa ilaalchisee barattoota isaatiif gorsa baayʼee barbaachisaa taʼe kenneera.

11 Mee wanta yeroo sanatti taʼe haa ilaallu. Iddoo biqiltuu Getesemaanee kan gaʼan halkan walakkaa booda taʼuu hin oolu. Yeroo kanatti Yesuus ergamoota isaatiin, “Dammaqaa eegaa” erga jedhee booda, kadhachuuf isaan irraa xiqqoo fagaate. (Mat. 26:37-39) Utuma inni kadhachaa jiruu isaan ni rafan. Yesuus rafanii yommuu isaan argu ammas, “Dammaqaa eegaa; yeroo hundas kadhadhaa” isaaniin jedhe. (Maatewos 26:40, 41 dubbisi.) Yesuus baayʼee akka dadhabanii fi akka dhiphatan hubatee ture. Gara laafinaan kakaʼee, “Foon garuu dadhabaa dha” isaaniin jedhe. Yesuus ammas siʼa lama kadhachuuf isaan irraa adda kan baʼe yeroo taʼu, yeroo deebiʼee isaan argu kadhachaa utuu hin taʼin rafaa turan.—Mat. 26:42-45.

Yeroo dadhabbiin sitti hin dhagaʼamnetti kadhachuuf yeroo ramaduu dandeessaa? (Keeyyata 12 ilaali)

12. Baayʼee dhiphachuu ykn dadhabuu keenyaan kan kaʼe kadhachuu akka hin dandeenye yoo nutti dhagaʼame maal gochuu dandeenya?

12 Yeroo sirrii taʼe filadhu. Yeroo tokko tokko baayʼee dhiphachuu fi dadhabuu keenyaan kan kaʼe kadhachuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Akkas sitti dhagaʼam taanaan, warra kaanittis akkas akka dhagaʼamu yaadadhu. Maarree, maal gochuu dandeessa? Namoonni gara galgalaa Yihowaatti kadhannaa dhiheessan tokko tokko, hirribni isaan qabuu isaa dura kadhannaa dhiheessuun isaanii gaarii taʼuu isaa hubataniiru. Warri kaan immoo, yeroo kadhannaa dhiheessanitti taaʼuun ykn jilbeenfachuun yaada isaanii sassaabbachuuf akka isaan gargaaru hubataniiru. Haa taʼu malee, baayʼee dhiphachuu ykn abdii kutachuu keetiin kan kaʼe kadhachuu akka hin dandeenye yoo sitti dhagaʼame hoo? Miira sitti dhagaʼame Yihowaatti himi. Abbaan keenya inni gara laafessa taʼe akka si hubatu mirkanaaʼaa taʼi.—Far. 139:4.

Walgaʼiiwwan gumii irratti ergaa gabaabaa ykn iimeelii siif ergamuuf deebii kennuu dhiisuu ni dandeessaa? (Keeyyata 13-14 ilaali)

13. Meeshaaleen elektirooniksii yeroo Yihowaa wajjin dabarsinutti xiyyeeffannaa keenya hihiruu kan dandaʼan akkamitti?

13 Yeroo qoʼattutti wantoota xiyyeeffannaa kee hihiran of irraa fageessi. Wanti michummaa Waaqayyoo wajjin qabnu cimsachuuf nu gargaaru kadhannaa qofa miti. Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi walgaʼiiwwan gumii irratti argamuunis Waaqayyotti dhihaachuuf nu gargaara. Yeroo qoʼannaadhaaf ramaddee fi yeroo gumii irratti dabarsitu akka gaariitti fayyadamuuf wanti gochuu dandeessu jiraa? ‘Yeroon walgaʼiiwwan irratti argamu ykn yeroon qoʼadhutti wanti xiyyeeffannaa koo hihiruu maali dha?’ jedhii of gaafadhu. Bilbila sii bilbilamu, iimeelii ykn ergaa gabaabaa moobaayilii kee irratti ykn meeshaa elektirooniksii kan biraa irratti siif ergamu dhaa? Yeroo harʼatti namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman meeshaalee kana qabu. Qorattoonni tokko tokko, yeroo yaada keenya sassaabbachuuf yaallutti bilbilli tokko nu bira jiraachuun isaa illee xiyyeeffannaa keenya hihiruu akka dandaʼu dubbatu. Hayyuun tokko, “Wanta hojjechaa jirtu irratti xiyyeeffachuu hin dandeessu. Sammuun kee bakka biraa jira” jedheera. Walgaʼiin aanaa ykn walgaʼiin naannoo jalqabuu isaa dura meeshaaleen elektirooniksii keenya warra kaan akka hin jeeqne akka goonu nutti himama. Meeshaaleen elektirooniksii keenya xiyyeeffannaa keenya akka hin hihirre, akkasuma yeroo Yihowaa wajjin dabarsinutti akka nu hin jeeqne, yeroo kophaa taanuttis akkas gochuu ni dandeenyaa?

14. Akka Filiphisiyus 4:6, 7 jedhutti Yihowaan yaada keenya sassaabbachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

14 Xiyyeeffachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Yeroo qoʼattutti ykn yeroo walgaʼii gumii irratti argamtutti xiyyeeffannaan kee kan hihiramu taanaan, yaada kee sassaabbachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Wanti si yaaddessu ykn si dhiphisu jira taanaan wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuun rakkisaa sitti taʼuu dandaʼa. Taʼus, akkas gochuun kee baayʼee barbaachisaa dha. Nagaa isa garaa kee qofa utuu hin taʼin “yaada” kees eegu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu.—Filiphisiyus 4:6, 7 dubbisi.

YEROON YIHOWAA WAJJIN DABARSINU FAAYIDAA GUDDAA NUUF ARGAMSIISA

15. Yihowaa wajjin yeroo dabarsuun faayidaa akkamii siif argamsiisaa?

15 Yihowaa haasofsiisuu, isa dhaggeeffachuu, akkasumas waaʼee isaa yaaduuf yeroo kan ramaddu taanaan faayidaa guddaa argatta. Faayidaawwan akkamii argatta? Tokkoffaa, murtoowwan gaggaarii goota. Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa” jechuudhaan nuuf mirkaneessa. (Fak. 13:20) Kanaafuu, Yihowaa isa Madda ogummaa taʼee wajjin yommuu yeroo dabarsitu atis ogeessa taata. Isa gammachiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼee fi filannoo isa gaddisiisu gochuu irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe caalaatti baratta.

16. Yihowaa wajjin yeroo dabarsuun barsiisota buʼa qabeeyyii taʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

16 Lammaffaa, barsiisaa buʼa qabeessa taata. Nama tokko Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼachiisnu galmi keenya inni guddaan barataan sun Yihowaatti akka dhihaatu gargaaruu dha. Hammuma Abbaa keenya isa samiitti dhihaannu jaalalli isaaf qabnu ni guddata, akkasumas caalaatti barataan keenya akka isa jaallatu gargaaruu dandeenya. Mee fakkeenya Yesuus nuuf taʼe irratti yaadi. Waaʼee Abbaa isaa miira hoʼaadhaan, akkasumas karaa jaalala akka qabu argisiisuun waan dubbatuuf, duuka buutonni isaas Yihowaa jaallachuu dandaʼaniiru.—Yoh. 17:25, 26.

17. Kadhachuu fi qoʼachuun amantii keenya cimsachuuf nu gargaara kan jennu maaliifi?

17 Sadaffaa, amantiin keenya ni cima. Qajeelfama, jajjabinaa fi deggersa Waaqayyoo argachuuf yommuu kadhattu faayidaa guddaa argatta. Yeroo Yihowaan kadhannaa keetiif deebii kennu hundumaatti amantiin kee cimaa deema. (1 Yoh. 5:15) Wanti amantii kee siif cimsu kan biraan maali dha? Qoʼannaa dhuunfaa ti. ‘Amantiin kan argamu dubbicha dhagaʼuu irraa’ akka taʼe yaadadhu. (Rom. 10:17) Haa taʼu malee, amantii cimaa qabaachuuf beekumsi qofti gaʼaa miti. Maarree, wanti nu barbaachisu kan biraan maali dha?

18. Xiinxaluun kan nu barbaachisu maaliif akka taʼe ibsi.

18 Wanta baranne irratti xiinxaluun nu barbaachisa. Mee muuxannoo barreessaa Faarfannaa 77 haa ilaallu. Barreessaan kun innis taʼe Israaʼelonni kaan Yihowaa biratti fudhatama akka dhaban waan isatti dhagaʼameef baayʼee dhiphatee ture. Baayʼee dhiphachuu isaatiin kan kaʼes halkan hirribni isa dida ture. (Lakkoofsa 2-8) Maarree, maal godhe? Yihowaadhaan, “Gocha kee hundumaa irratti nan xiinxala, wantoota ati raawwatte irrattis nan yaada” jedheera. (Lakkoofsa 12) Faarfataan kun wantoota Yihowaan sana dura saba isaatiif godhe akka gaariitti kan beeku taʼus baayʼee dhiphachuu isaatiin kan kaʼe, “Waaqayyo gaarummaa isaa argisiisuu irraanfateeraa? Aariin isaa hoo gara laafinni isaa akka badu godheeraa?” jedhee yaadee ture. (Lakkoofsa 9) Faarfataan kun gochawwan Yihowaa irrattii fi gara laafina inni sana dura argisiise irratti xiinxaleera. (Lakkoofsa 11) Kana gochuun isaa kan isa fayyade akkamitti? Yihowaan saba isaa akka hin dhiisne mirkanaaʼaa taʼeera. (Lakkoofsa 15) Haaluma wal fakkaatuun, atis wanta Yihowaan saba isaatiif godhee fi wanta dhuunfaatti siif godhe irratti kan xiinxaltu yoo taʼe amantiin kee ni cima.

19. Yihowaa wajjin yeroo dabarsuun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

19 Arfaffaa hundumaa caalaa jaalalli Yihowaadhaaf qabdu ni guddata. Amala kam iyyuu caalaa jaalalli Yihowaadhaaf ajajamuuf, isa gammachiisuuf jecha aarsaa kaffaluuf, akkasumas qorumsa kam iyyuu dandamachuuf si kakaasa. (Mat. 22:37-39; 1 Qor. 13:4, 7; 1 Yoh. 5:3) Wanti Yihowaa wajjin michummaa cimaa jaalala irratti hundaaʼe qabaachuu irra nuuf caalu hin jiru!—Far. 63:1-8.

20. Yeroo Yihowaa wajjin dabarsitu qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

20 Kadhannaan, qoʼannaanii fi xiinxaluun kutaa waaqeffannaa keenyaa akka taʼe yaadadhu. Akkuma Yesuus Yihowaa wajjin yeroo dabarsuuf iddoo tasgabbii qabu filadhu. Wantoota xiyyeeffannaa hihiran of irraa fageessi. Yeroo sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaattu yaada kee sassaabbachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Amma yeroo keetti akka gaariitti kan fayyadamtu yoo taʼe, Yihowaan addunyaa haaraa keessatti jireenya bara baraa akka argattu gochuudhaan si eebbisa.—Mar. 4:24.

FAARFANNAA 28 Michuu Yihowaa Taʼuu

^ Yihowaan michuu hunda irra caalu dha. Michummaa isaa wajjin qabnuuf iddoo guddaa kennina; caalaatti isa beekuus ni barbaanna. Akkuma nama tokko beekuun yeroo gaafatu, michummaa Yihowaa wajjin qabnu cimsachuunis yeroo gaafata. Hojiin kan nutti baayʼatu taʼus, yeroo michummaa Abbaa keenya isa samii wajjin qabnu itti cimsannu argachuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun keenya kan nu fayyadu hoo akkamitti?