Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Murtoowwan Dhuunfaa kan Gootan Akkamitti?

Murtoowwan Dhuunfaa kan Gootan Akkamitti?

“Fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu keessan itti fufaa.”—EFE. 5:17.

FAARFANNAA: 11, 22

1. Seerawwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran tokko tokko kam faʼi? Seerawwan kanaaf ajajamuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

YIHOWAAN Dubbii isaatti fayyadamuudhaan ajaja hedduu kallattiidhaan nuu kenneera. Fakkeenyaaf, ejja, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu, hannaa fi machii ni dhowwa. (1 Qor. 6:9, 10) Dabalataanis, Ilma Waaqayyoo kan taʼe Yesuus Kiristoos ajaja ulfaataa taʼus, gammachiisaa taʼe kana duuka buutota isaatiif kenneera: “Dhaqaatii maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphuudhaan saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira.” (Mat. 28:19, 20) Seerrii fi ajajni Waaqayyoo eegumsa nuuf taʼa. Seerawwan kana hojii irra oolchuun, kabaja ofiif qabnu nuu dabala, fayyaa gaarii akka qabaannu godha, akkasumas gammachuu maatii keenyaa dabala. Hunda caalaa immoo, ajaja hojii lallabaa irratti akka hirmaannuuf nuu kenname dabalatee ajajawwan Yihowaatiif amanamummaadhaan ajajamuun keenya isa duratti fudhatama akka argannuu fi eebba isaa akka argannu godha.

2, 3. (a) Wantoota jireenya keenya keessatti nu mudatan hundaaf Kitaabni Qulqulluun seera kan hin kennine maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kam ilaalla? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

2 Haa taʼu malee, haalawwan Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan ajaja itti hin kennine hedduun jiru. Fakkeenyaaf, akkaataan uffannaa Kiristiyaanotaaf sirrii taʼe isa kam akka taʼe balʼinaan Kitaaba Qulqulluu keessatti hin ibsamne. Kun ogummaa Yihowaa kan mulʼisu akkamitti? Akkaataan uffannaa fi barsiifanni, biyyaa biyyatti qofa utuu hin taʼin, bara tokkoo isa kaanittis garaa garummaa qaba. Kitaabni Qulqulluun akkaataa uffannaa keenyaa fi akkaataa itti of miidhagsinu tokko tokkoon tarreessa utuu taʼee, qajeelfamni inni gama kanaan kennu yeroo ammaatti kan yeroon itti darbe taʼa ture. Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo geggeessaa hafuura isaatiin barreeffame hojii, yaalii fayyaa fi bashannana Kiristiyaanni tokko filachuu qabu ilaalchisee seera hedduu hin kennu. Kanaa mannaa, dhimma kana ilaalchisee mataawwan maatii fi namoonni kaan ofii isaaniitiin murtoo gochuuf mirga qabu.

3 Kana jechuun garuu, murtoo cimaan nuti goonu tokko tokko jireenya keenya irratti dhiibbaa guddaa kan geessisu yoo taʼe iyyuu, Yihowaan dhimma hin qabu jechuu dhaa? Murtoon nuti goonu Seera Kitaaba Qulqulluu kan nu cabsiisu hamma hin taanetti, abbaa keenya isa samii biratti fudhatama qabaa? Yeroo kallattiidhaan seerri hin kennamnetti, filannoowwan Yihowaa gammachiisan beekuu kan dandeenyu akkamitti?

MURTOOWWAN DHUUNFAATTI GOONU JIJJIIRAMA NI FIDUU?

4, 5. Murtoon nuti goonu nuunis taʼe warra kaan kan tuqu akkamitti?

4 Namoonni tokko tokko, wantoonni nuti gochuu filannu jijjiirama akka hin fidne itti dhagaʼama taʼa. Taʼus, murtoowwan Yihowaa gammachiisan gochuudhaaf seerawwanii fi dhugaawwan buʼuuraa Dubbii isaa keessatti argaman qoruu fi hojii irra oolchuu qabna. Fakkeenyaaf, Waaqayyo biratti fudhatama argachuudhaaf seera inni dhiiga ilaalchisee baase eeguu qabna. (Uma. 9:4; HoE. 15:28, 29) Murtoo dhugaawwan buʼuuraa fi seerawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe gochuuf kadhannaan nu gargaara.

5 Murtoowwan guguddaan, nageenya hafuuraa keenya irratti dhiibbaa qabaachuu dandaʼu. Filannoon nuti goonu hundi walitti dhufeenya nuti Yihowaa wajjin qabnu irratti dhiibbaa gaarii ykn gadhee geessisuu dandaʼa. Murtoo gaariin walitti dhufeenya nuti Waaqayyoo wajjin qabnu kan nuu cimsu siʼa taʼu, murtoo gadheen immoo walitti dhufeenya kana balleessa. Hunda caalaa immoo, murtoon sirrii hin taane namoota kaan jeequudhaan ykn isaan gufachiisuudhaan, akkasumas tokkummaa gumii diiguudhaan nageenya hafuuraa isaanii kan miidhu taʼuu dandaʼa. Dhuguma iyyuu, murtoon nuti goonu jijjiirama ni fida.—Roomaa 14:19; Galaatiyaa 6:7 dubbisi.

6. Murtoowwan goonu maal irratti kan hundaaʼan taʼuu qabu?

6 Haalawwan kallattiidhaan ajajni Kitaaba Qulqulluu irratti hin kennamne yeroo nu mudatanitti maal gochuu qabna? Yeroo akkanaatti, dhimmicha gadi fageenyaan qoruu fi wanta nutti tolu irratti utuu hin taʼin, wanta Yihowaa biratti fudhatama qabuu fi eebba argamsiisu irratti hundaaʼuudhaan filannoo gochuu kan qabu nu dha.—Faarfannaa 37:5 dubbisi.

FEDHII YIHOWAA HUBADHAA

7. Yeroo Kitaabni Qulqulluun seera hin kenninetti, dhimma tokko ilaalchisee wanta Yihowaan nu irraa barbaadu beekuu kan dandeenyu akkamitti?

7 ‘Dubbiin isaa dhimma tokko ilaalchisee kallattiidhaan qajeelfama hin kennu yoo taʼe, wanta Yihowaa biratti fudhatama qabu akkamitti beekuu dandeenya?’ jettee gaafatta taʼa. Efesoon 5:17, “Fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu keessan itti fufaa” jedha. Yeroo Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan seera hin kenninetti, fedhii Waaqayyoo hubachuu kan dandeenyu akkamitti? Isa kadhachuu fi qajeelfama inni karaa hafuura qulqulluu nuu kennu fudhachuudhaan kana gochuu dandeenya.

8. Yesuus wanta Yihowaan isa irraa barbaadu kan hubate akkamitti? Fakkeenya kenni.

8 Yesuus, wanta Abbaan isaa irraa barbaadu akkamitti akka hubate ilaali. Siʼa lama, dura erga kadhatee booda namoota hedduudhaaf dinqiidhaan nyaata akka kenne galmeeffameera. (Mat. 14:17-20; 15:34-37) Taʼus, lafa onaa keessatti yeroo inni beelaʼee jirutti Diyaabilos dhagaa gara daabbootti akka jijjiiru yeroo isa gaafatetti dideera. (Maatewos 4:2-4 dubbisi.) Yesuus, ilaalcha Abbaa isaa akka gaariitti waan beekuuf, dhagaa sana gara daabbootti jijjiiruu akka hin qabne beeka ture. Eeyyee, Yesuus ofiif jedhee humna akkanaatti fayyadamuun isaa fedhii Waaqayyoo akka hin taane hubatee ture. Kana gochuu diduudhaan, Yihowaan qajeelfamaa fi nyaata akka isaaf kennu amanannaa akka qabu argisiiseera.

9, 10. Murtoowwan sirrii gochuuf wanti nu gargaaru maali dha? Fakkeenyaan ibsi.

9 Akkuma Yesuus murtoo sirrii gochuu yoo barbaadne, Yihowaan qajeelfama akka nuuf kennu amanuu qabna. Gorsa gaarii armaan gaditti argamuu wajjin haala wal simuun jiraachuu qabna: “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha. Ani ogummaa qaba ofiin hin jedhin; Waaqayyoon sodaadhu, wanta hamaattiis fagaadhu!” (Fak. 3:5-7) Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan ilaalcha Yihowaa beekuun keenya, haala taʼe tokko keessatti wanta Waaqayyo nu irraa barbaadu hubachuuf nu gargaara. Hammuma yaada Yihowaa beekne, seera isaa garaa keenya keessa kaaʼanna.—Er. 31:33.

10 Kana fakkeenyaan ibsuuf: dubartiin abbaa manaa qabdu tokko waa bitaa jirti haa jennu. Kophee baayʼee bareedu tokko argiti; garuu gatiin isaa baayʼee miʼaa dha. Kanaafuu, ‘Qarshii kana hunda baasee yoon bite abbaa manaa kootti maaltu dhagaʼama?’ jettee yaaddi. Abbaan manaa ishii yoo bira jiraachuu baate illee maaltu akka itti dhagaʼamu akka beektu hin shakkisiisu. Akkamitti beekuu dandeesse? Yeroo dheeraadhaaf baajeta isaanii muraasa taʼe ilaalchisee ilaalcha inni qabu waan beektuufi dha. Kanaafuu, yoo ishiin kophee sana bitte abbaan manaa ishii maal akka yaadu hubatteetti jechuu dha. Haaluma wal fakkaatuun, yaada Yihowaa fi karaa isaa hubachaa yommuu deemnu, wanta Abbaan keenya inni samii haalawwan garaa garaa keessatti nu irraa barbaadu hubachuuf dandeettii qabnu nuuf guddisa.

ILAALCHA YIHOWAA BEEKUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

11. Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnu ykn yeroo qoʼannutti gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu dandeenya? (Saanduqa “ Yeroo Dubbii Waaqayyoo Qoʼattu, Akkana Jedhii Of Gaafadhu” jedhu ilaali.)

11 Ilaalcha Yihowaa akka gaariitti beekuuf, qoʼannaa dhuunfaatiif dursa kennuu qabna. Dubbii Waaqayyoo yommuu dubbisnu ykn yommuu qoʼannu, ‘Barumsi kun waaʼee Yihowaa, waaʼee daandii isaa isa qajeelaa fi waaʼee ilaalcha isaa maal mulʼisa?’ jennee of gaafachuu dandeenya. Ilaalcha akka Daawit isa akkana jedhee faarfatee qabaachuu qabna: “Yaa Waaqayyo, karaa kee akkan beeku godhi, daandii kees na barsiisi! Dhugaa keetiin na geggeessi, na barsiisis! Ati Waaqayyo isa na fayyisu waan taateef, ani guyyaa hundumaa sin eeggadha.” (Far. 25:4, 5) Caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti yeroo xiinxaltu gaaffiiwwan kan akka armaan gadii irratti yaaduu dandeessa: ‘Barumsa kana maatii koo keessatti hojii irra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti? Eessattan hojii irra oolchuu dandaʼa? Manattii? Bakka hojiittii? Mana barumsaattii? Moo tajaajila irratti?’ Wanta dubbisne eessatti hojii irra oolchuu akka qabnu yoo murteessine, akkamitti akka hojii irra oolchinu hubachuun nuuf salphata.

12. Barreeffamoonnii fi walgaʼiiwwan keenya ilaalcha Yihowaan dhimmawwan tokko tokko irratti qabu beekuuf kan nu gargaaran akkamitti?

12 Karaa kan biraan ilaalcha Yihowaa beekuuf nu gargaaru immoo, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu karaa jaarmiyaa isaa kennamuuf xiyyeeffannaa kennuu dha. Fakkeenyaaf, Barreeffamni Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa fi LAAYIBIRARIIN INTARNEETII IRRAA, haalawwan murtoo dhuunfaa gochuu gaafatan hedduu irratti ilaalcha Yihowaa barachuuf nu gargaaru. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti akka gaariitti dhaggeeffachuudhaan akkasumas hirmaannaa gochuudhaan faayidaa guddaa argachuu dandeenya. Wanta barachaa jirru irratti xiinxaluun keenya, ilaalcha Yihowaa akka gaariitti hubachuu fi ilaalcha isaa kan mataa keenyaa godhachuuf nu gargaara. Nyaatawwan hafuuraa Yihowaan nuu kennutti akka gaariitti fayyadamuudhaan, daandii isaa caalaatti hubachaa deemuu dandeenya. Kana yoo goone, murtoowwan eebba Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼee nuuf argamsiisan gochuu dandeenya.

MURTOON KEESSAN ILAALCHA YIHOWAATIIN KAN GEGGEEFFAMU HAA TAʼU

13. Ilaalcha Yihowaa beekuun keenya murtoo sirrii gochuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe fakkeenya argisiisu ibsi.

13 Yaada Yihowaa beekuun murtoo sirrii gochuuf akka nu gargaaru fakkeenya argisiisu tokko ilaali. Babalʼistoota Mootummichaa waan taaneef, qajeelchaa yeroo hundaa taanee tajaajila yeroo guutuu keessa galuu barbaadna taʼa. Galma kana irra gaʼuuf immoo, jireenya keenya salphisuuf tarkaanfii fudhachuu jalqabna. Taʼus, waan xinnoo qofa qabaachuudhaan gammachuu dhugaa argachuun kan dandaʼamu taʼuun isaa nu shakkisiisa taʼa. Ajajni Kitaaba Qulqulluu qajeelchaa akka taanu ajaju akka hin jirre beekamaa dha; babalʼistoota amanamoo taanee Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu dandeenya. Haa taʼu malee, Yesuus namoonni Mootummichaaf jecha aarsaa kaffalan eebba hedduu akka argatan mirkaneesseera. (Luqaas 18:29, 30 dubbisi.) Kana malees akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti, Yihowaan ‘galata akka aarsaatti jaallannee isaaf dhiheessinutti,’ akkasumas waaqeffannaa dhugaa babalʼisuuf wanta dandeenye gammachuudhaan gochuu keenyatti ni gammada. (Far. 119:108; 2 Qor. 9:7) Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan kunii fi kadhannaan qajeelfama argachuuf dhiheessinu, ilaalcha Yihowaa akka beeknu nu hin gargaaranii ree? Yaadawwan kana irratti xiinxaluun keenya, murtoo nu fayyaduu fi eebba Abbaa keenya isa samii nuuf argamsiisu gochuuf nu gargaaruu dandaʼa.

14. Akkaataan uffannaa tokko Yihowaa kan gammachiisu taʼuu fi dhiisuu isaa beekuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Fakkeenya kan biraa haa ilaallu: akkaataa uffannaa namoota gumii keessa jiran tokko tokkotti toluu dhiisuu dandaʼu hordofuu barbaadde haa jennu. Taʼus, seerri Kitaaba Qulqulluu kallattiidhaan wanta kana dhowwu akka hin jirre beekta taʼa. Dhimma kana ilaalchisee yaadni Yihowaa maali dha? Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee gorsa armaan gadii kenneera: “Dubartoonnis shurrubbaa dhaʼachuu fi warqii yookiin callee yookiin uffata gatii guddaa qabuun utuu hin taʼin, maal naan jedhuu fi hubannaadhaan uffata sirrii taʼe uffachuudhaan of haa miidhagsan; dubartoota Waaqayyoof bulleerra jedhaniif akka taʼutti hojii gaariidhaan of haa miidhagsan.” (1 Xim. 2:9, 10) Dhugaan buʼuuraa kun, dhiirota Kiristiyaana taʼaniifis qixxuma hojjeta. Tajaajiltoota Yihowaadhaaf bulle waan taaneef, waaʼee filannoo keenyaa qofa utuu hin taʼin, dhiibbaa akkaataan uffannaa fi akkaataan itti of miidhagsinu namoota kaan irratti geessisus ni yaadna. Kan gad of qabnuu fi jaalala kan qabnu yoo taane, yaadni obboloota keenyaa akka hin hihhiramnee fi akka isaan hin aarre gochuuf ilaalcha isaanii tilmaama keessa galchina. (1 Qor. 10:23, 24; Filp. 3:17) Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu yaadachuun keenya ilaalcha Yihowaan dhimma kana ilaalchisee qabu hubachuu fi murtoo isa gammachiisu gochuuf nu gargaara.

15, 16. (a) Gochawwan halalummaa irratti xiinxaluu keenya yoo itti fufne Yihowaatti maaltu dhagaʼama? (b) Bohaartii yeroo filannutti wanta Yihowaa gammachiisu beekuu kan dandeenyu akkamitti? (c) Murtoowwan guguddaan godhamuu kan qaban akkamitti?

15 Yihowaan, namoonni daandii gadhee irra yeroo deddeebiʼanii fi ‘wanti isaan guyyaa hundumaa garaa isaaniitti yaadan hundi jalʼaa’ yeroo taʼu akka gaddu Kitaabni Qulqulluun ni dubbata. (Uumama 6:5, 6 dubbisi.) Kana irraa kaʼuudhaan, gochawwan halalummaa irratti xiinxaluun cubbuu cimaa Kitaabni Qulqulluun dhorkutti waan nama geessuuf, akkasumas yaada Yihowaa wajjin kan wal hin simne waan taʼeef dogoggora akka taʼe hubachuu dandeenya. Yaaqoob baratichi akkana jedheera: “Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . , hundumaa dura qulqulluu dha, achiis naga qabeessa, tole kan jedhu, ajajamuuf kan qophaaʼe, gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame, kan hin loognee fi kan hin fakkeessine dha.” (Yaq. 3:17) Kana beekuun keenya, bashannanawwan yaadaa fi fedhii xuraaʼaa nu keessatti guddisan irraa akka fagaannu nu kakaasuu qaba. Kiristiyaanonni hubatoo taʼan kitaaba, fiilmii ykn tapha viidiyoo wanta Yihowaan jibbu qabatetti bohaaruun sirrii taʼuu ykn dhiisuu isaa warra kaan gaafachuun isaan hin barbaachisu. Dhimmawwan kana ilaalchisee ilaalchi Yihowaan qabu, Dubbii isaa keessatti ifa taʼeera.

16 Murtoon dhimmawwan tokko tokko ilaalchisee goonu maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaa kan gammachiisu taʼuu dandaʼa. Yeroo murtoowwan ciccimoo taʼan goonutti garuu, siʼa tokko tokko jaarsolii ykn Kiristiyaanota muuxannoo qaban kaan gorsa gaafachuun gaarii dha. (Tit. 2:3-5; Yaq. 5:13-15) Warri kaan murtoo akka nuuf godhan gaafachuun sirrii akka hin taane beekamaa dha. Kiristiyaanonni dandeettii hubannaa isaanii leenjisuu fi hojjechiisuu qabu. (Ibr. 5:14) Hundi keenya iyyuu yaada Phaawulos, “Namni hundi baʼaa itti gaafatamummaa isaa baata” jechuudhaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee dubbatee wajjin wal simnee jiraachuu qabna.—Gal. 6:5, mil.

17. Murtoowwan Yihowaa gammachiisan gochuudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Yaada Yihowaa irratti hundoofnee murtoo kan goonu yoo taʼe caalaatti isatti dhihaanna. (Yaq. 4:8) Isa biratti fudhatama arganna, akkasumas eebba isaa arganna. Kun immoo, amantii Abbaa keenya isa samii irratti qabnu nuuf cimsa. Kanaafuu, ilaalcha Waaqayyo qabu waan mulʼisaniif, seerawwanii fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin haa geggeeffamnu. Dhugaa dha, yeroo hundumaa wanti haaraan waaʼee Yihowaa barannu jira. (Iyo. 26:14) Haa taʼu malee, carraaqqii cimaa gochuudhaan ogummaa, beekumsaa fi hubannaa murtoo sirrii gochuuf nu gargaaru argachuu dandeenya. (Fak. 2:1-5) Yaadnii fi karoorri ilmaan namootaa dhaabbataa miti; Yihowaan garuu hin jijjiiramu. Faarfatichi akkana jedheera: “[“Murtoon,” NW] Waaqayyoo garuu bara baraan in dhaabata, yaadni garaa isaas dhalootaa hamma dhalootaatti in hojjeta.” (Far. 33:11) Yaadni keenyaa fi gochi keenya yaada Waaqa keenya isa ogeessa taʼee wajjin kan wal simu yoo taʼe, murtoo dhunfaa gaarii taʼe gochuu dandeenya.