Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 11

Cuuphaadhaaf Qophaaʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

Cuuphaadhaaf Qophaaʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

“Akkan hin cuuphamne maaltu na dhowwa?”—HOE. 8:36.

FAARFANNAA 50 Kadhannaa Of Murteessuu Koo Argisiisu

QABIYYEE a

Addunyaa maratti dargaggoonnis taʼan maanguddoonni guddina godhanii cuuphamaa jiru (Keeyyata 1-2 ilaali)

1-2. Cuuphaadhaaf hin qophoofne yoo taʼe abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)

 CUUPHAMUU barbaadda taanaan, galma gaarii baafatteetta jechuudha. Yeroo ammaatti tarkaanfii kana fudhachuuf qophoofteettaa? Qophaaʼaa akka taate yoo sitti dhagaʼamee fi jaarsoliinis yoo irratti walii galan walgaʼii itti aanurratti cuuphamuurraa duubatti hin jedhin. Akkas yoo goote tajaajila Yihowaa keessatti jireenya gammachiisaatu si eeggata.

2 Haa taʼu malee, cuuphamuu kee dura guddina dabalataa gochuun akka si barbaachisu sitti himameeraa? Yookiin ati akkas sitti dhagaʼameeraa? Akkas yoo taʼe abdii hin kutatin. Dargaggeessas taate maanguddoo galma barbaachisaa taʼe kanarra gaʼuu dandeessa.

“MAALTU NA DHOWWA?”

3. Abbaan taayitaa mana mootummaa Itoophiyaa tokko Filiphoosiin maal jedhee gaafate? Kunoo gaaffii akkamii kaasa? (Hojii Ergamootaa 8:36, 38)

3 Hojii Ergamootaa 8:36, 38 dubbisi. Abbaan taayitaa mana mootummaa Itoophiyaa tokko, “Akkan hin cuuphamne maaltu na dhowwa?” jedhee Filiphoosiin gaafatee ture. Namichi Itoophiyaa kun cuuphamuu barbaadee ture; garuu dhuguma tarkaanfii kana fudhachuuf qophaaʼee turee?

Abbaan taayitaa Itoophiyaa sun waaʼee Yihowaa barachuu isaa itti fufuuf murteessee ture (Keeyyata 4 ilaali)

4. Namichi Itoophiyaa sun barachuu isaa itti fufuuf akka murteesse kan argisiise akkamitti?

4 Namichi Itoophiyaa kun “waaqeffachuudhaaf gara Yerusaalem dhaqee ture.” (HoE. 8:27) Kanaafuu, namichi kun amantaa Yihudii fudhachuu hin oolu. Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaarraa waaʼee Yihowaa akka barate homaa hin shakkisiisu. Taʼus, caalaatti barachuuf fedhii qaba ture. Namichi Itoophiyaa kun Filiphoos wajjin yeroo wal argu maal gochaa ture? Maraa kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbisaa ture. (HoE. 8:28) Kun nyaata hafuuraa jabaa ture. Abbaan taayitaa kun wantoota buʼuuraa qofa barachuun isaa gaʼaa akka taʼe isatti hin dhagaʼamne; barachuu isaa itti fufuu barbaadee ture.

5. Namichi Itoophiyaa sun dhugaa erga baratee booda maal godhe?

5 Namichi kun qondaala Mootuu Itoophiyaa Kandaakee jedhamtuu yeroo taʼu, “qabeenya ishii hunda irratti kan ajaju ture.” (HoE. 8:27) Kanaafuu, itti gaafatamummaa hedduu waan qabuuf, hojiin akka itti baayʼatu hin shakkisiisu. Taʼus, Yihowaa waaqeffachuuf yeroo ramadeera. Dhugaa barachuutti gammaduu qofa utuu hin taʼin, wanta barate sana hojiirra oolcheera. Mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamutti Yihowaa waaqeffachuuf Itoophiyaadhaa kaʼee karaa dheeraa kan deeme kanaafi. Imalli kun yeroo fi baasii hedduu kan gaafatu taʼus, namichi kun Yihowaa waaqeffachuuf aarsaa akkamiiyyuu kaffaluuf fedhii qaba ture.

6-7. Namichi Itoophiyaa sun jaalala Yihowaadhaaf qabu guddifachuu isaa kan itti fufe akkamitti?

6 Namichi Itoophiyaa kun eenyummaa Masiihichaa dabalatee Filiphoosirraa dhugaawwan haaraa barbaachisoo taʼan tokko tokko barateera. (HoE. 8:34, 35) Abbaan taayitaa mana mootummaa kun wanta Yesuus isaaf godhe yeroo beeku garaan isaa akka tuqame hin shakkisiisu. Maarree, deebii akkamii kenne? Amantii Yihudii akkuma qabatetti itti fufuu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, jaalala Yihowaa fi Ilma isaatiif qabu guddifateera. Murtoo jireenya isaa jijjiiru gochuuf, jechuunis duuka buutuu Yesuus taʼee cuuphamuuf kakaʼeera. Filiphoosis namni kun cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu isaa yeroo argu isa cuupheera.

7 Atis fakkeenya namicha Itoophiyaa kanaa yoo hordofte cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu ni dandeessa. Ofitti amanannaadhaan, “Akkan hin cuuphamne maaltu na dhowwa?” jechuu dandeessa. Akkuma isaa tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe haa ilaallu: Namichi Itoophiyaa kun barachuu isaa itti fufeera, wanta barate hojiirra oolcheera, akkasumas jaalala Yihowaaf qabu guddifachuu isaa itti fufeera.

BARACHUU KEE ITTI FUFI

8. Yohaannis 17:3 kan si ilaallatu akkamitti?

8 Yohaannis 17:3 dubbisi. Wanti Yesuus dubbate kun Kitaaba Qulqulluu barachuuf si kakaaseeraa? Baayʼee keenya akkas gochuuf nu kakaaseera. Wanti inni dubbate kun barachuu keenya itti fufuuf hoo nu kakaasaa? Eeyyee, nu kakaasa. Waaʼee ‘Waaqa dhugaa isa tokkichaa beekumsa’ argachuu keenya matumaa hin dhaabnu. (Lal. 3:11) Bara baraaf barachuu keenya itti fufna. Caalaatti waaʼee Yihowaa barachaa yeroo deemnu caalaatti isatti dhihaanna.—Far. 73:28.

9. Dhugaa ilaalchisee barumsawwan buʼuuraa erga argannee booda maal gochuu keenya itti fufuu qabna?

9 Jalqabarratti waaʼee Yihowaa wantoota buʼuuraa qofa baranna. Phaawulos ergamaan xalayaa Ibrootaaf barreesserratti barumsa buʼuuraa kana “wantoota jalqabaa” jedhee ibseera. Phaawulos “barumsi jalqabaa” barbaachisaa miti jechaa hin jiru; kanaa mannaa, barumsa buʼuuraa aannan daaʼimman guddisutti fakkeesseera. (Ibr. 5:12; 6:1) Taʼus, barumsawwan buʼuuraa kanarra darbanii dhugaawwan gad fagoo dubbii Waaqayyoo keessatti argaman akka baratan Kiristiyaanota hunda jajjabeesseera. Barumsawwan Kitaabaa Qulqulluu gadi fageenya qaban barachuuf fedhii qabdaa? Guddina gochuu kee, akkasumas waaʼee Yihowaa fi kaayyoo isaa barachuu kee itti fufuuf hoo fedhii qabdaa?

10. Namoonni tokko tokko qoʼachuun kan isaan rakkisu maaliifi?

10 Haa taʼu malee, baayʼeen keenya qoʼachuun nutti ulfaata. Atoo akkami? Mana barumsaatti akka gaariitti dubbisuu fi qoʼachuu baratteettaa? Qoʼachuun si gammachiisaa? Qoʼannaa keerraa hoo faayidaa akka argatte sitti dhagaʼamaa? Moo kitaaba dubbisuun akka si hin gammachiisne sitti dhagaʼama? Taanaan, akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Taʼus, Yihowaan si gargaara. Inni barsiisaa mudaa hin qabnee fi hundarra caaludha.

11. Yihowaan ‘Barsiisaa Guddicha’ taʼuu isaa kan mirkaneesse akkamitti?

11 Yihowaan “Barsiisaa kee Isa Guddicha” akka taʼe dubbateera. (Isa. 30:20, 21) Inni barsiisaa obsa qabeessa, gaarii fi miira namaa hubatudha. Amala gaarii barattoonni isaa qabanirratti xiyyeeffata. (Far. 130:3) Wanta humna keenyaa ol taʼe matumaa nurraa hin eegu. Sammuu kee isa dinqisiisaa taʼes kan uume isa akka taʼe yaadadhu. (Far. 139:14) Uumamaan barachuuf fedhii qabna. Uumaan keenya bara baraaf barachuu keenya akka itti fufnuu fi akka itti gammannu barbaada. Kanaafuu, ammuma dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif ‘dharraa’ qabaachuun keenya gaariidha. (1 Phe. 2:2) Galmawwan irra gaʼuu dandeessu baafadhu, akkasumas sagantaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuuf baafatte sirriitti hordofi. (Iya. 1:8) Gargaarsa Yihowaatiin waaʼee isaa dubbisuu fi barachuun caalaatti akka si gammachiisu gochuu dandeessa.

12. Qoʼannaan keenya Yesuusirratti akka xiyyeeffatu gochuu kan qabnu maaliifi?

12 Yeroo hunda jireenyaa fi tajaajila Yesuusirratti xiinxaluuf yeroo ramadi. Keessumaa yeroo rakkisaa taʼe kanatti Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf faana Yesuus dhiheenyatti hordofuun keenya barbaachisaadha. (1 Phe. 2:21) Yesuus rakkoowwan duuka buutota isaa mudatan ifatti dubbateera. (Luq. 14:27, 28) Taʼus, duuka buutonni isaa warri dhugaan akkuma isaa milkaaʼina akka argatan amanannaa qaba ture. (Yoh. 16:33) Kanaafuu, waaʼee jireenya Yesuus gad fageenyaan qoʼadhu, akkasumas guyyaa guyyaadhaan fakkeenya isaa hordofuuf galma baafadhu.

13. Yihowaa maal gaafachuu kee itti fufuu qabda? Maaliif?

13 Haa taʼu malee, beekumsi qofti gaʼaa miti. Beekumsi kan si barbaachisu waaʼee Yihowaa caalaatti barachuuf, akkasumas jaalala isaaf qabaachuu fi amantii isarratti qabaachuu dabalatee amaloota gaggaarii horachuufi. (1 Qor. 8:1-3) Barachuu kee yeroo itti fuftu Yihowaan amantii kee akka siif guddisu kadhadhu. (Luq. 17:5) Inni kadhannaa akkasiitiif arjummaadhaan deebii kenna. Waaʼee Waaqa keenyaa beekumsa sirrii argatterratti amantii qabaachuun kee tarkaanfii dabalataa fudhachuuf si gargaara.—Yaq. 2:26.

WANTA BARATTE HOJIIRRA OOLCHUU KEE ITTI FUFI

Bishaan badiisaa dhufuu isaa dura Nohii fi maatiin isaa amanamummaadhaan wanta isaanitti himame hojiirra oolchaniiru (Keeyyata 14 ilaali)

14. Pheexiros ergamaan wanta baranne hojiirra oolchuun barbaachisaa taʼuu isaa kan addeesse akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

14 Pheexiros ergamaan duuka buutonni Yesuus wanta baratan hojiirra oolchuun isaanii baayʼee barbaachisaa akka taʼe ibseera. Seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee Noh ibsu caqaseera. Yihowaan namoota hamoo bara Noh turan bishaaniin balleessuuf akka jedhu isatti himee ture. Noh Bishaan Badiisaa dhufuuf akka jedhu beekuun isaa qofti lubbuu isaas taʼe maatii isaa akka hin oolchine beekamaadha. Pheexiros waaʼee yeroo Bishaan Badiisaa dura turee, jechuunis waaʼee “yeroo dooniin . . . ijaaramaa” turee dubbachaa akka ture hubadhu. (1 Phe. 3:20) Eeyyee, Nohii fi maatiin isaa doonii guddaa ijaaruudhaan wanta Waaqayyo isaan ajaje raawwataniiru. (Ibr. 11:7) Pheexiros wanta Noh godhe cuuphaa wajjin walbira qabuudhaan, “Cuuphaan inni kanaa wajjin wal fakkaatu, amma isin fayyisaa jira” jedhee barreesseera. (1 Phe. 3:21) Kanaafuu, carraaqqii amma cuuphaadhaaf qophaaʼuuf gootu hojii Nohii fi maatiin isaa doonii ijaaruuf waggoota hedduudhaaf hojjechaa turanitti fakkeessuu dandeenya. Maarree, cuuphaadhaaf qophaaʼuuf maal gochuu qabda?

15. Garaadhaa yaada geddarachuun maalfaa dabalata?

15 Wantoota jalqabarratti gochuun nu barbaachisu keessaa tokko cubbuu keenyarraa garaadhaa yaada geddarachuudha. (HoE. 2:37, 38) Garaadhaa yoo yaada geeddaranne jijjiirama guddaa goona. Halalummaa, tamboo xuuxuu, dubbii gadhee dubbachuu fi arrabsoo dabalatee wantoota Yihowaa gaddisiisan dhiisteettaa? (1 Qor. 6:9, 10; 2 Qor. 7:1; Efe. 4:29) Hanga ammaatti tarkaanfii kana hin fudhanne taanaan jijjiirama gochuuf carraaquu kee itti fufi. Nama Kitaaba Qulqulluu si qoʼachiisu haasofsiisi ykn jaarsolii gumii gargaarsa gaafadhu. Mucaa warra kee wajjin jiraattu yoo taatemmoo, barsiifata gadhee akka hin cuuphamne gufuu sitti taʼu kamiyyuu moʼuuf akka si gargaaran warra kee gaafadhu.

16. Barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuun maalfaa dabalata?

16 Barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuunis barbaachisaadha. Kunis walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamuu fi hirmaannaa gochuu dabalata. (Ibr. 10:24, 25) Tajaajiluuf ulaagaa barbaachisu guutteetta taanaan, yeroo hunda tajaajilarratti hirmaachuuf carraaqqii godhi. Hojii lubbuu baraaru kanarratti caalaatti kan hirmaattu yoo taʼe gammachuun kee ni dabala. (2 Xim. 4:5) Mucaa warra kee wajjin jiraattu yoo taate akkana jedhii of gaafadhu: ‘Walgaʼiirratti argamuuf ykn tajaajilarratti hirmaachuuf yaadachiisni warra kootii na barbaachisaa? Moo ofuma kootiin kakaʼeen akkas godha?’ Ofuma keetiin kakaatee wantoota kana yoo goote Yihowaarratti amantii akka qabdu, akkasumas akka isa jaallattuu fi akka isa galateeffattu argisiista. Wantoonni kun ‘hojiiwwan Waaqayyoof kan bulte taʼuu kee argisiisanii’ fi kennaa Yihowaadhaaf kennitudha. (2 Phe. 3:11; Ibr. 13:15) Yihowaan kennaa fedhiidhaan kakaanee isaaf kenninutti ni gammada. (2 Qorontos 9:7 wajjin wal bira qabii ilaali.) Wanta hundarra caalu Yihowaadhaaf kennuun keenya akka nu gammachiisu waan beeknuuf akkas goona.

JAALALA YIHOWAADHAAF QABDU GUDDIFADHU

17-18. Amalli barbaachisaan cuuphaadhaaf akka qophooftu si gargaaru isa kami? Maaliif? (Fakkeenya 3:3-6)

17 Cuuphamuuf carraaqqii yeroo gootu haalli rakkisaan si mudata. Namoonni tokko tokko amantaa kee isa haaraadhaan kan kaʼe sitti qoosuu, darbees si mormuu ykn ariʼatama sirraan gaʼuu dandaʼu. (2 Xim. 3:12) Barsiifata gadhee tokko dhiisuuf carraaqqii kan gootu taʼus darbee darbee sitti deebiʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo galma keerra gaʼuu akka hin dandeenye yaaduudhaan obsa dhabuu ykn abdii kutachuu dandeessa. Maarree, jabaattee dhaabbachuuf maaltu si gargaara? Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu si gargaara.

18 Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu amala hundarra caaluu fi baayʼee barbaachisaa taʼedha. (Fakkeenya 3:3-6 dubbisi.) Waaqayyoof jaalala cimaa qabaachuun kee rakkina jireenya keessatti si mudatu dandamachuuf si gargaara. Kitaabni Qulqulluun jaalala amanamaa Yihowaan tajaajiltoota isaatiif qabu irra deddeebiʼee ibsa. Yihowaan tajaajiltoota isaatiif jaalala amanamaa qaba jechuun matumaa isaan hin gatu ykn isaan jaallachuu isaa hin dhiisu jechuudha. (Far. 100:5) Atis bifa Waaqayyootiin uumamte. (Uma. 1:26) Maarree, jaalala akkasii argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

Guyyaa guyyaadhaan Yihowaa akka galateeffattu argisiisuu ni dandeessa (Keeyyata 19 ilaali) b

19. Wantoota Yihowaan siif godhe hundaaf galateeffannaa qabdu guddifachuuf maal gochuu dandeessa? (Galaatiyaa 2:20)

19 Wanta Yihowaan siif godheef galateeffachuudhaan jalqabi. (1 Tas. 5:18) Guyyaa guyyaadhaan, ‘Yihowaan jaalala kan natti argisiise akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Achiis wanta Yihowaan siif godhe caqasuudhaan kadhannaadhaan isa galateeffadhu. Akkuma Phaawulos ergamaa Yihowaan dhuunfaatti wantoota gaggaarii kan siif godhe waan si jaallatuuf akka taʼe hubadhu. (Galaatiyaa 2:20 dubbisi.) ‘Anoo jaalalan isaaf qabu argisiisuuf fedhii qabaa?’ jedhii of gaafadhu. Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu qorumsa moʼuu fi rakkina si mudatu dandamachuuf si gargaara. Yeroo hunda Yihowaa waaqeffachuu kee akka itti fuftuu fi guyyaa guyyaadhaan jaalala Abbaa keetiif qabdu argisiisuuf si kakaasa.

20. Yihowaadhaaf of murteessuun maalfaa dabalata? Murtoon kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

20 Yeroo booda jaalalli Yihowaadhaaf qabdu kadhannaa adda taʼe tokko dhiheessuuf si kakaasa. Kunis kadhannaa Waaqayyoof of murteessuuf dhiheessitudha. Yihowaadhaaf erga of murteessitee booda barabaraaf kan isaa taʼuuf abdii akka qabaattu yaadadhu. Yeroo Yihowaadhaaf of murteessitu yeroo gaariittis taʼe yeroo gaarii hin taanetti isa tajaajiluuf waadaa galta. Waadaa kana irra deebitee galuun si hin barbaachisu. Yeroo of murteessinu tarkaanfii iddoo guddaa qabu fudhanna. Mee yaadi, jireenya kee keessatti murtoo gaggaarii garaagaraa gochuu dandeessa; taʼus yoomiyyuu murtoo jireenya kee Yihowaadhaaf murteessuurra caalu hin gootu. (Far. 50:14) Seexanni amanamummaa kee akka si dhabsiisu abdachuudhaan jaalala Abbaa keetiif qabdu laaffisuuf carraaqqii godha. Matumaa Seexanni injifannoo akka argatu hin heyyamin. (Iyo. 27:5) Jaalalli cimaan Yihowaadhaaf qabdu waadaa galte eeguu fi Abbaa kee isa samiitti caalaatti dhihaachuuf si gargaara.

21. Cuuphaan xumura utuu hin taʼin jalqabbiidha kan jennu maaliifi?

21 Yihowaadhaaf erga of murteessitee booda tarkaanfii barbaachisaa itti aansuudhaan fudhattu ilaalchisee jaarsolii gumii keetii haasofsiisi. Haa taʼu malee, cuuphaan xumura utuu hin taʼin, jalqaba akka taʼe yeroo hunda yaadadhu. Yeroo barabaraaf Yihowaa tajaajiluu itti jalqabdudha. Kanaafuu, jaalala Abbaa keetiif qabdu ammuma cimsadhu. Galmawwan guyyaadhaa gara guyyaatti jaalalli kee akka cimu godhan baafadhu. Akkas gochuun kee cuuphamuuf si kakaasa. Guyyaan cuuphaa guyyaa adda taʼedha. Kun garuu jalqabuma qofadha. Jaalalli Yihowaa fi Ilma isaatiif qabdu barabaraaf guddachuu isaa itti haa fufu!

FAARFANNAA 135 Affeerrii Yihowaa: ‘Yaa Ilma Koo, Ogeessa Taʼi’

a Cuuphaadhaaf qophaaʼuuf kakaʼumsa sirrii qabaachuu qabna. Wanta sirrii taʼes raawwachuu qabna. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu akka qabu hubachuuf, fakkeenya abbaa taayitaa Itoophiyaa tokkoo ilaalla.

b IBSA FAKKII: Obboleettii dargaggeettiin takka wantoota Yihowaan qopheesseef kadhannaadhaan isa galateeffachaa jirti.