MATA DUREE QOʼANNAA 13
FAARFANNAA 127 Nama Akkamii Taʼuun Qaba?
Yihowaan Akka Sitti Gammadu Mirkanaaʼaa Taʼuu kan Dandeessu Akkamitti?
“Ani sitti nan gammada.”—LUQ. 3:22.
YAADA IJOO
Yihowaan akka sitti gammadu mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?
1. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan tokko tokko miira akkamii wajjin walʼaansoo godhu?
YIHOWAAN saba isaatti akka gammadu beekuun baayʼee nama jajjabeessa! Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan saba isaatti ni gammada” jedha. (Far. 149:4) Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko darbee darbee, ‘Yihowaan natti gammadaa laata?’ jedhanii waan yaaddaʼaniif baayʼee dhiphatu. Namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti amanamummaadhaan Yihowaa akka tajaajilan ibsaman hedduun darbee darbee miira akkasii wajjin walʼaansoo godhu turan.—1 Sam. 1:6-10; Iyo. 29:2, 4; Far. 51:11.
2. Yihowaan namoota akkamiitti gammada?
2 Kitaabni Qulqulluun namoonni mudaa qaban Yihowaa gammachiisuu akka dandaʼan ifatti dubbata. Kana kan godhan akkamitti? Yesuus Kiristoosirratti amantii akka qabnu argisiisuu fi cuuphamuu qabna. (Yoh. 3:16) Karaa kanaan cubbuu keenyarraa yaada akka geddarannee fi fedhii Waaqayyoo raawwachuuf waadaa akka galle namootatti argisiisna. (HoE. 2:38; 3:19) Yihowaan michoota isaa taʼuuf tarkaanfiiwwan kana yeroo fudhannu baayʼee gammada. Waadaa yeroo of murteessinetti galle eeguuf wanta dandeenyu hunda gochuu keenya hamma itti fufnetti nutti gammada, akkasumas michoota isaa akka taanetti nu ilaala.—Far. 25:14.
3. Gaaffilee sadan kamfaarratti mariʼanna?
3 Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko Waaqayyo akka isaanitti hin gammanne kan isaanitti dhagaʼamu maaliif taʼuu dandaʼa? Yihowaan akka nutti gammadu kan argisiisu akkamitti? Akkasumas Kiristiyaanni tokko Waaqayyo akka isatti gammadu amanannaa qabu cimsachuu kan dandaʼu akkamitti?
NAMOONNI TOKKO TOKKO YIHOWAAN AKKA ISAANITTI HIN GAMMANNE KAN ISAANITTI DHAGAʼAMU MAALIIFI?
4-5. Gatii akka hin qabne yeroo nutti dhagaʼamuttillee waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?
4 Baayʼeen keenya xinnummaa keenyaa kaasee miira gadaantummaa wajjin walʼaansoo goona. (Far. 88:15) Obboleessi Adriyaan jedhamu akkana jedheera: “Yeroo hunda gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama. Xinnummaa kootti ani Jannata keessa jiraachuun akka naaf hin malle kan natti dhagaʼamu taʼus, maatiin koo Jannatatti akka galan kadhachaa akkan ture nan yaadadha.” Tooniin inni warri isaa Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane akkana jedheera: “Warri koo akka na jaallatan ykn akka natti boonan natti himanii hin beekan. Kunis wantin godhu hundi akka isaan hin gammachiisne akka natti dhagaʼamu godheera.”
5 Darbee darbee gatii akka hin qabne kan nutti dhagaʼamu yoo taʼe, Yihowaan ofuma isaatiin kakaʼee akka ofitti nu harkise haa yaadannu. (Yoh. 6:44) Inni wanta gaarii nu keessa jiruu fi tarii nuti hin hubanne ni arga, garaa keenyas beeka. (1 Sam. 16:7; 2 Sen. 6:30) Kanaafuu, ‘Gatii guddaa qabdu’ yeroo nuun jedhu isa amanuu dandeenya.—1 Yoh. 3:19, 20.
6. Phaawulos ergamaan cubbuu duraan raawwate ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama ture?
6 Nu keessaa tokko tokko dhugaa barachuu keenya dura dogoggora ammayyuu miirri balleessaa akka nutti dhagaʼamu godhu raawwannee taʼuu dandaʼa. (1 Phe. 4:3) Kiristiyaanonni amanamoo taʼanillee dadhabina garaagaraa wajjin walʼaansoo gochuun isaan barbaachisa. Atoo garaan kee si ceephaʼaa? Taanaan, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan miira akkasii wajjin walʼaansoo akka godhan beekuun kee si jajjabeessa. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan mudaa qaburratti yeroo xiinxalu nama gadadamaa akka taʼe isatti dhagaʼamee ture. (Rom. 7:24) Dhugaadha, Phaawulos cubbuu isaarraa yaada geddaratee cuuphameera. Taʼus sana boodallee, “ergamoota hundumaatii gad” akka taʼee fi ‘cubbamaa hunda caalu’ akka taʼe isatti dhagaʼameera.—1 Qor. 15:9; 1 Xim. 1:15.
7. Cubbuu kanaan dura raawwanne ilaalchisee maal yaadachuu qabna?
7 Abbaan keenya inni samii yoo yaada geddaranne dhiifama akka nuuf godhu waadaa nuuf galeera. (Far. 86:5) Kanaafuu, cubbuu raawwannetti dhugumaan yoo gaddine Yihowaan akkuma waadaa nuuf galetti dhiifama akka nuuf godhu amanuu dandeenya.—Qol. 2:13.
8-9. Miira Yihowaa matumaa gammachiisuu akka hin dandeenya nutti dhagaʼamu moʼuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Hundi keenyayyuu Yihowaa tajaajiluuf wanta dandeenyu hundumaa gochuu barbaanna. Haa taʼu malee, obboloonni tokko tokko yoomiyyuu wanta Yihowaan akka isaanitti gammadu godhu raawwachuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Obboleettiin Amaandaa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo baayʼee Yihowaadhaaf wanta hundarra wayyu kennuu jechuun yeroo hundumaa wanta dabalataa gochuu akka taʼe natti dhagaʼama. Kanaan kan kaʼes, yeroo baayʼee wanta humna kootii ol taʼen ofirraa eega. Akkas gochuu yeroon dadhabuttimmoo Yihowaanis akkuma koo akka natti gaddu natti dhagaʼama.”
9 Miira yoomiyyuu Yihowaa gammachiisuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼamu moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaan yaada isaatti akka hin cichine yaadadhu. Inni wanta humna keenyaa ol taʼe matumaa nurraa hin eegu. Wanta dandeenyu hamma goonetti wanta isaaf jennee goone kamiyyuu ni dinqisiifata. Kana malees, seenaa namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi lubbuu isaanii guutuu Yihowaa tajaajilaniirratti xiinxali. Mee waaʼee Phaawulos yaadi. Phaawulos kiilomeetira kumaan lakkaaʼamu imaluudhaan, akkasumas gumiiwwan hedduu hundeessuudhaan waggoota hedduudhaaf hinaaffaadhaan tajaajileera. Haa taʼu malee, yeroo haalli isaa hirmaannaa hojii lallabaarratti godhu isa jalaa daangessetti Waaqayyo isatti gaddeeraa? Matumaa. Phaawulos wanta dandaʼu gochuu isaa itti fufeera, Yihowaanis isa eebbiseera. (HoE. 28:30, 31) Haaluma wal fakkaatuun, nutis yeroo garaagaraatti wanti Yihowaadhaaf kenninu garaagara taʼuu dandaʼa. Wanti isa biratti iddoo guddaa qabu sababii isa tajaajiluuf itti kakaanedha. Mee amma karaawwan Yihowaan akka nutti gammadu itti argisiise muraasa haa ilaallu.
YIHOWAAN AKKA NUTTI GAMMADU KAN ARGISIISE AKKAMITTI?
10. Yihowaan akka nutti gammadu yeroo ibsu “dhagaʼuu” kan dandeenyu akkamitti? (Yohaannis 16:27)
10 Karaa Kitaaba Qulqulluu. Yihowaan namoota jaallatutti akka gammade ibsuun isa gammachiisa. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan siʼa lama akka isa jaallatuu fi akka isatti gammade Yesuusitti akka hime dubbata. (Mat. 3:17; 17:5) Yihowaan akka sitti gammadu yeroo dubbatu dhagaʼuu barbaaddaa? Kallattiidhaan samiirraa nutti dubbachuu baatus, Dubbii isaatti fayyadamee nu haasofsiisa. Yaadawwan Yesuus Wangeelota keessatti ibsaman dubbisuudhaan Yihowaan akka nutti gammadu yeroo dubbatu dhagaʼuu dandeenya. (Yohaannis 16:27 dubbisi.) Yesuus eenyummaa Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. Kanaafuu, Yesuus duuka buutota isaa mudaa qaban garuummoo amanamoo taʼanitti akka gammade yeroo dubbisnu, akkuma waan Yihowaan nutti dubbachaa jirutti yaaduu dandeenya.—Yoh. 15:9, 15.
11. Rakkinni nurra gaʼuunsaa Yihowaan akka nutti gadde hin argisiisu kan jennu maaliifi? (Yaaqoob 1:12)
11 Gocha isaatiin. Yihowaan wantoota jireenyaaf nu barbaachisan nuuf kennuudhaan nu gargaaruuf fedhii guddaa qaba. Yeroo tokko tokko, Yihowaan akkuma Iyyoob isa nama qajeelaa taʼerra gaʼe rakkinni akka nurra gaʼu heyyamuu dandaʼa. (Iyo. 1:8-11) Rakkinni nurra gaʼuunsaa Waaqayyo akka nutti gadde hin argisiisu. Kanaa mannaa, rakkinni nurra gaʼuunsaa jaalala guddaa Waaqayyoof qabnuu fi amantii isarratti qabnu argisiisuuf carraa nuuf bana. (Yaaqoob 1:12 dubbisi.) Yihowaan hammam akka nu jaallatuu fi jabaannee akka dhaabbannu akka nu gargaaru arguu dandeenya.
12. Muuxannoo Dimitriirraa maal baranna?
12 Mee wanta obboleessa Eeshiyaa keessa jiraatuu fi Dimitrii jedhamu mudate haa ilaallu. Dimitriin hojii isaa dhabe, jiʼoota hedduudhaafis hojii argachuu hin dandeenye. Kanaafuu, caalaatti tajaajilarratti hirmaachuudhaan amantii Yihowaarratti qabu argisiisuuf murteesse. Sana booda jiʼoonni hedduun erga darbanii boodallee hojii argachuu hin dandeenye. Achiis dhukkuba cimaadhaan qabamee sireerratti hafe. Yeroo kanatti abbaa manaa fi abbaa gaarii taʼuu akka hin dandeenye, akkasumas Yihowaan akka isatti hin gammanne isatti dhagaʼamuu jalqabe. Galgala tokko intalli isaa yaada Isaayyaas 30:15 irratti argamuu fi ‘Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaan jabina ni argattu’ jedhu waraqaarratti maxxansitee fidde. Achiis iddoo inni ciise deemtee, “Aabbaa, yeroo miirri gaarii hin taane sitti dhagaʼamu caqasa kana yaadachuu dandeessa” isaan jette. Yihowaaf galanni haa taʼuutii, Dimitriin maatiin isaa nyaata gaʼaa, uffataa fi iddoo jireenyaa akka qaban hubate. “Wanti gochuun na barbaachisu tasgabbaaʼuu fi Waaqa kootti amanamuu koo itti fufuudha” jedheera. Atis rakkinni akkasii yoo si mudate Yihowaan akka si kunuunsuu fi jabaattee akka dhaabbattu akka si gargaaru amanuu ni dandeessa.
13. Yihowaan akka nutti gammadu nuuf ibsuuf eenyutti fayyadamuu dandaʼa? Akkamitti?
13 Obboloota keenyatti fayyadama. Yihowaan akka nutti gammadu nuuf ibsuuf obboloota keenyatti fayyadama. Fakkeenyaaf, yeroo sirrii taʼetti wanta nama jajjabeessu akka dubbatan isaan kakaasuu dandaʼa. Obboleettiin Eeshiyaa keessa jiraattu takka yeroo baayʼee dhiphattee turtetti haalli akkasii ishii mudateera. Obboleettiin kun hojii ishii dhabdee fi dhukkuba cimaadhaan qabamtee turte. Achiis abbaan manaa ishii cubbuu cimaa waan raawwateef mirga jaarsa taʼee tajaajiluudhaan qabu dhabe. Akkana jetteetti: “Wanti akkasii kan narra gaʼe maaliif akka taʼe hubachuun natti ulfaatee ture. Dogoggora taʼe tokko raawwadhee fi Yihowaan natti gaddee taʼuu akka dandaʼu natti dhagaʼamee ture.” Obboleettiin keenya Yihowaan kan ishiitti gammadu taʼuu isaa akka ishiitti argisiisu cimsitee kadhatte. Maarree, kana kan godhe akkamitti? “Jaarsoliin gumii na haasofsiisuudhaan Yihowaan akka na jaallatu naaf mirkaneessan” jetteetti. Boodas irra deebitee Yihowaan akka ishii gargaaru kadhatte. Akkana jetteetti: “Guyyuma sana obboloonnii fi obboleettonni gumii keenyaa muraasni xalayaa naaf ergan. Yaada nama jajjabeessuu fi isaan naaf ergan yeroon dubbisu Yihowaan akka na dhagaʼe natti dhagaʼame.” Eeyyee, Yihowaan yeroo baayʼee dubbii gaarii warri kaan dubbatanitti fayyadamee akka nutti gammade nuuf ibsa.—Far. 10:17.
14. Karaan Yihowaan akka nutti gammade itti nuuf ibsu kan biraan maalidha?
14 Karaan Yihowaan akka nutti gammade itti nuuf ibsu kan biraan obboloonni keenya yeroo nu barbaachisutti gorsa akka nuuf kennan gochuudhaani. Fakkeenyaaf, jaarraa jalqabaatti hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee obboloota isaatiif xalayaa 14 akka barreessu Phaawulos ergamaatti fayyadameera. Xalayaawwan kun gorsa cimaa garuummoo jaalalarratti hundaaʼe kan dabalatanidha. Yihowaan gorsa akkasii akka kennu Phaawulosiin kan kakaase maaliifi? Yihowaan Abbaa gaarii waan taʼeef ijoollee isaa “jaallatu” ni adaba. (Fak. 3:11, 12) Kanaafuu, gorsi Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe nuuf kennamuun isaa Waaqayyo akka nutti gadde kan argisiisu utuu hin taʼin, ragaa akka inni nutti gammade argisiisu akka taʼetti ilaaluu dandeenya. (Ibr. 12:6) Wantoonni Yihowaan akka nutti gammadu argisiisan kan biroon maalfaʼi?
RAGAA YIHOWAAN AKKA NUTTI GAMMADU ARGISIISU KAN BIRAA
15. Yihowaan hafuura qulqulluu kan kennu eenyufaʼiifi? Kunoo amanannaa qabaachuuf nu gargaara kan jennu maaliifi?
15 Yihowaan namoota itti gammaduuf hafuura qulqulluu ni kenna. (Mat. 12:18) ‘Akaakuuwwan firii hafuura Waaqayyoo tokko tokko jireenya koo keessatti argisiisaan jiraa?’ jennee of gaafachuu dandeenya. Isa Yihowaa beekuu kee dura gochaa turte caalaa amma namootatti obsa argisiisaa akka jirtu hubatteettaa? Firii hafuura Waaqayyoo caalaatti argisiisaa yeroo deemtu Yihowaan akka sitti gammadu caalaatti mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Saanduqa, “ Firiin Hafuuraa . . . ” jedhu ilaali.
16. Yihowaan misiraachicha babalʼisuuf eenyufaatti fayyadama? Kunoo maaltu akka sitti dhagaʼamu godha? (1 Tasalonqee 2:4)
16 Yihowaan misiraachicha adaraadhaan kan kenne namoota itti gammaduttidha. (1 Tasalonqee 2:4 dubbisi.) Obboleettiin Joosaliin jedhamtu misiraachicha warra kaanitti himuun ishii faayidaa akkamii akka ishiidhaaf argamsiise hubadhu. Gaaf tokko Joosaliin yeroo hirribaa kaatu baayʼee dhiphattee turte. Akkana jetteetti: “Homaa humna akkan hin qabnee fi gatii akkan hin qabne natti dhagaʼamee ture. Garuu qajeelchituu waanan taʼeef, guyyaa sanatti tajaajiluuf sagantaa baafadheen ture. Kanaafuu, kadhadheen tajaajila baʼe.” Gaaf sana ganama Joosaliin dubartii gaarii Meerii jedhamtuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii qabdu argatte. Jiʼoota muraasa booda Meeriin yeroo Joosaliin balbala ishii rurrukuttetti Waaqayyo akka ishii gargaaru kadhachaa akka turte dubbatte. Joosaliin muuxannoo kanarratti erga xiinxaltee booda, “Akkuma waan Yihowaan ‘Sittan gammada’ naan jedhetti natti dhagaʼame” jetteetti. Dhugaadha, hojii lallabaa keenyaaf deebii gaarii kan kennu nama hunda miti. Taʼus, Yihowaan misiraachicha warra kaanitti himuuf wanta dandeenyu hunda yeroo goonu akka nutti gammadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.
17. Wanta Viikiin furicha ilaalchisee dubbatterraa maal baratte? (Faarfannaa 5:12)
17 Yihowaan gatii furichaarraa akka fayyadaman kan heyyamu namoota itti gammaduufidha. (1 Xim. 2:5, 6) Furicharratti amantii kan qabnuu fi kan cuuphamne yoo taʼellee Yihowaan akka nutti hin gammanne kan nutti dhagaʼamu yoo taʼehoo? Miira nutti dhagaʼamu yeroo hunda amanuu akka hin dandeenyee fi Yihowaa garuu yeroo hunda amanuu akka dandeenyu yaadadhu. Yihowaan namoota furicharratti amantii qaban akka qajeelootti ilaala, isaan eebbisuufis waadaa galeera. (Faarfannaa 5:12 dubbisi; Rom. 3:26) Viikiin furicharratti xiinxaluun ishii ishii fayyadeera. Gaaf tokko furicharratti gadi fageenyaan erga xiinxaltee booda xumura kanarra geesseetti: “Yihowaan yeroo dheeraadhaaf obsa natti argisiiseera. . . . Taʼus, karaa biraatiin, ‘Ati na jaallachuu hin dandeessu. Aarsaan ilma kees cubbuu koo haguuguuf gaʼaa miti’ isaan jechaan ture.” Viikiin qophii furichaarratti yeroo xiinxaltu Yihowaan akka ishii jaallatu ishiitti dhagaʼamuu jalqabe. Nutis furicharratti caalaatti yeroo xiinxallu Yihowaan akka nu jaallatuu fi akka nutti gammadu caalaatti nutti dhagaʼama.
18. Abbaa keenya isa samii jaallachuu keenya yoo itti fufne waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?
18 Gorsa olitti kenname hojiirra oolchuuf carraaqqii guddaa erga goonee boodallee, darbee darbee abdii kutachuu fi Yihowaan kan nutti gammadu taʼuu isaa shakkuu dandeenya. Akkas yoo sitti dhagaʼame, Yihowaan “warra isa jaallachuu isaanii itti [fufanitti]” akka gammadu yaadadhu. (Yaq. 1:12) Kanaafuu, Yihowaatti dhihaachuudhaan akka sitti gammadu kan argisiise akkamitti akka taʼe hubachuuf yaali. “Inni tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo” akka hin taane yeroo hunda yaadadhu.—HoE. 17:27.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
-
Namoonni tokko tokko Yihowaan akka isaanitti hin gammanne kan isaanitti dhagaʼamu maaliif taʼuu dandaʼa?
-
Karaawwan Yihowaan akka nutti gammadu itti argisiise tokko tokko kamfaʼi?
-
Yihowaan akka nutti gammadu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi