Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Dhaqaatii . . . Saba Hundumaa Keessaa Namoota Barattoota Godhaa”

“Dhaqaatii . . . Saba Hundumaa Keessaa Namoota Barattoota Godhaa”

“Dhaqaatii . . . isaan cuuphuudhaan saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.”—MAT. 28:19, 20.

FAARFANNAA: 141, 17

1, 2. Wanta Yesuus Maatewos 24:14 irratti dubbatee wajjin wal qabatee gaaffilee akkamiitu kaʼa?

NAMOONNI yoo nu dhagaʼanis taʼe cimsanii yoo nu morman, nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa gareedhaan hojii lallabaa keenyaan akka beekamnu namoonni hedduun ni amanu. Tarii immoo, tajaajila irratti namoonni wantoota nuti itti amannu irratti kan walii hin galle taʼanis, sababa hojii keenya kanaatiin akka nu kabajan dubbatan si mudatanii taʼuu dandaʼa. Akkuma beekamu, Yesuus misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti akka lallabamu raajii dubbateera. (Mat. 24:14) Haa taʼu malee, hojiin nuti hojjechaa jirru kun raawwii raajii Yesuus dubbatee taʼuu isaa akkamitti beekna? Hojii kana hojjechaa kan jiru nu taʼuu keenya dubbachuun keenya of tuulummaa dhaa?

2 Gareewwan amantii hedduun, Wangeela ykn misiraachoo lallabaa akka jiran itti dhagaʼama. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee lallabni isaanii seenaa mataa isaanii dubbachuu, waldaatti tajaajiluu ykn miidiyaatti, jechuunis televijinii ykn Intarneetiitti fayyadamanii sagantaawwan garaa garaa dabarsuu irratti qofa kan xiyyeeffate dha. Warri kaan immoo hojii tola ooltummaa hojjetan ykn gama yaalii fayyaa fi barumsaatiin wanta hojjetan dubbatu. Wanti kun wanta Yesuus barattoonni isaa akka hojjetan ajajee wajjin yeroo wal bira qabamu maal fakkaata?

3. Akka Maatewos 28:19, 20 jedhutti, duuka buutonni Yesuus wantoota arfan kam raawwachuu qabu?

3 Barattoonni Yesuus callisanii taaʼanii namoonni gara isaanii akka dhufan eeguu qabu turanii? Lakki! Yesuus, duʼaa erga kaʼee booda barattoota isaa dhibbaan lakkaaʼamaniin akkana jedhee ture: “Kanaaf, dhaqaatii . . .  isaan cuuphuudhaan saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.” (Mat. 28:19, 20) Wantoota afur raawwachuu qabna jechuu dha. Barattoota gochuu, cuuphuu fi barsiisuu qabna; wanti nuti jalqaba irratti gochuu qabnu garuu maali dha? Yesuus, “Dhaqaa”! jedhe. Ajaja kanaa wajjin haala wal qabateen, hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko, “Kan deemamu daandii irras taʼe galaana irra, ‘dhaquu’ kan qabu amantoota hunda dha” jedhaniiru.—Mat. 10:7; Luq. 10:3.

4. ‘Namoota kan qabnu’ taʼuun maal dabalata?

4 Yesuus dubbachaa kan ture waaʼee carraaqqii duuka buutonni isaa dhuunfaatti godhanii ti moo, waaʼee duula misiraachicha lallabuuf qindoominaan hojjetamuu ti? Namni tokko “saba hundumaa” bira dhaquu waan hin dandeenyeef, hojii kana hojjechuuf namoonni hedduun gurmaaʼuu qabu. Yesuus akka qurxummiitti ‘namoota kan qaban’ akka taʼan barattoota isaa afeeruun isaa kana argisiisa. (Maatewos 4:18-22 dubbisi.) Malli qurxummii qabuu as irratti ibsame kun, nama kophaa isaa manxaqqootti fayyadamee qurxummii qabuu fi hanga qurxummiin sun dhufee wanta achi irra kaaʼame nyaatutti callisee taaʼee eegu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, saaphana qurxummii ittiin qabanitti fayyadamuu kan gaafatu siʼa taʼu, kun immoo hojii cimaa namoonni hedduun waliin taʼanii hojjetani dha.—Luq. 5:1-11.

5. Gaaffiiwwan arfan kamiif deebii argachuu qabna? Maaliif?

5 Raajii Yesuus dubbate raawwachuudhaan yeroo harʼaatti misiraachicha lallabaa kan jiran eenyu akka taʼan beekuuf, gaaffiiwwan armaan gadii afuriif deebii argachuu qabna:

  • Ergaan hojii lallabaa maal taʼuu qaba?

  • Hojii kana hojjechuuf kan nu kakaasu maal taʼuu qaba?

  • Malawwan akkamiitti fayyadamu qabna?

  • Balʼinni hojii kanaa hammam taʼuu qaba? Hojjetamuu kan qabu hoo hamma yoomiitti?

5Deebiin gaaffiiwwan kanaa, hojii lubbuu baraaru kana hojjechaa kan jiran eenyu akka taʼan beekuuf qofa utuu hin taʼin, murtoo hojicha amanamummaadhaan hojjechuuf goone cimsachuufis nu gargaara.—1 Xim. 4:16.

ERGICHI MAAL TAʼUU QABA?

6. Dhugaa Baatonni Yihowaa ergaa sirrii lallabaa akka jiran mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu maaliifi?

6 Luqaas 4:43 dubbisi. Yesuus kan lallabe “misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” siʼa taʼu, barattoonni isaas kanuma akka godhan irraa eega. Gareen namootaa ergaa kana ‘saba hundumaatti’ lallabaa jiran eenyu? Deebiin isa ifa dha; kana gochaa kan jiran Dhugaa Baatota Yihowaa qofa dha. Namoonni nu morman tokko tokko illee kana ni amanu. Fakkeenyaaf, lubni misiyoonii taʼe tokko biyyoota garaa garaa keessa akka jiraatee fi Dhugaa Baatota biyyoota inni deeme keessa jiraatan ergaan isaan lallaban maal akka taʼe gaafatee akka ture Dhugaa Baatuu tokkotti hime. Deebii akkamiitu isaaf kenname laata? Lubichi, “Hundi isaanii iyyuu, ‘Misiraachoo Mootummichaa’ jedhanii deebii wal fakkaataa naa deebisuudhaan gowwoota taʼuu isaanii argisiisaniiru” jedheera. Dhugaa Baatonni kun garuu “gowwoota” utuu hin taʼin, akkuma Kiristiyaanota dhugaa irraa eegamu tokkummaadhaan dubbachuu isaanii ti. (1 Qor. 1:10) Akkasumas ergaa Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu keessatti argamu dubbachaa turan. Barruun kun afaanota 254n kan maxxanfamu siʼa taʼu, maxxansi tokko giddu galeessaan koppii gara miliyoona 59 taʼuun qophaaʼa; kun immoo barruu addunyaa irratti balʼinaan raabsamu akka taʼu isa godheera.

7. Qeesonni saba Kiristiyaanaa ergaa sirrii lallabaa akka hin jirre akkamitti beekna?

7 Qeesonni saba Kiristiyaanaa Mootummaa Waaqayyoo lallabaa hin jiran. Waaʼee Mootummichaa yoo dubbatan illee, hedduun isaanii Mootummaan kun miira ykn haala garaa Kiristiyaana tokkoo keessa jiru akka taʼetti ibsu. (Luq. 17:21) Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii irra jiru akka taʼee fi Mootiin isaa Yesuus Kiristoos akka taʼe, rakkina ilmaan namootaa hundumaatiif furmaata akka fidu, akkasumas yeroo dhihootti hammeenya hundumaa lafa irraa akka balleessu namoota hin barsiisan. (Mul. 19:11-21) Yesuusiin kan yaadatan iyyuu yeroo ayyaana Qillee fi Faasikaatti dha. Wanta Yesuus Bulchaa lafaa isa haaraa taʼuudhaan raawwatu waan beekan hin fakkaatu. Ergaan lallabuu qaban maal akka taʼe waan hin hubanneef, kakaʼumsa hojiin kun ittiin hojjetamuu qabus hubachuu dhiisuun isaanii nama hin dinqisiisu.

HOJII KANA HOJJECHUUF KAN NU KAKAASU MAAL TAʼUU QABA?

8. Hojii lallabaa hojjechuudhaaf kakaʼumsi sirrii hin taane isa kami?

8 Hojii lallabaa hojjechuuf kan nu kakaasu maal taʼuu qaba? Qarshii sassaabuu fi gamoowwan guguddaa ijaaruu taʼuu hin qabu. Yesuus barattoota isaatiin, “Waan tola fudhattaniif, tola kennaa” jedheera. (Mat. 10:8) Dubbii Waaqayyootiin daldaluu hin qabnu. (2 Qor. 2:17, mil.) Namoonni ergicha lallaban hojii kana hojjechuu isaaniitiin faayidaa dhuunfaa argachuuf yaaluu hin qaban. (Hojii Ergamootaa 20:33-35 dubbisi.) Waldaalee hedduun qajeelfamni ifa taʼe akkanaa utuu jiruu, qarshii sassaabuu fi dinagdee isaanii fooyyeffachuu irratti xiyyeeffatu. Qeesotaa fi hojjettoota qacaraman hedduudhaaf mindaa kaffaluu qabu. Geggeessitoonni saba Kiristiyaanaa hedduun, qabeenya hedduu walitti qabataniiru.—Mul. 17:4, 5.

9. Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii lallabaa irratti kan hirmaatan kakaʼumsa sirriidhaan akka taʼe kan argisiisan akkamitti?

9 Qarshii sassaabuu wajjin haala wal qabateen Dhugaa Baatonni Yihowaa maqaa akkamii qabu? Hojiin isaanii kan deggeramu buusii qarshii fedhiidhaan godhamuuni. (2 Qor. 9:7) Galmawwan Mootummaatti ykn walgaʼiiwwan guguddaa irratti qarshiin hin sassaabamu. Taʼus, Dhugaa Baatonni Yihowaa waggaa darbe qofatti misiraachicha lallabuudhaan saʼaatii biliyoona 1.93 kan dabarsan siʼa taʼu, jiʼa jiʼaan qoʼannaawwan Kitaaba Qulqulluu miliyoona sagalii ol taʼan kaffaltii malee geggeessaniiru. Kan nama dinqisiisu, kaffaltii malee hojicha hojjechuu isaanii qofa utuu hin taʼin, gammachuudhaan baasii mataa isaaniitiin hojjechuu isaanii ti. Qorataan tokko, “Galmi isaanii inni guddaan lallabuu fi barsiisuu dha. . . . Qeesota qarshii isaanii jalaa qisaasanis hin qaban” jechuudhaan waaʼee hojii Dhugaa Baatota Yihowaa dubbataniiru. Hojii kana hojjechuuf kan nu kakaasu maali dha ree? Gabaabumatti, hojii kana fedhiidhaan kan hojjennu Yihowaa fi namoota waan jallannuufi dha. Fedhiidhaan hojjechuun keenya immoo raajiin Faarfannaa 110:3 irratti argamu raawwii isaa akka argatu godha. (Dubbisi.)

MALAWWAN AKKAMIITTI FAYYADAMUU QABNA?

Iddoo namoonni argaman hundatti ni lallabna (Keeyyata 10 ilaali)

10. Yesuusii fi barattoonni isaa mala akkamiitti fayyadamanii lallabaa turan?

10 Yesuusii fi barattoonni isaa misiraachicha lallabuuf malawwan akkamiitti fayyadaman? Daandii irrattis taʼe bakka gabaatti lallabuudhaan, iddoo itti namoota argachuu dandaʼan hunda dhaqaniiru. Hojiin lallabaa, manaa gara manaa deemanii namoota fedhii qaban barbaaduus kan dabalatu dha. (Mat. 10:11; Luq. 8:1; HoE. 5:42; 20:20) Malli akka gaariitti qindaaʼe kun, akka isaan namoota wal hin caalchisne argisiiseera.

11, 12. Misiraachicha lallabuu ilaalchisee carraaqqiin sabni Kiristiyaanaa godhanii fi sabni Yihowaa godhan garaa garummaa akkamii qaba?

11 Waldaaleen saba Kiristiyaanaa hoo gama kanaan yommuu ilaalaman maal fakkaatu? Yeroo baayʼee miseensonni waldaa, hojii lallabaa kam iyyuu qeesonni isaaniif kaffalamu akka hojjetan barbaadu. Qeesonni saba Kiristiyaanaa barattoota haaraa argachuu irratti utuu hin taʼin, barattoota duraan qaban eeggachuu irratti xiyyeeffatu. Dhugaa dha, darbee darbee qeesonni tokko tokko namoota miseensa amantii isaanii hin taaneef wangeela lallabuu irratti akka hirmaatan miseensota isaanii ni jajjabeessu taʼa. Fakkeenyaaf, jalqaba bara 2001⁠tti, Phaaphaasiin Joon Pool Lammaffaan, xalayaa tokko irratti akkana jedhanii turan: “Waggoota darban keessatti, bifa lallabaa haaraa kana irratti akka xiyyeeffannu irra deddeebiʼee dhaamsa dabarsaan ture. Ammas irra deebiʼeen dubbadha . . . akkuma Phaawulos isa, ‘Wangeela yoon lallabuu baadhe anaaf wayyoo’ jedhee dubbatee hinaaffaa cimaa qabaachuu qabna.” Phaaphaasiin kun itti fufuudhaan, ergaan kun garee namootaa ‘adda taʼaniif’ qofa dhiifamuu akka hin qabnee fi miseensonni Saba Waaqayyoo hundi hojii kana hojjechuuf itti gaafatamummaan akka irra jiru’ dubbataniiru. Haa taʼu malee, nama meeqatu dhaamsa kana hojii irra oolche?

12 Seenaan Dhugaa Baatota Yihowaa hoo gama kanaan maal argisiisa? Yesuus Mootii taʼee bulchuu kan jalqabe bara 1914 irraa kaasee akka taʼe kan lallabu isaan qofa dha. Akkuma Yesuus ajaje, hojii lallabaatiif dursa kennu. (Mar. 13:10) Kitaabni Utubaawwan Amantii—Gumiiwwan Ameerikaa fi Miiltoowwan Isaanii (Ingiliffa) jedhamu, “Dhugaa Baatonni Yihowaa waan hunda caalaa hojii lallabaatiif bakka guddaa kennu” jedheera. Qopheessaan barreeffama kanaa wanta Dhugaa Baatuun tokko jedhe caqasuudhaan akkana jedheera: “[Dhugaa Baatonni] namoonni yeroo beelaʼan, kophummaan yeroo itti dhagaʼamuu fi dhukkuba cimaadhaan yeroo qabaman isaan gargaaruuf yaalu, . . . haa taʼu malee, hojiin isaanii inni guddaan ergaa hafuuraa waaʼee badiisa addunyaa dhufaa jiruu fi wanta fayyinaaf barbaachisu dubbachuu akka taʼe hin irraanfatan.” Dhugaa Baatonni Yihowaa, malawwan Yesuusii fi barattoonni isaa fayyadamaa turanitti fayyadamuudhaan ergaa kana lallabuu isaanii itti fufaniiru.

BALʼINNI HOJII KANAA HAMMAM TAʼUU QABA? HOJJETAMUU KAN QABU HOO HAMMA YOOMIITTI?

13. Hojiin lallabaa hammam balʼinaan hojjetamuu qaba?

13 Yesuus, misiraachichi “guutummaa lafaa irratti” akka lallabamu dubbachuudhaan balʼina hojii lallabaa ibseera. (Mat. 24:14) Namoota “saba hundumaa keessaa” barattoota gochuu qabna. (Mat. 28:19, 20) Kun immoo hojicha addunyaa maratti hojjechuu gaafata.

14, 15. Dhugaa Baatonni Yihowaa raajii Yesuus balʼina hojii lallabaa ilaalchisee dubbate akka raawwatan wanti mirkaneessu maali dha? (Fakkiiwwan jalqaba irra jiran ilaali.)

14 Dhugaa Baatonni Yihowaa raajii Yesuus balʼina hojichi itti hojjetamu ilaalchisee dubbate hammam akka raawwatan hubachuuf, odeeffannoowwan tokko tokko haa ilaallu. Gareewwan amantii Yunaayitid Isteetis keessa jiran keessa tilmaamaan qeesonni 600,000 taʼan jiru; biyya sana keessa Dhugaa Baatota Yihowaa gara 1,200,000 taʼantu jira. Waldaan Kaatolikii Roomaa addunyaa maratti qeesota 400,000 ol qabdi. Mee lakkoofsa Dhugaa Baatota Yihowaa hojii lallabaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe raawwatanii immoo ilaali. Addunyaa maratti, tajaajiltoonni gara miliyoona saddeetii taʼan, namoota biyyoota 240 keessa jiraniif fedhaan lallabaa jiru. Hojii dinqisiisaa Yihowaadhaaf ulfina fidutu hojjetamaa jira.—Far. 34:1; 51:15.

15 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, dhumni dhufuu isaa dura hamma dandaʼame namoota baayʼeedhaaf misiraachicha lallabuu barbaadna. Kanaan kan kaʼes, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu hiikuu fi qopheessuu irratti warra kaan irraa adda dha. Kitaabonni, barruuleen, tiraaktonni, akkasumas waraqaawwan afeerrii walgaʼiiwwan guguddaa fi Ayyaana Yaadannoo miliyonaan lakkaaʼaman kaffaltii malee raabsamaniiru. Afaanota 700 ol taʼaniin barreeffamoota adda addaa qopheessineerra. Koppiin Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa miliyoona 200 ol taʼu afaanota 130 oliin qophaaʼeera. Waggaa darbe qofa, tilmaamaan barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu biliyoona 4.5 taʼan qopheessineerra. Weebsaayitii keenya irratti afaanota 750 oliin odeeffannoo argachuun ni dandaʼama. Gareen tajaajiltootaa hojii akkanaa hojjetu kan biraan jiraa?

16. Dhugaa Baatonni Yihowaa hafuura Waaqayyoo akka qaban akkamitti beekna?

16 Hojiin lallabaa dursee dubbatame kun yeroo hammamiitiif tura? Yesuus, hojiin lallabaa addunyaa maratti hojjetamu kun hamma bara dhumaatti akka itti fufuu fi ‘sana booda dhumni akka dhufu’ dubbateera. Gareen amantii kan biraan bara dhumaa kanatti misiraachicha lallabaa jiru jiraa? Namoonni tajaajila irratti nu mudatan tokko tokko, “Hafuura qulqulluu kan qabu nu dha, hojicha hojjechaa kan jiru garuu isini” nuun jedhu taʼa. Maarree, hojicha jabaannee hojjechuun keenya hafuura Waaqayyoo qabaachuu keenyaaf ragaa hin taʼuu? (HoE. 1:8; 1 Phe. 4:14) Yeroo tokko tokko, gareewwan amantii tokko tokko hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo hundumaa hojjetan hojjechuuf yaalu; garuu hin milkaaʼan. Warri kaan immoo yeroo muraasaaf hojii misiyoonummaa irratti kan hirmaatan taʼus, utuu hin turin jireenya isaanii duraaniitti deebiʼu. Kaan immoo manaa gara manaa deemuuf illee ni yaalu taʼa; haa taʼu malee maal lallabu? Deebiin gaaffii kanaa, akka isaan hojii Kiristoos jalqabe hojjechaa hin jirre ifa godha.

YEROO HARʼAATTI DHUGUMAAN MISIRAACHICHA LALLABAA KAN JIRAN EENYU DHA?

17, 18. (a) Yeroo harʼaatti misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabaa kan jiran Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Hojii kana hojjechuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Yeroo harʼaatti dhugumaan misiraachoo Mootummichaa lallabaa kan jiran eenyu dha? Amanannaa guutuudhaan, “Dhugaa Baatota Yihowaa ti” jechuu dandeenya. Mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Ergaa sirrii, jechuunis misiraachoo Mootummichaa lallabaa waan jirruufi dha. Gara namootaa dhaquudhaanis malawwan sirriitti fayyadamaa jirra. Hojii lallabaa kana kan hojjennu qarshii argachuuf utuu hin taʼin, kakaʼumsa sirriidhaan, jechuunis jaalalaan kakaanee ti. Saba hundumaaf, akkasumas namoota afaan garaa garaa dubbataniif waan lallabnuuf hojiin keenya baayʼee balʼaa dha. Kana malees, hamma dhumni dhufutti waggaadhaa hamma waggaatti hojii kana utuu wal irraa hin kutin hojjechuu keenya itti fufna.

18 Yeroo amma keessa jiraachaa jirru kanatti, hojii sabni Waaqayyoo hojjechaa jiran yommuu ilaallu baayʼee dinqisiifanna. Garuu, kun hundi taʼuu kan dandaʼe akkamitti. Phaawulos ergamaan, xalayaa warra Filiphisiyusiif barreesse irratti deebii isaa nuuf kenna. “Waaqayyo wanta isa gammachiisuu wajjin haala wal simuun, fedha akka qabaattanii fi hojiidhaaf akka kakaataniif humna isiniif kenna” jedheera. (Flp. 2:13) Hundi keenya iyyuu, hamma dandeenye carraaqqii gochuu fi tajaajila keenya guutummaatti raawwachuudhaan, Abbaa keenya isa jaalala qabeessa irraa humna argachuu keenya itti haa fufnu. —2 Xim. 4:5.