MATA DUREE QOʼANNAA 13
Waaʼee Yihowaa Ijoollee Keessan Barsiisuuf Uumamatti Fayyadamaa
“Wantoota kana kan uume eenyu?”—ISA. 40:26.
FAARFANNAA 11 Uumamni Waaqayyoon Jajata
QABIYYEE a
1. Warri ijoolleen isaanii maal akka godhan barbaadu?
WARRI, ijoolleen keessan Yihowaa akka beekanii fi akka jaallatan gargaaruu akka barbaaddan beekna. Garuu Waaqayyo hin mulʼatu. Maarree, Yihowaan akka isaaniif dhugoomuu fi akka isatti dhihaatan ijoollee keessan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?—Yaq. 4:8.
2. Warri waaʼee amaloota Yihowaa ijoollee isaanii barsiisuu kan dandaʼan akkamitti?
2 Karaa guddaan ijoolleen keessan Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruu itti dandeessan tokko Kitaaba Qulqulluu isaan qoʼachiisuudha. (2 Xim. 3:14-17) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun karaa ijoolleen waaʼee Yihowaa barachuu itti dandaʼan kan biraas ni dubbata. Kitaaba Fakkeenyaa keessatti abbaan tokko amaloota Yihowaa warra uumamarratti mulʼatan akka hin daganne ilma isaa akka yaadachiise ibsameera. (Fak. 3:19-21) Karaawwan warri uumamatti fayyadamanii ijoollee isaanii waaʼee amaloota Yihowaa barsiisuu itti dandaʼan tokko tokko ilaalla.
IJOOLLEE KEESSAN BARSIISUUF UUMAMATTI FAYYADAMUU KAN DANDEESSAN AKKAMITTI?
3. Warri ijoollee isaaniitiif gargaarsa akkamii gochuu qabu?
3 Kitaabni Qulqulluun, ‘Amalawwan Waaqayyoo warri ijaan hin argamne, uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas, wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama’ jedha. (Rom. 1:20) Warri, manaa alatti ijoollee keessan wajjin yeroo dabarsuun akka isin gammachiisu beekamaadha. Yeroo akkasii ‘wantoonni uumamanii’ fi amaloonni Yihowaa walitti dhufeenya akkamii akka qaban akka hubatan isaan gargaaruuf itti fayyadamaa. Mee warri gama kanaan fakkeenya Yesuusirraa maal barachuu akka dandaʼan haa ilaallu.
4. Yesuus barattoota isaa barsiisuuf uumamatti kan fayyadame akkamitti? (Luqaas 12:24, 27-30)
4 Yesuus barsiisuuf uumamatti kan fayyadame akkamitti akka taʼe hubadhaa. Yeroo tokko barattoonni isaa arraagessotaa fi abaaboowwan akka ilaalan affeereera. (Luqaas 12:24, 27-30 dubbisi.) Yesuus waaʼee bineelda ykn biqiltuu kan biraa dubbachuu dandaʼa ture; garuu simbirroo fi abaaboo barattoonni isaa akka gaariitti beekan filateera. Yeroo sanatti barattoonni isaa arraagessota qilleensa keessa balaliʼanii fi abaaboowwan daraaran dirreerratti arganii taʼuu dandaʼa. Yesuus wantoota kanatti quba qabee yeroo dubbatu yaadaan ilaaluu dandeessuu? Fakkeenyota kana erga dubbatee boodahoo maal godhe? Waaʼee arjummaa fi gaarummaa Abbaa isaanii isa samii barumsa barbaachisaa taʼe tokko isaan barsiiseera: Yihowaan akkuma arraagessotaa fi abaaboowwan dirreetiif godhu tajaajiltoota isaa warra amanamoo taʼan ni soora, akkasumas isaanitti ni uwwisa.
5. Ijoollee keessan waaʼee Yihowaa barsiisuuf uumamatti fayyadamuu kan dandeessan akkamitti?
5 Warri, mala barsiisuu Yesuus itti fayyadame ni hordoftuu? Waaʼee uumama baayʼee isin dinqisiisu tokkoo, fakkeenyaaf, waaʼee bineelda ykn biqiltuu jaallattan tokkoo isaanitti himuu dandeessu. Akkas yeroo gootan fakkeenyi sun waaʼee Yihowaa maal akka nu barsiisu ibsuu hin dagatinaa. Achiis mucaan keessan waaʼee bineelda ykn biqiltuu jaallatu tokkoo akka isinitti himu gaafachuu dandeessu. Uumama inni jaallatu tokkotti fayyadamtanii waaʼee amaloota Yihowaa yeroo dubbattan xiyyeeffannaadhaan isin dhaggeeffachuun isaa hin oolu.
6. Wanta haati Kiristoofar gooterraa maal barachuu dandeenya?
6 Warri uumamatti fayyadamanii waaʼee Yihowaa ijoollee isaanii barsiisuu isaanii dura waaʼee bineelda ykn biqiltuu tokkoo qorannoo gochuudhaan yeroo dheeraa dabarsuun isaan barbaachisaa? Dirqama akkas gochuun isaan hin barbaachisu. Yesuus arraagessonni akkamitti akka sooratan ykn abaaboowwan akkamitti akka guddatan ilaalchisee ibsa balʼaa hin kennine. Mucaan keessan darbee darbee waaʼee uumamaa marii gadi fageenya qabu gochuun isa gammachiisa taʼa; yeroo tokko tokko garuu ibsi gabaabaan ykn gaaffii salphaan qofti gaʼaa taʼuu dandaʼa. Obboleessi Kiristoofar jedhamu ijoollummaa isaa ilaalchisee wanta yaadatu yeroo dubbatu akkana jedheera: “Haati koo wanta uumama naannoo keenya jiru akka dinqisiifannu nu gargaaru dubbatti. Fakkeenyaaf, gaarreen bira yeroo darbinu, ‘Mee gaarreen kun hammam akka guddatanii fi hammam akka bareedan ilaalaa! Yihowaan Waaqa dinqisiisaa mitii?’ nuun jetti. Yeroo garba bira darbinummoo, ‘Mee dambaliin isaa humna hammamii akka qabu ilaalaa! Waaqayyo humna guddaa qaba mitii?’ nuun jetti.” Kiristoofar, “Yaanni salphaan, garuummoo hiika guddaa qabu kun dhimmicharratti akka yaannu nu kakaaseera” jedheera.
7. Ijoolleen keessan uumamarratti akka xiinxalan leenjisuu kan dandeessan akkamitti?
7 Ijoolleen keessan guddachaa yeroo deeman uumamarratti akka yaadanii fi waaʼee Yihowaa akka irraa baratan isaan leenjisuu dandeessu. Wantoota Waaqayyo uume keessaa tokko caqasuudhaan, “Kun waaʼee Yihowaa maal si barsiisa?” jettanii isaan gaafachuu dandeessu. Wanti isaan dubbatan isin ajaaʼibsiisuu dandaʼa.—Mat. 21:16.
IJOOLLEE KEESSAN BARSIISUUF UUMAMATTI FAYYADAMUU KAN DANDEESSAN AKKAMITTI?
8. Israaʼelonni ijoollee isaanii wajjin “daandii irra” yeroo deeman carraa akkamii argatu turan?
8 Israaʼelonni yeroo “daandii irra” deeman waaʼee ajajawwan Yihowaa ijoollee isaanii akka barsiisan jajjabeeffamanii turan. (Kes. 11:19) Yeroo sanatti daandiiwwan baadiyyaa Israaʼel keessa qaxxaamuran jiru turan. Qarqara daandiiwwan sanaarratti bineeldonni, simbirroonnii fi abaaboowwan garaagaraa ni mulʼatu turan. Israaʼelonni ijoollee isaanii wajjin daandiiwwan kanarra yeroo deeman waaʼee uumamawwan Yihowaa ijoollee isaaniitti himuuf carraa argatu turan. Isinis uumamatti fayyadamtanii ijoollee keessan barsiisuuf carraa akkasii argachuu dandeessu taʼa. Mee warri tokko tokko kana kan godhan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
9. Puunitaa fi Kaatiyaa irraa maal baratte?
9 Haati Puunitaa jedhamtuu fi Hindii keessa magaalaa guddaa tokko keessa jiraattu akkana jetteetti: “Maatii keenya baadiyyaa jiran gaafachuuf yeroo deemnu carraa kanatti fayyadamnee ijoollee keenya waaʼee uumama Yihowaa isa ajaaʼibsiisaa taʼee isaan barsiisna. Ijoolleen keenya daandiiwwan namoonni itti baayʼatanii fi magaalaarraa yeroo fagaatanii deeman waaʼee uumamaa caalaatti akka hubatan natti dhagaʼama.” Ijoolleen keessan yeroo itti bakka bareedaatti isin wajjin dabarsan yoomiyyuu hin irraanfatan. Obboleettiin Kaatiyaa jedhamtuu fi Moldoovaa jiraattu akkana jetteetti: “Ijoollummaa kootti yeroon warra koo wajjin baadiyyaatti dabarse ammayyuu hin irraanfadhu. Xinnummaa kootii kaasee wantoota Yihowaan uumeef xiyyeeffannaa akkan kennuu fi uumama isaarraa waaʼee isaa akkan baradhu waan na barsiisaniif baayʼeen isaan galateeffadha.”
10. Warri magaalaadhaa baʼanii deemuun kan isaanitti ulfaatu yoo taʼe maal gochuu dandaʼu? (Saanduqa, “ Gargaarsa Warraaf Taʼu” jedhu ilaali.)
10 Gara baadiyyaa deemuu hin dandeessu yoo taʼehoo? Amool inni Hindii jiraatu akkana jedheera: “Bakkan jiraadhutti warri saʼaatii hedduudhaaf hojjetu, gara baadiyyaa deemuunis maallaqa hedduu gaafata. Haa taʼu malee, paarkii xinnoo tokko deemnee ykn baaxii manaarra baanee uumama ilaaluu fi waaʼee Yihowaa haasaʼuu ni dandeenya.” Naannoo keessan hubattanii yoo ilaaltan uumamawwan ijoollee keessanitti argisiisuu dandeessan hedduu argachuun keessan hin oolu. (Far. 104:24) Simbirroota, ilbiisota, biqiltootaa fi wantoota kan biroo argachuu dandeessu. Kaariinaan ishiin Jarman jiraattu, “Haati koo abaaboo baayʼee jaallatti. Kanaafuu, xinnummaa kootti yeroo waliin deemnu hundatti abaaboowwan babbareedoo taʼan natti argisiisti turte” jetteetti. Kana malees, ijoollee keessan barsiisuuf viidiyoowwanii fi barreeffamoota waaʼee uumamaa ibsanii fi jaarmiyaan keenya qopheessetti fayyadamuu dandeessu. Eeyyee, haala akkamiiyyuu keessatti ijoolleen keessan wantoota Waaqayyo uume xiyyeeffannaadhaan akka ilaalan gargaaruu ni dandeessu. Mee amaloota Yihowaa ijoollee keessan barsiisuu dandeessan tokko tokko haa ilaallu.
‘AMALAWWAN YIHOWAA WARRI IJAAN HIN ARGAMNE IFATTI MULʼATU’
11. Warri ijoolleen isaanii jaalala Yihowaa akka hubatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
11 Ijoolleen keessan jaalala Yihowaa akka hubatan gargaaruuf, akkaataa bineeldonni hedduun ilmoolee isaanii itti kunuunsan isaaniif ibsuu dandeessu. (Mat. 23:37) Wantoota dinqisiisoo uumamarratti mulʼatanii fi nu gammachiisanis isaaniif kaasuu dandeessu. Kaariinaan ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Haadha koo wajjin yeroo deemnu abaaboowwan hundi wanta adda taʼe qabaachuu isaanii akkan ilaalu, akkasumas bareedinni isaanii jaalala Yihowaa kan calaqqisiisu akkamitti akka taʼe akkan hubadhu na jajjabeessiti turte. Waggoota hedduu boodas ammayyuu abaaboowwaniif xiyyeeffannaa nan kenna; halluu fi garaagarummaa isaanii hubachuufis nan yaala. Yihowaan hammam akka nu jaallatu ammas na yaadachiisu.”
12. Warri ijoolleen isaanii ogummaa Yihowaa akka hubatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? (Faarfannaa 139:14) (Fakkichas ilaali.)
12 Ijoolleen keessan ogummaa Waaqayyoo akka hubatan gargaaraa. Yihowaan ogummaa isaatiin baayʼee nu caala. (Rom. 11:33) Fakkeenyaaf, bishaan gara duumessaatti akkamitti akka jijjiiramuu fi duumessi salphaatti bakka tokkoo gara bakka biraatti akkamitti akka sosochoʼu isaaniif kaasuu dandeessu. (Iyo. 38:36, 37) Qaamni namaa karaa dinqisiisaa taʼeen akkamitti akka hojjetames isaaniif ibsuu dandeessu. (Faarfannaa 139:14 dubbisi.) Abbaan Vilaadimiir jedhamu akkas kan godhe akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Akkana jedheera: “Gaaf tokko mucaan keenya saayikiliirraa kufee madaaʼe. Guyyoota muraasa boodas madaan isaa ni fayye. Achiis anii fi haati manaa koo Yihowaan qaamni keenya ofii isaatii akka of suphu godhee akka uume isaaf ibsine. Wantoota namoonni hojjetan kamirrattiyyuu wanta akkasii akka hin argine isaaf kaasne. Fakkeenyaaf, konkolaataan tokko balaan erga irra gaʼee booda ofii isaatii of suphuu hin dandaʼu. Muuxannoon kun mucaan keenya ogummaa Yihowaa akka hubatu isa gargaareera.”
13. Warri ijoolleen isaanii waaʼee humna Waaqayyoo akka hubatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? (Isaayyaas 40:26)
13 Yihowaan ija keenya kaasnee gara samii akka ilaalluu fi humni isaa inni dinqisiisaan hawaan bakka isaatii akka hin sochoone kan godhu akkamitti akka taʼe akka yaannu nu affeereera. (Isaayyaas 40:26 dubbisi.) Isinis ijoolleen keessan gara samii akka ilaalanii fi wanta arganirratti akka xiinxalan isaan jajjabeessuu dandeessu. Obboleettiin Tiingitiingi jedhamtuu fi Taayiwaan keessa jiraattu waaʼee ijoollummaa ishii yeroo yaadattu akkana jetteetti: “Gaaf tokko haati koo dunkaana keessa akka bulluuf na fuutee deemte; ibsaan magaalaa utuu nu hin jeeqin urjiilee hedduu akka gaariitti arguu dandeenyeerra. Yeroo sanatti dhiibbaan hiriyaa waan na yaaddesseef, ‘Amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu koo itti fufuu nan dandaʼaa laata?’ jedhee yaadaan ture. Haati koo humna Yihowaan urjiilee kana hunda uumuuf fayyadamerratti akkan yaadu na jajjabeessite; humna isaa kanatti fayyadamee qorumsa akkamiiyyuu akkan dandamadhu na gargaaruu akka dandaʼu na yaadachiiste. Anis yeroo sanatti uumama ergan ilaalee booda, waaʼee Yihowaa caalaatti beekuufan kakaʼe, murtoon isa tajaajiluuf godhes nan cimsadhe.”
14. Warri Yihowaan Waaqa gammadaa akka taʼe ijoolleen isaanii akka hubatan gargaaruuf uumamatti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?
14 Wantoonni Yihowaan uume, inni Waaqa gammadaa akka taʼee fi nutis akka gammannu kan barbaadu taʼuu isaa argisiisu. Saayintistoonni simbirrootaa fi qurxummiilee dabalatee bineeldonni hedduun akka taphatan hubataniiru. (Iyo. 40:20) Ijoolleen keessan bineeldi tokko yeroo taphatu arganii kolfanii beekuu? Ilmoon adurree ykn buchulloonni yeroo taphatan arganii taʼuu dandaʼa. Yeroo itti aanutti ijoolleen keessan amala addaa bineeldi tokko argisiisu arganii yeroo kolfan, Yihowaan gammachuudhaan akka isa tajaajillu kan barbaadu taʼuu isaa isaan yaadachiisuu dandeessu.—1 Xim. 1:11.
MAATIIDHAAN UUMAMA YIHOWAATTI GAMMADAA
15. Warri wanta ijoolleen isaanii yaadan hubachuuf maaltu isaan gargaara? (Fakkeenya 20:5) (Fakkichas ilaali.)
15 Yeroo tokko tokko warri ijoolleen isaanii rakkina isaan mudate akka isaanitti himan gochuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Haalli keessanis akkas taanaan, ijoolleen keessan miira isaanii baasanii akka isinitti himan gochuuf carraaquun isin barbaachisuu dandaʼa. (Fakkeenya 20:5 dubbisi.) Warri tokko tokko ijoollee isaanii wajjin yommuu uumama ilaalan akkas gochuun akka isaanitti salphatu hubataniiru. Maaliif? Sababiin inni tokko wanti xiyyeeffannaa warraas taʼe kan ijoollee hihiru baayʼeen waan hin jirreefi. Abbaan Maasaahikoo jedhamuu fi Taayiwaan jiraatu akkana jechuudhaan sababii kan biraa ibseera: “Gaara baʼuudhaan ykn qarqara galaanaa deemuudhaan manaa alatti yommuu ijoollee keenya wajjin yeroo dabarsinu yeroo baayʼee caalaatti miira gaarii qabaatu. Yeroo akkasiitti miira isaanii baasanii akka dubbatan isaan jajjabeessuunii fi wanta yaadan beekuun nuuf salphata.” Kaatiyaan ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Haati koo barumsa booda gara paarkii bareedaa tokkoo na geessiti. Yeroo akkasiitti wanta mana barumsaatti na mudate ykn wanta na yaaddessu ishiitti himuun natti salphata.”
16. Maatiiwwan uumamawwan Yihowaa ilaaluudhaan gammaduu fi yeroo gaarii dabarsuu kan dandaʼan akkamitti?
16 Maatiiwwan wantoota Yihowaan uume ilaalaa gammaduu fi yeroo gaarii waliin dabarsuu dandaʼu; kunimmoo jaalalli isaan gidduu jiru akka cimu godha. Kitaabni Qulqulluun, ‘kolfuun yeroo akka qabu,’ akkasumas ‘burraaquun yeroo akka qabu’ dubbata. (Lal. 3:1, 4, milj.) Yihowaan lafarratti iddoowwan babbareedoo itti bashannanuu dandeenyu nuuf uumeera. Maatiiwwan hedduun naannoowwan fincaaʼaan, gaarreen ykn haroon jiranitti waliin yeroo dabarsuun isaan gammachiisa. Ijoolleen tokko tokko paarkii keessa fiiguu fi taphachuun, bineeldota ilaaluun ykn lagaa fi haroo daakuun isaan gammachiisa. Wantoota Yihowaan uumetti gammaduuf carraa hedduu qabna.
17. Warri ijoolleen isaanii wantoota Waaqayyo uumetti akka gammadan gargaaruu kan qaban maaliifi?
17 Addunyaa haaraa Yihowaan fidu keessatti warrii fi ijoolleen yeroo kamiyyuu caalaa wantoota inni uumetti ni gammadu. Yeroo sanatti bineensota sodaachuun nu hin barbaachisu, isaanis nu hin sodaatan. (Isa. 11:6-9) Wantoota Yihowaan uumetti bara baraaf gammanna. (Far. 22:26) Haa taʼu malee, ijoolleen keessan uumamatti akka gammadan gargaaruuf hamma yeroo sanaatti eeguun isin hin barbaachisu. Ijoollee keessan waaʼee Yihowaa barsiisuuf uumamatti yeroo fayyadamtan isaanis akkuma Daawit Mootichaa, ‘Yaa Yihowaa, hojiin kan akka hojii keetii hin jiru’ jechuu dandaʼu.—Far. 86:8.
FAARFANNAA 134 Ijoolleen Waaqayyo Irraa Adaraa Kennaman
a Obboloonnii fi obboleettonni hedduun yeroo itti warra isaanii Kiristiyaanota taʼan wajjin uumama ilaaluudhaan dabarsan ni yaadatu. Warri isaanii yeroo akkasiitti uumamatti fayyadamanii waaʼee Yihowaa akkamitti akka isaan barsiisan hin irraanfatan. Ijoollee yoo qabaattan waaʼee amaloota Waaqayyoo isaan barsiisuuf uumamatti fayyadamuu kan dandeessan akkamitti? Mata dureen kun gaaffii kanaaf deebii kenna.