Gaaffii Dubbistootaa
Namichi “abalu” jedhame Ruutiin fuudhuun dhaala isaa isa “dhabsiisuu” akka dandaʼu kan dubbate maaliifi? (Ruut 4:1, 6)
Bara duriitti namni tokko fuudhee dhala utuu hin godhatin yoo duʼe gaaffileen deebii barbaadanii fi ‘Lafti isaa akkam taʼa? Maqaan maatii isaa bara baraaf badee hafaa?’ jedhan ni kaʼu. Seerri Musee deebii gaaffilee kanaa beekuuf nu gargaara.
Lafti nama duʼee ykn nama hiyyoomuu isaatiin kan kaʼe lafa isaa gurguree maal taʼa? Obboleessi ykn namni fira dhihoo taʼe laficha furuu ykn deebisee bituu ni dandaʼa. Kun taʼuun isaa lafichi maaticha gidduudhaa akka hin baane godha.—Lew. 25:23-28; Lak. 27:8-11.
Maqaan maatichaa akka hin badne kan godhamu akkamittiree? Akkuma seenaa Ruutirratti ilaallu obboleessi ykn namni fira dhihoo taʼe haadha manaa namicha duʼe sanaa akka fuudhu gochuudhaani. Namichi kunis haadha manaa obboleessa isaa ni fuudha; dhalli inni ishiirraa godhatus maqaa nama duʼe sanaatiin waamama, akkasumas qabeenya isaa dhaala. Qophiin jaalalarratti hundaaʼe kun dubartiin abbaan manaa irraa duʼes eegumsa akka argattu godha.—Kes. 25:5-7; Mat. 22:23-28.
Mee haala Naaʼomii akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Naaʼomiin namicha Eliimeleek jedhamu tokkotti heerumtee turte. Innii fi ilmaan isaanii lamaan yeroo duʼanitti namni Naaʼomiidhaaf kunuunsa godhu hin jiru ture. (Rut. 1:1-5) Naaʼomiin haadha manaa ilma ishii kan taate Ruut wajjin gara Yihudaatti erga deebitee booda, lafa isaanii deebisee akka bitu Boʼaaziin akka gaafattu Ruutiif qajeelfama kennitee turte. Boʼaaz Eliimeleekiif fira dhihoo ture. (Rut. 2:1, 19, 20; 3:1-4) Taʼus, Boʼaaz namichi isa caalaa fira dhihoo taʼe akka jiru beeka ture; namichi kun Kitaaba Qulqulluu keessatti “abalu” jedhamee ibsameera. Kanaafuu, furuu yoo barbaade jalqaba carraa isaa argachuu kan qabu isadha.—Rut. 3:9, 12, 13.
Namichi “abalu” jedhame jalqabarratti gargaarsa gochuu akka barbaadu dubbatee ture. (Rut. 4:1-4) Laficha deebisee bituuf maallaqa muraasa akka baasu kan beeku taʼus, Naaʼomiin dhala lafa Eliimeleek dhaalu godhachuu akka hin dandeenyes beeka ture. Kana jechuun lafti sun dhaala isaa taʼa jechuudha; kunimmoo faayidaa isaaf argamsiisuu dandaʼa.
Namichi kun Ruutiin fuudhuu akka qabu yeroo hubatu garuu yaada isaa jijjiire. “Dhaala koo na dhabsiisuu waan dandaʼuuf, ani furuu hin dandaʼu” jedhe. (Rut. 4:5, 6) Yaada isaa kan jijjiire maaliifi?
Namichi abalu jedhames taʼe namni kan biraan Ruutiin fuudhee ilma yoo godhate, mucaan sun lafa Eliimeleek dhaala. Maarree, kun taʼuun isaa namicha abalu jedhame “dhaala” isaa isa “dhabsiisuu” kan dandaʼu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu; garuu karaawwan kun taʼuu itti dandaʼu garaa garaa jira.
Tokkoffaa, lafti Eliimeleek kan isaa waan hin taaneef maallaqni inni baase kan qisaasaʼe fakkaachuu dandaʼa. Laficha kan dhaalu ilma Ruut deessudha.
Lammaffaa, Naaʼomiis taʼe Ruutiin sooruu fi kunuunsuuf itti gaafatamummaa ni qabaata.
Sadaffaa, Ruut ijoollee yoo isaaf deesse ijoolleen kun ijoollee isaa kaan wajjin dhaala ni argatu.
Arfaffaa, namichi abalu jedhame sun ijoollee kan biroo hin qabu yoo taʼe, ilmi Ruut deessu lafa Eliimeleekii fi lafa isaa dhaaluuf mirga ni qabaata. Kanaafuu, yeroo inni duʼu lafa isaa kan dhaalu mucaa maqaa isaatiin waamamu utuu hin taʼin mucaa maqaa Eliimeleekiin waamamudha. Namichi abalu jedhame sun Naaʼomii gargaaruuf jecha dhaala isaa balaadhaaf saaxiluu hin barbaanne. Kanaa mannaa, itti gaafatamummaa kana Boʼaaz inni isatti aansee furuuf mirga qabu akka fudhatu barbaade. Boʼaaz itti gaafatamummaa kana kan fudhate “dhaalli isaa maqaa namicha duʼe sanaatiin akka waamamu” waan barbaadeefi.—Rut. 4:10.
Namichi abalu jedhame sun wanti isa yaaddessu maqaa fi dhaala isaa eegsisuu qofa akka taʼe ifatti argisiiseera. Ofittummaan isaa yaada isaarratti dhiibbaa godheera. Haa taʼu malee, namichi abalu jedhame kun maqaa isaa eegsisuu hin dandeenye; maqaan isaa eenyu akka turellee hin beekamu. Mirgi addaa Boʼaaz argates isa darbeera. Maqaan Boʼaaz hidda dhalootaa Yesuus Kiristoos isa Masiihicha taʼe keessatti caqasameera. Namichi abalu jedhame sun ofittummaadhaan kakaʼee nama gargaarsi isa barbaachisu gargaaruu dhiisuu isaatti eebba akkasii dhabuun isaa nama gaddisiisa.—Mat. 1:5; Luq. 3:23, 32.