Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Seenaa jireenyaa obbolootaa fi obboleettotaa dubbisuu ni jaallattaa?

Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo hundumaa ganama ganama seenaa jireenyaa tokko dubbisan akkana jedhaniiru: “Seenaawwan kun gammachuu fi jajjabina guddaa nuuf argamsiisaniiru. Nutis haala akkamiiyyuu keessatti amanamoo taʼuu akka dandeenyu nu yaadachiisaniiru.” Obboleettiin takkas akkana jetteetti: “Seenaawwan jireenyaa kun kan nama jajjabeessan, hojiidhaaf kan kakaasanii fi kan nama gammachiisanidha. Obboloonni keenya jireenya kaayyoo qabuu fi gammachiisaa jiraatu. Muuxannoon isaanii tajaajilarratti caalaatti hirmaachuu fi ijoolleen koo tajaajila yeroo guutuu keessa akka seenan jajjabeessuuf na kakaaseera.”

Seenaawwan jireenyaa galmawwan hiika qaban akka baafattu, dadhabina kee akka mootuu fi qorumsawwan ciccimoo gammachuudhaan akka dandamattu si gargaaru. Seenaawwan kana argachuu kan dandeessu akkamitti?

  • Mata dureewwan “Seenaa Jireenyaa Dhugaa Baatota Yihowaa” jalatti walitti aananii baʼan jw.org ykn JW Library® irraa ilaali.

  • LAAYIBIRARII INTARNEETII IRRAA ykn Watchtower Library irraa “Seenaa Jireenyaa Dhugaa Baatota Yihowaa” jedhii barbaadi.