Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 4

Yihowaan Carraaqqii Ayyaana Yaadannoo Kabajuuf Goonu Nuuf Eebbisa

Yihowaan Carraaqqii Ayyaana Yaadannoo Kabajuuf Goonu Nuuf Eebbisa

“Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa.”—LUQ. 22:19.

FAARFANNAA 19 Irbaata Gooftaa

QABIYYEE a

1-2. Waggaa waggaadhaan ayyaana Yaadannoorratti kan argamnu maaliifi?

 YESUUS gara waggaa 2,000 dura lubbuu isaa dabarsee nuu kennuudhaan carraa jireenya barabaraa itti argannu nuuf baneera. Galgala duʼuu isaa dura turetti gocha jaalalaan kakaʼee raawwate kana qophii wayinii fi maxinoo dabalatuun akka yaadatan duuka buutota isaa ajajeera.—1 Qor. 11:23-26.

2 Yesuusiin baayʼee waan jaallannuuf ajaja isaa kana ni eegna. (Yoh. 14:15) Waggaa waggaadhaan tibba Ayyaana Yaadannootti faayidaa duuti isaa nuuf argamsiiserratti xiinxaluu fi waaʼee kanaa kadhachuudhaan dinqisiifannaa wanta inni nuu godheef qabnu argisiisna. Hamma nuuf dandaʼame namoonni hedduun ayyaana adda taʼe kanarratti akka argaman affeeruudhaan hirmaannaa tajaajilarratti goonu guddifanna; kana kan goonus gammachuudhaani. Haalli akkamiiyyuu yoo nu mudate Ayyaana Yaadannoorratti argamuuf akka kutanne beekamaadha.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Mata duree kana keessatti sabni Yihowaa duʼa Yesuus yaadachuuf carraaqqii guddaa kan godhan akkamitti akka taʼe ilaalla. Sabni Yihowaa, (1) akkuma Yesuus ajajetti Ayyaana yaadannoo kan kabajan, (2) namoonni kaan Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman kan affeeran, akkasumas (3) haalli rakkisaan isaan mudatus Ayyaana Yaadannoo kan kabajan akkamitti akka taʼe mariʼanna.

AKKUMA YESUUS AJAJETTI AYYAANA YAADANNOO KABAJUU

4. Waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoorratti dhugaawwan kamfaa baranna? Dhugaawwan kana salphisnee ilaaluu kan hin qabne hoo maaliifi? (Luqaas 22:19, 20)

4 Waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoorratti haasaan Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee fi gaaffilee garaagaraatiif deebii kennu nuuf dhihaata. Ilmaan namootaa furiin kan isaan barbaachise maaliif akka taʼee fi duuti nama tokkoo cubbuu namoota hedduutiif dhiifama argamsiisuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe baranna. Maxinoo fi wayiniin maal akka argisiisanii fi irraa hirmaachuu kan qaban eenyufaa akka taʼanis yaadachiisni nuuf kennama. (Luqaas 22:19, 20 dubbisi.) Kana malees, eebbawwan namoonni lafarra barabaraaf jiraachuuf abdatan argatanirratti ni xiinxalla. (Isa. 35:5, 6; 65:17, 21-23) Dhugaawwan kana matumaa salphisnee ilaaluu hin qabnu. Namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman dhugaawwan kana hin beekan; aarsaan Yesuus hammam iddoo guddaa akka qabus hin hubatan. Ayyaana Yaadannoo duʼa isaas akka inni ajajetti hin kabajan. Kun kan taʼe maaliifi?

5. Ergamoonni Yesuus erga duʼanii booda namoonni Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus akkamitti kabajuu jalqaban?

5 Ergamoonni Yesuus duʼanii utuma baayʼee hin turin Kiristiyaanonni sobaa gumichatti makamuu jalqaban. (Mat. 13:24-27, 37-39) Namoonni kun “barattoota ofitti fudhachuuf dubbii micciiramaa” dubbatu turan. (HoE. 20:29, 30) “Dubbii micciiramaa” Kiristiyaanonni sobaa kun yeroo booda barsiisuu jalqaban keessaa tokko aarsaan Yesuus irra deddeebiʼee dhihaachuu akka qabu kan ibsu ture. Yeroo harʼaatti namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun barumsa sobaa kana ni amanu. Akka Kitaabni Qulqulluun barsiisutti garuu Yesuus “cubbuu namoota hedduu baachuuf yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” duʼe. (Ibr. 9:27, 28) Aarsaa Yesuus amantaawwan tokko tokko Qurbaana jedhanii waaman kabajuuf torban torbaniin, yeroo tokko tokkommoo guyyaa guyyaadhaan gara bataskaanaa dhaqu. b Dhaabbileen amantaa kaanimmoo akka kanaatti yeroo gabaabaa keessatti irra deddeebiʼanii kabajuu baatanis, miseensonni isaanii aarsaan Yesuus hiika akkamii akka qabu sirriitti hin beekan. Namoonni tokko tokko, ‘Aarsaan Yesuus cubbuu kootiif dhuguma dhiifama argamsiisuu dandaʼaa?’ jedhanii yaadu taʼa. Gaaffii kana kan gaafatan maaliifi? Tarii ilaalchi namoota aarsaan Yesuus dhiifama cubbuu kan argamsiisu taʼuu isaa shakkan qaban dhiibbaa isaanirratti godhee taʼuu dandaʼa. Duuka buutonni Yesuus hiika aarsaan Yesuus qabuu fi karaa sirrii duʼa isaa kabajuun itti dandaʼamu akka hubatan namoota gargaaraa jiru.

6. Bara 1872​tti gareen barattoota Kitaaba Qulqulluu tokko murtoo akkamiirra gaʼe?

6 Dhuma jaarraa 19​ffaatti gareen barattoota Kitaaba Qulqulluu Chaarlis Teez Raasiliin geggeeffamu tokko Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qorachuu jalqabe. Barattoonni kun aarsaan Yesuus gatii akkamii akka qabuu fi duuti isaa akkamitti yaadatamuu akka qabu beekuu barbaadanii turan. Bara 1872​tti Yesuus ilmaan namootaa hundumaatiif aarsaa furii akka dhiheesse hubatan. Beekumsa argatan kanas ofuma isaaniitiin qabatanii hin teenye. Kanaa mannaa, kitaabota, gaazexaawwanii fi barruuleetti fayyadamanii namoota beeksisaniiru. Yeroo sanaa kaasee fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofuudhaan Ayyaana Yaadannoo kabajuuf waggaatti al tokko walitti qabamuu jalqaban.

7. Qorannoo barattoonni Kitaaba Qulqulluu durii geggeessanirraa faayidaa argachaa kan jirru akkamitti?

7 Yeroo harʼaatti qorannoo Kiristiyaanonni garaa qajeelaa qaban sun waggoota hedduu dura geggeessanirraa fayyadamaa jirra. Akkamitti? Gargaarsa Yihowaatiin hiika aarsaan Yesuus qabuu fi faayidaa nuufis taʼe ilmaan namootaa hundumaatiif argamsiisu hubachuu dandeenyeerra. (1 Yoh. 2:1, 2) Kana malees, abdii namoonni Waaqayyoon gammachiisan qaban lama, jechuunis namoonni muraasni samii keessatti qaama duʼuu hin dandeenye akka argatan, namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanimmoo lafarratti jireenya barabaraa akka argatan Kitaaba Qulqulluurraa baranneerra. Yihowaan hammam akka nu jaallatuu fi aarsaa Yesuusirraa dhuunfaatti faayidaa hammamii akka arganne yeroo yaannu Yihowaatti caalaatti dhihaanna. (1 Phe. 3:18; 1 Yoh. 4:9) Kanaafuu, Ayyaana Yaadannoo akkuma Yesuus nu ajajetti yeroo kabajnu, akkuma obboloota keenya amanamoo duraanii namoonni nu wajjin akka argaman ni affeerra.

AYYAANA YAADANNOORRATTI AKKA ARGAMAN NAMOOTA AFFEERUU

Duula affeerrii Ayyaana Yaadannoorratti hirmaannaa guutuu gochuuf maal gochuu dandeessa? (Keeyyata 8-10 ilaali) e

8. Sabni Yihowaa namoonni Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman affeeruuf maal godhaniiru? (Fakkicha ilaali.)

8 Sabni Yihowaa namoonni Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman waggoota hedduudhaaf affeeraa turaniiru. Bara 1881 kaasee obboloonnii fi obboleettonni Yuunaayitid Isteetis keessa jiraatan qophii addaa kanaaf Aligeenii Pensilvaaniyaatti mana obboleessa tokkootti akka walitti qabaman affeeramaa turan. Boodammoo Ayyaana Yaadannoo gumiidhaan kabajuu jalqaban. Bitootessa 1940​tti namoota naannoo isaanii fedhii qaban affeeruu akka dandaʼan babalʼistootatti himame. Bara 1960​tti yeroo jalqabaatiif Beetel gumiiwwaniif waraqaa affeerrii maxxanse. Yeroo sanaa kaasee waraqaan affeerrii Ayyaana Yaadannoo biliyoonaan lakkaaʼamu raabsameera. Namoota affeeruuf carraaqqii hammanaa kan goonu maaliifi?

9-10. Carraaqqii warri kaan Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman affeeruuf goonurraa faayidaa kan argatan eenyufaʼi? (Yohaannis 3:16)

9 Sababiin namoonni Ayyaana Yaadannoo nu wajjin akka kabajan itti affeerru tokko namoonni yeroo jalqabaatiif ayyaanicharratti argaman wanta Yihowaanii fi Yesuus hunda keenyaaf godhan akka beekan isaan gargaaruu waan barbaannuufi. (Yohaannis 3:16 dubbisi.) Wanti Ayyaana Yaadannoorratti arganii fi dhagaʼan waaʼee Yihowaa caalaatti barachuu fi tajaajiltoota isaa taʼuuf akka isaan kakaasu abdanna. Taʼus namoonni ayyaanicharratti argamuudhaan faayidaa argatan kan biroonis jiru.

10 Namoota Yihowaa tajaajiluu dhiisanis ayyaanicharratti ni affeerra. Akkas kan goonu Waaqayyo ammas akka isaan jaallatu isaan yaadachiisuufi. Baayʼeen isaanii affeerraa keenya ni fudhatu; yeroo ayyaanicharratti isaan arginus baayʼee gammanna. Ayyaana Yaadannoorratti argamuun isaanii hammam gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa akka turan isaan yaadachiisa. Mee muuxannoo Moonikaa haa ilaallu. c Moonikaan deebitee tajaajilarratti hirmaachuu kan jalqabde weerarri dhibee Kooviid-19 erga kaʼee boodadha. Ayyaana Yaadannoo 2021 irratti erga argamtee booda akkana jetteetti: “Ayyaanni Yaadannoo waggaa kanaa anaaf baayʼee addadha. Namootaaf dhugaa baʼuu fi Ayyaana Yaadannoorratti isaan affeeruu kanan jalqabe gara waggaa 20 boodadha. Wanta Yihowaanii fi Yesuus naaf godhaniif dinqisiifannaa guddaa waanan qabuuf namoota affeeruuf wantan dandaʼu hunda godheera.” (Far. 103:1-4) Yihowaan carraaqqii keenya akka dinqisiifatu waan beeknuuf namoonni affeerrii keenya fudhatanis fudhachuu baatanis Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman affeeruuf wanta dandeenyu hunda ni goona.

11. Yihowaan carraaqqii namoota Ayyaana Yaadannoorratti affeeruuf goonu kan eebbise akkamitti? (Haagee 2:7)

11 Yihowaan carraaqqii namoota Ayyaana Yaadannoorratti affeeruuf goonu baayʼee eebbiseera. Bara 2021​tti sababa weerara dhibee Kooviid-19n kan kaʼe dhorkaan garaagaraa jiraatus, namoonni 21,367,603 taʼan Ayyaana Yaadannoorratti argamaniiru. Lakkoofsi kun lakkoofsa Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argamanirra dachaadhaa oliin caala. Yihowaan lakkoofsi namootaa akka isa hin yaaddessine beekna. Inni dhuunfaadhaan namoota ayyaanicharratti argamanirratti xiyyeeffata. (Luq. 15:7; 1 Xim. 2:3, 4) Yihowaan yeroo nuti namootaaf waraqaa affeerrii kenninu namoota garaa qajeelaa qaban argachuuf akka nutti fayyadamu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Haagee 2:7 dubbisi.

HAALLI RAKKISAAN JIRAATUS AYYAANA YAADANNOO KABAJUU

Yihowaan carraaqqii Ayyaana Yaadannoo kabajuuf goonu nuuf eebbisa (Keeyyata 12 ilaali) f

12. Haalawwan Ayyaana Yaadannoo kabajuun ulfaataa akka nutti taʼu godhan maalfaʼi? (Fakkicha ilaali.)

12 Yesuus guyyoota dhumaatti mormii maatii, ariʼatama, waraanaa fi golfaa dabalatee rakkinni garaagaraa akka nu mudatu raajii dubbateera. (Mat. 10:36; Mar. 13:9; Luq. 21:10, 11) Yeroo tokko tokko haalawwan akkasii Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus kabajuun ulfaataa akka nutti taʼu godhu. Obboloonnii fi obboleettonni keenya haalawwan rakkisoo akkasii mooʼuuf maal godhaniiru? Yihowaan hoo kan isaan gargaare akkamitti?

13. Yihowaan ija jabinaa fi kutannoo Aartam mana hidhaa keessatti Ayyaana Yaadannoo kabajuuf argisiise kan isaaf eebbise akkamitti?

13 Hidhaa. Obboloonni keenya sababii amantii isaaniitiin hidhaman duʼa Yesuus yaadachuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu. Mee muuxannoo Aartam haa ilaallu. Tibba Ayyaana Yaadannoo 2020​tti kutaa iskuweer meetirii 17 taʼee fi hidhamtoota shan qabate keessatti hidhamee ture. Taʼus wantoota Ayyaana Yaadannoorratti itti fayyadamuu dandaʼu tokko tokko argachuu dandaʼeera; ofii isaatiif haasaa Ayyaana Yaadannoo dhiheessuufis karoorfatee ture. Namoonni isa wajjin hidhamanii turan garuu sijaaraa xuuxu, akkasumas jechoota gadheetti fayyadamu turan. Maarree, maal godhe? Saʼaatii tokkoof qofa jechoota gadheetti fayyadamuu fi sijaaraa xuuxuu isaanii akka dhiisan isaan gaafate. Aartam namoonni isa wajjin hidhaman sun yeroo Ayyaana Yaadannootti sijaaraa xuuxuus taʼe jechoota gadheetti fayyadamuu akka dhiisan yeroo isatti himan baayʼee isa ajaaʼibe. Aartam, “Waaʼee Ayyaana Yaadannoo isaanitti himuu barbaadeen ture” jedheera. Waaʼee Ayyaana Yaadannoo dhagaʼuu akka hin barbaanne kan dubbatan taʼus, Aartam ayyaanicha yeroo kabaju erga arganii fi dhagaʼanii booda garuu waaʼee ayyaanichaa isa gaafataniiru.

14. Weerarri dhibee Kooviid-19 jiraatus Ayyaana Yaadannoo kabajuuf carraaqqii akkamiitu godhame?

14 Weerara dhibee Kooviid-19. Yeroo weerarri dhibee kun kaʼetti tajaajiltoonni Yihowaa Ayyaana Yaadannoo kabajuuf qaamaan walitti qabamuu hin dandeenye. Kun garuu ayyaanicha akka hin kabajne isaan hin dhoowwine. d Gumiiwwan intarneetii argachuu dandaʼan viidiyoo konfiransiidhaan ayyaanicha kabajuu dandaʼaniiru. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi intarneetii argachuu hin dandeenye hoo? Biyyoota tokko tokkotti haasaa Ayyaana Yaadannoo televizyinii ykn raadiyoodhaan tamsaasuuf qophiin godhamee ture. Kana malees, namoonni naannoo fagoo jiraatanillee Ayyaana Yaadannoo kabajuu akka dandaʼaniif waajjiroonni damee afaan 500 oliin haasaa kana waraabaniiru. Achiis obboloonni haasaan waraabame isaan barbaachisu haasaa sana akka argatan qophiin ni godhame.

15. Barattuu Kitaaba Qulqulluu Suu jedhamturraa maal baratta?

15 Mormii maatii. Namoonni tokko tokko Ayyaana Yaadannoo kabajuun baayʼee akka isaanitti ulfaatu wanti godhu mormii maatiiti. Mee muuxannoo barattuu Kitaaba Qulqulluu Suu jedhamtuu haa ilaallu. Bara 2021​tti Suun guyyaa Ayyaana Yaadannoo dura jirutti miseensonni maatii ishii waan ishii mormaniif ayyaanicharratti argamuu akka hin dandeenye obboleettii ishii qoʼachiistutti himte. Obboleettiin ishii qoʼachiistus Luqaas 22:44 ishiidhaaf dubbiste. Achiis yeroo haalli rakkisaan uumamutti fakkeenya Yesuus hordofuudhaan kadhannaadhaan gargaarsa Yihowaa gaafachuunii fi guutummaatti isatti amanamuun barbaachisaa akka taʼe ishiidhaaf ibsite. Guyyaa ittaanutti Suun wayinii fi maxinoo qopheeffachuu, akkasumas jw.org irraa sagantaa Waaqeffannaa Ganamaa addaa ilaaluu dandeesseetti. Galgala sana kutaa ishii keessa kophaa ishii taatee bilbilaan Ayyaana Yaadannoorratti argamuu dandeesseetti. Sana booda Suun obboleettii ishii qoʼachiistuuf akkana jettee barreessite: “Kaleessa baayʼee na jajjabeessiteetta. Ayyaana Yaadannoorratti argamuuf wantan dandaʼu hunda godheera. Yihowaanis baayʼee na gargaareera. Hammam akkan gammadee fi galata koo jechaan ibsuu hin dandaʼu.” Atis haalli akkasii yoo si mudate Yihowaan akka si gargaaru sitti dhagaʼamaa?

16. Yihowaan carraaqqii Ayyaana Yaadannoorratti argamuuf goonu akka nuuf eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenye maaliifi? (Roomaa 8:31, 32)

16 Yihowaan carraaqqii Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus kabajuuf goonuuf iddoo guddaa kenna. Yihowaan wanta inni nuu godheef dinqisiifannaa qabnu yeroo argisiisnu akka nu eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Roomaa 8:31, 32 dubbisi.) Kanaafuu, Ayyaana Yaadannoo waggaa kanaarratti argamuu fi tibba ayyaanichaatti hamma nuuf dandaʼame sochii hafuuraarratti caalaatti hirmaachuuf haa murteessinu.

FAARFANNAA 18 Furichaaf Galateeffachuu

a Kibxata Ebla 4, 2023​tti addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos ni kabaju. Namoonni ayyaanicharratti yeroo jalqabaatiif argaman hedduun ni jiraatu. Obboloonni kanaan dura Yihowaa tajaajilaa turanis waggoota hedduu booda yeroo jalqabaatiif ayyaanicharratti ni argamu. Tokko tokkommoo ayyaanicharratti argamuuf gufuu hedduu darbuun isaan barbaachisa. Haalli keessa jirtu kan akkamiiyyuu yoo taʼe Yihowaan carraaqqii ayyaanicharratti argamuuf gootutti akka gammadu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

b Amantoonni hedduun yeroo ayyaanichi kabajamu maxinoonii fi wayiniin gara foonii fi dhiiga Kiristoositti akka jijjiiramu amanu. Yeroo namni tokko sirna kanarratti hirmaatu hundumaatti foonii fi dhiigni Yesuus aarsaa akka taʼutti yaadu.

c Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

d Mata dureewwan jw.org irratti baʼanii fi “Ayyaana Yaadannoo 2021” jedhan ilaali.

e IBSA FAKKII: Bara 1960mmanii kaasee waraqaan affeerrii Ayyaana Yaadannoo fooyyaʼaa dhufeera. Yeroo ammaatti waraqaan affeerrii maxxanfames taʼe bifa eleektiroonikiitiin qophaaʼe ni argama.

f IBSA FAKKII: Hojiin argisiisa: Obboloonnii fi obboleettonni yeroo jeequmsi uummataa jirutti Ayyaana Yaadannoo kabajaa jiru.