Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 3

Yesuus Imimmaan Isaa Dhangalaasuu Isaa Irraa Maal Baranna?

Yesuus Imimmaan Isaa Dhangalaasuu Isaa Irraa Maal Baranna?

“Yesuus imimmaan isaa dhangalaase.”—YOH. 11:35.

FAARFANNAA 17 “Nan Fedha”

QABIYYEE *

1-3. Haalawwan rakkisoon sabni Yihowaa imimmaan isaanii akka dhangalaasan godhan maal faʼi?

 YEROO dhumaatiif yeroo itti boosse ni yaadattaa? Yeroo tokko tokko, gammachuudhaan kan kaʼe ni boonya. Yeroo baayʼee garuu kan boonyu waan gaddinuufi. Fakkeenyaaf, nama jaallannu yeroo duʼaan dhabnutti ni boonya. Obboleettiin Loralii jedhamtuu fi Yuunaayitid Isteetis jiraattu akkana jettee barreessiteetti: “Gaddi intala tiyya duʼaan dhabuu kootiin natti dhagaʼamu yeroo tokko tokko baayʼee waan natti cimuuf homtuu na jajjabeessuu waan dandaʼu hin fakkaatu. Yeroo akkasiitti matumaa jajjabaachuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama.” *

2 Sababiiwwan imimmaan keenya itti dhangalaasnu kan biroonis jiru. Qajeelchituun Hiroomii jedhamtuu fi Jaappaan keessa jiraattu akkana jetteetti: “Darbee darbee namoonni tajaajila irratti argadhu fedhii kan hin qabne taʼuun isaanii abdii na kutachiisa. Yeroo tokko tokko nama dhugaa barbaaddachaa jiru argachuuf akka na gargaaru imimmaan koo dhangalaaseen Yihowaa kadhadha.”

3 Atis yeroo tokko tokko akka obboleettota kanaa sitti dhagaʼamaa? Baayʼeen keenya akkas nutti dhagaʼama. (1 Phe. 5:9) “Gammachuudhaan Yihowaa [tajaajiluu]” kan barbaannu taʼus gadda, abdii kutannaa ykn haala dhiphisaa amanamummaa keenya qoruun kan kaʼe imimmaan keenya dhangalaasaa Waaqayyoon tajaajilla taʼa. (Far. 6:6; 100:2) Miira akkasii dandamachuu kan dandeenyu akkamitti?

4. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

4 Fakkeenya Yesuus irraa barumsa guddaa arganna. Yesuus yeroo tokko tokko baayʼee gadduu isaatiin kan kaʼe “imimmaan isaa [dhangalaaseera].” (Yoh. 11:35; Luq. 19:41; 22:44; Ibr. 5:7) Mee haalawwan kana qoruudhaan barumsa akkamii argachuu akka dandeenyu haa ilaallu. Kana malees, haalawwan imimmaan keenya akka dhangalaasnu nu godhan keessatti maal gochuu akka dandeenyu ni ilaalla.

MICHOOTA ISAATIIF JECHA IMIMMAAN ISAA DHANGALAASEERA

Akkuma Yesuus, warra gaddan jajjabeessi (Keeyyata 5-9 ilaali) *

5. Seenaa Yohaannis 11:32-36 irratti galmeeffame irraa waaʼee Yesuus maal baranna?

5 Dhaloota Kiristoos Booda bara 32 waqtii gannaatti michuu Yesuus kan taʼe Alaazaar dhukkubsatee duʼe. (Yoh. 11:3, 14) Alaazaar obboleettota Maariyaamii fi Maartaa jedhaman qaba; Yesuusis maatii kana baayʼee jaallata. Dubartoonni kun obboleessa isaanii baayʼee jaallatan duʼaan dhabuu isaaniitiin baayʼee gaddanii turan. Alaazaar erga duʼee booda Yesuus Bitaaniyaa ganda Maariyaamii fi Maartaan jiraatan dhaqe. Maartaan Yesuus dhufaa akka jiru yommuu dhageessetti isa simachuuf ariitiidhaan baate. “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” yeroo jettetti hammam gadditee akka turte mee yaadi. (Yoh. 11:21) Achiis utuma baayʼee hin turin Yesuus Maariyaamii fi namoonni kaan booʼaa akka jiran yommuu argetti, innis “imimmaan isaa dhangalaase.”—Yohaannis 11:32-36 dubbisi.

6. Yesuus kan booʼe maaliifi?

6 Yesuus yeroo kanatti kan booʼe maaliifi? Kitaabni Iinsaayitii, “Duuti michuu isaa Alaazaarii fi gaddi obboleettota isaatti dhagaʼame, Yesuus ‘keessa isaatii baayʼee gaddee imimmaan isaa dhangalaasuuf’ isa kakaaseera” jechuudhaan deebii kenna. * Tarii Yesuus dhukkubbii michuu isaa Alaazaaritti dhagaʼamee fi miira duʼuuf akka jedhu beekuu isaatti isatti dhagaʼame yaadee taʼuu dandaʼa. Yesuus Maariyaamii fi Maartaan duʼa obboleessa isaaniitti hammam akka gaddan arguun isaas imimmaan isaa dhangalaasuuf isa kakaaseera. Michuu kee ykn miseensa maatii kee tokko duʼaan dhabdeetta yoo taʼe miirri akkasii akka sitti dhagaʼame hin shakkisiisu. Mee barumsa seenaa kana irraa argannu sadii haa ilaallu.

7. Yesuus michoota isaatiif jecha imimmaan isaa dhangalaasuu isaa irraa waaʼee Yihowaa maal baranna?

7 Yihowaan miira kee siif hubata. Yesuus “eenyummaa [Abbaa isaa] sirriitti bakka buʼa.” (Ibr. 1:3) Yeroo booʼetti miira Abbaa isaa calaqqisiiseera. (Yoh. 14:9) Nama jaallattu duʼaan dhabdeetta yoo taʼe, Yihowaan gaddi akka sitti dhagaʼamu beekuu qofa utuu hin taʼin, baayʼee akka siif gaddus mirkanaaʼaa taʼi. Yihowaan garaa kee isa cabe fayyisuu barbaada.—Far. 34:18; 147:3.

8. Yesuus namoota jaallannuu fi duʼaan dhabne duʼaa akka kaasu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

8 Yesuus nama jaallattuu fi duʼaan dhabde duʼaa kaasuu barbaada. Yesuus booʼuu isaa dura Maartaadhaan, “Obboleessi kee ni kaʼa” jedhee ture. Maartaanis isa amanteetti. (Yoh. 11:23-27) Maartaan dubartii amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffattu waan turteef, jaarraawwan hedduu dura Eeliyaasii fi Eelsaaʼi namoota duʼaa akka kaasan beekti. (1 Mot. 17:17-24; 2 Mot. 4:32-37) Yesuusis namoota duʼaa akka kaase dhagaʼuu hin ooltu. (Luq. 7:11-15; 8:41, 42, 49-56) Atis namoonni duʼaan dhabde duʼaa akka kaʼan mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Yesuus imimmaan isaa dhangalaasuun isaa namoota duʼan duʼaa kaasuu akka barbaadu argisiisa.

9. Akkuma Yesuus namoota gaddan jajjabeessuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenya kenni.

9 Namoota gaddan jajjabeessuu dandeessa. Yesuus Maartaa fi Maariyaamii wajjin booʼuu qofa utuu hin taʼin, isaan dhaggeeffateera, akkasumas isaan jajjabeesseera. Nutis warra gaddaniif akkasuma gochuu dandeenya. Jaarsi gumii Daan jedhamuu fi Awustiraaliyaa keessa jiraatu akkana jedheera: “Haadha manaa koo ergan duʼaan dhabee booda gargaarsi warra kaanii na barbaachisee ture. Hiriyoonni gaaʼelaa hedduun yeroo hundumaa na dhaggeeffachuuf qophaaʼoo turan. Gadda koo akkan ibsu naaf heyyamu, yeroon booʼuus natti hin qaanaʼan. Yeroon hin dandeenyetti konkolaataa koo naaf dhiqu, wantoota nyaata qopheessuuf barbaachisan naaf bitu, akkasumas nyaata naaf qopheessu. Yeroo baayʼees naa wajjin kadhatu. Michoota dhugaa fi ‘obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate’ taʼuu isaanii argisiisaniiru.”—Fak. 17:17.

NAMOOTAAF WAAN YAADUUF IMIMMAAN ISAA DHANGALAASEERA

10. Seenaa Luqaas 19:36-40 irratti galmeeffamee jiru ibsi.

10 Yesuus Dh.K.B. Niisaan 9, bara 33⁠tti gara Yerusaalem deemee ture. Yeroo inni gara magaalattiitti dhihaatetti namoonni baayʼeen walitti qabaman; Mootii isaanii akka taʼe akka amanan argisiisuuf uffata isaanii karaa irra afan. Yeroon sun yeroo gammachiisaa ture. (Luqaas 19:36-40 dubbisi.) Kanaafuu, barattoonni isaa wanta itti aansuudhaan raawwate hin eegne taʼa. Yesuus “yommuu magaalattiitti [dhihaatu] ishii ilaalee booʼeef.” Imimmaan isaa dhangalaasaa wanta gaddisiisaa jiraattota Yerusaalem irra gaʼu dubbate.—Luq. 19:41-44.

11. Yesuus jiraattota Yerusaalemiif kan booʼe maaliifi?

11 Yesuus baayʼee kan gadde Yihudoonni hedduun ergaa Mootummichaa akka hin fudhanne waan beekeef ture. Kanaan kan kaʼes, Yerusaalem ni balleeffamti, namoonni badiisa sana irraa oolanis boojuudhaan ni fudhatamu. (Luq. 21:20-24) Kan nama gaddisiisu, akkuma Yesuus jedhe namoonni hedduun ergaa isaa hin fudhanne. Namoonni naannoo kee jiraatan hedduun ergaa Mootummichaatiif deebii akkamii kennu? Carraaqqii isaan barsiisuuf gootuuf deebii gaarii kan kennan namoota muraasa yoo taʼan, Yesuus imimmaan isaa dhangalaasuu isaa irraa maal barachuu dandeessa? Mee barumsa dabalataa argannu haa ilaallu.

12. Yesuus namootaaf jecha imimmaan isaa dhangalaasuu isaa irraa waaʼee Yihowaa maal baranna?

12 Yihowaan namootaaf ni yaada. Yesuus imimmaan isaa dhangalaasuun isaa Yihowaan namootaaf hammam akka yaadu argisiisa. Yihowaan “hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu [hin barbaadu].” (2 Phe. 3:9) Nutis namoonni misiraachoo Mootummichaa akka baratan carraaqqii gochuudhaan akka isaan jaallannu argisiisna.—Mat. 22:39.

Akkuma Yesuus, sagantaa tajaajilaa kee irratti sirreeffama godhi (Keeyyata 13-14 ilaali) *

13-14. Yesuus namootatti gara laafina kan argisiise akkamitti? Nuti hoo amala kana horachuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Yesuus hinaaffaadhaan tajaajileera. Carraa argate hundatti namoota barsiisuudhaan akka isaan jaallatu argisiiseera. (Luq. 19:47, 48) Akkas gochuuf wanti isa kakaase maali dha? Yesuus namootaaf garaa laafa. Yeroo tokko tokko namoonni hedduun wanta isaan barsiisan dhagaʼuu waan barbaadaniif, Yesuusii fi barattoonni isaa ‘nyaata nyaachuuf illee carraa hin argatan’ ture. (Mar. 3:20) Kana malees, Yesuus yommuu namichi tokko isaa wajjin mariʼachuuf halkan filatetti, yeroo sanatti illee mariʼachuuf fedhii akka qabu argisiiseera. (Yoh. 3:1, 2) Namoonni jalqaba irratti Yesuusiin dhagaʼan hedduun barattoota isaa hin taane. Taʼus, namoota isa dhagaʼan hundumaatiif guutummaatti dhugaa baʼeera. Nutis yeroo harʼaatti namni hundi carraa itti misiraachoo dhagaʼu akka argatu barbaanna. (HoE. 10:42) Kana galmaan gaʼuuf mala ittiin tajaajillu jijjiiruun nu barbaachisuu dandaʼa.

14 Sirreeffama gochuuf fedhii qabaadhu. Saʼaatii itti tajaajillu yoo jijijjiiruu baanne namoota misiraachicha dhagaʼuu barbaadan argachuun rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Qajeelchituun Maatiildaa jedhamtu akkana jetteetti: “Anii fi abbaan manaa koo saʼaatii garaa garaatti tajaajiluuf carraaqqii goona. Ganama naannoo daldalaatti lallabna. Guyyaa yeroo namoonni daandii irra baayʼatanitti gaarii barreeffamaatti fayyadamnee tajaajilla. Gara galgalaa immoo, manaa gara manaatti lallabuun gaarii taʼuu isaa hubanneerra.” Sagantaa nuuf mijatu qofa hordofuu mannaa, yeroo namoonni argamanitti lallabuuf sagantaa keenya irratti sirreeffama gochuuf fedhii qabaachuu qabna. Akkas yoo goone Yihowaan akka nutti gammadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

MAQAAN ABBAA ISAA AKKA QULQULLAAʼUUF IMIMMAAN ISAA DHANGALAASEERA

Akkuma Yesuus, yeroo dhiphattu Yihowaatti wawwaannaa dhiheessi (Keeyyata 15-17 ilaali) *

15. Akka Luqaas 22:39-44 irratti galmeeffametti galgala dhumaa Yesuus lafa irratti dabarsetti maaltu raawwatame?

15 Dhaloota Kiristoos Booda, Niisaan 14, bara 33⁠tti erga galgalaaʼee booda Yesuus gara iddoo biqiltuu Getesemaanee dhaqe. Achittis kadhannaa garaadhaa madde Yihowaatti dhiheesse. (Luqaas 22:39-44 dubbisi.) Yeroo kanatti Yesuus “sagalee guddaa fi imimmaaniin . . . wawwaannaa” dhiheesse. (Ibr. 5:7) Waaʼee maalii kadhate? Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufuu fi fedhii isaa raawwachuuf jabina isa barbaachisu akka isaaf kennu kadhateera. Yihowaan kadhannaa Ilmi isaa dhiphina guddaadhaan dhiheesse dhagaʼuudhaan maleekaan tokko akka isa jajjabeessu ergeera.

16. Yesuus yeroo iddoo biqiltuu Getesemaanee keessatti kadhachaa turetti kan booʼe maaliifi?

16 Yesuus iddoo biqiltuu Getesemaanee keessatti yeroo kadhachaa turetti kan booʼe, namoonni Waaqayyoon akka arrabsetti isa ilaaluun isaanii waan isa dhiphiseef akka taʼe hin shakkisiisu. Maqaa Abbaa isaa qulqulleessuuf itti gaafatamummaa guddaan akka isa irra jirus hubatee ture. Haala rakkisaa amanamummaa Yihowaadhaaf qabdu qoru wajjin waldhaansoo gochaa jirta taanaan, Yesuus imimmaan isaa dhangalaasuu isaa irraa maal baratta? Mee barumsa dabalataa sadii haa ilaallu.

17. Deebii Yihowaan kadhannaa Yesuus isa garaadhaa maddeef kenne irraa waaʼee isaa maal baranna?

17 Yihowaan wawwaannaa kee ni dhagaʼa. Yihowaan kadhannaa Yesuus isa garaadhaa madde dhagaʼeera. Maaliif? Wanti hunda caalaa Yesuusiin yaaddessu Abbaa isaatiif amanamaa taʼee itti fufuu fi maqaa isaa qulqulleessuu waan taʼeefi. Nutis wanti hunda caalaa nu yaaddessu Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuu fi maqaa isaa qulqulleessuu yoo taʼe, inni kadhannaa gargaarsaaf dhiheessinuuf deebii akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Far. 145:18, 19.

18. Yesuus michuu miira keenya nuuf hubatu kan taʼe karaa kamiini?

18 Yesuus miira kee siif hubata. Yeroo dhiphannutti michuu miira keenya nuuf hubatu, keessumaa michuu rakkina keenyaa wajjin wal fakkaatu keessa darbe qabaachuun nu gammachiisa. Yesuus michuu akkasii ti. Dadhabuunii fi gargaarsa barbaaduun miira akkamii akka namatti uumu beeka. Dadhabina keenya nuuf hubata, akkasumas “yeroo gargaarsi nu barbaachisutti” gargaarsa nuuf godha. (Ibr. 4:15, 16) Akkuma Yesuus iddoo biqiltuu Getesemaanee keessatti gargaarsa maleekaa tokkoo fudhate, nutis gargaarsa Yihowaan karaa barreeffamaa, viidiyoo, haasaa ykn karaa jaarsolii gumii fi obboloota bilchaatoo taʼanii nuuf kennu fudhachuu qabna.

19. Haalli dhiphisaan amanamummaa Waaqayyoof qabdu qoru yeroo si mudatutti jabina argachuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenya kenni.

19 Yihowaan ‘nagaa Waaqayyoo’ siif kenna. Yihowaan kan nu jabeessu akkamitti? Yeroo kadhannu ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ arganna. (Filp. 4:6, 7) Nagaan Waaqayyoo nu tasgabbeessa, sirriitti yaaduufis nu gargaara. Obboleettiin Luuz jedhamtu kana jireenya ishii keessatti argiteetti. Akkana jetteetti: “Kophummaan natti dhagaʼama. Yeroo tokko tokko miirri kun Yihowaan akka na hin jaallanne akka natti dhagaʼamu godha. Yeroo miirri akkasii natti dhagaʼamutti garuu, dafeen miira natti dhagaʼamu Yihowaatti hima. Kadhannaan miira koo toʼachuuf na gargaara.” Muuxannoo ishii irraa akka hubannutti kadhannaan nagaa sammuu nuuf argamsiisa.

20. Yesuus imimmaan isaa dhangalaasuu isaa irraa maal hubanneerra?

20 Yesuus imimmaan isaa dhangalaasuu isaa irraa barumsa nama jajjabeessuu fi hojii irra oolu arganneerra! Michoota keenya gaddaa jiran akka jajjabeessinuu fi yeroo namoota jaallannu duʼaan dhabnutti Yihowaa fi Yesuus akka nu gargaaran amanuu akka qabnu yaadachiisni nuuf kennameera. Waaqni keenya Yihowaanii fi Yesuus Kiristoos warra kaanitti gara laafina waan argisiisaniif nutis gara laafinaan lallabuu fi barsiisuuf kakaana. Yihowaa fi Ilmi isaa inni jaallatamaan miira keenyaa fi dadhabina keenya akka nuuf hubatan, akkasumas jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruu akka barbaadan beekuun keenya nu jajjabeesseera. Hamma Yihowaan waadaa dinqisiisaa “imimmaan hundumaa ija keenya irraa [haquuf]” gale raawwatutti barumsa arganne hojii irra oolchuu keenya itti fufna.—Mul. 21:4.

FAARFANNAA 120 Akka Kiristoositti Garraamota Taʼaa

^ Yeroo tokko tokko Yesuus baayʼee gadduu isaatiin kan kaʼe imimmaan isaa dhangalaaseera. Mata duree kana keessatti, haalawwan Yesuus imimmaan isaa itti dhangalaase sadii qoruudhaan barumsa irraa argannu ilaalla.

^ Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ IBSA FAKKII: Yesuus Maariyaamii fi Maartaa jajjabeesseera. Nutis namoota nama jaallatan duʼaan dhaban jajjabeessuu ni dandeenya.

^ IBSA FAKKII: Yesuus Niqoodimosiin halkan barsiisuuf fedhii qaba ture. Nutis yeroo isaaniif mijatutti namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu qabna.

^ IBSA FAKKII: Yesuus jabina Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufuuf isa barbaachisu argachuuf kadhateera. Nutis yeroo qorumsi nu irra gaʼu akkas gochuu qabna.