Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 5

FAARFANNAA 108 Jaalala Waaqayyoo isa Amanamaa

Jaalalli Yihowaa kan Nu Fayyadu Akkamitti?

Jaalalli Yihowaa kan Nu Fayyadu Akkamitti?

“Kiristoos Yesuus gara addunyaa kan dhufe cubbamoota fayyisuufi.”1 XIM. 1:15.

YAADA IJOO

Furichi kan nu fayyadu akkamitti? Dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

1. Yihowaa gammachiisuuf maal gochuu dandeenya?

 NAMA jaallattu tokkoof kennaa addaa baayʼee bareeduu fi isa fayyadu kennite haa jennu. Namni sun kennaa sana saanduqa keessa kaaʼee sana booda waaʼeesaa homaa yaaduu yoo dhiise akka gadditu beekamaadha. Karaa biraatiinimmoo, namni sun kennaa sana sirriitti yoo itti fayyadamee fi dinqisiifannaasaa yoo ibse akka gammaddu ifadha. Fakkeenya kanarraa maal baranna? Yihowaan Ilmasaa nuu kenneera. Yihowaan kennaa gatii guddaa qabu kanaa fi jaalalasaa isa furicha qopheessuuf isa kakaaseef dinqisiifannaa qabnu yeroo ibsinu baayʼee gammada.—Yoh. 3:16; Rom. 5:7, 8.

2. Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?

2 Yeroon darbaa yommuu deemu garuu furicha akka kennaa addaatti ilaaluu dhaabuu dandeenya. Furicha dinqisiifachuu dhiisuun kennaa Waaqayyoo kana bakka arguu hin dandeenye kaaʼanii waaʼeesaa yaaduu dhiisuu wajjin walfakkaata. Kun akka hin taaneef yeroo hunda dinqisiifannaa wanta Waaqayyoo fi Kiristoos nuu godhaniif qabnu haaressuu qabna. Mata dureen kun akkas gochuuf nu gargaara. Furichi yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti kan nu fayyadu akkamitti akka taʼe mariʼanna. Keessumaa tibba Ayyaana Yaadannootti dinqisiifannaa jaalala Yihowaatiif qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

YEROO AMMAATTI KAN NU FAYYADU AKKAMITTI?

3. Karaan itti furichi yeroo ammaatti nu fayyadu tokko isa kami?

3 Ammumayyuu aarsaa furii Kiristoosirraa fayyadamaa jirra. Fakkeenyaaf, Yihowaan furicharratti hundaaʼuudhaan cubbuu keenyaaf dhiifama nuu godha. Dhiifama nuu gochuuf dirqamni isarra hin jiru. Garuu dhiifama nuu gochuu barbaada. Faarfatichi, “Yaa Yihowaa, ati gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha” jechuudhaan dinqisiifannaasaa ibseera.—Far. 86:5; 103:3, 10-13.

4. Yihowaan eenyufaʼiif furicha qopheesse? (Luqaas 5:32; 1 Ximotewos 1:15)

4 Namoonni tokko tokko dhiifama Yihowaa argachuun akka isaaniif hin malle isaanitti dhagaʼama taʼa. Dhugaa dubbachuuf hundi keenyayyuu dhiifama Yihowaa argachuun nuuf hin malu. Phaawulos ergamaan ‘ergamaa jedhamee waamamuun akka isaaf hin malle’ hubatee ture. Taʼus, “Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin wantan amma taʼe kana taʼeera” jedheera. (1 Qor. 15:9, 10) Yihowaan cubbuu keenyarraa yaada yeroo geeddarannu dhiifama nuu godha. Maaliif? Dhiifama kan nuuf godhu waan nuuf maluuf utuu hin taʼin, waan nu jaallatuufi. Dhiifama argachuun akka siif hin malle yoo sitti dhagaʼame, Yihowaan furicha kan qopheesse namoota cubbuu hin qabneef utuu hin taʼin, cubbamoota yaada geeddarataniif akka taʼe yaadadhu.—Luqaas 5:32; 1 Ximotewos 1:15 dubbisi.

5. Nu keessaa araara Yihowaa argachuuf gaʼumsa kan qabu jiraa? Ibsi.

5 Tajaajila Yihowaa keessatti waggoota hedduu kan dabarsine yoo taʼellee, araarasaa argachuuf gaʼumsa akka qabnu nutti dhagaʼamuu hin qabu. Dhugaadha, Yihowaan wanta isaaf goone hunda ni yaadata. (Ibr. 6:10) Ilmasaa kan nuuf kenne wanta isa tajaajiluuf gooneef gatii nuu kaffaluuf miti; kanaa mannaa, akka kennaatti tolaan nuuf kenne. Kanaafuu, Yihowaadhaaf jennee wanta baayʼee waan gooneef araarasaa argachuun nuuf mala jennee yaaduun dogoggoradha. Akkasitti yoo yaanne furichi nu hin barbaachisu jechaa jirra.—Galaatiyaa 2:21 wajjin walbira qabi.

6. Phaawulos Yihowaa tajaajiluuf jabaatee kan hojjete maaliifi?

6 Phaawulos carraaqqiisaatiin Yihowaa biratti fudhatama argachuu akka hin dandeenye beeka. Maarree, Yihowaa tajaajiluuf jabaatee kan hojjete maaliifi? Akka isaaf malu mirkaneessuuf utuu hin taʼin dinqisiifannaa gaarummaa guddaa Yihowaatiif qabu argisiisuufi. (Efe. 3:7) Nutis akkuma Phaawulos hinaaffaadhaan tajaajiluu keenya kan itti fufnu carraaqqii keenyaan araara Yihowaa argachuuf utuu hin taʼin, dinqisiifannaa qabnu argisiisuufi.

7. Karaan yeroo ammaatti furicharraa itti fayyadamnu kan biraan isa kami? (Roomaa 5:1; Yaaqoob 2:23)

7 Karaan yeroo ammaatti furicharraa itti fayyadamnu kan biraan Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuu dandaʼuu keenyadha. a Mata duree darberratti akkuma ibsame yeroo dhalannu Waaqayyo wajjin hariiroo hin qabnu turre. Haa taʼu malee, furichaan kan kaʼe “Waaqayyoo wajjin nagaadhaan” jiraachuu fi isatti dhihaachuu dandeenya.—Roomaa 5:1; Yaaqoob 2:23 dubbisi.

8. Mirga kadhannaatiif Yihowaa galateeffachuu kan qabnu maaliifi?

8 Kadhannaan mirga Yihowaa wajjin hariiroo qabaachuu keenyaan argannedha. Yihowaan kadhannaa sabnisaa gareedhaan dhiheessan qofa utuu hin taʼin, kadhannaa tokkoon tokkoon keenya dhuunfaatti dhiheessinu ni dhagaʼa. Kadhannaan garaa keenya tasgabbeessuu fi nagaa sammuu nuu kennuu caalaa faayidaa kan biraas qaba. Michummaa Waaqayyo wajjin qabnu nuuf cimsuu dandaʼa. (Far. 65:2; Yaq. 4:8; 1 Yoh. 5:14) Yesuus yeroo lafarra turetti Yihowaan akka isa dhagaʼuu fi kadhannaan hariiroo Abbaasaa wajjin qabu cimsachuuf akka isa gargaaru waan beekuuf yeroo baayʼee ni kadhata ture. (Luq. 5:16) Aarsaa Yesuusiin kan kaʼe michoota Yihowaa taʼuu fi kadhannaadhaan isa haasofsiisuu dandaʼuu keenyatti baayʼee galateeffanna.

GARA FUULDURAATTI KAN NU FAYYADU AKKAMITTI?

9. Furichi gara fuulduraatti namoota amanamoo kan fayyadu akkamitti?

9 Furichi gara fuulduraatti tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan kan fayyadu akkamitti? Yihowaan jireenya barabaraa isaaniif kenna. Ilmaan namootaa waggoota kumaan lakkaaʼamaniif duʼaa waan turaniif namoonni baayʼeen kun waan hin dandaʼamne isaanitti fakkaata. Garuu kaayyoon Yihowaa inni jalqabaa namoonni barabaraaf akka jiraataniif ture. Addaam utuu cubbuu hojjechuu baatee barabaraaf jiraachuun hin dandaʼamu jedhee namni yaadu hin jiraatu ture. Yeroo ammaatti barabaraaf ni jiraanna jedhanii yaaduun ulfaataa taʼus, Yihowaan kun akka taʼuuf Ilmasaa aarsaa gochuudhaan gatii guddaa waan kaffaleef barabaraaf akka jiraannu amanuu dandeenya.—Rom. 8:32.

10. Dibamtoonnii fi hoolonni kan biroon maal abdiidhaan eeggachuu dandaʼu?

10 Jireenya barabaraa kan argannu gara fuulduraatti taʼus, Yihowaan ammumayyuu waaʼeesaa akka yaannu barbaada. Dibamtoonni yeroo itti samiirratti jireenya argatanii Kiristoos wajjin bulchan abdiidhaan eeggatu. (Mul. 20:6) Hoolonni kan biroonimmoo yeroo itti gaddaa fi dhiphinarraa bilisa taʼanii lafa jannata taaterra jiraatan abdiidhaan eeggatu. (Mul. 21:3, 4) Atoo hoolota kan biroo lafarratti jireenya barabaraa argachuuf abdatan keessaa tokkodhaa? Badhaasni kun jireenya samiitii gadi miti. Ilmaan namootaa jireenya akkasiitiif uumaman. Lafarra jiraachuun baayʼee nu gammachiisa.

11-12. Eebbawwan jannata keessatti hawwiidhaan eeggannu tokko tokko maalfaʼi? (Fakkiiwwanis ilaali.)

11 Lafa jannata taaturratti jireenyi kee maal akka fakkaatu yaadi. Nan dhukkubsadha ykn nan duʼa jettee hin yaaddoftu. (Isa. 25:8; 33:24) Yihowaan wantoota gaggaarii barbaaddu hundumaa siif kenna. Yeroo sana waaʼee maalii barachuu barbaadda? Fiiziksii? Keemistirii? Muuziqaa? Moo aartiidha? Namoonni diizaayinii manaa baasanii fi ijaaran, akkasumas hojii qonnaa hojjetan ni barbaachisu. Namoonni nyaata qopheessan, meeshaalee garaagaraa hojjetan, biqiltoota dhaabanii fi kunuunsanis ni barbaachisu. (Isa. 35:1; 65:21) Barabaraaf yeroo jiraattu ogummaa barbaaddu kamiyyuu barachuuf yeroo ni qabaatta.

12 Namoota duʼaa kaʼan simachuun baayʼee nama gammachiisa! (HoE. 24:15) Wantoota Yihowaan uume hedduu qorachuudhaanis waaʼeesaa caalaatti barachuun hammam akka si gammachiisu tilmaamuu dandeessa. (Far. 104:24; Isa. 11:9) Hunda caalaammoo miirri balleessaa xinnoonillee utuu sitti hin dhagaʼamin Yihowaa waaqeffachuu dandeessa. “Gammachuu cubbuun yeroo muraasaaf [argamsiisuuf]” jettee eebbawwan kana hunda aarsaa ni gootaa? (Ibr. 11:25) Matumaa! Yeroo ammaatti eebbawwan kanaaf jecha aarsaa akkamiiyyuu kaffaluun nu hin gaabbisiisu. Jannanni lafarraa yeroo hunda abdii taʼee akka itti hin fufne yaadadhu. Gaaf tokko dhugoomuunsaa hin oolu. Yihowaan nu jaallatee Ilmasaa utuu nuu kennuu baatee wantoonni kun hundi hin raawwataman turan.

Jannata keessatti wanti caalaatti hawwiidhaan eeggattu maalidha? (Keeyyata 11-12 ilaali)


JAALALA YIHOWAATIIF DINQISIIFANNAA QABDU ARGISIISI

13. Jaalala Yihowaatiif dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (2 Qorontos 6:1)

13 Yihowaan furicha nuu qopheessuusaatiif dinqisiifannaa qabnu ibsuu kan dandeenyu akkamitti? Jireenya keenya keessatti hojiisaatiif dursa kennuudhaani. (Mat. 6:33) Yesuus kan duʼe “warri lubbuudhaan jiran isa isaaniif jedhee duʼee fi duʼaa kaafameef malee, kana booda ofii isaaniitiif akka hin [jiraanneefi].” (2 Qor. 5:15) Kaayyoo gaarummaa Yihowaa isa guddaa itti fudhannerraa jalʼachuu hin barbaannu.—2 Qorontos 6:1 dubbisi.

14. Qajeelfama Yihowaarratti amantii akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Qajeelfama Yihowaarratti amantii akka qabnu argisiisuudhaanis dinqisiifannaa jaalala Yihowaatiif qabnu ibsuu dandeenya. Akkamitti? Murtoo goonuun argisiisuu dandeenya. Fakkeenyaaf, barumsa hammamii barachuu ykn hojii akkamii hojjechuu akka qabdu yeroo murteessitu wanta Yihowaan akka gootu barbaadurratti yaaduu qabda. (1 Qor. 10:31; 2 Qor. 5:7) Amantii keenya hojiidhaan yeroo argisiisnu, amantiin Yihowaarratti qabnuu fi michummaan isa wajjin qabnu caalaatti jabaachaa deema. Abdiin keenyas ni cima.—Rom. 5:3-5; Yaq. 2:21, 22.

15. Tibba Ayyaana Yaadannootti dinqisiifannaa keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Karaan dinqisiifannaa jaalala Yihowaatiif qabnu argisiisuu itti dandeenyu kan biraanis jira. Innis tibba Ayyaana Yaadannoo dinqisiifannaa furichaaf qabnu argisiisuuf itti fayyadamuudha. Ayyaanicharratti argamuuf karoorfachuu malees warri kaan akka irratti argaman affeeruu dandeenya. (1 Xim. 2:4) Wanta Ayyaanicharratti raawwatamu namoota affeertuuf ibsi. Weebsaayitii jw.org irraa viidiyoo Yesuus kan Duʼe Maaliifi? akkasumas Duʼa Yesuus Yaadadhaa jedhaman itti argisiisuun si fayyaduu dandaʼa. Jaarsoliin namoota karaa hafuuraa qabbanaaʼan affeeruu qabu. Hoolonni Yihowaa badanii turan tokko tokko gara tuuta hoolotaasaatti yeroo deebiʼan samii keessattis taʼe lafarratti gammachuu guddaan ni taʼa. (Luq. 15:4-7) Ayyaana Yaadannoorratti walii keenya qofa utuu hin taʼin, namoota haaraa ykn warra yeroo dheeraa booda deebiʼanii argaman nagaa gaafachuuf haa yaallu. Keessummummaan akka isaanitti hin dhagaʼamne barbaanna.—Rom. 12:13.

16. Tibba Ayyaana Yaadannootti tajaajila keenya balʼifachuu kan qabnu maaliifi?

16 Tibba Ayyaana Yaadannootti sochii hafuuraa kee dabaluu dandeessaa? Akkas gochuun karaa gaarii wanta Waaqayyoo fi Kiristoos nuu godhaniif dinqisiifannaa qabnu ibsuu itti dandeenyudha. Tajaajila Yihowaarratti caalaatti yeroo hirmaannu gargaarsasaa caalaatti arganna; kunimmoo amanannaan isarratti qabnu akka guddatu godha. (1 Qor. 3:9) Kana malees, sagantaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu Ayyaana Yaadannoo buukleetii Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamu ykn barreeffama qoʼannaa walgaʼiirratti argamu hordofi. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu kanarratti qorannaa gochuus ni dandeessa.

17. Wanti Yihowaa gammachiisu maalidha? (Saanduqa, “ Karaawwan Dinqisiifannaa Jaalala Yihowaatiif Qabnu Argisiisuu Itti Dandeenyu” jedhus ilaali.)

17 Dhugaadha, wantoota mata duree kana keessatti ibsaman hunda hojiirra oolchuuf haalli kee siif hin heyyamu taʼa. Yihowaan wanta ati kennitu wanta warri kaan kennan wajjin akka wal bira hin qabne yaadadhu; kanaa mannaa, inni wanta garaa kee keessa jiru ilaala. Furicha isa kennaa guddaa taʼeef dinqisiifannaa qabdu yeroo argisiistu arguusaatti baayʼee gammada.—1 Sam. 16:7; Mar. 12:41-44.

18. Yihowaa fi Yesuus Kiristoosiin kan galateeffannu maaliifi?

18 Cubbuu keenyaaf dhiifama kan arganne, Yihowaa wajjin michummaa kan qabaannee fi abdii jireenya barabaraa qabaachuu kan dandeenye furichaan kan kaʼedha. Dinqisiifannaa jaalala Yihowaa isa eebbawwan kana nuu kennuuf isa kakaaseef qabnu yeroo hunda haa argisiisnu. (1 Yoh. 4:19) Dinqisiifannaa Yesuus isa baayʼee nu jaallatee fi lubbuusaa dabarsee nuu kenneef qabnus haa argisiisnu.—Yoh. 15:13.

FAARFANNAA 154 Jaalala hin Badne

a Yihowaan tajaajiltootasaa, Kiristoos furicha kaffaluusaa dura jiraataniif dhiifama godheera. Yihowaan akkas kan godhe Ilmisaa hamma duʼaatti amanamaa akka taʼu amanannaa waan isarratti qabuufi. Kanaafuu, Yihowaan furichi Yesuus duʼuusaa dura akkuma waan kaffalameetti ilaaleera.—Rom. 3:25.