Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiristiyaanonni walitti dhufeenya abbootii taayitaa wajjin qabaniin qalbii isaanii Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamuu qabu

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Kiristiyaanonni hojjettoota mootummaatiif kennaa ykn tiippii kennuun sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf wanti isaan gargaaru maali dha?

Dhimmoota hedduu irratti yaaduu qabna. Kiristiyaanonni amanamoo taʼuu qabu. Seera Yihowaa wajjin hamma wal hin faallessinetti seera biyya isaanii kabajuuf itti gaafatamummaan irra jira. (Mat. 22:21; Rom. 13:1, 2; Ibr. 13:18) Kana malees, aadaa naannoo isaanii fi miira namootaa kabajuuf, akkasumas ‘nama akka ofii isaaniitti jaallachuuf’ carraaqqii ni godhu. (Mat. 22:39; Rom. 12:17, 18; 1 Tas. 4:11, 12) Kiristiyaanonni biyyoota garaa garaa keessatti argaman, dhugaawwan buʼuuraa akkanaa hojii irra oolchuun isaanii, akkaataa kennaa fi tiippii itti kennan irratti dhiibbaa qabaachuu dandaʼa.

Biyyoota hedduu keessatti, namni tokko wanta mirga isaa taʼe argachuuf hojjettoota mootummaatiif waan tokko iyyuu kennuu hin qabu. Hojjettoonni mootummaa tajaajila kennaniif mootummaa irraa kaffaltii waan argataniif, mindaa isaaniitiin alatti waan tokko iyyuu hin fudhatan ykn akka isaaniif kennamu hin eegan. Biyyoota hedduu keessatti, kennaan isaaniif kenname tajaajila kennan irratti jijjiirama kan hin fidne yoo taʼe illee, hojjettoonni mootummaa tajaajila kennaniif faayidaa kam iyyuu barbaaduu ykn fudhachuun isaanii wanta seeraan ala taʼe dha. Raawwii hojii sanaa irratti dhiibbaa yoo qabaachuu baate illee, kennaa akkanaa fudhachuun akka mattaʼaatti ilaalama. Haala akkanaa keessatti, Kiristiyaanni tokko hojjettoota mootummaatiif kennaa ykn tiippii kennuu kan dandaʼu taʼuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee gaaffiin iyyuu kaʼuu hin qabu. Kennaawwan akkanaa kun sirrii akka hin taane ifa dha.

Haa taʼu malee, hojjettoonni mootummaa biyyoota seerri akkanaa keessatti hin argamne ykn seerri kun ciminaan hojii irra keessatti hin oolle jiraatan hojii hojjetan ilaalchisee kennaa ykn tiippiin isaaniif kennamu dogoggora akka taʼetti hin ilaalan. Biyyoota tokko tokko keessatti, hojjettoonni mootummaa aangoo isaaniitti fayyadamanii, namoota tajaajilamuu dhaqan irraa qarshii ykn kennaawwan kan biraa kan fudhatan taʼuu isaa irra iyyuu, kennaa hin fudhatan taanaan wanta tokko iyyuu hojjechuuf fedhii hin qaban. Kanaafuu, abbootiin taayitaa gaaʼela seera qabeessa godhan, gibira seera qabeessa taʼe sassaaban, ijaarsaaf heyyama kennanii fi hojiiwwan kaan hojjetan tiippii gaafatu. Tiippiin isaaniif hin kennamu taanaan, abbootiin taayitaa kun dhimmi sun ulfaataa akka taʼu gochuuf gufuuwwan garaa garaa uumu; kun immoo lammiileen wanta mirga isaanii taʼe akka hin arganne godha. Biyya tokko keessatti namoonni ibidda dhaamsan duraan dursee tiippiin gaʼaa taʼe isaaniif hin kennamu taanaan ibiddicha dhaamsuu akka hin jalqabne iyyuu gabaafameera.

Yeroo tokko tokko, namni tokko tajaajila mirga isaa taʼe argachuuf dinqisiifannaadhaan kennaa xinnoo kennuun isaa sirrii taʼuu dandaʼa taʼa

Namoonni tokko tokko, iddoowwan sochiiwwan akkanaa keessatti babalʼatanitti tiippii kennuu dhiisuun akka hin dandaʼamne itti dhagaʼama. Haalawwan akkanaa keessatti, Kiristiyaanni tokko tiippii kennuun tajaajila seera qabeessa taʼee fi argachuu qabu tokkoof jecha kaffaltii dabalataa kaffalamu akka taʼetti ilaala taʼa. Naannoowwan malaanmaltummaan keessatti babalʼatetti garuu, Kiristiyaanni tokko akka ilaalcha Waaqayyootti garaagarummaan wanta fudhatama qabuu fi fudhatama hin qabne gidduu jiru akka jalaa wal hin rukunne of eeggachuu qaba. Namni tokko wanta mirga isaa taʼe argachuuf tiippii kennuun isaa waan tokko dha; wanta isaaf hin malle argachuuf barbaaduun immoo waan kan biraa dha. Naannoowwan malaanmaltummaan itti babalʼatetti, namoonni tokko tokko tajaajila isaaniif hin malle argachuuf abbootii taayitaatiif tiippii kennu ykn qorannaan sirrii fi haqa qabeessa taʼe akka isaan irratti hin godhamneef poolisii ykn qorataadhaaf tiippii kennu. Eyyee, akkuma “kennaa” fudhachuudhaan wanta sirrii hin taane raawwachuun dogoggora taʼe, “kennaa” kennuudhaan namni tokko wanta sirrii hin taane akka raawwatu gochuunis dogoggora dha. Gochawwan kun lamaan haqa kan jalʼisani dha.—Bau. 23:8; Kes. 16:19; Fak. 17:23.

Kiristiyaanonni bilchina qaban hedduun qalbiin isaanii Kitaaba Qulqulluudhaan waan leenjiʼeef, yeroo abbootiin taayitaa tiippii isaan gaafatanitti kennuun itti hin tolu. Kana gochuun isaanii malaanmaltummaa deggeruu ykn babalʼisuu akka taʼe itti dhagaʼama. Kanaafuu, kennaa akkamii iyyuu akka kennan yoo gaafataman tole hin jedhan.

Kiristiyaanonni bilchina qaban seeraan ala waan tokko argachuuf kennaa kennuun mattaʼaa wajjin tokko taʼuu akka dandaʼu kan hubatan taʼus, wanta mirga isaanii taʼe argachuuf ykn dhimmi isaanii akka jalaa hin turre gochuuf haalawwan naannoo isaanii ykn miira namootaa irratti hundaaʼanii kennaa muraasa kennuu dandaʼu taʼa. Gama biraatiin, Kiristiyaanonni tokko tokko kaffaltii malee hospitaala mootummaatti erga walʼaanamanii booda doktoorota ykn narsoota galateeffachuuf kennaa isaaniif kennu. Kana gochuu kan jaallatan yaalamuu isaanii dura utuu hin taʼin erga yaalamanii booda dha; kanaafuu kennaan kun akka mattaʼaatti ykn akka kennaa yaalii fayyaa filatamaa taʼe argachuuf kennamutti ilaalamuu hin dandaʼu.

Haala biyyoota hunda keessatti uumamuu dandaʼu hunda as irratti caqasuun hin dandaʼamu. Haa taʼu malee Kiristiyaanonni, haalli naannoo isaaniitti baramaa taʼe maal iyyuu yoo taʼe, wanta gochuu qaban yeroo murteessanitti wanta yeroo booda qalbii qulqulluu akka qabaatan godhu hordofuu qabu. (Rom. 14:1-6) Gochawwan seeraan ala taʼan irraa fagaachuu qabu. (Rom. 13:1-7) Gochawwan maqaa Yihowaa arrabsiisuu ykn warra kaan gufachiisuu dandaʼan kam irraa iyyuu fagaachuu qabu. (Mat. 6:9; 1 Qor. 10:32) Akkasumas, murtoon isaan godhan namoota akka jaallatan kan argisiisu taʼuu qaba.—Mar. 12:31.

Yeroo namni gumiidhaa baafame tokko deebiʼuu isaa beeksisni himamu, gumichi gammachuu isaa ibsuu kan dandaʼu akkamitti?

Luqaas boqonnaa 15 irratti, nama tuuta hoolotaa 100 qabu ilaalchisee fakkeenya guddaa Yesuus dubbate argina. Namni kun yeroo hoolaan tokko baddu, hoolaa badde sana ‘hamma argatutti,’ 99n isaanii lafa onaa keessatti dhisee deeme. Yesuus itti fufuudhaan: “Yeroo ishii argatus, gammadee gatiittii isaa irratti ishii baata. Yommuu mana gaʼus, michoota isaa fi ollaawwan isaa walitti waamee, ‘Hoolaa koo ishii ana jalaa badde waanan argadheef, anaa wajjin gammadaa’ isaaniin jedha.” Dhumarrattis, Yesuus akkana jedhe: “Ani isiniin nan jedha, haaluma wal fakkaatuun namoota qajeeloo 99 yaada geddarachuun isaan hin barbaachisne caalaa, cubbamaa yaada geddarate tokkotti samii irratti gammachuu guddaan ni taʼa.”—Luq. 15:4-7.

Yaada naannoo caqasa kanaa jiru irraa akka hubannutti, Yesuus kana kan dubbate, ilaalcha barsiisota seeraa fi Fariisotaa warra Yesuus warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin taʼuu isaatiin isa ceephaʼanii sirreessuuf ture. (Luq. 15:1-3) Yesuus namni cubbamaan tokko yeroo yaada geddaratu samii irratti gammachuu guddaan akka taʼu dubbateera. Akkana jenne gaafanna taʼa: ‘Samii irra erga gammachuun jiraatee, yeroo cubbamaan tokko yaada geddaratuu fi daandii sirrii hin taane dhiisee miilla isaatiif daandii qajeelaa qopheeffatu, lafa irrattis gammachuun jiraachuu hin qabuu ree?’—Ibr. 12:13.

Namni tokko yeroo gumiitti deebiʼu sababa gaarii itti gammadnu qabna. Namni kun amanamummaa Waaqayyoof qabu eeguu isaa itti fufuu kan qabu taʼus, gumiitti deebiʼuuf yaada geddarachuu qaba ture; kana gochuun isaa immoo nu gammachiisa. Kanaaf, yeroo namni tokko gara gumiitti deebiʼuu isaa jaarsoliin beeksisa himan, dhaggeeffattoonni yoo barbaadan karaa kabaja qabuun harkaa rukuchuu dandaʼu.

Bishaan kuufamaan Beetazaataa jedhamu, ‘akka raafamu’ wanti godhu maal ture?

Jiraattonni Yerusaalem bara Yesuusitti turan tokko tokko, bishaan kuufamaan Beetazaataa jedhamu yommuu ‘raafamutti’ humna fayyisuu akka qabu amanu turan. (Yoh. 5:1-7) Kanaan kan kaʼes, namoonni fayyuu barbaadan achitti walitti qabamu turan.

Bishaan kuufamaan kun akka hin hirʼanneef, iddoo bishaan itti kuufamuu fi isa bira jiru keessaa yeroo yerootti bishaan itti naqama ture. Qorannaan iddoo kana irratti godhame akka mulʼisutti, kuufama bishaanii kana lamaan gidduu hidhaa tokkotu jira ture. Bishaan iddoo itti kuufamuu gara iddoo itti dhiqataniitti jalaan boʼoo keessaan akka yaaʼu gochuuf balballi xinnoon hidhaa kana irra jiru ni banama ture. Bishaan yeroo itti namʼu kanatti, bishaan iddoo kuufamaa kana jiru akka raafamu beekamaa dha.

Yaadni Yohaannis 5:4 irratti argamuu fi maleekaan tokko bishaanicha akka raasu dubbatu, barreeffamoota Giriikii iddoo guddaa qaban kan akka Koodeeksii Siinaayitiikas isa jaarraa arfaffaatti barreeffamee irratti hin argamu. Haa taʼu malee, Yesuus Beetazaataatti nama waggaa 38f dhukkubsachaa ture tokko fayyiseera. Namichi utuu bishaan kuufamaa sana keessa hin seenin yeruma sana fayyeera.