Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 22

Barsiifata Qoʼannaa Keessan Guddifadhaa!

Barsiifata Qoʼannaa Keessan Guddifadhaa!

‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaatii beekaa’—FILP. 1:10.

FAARFANNAA 35 ‘Wantoota Caalaatti Barbaachisan Beekaa’

QABIYYEE *

1. Namoonni tokko tokko qoʼachuuf fedhii kan hin qabaanne maaliifi?

YEROO HARʼAA namoonni baayʼeen wanta ittiin jiraatan argachuuf carraaqqii cimaa gochuu isaan gaafata. Obboloonni keenya hedduun wantoota maatii isaaniif barbaachisan dhiheessuuf qofa saʼaatii dheeraa hojjetu. Namoonni kaan hedduun immoo guyyaa hojiitti gara hojii isaanii deemuu fi deebiʼuuf jecha saʼaatii dheeraa dabarsu. Namoonni hedduun wanta jireenyaaf isaan barbaachisu argachuuf hojii humnaa ulfaataa taʼe hojjetu. Obboloonnii fi obboleettonni jabaatanii hojjetan kun hojii guyyaa sana hojjetan erga xumuranii booda baayʼee dadhabu. Kanaafuu, qoʼachuuf fedhii hin qabaatan.

2. Qoʼannaa gochuuf yeroon isiniif mijataa taʼee argattan isa kami dha?

2 Haa taʼu malee, Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota Kiristiyaanaa keenya sirriitti qoʼachuudhaaf yeroo ramaduu qabna. Yihowaa wajjin hariiroo qabaachuu fi jireenya bara baraa argachuun keenya kan hundaaʼe kana irratti dha! (1 Xim. 4:15) Namoonni tokko tokko yommuu tasgabbiin jiruu fi hirriba booda sammuun isaanii haareffamu, guyyaa hunda ganama bariidhaan kaʼanii qoʼannaa godhu. Warri kaan immoo galgala yommuu tasgabbaaʼu nyaata hafuuraa soorachuu fi irratti xiinxaluuf daqiiqaa muraasa ramadaniiru.

3-4. Wantoota hafuuraa nuuf dhihaatan irratti sirreeffamni akkamii taasifameera? Maaliif?

3 Qoʼannaadhaaf yeroo ramaduun barbaachisaa taʼuu isaa irratti akka walii galtan hin shakkisiisu. Haa taʼuu malee, maal qoʼachuu qabna? ‘Wanti dubbisnu baayʼeetu jira. Wanta hundumaa hordofee dubbisuun natti ulfaateera’ jetta taʼa. Namoonni tokko tokko qophiiwwan hafuuraa jiran hundumaa irraa guutummaatti fayyadamuu kan dandaʼan si taʼu, obboloonni keenya baayʼeen isaanii garuu, yeroo itti kana godhan argachuun isaanitti ulfaateera. Qaamni Ol Aanaan kana ni hubata. Kanaan kan kaʼes, dhiheenya kana barreeffamoota maxxanfamanii fi wantoota bifa elektirooniksiitiin qophaaʼan xiqqeessuuf qajeelfamni kennameera.

4 Fakkeenyaaf, muuxannowwan nama jajjabeessan hedduun weebsaayitii jw.org fi biroodkaastiingii jiʼa jiʼaan baʼu irratti waan argamaniif, Kitaabni waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa maxxanfamaa hin jiru. Masaraan Eegumsaa maxxansa sabaa fi Dammaqaan! yeroo ammaatti waggaatti siʼa sadii qofa maxxanfama. Sirreeffamoonni kun kan taasifaman, sochiiwwan kan biroo hordofuuf yeroo gahaa akka argannu yaadamee miti. Sirreeffamoonni kun kan taasifaman ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif’ xiyyeeffannaa guddaa kennuu akka dandeenyuufi dha. (Filp. 1:10) Mee wantoota dursa kennuufii qabnu adda baasnee beekuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi qoʼannaa dhunfaa irraa guutummaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

WANTOOTA DURSA KENNUUFII QABDAN MURTEESSAA

5-6. Barreeffamoota kamfaa sirriitti qoʼachuu keenya mirkaneeffachuu qabna?

5 Wantoonni dursa kennuufii qabnu maalfaa dabalatu? Guyyaa guyyaatti Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu irratti yeroo dabarsuu akka qabnu beekamaa dha. Baayʼinni caqasoota dubbisa Kitaaba Qulqulluu walgaʼii torban gidduutti godhamuuf ramadamanii kan hirʼifame, wantoota dubbisne irratti xiinxaluu fi qorannaa dabalataa gochuuf yeroo gaʼaa akka argannuufi dha. Galmi keenya caqasoota ramadaman sana dubbisuu qofa utuu hin taʼin, ergaan Kitaaba Qulqulluu garaa keenya keessa seenee caalaatti gara Yihowaatti akka nu dhiheessu gochuu taʼuu qaba.—Far. 19:14.

6 Wantoota kan biroo kamfaa sirriitti qoʼachuu qabna? Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa fi Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumiitiif qophii gochuu, akkasumas yaadawwan kan biroo walgaʼii torbee gidduutti godhamuuf kennaman dubbisuu akka barbaannu beekamaa dha. Kana malees, maxxansa Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! hunda dubbisuu qabna.

7. Wantoota hedduu weebsaayitii keenyaa fi JW Biroodkaastiingii irratti baʼan hunda irraa fayyadamuu hin dandeenye taanaan abdii kutachuu qabnaa?

7 ‘Kun yaada gaariidha; haa taʼuu malee, wantoota weebsaayitii jw.org® fi JW Biroodkaastiingii irratti baʼan hunda hoo? Wanti jiru baayʼee waan taʼeef, kana hunda hordofuun ulfaataa dha!’ jettu taʼa. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Mana nyaataa tokko keessatti nyaanni miʼaawaan gosa adda addaa baayʼeen minjaala irra kaaʼameera. Namoonni mana nyaataa sana dhufanii nyaatan, wanta dhihaate hundumaa irraa nyaachuuf matumaa hin yaalan. Kanaafuu, wantoota dhihaatan keessaa muraasa qofa filatu. Haaluma wal fakkaatuun, atis wantoota bifa elektirooniksiitiin dhihaatan hunda irraa fayyadamuu hin dandeenye taanaan, abdii hin kutatin. Hamma siif dandaʼame dubbisi ykn ilaali. Mee amma immoo, qoʼannaan maal akka dabalatuu fi qoʼannaa keenya irraa caalaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

QOʼANNAAN HOJII DHA!

8. Masaraa Eegumsaa yommuu qoʼannu tarkaanfiiwwan akkamii fudhachu dandeenya? Kana gochuun keenya hoo akkamitti nu fayyaduu dandaʼa?

8 Qoʼannaa gochuu jechuun karaa itti fufiinsaa fi kaayyoo qabuun xiyyeeffanaadhaan dubbisuu jechuu dha. Qoʼannaan barreeffama qoʼachaa jirru sana akkasumaan saffisaan dubbisuu fi deebii gaaffiiwwanii jala sararuu qofa miti. Fakkeenyaaf, yommuu Qoʼannaa Masaraa Eegumsaatiif qophooftan dursa qabiyyee mata duree sanaa isa jalqaba irra jiru dubbisaa. Itti aansuudhaan mata duree isaa, mata dureewwan xixiqqaa fi gaaffiiwwan keessa deebii dubbisaa; akkasumas irratti xiinxalaa. Achiis, mata duree sana of eeggannoodhaan suuta jedhaa dubbisaa. Hima ijoo isa yeroo baayʼee jalqaba keeyyata hundaa irratti argamuu fi ergaa keeyyatichaa ibsu irratti xiyyeeffadhaa. Yeroo baayʼee himni kun qabxii keeyyatichaa beekuuf isin gargaara. Mata duricha yommuu dubbistan tokkoon tokkoon keeyyatichaa mata dureewwan xixiqqaa akkamitti akka deggeruu fi yaada ijoo mata duree sanaa wajjin akkamitti akka wal qabatu yaadaa. Jechootaa fi qabxiiwwan baramaa hin taane, kanneen qoranna dabalata irratti gochuudhaan beekuu barbaaddan yaadannoo qabadha.

9. (a) Masaraa Eegumsaa yommuu qoʼannu caqasootaaf xiyyeeffannaa addaa kennuu kan qabnu maaliifi? (b) Akkuma Iyaasuu 1:8 irratti ibsametti dubbisuu malees wanti kan biraan gochuu qabnu maali dha?

9 Masaraa Eegumsaa qoʼachuun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jechuu dha. Keessumaa caqasoota yommuu mata dureen sun gumii irratti qoʼatamu dubbifamaniif xiyyeeffanna addaa kennaa. Jechoonni ijoo ykn gaaleewwan caqasicha keessa jiran qabxii keeyyaticha keessa jiru akkamitti akka deeggaran hubadhaa. Kana malees, caqasawwan dubbistan irratti xiinxalaa akkasumas jireenya keessan keessatti akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeessan yeroo fudhadhaatii irratti yaadaa.—Iyaasuu 1:8 dubbisi.

Warra kan taatan, ijoolleen keessan akkamitti akka qoʼatan barsiisaa (Keeyyata 10 ilaali) *

10. Ibroota 5:14 irratti akka ibsametti, warri yeroo waaqeffannaa maatii isaaniitti ijoolleen isaanii akkamitti akka qoʼatanii fi qorannaa akka godhan yeroo fudhatanii barsiisuu kan qaban maaliifi?

10 Warri, Waaqeffannaan Maatii torbanitti godhan ijoollee isaaniitiif yeroo gammachiisaa akka taʼu gochuu akka barbaadan beekamaa dha. Warri yeroo hunda waaqeffannaa maatii irratti wanta mariʼatan kan karoorfatan taʼus, torban torbaniin qophiiwwan adda taʼan qopheessuun akka isaan irra jiru isaanitti dhagaʼamuu hin qabu. Waaqeffannaa maatii irratti biroodkaastiingii jiʼa jiʼaan baʼu ilaaluun ykn yeroo tokko tokko immoo pirojektoota adda taʼan kan akka markaba Nohi fakkeessanii hojjechuun kan dandaʼamu taʼus, ijoolleen akkamitti qoʼachuu akka qaban isaan barsiisuunis barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, walgaʼii gumiif akkamitti qophaaʼuu akka dandaʼan ykn dhimma mana barumsaatti isaan mudate tokkoof qorannoo gochuun akkamitti akka dandaʼamu barachuun isaan barbaachisa. (Ibroota 5:14 dubbisi.) Mana keessatti qoʼannaa gochuudhaan yeroo muraasa kan dabarsan yoo taʼe, barumsawwan viidiyoodhaan hin qophoofnee fi walgaʼii gumii, walgaʼii guguddaa fi walgaʼii naannoo irratti kennaman caalaatti xiyyeeffannaadhaan hordofuu dandaʼu. Dhugaadha, warri ijoollee isaanii al tokkotti yeroo hammamii qoʼachiisuu akka qaban kan murteessu umurii fi haala ijoollee sanaa ti.

11. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya akkamitti akka qoʼatan barsiisuu jalqabuu kan dandeenyu yoomi? Akkas jettee kan deebiste maaliifi?

11 Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenyas akkamitti akka qoʼatan barachuun isaan barbaachisa. Haaraa yeroo taʼanitti, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isaaniitiif ykn walgaʼii gumiitiif yeroo qophaaʼan deebii jala sararuun isaanii qofti nu gammachiisa. Taʼus, barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya dhuunfaatti qorannaa fi qoʼannaa hiika qabu gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan barsiisuun barbaachisaa dha. Karaa kanaan, yeroo haalli rakkisaan isaan mudatutti, gargaarsaaf ariitiidhaan gara miseensota gumii deemuu mannaa, barreeffamoota keenya irratti qorannaa gochuudhaan gorsa isaan barbaachisu ofuma isaaniitii argachuu dandaʼu.

YEROO QOʼATTAN GALMA QABAADHAA

12. Yommuu qoʼannu galmawwan akkamii qabaachuu dandeenya?

12 Nama qoʼannaa hin jaallanne yoo taate, qoʼannaatti gammaduu barachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, ni dandeessa. Yeroo muraasa qoʼachuudhaan jalqabi, sana booda suutuma suuta yeroo qoʼannaa kee irratti dabarsitu dabalaa deemi. Qoʼannaa kee irraa maal argachuu akka barbaaddu sammuutti qabadhu. Dhugaadha, kaayyoon keenya inni guddaan caalaatti Yihowaatti dhihaachaa deemuu taʼuu qaba. Tarii, galmi keenya inni ariifachiisaan gaaffii namni tokko nu gaafateef deebii kennuu ykn rakkina nu mudate irratti qorannaa gochuu taʼuu dandaʼa.

13. (a) Dargaggeessi tokko mana barumsaatti amantii isaatiif falmachuuf tarkaanfiiwwan inni fudhachuu dandaʼu ibsi. (b) Gorsa Qolosaayis 4:6 irratti argamu hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti?

13 Fakkeenyaaf, dargaggeessa barachaa jirtudhaa? Tarii, barattoonni daree kee hundi barumsa jijjiirama tirannaatti ni amanu taʼa. Barumsa Kitaaba Qulqulluutiif falmuu kan barbaaddu taʼus, kana gochuuf gaʼumsa akka hin qabne sitti dhagaʼamuu dandaʼa taʼa. Kanaafuu, kun qoʼannaa gochuu si gaafata. Yeroo kanatti galmi kee lama taʼuu dandaʼa: Isaanis, (1) Waaqayyo wantoota hundumaa akka uume amantii qabdu cimsachuu fi (2) dandeettii dhugaadhaaf falmuuf qabdu fooyyeffachuu dha. (Rom. 1:20; 1 Phe. 3:15) Dursa, akkas jettee of gaafachuu dandeessa: ‘Barattoonni daree koo barumsa jijjiirama tirannaa deggeruuf yaada falmii akkamii dhiheessu?’ Achiis, barreeffamoota keenyatti fayyadamuudhaan qorannaa gadi fageenya qabu godhi. Amantii keetiif falmuun hamma ati yaadde ulfaataa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Namoonni baayʼeen jijjiirama tirannaatti kan amanan namni isaan kabajan tokko sirrii akka taʼe waan isaanitti himeef qofa dha. Qabxii isaan wajjin mariʼachuuf si dandeessisu tokko ykn lama qofa yoo argatte, nama dhugaa isaa beekuu barbaaduuf deebii quubsaa kennuu dandeessa.—Qolosaayis 4:6 dubbisi.

FEDHII BARACHUUF QABDAN GUDDIFADHAA

14-16. (a) Kutaa Kitaaba Qulqulluu keessaa isa akka gaariitti hin beekne caalaatti hubachuu kan dandeessu akkamitti? (b) Caqasoota as irratti kennamanitti fayyadamuudhaan kitaaba Amos caalaatti hubachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ibsi. (Saanduqa “ Kitaabni Qulqulluun Akka Siif Dhugoomu Godhi!” jedhu ilaali.)

14 Fakkeenyaaf, walgaʼii gumii isa itti aanu irratti kitaaba Raajota Xixiqqoo jedhamanii beekaman keessaa isa tokkoon barreeffamee fi tarii ati akka gaaritti hin beekne qorachuuf karoorfanne haa jennu. Tarkaanfiin inni jalqabaa wanta raajichi sun barreesse beekuuf fedhii qabdu guddifachuu dha. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

15 Jalqaba akkas jedhii of gaafadhu: ‘Waaʼee raajii kitaaba kana barreessee maalan beeka?’ Raajiin kun eenyu, eessa jiraate, hojiin isaa hoo maal ture?’ Haalli jireenyaa isaa, jechoota inni filatee fi fakkeenyota inni itti fayyadame ibsuus ni dandaʼa. Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbistu gaaleewwan eenyummaa nama barreesse sanaa ibsan argachuuf yaali.

16 Itti aansee, kitaabichi yoom akka barreeffame beekuun si fayyaduu dandaʼa. “Gabatee Maqaawwan Kitaaba Qulqulluu” duuba Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa (Amaariffa) irra jiru ilaaluudhaan kana gochuu ni dandeessa. Kana malees, Buukleetii Barreeffama Dubbii Waaqayyoo Qayyabachuuf Gargaaru jedhamu fuula 14-17 irraa chaartii raajotaa fi moototaa ilaaluu dandeessa. Kutaan Kitaaba Qulqulluu ati qoʼachaa jirtu kitaaba raajii yoo taʼe, yeroo kitaabni kun itti barreeffame, haalli jireenya namootaa maal akka fakkaatu beekuuf yaaluun kee gaarii taʼuu dandaʼa. Raajichi amala ykn gocha dogoggoraa akkamii sirreessuu barbaada ture? Bara inni jiraatetti kan jiraatan eenyufaʼi? Haala isaa akka gaariitti hubachuudhaaf, kutaa Kitaaba Qulqulluu kan biroo dubbisuun si barbaachisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, wanta yeroo Amos raajichi jiraatetti raawwatame guutummaatti hubachuuf 2 Moototaa fi 2 Seenaa warra Amos 1:1 miila jalatti caqasaman ilaaluun si gargaaruu dandaʼa. Kana malees, kitaaba Hoseʼaa raajichaa, isa bara Amos raajichi jiraatetti jiraatee taʼuu dandaʼu ilaaluun si barbaachisuu dandaʼa taʼa. Wantoonni kun hundi haala bara Amos raajichi jiraatetti ture, sirriitti hubachuuf si gargaaruu dandaʼu.—2 Mot. 14:25-28; 2 Sen. 26:1-15; Hos. 1:1-11; Amo. 1:1.

WANTOOTA XIXINNOO TAʼANIIF XIYYEEFFANNAA KENNAA

17-18. Fakkeenyota keeyyata kana keessatti ibsaman ykn kan dhunfaa kee irratti hundaaʼuudhaan wantoota xixiqqoo fakkaataniif xiyyeeffannaa kennuun qoʼannaan dhunfaa keenya gammachiisaa kan godhu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

17 Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbisnu wanta dubbisne caalaatti hubachuuf fedhii guddaa qabaachuun keenya gaarii dha. Fakkeenyaaf, kitaaba raajii Zakaariyaas boqonna 12⁠ffaa isa waaʼee duʼa Masihiichaa dubbatu dubbisaa jirta haa jennu. (Zak. 12:10) Lakkoofsa 12⁠ffaa irra yommuu geessu “maatiin qomoo Naataan” duʼa Masihiichaatiin kan kaʼe guddaa akka gaddan dubbista. Wantoota xixinnoo taʼan kanaaf xiyyeeffanna utuu hin kennin saffisaan irra darbuu mannaa, takka dhaabachuudhaan akkana jedhii of gaafadhu: ‘Walitti dhufeenyi maatiin qomoo Naataanii fi Masihiicha gidduu jiru maali dha? Karaan odeeffannoo dabalataa argachuu itti dandeessu jiraa?’ Qorannoo dabalataa godhi. 2 Saamuʼel 5:13, 14 inni miila jala caqasa kanaatti kenname, Naataan ijoollee Daawit Mootichaa keessaa tokko akka taʼe dubbata. Miila jala caqasa kanaatti kan kenname inni lammaffaan immoo Luqaas 3:23, 31 siʼa taʼu, Yesuus karaa Maariyaam kallattiidhaan sanyii Naataan keessaa akka dhufe argisiisa. (kitaaba, Kitaabota Qulqulluu Gadi Fageenyaan Hubachuu (Ingiliffa), Jildii 1 fuula 1086 mata duree “Heelii” jedhu ilaali.) Kun fedhiin ati waaʼee dhimma sanaa beekuuf qabdu akka guddatu godha.Yesuus karaa sanyii Daawit akka dhufu raajiidhaan akka dubbatame beekta. (Mat. 22:42) Haa taʼu malee, Daawit ilmaan 20 ol qaba. Zakaariyaas Yesuus duʼuu isaatti keessumaa maatiin Naataan baayʼee akka gaddan adda baasee caqasuun isaa nama hin dinqisiisuu?

18 Mee fakkeenya kan biraa immoo haa ilaallu. Luqaas boqonna 1⁠ffaa irratti Gabriʼeel maleekichi Maariyaamitti mulʼachuudhaan ilma ishiin deessu ilaalchisee, “Inni guddaa ni taʼa; Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama; Yihowaanis teessoo abbaa isaa teessoo Daawit isaaf ni kenna; inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee bulcha” jedhee akka ishiitti hime ibsameera. (Luq. 1:32, 33) Ergaa Gabriʼeel dubbate keessaa kutaa isa duraa jechuunis, Yesuus “Ilma Isa Hundaa Olii” jedhama isa jedhu irratti xiyyeeffanna taʼa. Taʼus, Gabriʼeel Yesuus, ‘Mootii taʼee akka bulchus’ raajii dubbateera. Kanaafuu, jechoonni Gabriʼeel dubbate Maariyaamiif hiikaa maalii qabaachuu dandaʼu jenne gaafanna. Maariyaam, wanti Gabriʼeel dubbate Yesuus Heroodis Mooticha akka bakka buʼu ykn immoo bulchitoota Israaʼel keessaa isa Heroodisitti aanee dhufu akka taʼetti akka yaadu ishii taasiseera? Yesuus mootii taʼeera utuu taʼee, Maariyaam mootittii taati; maatiin ishiis mana mootummaa keessa jiraachuu dandaʼu turan. Haa taʼuu malee, Kitaabni Qulqulluun Maariyaam yaada akkasii Gabriʼeeliif kaastee akka turtes taʼe, akka barattoota Yesuus lamaanii Mootummicha keessatti aangoo argachuuf akka gaafatte hin ibsu. (Mat. 20:20-23) Ibsi balʼaan as irratti kenname, Maariyaam nama gad of qabdu taʼuu ishii ilaalchisee hubannaa qabnu nuuf cimsa.

19-20. Akkuma Yaaqoob 1:22-25 fi 4:8 irratti ibsame, yeroo qoʼannu galmi keenya maali dha?

19 Kitaaba Qulqulluus taʼe barreeffamoota Kiristiyaanaa keenya sababiin itti qoʼannu inni guddaan, caalaatti Yihowaatti dhihaachuu akka taʼe yaadadhu. Akkasumas, ‘maal akka fakkaannu’ caalaatti hubachuu fi Waaqayyoon gammachiisuuf jijjiirama akkamii gochuun akka nu barbaachisu beekuu barbaanna. (Yaaqoob 1:22-25; 4:8 dubbisi) Kanaaf, yeroo hunda qoʼannaa jalqabuu keenya dura, Yihowaan hafuura isaa akka nuu kennu isa kadhachuu qabna. Wanta qoʼannu irraa guutummaatti fayyadamuu akka dandeenyuu fi sirreeffama gochuu nu barbaachisu hubachuu akka dandeenyu cimsinee isa kadhachuu qabna.

20 Hundi keenya akka nama Waaqayyoo isa Faarfatichi, “Seerri Waaqayyoo itti in tola, innoo halkanii fi guyyaa waa’ee seera Waaqayyoo in yaada. . . . Wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf” jedhee ibse sanaa haa taanu.—Far. 1:2, 3.

FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi

^ key. 5 Yihowaan akka ilaallu, akka dubbisnuu fi akka qoʼannuuf wantoota hedduu arjummaadhaan nuuf kenneera. Mata dureen kun wanta qoʼattan murteessuuf isin gargaara; akkasumas qoʼannaa keessan irraa akkamitti caalaatti fayyadamuu akka dandeessan gorsa hojii irra ooluu dandaʼu akka argattan isin gargaara.

^ key. 61 IBSA FAKKII: Warri ijoolleen isaanii Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa torbaniif akkamitti akka qophaaʼan yommuu itti argisiisan.

^ key. 63 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko Amos isa barreessaa Kitaaba Qulqulluu taʼe ilaalchisee qorannaa yommuu godhu. Fakkiiwwan duuba obboleessichaa jiran yeroo seenaa kitaaba qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxalu wantoota inni yaada isaatiin ilaalu argisiisu.