Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

“Warra Hojichi Imaanaadhaan Itti Kennameef”

“Warra Hojichi Imaanaadhaan Itti Kennameef”

GUYYOOTA hedduudhaaf bubbisaa fi roobaa erga turee booda, Wiixata, Fulbaana 1, 1919 guyyaan isaa hoʼa kan ture siʼa taʼu, aduunis akka gaariitti baatee turte. Guyyaa sana waaree booda, walgaʼii guddaa Seedaar Pooyinti Ohaayoo Yunaayitid Isteetisitti godhamu irratti argamuuf, galma namoota 2,500 qabatu keessatti sagantaa jalqabaa irratti namoonni 1,000 hin guunne argamanii turan. Gara galgalaa immoo namoonni dabalataa 2,000 taʼan bidiruudhaan, konkolaataadhaan, akkasumas baaburoota adda taʼaniin dhufan. Gaafa Kibxataa, lakkoofsi namootaa baayʼee waan dabaleef sagantaan walgaʼichaa sana booda jiru mukoota guguddaa jalatti geggeeffamuu qaba ture.

Ifti aduu baala mukoota sanaa keessaan kootii dhiirotaa irratti yeroo baʼu daantelii fakkaata ture. Qilleensi laga Iirii jedhamu irraa dhufu immoo baarneexaa dubartootaa baallee qabu sosochoosa ture. Obboleessi tokko akkana jedheera: “Naannoo gammachiisaan bakka bashannanaa fakkaatuu fi sagaleen addunyaa moofaa kanaa keessatti hin dhagaʼamne sun dhuguma jannata ture.”

Gammachuun fuula namoota achitti argaman sanaa irraa mulʼatu garuu bareedina naannichaa irra ni caala ture. Gaazexaan biyyichaa tokko, “Hundi isaanii Waaqayyoof kan bulan fakkaatu; garuu gammachuu hammana hin jedhamne qabu” jedheera. Yeroo waraanichaatti mormiin jira ture; gumiiwwan keessatti garaagarummaa guddaan uumamee ture; Betʼel inni Biruukiliin cufamee ture; obboloota itti gaafatamummaa qaban saddeet warra hidhaan hamma waggaa 20 itti murteeffame dabalatee, namoonni hedduun Mootummaa Waaqayyootiif jecha hidhamanii turan. Keessumaa yeroo qorumsaa waggoota muraasa dura ture kana booda, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu obboloota isaanii wajjin taʼuun isaanii baayʼee isaan gammachiisee ture. *

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko waggoota rakkisaa sanatti abdii waan kutatanii fi waan burjaajaʼaniif dhugaa baʼuu dhiisanii turan. Obboloonni hedduun garuu, mormii cimaa abbootiin taayitaa irraan gaʼan dandaʼanii dhaabataniiru. Fakkeenyaaf yeroo tokko, qorataan tokko Barattoonni Kitaaba Qulqulluu inni qorate, akeekkachiisni cimaan yoo kennameef iyyuu “dubbii Waaqayyoo lallabuu isaanii hamma dhumaatti akka itti fufan” dubbachuu isaanii gabaaseera.

Yeroo qorumsaa kana hundatti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu amanamoo taʼan “geggeessaa Gooftaan isaaniif godhu hordofaa, . . . qajeelfama Abbaa argachuuf yeroo hunda kadhachaa” turan. Walgaʼii gammachiisaa Seedaar Pooyintitti godhamu irratti argamuuf yeroo dhufanitti deebiʼanii wal argan. Obboleettiin tokko, ‘sochii isaanii guddisuudhaan karaa gurmaaʼina qabuun tajaajiluu kan jalqaban’ akkamitti akka taʼe ishii yaaddessee ture; kun immoo miira obboloota hedduutti dhagaʼamu ture. Waan kam iyyuu caalaa hojicha jalqabuu barbaadu turan.

“GA”​—MEESHAA HAARAA!

Keessummoonni walgaʼichaaf dhufan, qubeen “GA” jedhu inni sagantaa walgaʼichaa irratti, kaardii simannaa irratti, akkasumas mallattoowwan bakka walgaʼichaa jiran irratti barreeffame, torban sana guutuu gaaffii isaanitti uumee ture. Guyyaa Jimaataa isa “Guyyaa Hojjettoota Gargaartota Taʼanii” jedhamee beekamutti, Joseef Raazarfordi dhuma irratti wanta namoota 6,000⁠tti gaaffii taʼe sana ifa godhe. Qubeen “GA” jedhu, barreeffama haaraa the Golden Age [Bara Gaarii] jedhamuu fi tajaajilaaf gargaaru bakka buʼa ture. *

Obboleessi keenya Raazarfordi, waaʼee Kiristiyaanota akkuma isaa dibamoo taʼanii yeroo dubbatu akkana jedheera: “Yeroon isaa rakkisaa taʼus, amantii waan qabaniif, Bara Gaarii bulchiinsa Masiihichaa isa ulfina qabeessa taʼe jalatti argamu ni ilaalu. . . . Barri Gaariin akka dhufu addunyaatti beeksisuu, akka hojii isaanii isa guddaattii fi akka mirga guddaatti ilaalu. Kun hojii Waaqayyo isaaniif kenne keessaa isa tokko dha.”

Barruun the Golden Age jedhamu “Barruu Haqaa, Barruu Dhugaa fi Barruu Amantii” duula manaa gara manaatti deemnee namoota maamiltoota barruu kanaa taʼan argachuuf goonuun, karaa haaraa dhugaa babalʼisuuf itti fayyadamnu taʼee ture. Hammam isaanii hojii kana hojjechuu akka barbaadan yeroo gaafataman, dhaggeeffattoonni hundinuu kaʼanii dhaabatan. Achii, “miira hoʼaa fi hinaaffaa namoonni faana Yesuus duukaa buʼan qofti argisiisaniin” faarfannaa, “Yaa Gooftaa, ifaa fi dhugaa ergi” jedhu faarfatan. Jaj Nooriis, “Hamma mukoonni raafamanitti faarfannee akka turre nan yaadadha” jedheera.

Sagantichi erga xumuramee booda, namoonni walgaʼicha irratti argaman maamiltoota jalqabaa taʼuudhaan barruu sana fudhachuuf saʼaatii hedduudhaaf hiriiran. Baayʼeen isaanii akkuma Meebal Fiilbiriik ishii, “Ammas hojii hojjennu akka qabnu beekuun baayʼee kan nama gammachiisu ture!” jettee isaanitti dhagaʼama ture.

“WARRA HOJICHI IMAANAADHAAN ITTI KENNAMEEF”

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu 7,000 taʼan tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼoo turan. Waraqaan Organization Method (Mala Jaarmiyaa) jedhamuu fi buukleetiin To Whom the Work Is Entrusted (Warra Hojichi Imaanaadhaan Itti Kennameef) jedhamu akkana jechuudhaan ibseera: Hojicha kan geggeessu Kutaa Tajaajilaa haaraa waajjira muummeetti argamu dha. Gumii keessatti Koreen Tajaajilaa hundeeffamuu kan qabu siʼa taʼu, qajeelfama akka dabarsuuf daayireektarri muudamuu qaba. Naannoowwan tajaajilaa, kutaawwan manneen 150 hanga 200 qabatanitti hihhiramuu qabu. Obboloonni muuxannoo akka walii hiranii fi gabaasa tajaajilaa akka deebisaniif Kamisa galgala Walgaʼiin Tajaajilaa ni geggeeffama.

Heerman Fiilbirik, “Gara biyya biyya keenyaatti erga deebinee booda, hundi keenya hojii maamila gochuutiin qabamnee turre” jedheera. Iddoo hundumaatti iyyuu namoonni isaan dhagaʼu turan. Biiyulaa Kooviin, “Waraannii fi gaddi hedduun erga darbee booda, namni hundi yaada bara gaarii ilaalchisee dubbatamu dhagaʼuuf illee fedhii kan qabu fakkaata” jetteetti. Aartar Kiloos, “Guutummaan gumii namoonni maamila barruulee taʼan hedduun argamuu isaaniitti baayʼee ajaaʼibsiifateera” jedhee barreesseera. Barruun the Golden Age jedhamu maxxansi isaa inni jalqabaa jiʼa lama gidduutti gara miliyoona walakkaa kan taʼu kan raabsame siʼa taʼu, namoonni gara 50,000 taʼan maamila barruu kanaa taʼaniiru.

Mata duree “Wangeela Mootummichaa” jedhamuu fi Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 1920 irratti baʼe ilaalchisee Aleeksaandar Hiyuu Maakmiilaan, “waaʼee hojii lallabaa yeroo ammaa addunyaa maratti hojjetamaa jiruu yeroo jalqabaatiif ifatti kan dubbatame” yeroo kanatti akka taʼe yeroo booda dubbateera. Mata dureen sun, “Mootummaan samii akka dhihaate addunyaadhaaf akka dhugaa baʼan” Kiristiyaanota dibamoo hunda jajjabeesseera. Yeroo harʼaatti namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi hinaaffaadhaan dubbicha lallabaa jiran, obboloota Kiristoos warra “hojichi imaanaadhaan itti kenname” deggeraa bara gaarii karaa Masiihichaa dhufu eeggachaa jiru.

^ KEY. 5 Kitaaba Ingiliffaa Jehovah’s Witnesses—Proclaimers of God’s Kingdom jedhamu, boq. 6⁠ffaa isa “Yeroo Qorumsaa (1914-1918)” jedhu ilaali.

^ KEY. 9 Barruun The Golden Age (Bara Gaarii) jedhamu kun, bara 1937⁠tti Consolation (Jajjabina), bara 1946⁠tti immoo Awake! (Dammaqaa!) jedhamee waamame.