Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 1

FAARFANNAA 2 Maqaan Kee Yihowaa Dha

Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa

Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa

CAQASA WAGGAA BARA 2025: “Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa.”FAR. 96:8.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti Yihowaadhaaf ulfina isaaf malu kennuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

1. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun maalirratti xiyyeeffatu?

 YEROO harʼaatti namoonni baayʼeen garmalee akka ofirratti xiyyeeffatan hubatteettaa? Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko xiyyeeffannaa ofitti harkisuu fi wanta raawwataniin of jajuuf miidiyaalee hawaasaatti fayyadamu. Namoonni Yihowaadhaaf ulfina kennan garuu muraasa. Mata duree kana keessatti Yihowaadhaaf ulfina kennuu jechuun maal jechuu akka taʼee fi kana gochuuf wanti nu kakaasu maal akka taʼe ilaalla. Waaqayyoof ulfina isaaf malu kennuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi Yihowaan yeroo dhihootti maqaansaa ulfina akka argatu kan godhu akkamitti akka taʼes ni baranna.

YIHOWAADHAAF ULFINA KENNUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

2. Yihowaan Gaara Siinaarratti ulfinasaa kan mulʼise akkamitti? (Fakkii qolasaarra jirus ilaali.)

2 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan Waaqa ajaaʼibsiisaa akka taʼe dubbata. Yihowaan sabni Israaʼel garbummaa Gibxii jalaa akkuma bilisa baʼeen ulfinasaa isaanitti argisiiseera. Mee haalasaa yaadaan ilaali: Israaʼelonni miliyoonaan lakkaaʼaman wanta Waaqayyo isaanitti himu dhagaʼuuf Gaara Siinaa biratti walitti qabamaniiru. Duumessi cimaan gaaricha uwwiseera. Achiis akkuma tasaa kirkirri lafaa cimaan lafa sochoose; akkasumas bakakkaan, kakawweenii fi sagaleen xurumbaa gurra namaa duuchu ni dhagaʼame. (Bau. 19:16-18; 24:17; Far. 68:8) Israaʼelonni Yihowaan haala kanaan ulfinasaa yeroo argisiisu baayʼee ajaaʼibsiifatanii taʼuu qaba.

Yihowaan Gaara Siinaarratti karaa ajaaʼibsiisaa taʼeen Israaʼelotatti ulfinasaa argisiiseera (Keeyyata 2 ilaali)


3. Yihowaadhaaf ulfina kennuu jechuun maal jechuudha?

3 Haa taʼu malee, ilmaan namootaa hoo Yihowaadhaaf ulfina kennuu ni dandeenyaa? Eeyyee ni dandeenya. Karaan Yihowaadhaaf ulfina kennuu itti dandeenyu inni tokko waaʼee humnasaa isa guddaa fi waaʼee amalootasaa warra dinqisiisoo taʼanii warra kaanitti himuudha. Wantoota humnasaatiin raawwanne hundaaf beekamtii isaaf kennuudhaanis Waaqayyoof ulfina kennuu dandeenya. (Isa. 26:12) Daawit Mootichi Yihowaadhaaf ulfina kennuurratti fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Kadhannaa saba Israaʼel duratti dhiheesserratti Waaqayyoon akkana jedheera: “Wanti samii keessas taʼe lafa irra jiru hundi kan kee waan taʼeef, yaa Yihowaa, guddinni, jabinni, miidhaginni, simboonii fi ulfinni kan kee ti.” Daawit kadhannaasaa erga xumuree booda, ‘guutummaan gumichaa Yihowaa ni jajatan.’—1 Sen. 29:11, 20.

4. Yesuus Yihowaadhaaf ulfina kan kenne akkamitti?

4 Yesuus yeroo lafarra turetti dinqii kan raawwate humna Yihowaatiin akka taʼe dubbachuudhaan Abbaasaatiif ulfina kenneera. (Mar. 5:18-20) Akkaataan itti waaʼee Abbaasaa dubbatee fi warra kaan itti qabes Yihowaadhaaf ulfina kan fidu ture. Gaaf tokko Yesuus mana sagadaa keessatti barsiisaa ture. Namoota isa dhaggeeffachaa turan keessaa dubartiin waggaa 18tiif jinniidhaan qabamte jirti turte. Jinniin sun akka goophattu waan godheef ol jettee deemuu hin dandeessu turte. Kun baayʼee nama dhiphisa! Yesuus gara laafinaan kakaʼee dubartii sanatti dhihaatee gaarummaadhaan, “Dubartii nana, dhukkuba kee irraa furamteetta” ishiidhaan jedhe. Achiis harkasaa ishiirra kaaʼe, ishiinis yeruma sana kaatee “Waaqa galateeffachuu jalqabde”; fayyaa fi ulfinnishii guutummaatti ishiidhaaf deebiʼe. (Luq. 13:10-13) Dubartiin sun Yihowaadhaaf ulfina kennuuf sababa gaʼaa qabdi turte; nutis akkas gochuuf sababii gaʼaa qabna.

YIHOWAADHAAF ULFINA KENNUUF MAALTU NU KAKAASA?

5. Yihowaa kabajuuf maaltu nu kakaasa?

5 Yihowaa baayʼee waan kabajnuuf ulfina isaaf kennina. Yihowaa kabajuuf wantoonni nu kakaasan hedduudha. Yihowaan hundumaa dandaʼa; humnisaa daangaa hin qabu. (Far. 96:4-7) Ogummaasaa isa guddaa wantoota inni uumerraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. Jireenyaa fi wantoota jireenyaaf nu barbaachisan kan nuu kenne isadha. (Mul. 4:11) Inni amanamaadha. (Mul. 15:4) Wanti inni raawwatu hundi isaaf milkaaʼa; yeroo hunda waadaa gale ni eega. (Iya. 23:14) Ermiyaas raajichi waaʼee Yihowaa akkana kan jedhe kanaafi: “Ogeeyyii sabootaa hundumaa gidduudhaa, mootummoota isaanii hundumaa gidduudhaas, kan akka keetii tokko illee hin jiru.” (Er. 10:6, 7) Eeyyee, Abbaa keenya isa samii kabajuuf sababa gaʼaa qabna. Haa taʼu malee, Yihowaadhaaf kabaja kennuu qofa utuu hin taʼin, isa jaallachuun keenyas isaaf mala.

6. Yihowaa kan jaallannu maaliifi?

6 Yihowaa baayʼee waan jaallannuuf ulfina isaaf kennina. Mee amaloota Yihowaan qabuu fi isa jaallachuuf nu kakaasan tokko tokko haa ilaallu. Inni araara qabeessaa fi gara laafessadha. (Far. 103:13; Isa. 49:15) Miira keenya waan hubatuuf yeroo gaddinu innis ni gadda. (Zak. 2:8) Isatti dhihaachuunii fi michuusaa taʼuun akka nuuf salphatu godheera. (Far. 25:14; HoE. 17:27) Kana malees, inni gad of qaba; “samii fi lafa ilaaluuf gad jedha; isa rakkataa awwaara irraa ni kaasa.” (Far. 113:6, 7) Sababiiwwan kanaan kan kaʼe Waaqa keenya isa guddaadhaaf ulfina kennuu barbaanna.—Far. 86:12.

7. Carraa adda taʼe akkamii qabna?

7 Warri kaan waaʼeesaa akka beekan waan barbaannuuf Yihowaadhaaf ulfina kennina. Namoonni baayʼeen waaʼee Yihowaa dhugaa hin beekan. Maaliif? Seexanni waaʼeesaa soba babalʼisuudhaan sammuusaanii waan jaamseefi. (2 Qor. 4:4) Seexanni Yihowaan Waaqa haaloo qabatuu fi namaaf hin yaanne, akkasumas rakkina addunyaarra jiru kan fidu isa akka taʼe namoota amansiiseera. Nuti garuu waaʼee Waaqa keenyaa dhugaasaa beekna. Warri kaan Waaqa akkamii akka taʼe akka beekanii fi ulfina akka isaaf kennan isaan gargaaruuf carraa arganneerra. (Isa. 43:10) Faarfannaan 96 waaʼee Yihowaadhaaf ulfina kennuu dubbata. Yaadawwan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamanii fi faarfannaa kanarratti ibsamanirratti yeroo mariʼannu, karaawwan ulfina Yihowaadhaaf malu isaaf kennuu itti dandeessurratti yaadi.

YIHOWAADHAAF ULFINA ISAAF MALU KENNUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

8. Karaan Yihowaadhaaf ulfina kennuu itti dandeenyu tokko isa kami? (Faarfannaa 96:1-3)

8 Faarfannaa 96:1-3 dubbisi. Wanta waaʼeesaa dubbannuun Yihowaadhaaf ulfina kennuu dandeenya. Caqasa kanarratti sabni Yihowaa ‘Yihowaa akka faarfatan,’ ‘maqaa isaa akka jajatan,’ ‘misiraachoo fayyisuusaa akka labsanii’ fi ‘ulfinasaa saboota gidduutti akka lallaban’ jajjabeeffamaniiru. Karaawwan kanaan Abbaa keenya isa samiitiif ulfina kennuu dandeenya. Yihudoonni amanamoonii fi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa waaʼee wantoota gaggaarii Yihowaan isaaniif godhee warra kaanitti himuu fi maqaasaatiif dhaabbachuurraa duubatti hin jenne. (Dan. 3:16-18; HoE. 4:29) Nutoo akkumasaanii gochuu kan dandeenyu akkamitti?

9-10. Muuxannoo Anjeliinaarraa maal baratte? (Fakkichas ilaali.)

9 Mee muuxannoo obboleettii Anjeliinaa a jedhamtuu fi Yuunaayitid Isteetis keessa jiraattuu haa ilaallu. Bakka hojii ishiitti ija jabinaan maqaa Yihowaatiif dhaabbatteetti. Anjeliinaan namoota akkuma ishii reefu qacaraman wajjin walgaʼii tokkorratti akka argamtu affeeramte; walgaʼicharrattis hundisaanii waaʼee ofiisaanii akka dubbatan affeeraman. Anjeliinaanis suuraawwan gammachuu Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu ishiitiin argatte ibsan tokko tokko argisiisuuf qophoofte. Haa taʼu malee, dabareen ishii gaʼuusaa dura namni ishii wajjin hojjetu tokko maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessatti akka guddate dubbate. Achiis amantii keenyatti qoosuu jalqabe. Anjeliinaan akkana jetteetti: “Onneen koo rukutuu jalqabe. Garuu akkana jedheen yaade: ‘Namni tokko waaʼee Yihowaa yeroo soba dubbatu calliseen ilaalaa? Moo isaafan dhaabbadha?’”

10 Namichi sun haasaʼee yeroo xumuru Anjeliinaan keessa ishiitti kadhannaa gabaabaa dhiheessite. Achiis gaarummaadhaan akkana isaan jette: “Akkaataan guddinaa koo kan kee wajjin wal fakkaata. Anis maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessattin guddadhe, ammas Dhugaa Baatuu Yihowaati.” Haallisaa kan nama dhiphisu taʼus Anjeliinaan ni tasgabboofte. Suuraawwan hiriyoota ishii wajjin gammachuudhaan Yihowaa yeroo tajaajiltu argisiisan isaanitti argisiiste, akkasumas waaʼee amantii ishii kabajaan isaaniif ibsite. (1 Phe. 3:15) Maarree buʼaansaa maal taʼe? Anjeliinaan dubbattee yeroo xumurtu ilaalchi namicha sanaa ni jijjiirame. Ijoollummaasaatti yeroo warrisaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan isa guddisaa turanitti yaadannoowwan gaggaarii akka qabuyyuu dubbateera. Anjeliinaan, “Yihowaadhaaf dhaabbachuun keenya barbaachisaadha. Maqaasaatiif falmuun ulfina guddaadha” jetteetti. Nutis yeroo warri kaan isa hin kabajnettillee Yihowaa jajachuu fi ulfina isaaf kennuuf mirga arganneerra.

Dubbii keenyaan Yihowaadhaaf ulfina kennuu dandeenya (Keeyyata 9-10 ilaali) b


11. Tajaajiltoonni Yihowaa bara duriitii kaasee qajeelfama Faarfannaa 96:8 irratti argamu hojiirra kan oolchan akkamitti?

11 Faarfannaa 96:8 dubbisi. Qabeenya keenyaan Yihowaadhaaf ulfina kennuu dandeenya. Tajaajiltoonni Yihowaa haala kanaan ulfina isaaf kennaa turaniiru. (Fak. 3:9) Fakkeenyaaf, Israaʼelonni ijaarsaa fi suphaa mana qulqullummaatiif buusii godhaniiru. (2 Mot. 12:4, 5; 1 Sen. 29:3-9) Barattoonni Kiristoos “qabeenya isaaniitiin” isaa fi ergamootasaa tajaajilaniiru. (Luq. 8:1-3) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaas obbolootaa fi obboleettota hafuuraasaanii gargaaruuf buusii godhaniiru. (HoE. 11:27-29) Nutis yeroo harʼaatti fedhiidhaan buusii gochuudhaan Yihowaadhaaf ulfina kennuu dandeenya.

12. Buusiin goonu Yihowaadhaaf ulfina kan fidu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

12 Mee muuxannoo buusiin goonu Yihowaadhaaf ulfina kan fidu akkamitti akka taʼe argisiisu tokko haa ilaallu. Gabaasni bara 2020​tti baʼe tokko hongeen yeroo dheeraadhaaf Zimbaabuwee keessa ture miidhaa akkamii akka geessise ibsee ture. Obboleettii Piriiskaa jedhamtu dabalatee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman beelaaf saaxilamanii turan. Hongeen jiraatus Piriiskaan waqtii qonnaattillee akkuma yeroo kaanii Roobii fi Jimaata tajaajila baʼuu ishii itti fuftee turte. Olloonni ishii maasii ishiirra hojjechuu dhiistee tajaajila baʼuu ishiitiif, “Beelaan duʼuun kee hin oolu” jedhanii ishiitti qoosu turan. Piriiskaan garuu amanannaadhaan, “Yihowaan matumaa tajaajiltootasaa hin dhiisu” isaaniin jetti. Utuma baayʼee hin turin jaarmiyaa keenyarraa gargaarsi ishiidhaaf ergame. Gargaarsi kun kennamuu kan dandaʼe buusii hundi keenya fedhiidhaan gooneen kan kaʼedha. Olloonni Piriiskaa kana baayʼee dinqisiifatanii, “Waaqayyo dhuguma si hin dhiisne, nutis waaʼeesaa barachuu barbaanna” ishiidhaan jedhan. Olloota ishii keessaa namoonni torba gumiirratti argamuu jalqabaniiru.

Qabeenya keenyaan Yihowaadhaaf ulfina kennuu dandeenya (Keeyyata 12 ilaali) c


13. Amalli keenya Yihowaadhaaf ulfina kan fidu akkamitti? (Faarfannaa 96:9)

13 Faarfannaa 96:9 dubbisi. Amala keenyaan Yihowaadhaaf ulfina fiduu dandeenya. Luboonni mana qulqullummaa Yihowaa keessatti tajaajilan karaa qaamaa qulqulluu taʼuu qabu turan. (Bau. 40:30-32) Taʼus, amala qulqulluu qabaachuun karaa qaamaa qulqulluu taʼuu caalaa baayʼee barbaachisaadha. (Far. 24:3, 4; 1 Phe. 1:15, 16) “Namummaa moofaa,” jechuunis amalaa fi gocha qulqulluu hin taane ofirraa baasnee gatuu fi “namummaa haaraa,” jechuunis yaadaa fi gocha amala Yihowaa isa ulfina qabeessa taʼe calaqqisiisu uffachuuf carraaquu qabna. (Qol. 3:9, 10) Gargaarsa Yihowaatiin namoonni wantoota baayʼee gadhee taʼan raawwachaa turanillee jijjiiramuu fi namummaa haaraa uffachuu ni dandaʼu.

14. Muuxannoo Jaakirraa maal baratte? (Fakkichas ilaali.)

14 Mee muuxannoo Jaak haa ilaallu; Jaak nama baayʼee hamaa waan tureef namoonni maqaa masoo Jinnii jedhuun isa waamu turan. Jaak yakka raawwateen kan kaʼe duuti itti murteeffamee ture. Haa taʼu malee, yeroo itti ajjeefamu eeggachaa utuu jiruu obboleessa tokko wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Jaak wanta hamaa hedduu kan raawwate taʼus namummaa moofaa ofirraa baasuudhaan yeroo booda ni cuuphame. Jaak jijjiirama guddaa waan godheef gaafa ajjeefametti eegdonni mana hidhaa tokko tokko yeroo nagaa isatti dhaaman booʼaa turan. Loltuun mana hidhaa sana keessatti hojjetu tokko, “Jaak kanaan dura namoota as turan keessaa nama baayʼee hamaa ture. Amma garuu namoota baayʼee gaarii taʼan keessaa tokkodha” jedheera. Torbee Jaak erga ajjeefamee booda turetti obboloonni walgaʼii geggeessuuf mana hidhaa sana deeman hidhamaa yeroo jalqabaatiif walgaʼiirratti argame tokko wajjin wal argan. Namichi kun walgaʼiirratti argamuuf maaltu isa kakaase? Jijjiiramni Jaak godhe baayʼee waan isa dinqisiiseef Yihowaa waaqeffachuuf maal gochuun akka isa barbaachisu beekuu barbaadee ture. Dhugumayyuu amalli keenya Abbaa keenya isa samiitiif ulfina fida.—1 Phe. 2:12.

Amala keenyaan Yihowaadhaaf ulfina kennuu dandeenya (Keeyyata 14 ilaali) d


YIHOWAAN DHIHEENYATTI MAQAANSAA ULFINA AKKA ARGATU KAN GODHU AKKAMITTI?

15. Yihowaan dhiheenyatti maqaansaa guutummaatti ulfina akka argatu kan godhu akkamitti? (Faarfannaa 96:10-13)

15 Faarfannaa 96:10-13 dubbisi. Lakkoofsonni dhumaa Faarfannaa 96 irratti argaman kun Yihowaan Abbaa Murtii fi Mootii qajeelaa akka taʼe ibsu. Yihowaan dhiheenyatti maqaansaa ulfina akka argatu kan godhu akkamitti? Murtii dabarsutti fayyadamee kana godha. Yeroo dhihootti maqaasaa isa qulqulluurratti arrabsoo waan fiddeef Baabilon Guddittii ni balleessa. (Mul. 17:5, 16; 19:1, 2) Namoonni Baabilon Guddittiin yeroo baddu argan tokko tokko tarii nu wajjin waaqeffannaa dhugaarratti hirmaachuu dandaʼu. Dhumarratti Yihowaan waraana Armaagedoonirratti namoota isa mormanii fi maqaasaa arrabsan hunda ni balleessa; warra isa jaallatan, isaaf ajajamanii fi ulfina isaaf kennuu barbaadan garuu ni oolcha. (Mar. 8:38; 2 Tas. 1:6-10) Qorumsa xumuraa dhuma Bulchiinsa Barkumee Kiristoos booda Yihowaan maqaasaa guutummaatti ni qulqulleessa. (Mul. 20:7-10) Yeroo sanatti “akkuma bishaan galaana uwwisu, laftis beekumsa ulfina Yihowaatiin ni guutamti.”—An. 2:14.

16. Maal gochuuf kutatteetta? (Fakkichas ilaali.)

16 Namni lubbuudhaan jiru hundi ulfina maqaasaatiif malu Yihowaadhaaf yeroo kennutti jireenyi baayʼee gammachiisaa taʼa. Hamma guyyaan sun gaʼutti garuu carraa arganne hundatti fayyadamnee Waaqayyoof ulfina kennuudhaan gaʼee keenya raawwachuu dandeenya. Dhimmi kun barbaachisaa taʼuusaa addeessuuf Qaamni Olaanaan Faarfannaa 96:8 isa, “Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa” jedhu caqasa waggaa bara 2025 akka taʼu filateera.

Yeroo booda namni lubbuudhaan jiru hundi ulfina maqaasaatiif malu Yihowaadhaaf ni kenna! (Keeyyata 16 ilaali)

FAARFANNAA 12 Yihowaa, Waaqa Guddaa

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

b IBSA FAKKII: Hojiin argisiisa muuxannoo Anjeliinaa argisiisu.

c IBSA FAKKII: Hojiin argisiisa muuxannoo Piriiskaa argisiisu.

d IBSA FAKKII: Hojiin argisiisa muuxannoo Jaak argisiisu.