Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 10

FAARFANNAA 13 Kiristoos, Fakkeenya Keenya

Erga Cuuphamtee Booda ‘Yeroo Hunda Yesuus Duukaa Buʼi’

Erga Cuuphamtee Booda ‘Yeroo Hunda Yesuus Duukaa Buʼi’

“Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; guyyaa guyyaadhaan muka dhiphinaa isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.”LUQ. 9:23.

YAADA IJOO

Mata dureen kun hundi keenyayyuu hiika of murteessuun keenya qaburratti akka xiinxallu nu gargaara. Keessumaa obboloonni dhiheenyatti cuuphaman amanamoo taʼanii akka itti fufan isaan gargaara.

1-2. Namni tokko erga cuuphamee booda eebba akkamii argata?

 CUUPHAMANII kutaa maatii Yihowaa taʼuun gammachuu guddaa argamsiisa. Namoonni mirga addaa kana argatan wanta Daawit faarfatichi dubbate kanarratti walii galu: “Namni mooraa kee keessa akka jiraatu filattee fi ofitti dhiheessite gammadaa dha.”—Far. 65:4.

2 Yihowaan gara mooraa isaatti kan fidu nama hunda miti. Mata duree darberratti akkuma ilaalle itti dhihaachuuf kan filatu namoota isa wajjin michummaa cimaa qabaachuu akka barbaadan argisiisanittidha. (Yaq. 4:8) Yihowaadhaaf of murteessitee yeroo cuuphamtu karaa adda taʼeen isatti dhihaatta. Sana booda ‘hamma iddoo kaaʼattu dhabdutti eebba akka si irratti roobsu’ mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Mil. 3:10; Er. 17:7, 8.

3. Kiristiyaanonni Yihowaadhaaf of murteessanii cuuphaman itti gaafatamummaa guddaa akkamii qabu? (Lallaba 5:4, 5)

3 Cuuphaan jalqabbii qofadha. Tarkaanfii kana erga fudhattee booda yeroo qorumsii fi rakkinni sirra gaʼuttillee waadaa yeroo of murteessitetti galte eegdee jiraachuuf wanta dandeessu hunda gochuu barbaadda. (Lallaba 5:4, 5 dubbisi.) Barataa Yesuus waan taateef fakkeenyaa fi ajajawwansaa hamma siif dandaʼame dhiheenyatti hordofta. (Mat. 28:19, 20; 1 Phe. 2:21) Mata dureen kun kana gochuuf si gargaara.

RAKKINNII FI QORUMSI JIRAATUS ‘YEROO HUNDA YESUUS DUUKAA BUʼI’

4. Barattoonni Yesuus “muka dhiphinaa” kan baatan akkamitti? (Luqaas 9:23)

4 Erga cuuphamtee booda jireenyi kee rakkinarraa walaba hin taʼu. Yesuus barattoonnisaa “muka dhiphinaa” baachuun akka isaan barbaachisu ifatti dubbateera. Kanas “guyyaa guyyaadhaan” godhu. (Luqaas 9:23 dubbisi.) Yesuus yeroo akkas jedhu duuka buutonnisaa yeroo hunda dhiphinni akka isaanirra gaʼu dubbachuu isaatii? Lakki. Eebba addaddaa kan argatan taʼus haalli rakkisaan akka isaan mudatu dubbachuusaati. Rakkinoonni isaan mudatan tokko tokko baayʼee ciccimoo taʼuu dandaʼu.—2 Xim. 3:12.

5. Yesuus namoonni aarsaa kaffalan eebbawwan akkamii akka argatan waadaa gale?

5 Tarii ammayyuu miseensonni maatii kee si mormaa jiru taʼa, yookiinimmoo Mootummichaaf dursa kennuuf jecha qabeenya tokko tokko aarsaa gooteetta taʼa. (Mat. 6:33) Taanaan, Yihowaan hojii amantiidhaan hojjette akka arge mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. (Ibr. 6:10) Yaanni Yesuus dubbate kun dhugaa taʼuusaa jireenya kee keessatti argiteetta taʼa: “Namni anaa fi misiraachichaaf jedhee, mana yookiin obboloota yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin maasii dhiise, yeroo ammaatti ariʼatamaa wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadholii, ijoollee fi maasii dachaa 100, sirna dhufu keessatti immoo jireenya bara baraa kan hin arganne hin jiru.” (Mar. 10:29, 30) Dhugumayyuu, eebbi argatte aarsaa kaffalte kamirrayyuu kan caaludha.—Far. 37:4.

6. Erga cuuphamtee booda ‘hawwii foonii’ mooʼuuf carraaqqii gochuu kee itti fufuun kan si barbaachisu maaliifi?

6 Erga cuuphamtee boodas ‘hawwii foonii’ mooʼuuf carraaqqii gochuun si barbaachisa. (1 Yoh. 2:16) Ammayyuu cubbuu keerraa walaba miti. Yeroo tokko tokko akkuma Phaawulos ergamaa sitti dhagaʼama taʼa. Akkana jedhee barreesseera: “Keessa namummaa kootti seera Waaqayyootti nan gammada; qaama koo keessa garuu seerri kan biraan, seera sammuu koo wajjin wal loluu fi seera cubbuu isa qaama koo keessa jiruuf akkan boojiʼamu godhu akka jiru nan hubadha.” (Rom. 7:22, 23) Fedhii dogoggoraa wajjin walʼaansoo gochuun waan si barbaachisuuf abdii kutatta taʼa. Haa taʼu malee, waadaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti galterratti yaaduun kee fedhii dogoggoraa injifachuuf walʼaansoo gochuu kee itti fufuuf si gargaara. Waadaan galte kun yeroo qorumsi si mudatutti si gargaara. Akkamitti?

7. Yihowaadhaaf of murteessuun kee isaaf amanamaa taʼuuf kan si gargaaru akkamitti?

7 Yeroo Yihowaadhaaf of murteessitu of ganta. Kana jechuun fedhii fi galma Yihowaa hin gammachiisnerraa ni fagaatta jechuudha. (Mat. 16:24) Kanaafuu, yeroo qorumsi si mudatu wanta gootu hin wallaaltu. Maal akka gootu dursitee murteessiteetta; eeyyee, Yihowaadhaaf amanamaa taatee itti fufta. Yihowaa gammachiisuuf kutatta. Karaa kanaan fakkeenya Iyyoob hordofta. Iyyoob qorumsi baayʼee ulfaataa taʼe yeroo isarra gaʼetti kutannoodhaan, “Amanamummaa koo hin dhiisu!” jedheera.—Iyo. 27:5.

8. Kadhannaa yeroo of murteessitetti dhiheessiterratti xiinxaluun kee qorumsa dandamachuuf kan si gargaaru akkamitti?

8 Kadhannaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti dhiheessiterratti xiinxaluun kee kutannoo qorumsa akkamiiyyuu dandamachuuf goote siif cimsa. Fakkeenyaaf, hiriyaa gaaʼelaa nama kan biraa ni kolomsitaa? Akkas akka hin goone beekamaadha! Wanta akkasii akka hin goone Yihowaadhaaf waadaa galteetta. Miirri sirrii hin taane si keessatti hidda akka hin godhanne kan of eeggattu yoo taʼe, miira akkasii of keessaa balleessuuf walʼaansoo gochuun si hin barbaachisu. “Daandii jalʼootaa” irraa goruun sitti hin ulfaatu.—Fak. 4:14, 15.

9. Kadhannaa yeroo of murteessitetti dhiheessiterratti xiinxaluun kee sochiiwwan hafuuraatiif dursa kennuuf kan si gargaaru akkamitti?

9 Hojii yeroo hunda walgaʼiirratti argamuun akka sitti ulfaatu godhu akka hojjettu utuu gaafatamtee maal goota? Ammas maal akka gootu beekta. Gaaffiin akkasii siif dhihaachuusaa yeroo dheeraa durayyuu maal akka gootu murteessiteetta. Kanaafuu, hojii akkasii fudhachuudhaan karaa Yihowaadhaaf dursa itti kennitu barbaaddachuuf hin qoramtu. Kutannoo Yesuus Abbaasaa gammachiisuuf godhe yaadachuudhaan wanta Waaqa jireenya kee murteessiteef gaddisiisu akkamiirraayyuu yeruma sana fagaatta.—Mat. 4:10; Yoh. 8:29.

10. Erga cuuphamtee booda Yihowaan ‘yeroo hunda Yesuus duukaa akka buutu’ kan si gargaaru akkamitti?

10 Dhugaasaa dubbachuuf rakkinnii fi qorumsi si mudatu ‘yeroo hunda Yesuus duukaa buʼuuf’ akka kutatte argisiisuuf carraa siif bana. Akkas yeroo gootu Yihowaan akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu; kanaa mannaa, jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.”—1 Qor. 10:13.

YEROO HUNDA YESUUS DUUKAA BUʼUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

11. Karaa gaariin yeroo hunda Yesuus duukaa buʼuu itti dandeessu tokko maalidha? (Fakkichas ilaali.)

11 Yesuus nama hinaaffaa cimaa qabu ture, yeroo hunda Yihowaatti kadhannaa ni dhiheessa ture. (Luq. 6:12) Atis erga cuuphamtee booda karaa gaariin yeroo hunda Yesuus duukaa buʼuu itti dandeessu tokko, wantoota caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf si gargaaran raawwachuu kee itti fufuudha. Kitaabni Qulqulluun, “Guddina hammamii iyyuu yoo goone, daandiidhuma kana irra seeraan deddeebiʼuu keenya itti haa fufnu” jedha. (Filp. 3:16) Yeroo garaa garaatti muuxannoo obbolootaa fi obboleettota tajaajila isaanii balʼifachuuf carraaqqii godhanii ni dhageessa. Tarii Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galanii baratanii ykn iddoo caalaatti gargaarsi barbaachisu deemanii taʼuu dandaʼa. Haalli kee kan siif heyyamu yoo taʼe atis galma akkasii baafachuun kee gaariidha. Sabni Yihowaa tajaajila isaanii balʼifachuuf fedhii guddaa qabu. (HoE. 16:9) Haa taʼu malee, amma akkas gochuu hin dandeessu yoo taʼehoo? Warra akkas gochuu dandaʼanii gadi akka taate gootee hin yaadin. Wanti caalaatti barbaachisaa taʼe jabaattee dhaabbachuu keeti. (Mat. 10:22) Wanta haalli kee siif heyyamuu fi wanta dandeessu gochuun kee Yihowaa akka gammachiisu hin dagatin. Kun karaa gaarii erga cuuphamtee booda yeroo hunda Yesuus duukaa buʼuu itti dandeessudha.—Far. 26:1.

Erga cuuphamtee booda wantoota Yihowaatti dhihaachuuf si gargaaran gochuuf galma baafadhu (Keeyyata 11 ilaali)


12-13. Hinaaffaan kee hirʼachaa yoo dhufe maal gochuu dandeessa? (1 Qorontos 9:16, 17) (Saanduqa, “ Dorgommicha Keessaa hin Baʼin” jedhus ilaali.)

12 Kadhannaan kee garaadhaa kan madde akka hin taane yoo sitti dhagaʼame ykn tajaajilli akka kanaan duraa si hin gammachiisu yoo taʼe maal gochuu qabda? Akka kanaan duraa Kitaaba Qulqulluu dubbisuun si hin gammachiisu yoo taʼehoo? Haalli akkasii yoo si mudate hafuura Yihowaa akka dhabde gootee hin yaadin. Mudaa waan qabduuf miirri kee ni jijijjiirama. Hinaaffaan kee hirʼachuu yoo jalqabe fakkeenya Phaawulos ergamaarratti xiinxali. Phaawulos fakkeenya Yesuus hordofuuf kan yaalu taʼus, yeroo tokko tokko kakaʼumsa dhabuu akka dandaʼu hubateera. (1 Qorontos 9:16, 17 dubbisi.) “Fedhii koo malee yoon hojjedhe illee, itti gaafatamummaan imaanaadhaan natti kennameera” jedheera. Karaa kan biraatiin, Phaawulos miirri yeroo sanatti itti dhagaʼamu maaliyyuu yoo taʼe tajaajilasaa raawwachuuf kutatee ture.

13 Haaluma wal fakkaatuun, atis miirri kee inni mudaa qabu murtoo kee akka toʼatu hin heyyamin. Miirri sitti dhagaʼamu maaliyyuu yoo taʼe wanta sirrii taʼe gochuuf kutadhu. Tarkaanfiin fudhattu yeroo booda miirri kee akka fooyyaʼu gochuunsaa hin oolu. Haala akkamiiyyuu keessatti barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuun kee erga cuuphamtee booda yeroo hunda Yesuus duukaa buʼuuf si gargaara. Obboloonnii fi obboleettonni kee yeroo hunda jabaattee dhaabbachuudhaan Yihowaa tajaajilaa akka jirtu yeroo argan ni jajjabaatu.—1 Tas. 5:11.

“YEROO HUNDA OF QORAA; . . . YEROO HUNDA OF GAMAAGGAMAA”

14. Yeroo hunda maal gochuu qabda? Maaliif? (2 Qorontos 13:5)

14 Erga cuuphamtee booda yeroo hunda of qoruun kee si fayyada. (2 Qorontos 13:5 dubbisi.) Kadhannaa guyyaa guyyaadhaan dhiheessaa, Kitaaba Qulqulluu dubbisaa fi qoʼachaa, walgaʼiirratti argamaa, akkasumas tajaajilarratti hirmaachaa akka jirtu beekuuf darbee darbee of qoruun kee gaariidha. Karaa sochiiwwan kanatti caalaatti gammaduu fi irraa fayyadamuuf si dandeessisu argachuuf yaali. Fakkeenyaaf, akkana jedhii of gaafadhu: ‘Barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu warra kaaniif ibsuu nan dandaʼaa? Karaawwan tajaajila koo caalaatti gammachiisaa gochuu itti dandaʼu jiruu? Kadhannaa koorratti wantan barbaadu adda baasee nan caqasaa? Kadhannaan koo Yihowaarratti amantii guutuu akkan qabu kan argisiisudhaa? Yeroo hunda walgaʼiirratti nan argamaa? Walgaʼiirratti caalaatti xiyyeeffannaadhaan hordofuu fi hirmaannaa gochuu kanan dandaʼu akkamitti?’

15-16. Qorumsa dandamachuu ilaalchisee muuxannoo obboleessa tokkoorraa maal baratte?

15 Dadhabina qabdu ilaalchisee haqaan of qoruun kee gaariidha. Obboleessi Roobarti jedhamu muuxannoo qabxii kana ibsu dubbateera: “Yeroo umuriin koo naannoo waggaa 20 turetti, hojiin torban keessatti guyyoota muraasaaf qofa hojjedhu argadheen ture. Gaaf tokko hojii booda dubartiin na wajjin hojjettu mana ishiitti na affeerte. Kophaa keenya yeroo gaarii akka dabarsinu natti himte. Jalqabarratti, sababii amansiisaa hin taanen dhiheesse; dhumarratti garuu, sababii koo ishiidhaaf ibsee akka hin barbaannen itti hime.” Roobarti qorumsa kana dandamachuunsaa nama gammachiisa. Booda garuu, yeroo duubatti deebiʼee yaadu haala sana karaa sanarra wayyuun qabuu akka dandaʼu hubate. Akkana jedheera: “Akka Yoseef yeroo haati manaa Phoxifaar isa qortetti godhetti ejjennoo cimaadhaan dafee affeerraa naaf dhihaate akkan hin fudhanne hin dubbanne. (Uma. 39:7-9) Affeerraa akkasii diduun hammas ulfaataa taʼuunsaa baayʼee na ajaaʼibsiise. Muudannoon kun michummaan Yihowaa wajjin qabu cimsachuun akka na barbaachisu na hubachiiseera.”

16 Atis akkuma Roobarti of qoruun kee si fayyaduu dandaʼa. Qorumsa tokko dandamachuurratti milkaaʼina erga argattee boodallee, ‘Deebii sirrii kennuuf yeroo hammamii natti fudhate?’ jedhii of gaafadhu. Wanti fooyyessitu akka jiru yoo hubatte of hin ceephaʼin. Amma dadhabina kee kana beekuu keetti gammadi. Waaʼee dhimmichaa kadhadhu, tarkaanfiiwwan kutannoo ulaagaalee naamusaa Yihowaan baase eegdee jiraachuuf goote siif cimsan fudhadhu.—Far. 139:23, 24.

17. Roobarti maqaa Yihowaa kan kabachiise akkamitti?

17 Wanti muuxannoo Roobartirraa barannu kan biraanis jira. Itti fufuudhaan akkana jedheera: “Dubartiin sun affeerraa ishii fudhachuu ergan didee booda, ‘Qormaaticha darbiteetta!’ naan jette. Anis maal jechuu ishii akka taʼen ishii gaafadhe. Ishiinis hiriyaan ishii dhugaa baatuu Yihowaa ture tokko dargaggoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan hundi jireenya bifa lama qabu akka jiraatanii fi carraa yoo argatan ejjennoo isaanii akka laaffisan ishiitti himee akka ture dubbatte. Kanaafuu, anis akkas taʼuu koo ilaaluuf akka na qortu hiriyaa ishii sanatti himte. Yeroo kanatti maqaa Yihowaa akkan kabachiise yommuun beeku baayʼeen gammade.”

18. Erga cuuphamtee booda maal gochuuf murteessiteetta? (Saanduqa, “ Mata Dureewwan Jaallattu Lamaan” jedhus ilaali.)

18 Yihowaadhaaf of murteessitee yeroo cuuphamtu wanti akkamiiyyuu yoo uumame maqaasaa qulqulleessuu akka barbaaddu argisiista. Yihowaan rakkina si mudachaa jiruu fi qorumsa dandamachaa jirtu akka beeku mirkanaaʼaa taʼi. Carraaqqii amanamaa taʼuuf gootu siif eebbisa. Hafuura isaatti fayyadamee cimina si barbaachisu akka siif kennu amanuu dandeessa. (Luq. 11:11-13) Erga cuuphamtee booda, gargaarsa Yihowaatiin yeroo hunda Yesuus duukaa buʼuu ni dandeessa.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Kiristiyaanni tokko “guyyaa guyyaadhaan muka dhiphinaa isaa” kan baatu akkamitti?

  • Erga cuuphamtee booda ‘yeroo hunda Yesuus duukaa buʼuuf’ maal gochuu dandeessa?

  • Kadhannaa yeroo of murteessitetti dhiheessiterratti xiinxaluun kee amanamummaa kee eeggachuuf kan si gargaaru akkamitti?

FAARFANNAA 89 Dhagaʼi, Ajajami, ni Eebbifamta