Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

YAADA QOʼANNAADHAAF TAʼU

Fakkii Kaasuun Wanta Baratte Yaadachuuf Si Gargaara

Fakkii Kaasuun Wanta Baratte Yaadachuuf Si Gargaara

Baayʼeen keenya wanta qoʼanne yaadachuun nutti ulfaata. Yesuus yeroo baayʼee fakkeenyatti waan fayyadameef wanta inni barsiise yaadachuun salphaa ture. Wanta inni dubbate yaadaan ilaaluu dandeenya; kunimmoo wanta inni barsiise yaadachuuf nu gargaara. Haaluma walfakkaatuun dandeettii yaadaan ilaaluu keetti fayyadamuudhaan wanta qoʼatte caalaatti yaadachuu dandeessa. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Wanta baratte fakkii kaasuudhaani.

Namoonni yommuu wanta haaraa baratan fakkii kaasan yeroo baayʼee caalaatti wanta sana yaadachuu dandaʼu. Fakkii kaasuun jechoota qofa utuu hin taʼin, yaada ijoo barumsa tokkoo hubachuufis isaan gargaara. Fakkiin isaan kaasan wal xaxaa miti; fakkiiwwan sasalphaa barumsichuma yaadachuuf gargaaranidha. Keessumaa maanguddoonni mala kanarraa caalaatti akka fayyadaman ragaan jiru ni argisiisa.

Yeroo ittaanu yommuu qoʼattu wanta baratte tokko tokko fakkii kaasuuf yaaluu dandeessa. Hammam akka yaadatte yeroo hubattu si ajaaʼibuu dandaʼa.