Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Kutaa “Wanta Haaraa” Jedhutti Fayyadamuu

Kutaan “Wanta Haaraa” jedhu JW Library® fi jw.org irratti wantoota dhiheenyatti baʼan argisiisa. Wantoota dhiheenyatti baʼan argachuuf kutaa kanatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

JW Library

  • Mata duree haaraa baʼe argachuun kan dandaʼamu mata dureewwan walitti aananii baʼan warra mata durichi keessatti argamu haareessuudhaani. Kanaafuu, mata dureewwan walitti aananii baʼan kutaa “Wanta Haaraa” jedhu jalatti yeroo baʼan buufachuu dandeessa. Achiis mata duree haaraa jalqabarratti argattu dubbisuu dandeessa; mata dureewwan kun guyyaa itti baʼaniin tartiibaan kaaʼamu.

  • Barreeffamoota dheerina qaban kan akka barruulee takkaatti dubbistee fixuu dhiisuu dandeessa. Barruu tokko dubbisuun akka siif salphatuuf hamma dubbistee xumurtutti Dafanii kan Argamanitti dabaluuf yaali.

JW.ORG

Gabaasawwan oduu fi beeksisawwan tokko tokko kan baʼan jw.org irratti qofadha, JW Library irratti hin argaman. Mata dureewwan dhiheenyatti baʼan argachuuf fuula weebsaayitichaa “Wanta Haaraa” jedhu yeroo hunda ilaaluu hin dagatin.