Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 4

FAARFANNAA 18 Furichaaf Galateeffachuu

Furicharraa Maal Baranna?

Furicharraa Maal Baranna?

“Jaalalli Waaqayyoo karaa kanaan mulʼateera.”1 YOH. 4:9.

YAADA IJOO

Furicharraa amaloota dinqisiisoo Yihowaanii fi Yesuus Kiristoos qaban ilaalchisee maal baranna?

1. Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos irratti argamuun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

 FURICHI kennaa dinqisiisaadha yoo jedhame akka irratti walii galtu ifadha. (2 Qor. 9:15) Yesuus jireenyasaa aarsaa waan godheef Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu dandeessa. Abdii jireenya barabaraas qabaachuu dandeessa. Furichaa fi Yihowaa isa jaalalaan kakaʼee aarsaa kana nuu qopheesseef dinqisiifannaa qabnu ibsuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (Rom. 5:8) Galateeffannaa qabnu akka argisiisnuu fi furicha akka laayyootti akka hin ilaalle nu gargaaruuf Yesuus Ayyaana Yaadannoo duʼasaa hundeesseera.—Luq. 22:19, 20.

2. Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?

2 Waggaa kana Ayyaanni Yaadannoo Sanbadduraa Ebla 12, 2025​tti kabajama. Hundumti keenyayyuu irratti argamuuf akka karoorfanne homaa hin shakkisiisu. Tibba Ayyaana Yaadannootti yeroo fudhannee, wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhanirratti yoo xiinxalle a baayʼee fayyadamna. Mata duree kana keessatti furichi Yihowaa fi Ilmasaa ilaalchisee maal akka nu barsiisu ilaalla. Mata duree itti aanurrattimmoo furichi faayidaa akkamii akka nuuf argamsiisuu fi dinqisiifannaa keenya akkamitti argisiisuu akka dandeenyu ilaalla.

FURICHI WAAʼEE YIHOWAA MAAL NU BARSIISA?

3. Duuti nama tokkoo namoota miliyoonaan lakkaaʼaman bilisa kan baasu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

3 Furichi waaʼee haqa Yihowaa nu barsiisa. (Kes. 32:4) Akkamitti? Addaam isa utuu hin ajajamin haferraa cubbuu isa gara duʼaatti geessu dhaalleera. (Rom. 5:12) Yihowaan cubbuu fi duʼa jalaa bilisa nu baasuuf Yesuus furii akka nuuf taʼu godhe. Garuu duuti nama mudaa hin qabne tokkoo namoota miliyoonaan lakkaaʼaman bilisa kan baasu akkamitti? Phaawulos ergamaan akkana jechuudhaan ibseera: “Akkuma ajajamuu diduu nama tokkootiin [Addaam] namoonni hedduun cubbamoota taʼan, ajajamuu nama tokkootiin [Yesuus] namoonni hedduun qajeelota taʼu.” (Rom. 5:19; 1 Xim. 2:6) Jecha biraatiin cubbuu fi duʼa kan dhaalle namni mudaa hin qabne tokko utuu hin ajajamin waan hafeefidha. Kanaafuu, namni mudaa hin qabne tokko ajajamuunsaa bilisa nu baasuu dandaʼa.

Garbummaa cubbuu fi duʼaa jala kan nu galche nama tokkodha. Haaluma wal fakkaatuun nama tokkoon bilisa baana (Keeyyata 3 ilaali)


4. Yihowaan sanyii Addaam keessaa warri garaa qajeelaa qaban akkasumatti barabaraaf akka jiraatan kan hin goone maaliifi?

4 Dhuguma Yesuus bilisa nu baasuuf duʼuu qabaa? Yihowaan sanyii Addaam keessaa warri garaa qajeelaa qaban barabaraaf akka jiraatan gochuu hin dandaʼu turee? Namoota mudaa qabnuuf kun wanta gaarii fi sababa qabeessa fakkaatee nutti mulʼachuu dandaʼa. Taʼus, kun haqa Yihowaa isa mudaa hin qabne tilmaama keessa kan galche miti. Utuu akkas godheera taʼee haallisaa akkuma waan Addaam cubbuu hin hojjenneetti, ijoolleensaas cubbamoota hin taaneetti ilaaluu taʼa ture. Kunimmoo dhugaa miti.

5. Yihowaan yeroo hundumaa wanta sirrii taʼe akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

5 Yihowaan furii qopheessuu dhiisuudhaan ijoolleen Addaam warri mudaa qaban akkasumatti barabaraaf akka jiraatan godheera utuu taʼee hoo? Silaa ulaagaa wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baase dhiisuu isatti taʼa ture. Utuu akkas taʼeera taʼee namoonni, Waaqayyo wantoota kan biroorrattis haqa jalʼisaa laata jedhanii yaaduunsaanii hin oolu ture. Fakkeenyaaf, waadaa gale tokko tokko utuu hin eegin hafaa laata? Waaʼee wantoota kanaa yaaddaʼuun nu hin barbaachisu. Aarsaa guddaa kaffaluu kana isa gaafatu taʼus, Ilmasaa isa jaallatamaa aarsaa gochuudhaan yeroo hundumaa wanta sirrii taʼe akka raawwatu nuuf mirkaneesseera.

6. Amalli Yihowaan Ilmasaa akka ergu kakaase kan biraan maalidha? (1 Yohaannis 4:9, 10)

6 Furichi Yihowaan haqa qabeessa akka taʼe kan argisiisu taʼus, hunda caalaa hammam akka nu jaallatu hubachuuf nu gargaara. (Yoh. 3:16; 1 Yohaannis 4:9, 10 dubbisi.) Yihowaan Ilmisaa akka nuuf duʼu erguunsaa jireenya barabaraa akka argannu qofa utuu hin taʼin kutaa maatiisaa akka taanu akka barbaadu argisiisa. Addaam yommuu cubbuu hojjetetti Yihowaan maatiisaa keessaa isa ariʼeera. Kanaan kan kaʼe hundi keenya kan dhalanne maatii Yihowaatii alattidha. Taʼus, furicharratti hundaaʼee cubbuu karaa Addaam dhufeef dhiifama gochuudhaan ilmaan namootaa warri amantii qabanii fi ajajamoo taʼan kutaa maatiisaa akka taʼan godha. Ammumayyuu Yihowaa fi namoota isa waaqeffatan wajjin michummaa gaarii uumuu dandeenyeerra. Dhugumayyuu Yihowaan baayʼee nu jaallata!—Rom. 5:10, 11.

7. Dhiphinni Yesuusirra gaʼe Yihowaan baayʼee akka nu jaallatu hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

7 Yihowaan furii nuu kaffaluuf aarsaa hammamii akka kaffale yoo yaanne hammam akka nu jaallatu caalaatti hubachuu dandeenya. Seexanni tajaajilaan Yihowaa kamiyyuu haala rakkisaa keessatti isaaf amanamaa hin taʼu jedhee dubbateera. Yihowaan, Seexanni sobduu akka taʼe mirkaneessuuf Yesuus duʼuusaa dura akka dhiphatu heyyameera. (Iyo. 2:1-5; 1 Phe. 2:21) Yihowaan utuma ilaaluu geggeessitoonni amantaa Yesuusitti qoosaniiru, loltoonni isa garafaniiru, akkasumas mismaaraan mukarratti isa fannisaniiru. Achiis Ilmisaa inni jaallatamaan karaa baayʼee suukanneessaa taʼeen yommuu duʼu argeera. (Mat. 27:28-31, 39) Yihowaan yeroo kamittiyyuu dhaabsisuu dandaʼa ture. Fakkeenyaaf, yeroo mormitoonni, “Waaqayyo yoo isa gargaaruu barbaade mee isa haa oolchu” jedhanitti isa oolchuu dandaʼa ture. (Mat. 27:42, 43) Haa taʼu malee, utuu Waaqayyo akkas godheera taʼee silaa furiin nuuf hin kaffalamu, abdiis hin qabaannu turre. Kanaafuu Yihowaan Ilmisaa hamma duʼaatti akka dhiphatu heyyameera.

8. Yihowaan Ilmisaa yeroo dhiphatu arguusaatti dhiphateeraa? Ibsi. (Fakkichas ilaali.)

8 Waaqayyo hundumaa waan dandaʼuuf miira hin qabu jennee yaaduu hin qabnu. Nuti fakkaattiisaatiin waan uumamneef miira qabna, kanaafuu Yihowaanis miira qaba. Kitaabni Qulqulluun namoonni akka isa “gaddisiisan” ibsa. (Far. 78:40, 41) Mee haala Abrahaamii fi Yisihaaqiin mudates haa ilaallu. Yihowaan ilmasaa isa tokkicha akka aarsaa godhu isa ajajee ture. (Uma. 22:9-12; Ibr. 11:17-19) Abrahaam ilmasaa Yisihaaqiin ajjeesuuf yeroo jedhetti hammam akka gaddee fi dhiphatee ture tilmaamuu dandeenya. Yihowaanis yommuu namoonni ilmasaa gara jabinaan dhiphisanii ajjeesanitti baayʼee akka gadde tilmaamuu dandeenya.—JW.ORG irraa viidiyoo Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa—Abrahaam, Kutaa 2 jedhu ilaali.

Yihowaan Ilmisaa yeroo dhiphatu arguun baayʼee isa gaddisiiseera (Keeyyata 8 ilaali)


9. Roomaan 8:32, 38, 39 jaalalli Yihowaan siifis taʼe obboloota keetiif qabu hammam cimaa akka taʼe hubachuuf kan si gargaaru akkamitti?

9 Furichi, firoota keenyaa fi michoota keenya dabalatee eenyuyyuu hamma Yihowaa akka nu hin jaallanne nu hubachiisa. (Roomaa 8:32, 38, 39 dubbisi.) Hamma nuti of jaallannu caalaa Yihowaan akka nu jaallatu ifadha. Barabaraaf jiraachuu ni barbaaddaa? Yihowaan hamma ati barbaaddu caalaa barabaraaf akka jiraattu barbaada. Cubbuun kee akka siif dhiifamu ni barbaaddaa? Yihowaan isa ati barbaaddu caalaa dhiifama akka argattu barbaada. Wanti inni nurraa eegu amantii qabaachuu fi ajajamoo taʼuudhaan wanta inni nuu godheef dinqisiifannaa qabnu akka argisiisnu qofadha. Dhugumayyuu furichi Waaqayyo jaalala guddaa akka nuuf qabu argisiisa. Addunyaa haaraa keessattis waaʼee jaalala Yihowaa wanta dabalataa ni baranna.—Lal. 3:11.

FURICHI WAAʼEE YESUUS MAAL NU BARSIISA?

10. (a) Yesuus duʼasaa ilaalchisee kan dhiphate maaliifi? (b) Yesuus maqaa Yihowaa kan qulqulleesse karaa kamiini? (Saanduqa, “ Amanamummaan Yesuus Maqaa Yihowaa kan Qulqulleesse Akkamitti?” jedhus ilaali.)

10 Yesuus maqaan Abbaasaa baayʼee isa yaaddessa. (Yoh. 14:31) Yesuus Waaqayyoon arrabsiteetta, akkasumas fincila kakaasteetta jedhamee himatamuunsaa maqaa Waaqayyoo arrabsiisa jedhee yaaddaʼeera. “Yaa Abbaa koo, yoo dandaʼame xoofoon kun ana irraa haa darbu” jedhee kan kadhate kanaafi. (Mat. 26:39) Yesuus hamma duʼaatti Yihowaaf amanamaa taʼuudhaan, maqaa Abbaasaa qulqulleesseera.

11. Yesuus namootaaf jaalala guddaa akka qabu kan argisiise akkamitti? (Yohaannis 13:1)

11 Kana malees, furichi Yesuus namootaaf garaadhaa akka yaadu, keessumaammoo barattootasaatiif akka yaadu nu hubachiisa. (Fak. 8:31; Yohaannis 13:1 dubbisi.) Fakkeenyaaf, Yesuus wantoonni inni lafarratti raawwatu tokko tokko, keessumaammoo duutisaa baayʼee ulfaataa akka taʼe beeka ture. Taʼus, Yesuus hojii ulfaataa lafarratti isaaf kenname kan raawwate Yihowaan akkas akka godhu waan isatti himeef qofa utuu hin taʼin namoota waan jaallatuufi. Yesuus lallabuudhaan, barsiisuudhaan, akkasumas isaan gargaaruudhaan namootaaf jaalala guddaa akka qabu argisiiseera. Guyyaa ajjeefamettillee miila ergamootasaa dhiquuf, isaan barsiisuuf, akkasumas isaan jajjabeessuuf carraaqqii godheera. (Yoh. 13:12-15) Yeroo fannifamee turettillee yakkamaan duʼuuf jedhu abdii akka qabaatu isa gargaareera, akkasumas haadhasaa akka kunuunsaniif qophii godheera. (Luq. 23:42, 43; Yoh. 19:26, 27) Kanaafuu, Yesuus namootaaf jaalala guddaa akka qabu duʼasaatiin qofa utuu hin taʼin, jaalalaa fi gaarummaadhaan isaan qabuudhaan argisiiseera.

12. Yesuus aarsaa nuuf kaffaluusaa kan itti fufe karaa kamiini?

12 Kiristoos “yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” kan duʼe taʼus ammayyuu aarsaa nuuf kaffaluusaa itti fufeera. (Rom. 6:10) Akkamitti? Furicharraa faayidaa akka argannu gochuuf hojjechuusaa itti fufeera. Mee yeroo ammaatti maal hojjechaa akka jiru haa ilaallu. Mootii, Luba Olaanaa fi mataa gumii taʼee tajaajilaa jira. (1 Qor. 15:25; Efe. 5:23; Ibr. 2:17) Hojii dibamtootaa fi tuuta uummataa guddaa walitti qabuu isa rakkinni guddaan xumuramuusaa dura goolabamu isatu toʼata. b (Mat. 25:32; Mar. 13:27) Tajaajiltoonnisaa amanamoon guyyoota dhumaa kanatti karaa hafuuraa sirriitti akka sooratanis ni gargaara. (Mat. 24:45) Bulchiinsasaa Barkumee keessattis wanta nu barbaachisu nuu guutuusaa itti fufa. Dhugumayyuu Yihowaan ilmasaa nuuf kenneera!

BARACHUU KEE ITTI FUFI

13. Xiinxaluun waaʼee jaalala Yihowaa fi Yesuus nutti argisiisanii barachuu kee itti fufuuf kan si gargaaru akkamitti?

13 Wanta isaan nuuf godhanirratti xiinxaluu kee yoo itti fufte waaʼee jaalala Yihowaa fi Yesuus nutti argisiisanii wanta dabalataa barachuu ni dandeessa. Tarii tibba Ayyaana Yaadannootti Wangeelota keessaa tokko ykn isaa ol dubbisuu dandeessa. Takkaatti waan hedduu dubbisuuf hin yaalin. Kanaa mannaa, suuta jedhiitii sababa dabalataa Yihowaa fi Yesuusiin jaallachuuf nu gargaaru argachuuf yaali. Wanta argattes warra kaaniif hiruuf carraaqi.

14. Faarfannaa 119:97 fi miiljaleesaa wajjin haala wal simuun qorannoo gochuun, waaʼee furichaas taʼe wantoota kan biroo caalaatti barachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

14 Dhugaa keessa yeroo dheeraaf turteetta taanaan, ‘Haqa Waaqayyoo, jaalalasaa fi furii ilaalchisee hubannaa haaraa argachuun ni dandaʼamaa?’ jettee yaadda taʼa. Waaʼee wantoota kanaa fi kan biroo yeroo hundumaa wanta haaraa barannu qabna. Maarree maal gochuu dandeessa? Barreeffamoota keenya Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan qoʼadhu. Yaanni ifa siif hin taane tokko yommuu si mudatu qorannoo irratti godhi. Achiis guyyaa sana wanta qoʼatterratti, akkasumas Yihowaa, Ilmasaa fi jaalala isaan siif qaban ilaalchisee wanta baratterratti xiinxali.—Faarfannaa 119:97 fi miiljalee dubbisi.

Dhugaa keessa yeroo dheeraaf yoo turrellee dinqisiifannaa furichaaf qabnu guddifachuu dandeenya (Keeyyata 14 ilaali)


15. Kitaaba Qulqulluu keessaa wanta haaraa barbaaduu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

15 Yeroo dubbistu ykn yeroo qorannaa gootu hundatti wanta haaraa ykn wanta nama hawwatu yoo argachuu baatte abdii hin kutatin. Haallisaa akkuma nama warqii barbaaduuti. Yeroo baayʼee namni warqii baasu tokko warqii xiqqoo argachuufillee saʼaatii dheeraaf ykn guyyoota hedduuf obsaan barbaaduu qaba. Haa taʼu malee warqii xinnoonillee gatii guddaa waan qabuuf carraaqqii godha. Wanti haaraan Kitaaba Qulqulluurraa barannu warqii caalaa gatii guddaa qaba. (Far. 119:127; Fak. 8:10) Kanaafuu, obsaan sagantaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee hordofi.—Far. 1:2.

16. Fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Yommuu qoʼattu karaa itti wanta baratte hojiirra oolchitu barbaadi. Fakkeenyaaf, namoota wal caalchisuu dhiisuudhaan haqa Yihowaa hordofi. Maqaa Yihowaatiif jecha rakkina dandamachuudhaan, akkasumas yeroo tokko tokko salphaa taʼuu baatus warra kaan gargaaruudhaan jaalala Yesuus Abbaasaa fi namootaaf qabu hordofi. Kana malees, warri kaanis carraa itti kennaa Yihowaa fudhatan akka argatan dhugaa isaaniif baʼuudhaan fakkeenya Yesuus hordofi.

17. Mata duree itti aanurratti maal ilaalla?

17 Waaʼee furichaa hammuma caalaatti hubachaa fi dinqisiifachaa deemne Yihowaa fi Ilmasaa caalaatti jaallachaa deemna. Isaanis caalaatti nu jaallatu. (Yoh. 14:21; Yaq. 4:8) Kanaafuu, qophii Yihowaatti fayyadamuudhaan waaʼee furichaa barachuu keenya itti haa fufnu. Mata duree itti aanurratti karaa itti furichi nu fayyadaa jiru tokko tokko ilaalla, akkasumas dinqisiifannaa keenya akkamitti argisiisuu akka dandeenyu baranna.

FAARFANNAA 107 Fakkeenya Jaalalaa

a IBSA JECHAA: “Xiinxaluu” jechuun yaanni kee dhimma tokkorratti akka xiyyeeffatu gochuu fi waaʼee dhimma sanaa gadi fageenyaan yaaduu jechuudha.

b Wanti Phaawulos Efesoon 1:10​rratti “wantoota samii keessaa” walitti qabuu ilaalchisee dubbatee fi wanti Yesuus Maatewos 24:31 fi Maarqos 13:27​rratti “warra isaaf filataman” walitti qabuu ilaalchisee dubbate garaagarummaa qaba. Phaawulos dubbachaa kan ture, waaʼee yeroo Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee isaan dibuudhaan ilmaan hafuuraasaa itti filatuuti. Yesuus garuu dubbachaa kan ture, waaʼee yeroo dibamtoonni lafarratti hafan gara samiitti walitti qabamaniiti; kunis kan taʼu yeroo rakkina guddaatti.