MATA DUREE QOʼANNAA 4
FAARFANNAA 30 Abbaa Koo, Waaqa Koo fi Michuu Koo
Yihowaan Baayʼee Si Jaallata
“Yihowaan jaalala guddaa kan qabu . . . dha.”—YAQ. 5:11.
YAADA IJOO
Jaalalli Yihowaa isatti kan nu dhiheessu, kan nu tasgabbeessu, akkasumas kunuunsa akka qabnuu fi akka haaromne akka nutti dhagaʼamu kan godhu akkamitti?
1. Waaʼee Yihowaa yeroo yaaddu maaltu gara sammuu keetti dhufa?
YIHOWAAN maal akka fakkaatu tilmaamuuf yaaltee beektaa? Yeroo kadhannaa isatti dhiheessitu maaltu gara sammuu keetti dhufa? Yihowaan kan hin mulʼanne taʼus Kitaabni Qulqulluun karaa garaa garaatiin isa ibsa. Yihowaan “aduu fi gaachana,” akkasumas “ibidda gubee balleessu” akka taʼetti ibsameera. (Far. 84:11; Ibr. 12:29) Hisqiʼel mulʼata arge tokkorratti Yihowaan dhagaa safiroos, sibiila calaqqisuu fi sabbata waaqaa ifa guddaa qabu akka fakkaatu ibseera. (His. 1:26-28) Ibsawwan akkasii dinqisiifannaadhaan akka guutamnu, darbees akka sodaannu nu taasisuu dandaʼu.
2. Namoonni tokko tokko Yihowaatti dhihaachuurraa duubatti akka jedhan wanti isaan taasisu maal taʼuu dandaʼa?
2 Yihowaa ijaan arguu waan hin dandeenyeef akka nu jaallatu amanuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko wanta jireenya isaanii keessatti isaan mudateen kan kaʼe Yihowaan isaan jaallachuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Tarii akkas kan isaanitti dhagaʼame abbaa isaan jaallatu waan hin qabneef taʼuu dandaʼa. Yihowaan miira akkasiis taʼe dhiibbaa miirri akkasii nurraan geessisu ni hubata. Yihowaan nu gargaaruuf jedhee Dubbii isaa keessatti waaʼee amaloota isaa ibseera.
3. Jaalala Yihowaatiif xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?
3 Jechi Yihowaa akka gaariitti ibsu tokko jaalaladha. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jaalala” jedha. (1 Yoh. 4:8) Wanta hunda kan godhu jaalalaan kakaʼeeti. Yihowaan, jaalalli isaa humna guddaa waan qabuuf, amala isaa kana namoota isa jaallatanitti qofa utuu hin taʼin namoota isa hin jaallannettis ni argisiisa. (Mat. 5:44, 45) Mata duree kana keessatti, waaʼee Yihowaa fi waaʼee jaalala isaa balʼinaan ilaalla. Waaʼee Waaqa keenyaa caalaatti barachaa yeroo deemnu jaalalli isaaf qabnus guddachaa deema.
YIHOWAAN BAAYʼEE NU JAALLATA
4. Yihowaan jaalala guddaa qabaachuun isaa maaltu akka sitti dhagaʼamu godha? (Fakkichas ilaali.)
4 “Yihowaan jaalala guddaa kan qabu . . . dha.” (Yaq. 5:11) Kitaaba Qulqulluu keessatti, Yihowaan haadha daaʼima ishii baayʼee jaallattutti of fakkeesseera. (Isa. 66:12, 13) Mee waaʼee haadha daaʼima ishii jaalalaan kunuunsitu tokkoo yaadi. Haati kun daaʼima ishii hammattee suuta jettee sagalee laafaadhaan isa haasofsiisti. Yeroo booʼu ykn wanti isatti hin tolle yeroo jiraatu, wanta isa barbaachisu hunda isaaf gooti. Yeroo dhiphannu Yihowaan akka nu jaallatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Faarfatichi, “Yaaddoon yeroo na liqimsetti, ati na jajjabeessite, na tasgabbeessites” jedhee barreesseera.—Far. 94:19.
5. Jaalalli amanamaan Yihowaan qabu siif hiika akkamii qaba?
5 Yihowaan amanamaadha. (Far. 103:8) Yeroo dogoggora raawwannu abdii nutti hin kutatu. Israaʼelonni irra deddeebiʼanii Yihowaa gaddisiisanii turan; taʼus, saba isaa yaada geddarataniif jaalala hin badne akka qabu argisiisuuf akkana jedheera: “Ati na duratti bakka guddaa ni qabaatte, ulfina ni argatte, anis sin jaalladhe.” (Isa. 43:4, 5) Jaalalli Waaqayyoo hin jijjiiramne. Yeroo hunda jaalala isaatti amanamuu dandeenya. Yihowaan dogoggora cimaa yoo raawwannellee nu hin dhiisu. Yaada geddarannee gara isaatti yeroo deebinu jaalalli inni nuuf qabu akka hin jijjiiramne hubanna. “Dhiifamni isaa guddaa” akka taʼe waadaa nuu galeera. (Isa. 55:7) Kitaabni Qulqulluun dhiifama yeroo argannu “Yihowaa biraa yeroon haareffamuu” akka nuuf dhufu dubbata.—HoE. 3:19.
6. Zakkaariyaas 2:8 waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?
6 Zakkaariyaas 2:8 dubbisi. Yihowaan waan nu jaallatuuf miira keenyaaf of eeggata, nu eeguufis fedhii guddaa qaba. Yeroo gaddinu innis ni gadda. Kanaafuu, “Akka qaroo ija keetiitti na eegi” jennee kadhachuu dandeenya. (Far. 17:8) Ijji kutaa qaamaa of eeggannoo guddaa barbaaduu fi gatii guddaa qabudha. Kanaafuu, Yihowaan akkuma qaroo ija isaatti waan nu ilaaluuf, akkuma waan, ‘Namni saba koo miidhu, wanta na biratti gatii guddaa qabu miidha’ jedhetti ilaalama.
7. Amantii jaalala Yihowaarratti qabnu cimsachuun kan nu barbaachisu maaliifi?
7 Yihowaan dhuunfaatti akka nu jaallatu mirkanaaʼoo akka taanu barbaada. Taʼus, wanta jireenya keenya keessatti nu mudateen kan kaʼe akka nu jaallatu shakkuu akka dandeenyus beeka. Tariimmoo yeroo ammaatti haalli amantii jaalala Yihowaarratti qabnu qoru nu mudachaa jira taʼa. Maarree, amantii keenya maaltu nuuf cimsa? Yihowaan jaalala Yesuusiif, dibamtootaa fi hunda keenyaaf qabu kan ibse akkamitti akka taʼe barachuun keenya amantii keenya nuuf cimsa.
YIHOWAAN JAALALA ISAA KAN IBSE AKKAMITTI?
8. Yesuus Abbaan isaa akka isa jaallatu mirkanaaʼaa kan taʼe maaliifi?
8 Yihowaanii fi Ilmi isaa waggoota hangana hin jedhamneef walitti dhufeenya cimaa jaalalarratti hundaaʼe uumuu dandaʼaniiru. Hamma isaanii yeroo dheeraadhaaf waliin kan jiraate hin jiru. Akkuma Maatewos 17:5 irratti ibsame Yihowaan Yesuusiin akka jaallatu ifatti dubbateera. Yihowaan, ‘Kun isa ani itti gammadu dha’ jedhee dhiisuu dandaʼa ture. Haa taʼu malee, Yesuusiin hammam akka jaallatu akka beeknu waan barbaadeef, “Ilma koo isa jaallatamaa” jedhee isa waameera. Yihowaan Yesuusitti ni boona ture, wanta inni gochuuf jedhuttis gammadee ture. (Efe. 1:7) Yesuusis miira Abbaan isaa isaaf qaburratti shakkii tokkollee hin qabu ture. Yihowaan baayʼee akka isa jaallatu mirkanaaʼaa ture. Abbaan isaa akka isa jaallatu irra deddeebiʼee dubbateera.—Yoh. 3:35; 10:17; 17:24.
9. Yaanni jaalala Yihowaan dibamtootaaf qabu ibsu isa kami? Ibsi. (Roomaa 5:5)
9 Yihowaan jaalala dibamtootaaf qabus ibseera. (Roomaa 5:5 dubbisi.) Yaada, “dhangalaʼeera” jedhu hubadhu. Barreeffamni qorannaa tokko yaada kana, “akkuma lagaatti nutti yaaʼeera” jedhee ibseera. Yaanni kun jaalala Yihowaan dibamtootaaf qabu akka gaariitti ibsa. Dibamtoonni ‘Waaqayyo akka isaan jaallatu’ beeku. (Yih. 1) Yohaannis ergamaan miira dibamtootatti dhagaʼamu akkana jedhee ibseera: “Nuti ijoollee Waaqayyoo jedhamnee akka waamamnuuf Abbaan jaalala guddaa akkamii akka nutti argisiise ilaalaa!” (1 Yoh. 3:1) Yihowaan kan jaallatu dibamtoota qofadhaa? Lakki, Yihowaan hunda keenya akka jaallatu argisiiseera.
10. Wanti Yihowaan akka si jaallatu siif mirkaneesse inni guddaan maalidha?
10 Wanti Yihowaan akka nu jaallatu nuuf mirkaneessu inni guddaan maalidha? Furichadha; Yihowaan furicha qopheessuudhaan jaalala baayʼee adda taʼe nutti argisiiseera. (Yoh. 3:16; Rom. 5:8) Dhiifama cubbuu akka argannuu fi michuu isaa taʼuu akka dandeenyuuf, Ilmi isaa inni jaallatamaan ilmaan namootaa hundaaf akka duʼu heyyameera. (1 Yoh. 4:10) Gatii guddaa Yihowaa fi Yesuus kaffalanirratti caalaatti yeroo xiinxallu jaalala isaan tokkoon tokkoon keenyaaf qaban caalaatti hubanna. (Gal. 2:20) Furichi kan kaffalame haqa Yihowaa raawwachiisuuf qofa miti. Furichi kennaa jaalalarratti hundaaʼedha. Yihowaan wanta isaaf hundumaa caalaa gatii guddaa qabu, jechuunis Ilma isaa aarsaa nuuf gochuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera. Ilmi isaa nuuf jedhee akka dhiphatuu fi akka duʼu heyyameera.
11. Ermiyaas 31:3 irraa maal baranna?
11 Akkuma olitti ilaalle, Yihowaan miira isaa hin dhoksu, kanaa mannaa jaalala isaa ifatti ibseera. (Ermiyaas 31:3 dubbisi.) Waan nu jaallatuuf ofitti nu harkiseera. (Keessa Deebii 7:7, 8 wajjin wal bira qabii ilaali.) Wanti kamiyyuu ykn eenyuyyuu jaalala isaarraa gargar nu baasuu hin dandaʼu. (Rom. 8:38, 39) Jaalalli kun miira akkamii sitti uuma? Faarfannaa 23 dubbisiitii jaalallii fi kunuunsi Yihowaa Daawitirratti dhiibbaa akkamii akka godhee fi hunda keenyarratti dhiibbaa akkamii gochuu akka dandaʼu hubachuuf yaali.
JAALALLI YIHOWAA MIIRA AKKAMII SITTI UUMA?
12. Faarfannaa 23 ibsi.
12 Faarfannaa 23:1-6 dubbisi. Faarfannaan 23 jaalalaa fi kunuunsa Yihowaa akka gaariitti ibsa. Barreessaa faarfannaa kanaa kan taʼe Daawit walitti dhufeenya cimaa isaa fi Yihowaa isa Tiksee isaa taʼe gidduu jiru ibseera. Daawit Yihowaan akka isa qajeelchu waan heyyameef nageenyi isatti dhagaʼameera, guutummaattis isatti amanameera. Daawit jaalalli Yihowaa bara jireenya isaa hundumaatti akka isa hordofu beeka. Amanannaa akkasii akka qabaatu maaltu isa gargaare?
13. Daawit Yihowaan akka isa kunuunsu mirkanaaʼaa kan taʼe maaliifi?
13 “Homtuu natti hin hirʼatu.” Daawit Yihowaan yeroo hunda wanta isa barbaachisu waan isaaf qopheessuuf kunuunsa akka qabu isatti dhagaʼameera. Yihowaan michuu isaa akka taʼee fi isa biratti fudhatama akka argates beeka. Gara fuulduraatti wanti akkamiiyyuu yoo isa mudate Yihowaan wanta isa barbaachisu akka isaaf qopheessu mirkanaaʼaa kan taʼe kanaafi. Daawit Yihowaan akka isa jaallatuu fi akka isa kunuunsu amantii qabaachuun isaa akka hin dhiphannee fi gammachuu akka qabaatu isa gargaareera.—Far. 16:11.
14. Yihowaan jaalalaan kunuunsa kan nuuf godhu akkamitti?
14 Yihowaan keessumaa yeroo jireenya keenya keessatti rakkinni nu mudatu jaalalaan kunuunsa nuuf godha. Kileer a Ishiin waggaa 20 oliif Beetel keessatti tajaajilaa turte, walitti aansee maatii ishiirra rakkinni yeroo gaʼu wanta gootu wallaaltee turte. Abbaan ishii sammuu isaa keessatti dhiigni ni dhangalaʼe, obboleettiin ishii gumiidhaa baafamte, akkasumas maatiin ishii rakkinni maallaqaa isaan mudatee fi mana isaanii dhabanii turan. Maarree, Yihowaan maatii ishii kan kunuunse akkamitti? Kileer akkana jetteetti: “Yihowaan maatiin koo yeroo hunda wanta isaan barbaachisu akka argatan godheera. Yihowaan yeroo baayʼee wanta nu barbaachisuu ol nuu kenneera. Yeroo baayʼee Yihowaan akkamitti akka na gargaare nan yaada, jaalala isaa matumaa hin irraanfadhu. Kana yaadachuun koo sana boodas yeroo rakkinaatti gammachuudhaan tajaajiluu koo itti fufuuf na gargaareera.”
15. Daawit akka haarome kan isatti dhagaʼame maaliifi? (Fakkichas ilaali.)
15 “Inni na haaromsa.” Daawit yeroo tokko tokko rakkinaa fi qorumsa isa mudatuun kan kaʼe baayʼee dhiphata ture. (Far. 18:4-6) Taʼus, jaalallii fi kunuunsi Yihowaa isa haaromseera. Yihowaan michuu isaa baayʼee dadhabe kana gara “kaloo lalisaa” fi “iddoo boqonnaa bishaan baayʼee qabutti” geesseera. Kanaan kan kaʼes, Daawit deebiʼee jabaachuu fi Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufuu dandaʼeera.—Far. 18:28-32.
16. Jaalalli Yihowaa kan si haaromsu akkamitti?
16 Yeroo harʼaatti, nutis qorumsii fi rakkinni adda addaa yeroo nu mudatutti “kan hin dhumne jaalala Yihowaa isa amanamaa taʼeen kan kaʼe dha.” (Faru. 3:22; Qol. 1:11) Mee muuxannoo Reechal haa ilaallu. Reechal yeroo abbaan manaa ishii yeroo weerara dhibee Kooviid-19tti ishii fi Yihowaa dhiisetti baayʼee gadditee turte. Maarree, Yihowaan maal ishiidhaaf godhe? Akkana jetteetti: “Yihowaan akkan jaallatamu akka natti dhagaʼamu godheera. Michoota na wajjin yeroo dabarsan, nyaata naa fidan, ergaa fi caqasoota na jajjabeessan naaf ergan, fuula ifaadhaan na ilaalanii fi inni akka na kunuunsu yeroo hunda na yaadachiisan naa kenneera. Yihowaan maatii guddaa jaalala qabeessa taʼe waan naa kenneef yeroo hundan isa galateeffadha.”
17. Daawit ‘miidhaan na irra gaʼa jedhee kan hin sodaanne’ maaliifi?
17 “Ati anaa wajjin waan jirtuuf . . . miidhaan na irra gaʼa jedhee hin sodaadhu.” Daawit yeroo baayʼee lubbuun isaa balaadhaaf saaxilameera, diinota ciccimoo hedduus qaba ture. Haa taʼu malee, jaalalli Yihowaan isaaf qabu akka tasgabbaaʼuu fi eegumsa akka qabu akka isatti dhagaʼamu godheera. Daawit Yihowaan haala akkamiiyyuu keessatti isa wajjin akka jiru waan isatti dhagaʼameef tasgabbaaʼeera. ‘Yihowaan sodaa koo hundumaa jalaa na oolche’ jedhee kan faarfate kanaafi. (Far. 34:4) Daawit yeroo tokko tokko baayʼee sodaatee kan ture taʼus Yihowaan akka isa jaallatu waan beekuuf sodaa isaa injifachuu dandaʼeera.
18. Yihowaan akka nu jaallatu nuuf mirkaneessuun isaa yeroo sodaan sitti dhagaʼamutti kan si cimsu akkamitti?
18 Yihowaan akka nu jaallatu nuuf mirkaneessuun isaa yeroo sodaan nutti dhagaʼamutti kan nu cimsu akkamitti? Qajeelchituun Suuzii jedhamtu yeroo mucaan isaanii of ajjeesetti miira ishii fi abbaa manaa ishiitti dhagaʼame akkana jechuudhaan ibsiteetti: “Wanti gaddisiisaan akkasii yeroo si mudatu baayʼee waan si miidhuuf homaa gochuu akka hin dandeenyee fi gara fuulduraattis rakkinni dabalataa akka si mudatu sitti dhagaʼama. Taʼus, jaalalli guddaan Yihowaan nuuf qabu akka tasgabboofnuu fi eegumsa akka qabnu akka nutti dhagaʼamu godha.” Reechal ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Gaaf tokko galgala baayʼee gaddee, dhiphadhee fi sodaadhee waanan tureef, booʼee Yihowaa kadhachuun jalqabe. Achiis yeruma sana akkuma haati takka daaʼima ishii tasgabbeessitutti garaa koo akka tasgabbeesse natti dhagaʼame; sana booda hirribni na fudhate. Yeroo sana yoomiyyuu hin irraanfadhu.” Jaarsi gumii Teesoos jedhamu raayyaa waraanaatti makamuu diduu isaatiin kan kaʼe waggaa afuriif hidhamee ture. Maarree, jaalalaa fi kunuunsa Yihowaa kan argate akkamitti? Akkana jedheera: “Yihowaan wanta na barbaachisu hunda naaf kenneera; wanta dabalataayyuu naaf godheera. Kunis guutummaatti isatti amanamuu akkan dandaʼu mirkanaaʼaa taʼuuf na gargaareera. Haala baayʼee nama dhiphisu keessattillee hafuura isaatti fayyadamuudhaan gammachuu akkan qabaadhu godheera. Kunis caalaatti isatti dhihaadhee yoon hojjedhe gaarummaa isaarraa caalaatti fayyadamuu akkan dandaʼu naaf mirkaneesse. Kanaafuu, mana hidhaa keessatti qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluun jalqabe.”
WAAQA KEE ISA BAAYʼEE SI JAALLATUTTI DHIHAADHU
19. (a) Waaqayyo akka nu jaallatu beekuun keenya wanta kadhannaa keenyarratti caqasnurratti jijjiirama kan fidu akkamitti? (b) Yaadawwan jaalala Yihowaa ibsan keessaa caalaatti garaa kee kan tuqe isa kami? (Saanduqa, “ Yaadawwan Jaalala Guddaa Yihowaan Nuuf Qabu Hubachuuf Nu Gargaaran” jedhu ilaali.)
19 Muuxannoowwan olitti ilaalle hundi Yihowaan inni ‘Waaqa jaalalaa’ taʼe nu wajjin akka jiru nuuf mirkaneessu. (2 Qor. 13:11) Inni dhuunfaatti xiyyeeffannaa nuuf kenna. ‘Jaalala isaa isa amanamaadhaan akka marfamne’ mirkanaaʼoo taaneerra. (Far. 32:10) Jaalala inni nutti argisiiserratti caalaatti yeroo xiinxallu, caalaatti nuuf dhugooma, akkasumas caalaatti isatti dhihaanna. Bilisummaadhaan isatti dhihaannee jaalalli isaa hammam akka nu barbaachisu itti himuu dandeenya. Akka nu hubatuu fi nu gargaaruuf fedhii guddaa akka qabu waan beeknuuf, wanta nu yaaddessu hundumaa isatti himuu dandeenya.—Far. 145:18, 19.
20. Jaalalli Yihowaa caalaatti isatti kan nu dhiheessu akkamitti?
20 Akkuma guyyaa qorraatti ibidda hoʼutti siqnee taaʼuu barbaannu, jaalalli Yihowaas akka isatti dhihaannu nu kakaasa. Jaalalli Yihowaa humna guddaa kan qabu taʼus gara laafina isaas kan calaqqisiisudha. Yihowaan waan si jaallatuuf gammadi. Kanaafuu, hundi keenya, “Yihowaa nan jaalladha” jechuudhaan jaalala isaatiif deebii haa kenninu!—Far. 116:1.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
-
Jaalala Yihowaa akkamitti ibsita?
-
Yihowaan baayʼee akka si jaallatu mirkanaaʼaa kan taate maaliifi?
-
Jaalalli Yihowaan siif qabu miira akkamii sitti uuma?
FAARFANNAA 108 Jaalala Waaqayyoo isa Amanamaa
a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.