Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 2

FAARFANNAA 132 Amma Tokko Taaneerra

Abbootiin Manaa Haadha Manaa Keessan Kabajaa

Abbootiin Manaa Haadha Manaa Keessan Kabajaa

“Isin abbootiin manaa, [haadha manaa keessan] kabajaa.”1 PHE. 3:7.

YAADA IJOO

Abbaan manaa tokko dubbii fi gochasaatiin haadha manaasaa kabajuu kan dandaʼu akkamitti?

1. Sababni Yihowaan qophii gaaʼelaa itti hundeesse inni tokko maalidha?

 YIHOWAAN ‘Waaqa gammadaadha,’ nutis gammachuu akka qabaannu barbaada. (1 Xim. 1:11) Jireenyatti akka gammannuuf kennaawwan hedduu nuu kenneera. (Yaq. 1:17) Kennaawwan kana keessaa tokko gaaʼela. Dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko yommuu gaaʼela dhaabbatan wal jaallachuuf, wal kabajuu fi wal kunuunsuuf kakuu walii galu. Hariiroo cimaa qabaatanii itti fufuunsaanii gammachuu dhugaa isaaniif argamsiisa.—Fak. 5:18.

2. Yeroo harʼaatti abbootiin manaa hedduun haadha manaasaanii akkamitti qabu?

2 Kan nama gaddisiisu hiriyoonni gaaʼelaa hedduun kakuu guyyaa cidhaa isaaniitti galan ni dagatu. Kanaan kan kaʼes gammachuu hin qaban. Gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dhiheenyatti baʼe akka argisiisutti abbootiin manaa hedduun qaamaan, jechaan ykn karaa miiraa haadha manaasaanii ni miidhu. Abbaan manaa akkas godhu tokko tarii warra kaan duratti kabajaan kan ishii qabu taʼus, manatti garuu karaa sirrii hin taaneen ishii qaba taʼa. Abbootiin manaa hedduunimmoo poornoogiraafii ilaalu; kunis haati manaa takka akka hin jaallatamne akka ishiitti dhagaʼamuu fi akka dhiphattu taasisa.

3. Abbaan manaa tokko haadha manaasaa karaa sirrii hin taaneen akka qabu wanti taasisu maalidha?

3 Abbootiin manaa tokko tokko haadha manaasaanii karaa sirrii hin taaneen akka qaban wanti taasisu maalidha? Tarii abbaa amala gaarii hin qabneen waan guddataniif haadha manaasaanii haala kanaan qabuun dogoggora akka hin taane yaadu taʼa. Warra kaanirrattimmoo aadaan keessatti guddatan dhiibbaa isaanirratti godha; aadaansaanii abbaan manaa tokko dhiirummaasaa argisiisuuf humna fayyadamuu qaba yaada jedhu babalʼisa taʼa. Abbootiin manaa kaanimmoo aarii dabalatee miirasaanii toʼachuu hin baranne. Dhiironni tokko tokko yeroo baayʼee poornoogiraafii waan ilaalaniif dubartootaa fi saalqunnamtiidhaaf ilaalcha dogoggoraa qabu. Kana malees, gabaasni akka argisiisutti weerarri dhibee Kooviid-19 haalli kun akka itti hammaatu godheera. Dhugaadha, wantoonni kun abbaan manaa tokko haadha manaasaa karaa sirrii hin taaneen qabuuf sababa taʼuu hin qaban.

4. Abbootiin manaa Kiristiyaana taʼan maalirraa of eeggachuu qabu? Maaliif?

4 Abbootiin manaa Kiristiyaana taʼan dubartootaaf ilaalcha sirrii hin taane akka hin qabaanne of eeggachuu qabu. a Maaliif? Sababni inni tokko wanti namni tokko yaadu wanta sana raawwachuutti waan isa geessuufi. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Roomaa keessa turan, “Sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa” jechuudhaan akeekkachiiseera. (Rom. 12:1, 2) Phaawulos gorsa kana warra Roomaatiif yeroo barreessetti gumichi erga hundeeffamee waggoonni muraasni darbanii turan. Taʼus yaanni Phaawulos barreesse barsiifannii fi ilaalchi addunyaa ammayyuu obboloota tokko tokkorratti dhiibbaa gochaa akka ture argisiisa. Ilaalchaa fi amalasaanii akka jijjiiran kan isaan jajjabeesse kanaafi. Gorsi inni isaaniif kenne abbootii manaa yeroo ammaatti jiraniifis ni hojjeta. Kan nama gaddisiisu, tokko tokko ilaalchi addunyaa dhiibbaa akka isaanirratti godhu waan heyyamaniif haadhotii manaasaanii karaa sirrii hin taaneen qabaniiru. b Yihowaan abbaan manaa tokko haadha manaasaa akkamitti akka qabu barbaada? Deebii gaaffii kanaa caqasa ijoo mata duree kanaarraa arganna.

5. Akka 1 Pheexiros 3:7 jedhutti abbaan manaa tokko haadha manasaa akkamitti qabuu qaba?

5 Pheexiros Tokkoffaa 3:7 dubbisi. Yihowaan abbootiin manaa haadha manaasaanii akka kabajan ajajeera. Abbaan manaa haadha manaasaa kabaju tokko gaarummaa fi jaalalaan ishii qaba. Mata duree kana keessatti abbaan manaa tokko haadha manaasaatti kabaja argisiisuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ilaalla. Mee garuu dura amala abbaan manaa tokko haadha manaasaatiif kabaja akka hin qabne argisiisu haa ilaallu.

WANTA HAADHA MANAA KEE AKKA HIN KABAJNE ARGISIISU HIN RAAWWATIN

6. Dhiirota karaa qaamaa haadha manaasaanii miidhan ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama? (Qolosaayis 3:19)

6 Miidhaa qaamaa geessisuu. Yihowaan nama hammina raawwatu kamiyyuu ni jibba. (Far. 11:5) Abbootii manaa haadha manaasaanii miidhan adda baasee balaaleffateera. (Mil. 2:16; Qolosaayis 3:19 dubbisi.) Akka 1 Pheexiros 3:7 jedhutti abbaan manaa haadha manaasaa karaa sirrii taʼeen hin qabu taanaan hariiroon Waaqayyoo wajjin qabu balaarra buʼa. Yihowaan kadhannaasaallee dhagaʼuu dhiisuu dandaʼa.

7. Akka Efesoon 4:31, 32 jedhutti abbootiin manaa dubbii akkamiirraa fagaachuu qabu? (“Ibsa Jechaa” isa jedhus ilaali.)

7 Dubbii nama miidhu dubbachuu. Abbootiin manaa tokko tokko haadha manaasaaniitti dheekkamu, akkasumas dubbii ishii miidhu dubbatu. Yihowaan ‘aarii, dheekkamsa, iyyaa fi arrabsoo’ ni jibba. c (Efesoon 4:31, 32 dubbisi.) Inni wanta hundumaa ni dhagaʼa. Yihowaan akkaataa itti abbaan manaa tokko bakka namni kan biraan hin jirrettillee haadha manaasaa haasofsiisuuf xiyyeeffannaa kenna. Abbaan manaa haadha manaasaatti dubbii hamaa dubbatu gaaʼelasaa qofa utuu hin taʼin hariiroo Waaqayyoo wajjin qabus ni miidha.—Yaq. 1:26.

8. Poornoogiraafii ilaaluu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama? Maaliif?

8 Poornoogiraafii ilaaluu. Poornoogiraafii ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama? Baayʼee jibba. Kanaafuu, abbaan manaa fakkiiwwan xuraaʼoo ilaalu hariiroo Yihowaa wajjin qabu balleessa, haadha manaasaas ni salphisa. d Yihowaan abbaan manaa tokko gochasaatiin qofa utuu hin taʼin, yaadasaatiinis haadha manaasaatiif amanamaa akka taʼu isarraa eega. Yesuus namni dubartii takka hamma fedhiinsaa kakaʼutti ilaalu “garaa isaatti” ejja akka raawwatu dubbateera. eMat. 5:28, 29.

9. Yihowaan abbaan manaa tokko saalqunnamtii haadha manaasaa salphisu yommuu raawwatu maaltu isatti dhagaʼama?

9 Saalqunnamtii haadha manaasaa salphisu raawwachuu. Abbootiin manaa tokko tokko haati manaasaanii saalqunnamtii ishii salphisu ykn qalbii ishii jeequ akka raawwattu dhiibbaa irratti godhu. Yihowaan gocha ofittummaarratti hundaaʼe akkasii ni jibba. Abbaan manaa tokko haadha manaasaa akka jaallatu, gaarummaadhaan akka ishii qabuu fi miira ishii akka kabaju barbaada. (Efe. 5:28, 29) Abbaan manaa tokko haadha manasaa salphisaa ykn miidhaa ykn poornoogiraafii ilaalaa jira yoo taʼe hoo? Ilaalchasaa fi gochasaa jijjiiruu kan dandaʼu akkamitti?

AMALA GADHEE INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

10. Abbootiin manaa fakkeenya Yesuusirraa fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?

10 Abbaan manaa tokko amala haadha manaasaa miidhuu fi salphisu injifachuu kan dandaʼu akkamitti? Fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaquu dandaʼa. Yesuus kan hin fuune taʼus akkaataan inni barattootasaa itti qabe abbaa manaa tokkoof fakkeenya gaarii taʼa. (Efe. 5:25) Fakkeenyaaf, akkaataa Yesuus ergamootasaa itti qabee fi haasofsiiserraa abbootiin manaa maal barachuu akka dandaʼan haa ilaallu.

11. Yesuus ergamootasaa akkamitti qabe?

11 Yesuus ergamootasaa gaarummaa fi ulfinaan qabe. Garaa isaanitti jabaatee hin beeku. Gooftaa fi Barsiisaasaanii taʼus isaanirratti aangoo akka qabu argisiisuu akka qabu isatti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, gad of qabuudhaan isaan tajaajileera. (Yoh. 13:12-17) Barattoota isaatiin, “Ana irraas baradhaa; sababiin isaas, ani garraamii fi kanan gad of qabu dha; ofii keessaniifis boqonnaa ni argattu” jedheera. (Mat. 11:28-30) Yesuus garraamii akka taʼe hubadhu. Namni garraamii taʼe dadhabaa miti. Kanaa mannaa, cimina of toʼachuuf isa dandeessisu qaba. Wanti isa aarsu yeroo isa mudatu ni tasgabbaaʼa, akkasumas miirasaa ni toʼata.

12. Yesuus warra kaan kan haasofsiise akkamitti?

12 Yesuus karaa warra kaan jajjabeessuu fi haaromsuun dubbata ture. Barattootasaatti jecha hamaa hin dubbanne. (Luq. 8:47, 48) Yommuu mormitoonni isa arrabsanittii fi isa aarsuuf yaalanittillee, “deebisee [isaan] hin arrabsine.” (1 Phe. 2:21-23) Yeroo tokko tokko Yesuus jecha gaarii hin taane dubbachuu mannaa callisuu filata ture. (Mat. 27:12-14) Kun abbootii manaa Kiristiyaana taʼaniif fakkeenya gaarii taʼa.

13. Maatewos 19:4-6 irratti akka ibsametti abbaan manaa tokko ‘haadha manaasaatti kan maxxanu’ akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

13 Yesuus abbootiin manaa haadha manaasaaniitiif amanamoo akka taʼan barsiiseera. Yaada Abbaansaa, abbaan manaa ‘haadha manaa isaatti maxxanuu’ akka qabu dubbate caqaseera. (Maatewos 19:4-6 dubbisi.) Kanaafuu, hariiroon dhiirrii fi dubartiin gaaʼela dhaabbatan tokko gidduu jiru akkuma waan walitti qabsiifamaniitti baayʼee cimaa taʼuu qaba. Hariiroonsaanii yoo addaan cite lamaansaanii miidha. Abbaan manaa haadha manasaa wajjin hariiroo akkasii qabu poornoogiraafii gosa hundumaarraa ni fagaata. “Wanta gatii hin qabne” ilaaluurraa dafee garagala. (Far. 119:37) Haadha manaasaarraa kan hafe dubartii kamiyyuu karaa fedhiisaa kakaasuun ilaaluu dhiisuuf ijasaa wajjin kakuu gala.—Iyo 31:1.

Abbaa manaa amanamaan tokko poornoogiraafii ilaaluurraa ni fagaata (Keeyyata 13 ilaali) g


14. Abbaan manaa amala sirrii hin taane qabu hariiroo Yihowaa fi haadha manaasaa wajjin qabu sirreessuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu qaba?

14 Abbaan manaa karaa qaamaas taʼe jechaan haadha manaasaa miidhu hariiroo Yihowaa fi haadha manasaa wajjin qabu haareessuuf tarkaanfii dabalataa fudhachuu qaba. Tarkaanfiiwwan kun maalfaʼi? Tokkoffaa, rakkina cimaa akka qabu amanee fudhachuu qaba. Wanti ija Yihowaa jalaa dhokate hin jiru. (Far. 44:21; Lal. 12:14; Ibr. 4:13) Lammaffaa, haadha manaasaa miidhuu dhiisee amalasaa jijjiiruu qaba. (Fak. 28:13) Sadaffaa, haadha manaasaa fi Yihowaa dhiifama gaafachuu qaba. (HoE. 3:19) Fedhiisaa jijjiiruuf, akkasumas yaadasaa, dubbisaa fi gochasaa toʼachuuf Yihowaan akka isa gargaaru cimsee kadhachuu qaba. (Far. 51:10-12; 2 Qor. 10:5; Filp. 2:13) Arfaffaa, hamminaa fi dubbii gadhee kamiyyuu jibbuuf wanta dandaʼu hunda gochuudhaan tarkaanfii kadhannaasaa wajjin wal simu fudhachuu qaba. (Far. 97:10) Shanaffaa, dafee gargaarsa jaarsolii gumii argachuuf yaaluu qaba. (Yaq. 5:14-16) Jaʼaffaa, karoora gara fuulduraatti wantoota kanarraa fagaachuuf isa gargaaran baafata. Abbaan manaa poornoogiraafii ilaalus tarkaanfiiwwan kana fudhachuu qaba. Yihowaan carraaqqii amalasaa jijjiiruuf godhu isaaf eebbisa. (Far. 37:5) Haa taʼu malee, abbaan manaa tokko amala gaarii hin taanerraa fagaachuunsaa qofti gaʼaa miti. Haadha manaasaa kabajuu barachuu qaba. Akkas gochuu kan dandaʼu akkamitti?

HAADHA MANAA KEE KABAJUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

15. Abbaan manaa tokko haadha manasaatti jaalala argisiisuu kan dandaʼu akkamitti?

15 Jaalala argisiisi. Abbootiin manaa gaaʼela gammachiisaa qaban tokko tokko guyyaa guyyaadhaan wanta haadha manaasaanii akka jaallatan argisiisu ni godhu. (1 Yoh. 3:18) Abbaan manaa tokko karaawwan xixinnoo kanneen akka harka qabuu fi hammachuu jiraniin haadha manaasaa akka jaallatu argisiisuu dandaʼa. Tarii ergaa gabaabaa ishiidhaaf erguudhaan akka ishii yaade ykn oolmaan ishii akkam akka ture ishii gaafachuu dandaʼa. Kana malees, baayʼee akka ishii jaallatu kaardiirratti barreessee ishiidhaaf kennuu dandaʼa. Abbaan manaa tokko yommuu akkas godhu haadha manaasaa akka kabaju argisiisa, akkasumas gaaʼelasaa cimsa.

16. Abbaan manaa tokko haadha manaasaa jajuu kan qabu maaliifi?

16 Dinqisiifannaa kee ibsi. Abbaan manaa haadha manaasaa kabaju iddoo guddaa akka ishiidhaaf kennu ishiitti hima, akkasumas ishii jajjabeessa. Karaan kana itti godhu inni tokko wanta ishiin isa deggeruuf gootu hundaaf dinqisiifannaasaa ibsuudhaani. (Qol. 3:15) Abbaan manaa tokko yommuu garaadhaa haadha manaasaa jaju baayʼee ishii gammachiisa. Akkas yommuu godhu nagaan ishiitti dhagaʼama, akkasumas akka jaallatamtuu fi akka kabajamtu ishiitti dhagaʼama.—Fak. 31:28.

17. Abbaan manaa tokko haadha manaasaa akka kabaju argisiisuu kan dandaʼu akkamitti?

17 Gaarummaa ishiitti argisiisi. Abbaan manaa haadha manaasaa jaallatu iddoo guddaa ishiidhaaf kenna, akkasumas ishii kunuunsa. Kennaa dinqisiisaa Yihowaa biraa argamte akka taatetti ishii ilaala. (Fak. 18:22; 31:10) Kanaan kan kaʼes yeroo saalqunnamtii raawwatanittillee gaarummaa fi kabajaan ishii qaba. Saalqunnamtii ishiitti hin tolle, ishii salphisuu fi qalbii ishii jeequ akka raawwattu dhiibbaa irratti hin godhu. f Innis Yihowaa duratti qalbii qulqulluu qabaachuuf ni carraaqa.—HoE. 24:16.

18. Abbaan manaa tokko maal gochuuf kutachuu qaba? (Saanduqa, “ Karaawwan Abbaan Manaa Kabaja Argisiisuu Itti Dandaʼu Afur” jedhus ilaali.)

18 Abbootiin manaa, Yihowaan carraaqqii isin karaa hundumaan haadha manaa keessan kabajuuf gootan akka arguu fi akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. Wanta ishii miidhu kamiyyuu gochuu dhiisuudhaan, akkasumas gaarummaa fi jaalala ishiitti argisiisuudhaan ishii kabajuuf kutadhaa. Akkas gochuudhaan haadha manaa keessan akka jaallattanii fi iddoo guddaa akka kennitaniif argisiistu. Haadha manaa keessan kabajaa; akkas yoo gootan Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu dandeessu.—Far. 25:14.

FAARFANNAA 131 “Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe”

a Abbootiin manaa mata duree, “Dubartootaaf Ilaalcha Yihowaan Qabu Qabduu?” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Amajjii 2024​rratti baʼe dubbisuun isaanii isaan fayyada.

b Namoonni maatii keessatti miidhaan isaanirra gaʼe mata duree, “Gargaarsa Namoota Mana Keessatti Miidhaan Irra Gaʼeef Taʼu” jedhu jw.org fi JW Library® irraa kutaa “Mata Dureewwan Dabalataa” jedhu jalaa dubbisuun isaan fayyada.

c IBSA JECHAA: “Arrabsoon” dubbii gara jabinaa nama salphisuu fi namni sun waaʼee ofiisaa miirri gaarii hin taane akka itti dhagaʼamu godhudha. Irra deddeebiʼanii nama tokko qeequus ni dabalata. Dubbii hamaan nama miidhu kamiyyuu arrabsoodha.

d JW.ORG fi JW Library irraa mata duree, “Poornoogiraafiin Gaaʼelakee Diiguu Dandaʼa” jedhu ilaali.

e Haati manaa abbaan manaa ishii poornoogiraafii ilaalu mata duree, “Hiriyaan Gaaʼelaa Kee Poornoogiraafii yoo Ilaale Maal Gochuu Dandeessa?” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Hagayya 2023 irratti baʼe dubbisuun ishii fayyaduu dandaʼa.

f Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti raawwatamu ilaalchisee wanti qulqulluu taʼee fi qulqulluu hin taane maal akka taʼe hin dubbatu. Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan murtoo Yihowaadhaaf ulfina kennuu, wal gammachiisuu fi qalbii qulqulluu qabaachuu akka barbaadan argisiisu gochuu qabu. Akka walii galaatti hiriyoonni gaaʼelaa waaʼee dhimma dhuunfaa akkasii warra kaan wajjin hin haasaʼan.

g IBSA FAKKII: Namoota bakka hojiitti obboleessi tokko barruu poornoogiraafii qabu akka ilaalu gochuuf yaalaa jiran.