Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Kiristiyaanonni appilikeeshinoota ergaa walii erguuf gargaaranitti yommuu fayyadaman of eeggannoo gochuu kan qaban maaliifi?

Kiristiyaanonni tokko tokko miseensota maatii isaanii fi Dhugaa Baatota kaanii wajjin wal arguuf teknoolojii ammayyaatti fayyadamu. Haa taʼu malee Kiristiyaanni bilchaataa taʼe tokko, gorsa kana yaadachuu qaba: “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata, namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis isa irra gaʼa.”—Fak. 27:12.

Yihowaan balaa irraa nu eeguu akka barbaadu beekna. Kanaafuu, namoota qoqqoodinsa uuman, gumiidhaa baafaman ykn barumsa dogoggoraa babalʼisanii wajjin hin michoomnu. (Rom. 16:17; 1 Qor. 5:11; 2 Yoh. 10, 11) Namoonni gumii keessa jiran tokko tokko seerawwan Kitaaba Qulqulluutiif kan hin ajajamne taʼuu dandaʼu. (2 Xim. 2:20, 21) Michoota keenya yommuu filannu kana yaadachuu qabna. Taʼus, appilikeeshinoota ergaa walii erguuf gargaaran fayyadamanii michoota gaarii filachuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa.

Keessumaa namoota hedduu garee tokko keessa jiranii wajjin ergaa yommuu walii erginu michoota gaarii filachuuf of eeggannoo gochuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Kiristiyaanonni tokko tokko miseensa garee namoota hedduu of keessatti qabatee taʼuun isaanii miidhaa guddaa isaan irraan geessiseera. Maarree, obboleessi ykn obboleettiin tokko miseensa garee namoota dhibbaan ykn kumaan lakkaaʼamanii yoo taʼan of eeggannoo barbaachisu gochuu kan dandaʼan akkamitti? Eenyummaa isaanii isa dhugaa fi haala hafuuraa warra garee sana keessa jiran hundaa beekuun hin dandaʼamu. Faarfannaan 26:4, “Namoota gowwoomsaa raawwatanii wajjin michuu hin taʼu, warra eenyummaa isaanii dhoksan irraas nan fagaadha” jedha. Caqasni kun namoota beeknuuf qofa ergaa erguun gaarii akka taʼe argisiisa.

Garee namoota muraasa of keessatti qabatee wajjin ergaa kan waliif erginu yoo taʼe illee, Kiristiyaanni tokko yeroo ergaa sana erguudhaan dabarsuu fi wanta namoonni garee sana keessa jiran dubbatan tilmaama keessa galchuu isa barbaachisa. Dhimmi isaan irratti mariʼatan maal iyyuu yoo taʼe ykn saʼaatii hammamii iyyuu kan nutti fudhatu yoo taʼe ergaa isaanii hundaaf deebii kennuu akka qabnu nutti dhagaʼamuu hin qabu. Phaawulos waaʼee namoota ‘hamattootaa fi dhimma namootaa keessa galanii’ Ximotewosiin akeekkachiisee ture. (1 Xim. 5:13) Yeroo harʼaatti, namoonni meeshaalee elektirooniksiitti fayyadamanii akkas godhan jiru.

Kiristiyaanni bilchaataan tokko wanta obboloota isaa ceephaʼu hin dubbatu ykn hin dhaggeeffatu ykn iccitii obboloota isaa hin baasu. (Far. 15:3; Fak. 20:19) Wantoota arbeeffaman ykn dhugaa taʼuun isaanii hin mirkaneeffamne dubbachuu ykn dhaggeeffachuu irraa of qusata. (Efe. 4:25) Karaa weebsaayitii jw.org fi karaa JW Broadcasting® jiʼa jiʼaan dhihaatuu nyaata hafuuraa hedduu fi gabaasawwan dhugaa taʼan ni arganna.

Dhugaa Baatonni tokko tokko oomishawwan tokko tokko gurguruu, bituu fi beeksisuuf ykn namoota qacaruuf ergaa karaa elektiroonikii ergamutti fayyadamu. Wantoonni kun dhimmoota daldalaa wajjin kan wal qabatani dha malee, waaqeffannaa Yihowaa wajjin walitti dhufeenya hin qaban. Kiristiyaanonni “jaalala maallaqaa irraa walaba” taʼuu barbaadan, qarshii argachuuf jecha matumaa obboloota isaaniitti hin fayyadaman.—Ibr. 13:5.

Obboloota keenya rakkataniif ykn balaa uumamaatiin miidhamaniif qarshii walitti qabuuf appilikeeshinoota ergaa walii erguuf gargaaranitti fayyadamuu qabnaa? Yeroo baayʼee jaalalaan kakaanee obboloota keenya gargaaruu fi jajjabeessuu barbaanna. (Yaq. 2:15, 16) Haa taʼu malee, appilikeeshinoota ergaa walii erguuf gargaaranii fi miseensota hedduu of keessatti qabatanitti fayyadamnee akkas gochuuf kan yaallu yoo taʼe, qophii waajjirri damee ykn gumiin naannoo sanaa godhetti gufuu taʼuu dandeenya. (1 Xim. 5:3, 4, 9, 10, 16) Hundi keenya iyyuu namoonni obboloota keenya gargaaruuf karaa adda taʼeen akka filatamne godhanii akka yaadan gochuu akka hin barbaanne beekamaa dha.

Fedhiin keenya wanta Waaqayyoof ulfina fidu raawwachuu dha. (1 Qor. 10:31) Kanaafuu, appilikeeshinoota ergaa walii erguuf gargaaran ykn teknoolojii kan biraatti fayyadamuuf yommuu murteessitan, balaawwan uumamuu dandaʼan yaadaa, akkasumas of eeggannoo godhaa.