MATA DUREE QOʼANNAA 3
FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu
Yihowaan Yeroo Rakkinaatti Si Gargaara
“[Yihowaan] tasgabbii siif ni kenna.”—ISA. 33:6.
YAADA IJOO
Yeroo rakkinaatti gargaarsa Yihowaarraa fayyadamuuf maal gochuu dandeenya?
1-2. Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo rakkinni akkamii isaan mudachuu dandaʼa?
HAALLI gaddisiisaan halkan tokkotti jireenya keenya jijjiiruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi Luyiis a jedhamu dhibee kaansarii baramaa hin taane akka qabu itti himame. Doktarri isaa kan jiraatu yeroo muraasaaf qofa akka taʼe itti himeera. Moonikaa fi abbaan manaa ishii sochiiwwan hafuuraatiin qabamanii jiraatu turan. Gaaf tokko garuu, Moonikaan abbaan manaa ishii inni jaarsa gumii taʼe yeroo dheeraadhaaf dhoksaatti cubbuu raawwachaa akka ture hubatte. Obboleettiin qeenxeen Oliiviyaa jedhamtu obomboleettii cimaan gara naannoo isaaniitti dhufaa waan jiruuf mana ishii dhiistee baqachuun ishii barbaachiseera. Yeroo gara mana ishiitti deebitu garuu manni ishii diigamee ture. Kan nama gaddisiisu jireenyi namoota kanaa akkuma tasaa guutummaatti jijjiirameera. Miira yeroo sanatti isaanitti dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa? Rakkinni jireenya kee guutummaatti jijjiire si mudatee beekaa?
2 Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo yoo taanellee, akkuma warra kaanii dhukkuba dabalatee rakkinni cimaan nurra gaʼuu dandaʼa. Namoota saba Yihowaa jibbanirraas mormii fi ariʼatamni nurra gaʼuu dandaʼa. Yihowaan haalli akkasii akka nurra hin geenye gochuu baatus akka nu gargaaru waadaa galeera. (Isa. 41:10) Haala baayʼee ulfaataa taʼe keessattillee gargaarsa isaatiin gammachuu keenya eeggachuu, murtoo gaarii gochuu fi amanamoo taanee itti fufuu ni dandeenya. Mata duree kana keessatti Yihowaan jireenya keenya keessatti yeroo baayʼee ulfaataa taʼetti karaawwan itti nu gargaaru afur ilaalla. Gargaarsa isaa argachuuf maal gochuun akka nu barbaachisus ni ilaalla.
YIHOWAAN SI EEGA
3. Yeroo haalli rakkisaan nu mudatutti maal gochuun nutti ulfaachuu dandaʼa?
3 Haala rakkisaa. Yeroo rakkinni nu mudatu sirriitti yaaduu fi murtoo gochuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Maaliif? Keessi keenya waan jeeqamuufi. Sammuun keenyas baayʼee dhiphachuu dandaʼa. Dukkana keessa deemaa akka jirru nutti dhagaʼamuu dandaʼa; wanta goonus wallaaluu dandeenya. Obboleettonni olitti ibsaman lamaan yeroo rakkinni isaanirra gaʼetti wanta isaanitti dhagaʼame hubadhu. Oliiviyaan, “Obomboleettiin sun mana koo erga diigee booda wanti hundi natti dukkanaaʼe, baayʼeen dhiphadhe” jetteetti. Moonikaan gantummaa abbaa manaa ishii ilaalchisee wanta ishiitti dhagaʼame yeroo dubbattu akkana jetteetti: “Baayʼeen abdii kutadhe. Akkan waraaname natti dhagaʼame. Wantoota guyyaa guyyaadhaan raawwataman hojjechuunillee natti ulfaatee ture. Kun narra gaʼa jedhee matumaa yaadee hin beeku.” Yihowaan yeroo dhiphannutti nu gargaaruuf waadaa akkamii galeera?
4. Filiphisiyus 4:6, 7 irratti akka ibsametti Yihowaan waadaa akkamii nuuf galeera?
4 Wanta Yihowaan godhu. Yihowaan ‘nagaa Waaqayyoo’ isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame nuu kennuuf waadaa galeera. (Filiphisiyus 4:6, 7 dubbisi.) Nagaan kun tasgabbii Yihowaa wajjin hariiroo cimaa uumuudhaan qofa argamudha. Nagaan kun ‘hubannaa hundumaa irra waan caaluuf,’ isa nuti yaannu caalaa dinqisiisaadha. Cimsitee erga kadhattee booda akka tasgabboofte sitti dhagaʼamee beekaa? Miirri yeroo sanatti sitti dhagaʼame ‘nagaa Waaqayyooti.’
5. Nagaan Waaqayyoo sammuu fi garaa keenya kan eegu akkamitti?
5 Caqasni kun, “Nagaan Waaqayyoo . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega” jedha. Jechi “eeguu” jedhamee hiikame loltoota magaalaa tokko eeganii fi miidhaa ishiirraa ittisan argisiisa. Namoonni magaalaa eegumsa qabdu keessa jiraatan loltoonni karra bira akka jiran waan beekaniif tasgabbiidhaan rafu. Haaluma wal fakkaatuun nagaan Waaqayyoo garaa fi sammuu keenya yommuu eegu nageenyi waan nutti dhagaʼamuuf ni tasgabboofna. (Far. 4:8) Haalli keenya yeruma sana jijjiiramuu baatullee akkuma Haannaa nagaa qabaachuu dandeenya. (1 Sam. 1:16-18) Yommuu tasgabbiin nutti dhagaʼamu yeroo baayʼee sirriitti yaaduu fi murtoo gaarii gochuun nuuf salphata.
6. Nagaa Waaqayyoorraa fayyadamuuf maal gochuu dandeenya? (Fakkichas ilaali.)
6 Wanta gochuu qabnu. Yommuu dhiphattu eegduu kee waammadhu. Akkamitti? Nagaa Waaqayyoo akka argatte hamma sitti dhagaʼamutti kadhadhu. (Luq. 11:9; 1 Tas. 5:17) Luyiis inni olitti ibsame kan jiraatu jiʼoota muraasaaf akka taʼe erga isatti himamee booda innii fi haati manaa isaa Aanaan haala isaa dandamachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe dubbateera. Akkana jedheera: “Yeroo akkasiitti yaalii fayyaarrattis taʼe dhimmoota kan biroorratti murtoo gochuun baayʼee ulfaataadha. Yeroo baayʼee ulfaataa taʼe kanatti nagaa qabaachuu kan dandeenye baayʼee waan kadhanneefi.” Luyiisii fi haati manaa isaa nagaa sammuu, garaa tasgabbaaʼee fi ogummaa murtoo gaarii gochuuf isaan dandeessisu argachuuf irra deddeebiʼanii cimsanii Yihowaa kadhataniiru. Gargaarsa Yihowaa akka argatanis isaanitti dhagaʼameera. Rakkinni si mudachaa jira taanaan kadhannaatti jabaadhu, akkas yoo goote nagaan Yihowaa garaa fi sammuu kee siif eega.—Rom. 12:12.
YIHOWAAN SI TASGABBEESSA
7. Yeroo qorumsi cimaan nu mudatu maaltu nutti dhagaʼamuu dandaʼa?
7 Haala rakkisaa. Yeroo rakkinni ulfaataan nu mudatu miirri keenya, yaanni keenyaa fi gochi keenya akka yeroo kaanii taʼuu dhiisuu dandaʼa. Miirri baayʼee ulfaataa taʼe utuu walirraa hin citin nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Aanaan ishiin olitti ibsamte abbaan manaa ishii Luyiis erga duʼee booda miirri garaa garaa hedduun akka ishiitti dhagaʼame dubbatteetti. “Yeroon baayʼee dhiphadhu ofiif gadduun jalqaba. Achiis duʼuu isaatti aaruun jalqaba” jetteetti. Yeroo kan biraattimmoo Aanaan kophummaan ishiitti dhagaʼama; dhimmoota Luyiis kanaan dura raawwachaa turerratti murtoo gochuun ishii sodaachisa. Yeroo tokko tokkommoo galaana raafamaa jirurra akka jirtu ishiitti dhagaʼama. Miira akkasiitiin yeroo liqimfamnu Yihowaan kan nu gargaaru akkamitti?
8. Isaayyaas 33:6 Yihowaa ilaalchisee maal nuuf mirkaneessa?
8 Wanta Yihowaan godhu. Yihowaan akka nu tasgabbeessu nuuf mirkaneesseera. (Isaayyaas 33:6 dubbisi.) Dooniin tokko galaanarratti obomboleettiin yeroo kaʼu garmalee raafamuu dandaʼa. Taʼus, wanti sochii kana toʼachuuf gargaaruu fi bitaa fi mirga doonichaa jalaan baʼee bishaan keessa diriiru jira. Wanti kun doonichi baayʼee akka hin raafamne gargaara. Kanaan kan kaʼes imaltoonni isaanitti tolee tasgabbaaʼanii imalu. Wanti doonichi akka hin raafamne gargaaru kun akka gaariitti kan hojjetu garuu yeroo doonichi fuulduratti deemudha. Haaluma wal fakkaatuun, rakkina keessatti amanamummaadhaan fuulduratti yeroo deemnu Yihowaan nu tasgabbeessa.
9. Meeshaaleen qorannaa gochuuf gargaaran madaallii keenya eeggachuuf kan nu gargaaran akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
9 Wanta gochuu qabnu. Yeroo miirri kee baayʼee jeeqamutti barsiifata hafuuraa kee itti fufuuf wanta dandeessu godhi. Tarii yeroo kanatti hamma kanaan duraa gochuu hin dandeessu taʼa; taʼus Yihowaan wanta humna keetii ol taʼe akka sirraa hin eegne yaadadhu. (Luqaas 21:1-4 wajjin walbira qabii ilaali.) Qoʼannaa dhuunfaa gochuu fi xiinxaluufis yeroo ramadi. Maaliif? Yihowaan jaarmiyaa isaatti fayyadamee mata dureewwanii fi viidiyoowwan madaallii keenya eeggachuuf nu gargaaran nuuf qopheesseera. Wanta si barbaachisu argachuuf meeshaalee qorannoo afaan keetiin argaman kan akka appilikeeshinii JW Library® fi Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼetti fayyadamuu dandeessa. Moonikaan ishiin olitti ibsamte yeroo miirri ishii baayʼee jeeqamee turetti gorsa argachuuf meeshaalee qorannoo keenyatti akka fayyadamte dubbatteetti. Fakkeenyaaf, jecha “aarii” jedhu barreessitee barbaaddi. Yeroo kan biraammoo “gantummaa” ykn “amanamummaa” jettee barbaaddi. Achiis hamma tasgabbooftutti dubbisuu ishii itti fufti. Akkana jetteetti: “Yeroon qorannaa gochuu jalqabu baayʼeen dhiphadha; dubbisuu koo yeroon itti fufu garuu Yihowaan akka na hammate natti dhagaʼama. Yeroon dubbisu Yihowaan miira natti dhagaʼamu hundumaa akka hubatuu fi na gargaaraa akka turen hubadha.” Yihowaarraa gargaarsa akkasii argachuun kee madaallii kee eeggachuu fi tasgabbaaʼuuf si gargaara.—Far. 119:143, 144.
YIHOWAAN SI DEGGERA
10. Qorumsi ulfaataan erga nurra gaʼee booda maaltu nutti dhagaʼamuu dandaʼa?
10 Haala rakkisaa. Qorumsi baayʼee cimaa taʼe yeroo nu mudatu karaa qaamaa fi karaa miiraa akka bututne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Akka atleetii balaan irra gaʼee fi duraan fiigaa kan ture taʼus amma garuu okkolaa deemuu akka taane nutti dhagaʼama taʼa. Wantoota kanaan dura salphaatti raawwachaa turre raawwachuun nutti ulfaachuu dandaʼa ykn sochiiwwan kanaan dura nu gammachiisanirratti hirmaachuuf kakaʼumsa dhabuu dandeenya. Akkuma Eeliyaas ol jechuun waan nutti ulfaatuuf calluma jennee ciisuu barbaanna taʼa. (1 Mot. 19:5-7) Yihowaan yeroo akka dadhabne nutti dhagaʼamutti maal nuu gochuuf waadaa galeera?
11. Karaa Yihowaan itti nu gargaaru kan biraan kami? (Faarfannaa 94:18)
11 Wanta Yihowaan godhu. Yihowaan nu deggeruuf waadaa galeera. (Faarfannaa 94:18 dubbisi.) Akkuma atleetiin miidhame tokko sochoʼuuf gargaarsi isa barbaachisu nutis tajaajila Yihowaa keessatti sochii gaarii gochuuf gargaarsi nu barbaachisuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti Yihowaan, “Ani Waaqni kee Yihowaan, isa harka kee mirgaa qabee, ‘Hin sodaatin. Ani sin gargaara’ siin jedhu sana dha” jechuudhaan waadaa nuu galeera. (Isa. 41:13) Daawit Mootichi gargaarsa akkasii argateera. Yeroo qorumsi garaa garaa isa mudatettis taʼe diinonni isaa isa dhiphisanitti Yihowaadhaan, “Harki kee mirgaa na deggera” jedheera. (Far. 18:35) Maarree, Yihowaan kan nu deggeru akkamitti?
12. Yihowaan yeroo dadhabnutti nu gargaaruuf eenyutti fayyadamuu dandaʼa?
12 Yihowaan yeroo baayʼee warri kaan nu gargaaruuf akka kakaʼan gochuudhaan nu deggera. Fakkeenyaaf, Daawit yeroo baayʼee dadhabee turetti michuun isaa Yonaataan isa cimsuu fi isa jajjabeessuuf gara isaa deemee ture. (1 Sam. 23:16, 17) Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan Eelsaaʼitti fayyadamee Eeliyaasiin gargaareera. (1 Mot. 19:16, 21; 2 Mot. 2:2) Yeroo harʼaatti Yihowaan nu deggeruuf maatii keenya, michoota keenyaa fi jaarsoliitti fayyadamuu dandaʼa. Yeroo baayʼee miidhamnutti garuu warra kaanirraa fagaachuuf qoramna taʼa. Yeroo akkasiitti kophaa keenya taʼuu barbaanna. Kun waanuma jirudha. Maarree, deggersa Yihowaa argachuuf maal gochuu dandeenya?
13. Deggersa Yihowaarraa fayyadamuuf maal gochuu dandeenya? (Fakkichas ilaali.)
13 Wanta gochuu qabnu. Warra kaanirraa akka of hin fageessine carraaqqii godhi. Yeroo warra kaanirraa of fageessinu ofii keenyaa fi rakkina nurra gaʼaa jirurratti qofa xiyyeeffanna. Ilaalchi akkasiimmoo murtoo keenyarratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. (Fak. 18:1) Dhugaadha, hundi keenyayyuu keessumaa haalli rakkisaan yeroo nu mudatu kophaa taʼuu barbaanna. Haa taʼu malee, yeroo dheeraadhaaf namarraa kan of fageessinu yoo taʼe gargaarsa namoota Yihowaan deggersa nuu gochuuf itti fayyadamuu utuu hin argatin hafuu dandeenya. Kanaafuu, yeroo rakkinni si mudatutti ulfaataa yoo taʼellee gargaarsa maatiin, michoonnii fi jaarsoliin siif godhan fudhadhu. Yihowaan isaanitti fayyadamee si gargaaraa akka jiru godhii yaadi.—Fak. 17:17; Isa. 32:1, 2.
YIHOWAAN SI JAJJABEESSA
14. Haalawwan sodaachisoo taʼan akkamii nu mudachuu dandaʼu?
14 Haala Rakkisaa. Haalawwan nama sodaachisan nu mudachuu dandaʼu. Kitaaba Qulqulluu keessatti tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan diinota isaanii ykn dhiibbaa kan biraatiin kan kaʼe yeroon itti dhiphatanii fi sodaatan jira ture. (Far. 18:4; 55:1, 5) Haaluma wal fakkaatuun, nutis mana barumsaatti, bakka hojiitti, maatii keenyarraa ykn mootummootarraa mormiin nu mudachuu dandaʼa. Dhibee fayyaa nu mudateen kan kaʼe ni duuna jennee sodaanna taʼa. Yeroo akkasiitti akkuma daaʼima xinnoo tokkootti homaa gochuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama taʼa. Yihowaan haalawwan akkasii keessatti kan nu gargaaru akkamitti?
15. Faarfannaan 94:19 maal nuuf mirkaneessa?
15 Wanta Yihowaan godhu. Yihowaan nu jajjabeessa akkasumas nu tasgabbeessa. (Faarfannaa 94:19 dubbisi.) Faarfannaan kun intala xinnoo kakawwee cimaadhaan kan kaʼe rafuu sodaatte nu yaadachiisee taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti abbaan ishii dhufee ol ishii fuudhee hamma hirribni ishii qabutti ishii hammata. Sagaleen kakawwee sun ammayyuu kan dhagaʼamu taʼus abbaan ishii waan ishii hammateef ni tasgabboofte. Yeroo qorumsi sodaachisaan nu mudatutti Abbaan keenya inni samii hamma tasgabboofnutti akka nu hammatu barbaanna taʼa. Jajjabina akkasii Yihowaarraa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
16. Jajjabina Yihowaan kennurraa fayyadamuuf maal gochuu dandeenya? (Fakkichas ilaali.)
16 Wanta gochuu qabnu. Yeroo hunda Yihowaa kadhachuudhaan, akkasumas Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan Yihowaa wajjin yeroo dabarsi. (Far. 77:1, 12-14) Kana yoo goote yeroo dhiphattu hundumaatti yaanni jalqaba sii dhufu gara Abbaa kee isa samiitti garagaluudha. Sodaa qabduu fi yaaddoo kee Yihowaatti himi. Achiis Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee akka si haasofsiisuu fi akka si jajjabeessu isaaf heyyami. (Far. 119:28) Yeroo sodaan sitti dhagaʼamu kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko dubbisuun si jajjabeessa taʼa. Fakkeenyaaf, kitaaba Iyyoob, Faarfannaa fi kitaaba Fakkeenyaa, akkasumas yaada Yesuus Maatewos boqonnaa 6 irratti dubbate dubbisuun si jajjabeessuu dandaʼa. Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuun kee jajjabina isaa akka argattu si gargaara.
17. Amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya?
17 Jireenya keenya keessatti yeroo rakkinni nu mudatu Yihowaan akka nu gargaaru isatti amanamuu dandeenya. Matumaa kophaa hin taanu. (Far. 23:4; 94:14) Yihowaan akka nu eegu, akka nu tasgabbeessu, akka nu deggeruu fi akka nu jajjabeessu waadaa galeera. Isaayyaas 26:3 Yihowaa ilaalchisee akkana jedha: “Ati warra guutummaatti sitti hirkatan ni eegda; isaan waan sitti amanamaniif, nagaa wal irraa hin cinne isaaniif ni kennita.” Kanaafuu, Yihowaatti amanami; gargaarsa inni siif godhurraa fayyadamuuf wanta dandeessu hunda godhi. Akkas yoo goote haala rakkisaa taʼe keessattillee humna kee haareffachuu ni dandeessa.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
-
Gargaarsi Yihowaa kan nu barbaachisu keessumaa yoomi?
-
Yeroo dhiphannutti karaawwan arfan Yihowaan itti nu gargaaru kamfaʼi?
-
Gargaarsa Yihowaarraa fayyadamuuf maal gochuu dandeenya?
FAARFANNAA 12 Yihowaa, Waaqa Guddaa
a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.