Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 3

FAARFANNAA 35 ‘Wantoota Caalaatti Barbaachisan Beekaa’

Murtoo Yihowaa Gammachiisu Godhi

Murtoo Yihowaa Gammachiisu Godhi

“Yihowaa sodaachuun, jalqaba ogummaa ti, isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sana beekuunis hubannaa dha.”FAK. 9:10.

YAADA IJOO

Murtoo gaarii gochuuf beekumsaa fi hubannaatti fayyadamuun kan dandaʼamu akkamitti?

1. Hundi keenya haalli rakkisaan akkamii nu mudata?

 GUYYAA guyyaadhaan murtoo gochuun nu barbaachisa. Murtoo tokko tokko gochuun fakkeenyaaf, ciree nyaannu ykn saʼaatii itti rafnu murteessuun salphaadha. Kaanimmoo murteessuun ulfaataadha. Murtoowwan kunis fayyaa keenya, gammachuu keenya, namoota jaallannu ykn waaqeffannaa keenyarratti dhiibbaa gochuu dandaʼu. Murtoon goonu nuunis taʼe maatii keenya akka fayyadu barbaanna. Hunda caalaammoo Yihowaa akka gammachiisu barbaanna.—Rom. 12:1, 2.

2. Tarkaanfiiwwan murtoo gaarii gochuuf si gargaaran kamfaʼi?

2 (1) Odeeffannoo guutuu argachuuf kan yaaltu, (2) ilaalcha Yihowaan dhimmichaaf qaburratti kan yaadduu fi (3) filannaa qabdurratti sirriitti kan yaaddu yoo taʼe murtoo gaarii gochuun kee hin oolu. Mata dureen kun tarkaanfiiwwan sadan kana ibsa; akkasumas dandeettii hubannaa keenya leenjisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara.—Fak. 2:11.

ODEEFFANNOO GUUTUU ARGACHUUF YAALI

3. Murtoo gochuu kee dura odeeffannoo guutuu argachuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

3 Tarkaanfiin murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru inni jalqabaa odeeffannoo guutuu argachuuf yaaluudha. Kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Namni dhibee fayyaa cimaa qabu tokko doktara bira dhaqe haa jennu. Doktarri sun nama kana utuu hin qoratin ykn gaaffii isa hin gaafatin yaalii isaaf godhamu ni murteessaa? Lakki. Atis dhimma tokko ilaalchisee jalqaba odeeffannoo guutuu argachuuf yoo yaalte murtoo gaarii gochuu dandeessa. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

4. Fakkeenya 18:13 wajjin haala walsimuun odeeffannoo guutuu argachuu kan dandeessu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

4 Yeroo baayʼee gaaffii gaafachuudhaan waaʼee dhimma tokkoo odeeffannoo guutuu argachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, affeerraa tokkorratti akka argamtu waamamteetta haa jennu. Irratti argamuu qabdaa? Nama affeerraa sana qopheesse ykn wanta achitti raawwatamu hin beektu taanaan gaaffilee armaan gadii isa gaafachuun si barbaachisa: “Affeerraan kun yoomii fi eessatti qophaaʼe? Nama meeqatu irratti argama? Eenyutu toʼata? Eenyufaatu irratti argama? Maalfaatu raawwatama? Dhugaatiin alkoolii ni dhihaataa?” Deebiin gaaffilee kanaa murtoo gaarii gochuuf si gargaara.—Fakkeenya 18:13 dubbisi.

Gaaffii gaafachuudhaan odeeffannoo guutuu argachuuf yaali (Keeyyata 4 ilaali) a


5. Odeeffannoo guutuu erga argattee booda maal gochuu qabda?

5 Ittaansuudhaan odeeffannoo guutuu erga argattee booda waaʼee dhimmichaa of eeggannoodhaan yaadi. Fakkeenyaaf, namoonni qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluutiif kabaja hin qabne affeerraa sanarratti akka argaman ykn dhugaatiin alkoolii toʼannaa malee akka dhihaatu yoo hubatte maal goota? Affeerraan kun gadhiisii taʼuu waan dandaʼu sitti fakkaataa? (1 Phe. 4:3) Karaa biraatiinimmoo saʼaatiin affeerraan kun itti qophaaʼe sagantaa walgaʼii gumii ykn tajaajilaa kee wajjin walirra buʼaa? Dhimmicha ilaalchisee odeeffannoo guutuu argachuuf kan yaaltu yoo taʼe murtoo gaarii gochuun siif salphata. Haa taʼu malee, tarkaanfiin fudhachuu qabdu kan biraanis jira. Dhimmicha ilaalchisee wanta sitti dhagaʼamu beekta; garuu Yihowaattoo maaltu dhagaʼama?—Fak. 2:6.

ILAALCHA YIHOWAAN DHIMMICHAAF QABURRATTI YAADI

6. Yaaqoob 1:5 akka jedhutti Yihowaan akka nu gargaaru kadhachuu kan qabnu maaliifi?

6 Yihowaan ilaalcha dhimmichaaf qabu hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. Yihowaan ogummaa murtoon tokko kan isa gammachiisu taʼuu fi dhiisuusaa hubachuuf nu gargaaru akka nuu kennu waadaa galeera. Ogummaa akkasii “nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna.”—Yaaqoob 1:5 dubbisi.

7. Ilaalcha Yihowaa hubachuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenya kenni.

7 Qajeelfama Yihowaa argachuuf erga kadhattee booda deebii inni kennu xiyyeeffannaadhaan hordofi. Fakkeenyaaf, utuma deemtuu karaan yoo si jalaa bade nama naannoo sanaa gargaarsa gaafatta taʼa. Garuu namni sun utuu deebii siif hin kennin callistee deemuu kee itti fuftaa? Akkas hin gootu. Kanaa mannaa, yeroo inni kallattii sitti argisiisu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatta. Haaluma walfakkaatuun, Yihowaan ogummaa akka siif kennu erga kadhattee booda, seeraa fi dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu haala keetiif taʼu argachuuf yaaluudhaan deebii inni kennu hubachuuf yaali. Fakkeenyaaf, affeerraa olitti ibsamerratti argamuuf ykn dhiisuuf yeroo murteessitu, Kitaabni Qulqulluun affeerraa gadhiisii, hiriyummaa gadhee fi fedhii dhuunfaa kee caalaa hojii Mootummichaatiif dursa kennuu ilaalchisee maal akka jedhu yaaduu dandeessa.—Mat. 6:33; Rom. 13:13; 1 Qor. 15:33.

8. Odeeffannoo barbaaddu argachuuf gargaarsi yoo si barbaachise maal gochuu dandeessa? (Fakkichas ilaali.)

8 Taʼus, yeroo tokko tokko odeeffannoo barbaaddu argachuuf gargaarsi si barbaachisuu dandaʼa. Tarii obboleessa ykn obboleettii tokkorraa yaada si fayyadu argachuu dandeessa. Dhuunfaatti qorannaa gochuun kees si fayyaduu dandaʼa. Meeshaalee qorannoo kanneen akka Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼee fi Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan jedhamanirraa odeeffannoo hedduu argachuun ni dandaʼama. Kaayyoon kee murtoo Yihowaa gammachiisu gochuu akka taʼe yaadadhu.

Ilaalcha Yihowaa tilmaama keessa galchi (Keeyyata 8 ilaali) b


9. Murtoon goonu Yihowaa kan gammachiisu taʼuusaa mirkaneeffachuu kan dandeenyu akkamitti? (Efesoon 5:17)

9 Murtoon goonu Yihowaa kan gammachiisu taʼuusaa mirkaneeffachuu kan dandeenyu akkamitti? Jalqaba akka gaariitti isa beekuu qabna. Kitaabni Qulqulluun, “Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sana [beekuun] hubannaa dha” jedha. (Fak. 9:10) Eeyyee, hubannaa dhugaan amaloota Yihowaa, kaayyoosaa fi wanta inni jaallatu ykn jibbu beekuudhaan argama. ‘Waaʼee Yihowaa wantan beekurratti hundaaʼuudhaan murtoo isa gammachiisu akkamiin gochuu dandaʼa?’ jedhii of gaafadhu.—Efesoon 5:17 dubbisi.

10. Barsiifata maatii ykn aadaa naannoo keenyaa caalaa dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

10 Yeroo tokko tokko Yihowaa gammachiisuuf jecha namoota nutti dhihaatan mufachiisuun keenya hin oolu. Fakkeenyaaf, warri tokko tokko intallisaanii nama qabeenya qabu ykn gabbara hedduu isaaniif kennutti akka heerumtu dhiibbaa ishiirratti godhu taʼa; namni sun garuu karaa hafuuraa dadhabaa taʼuu dandaʼa. Dhugaadha, intallisaanii jireenya mijataa akka jiraattu barbaaduunsaanii waanuma jirudha; garuu nama hafuuraa akka taatu eenyutu ishii gargaara? Yihowaanoo dhimma kanaaf ilaalcha akkamii qaba? Deebiisaa Maatewos 6:33 irraa arganna. Caqasicharratti Kiristiyaanonni “hundumaa dura Mootummicha” barbaaduusaanii akka itti fufan gorfamaniiru. Warra keenyas taʼe hawaasa keessa jiraannu kan kabajnu taʼus, hundumaa caalaa wanti nu yaaddessu garuu Yihowaa gammachiisuudha.

FILANNAA QABDURRATTI SIRRIITTI YAADI

11. Amalli Filiphisiyus 1:9, 10 irratti ibsamee fi filannaa qabdurratti sirriitti yaaduuf si gargaaru isa kami?

11 Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu murtoo gochuuf si gargaaranirratti erga yaaddee booda filannaa qabdu gamaaggamuu qabda. (Filiphisiyus 1:9, 10 dubbisi.) Hubannaan filannaan qabdu hundi buʼaa akkamii argamsiisuu akka dandaʼu beekuuf si gargaara. Murtoo tokko tokko salphaatti murteessuun ni dandaʼama. Murtoon hundi garuu salphaadha jechuu miti. Hubannaan haala wal xaxaa taʼe keessattillee murtoo gaarii gochuuf si gargaara.

12-13. Hubannaan hojii ilaalchisee murtoo gaarii gochuuf kan si gargaaru akkamitti?

12 Mee haala kanatti aanee jiru yaadi. Maatii kee deeggaruuf hojii barbaadaa jirta. Achiis hojii lama argatte. Gosa hojichaa, sagantaa hojichaa, saʼaatii bakka hojii deemuuf sitti fudhatuu fi kkf ilaalchisee odeeffannoo guutuu argachuuf yaalta. Hojiin lamaanuu akka Kitaaba Qulqulluutti fudhatama qaba. Tarii gosti hojichaa ykn mindaansaa gaarii waan taʼeef isa tokko filatta taʼa. Haa taʼu malee, murtoo gochuu kee dura wantoonni tilmaama keessa galchuu qabdu kan biroonis jiru.

13 Fakkeenyaaf, hojichi sagantaa walgaʼii gumii wajjin walirra buʼaa? Yeroo maatii kee karaa miiraa fi karaa hafuuraa kunuunsuuf si barbaachisu si jalaa fudhataa? Gaaffilee akkasiirratti yaaduun kee maallaqa dabalataa argachuuf utuu hin taʼin, “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan,” jechuunis waaqeffannaa kee fi wanta maatii keetiif barbaachisuuf dursa kennuuf si gargaara. Akkas yoo goote murtoo Yihowaan eebbisu gochuu dandeessa.

14. Hubannaa qabaachuunii fi jaalala argisiisuun warra kaan akka hin gufachiisne kan nu gargaaru akkamitti?

14 Hubannaan “warra kaan akka hin gufachiisneef” murtoon keenya warra kaanirratti dhiibbaa akkamii akka godhu yaaduufis nu gargaara. (Filp. 1:10) Keessumaa akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisee murtoo dhuunfaa yeroo goonu akkas gochuun keenya barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, akkaataan uffannaa ykn miidhaginaa nuti filannu jira taʼa. Garuu namoota gumii keessa ykn gumiidhaa ala jiran kan mufachiisu yoo taʼe hoo? Hubannaan miirasaanii kabajuuf nu gargaara. Jaalalli “faayidaa nama kan biraa” barbaaduu fi kabaja qabaachuuf nu kakaasa. (1 Qor. 10:23, 24, 32; 1 Xim. 2:9, 10) Kunis murtoo warra kaan akka jaallannuu fi akka kabajnu argisiisu gochuuf nu gargaara.

15. Murtoo guddaa tokko hojiirra oolchuu keenya dura maalirratti yaaduu qabna?

15 Murtoo guddaa tokko gochuuf jetta taanaan, murtoo sana hojiirra oolchuuf wanta gochuun si barbaachisurratti yaadi. Yesuus ‘baasii keenya akka shallagnu’ nu barsiiseera. (Luq. 14:28) Kanaafuu, murtoo kee hojiirra oolchuuf yeroon, qabeenyii fi carraaqqiin hammamii akka si barbaachisu yaadi. Yeroo tokko tokko miseensonni maatii kee murtoo kana deeggaruuf maal gochuu akka qaban isaan mariisisuu dandeessa taʼa. Akkas gochuun gaarii kan taʼe maaliifi? Murtoo keerratti sirreeffama tokko tokko gochuun akka si barbaachisu ykn filannaan kanarra wayyu akka jiru hubachuuf si gargaaruu dandaʼa. Miseensota maatii kee tilmaama keessa galchuunii fi yaadasaanii fudhachuun kee murtoon sun akka milkaaʼu gochuuf caalaatti akka si wajjin hojjetan isaan kakaasuu dandaʼa.—Fak. 15:22.

MURTOO MILKAAʼINA ARGAMSIISU GODHI

16. Tarkaanfiiwwan murtoo milkaaʼina argamsiisu gochuuf si gargaaran kamfaʼi? (Saanduqa, “ Murtoo Gaarii Gochuun kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhus ilaali.)

16 Tarkaanfiiwwan olitti ibsaman kan fudhattu yoo taʼe murtoo gaarii gochuuf qophoofteetta jechuudha. Odeeffannoo guutuu argatteetta, akkasumas dhugaawwan buʼuuraa murtoo Yihowaa gammachiisu gochuuf si gargaaran qorteetta. Amma murtoon kee akka milkaaʼuuf Yihowaa gargaarsa gaafachuu dandeessa.

17. Wanti murtoo gaarii gochuuf si gargaaru inni guddaan maalidha?

17 Kanaan dura murtoowwan milkaaʼina argamsiisan hedduu yoo gootellee, wanti murtoo gaarii gochuuf si gargaaru inni guddaan hubannaa ykn muuxannoo keetti amanamuu utuu hin taʼin, ogummaa Yihowaatti amanamuu akka taʼe yaadadhu. Beekumsaa fi hubannaa warra ogummaa qabaachuuf barbaachisan siif kennuu kan dandaʼu isa qofadha. (Fak. 2:1-5) Yihowaan murtoo isa gammachiisu akka gootu si gargaara.—Far. 23:2, 3.

FAARFANNAA 28 Michuu Yihowaa Taʼuu

a IBSA FAKKII: Obboloonnii fi obboleettonni dargaggoota taʼan waaʼee affeeraa bilbilaan isaan dhaqqabee haasaʼaa jiru.

b IBSA FAKKII: Isaan keessaa obboleessi tokko gara affeerraa sanaa deemuuf murteessuusaa dura qorannaa gochaa jira.