Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 5

“Jaalalli Kiristoos Nu Dirqisiisa”

“Jaalalli Kiristoos Nu Dirqisiisa”

“Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisa; . . . warri lubbuudhaan jiran . . . kana booda ofii isaaniitiif akka hin jiraanneef inni hundumaaf duʼeera.”—2 QOR. 5:14, 15.

FAARFANNAA 13 Kiristoos, Fakkeenya Keenya

QABIYYEE a

1-2. (a) Jireenyaa fi tajaajila Yesuusirratti yeroo xiinxallu maaltu nutti dhagaʼama? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

 NAMA jaallannu tokko yeroo duʼaan dhabnu nama sana baayʼee yaanna. Jalqabarratti, keessumaa namni jaallannu sun duʼuu isaa dura baayʼee dhukkubsateera taanaan, waaʼee guyyoota duʼuu isaa dura turanii yeroo yaannu baayʼee dhiphanna. Yeroon darbaa yommuu deemu garuu wanta namni sun nu barsiisee fi wanta inni nu jajjabeessuuf ykn nu gammachiisuuf dubbate ykn raawwate yeroo yaannu hamma tokko ni gammanna.

2 Haaluma wal fakkaatuun, seenaa Yesuus dhiphachuu isaa fi duʼuu isaa ibsu yeroo dubbisnu baayʼee gaddina. Tibba Ayyaana Yaadannootti keessumaa hiika aarsaan furichaa qaburratti xiinxaluuf yeroo ramadna. (1 Qor. 11:24, 25) Taʼus, wanta Yesuus yeroo lafarra turetti dubbatee fi raawwaterratti xiinxaluun baayʼee nu gammachiisa. Wanta inni yeroo ammaatti raawwachaa jiruu fi gara fuulduraatti nuu godhurratti yaaduunis nu jajjabeessa. Akkuma mata duree kana keessatti ilaallu wantoota kanarrattii fi jaalala inni nuuf qaburratti xiinxaluun keenya dinqisiifannaa qabnu argisiisuuf nu kakaasa.

GALATEEFFANNAAN QABNU YESUUS DUUKA BUʼUUF NU KAKAASA

3. Wantoonni furichaaf akka galateeffannu nu kakaasan maalfaʼi?

3 Jireenyaa fi duʼa Yesuusirratti xiinxaluun galateeffachuuf nu kakaasa. Yesuus lafarratti tajaajilaa yeroo turetti eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo fidu namoota barsiiseera. Dhugaawwan Mootummichaa kanaaf dinqisiifannaa guddaa qabna. Furichi Yihowaa fi Yesuus wajjin michummaa cimaa akka qabaannu karaa waan nuu baneef baayʼee galateeffanna. Namoonni Yesuusirratti amantii qaban bara baraaf jiraachuu fi namoota duʼaan dhaban deebisanii argachuuf abdii qabu. (Yoh. 5:28, 29; Rom. 6:23) Eebbawwan kun kan nuuf malan miti; wanta Waaqayyoo fi Kiristoos nuuf godhaniifis matumaa gatii kaffaluu hin dandeenyu. (Rom. 5:8, 20, 21) Garaadhaa akka isaan galateeffannu argisiisuu garuu ni dandeenya. Akkamitti?

Fakkeenya Maariyaam ishii Magdalaarratti xiinxaluun kee galateeffannaa qabdu argisiisuuf kan si kakaasu akkamitti? (Keeyyata 4-5 ilaali)

4. Maariyaam ishiin Magdalaa wanta Yesuus ishiidhaaf godheef galateeffannaa qabdu kan argisiiste akkamitti? (Fakkicha ilaali.)

4 Mee fakkeenya dubartii Yihudii Maariyaam ishii Magdalaa jedhamtuu haa ilaallu. Jinniiwwan torba ishii dhiphisaa waan turaniif haala baayʼee nama gaddisiisu keessa turte. Karaa itti kanarraa obbaafattu akka hin qabne ishiitti dhagaʼamee taʼuu qaba. Kanaafuu, Yesuus dhiibbaa jinniiwwan kanaarraa yeroo bilisa ishii baasu hammam akka galateeffatte tilmaamuu dandeenya. Galateeffannaan qabdu duuka buutuu isaa taʼuuf, akkasumas yeroo, humnaa fi qabeenya ishii tajaajila isaarratti isa deeggaruuf akka itti fayyadamtu ishii kakaaseera. (Luq. 8:1-3) Maariyaam wanta Yesuus dhuunfaatti ishiidhaaf godheef dinqisiifannaa guddaa kan qabdu taʼus, Yesuus gara fuulduraatti wanta kanarra caalu akka ishiidhaaf godhu hin beektu taʼa. Yesuus “isatti kan amanu hundi” jireenya bara baraa qabaachuu akka dandaʼuuf lubbuu isaa ilmaan namootaatiif kenneera. (Yoh. 3:16) Maariyaam Yesuusiif amanamtuu taʼuudhaan dinqisiifannaa qabdu argisiisteetti. Yesuus muka dhiphinaarratti fannifamee yeroo turetti Maariyaam isa bira dhaabbachuudhaan isaafis taʼe warra kaaniif karaa miiraa deeggarsa gooteetti. (Yoh. 19:25) Yesuus erga duʼee booda Maariyaamii fi dubartoonni kan biroon lama urgooftuu fidanii gara iddoo awwaalchaa isaa dhufan. (Mar. 16:1, 2) Maariyaam amanamtuu taʼuun ishii eebba guddaa ishiidhaaf argamsiiseera. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda isa wajjin wal arguu fi isa haasofsiisuuf mirga argatteetti; mirga kana barattoonni hedduun hin arganne.—Yoh. 20:11-18.

5. Wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhaniif galateeffannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Nutis yeroo keenya, humna keenyaa fi qabeenya keenya hojii Mootummichaatiif oolchuudhaan wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhaniif galateeffannaa qabnu argisiisuu dandeenya. Fakkeenyaaf, hojii galma waaqeffannaa qulqulluu ijaaruu fi suphuuf hojjetamurratti gargaarsa gochuuf of dhiheessuu dandeenya.

JAALALLI YIHOWAA FI YESUUSIIF QABNU WARRA KAAN JAALLACHUUF NU KAKAASA

6. Furichi kennaa dhuunfaatti nuu kennamedha kan jennu maaliifi?

6 Yihowaa fi Yesuus hammam akka nu jaallatan yeroo yaannu nutis isaan jaallachuuf kakaana. (1 Yoh. 4:10, 19) Yesuus dhuunfaatti akka nuuf duʼe yeroo hubannummoo jaalalli isaaniif qabnu caalaatti dabala. Phaawulos ergamaan kana waan hubateef xalayaa warra Galaatiyaatiif barreesserratti, “Ilma Waaqayyoo isa na jaallatee fi anaaf jedhee dabarsee of kenne” jechuudhaan dinqisiifannaa qabu ibseera. (Gal. 2:20) Yihowaan furicharratti hundaaʼuudhaan michuu isaa akka taatuuf ofitti si harkiseera. (Yoh. 6:44) Yihowaan wanta gaarii tokko si keessatti argee michuu isaa akka taatuuf gatii guddaa akka kaffale beekuun kee gammachuudhaan akka guutamtu si hin taasisuu? Jaalalli Yihowaa fi Yesuusiif qabdu akka guddatu hoo hin godhuu? ‘Jaalalli kun maal gochuuf na dirqisiisa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.

Jaalalli Waaqayyoo fi Kiristoosiif qabnu ergaa Mootummichaa akaakuu namootaa hundumaatti himuuf nu kakaasa (Keeyyata 7 ilaali)

7. Fakkicharratti akka mulʼatutti hundi keenya jaalala Yihowaa fi Yesuusiif qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (2 Qorontos 5:14, 15; 6:1, 2)

7 Jaalalli Waaqayyoo fi Kiristoosiif qabnu warra kaanitti jaalala argisiisuuf nu kakaasa. (2 Qorontos 5:14, 15; 6:1, 2 dubbisi.) Karaan jaalala itti argisiisnu tokko hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuudha. Tajaajilarratti nama arganne hundumaa haasofsiisna. Sanyii, gosa, qabeenya ykn iddoo namoonni hawaasicha keessatti qaban ilaallee hin loognu. Akka kanaan kaayyoo Yihowaa wajjin wal simnee hojjenna; kaayyoon isaa “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatani dha.”—1 Xim. 2:4.

8. Jaalala obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala argisiisuudhaanis Waaqayyoo fi Kiristoosiin akka jaallannu argisiisuu dandeenya. (1 Yoh. 4:21) Yeroo rakkinni isaan mudatu isaaniif yaanna, akkasumas isaan deeggarra. Nama jaallatan yeroo duʼaan dhaban isaan jajjabeessina, yeroo dhukkubsatan isaan gaafanna, akkasumas yeroo abdii kutatan isaan jajjabeessuuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. (2 Qor. 1:3-7; 1 Tas. 5:11, 14) ‘Wawwaannaan nama qajeelaa humna akka qabu’ yaadachuudhaan isaaniif kadhachuu keenya itti fufna.—Yaq. 5:16.

9. Karaan jaalala obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabnu argisiisuu itti dandeenyu kan biraan maalidha?

9 Obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin nagaadhaan jiraachuuf carraaqqii gochuudhaanis akka isaan jaallannu argisiisuu dandeenya. Dhiifama gochuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuuf ni carraaqna. Yihowaan Ilmi isaa cubbuu keenyaaf akka duʼu erga heyyamee nuti hoo obboloonni keenya yeroo cubbuu nurratti hojjetan tolaan dhiifama isaaniif gochuu hin qabnuu? Akka garbicha hamaa fakkeenya Yesuus keessatti ibsame sanaa taʼuu hin barbaannu. Garbichi sun gooftaan isaa liqii hedduu kan isaaf dhiise taʼus inni garuu garbicha liqii muraasa isarraa liqeeffateef dhiifama gochuu dideera. (Mat. 18:23-35) Nama gumii keessa jiru tokko wajjin yoo walitti buute Ayyaana Yaadannoorratti argamuu kee dura nagaa uumuuf dursa fudhachuu dandeessaa? (Mat. 5:23, 24) Akkas gochuun kee Yihowaa fi Yesuusiif jaalala guddaa akka qabdu argisiisa.

10-11. Jaarsoliin jaalala Yihowaa fi Yesuusiif qaban argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? (1 Pheexiros 5:1, 2)

10 Jaarsoliin Yihowaa fi Yesuusiin akka jaallatan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? Karaa guddaan kana gochuu itti dandaʼan inni tokko hoolota Yesuusiif kunuunsa gochuudha. (1 Pheexiros 5:1, 2 dubbisi.) Yesuus yaada kana Pheexiros ergamaadhaaf ifa godheera. Pheexiros Yesuusiin siʼa sadi erga ganee booda akka isa jaallatu mirkaneessuuf baayʼee barbaadee ture. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, “Yaa Simoon ilma Yohaannis, na jaallattaa?” jedhee isa gaafateera. Pheexiros jaalala Gooftaa isaatiif qabu argisiisuuf wanta kamiyyuu gochuuf qophaaʼaa akka taʼe beekamaadha. Yesuus, “Ilmoolee hoolaa koo tiksi” isaan jedheera. (Yoh. 21:15-17) Pheexirosis jireenya isaa isa hafe keessatti hoolota Gooftaatiif kunuunsa gochuudhaan Yesuusiin akka jaallatu argisiiseera.

11 Jaarsoliin, tibba Ayyaana Yaadannootti wanta Yesuus Pheexirosiin jedhe kanaaf iddoo guddaa akka kennitan argisiisuu kan dandeessan akkamitti? Hojii tikaarratti yeroo hunda hirmaachuudhaan, akkasumas namoonni karaa hafuuraa qabbanaaʼan gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaaruuf carraaqqii addaa gochuudhaan Yihowaa fi Yesuusiin hammam akka jaallattan argisiisuu dandeessu. (His. 34:11, 12) Kana malees, barattoota Kitaaba Qulqulluu fi namoota haaraa Ayyaana Yaadannoorratti argamaniif xiyyeeffannaa kennuudhaan namoonni gara fuulduraatti barattoota Yesuus taʼan kun miira hoʼaadhaan akka simataman akka isaanitti dhagaʼamu gochuu dandeessu.

JAALALLI KIRISTOOSIIF QABNU IJA JABEEYYII TAʼUUF NU KAKAASA

12. Wanta Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti dubbaterratti xiinxaluun ija jabina nuuf kenna kan jennu maaliifi? (Yohaannis 16:32, 33)

12 Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti barattoota isaatiin akkana jedheera: “Addunyaa keessatti rakkinni isin irra gaʼa, garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼeera.” (Yohaannis 16:32, 33 dubbisi.) Yesuus diinonni isaa yeroo isa doorsisanitti ija jabina qabaachuu fi hamma duʼaatti amanamaa taʼuuf kan isa gargaare maalidha? Yihowaatti amanamuu isaati. Yesuus duuka buutonni isaa qorumsi akkasii akka isaan mudatu waan beekeef Yihowaan akka isaan eegu kadhateera. (Yoh. 17:11) Kun ija jabina qabaachuuf nu gargaara kan jennu maaliifi? Yihowaan diina keenya kamiyyuu caalaa humna waan qabuufi. (1 Yoh. 4:4) Wanti ija isaa duraa dhokatu tokkollee hin jiru. Yihowaatti yoo amanamne sodaa keenya injifachuu fi ija jabina qabaachuu akka dandeenyu beekna.

13. Yoseef inni nama biyya Armaatiyaa taʼe ija jabina kan argisiise akkamitti?

13 Mee namicha biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yihudoota biratti nama kabajamaa ture. Miseensa mana murtii olaanaa Yihudootaa Saanhediriin jedhamuu ture. Haa taʼu malee, yeroo Yesuus lafarratti tajaajilaa turetti Yoseef ija jabina hin argisiisne. Yohaannis Yoseef “Yihudoota waan sodaateef dhoksaatti barataa Yesuus [akka] ture” dubbateera. (Yoh. 19:38) Yoseef ergaa Mootummichaatiif fedhii akka qabu kan argisiise taʼus, Yesuusitti akka amanu warra kaan jalaa dhokseera. Kana kan godhe iddoo olaanaa hawaasicha keessatti qabu akka hin dhabne waan sodaateef akka ture hin shakkisiisu. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun Yesuus erga duʼee booda Yoseef “ija jabinaan Philaaxos duratti dhihaatee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu [gaafachuu]” isaa dubbata. (Mar. 15:42, 43) Yoseef barataa Yesuus taʼuu isaa sana booda dhoksuuf hin yaalle.

14. Nama kan sodaattu yoo taʼe maal gochuu qabda?

14 Atoo akkuma Yoseef nama sodaattee beektaa? Mana barumsaatti ykn bakka hojiitti yeroo tokko tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taate dubbachuun si qaanessaa? Wanti namoonni waaʼee kee yaadan waan si yaaddessuuf babalʼisaa taʼuu ykn cuuphamuurraa duubatti jettaa? Miirri akkasii wanta sirrii raawwachuu akka si dhoowwu hin heyyamin. Yihowaatti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessi. Ija jabina fedhii isaa raawwachuuf si barbaachisu akka siif kennu kadhadhu. Yihowaan kadhannaa keetiif deebii kennaa kan jiru akkamitti akka taʼe yeroo argitu caalaatti cimaa fi ija jabeessa taata.—Isa. 41:10, 13.

GAMMACHUUN QABNU YIHOWAA TAJAAJILUU KEENYA ITTI FUFUUF NU KAKAASA

15. Barattoonni Yesuus Gooftaan isaanii erga isaanitti mulʼatee booda gammachuun qaban maal gochuuf isaan kakaase? (Luqaas 24:52, 53)

15 Yesuus yeroo duʼetti barattoonni isaa baayʼee gaddanii turan. Mee bakka isaanii of kaaʼuuf yaali. Barattoonni Yesuus michuu isaanii baayʼee jaallatan qofa utuu hin taʼin, abdii isaaniis akka dhaban isaanitti dhagaʼamee ture. (Luq. 24:17-21) Haa taʼu malee, Yesuus yeroo isaanitti mulʼatetti raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu gochuurratti gaʼee inni qabu akka hubatan yeroo fudhatee isaan gargaareera. Hojii barbaachisaa taʼe tokkos isaaniif kenneera. (Luq. 24:26, 27, 45-48) Guyyoota 40 booda yeroo Yesuus gara samiitti deebiʼu gaddi isaanii gara gammachuu guddaatti jijjiiramee ture. Gooftaan isaanii lubbuudhaan akka jiruu fi hojii haaraa isaaniif kenname fiixaan baasuurratti isaan gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼe beekuun isaanii isaan gammachiiseera. Gammachuun isaaniis utuu walirraa hin kutin Yihowaa jajachuuf isaan kakaaseera.—Luqaas 24:52, 53 dubbisi; HoE. 5:42.

16. Fakkeenya barattoota Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Fakkeenya barattoota Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Tibba Ayyaana Yaadannootti qofa utuu hin taʼin, waggaa guutuu Yihowaa waaqeffachuudhaan gammachuu argachuu dandeenya. Kunimmoo jireenya keenya keessatti Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennuu gaafata. Fakkeenyaaf, obboloonni hedduun yeroo hunda tajaajilarratti hirmaachuuf, walgaʼii gumiirratti argamuu fi waaqeffannaa maatiirratti hirmaachuuf sagantaa hojii isaaniirratti sirreeffama godhaniiru. Obboloonni kaanimmoo gumii keessatti caalaatti gargaarsa gochuuf ykn bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluuf qabeenya warri kaan barbaachisaa akka taʼetti ilaalan horachuu dhiisuufillee murteessaniiru. Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf jabaannee dhaabbachuun kan nu barbaachisu taʼus, jireenya keenya keessatti Mootummichaaf dursa kan kenninu yoo taʼe inni akka nu eebbisu waadaa nuuf galeera.—Fak. 10:22; Mat. 6:32, 33.

Tibba Ayyaana Yaadannootti wanta Yihowaa fi Yesuus dhuunfaatti siif godhanirratti xiinxaluuf yeroo ramadi (Keeyyata 17 ilaali)

17. Tibba Ayyaana Yaadannoo kanatti maal gochuuf murteessiteetta? (Fakkicha ilaali.)

17 Kibxata, Ebla 4 Ayyaana Yaadannoo kabajuuf hawwiidhaan eegna. Taʼus, jireenyaa fi duʼa Yesuusirratti, akkasumas jaalala innis taʼe Yihowaan nutti argisiisanirratti xiinxaluuf hamma guyyaan sun gaʼutti hin eegin. Tibba Ayyaana Yaadannootti akkas gochuuf carraa argattu hundatti fayyadami. Fakkeenyaaf, chaartii Hiika Addunyaa Haaraa Kutaa Dabalataa B12 irratti argamuu fi “Torban Dhumaa Yesuus Lafa Irratti Dabarse” jedhu dubbisuu fi irratti xiinxaluuf yeroo ramaduu dandeessa. Akkas yeroo gootu caqasoota Kitaaba Qulqulluu galateeffannaa, jaalala, ija jabinaa fi gammachuu kee guddifachuuf si gargaaran argachuuf yaali. Achiis karaawwan dinqisiifannaa qabdu argisiisuu itti dandeessu adda baafadhu. Yesuus tibba Ayyaana Yaadannootti carraaqqii isa yaadachuuf gootuuf iddoo guddaa akka kennu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Mul. 2:19.

FAARFANNAA 17 “Nan Fedha”

a Tibba Ayyaana Yaadannootti jireenya Yesuusii fi duʼa isaarratti, akkasumas jaalala innis taʼe Abbaan isaa nutti argisiisanirratti akka xiinxallu jajjabeeffamna. Akkas gochuun keenya hojiidhaaf nu kakaasa. Mata dureen kun karaawwan furichaaf akka galateeffannuu fi jaalala Yihowaa fi Yesuusiif qabnu argisiisuu itti dandeenyu ibsa. Obbolootaa fi obboleettota keenya jaallachuu, ija jabina argisiisuu fi tajaajila keenyarraa gammachuu argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.