Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 14

“Namoonni Hundi Akka Isin Barattoota Koo Taatan Kanaan ni Beeku”

“Namoonni Hundi Akka Isin Barattoota Koo Taatan Kanaan ni Beeku”

“Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”—YOH. 13:35.

FAARFANNAA 106 Jaalala Guddifadhaa

QABIYYEE a

Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane hedduun jaalala saba Yihowaa gidduu jiru yeroo argan maaltu isaanitti dhagaʼama? (Keeyyata 1 ilaali)

1. Namoota walgaʼii keenyarratti argaman hedduu wanti dinqisiisu maalidha? (Fakkichas ilaali.)

 MEE waaʼee hiriyoota gaaʼelaa yeroo jalqabaatiif walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaarratti argamanii yaadi. Simannaa hoʼaa isaaniif godhamee fi jaalala gumicha gidduu jiru yommuu argan baayʼee ajaaʼibsiifaman. Utuu gara mana isaaniitti deebiʼaa jiranii haati manaa abbaa manaa ishiitiin, ‘Dhugaa Baatonni Yihowaa warra kaanirraa addadha; isaan wajjin taʼuun koo na gammachiiseera’ jette.

2. Namoonni tokko tokko kan gufatan maaliifi?

2 Jaalalli gumii Kiristiyaanaa keessa jiru dhugumayyuu addadha. Dhugaadha, Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota mudaa hin qabne miti. (1 Yoh. 1:8) Warra gumii keessa jiranitti yeroo dhihaannu dadhabina isaanii tokko tokko arguun keenya hin oolu. (Rom. 3:23) Kan nama gaddisiisu, namoonni tokko tokko dadhabinni warra kaanii akka isaan gufachiisu heyyamaniiru.

3. Duuka buutota Yesuus warra dhugaa wanti adda baasee beeksisu maalidha? (Yohaannis 13:34, 35)

3 Caqasa ijoo mata duree kanaa irra deebiʼii ilaali. (Yohaannis 13:34, 35 dubbisi.) Mallattoon duuka buutota Kiristoos warra dhugaa adda baasee beeksisu maalidha? Mudaa kan hin qabne taʼuu utuu hin taʼin jaalaladha. Yesuusis, ‘Isin barattoota koo akka taatan kanaan ni beektu’ akka hin jenne hubadhu. Kanaa mannaa, “Namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedhe. Yesuus duuka buutonni isaa jaalala ofittummaarraa walaba taʼe akka walitti argisiisan barattoota isaa qofa utuu hin taʼin namoonni gumii Kiristiyaanaatii ala jiranis akka hubatan dubbateera.

4. Namoonni tokko tokko waaʼee Kiristiyaanota dhugaa maal beekuu barbaadu?

4 Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane tokko tokko akkana jedhanii gaafatu taʼa: ‘Jaalalli duuka buutota Yesuus warra dhugaa adda baasee kan beeksisu akkamitti? Yesuus ergamoota isaatti jaalala kan argisiise akkamitti? Yeroo harʼaatti fakkeenya Yesuus hordofuun kan dandaʼamuhoo akkamitti?’ Nutis deebii gaaffilee kanaarratti xiinxaluun keenya gaariidha. Akkas gochuun keenya keessumaa yeroo warri kaan dogoggora raawwatanitti caalaatti jaalala argisiisuuf nu gargaara.—Efe. 5:2.

JAALALLI DUUKA BUUTOTA YESUUS WARRA DHUGAA ADDA BAASEE KAN BEEKSISU MAALIIFI?

5. Yaada Yesuus Yohaannis 15:12, 13 irratti dubbate ibsi.

5 Yesuus duuka buutonni isaa karaa adda taʼeen akka wal jaallatan ibseera. (Yohaannis 15:12, 13 dubbisi.) “Akkuman isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa” jedhee akka isaan ajaje hubadhu. Kun maal jechuudha? Akkuma Yesuus itti aansuudhaan ibsetti, jaalalli akkasii jaalala fedhii ofii aarsaa gochuu gaafatuu fi barbaachisaa taanaan obboloota keenyaaf lubbuu keenyallee dabarsinee akka kenninu nu kakaasudha. b

6. Dubbiin Waaqayyoo jaalalli barbaachisaa taʼuu isaa kan ibsu akkamitti?

6 Dubbiin Waaqayyoo jaalalli baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa barsiisa. Namoonni baayʼeen caqasoota Kitaaba Qulqulluu kanneen armaan gadii ni jaallattu: “Waaqayyo jaalala.” (1 Yoh. 4:8) “Nama akka ofii keetti jaalladhu.” (Mat. 22:39) “Jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga.” (1 Phe. 4:8) “Jaalalli matumaa hin badu.” (1 Qor. 13:8) Caqasoonni kunii fi kan biroon amala baayʼee bareedaa taʼe kana horachuu fi argisiisuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe ibsu.

7. Seexanni namoonni tokkummaa akka qabaatanii fi akka wal jaallatan gochuu kan hin dandeenye maaliifi?

7 Namoonni baayʼeen akkana jedhanii gaafatu: ‘Amantaawwan hundi dhugaa akka barsiisan dubbatu; garuu waaʼee Waaqayyoo wantoota garaa garaa barsiisu. Maarree, amantaa dhugaa beekuun kan dandaʼamu akkamitti?’ Seexanni amantaan sobaa akka baayʼatu godheera; kunimmoo namoonni amantaa dhugaa adda baafachuun akka isaanitti ulfaatu godheera. Garuu namoonni addunyaa maratti argaman tokko taʼanii akka wal jaallatan gochuu hin dandaʼu. Kana gochuu kan dandaʼu Yihowaa qofadha. Sababiin isaas, jaalalli dhugaan Yihowaa biraa dhufa; jaalala dhugaa akkasii qabaachuu kan dandaʼan warra hafuura Yihowaa fi eebba isaa argatan qofadha. (1 Yoh. 4:7) Yesuus jaalalli ofittummaarraa walaba taʼe duuka buutota isaa warra dhugaa adda baasee akka beeksisu kan dubbate kanaafi.

8-9. Namoonni baayʼeen jaalala Dhugaa Baatota Yihowaa gidduutti arganiin kan tuqaman akkamitti?

8 Akkuma Yesuus dursee dubbatetti jaalala dhugaa barattoonni isaa walitti argisiisaniin kan kaʼe namoonni baayʼeen duuka buutota isaa warra dhugaa adda baasanii beekuu dandaʼaniiru. Fakkeenyaaf, obboleessi Iyan jedhamu walgaʼii naannoo yeroo jalqabaatiif irratti argamee fi istaadiyeemii mana isaatti dhihoo jiru keessatti geggeeffame ni yaadata. Iyan jiʼoota muraasa dura dorgommii ispoortii tokko ilaaluuf gara istaadiyeemii sanaa deemee ture. Akkana jedheera: “Namoonni walgaʼii naannoo kanarratti argaman namoota dorgommii ispoortii sana ilaaluuf dhufanirraa baayʼee addadha. Dhugaa Baatonni Yihowaa kan gad of qabanii fi uffannaa seera qabeessa kan uffatan turan; ijoolleen isaaniis naamusa gaarii qabu.” Itti dabaluudhaanis akkana jedheera: “Hunda caalaammoo, namoonni kun gammachuu fi nagaa qabu; kunis wantan jireenya koo keessatti barbaadudha. Haasaa gaafa sana dhihaate tokkoyyuu hin yaadadhu; amala Dhugaa Baatonni Yihowaa kun argisiisan garuu yoomiyyuu hin irraanfadhu.” c Amala akkasii qabaachuu kan dandeenye jaalala dhugaa waan waliif qabnuuf akka taʼe ifadha. Obbolootaa fi obboleettota keenya waan jaallannuuf gaarummaa fi kabaja isaanitti argisiisna.

9 Obboleessi Joon jedhamu jalqaba walgaʼiirratti yeroo argametti miirri akkasii isatti dhagaʼamee ture; “Hundi isaanii namoota gaarii waan taʼaniif, mudaa kan hin qabne fakkaatu. Jaalalli dhugaan isaan qaban amantaa dhugaa akkan argadhe na amansiiseera” jedheera. d Muuxannoowwan kunii fi kana fakkaatan kan biroon sabni Yihowaa Kiristiyaanota dhugaa akka taʼan mirkaneessu.

10. Jaalala Kiristiyaanaa argisiisuu kan dandeenyu keessumaa haala akkamii keessattidha? (Miiljalees ilaali.)

10 Akkuma seensarratti ilaalle, obboloota keenya keessaa mudaa kan hin qabne hin jiru. Yeroo tokko tokko wanta nu aarsu dubbachuu ykn raawwachuu dandaʼu. e (Yaq. 3:2) Yeroo akkasiitti tarkaanfii fudhannuun jaalala Kiristiyaanaa akka qabnu argisiisuu dandeenya. Gama kanaan Yesuusirraa maal baranna?—Yoh. 13:15.

YESUUS ERGAMOOTA ISAATTI JAALALA KAN ARGISIISE AKKAMITTI?

Yesuus ergamoonni isaa yeroo amala gaarii hin taane argisiisanittillee jaalala isaanitti argisiiseera (Keeyyata 11-13 ilaali)

11. Yaaqoobii fi Yohaannis amala gaarii hin taane akkamii argisiisan? (Fakkichas ilaali.)

11 Yesuus duuka buutonni isaa mudaa kan hin qabne akka taʼan isaanirraa hin eegne. Kanaa mannaa, dadhabina isaanii sirreessanii Yihowaa biratti fudhatama akka argatan jaalalaan isaan gargaareera. Yeroo tokko ergamoota isaa kan taʼan Yaaqoobii fi Yohaannis, Mootummicha keessatti aangoo olaanaa akka isaaniif kennu karaa haadha isaanii Yesuusiin gaafatanii turan. (Mat. 20:20, 21) Yaaqoobii fi Yohaannis of tuulummaa akka qabanii fi warra kaan caaluu akka barbaadan argisiisaniiru.—Fak. 16:18.

12. Amala gaarii hin taane kan argisiisan Yaaqoobii fi Yohaannis qofa turanii? Ibsi.

12 Yeroo sanatti amala gaarii hin taane akka qaban kan argisiisan Yaaqoobii fi Yohaannis qofa hin turre. Ergamoota kaanitti maaltu akka dhagaʼame hubadhu: “Barattoonni kurnan yommuu waaʼee kanaa dhagaʼan obbolaa lamaan kanatti ni aaran.” (Mat. 20:24) Yaaqoob, Yohaannisii fi ergamoonni kaan cimsanii akka wal falman tilmaamuu dandeenya. Tarii ergamoonni kaan akkana isaaniin jedhanii taʼuu dandaʼa: ‘Mootummicha keessatti aangoo olaanaa argachuuf kan gaafattan isin eenyu taataniiti? Yesuus wajjin kan dadhabe isin qofa miti. Akkuma keessan nutis mirga addaa kana argachuuf gaʼumsa qabna.’ Wanti isaan yaadan ykn dubbatan maaliyyuu yoo taʼe, haalli kun jaalala obbolummaa isaan gidduu jiru akka balleessu yeroodhaaf heyyamanii turan.

13. Yesuus ergamoonni isaa yeroo dogoggora raawwatanitti maal godhe? (Maatewos 20:25-28)

13 Maarree, Yesuus maal godhe? Isaanitti hin aarre. Ergamoota isaanirra wayyan, isaan caalaa gad of qabanii fi yeroo hunda jaalala walitti argisiisan akka barbaadu hin dubbanne. Kanaa mannaa, Yesuus namoota garaa qajeelaa qaban kana obsaan haasofsiiseera. (Maatewos 20:25-28 dubbisi.) Ergamoonni isaa sana duras taʼe sana booda isaan gidduudhaa eenyu akka caalu kan wal falman taʼus jaalalaan isaan qabuu isaa itti fufeera.—Mar. 9:34; Luq. 22:24.

14. Ergamoonni Yesuus hawaasa akkamii keessatti guddatan?

14 Yesuus aadaa ergamoonni isaa keessatti guddatan tilmaama keessa akka galche hin shakkisiisu. (Yoh. 2:24, 25) Kan guddatan hawaasa geggeessitoonni amantaa beekamtii fi aangoodhaaf iddoo guddaa itti kennan keessattidha. (Mat. 23:6) Geggeessitoonni amantaa Yihudii garmalees qajeelaa of godhu turan. f (Luq. 18:9-12) Yesuus ergamoonni isaa hawaasa akkasii keessatti guddachuun isaanii ilaalcha ofiifis taʼe warra kaaniif qabanirratti dhiibbaa akka godhu hubateera. (Fak. 19:11) Kanaafuu, Yesuus wanta humna isaaniitii ol taʼe isaanirraa hin eegne, yeroo balleessaa raawwatanittis isaanitti hin aarre. Garaa qajeelaa akka qaban waan hubateef, namoota kaan caaluuf yaaluu mannaa gad of qabuudhaan warra kaanitti jaalala akka argisiisan obsaan isaan gargaareera.

FAKKEENYA YESUUS HORDOFUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

15. Seenaa Yaaqoobii fi Yohaannis Mootummicha keessatti iddoo olaanaa argachuu akka barbaadan ibsurraa maal baranna?

15 Seenaa Yaaqoobii fi Yohaannis Mootummicha keessatti iddoo olaanaa argachuu akka barbaadan ibsurraa barumsa hedduu argachuu dandeenya. Mootummicha keessatti iddoo olaanaa argachuuf gaafachuun isaanii dogoggora ture. Haa taʼu malee, ergamoonni kaanis haalli kun tokkummaa isaanii akka jeequ heyyamuu isaaniitti balleessaa raawwataniiru. Taʼus, Yesuus 12n isaaniiyyuu gaarummaa fi jaalalaan qabeera. Kanarraa maal baranna? Jijjiirama kan fidu wanta namoonni kaan godhan qofa miti; akkaataan balleessaa fi dogoggora isaanii itti qabnus jijjiirama fida. Gama kanaan maaltu nu gargaara? Obboleessa tokkotti yeroo aarru akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Gochi isaa hamma kana kan na aarse maaliifi? Dadhabinni ani sirreessuu qabu akka jiru na hubachiiseeraa? Namni na aarse sun haala rakkisaa dandamachaa jiru qabaa laata? Aaruuf sababii gaʼaa yoon qabaadhellee, balleessaa isaa irra isaaf darbuudhaan jaalala ofittummaarraa walaba taʼe itti argisiisuu nan dandaʼaa?’ Namoota kaanitti caalaatti jaalala kan argisiisnu yoo taʼe, duuka buutota Yesuus warra dhugaa taʼuu keenya caalaatti mirkaneessina.

16. Yesuusirraa barumsa kan biraa akkamii arganna?

16 Haala obboloota keenyaa hubachuuf yaaluu akka qabnus Yesuusirraa ni baranna. (Fak. 20:5) Dhugaadha, Yesuus wanta namoonni garaa isaaniitti yaadan beeka. Nuti garuu beekuu hin dandeenyu. Taʼus, yeroo obboloonnii fi obboleettonni keenya dogoggora raawwatanitti isaaniif obsuu dandeenya. (Efe. 4:1, 2; 1 Phe. 3:8) Waaʼee isaanii caalaatti yoo beekne akkas gochuun nuuf salphata. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu.

17. Daawwataan tokko obboleessa isaa tokko caalaatti beekuuf carraaquun isaa kan isa fayyade akkamitti?

17 Daawwataa olaanaan Afriikaa Bahaa keessatti tajaajilu tokko waaʼee obboleessa gumii daawwatu tokko keessatti tajaajilu tokkoo ni yaadata; daawwataan kun obboleessichi amala gaarii hin taane akka qabu isatti dhagaʼama ture. Maarree, daawwataan kun maal godhe? “Obboleessa sanarraa fagaachuu mannaa, caalaatti isa beekuufan murteesse” jedheera. Daawwataan kun akkas gochuun isaa akkaataan guddinaa obboleessa sanaa maal akka fakkaatuu fi amala isaarratti dhiibbaa akkamii akka godhe beekuuf isa gargaareera. Daawwataan sun itti fufuudhaan akkana jedheera: “Akkaataan guddinaa isaa warra kaan wajjin walii galuun baayʼee rakkisaa akka isatti taʼu akka godhuu fi jijjiirama hammamii akka godhe yeroon hubadhu baayʼeen isa dinqisiifadhe. Achiis michoota taane.” Dhugumayyuu, haala obbolootaa fi obboleettota keenyaa caalaatti hubachuuf yeroo yaallu jaalala isaanitti argisiisuun nuuf salphata.

18. Obboleessa tokkotti yoo mufanne maal jennee of gaafachuu dandeenya? (Fakkeenya 26:20)

18 Yeroo tokko tokko obboleessa nu aarse sana haasofsiisuun nu barbaachisuu dandaʼa. Jalqaba garuu, akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Wanti uumame guutummaatti naa galeeraa?’ (Fak. 18:13) ‘Utuu itti hin yaadin akkas godhee laata?’ (Lal. 7:20) ‘Anoo dogoggora akkasii raawwadhee beekaa?’ (Lal. 7:21, 22) ‘Nama sana haasofsiisuun koo furmaata argamsiisuu mannaa, rakkinichi akka hammaatu godhaa laata?’ (Fakkeenya 26:20 dubbisi.) Yeroo fudhannee gaaffilee akkasiirratti yoo yaanne, jaalalli obboleessa keenyaaf qabnu dhimmicha calluma jennee irra darbuuf nu kakaasuu dandaʼa.

19. Maal gochuuf murteessiteetta?

19 Dhugaa Baatonni Yihowaa akka gareetti barattoota Yesuus warra dhugaa taʼuu isaanii mirkaneessaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni keenya dogoggora yeroo raawwatanittis jaalala ofittummaarraa walaba taʼe isaanitti argisiisuudhaan dhuunfaatti duuka buutuu Yesuus warra dhugaa taʼuu keenya argisiisna. Akkas gochuudhaan warri kaan amantaa dhugaa adda baasanii beekuudhaan nu wajjin Waaqa jaalalaa kan taʼe Yihowaa akka waaqeffatan gargaaruu dandeenya. Kanaafuu, jaalala Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu argisiisuu keenya itti fufuuf haa murteessinu.

FAARFANNAA 17 “Nan Fedha”

a Namoonni baayʼeen jaalala dhugaa nu gidduutti arganiin kan kaʼe gara dhugaatti dhufaniiru. Haa taʼu malee, mudaa waan qabnuuf yeroo tokko tokko jaalala walitti argisiisuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Mee jaalalli barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼee fi yommuu warri kaan dogoggora raawwatanitti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

c Mata duree “Dhuma Irratti Jireenyi Koo Kaayyoo Qabaachuu Dandaʼeera” jedhu jw.org irraa ilaali.

d Mata duree “Jireenya Milkaaʼina Qabu Kanan Jiraadhu Fakkaata Ture” jedhu jw.org irraa ilaali.

e Mata dureen kun kan dubbatu waaʼee cubbuuwwan ciccimoo jaarsoliidhaan ilaalamuu qaban kanneen akka 1 Qorontos 6:9, 10 irratti tarreeffamanii miti.

f Yeroo booda barsiisaan seeraa tokko akkana akka jedhe gabaafameera: “Addunyaarra namoonni akka Abrahaam qajeeloo taʼan yoo xinnaate soddoma taʼu. Soddoma yoo taʼan, anii fi ilmi koo isaan keessaa tokkodha; kudhan yoo taʼan, anii fi ilmi koo isaan keessaa tokkodha; shan yoo taʼan, anii fi ilmi koo isaan keessaa tokkodha; lama yoo taʼan, anaa fi ilma kooti; tokko qofa yoo taʼemmoo, anadha.”