Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 9

Dargaggootaa—Amanannaa Warra Kaanii Argachuu kan Dandeessan Akkamitti?

Dargaggootaa—Amanannaa Warra Kaanii Argachuu kan Dandeessan Akkamitti?

“Tuutni dargaggoota keetii akka fixeensa barraaqa buʼuu ti.”—FAR. 110:3.

FAARFANNAA 39 Waaqayyo Biratti Maqaa Gaarii Qabaadhu

QABIYYEE *

1. Obboloonni dargaggoota taʼan hedduun jabina akkamii qabu?

OBBOLOONNI dargaggoota taatan gumii keessatti gargaarsa guddaa gochuu dandeessu. Baayʼeen keessan jabinaa fi humna guddaa qabdu. (Fak. 20:29) Kanaafuu obbolootaa fi obboleettota gumii keessan jiraniif gargaarsa guddaa gochuu dandeessu. Tarii tajaajilaa gumii taatanii tajaajiluu barbaaddu taʼa. Haa taʼu malee, warri kaan itti gaafatamummaa guddaa fudhachuuf ijoollee akka taatanitti ykn muuxannoo akka hin qabnetti akka isin ilaalan isinitti dhagaʼama taʼa. Taʼus ijoollee yoo taatan illee, amanannaa fi kabaja warra gumii keessa jiranii argachuuf wantoonni ammuma gochuu dandeessan tokko tokko jiru.

2. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii irratti mariʼanna?

2 Mata duree kana keessatti, seenaa jireenyaa Daawit Mootichaa irratti xiyyeeffanna. Akkasumas jireenya Aasaa fi Yoshaafaax warra mootota Yihudaa taʼan lamaan keessatti wantoota raawwataman gabaabsinee ilaalla. Namoota sadan kana haalli rakkisaan akkamii akka isaan mudate, tarkaanfii akkamii akka fudhatanii fi obboloonni dargaggoota taʼan fakkeenya isaanii irraa maal barachuu akka dandaʼan ilaalla.

DAAWIT MOOTICHA IRRAA BARADHAA

3. Karaan dargaggoonni maanguddoota gumii keessa jiran gargaaruu itti dandaʼan tokko maali dha?

3 Daawit yeroo ijoollee turetti, dandeettii namoonni kaan bakka guddaa kennaniif horatee ture. Yihowaa wajjin michummaa cimaa akka qabu ifa ture, dandeettii muuziqaa qabu guddifachuufis jabaatee hojjeteera, dandeettii isaa kanas Saaʼol Mooticha isa Yihowaadhaan muudame gargaaruuf itti fayyadameera. (1 Sam. 16:16, 23) Dargaggootaa, isin hoo dandeettii warra gumii keessa jiran gargaaruuf isin dandeessisu qabduu? Baayʼeen keessan dandeettii akkasii qabdu. Fakkeenyaaf, obboloonni maanguddoo taʼan tokko tokko qoʼannaa dhuunfaa fi walgaʼiidhaaf taableetii fi meeshaalee elektiroonikii isaaniitti akkamitti akka fayyadaman yommuu isaanitti argisiistan baayʼee dinqisiifatu. Beekumsi waaʼee meeshaalee kanneenii qabdan maanguddoota akkasiitiif faayidaa guddaa argamsiisuu dandaʼa.

Daawit yommuu hoolota abbaa isaa tiksutti, hamma hoolota amaaketa irraa eeguutti illee, nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamuu fi hojii kennameef fiixaan baasu ture (Keeyyata 4 ilaali)

4. Obboloonni dargaggoota taʼan akkuma Daawit amalawwan akkamii horachuu qabu? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

4 Daawit jireenya isaa keessatti nama itti gaafatamummaan isatti dhagaʼamuu fi hojii isaaf kenname fiixaan baasu akka taʼe mirkaneesseera. Fakkeenyaaf, yeroo ijoollee turetti, hoolota abbaa isaa dammaqinaan eegaa ture. Hojiin kun balaadhaaf kan isa saaxilu ture. Daawit yeroo booda Saaʼol Mootichaan akkana jedhee ture: “Ani tajaajilaan kee yommuun hoolota abbaa koo tiksaa turetti, leencis taʼe amaakenni dhufee tuuta hoolotaa keessaa tokko fudhatee deema ture. Anis isa duukaa buʼee rukutee hoolicha afaan isaatii nan buusan ture.” (1 Sam. 17:34, 35) Daawit hoolota isaatiif eegumsa gochuu akka qabu beeka ture, eegumsa isaanii gochuufis ija jabina argisiiseera. Obboloonni dargaggoota taʼan hojii isaaniif kenname kam iyyuu jabaatanii hojjechuudhaan fakkeenya Daawit hordofuu dandaʼu.

5. Faarfannaan 25:14 akka jedhutti, wanti baayʼee barbaachisaan obboloonni dargaggoonni gochuu dandaʼan maali dha?

5 Daawit Yihowaa wajjin michummaa cimaa uumeera. Michummaan kun ija jabina ykn dandeettii baganaa taphachuu Daawit qabu caalaa baayʼee barbaachisaa ture. Yihowaan Daawitiif Waaqa qofa utuu hin taʼin, Michuu baayʼee isatti dhihaatu ture. (Faarfannaa 25:14 dubbisi.) Obboloonni dargaggoota taatan, wanti baayʼee barbaachisaan gochuu dandeessan hariiroo Abbaa keessan isa samii wajjin qabdan cimsachuu dha; kun immoo mirga dabalataa argachuuf karaa isiniif bana.

6. Namoonni tokko tokko Daawitiif ilaalcha dogoggoraa akkamii qabu turan?

6 Daawit ilaalcha dogoggoraa warri kaan isaaf qaban dandamachuu qaba ture. Fakkeenyaaf, Daawit Goliyaadii wajjin wal loluuf yommuu of dhiheessetti, Saaʼol Mootichi, “Ati mucaa xinnoo dha” jedhee abdii isa kutachiisuuf yaalee ture. (1 Sam. 17:31-33) Sana dura obboleessi isaa nama itti gaafatamummaa isaa hin raawwanne akka taʼetti Daawitiin komatee ture. (1 Sam. 17:26-30) Taʼus, Yihowaan, Daawit ijoollee ykn nama itti gaafatamummaa isaa hin raawwanne akka taʼetti hin ilaalle. Yihowaan Daawitiin akka gaariitti beeka ture. Daawit jabina argachuuf Yihowaa isa Michuu isaa taʼetti amanamuudhaan, Goliyaadiin rukutee ajjeesuu dandaʼeera.—1 Sam. 17:45, 48-51.

7. Seenaa waaʼee Daawiti ibsu tokko irraa maal barachuu dandeessu?

7 Muuxannoo Daawit irraa maal barachuu dandeessu? Obsa qabaachuun akka isin barbaachisu barattu. Namoonni ijoollummaa keessanii kaasanii isin beekan akka nama guddaatti isin ilaaluuf yeroo isaanitti fudhata taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan wanta alaan mulʼatu qofa akka hin ilaalle mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. Inni eenyummaa keessanii fi wanta gochuu dandeessan beeka. (1 Sam. 16:7) Kanaafuu hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdan cimsadhaa. Daawit wantoota Yihowaan uume ilaaluudhaan akkas gochuu dandaʼeera. Uumaman kunneen waaʼee Uumaa maal akka isa barsiisan irratti xiinxaleera. (Far. 8:3, 4; 139:14; Rom. 1:20) Wanti gochuu dandeessan kan biraan immoo, jabina isin barbaachisu akka isiniif kennu Yihowaa kadhachuu dha. Fakkeenyaaf, ijoolleen isinii wajjin baratan tokko tokko Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keessaniin isinitti qoosuu? Taanaan, Yihowaan rakkina kana dandamachuuf akka isin gargaaru kadhadhaa. Gorsa gaarii Dubbii isaa, barreeffamootaa fi viidiyoowwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan irraa argattanis hojii irra oolchaa. Yihowaan rakkina sana dandamachuuf akka isin gargaare yommuu hubattan hundatti, amanannaan isa irratti qabdan ni guddata. Kana malees, warri kaan Yihowaa akka amanattan yommuu argan, isaanis amanannaa isin irratti qabaatu.

Obboloonni dargaggoota taʼan gad of qabuudhaan karaa hedduudhaan warra kaan gargaaruu dandaʼu (Keeyyata 8-9 ilaali)

8-9. Daawit hamma mootii taʼutti wanti obsaan akka eeggatu isa gargaare maali dha? Obboloonni dargaggoota taʼan hoo fakkeenya isaa irraa maal barachuu dandaʼu?

8 Mee haala rakkisaa Daawitiin mudate kan biraa immoo haa ilaallu. Daawit mootii taʼuuf erga dibamee booda mootii Yihudaa taʼee bulchuuf waggoota hedduu eeguun isa barbaachisa ture. (1 Sam. 16:13; 2 Sam. 2:3, 4) Maarree yeroo kanatti obsaan akka eeggatu kan isa gargaare maali dha? Daawit abdii kutachuu mannaa wanta gochuu dandaʼu irratti xiyyeeffateera. Fakkeenyaaf, baqataa taʼee biyya Filisxeemotaa yeroo jiraachaa turetti, yeroo kana diinota Israaʼel loluuf itti fayyadameera. Kana gochuudhaan, daangaa naannoo Yihudaa eegsiseera.—1 Sam. 27:1-12.

9 Obboloonni dargaggoota taʼan fakkeenya Daawit irraa maal barachuu dandaʼu? Obboloota keessan tajaajiluuf carraa argattan hundatti fayyadamaa. Mee muuxannoo obboleessa Riikaardoo * jedhamuu haa ilaallu. Yeroo dheeraadhaaf qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluu barbaada ture. Taʼus jaarsoliin takka akka turu isatti himan. Riikaardoon abdii kutachuu ykn aaruu mannaa, tajaajila irratti hirmaannaa dabalataa gochuu jalqabe. Akkana jedheera: “Amma duubatti deebiʼee yommuun yaadu, jijjiirama na barbaachisu gochuun koo gaarii akka ture hubadheera. Namoota fedhii argisiisan hunda deebiʼee gaafachuu fi deddeebii gaaffii gochuuf qophaaʼuu irratti xiyyeeffachuun jalqabe. Yeroo jalqabaatiif Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu illee dandaʼeera. Muuxannoo argachaa yommuun deemu, ofitti amanannaan koos dabalaa dhufe.” Yeroo ammaa Riikaardoon qajeelchaa yeroo hundaa buʼa qabeessaa fi tajaajilaa gumii taʼee tajaajilaa jira.

10. Yeroo tokko Daawit murtoo guddaa gochuu isaa dura maal godhe?

10 Wanta jireenya Daawit keessatti raawwatame kan biraas haa ilaallu. Daawitii fi namoonni isaa yeroo baqattoota turanitti maatii isaanii dhiisanii lola dhaqan. Yeroo kanatti diinonni isaanii dhufanii mana isaanii saamuudhaan maatii isaanii boojiʼanii fudhatan. Daawit loltuu muuxannoo qabu waan taʼeef, salphaatti namoota boojiʼaman sana deebisuu akka dandaʼu isatti dhagaʼamuu dandaʼa ture. Taʼus, Yihowaan qajeelfama akka isaaf kennu gaafate. Karaa luba Abiyaataar jedhamuu “Tuuta weerartootaa kana duukaa buʼuu?” jedhee Yihowaa gaafate. Yihowaanis, Daawit akka isaan duukaa buʼuu fi akka isaaf milkaaʼu itti hime. (1 Sam. 30:7-10) Seenaa kana irraa maal barachuu dandeessu?

Obboloonni dargaggoota taʼan gorsa jaarsolii gaafachuu qabu (Keeyyata 11 ilaali)

11. Murtoo gochuu keessan dura maal gochuu qabdu?

11 Isinis murtoo gochuu keessan dura warra kaan gorsa gaafadhaa. Waaʼee dhimmichaa warra keessan mariisisaa. Kana malees, jaarsolii muuxannoo qaban haasofsiisuudhaan gorsa gaarii argachuu dandeessu. Yihowaan dhiirota muudaman kana ni amana; isinis isaan amanuu dandeessu. Inni jaarsoliin “kennaa” gumiidhaaf kennaman akka taʼanitti isaan ilaala. (Efe. 4:8) Isinis fakkeenya amantii isaanii yoo hordoftanii fi yaada gaarii isaan isiniif kennan yoo fudhattan murtoo gaarii gochuu dandeessu. Mee amma immoo wanta Aasaa Mooticha irraa barachuu dandeenyu haa ilaallu.

AASAA MOOTICHA IRRAA BARADHAA

12. Aasaa Mootichi yommuu bulchuu jalqabutti amalawwan akkamii qaba ture?

12 Aasaa Mootichi yeroo dargaggeessa turetti nama gad of qabuu fi ija jabeessa ture. Fakkeenyaaf, abbaan isaa Abiyaan erga duʼee booda Aasaan mootii taʼe; achiis waaqolii tolfamoo biyyattii keessa jiran hunda balleessuu jalqabe. Kana malees, “namoonni Yihudaa Waaqa abbootii isaanii kan taʼe Yihowaa akka barbaaddatan, akkasumas Seerichaa fi ajaja isaa akka eegan isaanitti hime.” (2 Sen. 14:1-7) Akkasumas nama Itoophiyaa kan taʼe Zeeraan loltoota 1,000,000 fudhatee Yihudaa yommuu weeraretti, Aasaan akkana jedhee Yihowaa kadhate: “Yaa Yihowaa, warri ati gargaartu hedduu yoo taʼan yookiin humna kan hin qabne yoo taʼan siif jijjiirama hin qabu. Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nuti sitti waan amanamneef . . . ati nu gargaari.” Jechoonni namatti tolan kun, Aasaan Yihowaan isas taʼe saba isaa oolchuu akka dandaʼu amanannaa guddaa akka qabu argisiisu. Aasaan Abbaa isaa isa samii amanateera, ‘Yihowaanis warri Itoophiyaa akka moʼaman’ godheera.—2 Sen. 14:8-12.

13. Yeroo booda Aasaa irra maaltu gaʼe? Maaliif?

13 Loltoota 1,000,000 wajjin wal loluun baayʼee nama sodaachisa, taʼus Aasaan Yihowaatti waan amanameef milkaaʼina argachuu dandaʼeera. Kan nama gaddisiisu garuu, Aasaan rakkinni kan biraan yommuu isa mudatetti Yihowaatti utuu hin amanamin hafeera. Mootii Israaʼel isa hamaa kan taʼe Baaʼaashaan yommuu isa doorsisutti, mootii Sooriyaa gargaarsa gaafate. Murtoon kun miidhaa guddaa isa irraan geessiseera! Yihowaan karaa Hanaanii raajichaa Aasaadhaan akkana jedhe: “Ati Waaqa kee Yihowaatti amanamuu dhiistee, mootii Sooriyaatti waan amanamteef, raayyaan waraanaa mootii Sooriyaa si harkaa miliqeera.” Kanaafuu, Aasaan yeroo sanaa kaasee waraana irraa boqonnaa hin arganne. (2 Sen. 16:7, 9; 1 Mot. 15:32) Kana irraa barumsa maalii arganna?

14. Yihowaa amanachuu kan dandeessan akkamitti? Akkas yoo gootan akka 1 Ximotewos 4:12 jedhutti maal taʼuu dandeessu?

14 Gad of qabuu fi Yihowaa amanachuu keessan itti fufaa. Yommuu cuuphamtanitti Yihowaa irratti amantii fi amanannaa guddaa akka qabdan argisiistaniittu. Yihowaanis miseensa maatii isaa akka taatan gammachuudhaan isin simateera. Wanti amma gochuun isin barbaachisu Yihowaatti amanamuu keessan itti fufuu dha. Murtoowwan jireenya keessan irratti jijjiirama fidan yommuu gootanitti Yihowaatti amanamuun salphaa dha; taʼus, murtoowwan kaan yommuu gootanitti hoo? Bashannana, hojii fi galma keessan dabalatee, murtoo yommuu gootan Yihowaa amanachuun keessan baayʼee barbaachisaa dha! Ogummaa keessanitti hin amanaminaa. Kanaa mannaa, qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu murtoo gochuuf isin gargaaran argachuuf carraaqaa; achiis qajeelfama sana hojii irra oolchaa. (Fak. 3:5, 6) Akkas yoo gootan, Yihowaa gammachiisuu dandeessu, obboloota gumii keessa jiran irraas kabaja argachuu dandeessu.—1 Ximotewos 4:12 dubbisi.

YOSHAAFAAX MOOTICHA IRRAA BARADHAA

15. Akkuma 2 Seenaa 18:1-3; 19:2 irratti ibsame, Yoshaafaax Mootichi dogoggora akkamii raawwate?

15 Akkuma hunda keenyaa mudaa kan qabdan waan taataniif yeroo tokko tokko dogoggora akka raawwattan beekamaa dha. Taʼus, kun Yihowaa tajaajiluuf wanta dandeessan hunda akka hin goone gufuu isinitti taʼuu hin qabu. Mee fakkeenya Yoshaafaax Mootichaa haa ilaallu. Amalawwan gaarii taʼan hedduu qaba ture. Yeroo dargaggeessa turetti, ‘Waaqa abbaa isaa barbaaddateera; ajajawwan isaas hordofeera.’ Kana malees, bulchitoonni guutummaa magaalaawwan Yihudaa keessa deemanii waaʼee Yihowaa namoota akka barsiisan ergeera. (2 Sen. 17:4, 7) Taʼus yeroo itti murtoo dogoggoraa godhe qaba. Yoshaafaax yeroo murtoo dogoggoraa godhe tokkotti bakka buʼaan Yihowaa gorsa cimaa isaaf kennee ture. (2 Seenaa 18:1-3; 19:2 dubbisi.) Seenaa kana irraa barumsa akkamii argachuu dandeessu?

Obboloonni dargaggoota taʼan, jabaatanii hojjetanii fi amanamoo taʼan amanannaa warra kaanii argachuu dandaʼu (Keeyyata 16 ilaali)

16. Muuxannoo Rejeev irraa maal barachuu dandeessu?

16 Gorsa isiniif kennamu fudhachuudhaan hojii irra oolchaa. Tarii akkuma dargaggoota hedduu, wanta jireenya keessan keessatti dursa kennuufii qabdaniif dursa kennuun isin rakkisuu dandaʼa. Taanaan abdii hin kutatinaa. Mee muuxannoo obboleessa dargaggeessa taʼee fi Rejeev jedhamuu haa ilaallu. Yeroo umurii kurnanii keessa ture ilaalchisee akkana jedheera: “Yeroo tokko tokko jireenya koo keessatti wantan gochuu barbaadu hin beekun ture. Akkuma dargaggoota hedduu kaanii walgaʼii dhaquu ykn tajaajila baʼuu mannaa ispoortii fi bashannanni caalaatti na gammachiisa ture.” Maarree wanti Rejeeviin gargaare maali dha? Jaarsi gumii namaaf yaadu tokko gorsa isaaf kenne. Rejeev akkana jedheera: “Dhugaa buʼuuraa 1 Ximotewos 4:8 irra jiru irratti akkan yaadu na gargaare.” Innis gorsa isaaf kenname gad of qabee fudhachuudhaan wanta jireenya isaa keessatti dursa kennuuf gamaaggameera. “Galmawwan hafuuraatiif dursa kennuufan murteesse” jedheera. Maarree buʼaa akkamii argate? Rejeev, “Gorsi sun erga naaf kennamee waggoota muraasa booda, tajaajilaa gumii taʼee muudamuu dandaʼeera” jedheera.

ABBAAN KEESSAN INNI SAMII AKKA ISINITTI BOONU GODHAA

17. Maanguddoonni waaʼee dhiirota dargaggoota taʼanii fi Yihowaa tajaajilan maaltu isaanitti dhagaʼama?

17 Maanguddoonni isin dhiirota dargaggoota taatanii wajjin “harka wal qabatanii” Yihowaa tajaajiluu dandaʼuu isaanii baayʼee dinqisiifatu! (Sef. 3:9) Hojii isiniif kenname hinaaffaadhaan hojjechuun keessan isaan gammachiiseera. Isaan biratti fudhatama argattaniittu.—1 Yoh. 2:14.

18. Akkuma Fakkeenya 27:11 irratti ibsame, Yihowaan waaʼee dhiirota dargaggoota taʼanii fi isa tajaajilanii maaltu isatti dhagaʼama?

18 Isin obboloonni dargaggoota taatan, Yihowaan akka isin jaallatuu fi akka isinitti amanamu matumaa hin dagatinaa. Inni guyyoota dhumaatti raayyaan dargaggootaa fedhiidhaan of dhiheessan akka jiraatan raajii dubbateera. (Far. 110:1-3) Yihowaan isinis akka isa jaallattanii fi humna keessan guutuudhaan isa tajaajiluu akka dandeessan beeka. Kanaafuu ofittis taʼe warra kaanitti obsa argisiisaa. Yeroo dogoggora raawwattanitti leenjii fi adaba isiniif kennamu akka Yihowaa biraa dhufetti ilaaluudhaan fudhadhaa. (Ibr. 12:6) Itti gaafatamummaa isinitti kenname kam iyyuu raawwachuuf jabaadhaa hojjedhaa. Hunda caalaa immoo, wanta gootan hundumaan Abbaan keessan inni samii akka isinitti boonu godhaa.—Fakkeenya 27:11 dubbisi.

FAARFANNAA 135 Affeerrii Yihowaa: ‘Yaa Ilma Koo, Ogeessa Taʼi’

^ key. 5 Obboloonni dargaggoota taʼan Yihowaa wajjin michummaa cimaa yommuu qabaatan, caalaatti isa tajaajiluu barbaadu. Taʼus, tajaajiltoota gumii taʼanii muudamuuf, kabaja obboloota gumii isaanii argachuu fi akka argatanitti itti fufuun isaan barbaachisa. Maarree dargaggoonni kabaja kana argachuuf maal gochuu qabu?

^ key. 9 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.