Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 9

FAARFANNAA 75 “Kunoo, Ani Jira, Ana Ergi!”

Yihowaadhaaf Of Murteessuuf Qophoofteettaa?

Yihowaadhaaf Of Murteessuuf Qophoofteettaa?

“Wanta gaarii inni naaf godhe hundumaatiif, Yihowaadhaaf maalan deebisa?”FAR. 116:12.

YAADA IJOO

Mata dureen kun Yihowaa wajjin michummaa cimaa of murteessitee cuuphamuuf si kakaasu akka qabaattu si gargaaruu dandaʼa.

1-2. Namni tokko cuuphamuusaa dura maal gochuu qaba?

 WAGGOOTTAN shanan darbanitti namoonni miliyoona tokkoo ol taʼan cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru. Isaan keessaa baayʼeen isaanii akkuma Ximotewos isa jaarraa jalqabaatti jiraatee dhugaa kan baratan ‘daaʼimummaa isaaniitii jalqabaniiti.’ (2 Xim. 3:14, 15) Warri kaan waaʼee Yihowaa kan baratan erga guddatanii boodadha; tokko tokkommoo erga dulloomanii boodadha. Yeroo muraasa dura maanguddoon Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa turan takka umurii isaanii waggaa 97​tti cuuphamaniiru.

2 Barataa Kitaaba Qulqulluu yoo taate ykn warri kee Dhugaa Baatota Yihowaa yoo taʼan cuuphamuuf yaadaa jirtaa? Kun galma gaariidha! Cuuphamuu kee dura garuu Yihowaadhaaf of murteessuu qabda. Mata dureen kun Yihowaadhaaf of murteessuun maalfaa akka dabalatu ibsa. Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamuuf qophaaʼaa taatee utuu jirtuu tarkaanfii kana fudhachuurraa duubatti jechuu kan hin qabne maaliif akka taʼe hubachuufis si gargaara.

OF MURTEESSUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

3. Namoonni Yihowaadhaaf of murteessanii fi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman eenyufaʼi?

3 Kitaaba Qulqulluu keessatti of murteessuun kaayyoo qulqulluu taʼe tokkoof adda of baasuu argisiisa. Israaʼelonni saba Yihowaadhaaf murteeffame turan. Haa taʼu malee, sabicha keessaa namoonni tokko tokko karaa adda taʼeen Yihowaadhaaf adda baafamanii turan. Fakkeenyaaf, Aaron marata mataasaa fuulduraan “warqii diriiraa calaqqisu, jechuunis mallattoo qulqulluu kan murteeffaman taʼuu argisiisu” kaaʼata ture. Warqii diriiraan sun Aaron luba olaanaa Israaʼel taʼee karaa adda taʼeen tajaajiluuf akka filatame kan argisiisudha. (Lew. 8:9) Naazronnis karaa adda taʼeen Yihowaadhaaf murteeffamanii turan. Jechi “Naazricha” jedhu jecha Afaan Ibrootaa naazir jedhurraa kan dhufe yeroo taʼu, “Kan Adda Baafame” ykn “Kan Murteeffame” jechuudha. Naazronni ajajawwan adda taʼanii fi Seera Musee keessatti kennaman akka hordofan isaanirraa eegama ture.—Lak. 6:2-8.

4. (a) Namoonni Yihowaadhaaf of murteessan kaayyoo qulqulluu taʼe akkamiitiif adda baafamu? (b) ‘Of ganuu’ jechuun maal jechuudha? (Fakkichas ilaali.)

4 Yihowaadhaaf yeroo of murteessitu barataa Yesuus Kiristoos taʼuuf filatta, akkasumas fedhii Waaqayyoo raawwachuun jireenya kee keessatti iddoo guddaa akka qabaatu goota. Yihowaadhaaf of murteessuun maalfaa dabalata? Yesuus, “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu” jedheera. (Mat. 16:24) Gaaleen Afaan Giriikii “of haa ganu” jedhamee hiikame “kana booda ofiif hin jiraatin” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Tajaajilaa Yihowaadhaaf of murteessite waan taateef wanta Yihowaa gaddisiisu kamirraayyuu fagaachuu qabda. (2 Qor. 5:14, 15) Kunis “hojiiwwan foonii” kan akka halalummaarraa fagaachuu dabalata. (Gal. 5:19-21; 1 Qor. 6:18) Ajajawwan akkasii eeguun jireenyi kee ulfaataa akka taʼu godhaa? Yihowaa kan jaallattu yoo taʼee fi seerrisaa akka si fayyadu yoo amante isaaf ajajamuun jireenyi akka sitti ulfaatu hin godhu. (Far. 119:97; Isa. 48:17, 18) Obboleessi Niikolaas jedhamu akkana jedheera: “Ulaagaalee Yihowaa dallaa mana hidhaa wanta barbaaddu akka hin goone si dhoowwu akka taʼetti ykn dallaa leencarraa eegumsa siif godhu akka taʼetti ilaaluu dandeessa.”

Ulaagaalee Yihowaa dallaa mana hidhaa wanta barbaaddu akka hin goone si dhoowwu akka taʼettimoo, dallaa leencarraa eegumsa siif godhu akka taʼetti ilaalta? (Keeyyata 4 ilaali)


5. (a) Yihowaadhaaf kan of murteessitu akkamitti? (b) Of murteessuu fi cuuphamuun garaagarummaa maalii qaba? (Fakkichas ilaali.)

5 Yihowaadhaaf kan of murteessitu akkamitti? Isa qofa waaqeffachuuf, akkasumas jireenya kee keessatti fedhii isaatiif dursa kennuuf kadhannaadhaan waadaa isaaf galta. Eeyyee, “garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan” Yihowaa jaallachuu kee itti fufuuf waadaa galta. (Mar. 12:30) Waadaan kun sii fi Yihowaa gidduutti qofa kan raawwatamudha. Cuuphaan garuu namoota duratti kan mulʼatudha; karaa Yihowaadhaaf akka of murteessite namootatti itti argisiistudha. Waadaan Yihowaadhaaf yeroo of murteessitetti galte kun kakuu qulqulluu taʼedha; akkuma ati ofirraa eegdu Yihowaanis kakuu kana eegdee akka jiraattu sirraa eega.—Lal. 5:4, 5.

Yihowaadhaaf of murteessuun isa qofa akka waaqeffattuu fi jireenya kee keessatti dursa akka isaaf kennitu dhuunfaatti kadhannaadhaan waadaa isaaf galuu dabalata (Keeyyata 5 ilaali)


YIHOWAADHAAF KAN OF MURTEESSITU MAALIIFI?

6. Namni tokko Yihowaadhaaf of murteessuuf wanti isa kakaasu maalidha?

6 Wanti Yihowaadhaaf of murteessuuf si kakaasu inni guddaan jaalala isaaf qabdudha. Jaalalli isaaf qabdu garuu miirarratti qofa kan hundaaʼe miti. Kanaa mannaa, “beekumsa sirrii” fi “hubannaa hafuuraa,” jechuunis wantoota waaʼee Yihowaa barattee fi jaalalli isaaf qabdu akka guddatu godhanirratti kan hundaaʼedha. (Qol. 1:9) Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kee (1) Yihowaan dhugumaan akka jiru, (2) Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuurasaatiin akka barreeffamee fi (3) fedhiisaa raawwachuuf jaarmiyaasaatti akka fayyadamu si amansiiseera.

7. Waaqayyoof of murteessuu keenya dura maal gochuu qabna?

7 Namoonni Yihowaadhaaf of murteessan barumsawwan buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman beekuu qabu; ulaagaalee isaa wajjinis wal simanii jiraachuu qabu. Hamma haallisaanii isaaniif heyyame waaʼee amantiisaanii namootatti ni himu. (Mat. 28:19, 20) Jaalalli Yihowaadhaaf qaban waan guddateef isa qofa waaqeffachuu barbaadu. Atoo akkasii? Jaalala akkasii yoo qabaatte Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamuun wanta nama Kitaaba Qulqulluu si qoʼachiise ykn warra kee gammachiisuuf jettee gootu ykn hiriyoota kee fakkaachuuf jettee gootu akka taʼetti hin ilaaltu.

8. Dinqisiifannaan qabdu Yihowaadhaaf of murteessuuf kan si kakaasu akkamitti? (Faarfannaa 116:12-14)

8 Wantoota Yihowaan siif godhe hunda yeroo yaaddu dinqisiifannaadhaan waan guutamtuuf isaaf of murteessuuf kakaʼuun kee hin oolu. (Faarfannaa 116:12-14 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluun “kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” Yihowaa biraa akka argamu dubbachuunsaa sirriidha. (Yaq. 1:17) Kennaawwan kana keessaa inni hundarra caalu aarsaa Ilmasaa Yesuus dhiheessedha. Mee yaadi! Furichi Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf si dandeessiseera. Yihowaan abdii jireenya barabaraas siif kenneera. (1 Yoh. 4:9, 10, 19) Yihowaadhaaf of murteessuun karaawwan gaggaarii jaalala guddaa inni sitti argisiisee fi eebbawwan kan biroo hedduu inni sii kenneef dinqisiifannaa qabdu itti argisiistu keessaa tokkodha. (Kes. 16:17; 2 Qor. 5:15) Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu barumsa 46 qabxii 4​ffaa jalatti waaʼeen kanaa ibsameera; viidiyoon daqiiqaa sadii Kennaa Keessan Waaqayyoof Dhiheessaa jedhus ni argama.

OF MURTEESSUU FI CUUPHAMUUF QOPHOOFTEETTAA?

9. Namni tokko of murteessuuf dhiibbaan akka isarratti godhame isatti dhagaʼamuu kan hin qabne maaliifi?

9 Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuuf qophaaʼaa akka hin taane sitti dhagaʼama taʼa. Tarii ammayyuu ulaagaalee Yihowaa wajjin wal simtee jiraachuuf jireenya keerratti jijjiirama tokko tokko gochuun si barbaachisa taʼa; yookiinimmoo amantii kee cimsachuuf yeroon dabalataa si barbaachisa taʼa. (Qol. 2:6, 7) Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hundi saffisa walfakkaatuun guddina gochuu dhiisuu dandaʼu; dargaggoonni hundis umurii walfakkaaturratti Yihowaadhaaf of murteessanii cuuphamuuf qophaaʼoo taʼuu dhiisuu dandaʼu. Nama kan biraa wajjin wal bira of qabuudhaan utuu hin taʼin, wanta gochuu dandeessu tilmaama keessa galchuudhaan guddina hafuuraa goote gamaaggamuuf yaali.—Gal. 6:4, 5.

10. Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamuuf qophaaʼaa akka hin taane yoo sitti dhagaʼame maal gochuu dandeessa? (Saanduqa, “ Dargaggoota Dhugaa Keessatti Guddataniif” jedhus ilaali.)

10 Ammayyuu Yihowaadhaaf of murteessuuf qophaaʼaa akka hin taane yoo hubattellee galma kana akkuma baafattetti itti fufi. Jireenya kee keessatti jijjiirama barbaachisu gochuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. (Filp. 2:13; 3:16) Kadhannaa keetiif deebii akka kennu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—1 Yoh. 5:14.

NAMOONNI TOKKO TOKKO DUUBATTI KAN JEDHAN MAALIIFI?

11. Yihowaan isaaf amanamoo taanee akka itti fufnu kan nu gargaaru akkamitti?

11 Namoonni of murteessuu fi cuuphamuuf qophaaʼoo taʼan tokko tokko ammas tarkaanfii kana fudhachuurraa duubatti jedhu taʼa. ‘Cubbuu cimaa hojjedhee yoon gumiidhaa baafamehoo?’ jedhanii yaadu taʼa. Atis sodaan akkasii sitti dhagaʼama yoo taʼe Yihowaan ‘guutummaatti isa gammachiisuuf akka isaaf taʼutti akka deddeebituuf’ wanta si barbaachisu hunda akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼi. (Qol. 1:10) Humna wanta sirrii taʼe raawwachuuf si barbaachisu sii kenna. Kanaan dura namoota hedduu gargaaruudhaan akkas gochuu akka dandaʼu mirkaneesseera. (1 Qor. 10:13) Sababiin lakkoofsi namoota gumiidhaa baafamanii muraasa itti taʼe tokko kanadha. Yihowaan sabnisaa amanamoo taʼanii akka itti fufan isaan gargaara.

12. Cubbuu cimaa hojjechuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Namoonni mudaa qaban hundi wanta dogoggora taʼe raawwachuuf ni qoramu. (Yaq. 1:14) Haa taʼu malee, yeroo qorumsi si mudatu maal akka gootu filachuu qabda. Akkaataa jireenya kee itti geggeeffattu kan murteessu sidha. Namoonni tokko tokko akkas isaanitti dhagaʼamuu baatus fedhii kee toʼachuu barachuu ni dandeessa. Kanaafuu, yeroo fedhii dogoggoraa qabaattuttillee fedhii sanaaf mooʼamuu dhiisuuf filachuu dandeessa. Guyyaa guyyaadhaan kadhachuun kana gochuuf si gargaara. Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu barsiifata godhadhu. Walgaʼiiwwan gumiirratti argami. Waaʼee amantii keetii namootatti himi. Yeroo hunda wantoota kana gochuun kee kakuu yeroo of murteessitetti galte eegdee jiraachuuf humna sii kenna. Yihowaan akkas gochuuf akka si gargaarus matumaa hin dagatin.—Gal. 5:16.

13. Yoseef fakkeenya gaarii kan nuuf taʼe akkamitti?

13 Yeroo qorumsi si mudatutti maal akka gootu dursitee murteessuun kee waadaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti galte eeguun akka siif salphatu godha. Kitaabni Qulqulluun namoonni utuma mudaa qabanii akkas godhan hedduun akka jiran ni dubbata. Fakkeenyaaf, haati manaa Phoxifaar Yoseefiin sossobuuf irra deddeebitee yaalteetti. Yoseef garuu maal akka godhu dursee beeka ture. Kitaabni Qulqulluun Yoseef ‘tole akka hin jennee’ fi “Badii guddaa kana akkamittan raawwadha? Waaqayyo irrattis akkamittan cubbuu hojjedha?” akka jedhe dubbata. (Uma. 39:8-10) Kanaafuu, Yoseef isa qoruuf yaaluu ishii durayyuu tarkaanfii akkamii akka fudhatu beeka ture. Kunis yeroo qoramsi isa mudatetti qorumsa sana dandamachuun akka isaaf salphatu godheera.

14. Qorumsa dandamachuu barachuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Atoo akkuma Yoseef kutannoo akka qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Qorumsi yoo si mudate maal akka gootu ammuma murteessuu dandeessa. Wanta Yihowaan jibburraa yeruma sana fagaachuu baradhu; waaʼee wanta akkasii yaaduurraallee of qusadhu. (Far. 97:10; 119:165) Akkas yoo goote yeroo qorumsi si mudatu hin mooʼamtu. Maal akka gootu dursitee beekta. Tarkaanfii akkamii akka fudhattu dursitee murteessiteetta.

15. Namni tokko ‘cimsee Yihowaa akka barbaaddatu’ argisiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Ibroota 11:6)

15 Tarii ati dhugaa akka argatte beekta, garaa kee guutuudhaan Yihowaa tajaajiluus ni barbaadda; garuu wanti Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuurraa duubatti akka jettu si taasisu tokko jira taʼa. Wanta Daawit Mootichi godhe gochuu dandeessa. Akkana jettee Yihowaa kadhachuu dandeessa: “Yaa Waaqayyo, akka gaariitti na sakattaʼi, garaa koos beeki. Na qori, yaadawwan na dhiphisanis beeki. Daandiin miidhaa geessisu akkamii iyyuu na keessa yoo jiraate ilaali, daandii bara baraa irras na geggeessi.” (Far. 139:23, 24) Yihowaan “warra cimsanii isa barbaaddatan” ni eebbisa. Galma of murteessitee cuuphamuuf baafatterra gaʼuuf carraaqqii gochuun kee cimsitee isa barbaaddachaa akka jirtu argisiisa.—Ibroota 11:6 dubbisi.

YIHOWAATTI DHIHAACHUU KEE ITTI FUFI

16-17. Yihowaan namoota dhugaa keessatti guddatan kan ofitti harkise akkamitti? (Yohaannis 6:44)

16 Yesuus barattootasaa kan harkisu Yihowaa akka taʼe dubbateera. (Yohaannis 6:44 dubbisi.) Kun wanta nama ajaaʼibsiisudha; mee kun siif hiika akkamii akka qabu yaadi. Yihowaan garaa tokkoon tokkoon namoota ofitti harkisee keessatti wanta gaarii argeera. Hundasaanii “qabeenya addaa” ykn “qabeenya iddoo guddaa qabu” akka taʼanitti ilaala. (Kes. 7:6; milj.) Siifis ilaalchuma akkasii qaba.

17 Tarii kan guddatte dhugaa keessatti taʼuu dandaʼa. Yihowaa kan tajaajiltu waan ofitti si harkiseef utuu hin taʼin, warri kee waan isa tajaajilaniif qofa akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Taʼus Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jedha. (Yaq. 4:8; 1 Sen. 28:9) Yihowaatti dhihaachuuf dursa yoo fudhatte innis sitti dhihaata. Yihowaan kan si ilaalu miseensuma garee tokkoo akka taatetti qofa miti. Warra dhugaa keessatti guddatan dabalatee tokkoon tokkoon namootaa dhuunfaatti ofitti harkisa. Yaaqoob 4:8 akka jedhutti namni akkasii Yihowaatti dhihaachuuf yeroo dursa fudhatu innis isatti dhihaata.—2 Tasalonqee 2:13 wajjin wal bira qabii ilaali.

18. Mata duree ittaanurratti waaʼee maalii mariʼanna? (Faarfannaa 40:8)

18 Yihowaadhaaf of murteessitee yeroo cuuphamtu ilaalcha Yesuus argisiise calaqqisiista. Yesuus wanta Abbaan isaa isa ajaje hunda gochuuf fedhiidhaan of dhiheesseera. (Faarfannaa 40:8 dubbisi; Ibr. 10:7) Mata duree ittaanurratti erga cuuphamtee booda amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu kee itti fufuuf maaltu akka si gargaaru ilaalla.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Yihowaadhaaf of murteessuu jechuun maal jechuudha?

  • Dinqisiifannaan qabdu Yihowaadhaaf of murteessuuf kan si kakaasu akkamitti?

  • Cubbuu cimaa hojjechuurraa fagaachuuf maaltu si gargaara?

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa