Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAALEE KITAABA QULQULLUU

Cubbuuwwan Baroota Darbanitti Hojjetamaniif Dhiifama Gochuu

Cubbuuwwan Baroota Darbanitti Hojjetamaniif Dhiifama Gochuu

Cubbuu keenyaaf dhiifama argachuu kan dandeenyu karaa aarsaa Yesuus qofadha; Yesuus aarsaa kana dhiigasaatti fayyadamee kaffale. (Efe. 1:7) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun “Waaqayyo cubbuuwwan baroota darbanitti hojjetamaniif obsa isaatiin dhiifama” akka godhe dubbata; baroota darban kan jedhame yeroo Yesuus furicha dhiheessuusaa dura jirudha. (Rom. 3:25) Yihowaan ulaagaasaa isa mudaa hin qabnee fi haqaaf baase utuu hin cabsin kana gochuu kan dandaʼu akkamitti?

Yihowaan yeroo ilmaan namootaa amananiif “sanyii” fayyina argamsiisu akka qopheessu itti murteessee kaasee furichi akkuma waan kaffalametti ilaaleera. (Uma. 3:15; 22:18) Waaqayyo yeroo inni murteessetti Ilmi isaa tokkichi fedhiisaatiin kakaʼee furicha akka dhiheessu mirkanaaʼaa ture. (Gal. 4:4; Ibr. 10:7-10) Yesuus furichi dhihaachuusaa dura yeroo bakka buʼaa Waaqayyoo taʼee lafarra jiraachaa turetti cubbuudhaaf dhiifama akka godhu aangoon isaaf kennamee ture. Aarsaan inni dhiheessu cubbuu namootaa akka haguugu waan beekuuf, namoota amantii qabaniif dhiifama gochuu ni dandaʼa ture.—Mat. 9:2-6.