Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 21

‘Ogummaa Addunyaa Kanaatiin’ hin Gowwoomfaminaa

‘Ogummaa Addunyaa Kanaatiin’ hin Gowwoomfaminaa

“Ogummaan addunyaa kanaa Waaqayyo biratti gowwummaa dha.”—1 QOR. 3:19.

FAARFANNAA 98 Kitaabni Qulqulluun Hafuuraan Barreeffame

QABIYYEE *

1. Dubbiin Waaqayyoo maal nu barsiisa?

YIHOWAAN Barsiisaa keenya Guddicha waan taʼeef, rakkoowwan nu mudatan kam iyyuu dandamachuu ni dandeenya. (Isa. 30:20, 21) Dubbiin Isaa, ‘hojii gaarii hundumaaf akka gaariitti hidhachuudhaan guutummaatti qophaaʼuuf’ wanta nu barbaachisu hundumaa nuuf kenna. (2 Xim. 3:17) Barumsa Kitaaba Qulqulluutiin yommuu jiraannutti, namoota ‘ogummaa addunyaa kanaa’ babalʼisan caalaa ogeeyyii taana.—1 Qor. 3:19; Far. 119:97-100.

2. Mata duree kana keessatti maal qorra?

2 Akkuma kanatti aansinee ilaallu, ogummaan addunyaa yeroo baayʼee fedhii foon keenya hawwata. Kanaafuu, akka namoota kutaa addunyaa taʼanitti akka yaadnuu fi hojjennu dhiibbaa nu irra gaʼu dandamachuun ulfaataa nutti taʼuu dandaʼa taʼa. Kitaabni Qulqulluu, ‘Namni kam iyyuu, akka aadaa namootaatti, falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabneen boojiʼee akka isin hin fudhanne of eeggadhaa’ jechuun isaa sirrii dha. (Qol. 2:8) Mata duree kana keessatti, gowwoomsaan ykn sobni homaa of keessaa hin qabne lama akkamitti fudhatama akka argatan ilaalla. Tokkoon tokkoon isaanii irratti ogummaan addunyaa gowwummaa kan taʼe maaliif akka taʼee fi ogummaan Dubbii Waaqayyoo wanta addunyaan nuu dhiheessu hundumaa kan caalu akkamitti akka taʼe ilaalla.

ILAACHA NAMOONNI NAAMUSAAF QABAN IRRATTI JIJJIIRAMA TAʼE

3-4. Yunaayitid Isteetis keessatti jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti ilaalcha namoonni naamusaaf qaban irratti jijjiiramni akkamii taʼee ture?

3 Jalqaba jaarraa 20⁠ffaa, Yunaayitid Isteetis keessatti ilaalcha namoonni naamusaaf qaban irratti jijjiiramni guddaan taʼeera. Sana dura namoonni baayʼeen saalqunnamtiin hiriyoota gaaʼelaa gidduutti qofa raawwatamuu akka qabuu fi ifattis dubbatamuu akka hin qabne amanu turan. Haa taʼu malee, ulaagaawwan kun kan diigaman siʼa taʼu, ejjennoo laafaan babalʼateera.

4 Jaarraa 20⁠ffaatti waggoonni 1920-1929⁠tti turan, jijjiirama hawaasaa balʼinaan fudhatama argataniin beekamu turan. Qorattuun tokko, “Fakkiiwwan sosochoʼan, taphawwan, muuziqaawwan, asoosamnii fi beeksisawwan hedduun yaadawwan saalqunnamtii of keessaa qaban dhiheessu turan” jetteetti. Waggoottan kurnan sana keessatti akkaataan shubbisaa caalaatti saalqunnamtii kakaasuu irratti kan xiyyeeffate siʼa taʼu, akkaataan uffannaa immoo caalaatti seera kan hin qabne taʼeera. Akkuma Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaa ilaalchisee dubbate namoonni akka malee, “wanta isaan gammachiisu kan jaallatan” taʼaniiru.— 2 Xim. 3:4.

Dhugaa Baatonni Yihowaa ulaagaa naamusaa addunyaatiin hin raafamne (Keeyyata 5 ilaali) *

5. Baroota 1960mmaniitii kaasee ilaalchi addunyaan naamusaaf qabu maal taʼeera?

5 Baroota 1960mmaan keessa dhimmawwan akka utuu wal hin fuudhin waliin jiraachuu, saalqunnamtiin saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamuu fi salphaatti wal hiikuun baramaa taʼaniiru. Bashannanawwan hedduun waaʼee saalqunnamtii caalaatti ifatti argisiisu. Waggoottan kurnan darbanitti, miidhaan ulaagaan naamusaa laafaa taʼuun isaa fide karaawwan hedduudhaan mulʼateera. Barreessaan tokko, sababiin maatiiwwan itti diigaman, maatiiwwan haadha ykn abbaa qofa qaban, madaan miiraa, araadni poornoogiraafii fi wayyoon wal fakkaatan, ‘seera naamusaa baramaa taʼe dhiisuu isa hawaasaa amma jiru biratti fudhatama argachaa dhufeen’ kan wal qabate akka taʼe barreesseera. Dhukkuboonni wal qunnamtii saalaatiin daddarban kan akka EEDSII babalʼachuun isaanii, wantoota ogummaan addunyaa gowwummaa akka taʼan argisiisan keessaa tokko qofa dha.—2 Phe. 2: 19.

6. Ilaalchi addunyaan saalqunnamtiidhaaf qabu kaayyoo Seexanaa kan deggeru akkamitti?

6 Ilaalchi addunyaan saalqunnamtiidhaaf qabu kaayyoo Seexanaa deggera. Seexanni, namoonni saalqunnamtii fi gaaʼela isa kennaa Waaqayyoo taʼe karaa sirrii hin taaneen yommuu itti fayyadaman arguun akka isa gammachiisu homaa hin shakkisiisu. (Efe. 2:2) Saalqunnamtiin naamusaan ala taʼe wal horuu isa kennaa Yihowaa taʼe kan xureessu qofa utuu hin taʼin, namoota gocha kana raawwatanis jireenya bara baraa dhabsiisa.—1 Qor. 6:9, 10.

ILAALCHA KITAABNI QULQULLUUN SAALQUNNAMTIIDHAAF QABU

7-8. Saalqunnamtii ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu keessatti ilaalcha kabaja qabuu fi sirrii taʼe akkamii ibsameera?

7 Namoonni ogummaa addunyaa kanaa hordofan, ulaagaawwan naamusaa Kitaaba Qulqulluu haala qabatamaa taʼe irratti kan hundaaʼan miti jechuudhaan ceephaʼu. Namoonni akkasii, ‘Waaqayyo fedhii saalqunnamtii akka qabaannu godhee erga nu uumee booda, fedhii kana akka toʼannu kan nu ajaju maaliifi?’ jedhanii gaafatu taʼa. Gaaffiin akkasii amantii dogoggoraa namoonni wanta isaanitti dhagaʼamu hundumaa raawwachuu qabu jedhu irratti kan hundaaʼe dha. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun wanta kana irraa adda taʼe dubbata. Fedhiiwwan sirrii hin taane toʼachuuf filachuu akka dandeenyu barsiisuudhaan nu kabaja. (Qol. 3:5) Dabalataanis, Yihowaan fedhii saalqunnamtii keenya karaa kabaja qabuun raawwachuu akka dandeenyuuf qophii nuu godheera, jechuunis kennaa gaaʼelaa nuuf kenneera. (1 Qor. 7:8, 9) Qophii kana keessatti abbaan manaa fi haati manaa gaabbii fi yaaddoo naamusa dogoggoraatiin dhufu irraa walaba taʼanii itti gammaduu dandaʼu.

8 Ogummaa addunyaa kanaa irraa haala adda taʼeen, Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee ilaalcha sirrii taʼe jajjabeessa. Saalqunnamtiin madda gammachuu taʼuu akka dandaʼu dubbata. (Fak. 5:18, 19) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, “Isin keessaa tokkoon tokkoon namaa qulqullummaa fi ulfinaan akkamitti qaama isaa akka toʼatu beekuu qaba; kunis akka namoota saba Waaqayyoo hin taanee fi Waaqayyoon hin beekneetti sassataa fi fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabneen hin taʼin” jedha.—1 Tas. 4:4, 5.

9. (a) Sabni Yihowaa jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti turan ogummaa Dubbii Waaqayyoo isa sadarkaa ol aanaa qabu akka hordofan kan jajjabeeffaman akkamitti ture? (b) 1 Yohaannis 2:15, 16 irratti gorsa ogummaa irratti hundaaʼe akkamiitu argama? (c) Akkuma Roomaa 1:24-27 irratti ibsame gochawwan naamusaan ala taʼan akkamii irraa fagaachuu qabna?

9 Jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti sabni Yihowaa gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabne, isa namoonni ‘miirri naamusaa isaanii guutummaatti hadoodeen’ dhihaateen hin raafamne. (Efe. 4:19) Isaan ulaagaa Yihowaa cimsanii qabachuuf yaalii godhu turan. Masaraan Eegumsaa Caamsaa 15, 1926, “dhiirri ykn dubartiin tokko keessumaa saala faallaa wajjin haala wal qabateen yaadaa fi gocha isaaniitiin qulqulluu taʼuu akka qaban” ibsee ture. Addunyaa naannoo isaanii jiru keessatti wanti akkamii iyyuu yoo raawwatame, sabni Yihowaa ogummaa Dubbii Waaqayyoo isa sadarkaa ol aanaa qabu keessa jiru hordofaniiru. (1 Yohaannis 2:15, 16 dubbisi.) Dubbii Waaqayyoo argachuu keenyatti guddaa galateeffanna! Kana malees, Yihowaan addunyaan kun naamusa ilaalchisee ogummaa inni ittiin geggeeffamu dandamachuu akka dandeenyuuf nyaata hafuuraa yeroo isaatti nuuf dhiheessuu isaatti guddaa galateeffanna. *Roomaa 1:24-27 dubbisi.

JIJJIIRAMA ILAALCHAA JAALALA NAMOONNI OFIIF QABAN IRRATTI TAʼE

10-11. Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaatti maaltu akka taʼu akeekkachiiseera?

10 Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaatti namoonni “kan of jaallatan” akka taʼan akeekkachiiseera. (2 Xim. 3:1, 2) Kanaafuu, addunyaan namoonni ofii isaaniitiif garmalee iddoo guddaa akka kennan jajjabeessuun isaa nu hin dinqisiisu. Kitaabni tokko, baroota 1970mman keessa, “kitaabonni jireenya keessatti milkaaʼina argachuu ilaalchisee gorsa kennan baayʼatanii akka turan” ibseera. Kitaabonni tokko tokko “namoonni dubbisan ofii isaanii akka beekanii fi kanas amananii akka fudhatan akkasumas eenyummaa isaaniitiif iddoo guddaa akka kennan gorsu turan.” Fakkeenyaaf yaada kitaabota kanaa keessaa isa tokko irratti ibsame haa ilaallu: “Ati nama hundumaa caalaa bareedaa fi dinqisiisaa hamma ammaatti jiraatee hin beekne waan taateef of jaalladhu.” Kitaabni kun, “namni tokko amantii ofii isaa akka qabaatu, jechuunis qalbii ofii isaa fi seera aadaa isaa kan isaaf taʼu irratti hundaaʼee amala akkamii argisiisuu akka qabu akka murteeffatu” jajjabeessa.

11 Yaada akkanaa kanaan dura dhageessee beektaa? Seexanni Hewaaniin kan ishii jajjabeesse wantuma kana fakkaatu akka gootu ture. Ishiin, ‘Hamaa fi gaarii beekuudhaan akka Waaqayyoo taʼuu’ akka dandeessu dubbateera. (Uma. 3:5) Yeroo harʼaa namoonni baayʼeen, namni kam iyyuu darbees Waaqayyo illee wanta sirrii fi dogoggora taʼe isaanitti himuu akka hin dandeenyetti ilaaluudhaan waaʼee ofii isaanii hunda irra caalchisanii yaadu. Fakkeenyaaf, yaadni akkasii ilaalcha namoonni gaaʼelaaf qaban irratti caalaatti ni mulʼata.

Kiristiyaanni tokko fedhii warra kaanii, keessumaa immoo fedhii hiriyaa gaaʼelaa isaatiif dursa kenna (Keeyyata 12 ilaali) *

12. Addunyaan gaaʼelaaf ilaalcha akkamii qabaachuu babalʼisa?

12 Kitaabni Qulqulluun abbaan manaa fi haati manaa walii isaaniis taʼe waadaa gaaʼelaa isaanii akka kabajan ajaja. Kitaabni Qulqulluun, “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u” jechuudhaan hiriyoonni gaaʼelaa walii wajjin taʼuudhaaf kutannoo akka qabaatan jajjabeessa. (Uma. 2:24) Faallaa kanaatiin, namoonni ogummaan addunyaa dhiibbaa isaan irratti godhe, hiriyaan gaaʼelaa tokko fedhii ofii isaa ykn ishii irratti xiyyeeffachuu qabu jechuudhaan ilaalchaa kana irraa adda taʼe babalʼisu. Kitaabni waaʼee wal hiikuu ibsu tokko, “sirnawwan gaaʼelaa tokko tokko irratti, waadaan gaaʼelaa durii ‘lamaanuu hamma lubbuudhaan jiranitti’ jedhu, waadaa gaaʼelaa murtaaʼaa ‘lamaanuu hamma wal jaallatanitti’ jedhuun bakka akka buufame” ibseera. Gaaʼelaaf ilaalcha laafaa akkasii qabaachuun, maatiiwwan hedduun akka diigaman godheera akkasumas miidhaa miiraa hangana hin jedhamne geessiseera. Shakkii tokko malee, ilaalchi gad aanaan addunyaan gaaʼelaaf qabu barumsa gowwummaa ti.

13. Sababiin Yihowaan namoota of gurguddisan itti ciiggaʼu tokko maali dha?

13 Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo warra garaa isaaniitti of gurguddisan hundumaa in ciigga’a” jedha. (Fak. 16:5) Yihowaan namoota of gurguddisan kan ciiggaʼu maaliifi? Sababiin inni tokko, namoonni garmalee of jaallatanii fi ilaalcha akkasii babalʼisan akkuma Seexanaa kan of gurguddisan waan taʼaniifi dha. Mee yaadi, Seexanni, Yesuus inni Waaqayyo waan hundumaa uumuuf itti fayyadame, isaaf sagaduu fi isa waaqeffachuu akka qabu yaadee ture. (Mat. 4:8, 9; Qol. 1:15, 16) Namoonni barbaachisummaa ofii isaanii ilaalchisee ilaalcha akkasii qaban, ogummaan addunyaa Waaqayyo biratti gowwummaa akka taʼe mirkaneessu.

IDDOO GUDDAA OFIIF KENNUU ILAACHISEE WANTA KITAABNI QULQULLUUN JEDHU

14. Roomaa 12:3 ofii keenyaaf ilaalcha madaalamaa akka qabaannu kan nu gargaaru akkamitti?

14 Kitaabni Qulqulluun ofii keenyaaf ilaalcha madaalamaa akka qabaannu nu gargaara. Hamma tokko jaalala ofiif qabaachuun sirrii akka taʼe ni dubbata. Yesuus, “nama akka ofii keetti jaalladhu” jedhee kan ture siʼa taʼu, kunis hamma madaallii isaa hin darbinetti wanta nu barbaachisuuf xiyyeeffannaa kennuu akka qabnu argisiisa. (Mat. 19:19) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, warra kaan irra caalchisnee akka of ilaallu hin barsiisu. Kanaa mannaa akkas jedha: “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa.”—Filp. 2:3; Roomaa 12:3 dubbisi.

15. Iddoo guddaa ofiif kennuu ilaalchisee gorsi Kitaaba Qulqulluu gaarii akka taʼe kan sitti dhagaʼamu maaliifi?

15 Yeroo harʼaa namoonni ogeeyyii akka taʼanitti ilaalaman, iddoo guddaa ofiif kennuu ilaalchisee gorsa Kitaaba Qulqulluu ni ceephaʼu. Namoonni kaan akka nu caalan goonee ilaaluun, warri kaan akka nutti fayyadaman waan godhuuf, miidhaa nu irraan geessisa jedhu. Haa taʼu malee, dhugumaan ofiif qofa yaaduu ilaalchisee yaadni addunyaan Seexanaa babalʼisu firii akkamii argamsiiseera? Ati maal hubatteetta? Namoonni ofittoo taʼan gammachuu qabuu? Maatiin isaanii gammachuu qabaa? Michoota dhugaa qabuu? Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa qabuu? Wanta hubatte irraa kaʼuudhaan firii gaarii kan argamsiisu isa kami dha? Ogummaa addunyaa hordofuu moo, ogummaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru hordofuu dha?

16-17. Waaʼee maaliitiif galateeffachuu dandeenya? Maaliifi?

16 Namoonni gorsa namoota addunyaan ogeeyyii akka taʼanitti isaan ilaalu hordofan, lamaanuu karaa irraa badanii utuu jiranii, tuuristii namuma akka isaa tuuristii taʼe karaa gaafatu wajjin wal fakkaatu. Yesuus namoota “ogeeyyii” bara isaatti turan ilaalchisee, “Isaan jaamota, jaamotatti karaa argisiisani dha. Kanaaf, jaamaan jaamaatti karaa yoo argisiise lamaan isaanii iyyuu boolla keessa buʼu” jedhee ture. (Mat. 15:14) Dhuguma iyyuu ogummaan addunyaa kanaa Waaqayyo duratti gowwummaa dha.

Tajaajiltoonni Waaqayyoo jireenya gammachiisaa tajaajila Yihowaa irratti dabarsan duubatti deebiʼanii gammachuudhaan yaadatu (Keeyyata 17 ilaali) *

17 Gorsi Kitaaba Qulqulluu inni ogummaa irratti hundaaʼe yeroo hundumaa, “barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf” kan fayyadu taʼuun isaa mirkanaaʼeera. (2 Xim. 3:16, milj.) Yihowaan karaa jaarmiyaa isaa ogummaa addunyaa irraa nu eeguu isaatti guddaa galateeffachuu qabna. (Efe. 4:14) Nyaanni hafuuraa inni nuuf dhiheessu, jabina ulaagaa Dubbii isaa keessa jiru cimsinee qabachuuf nu gargaaru nuuf kenna. Ogummaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru, isa mudaa hin qabneen geggeeffamuun mirga guddaa dha!

FAARFANNAA 54 “Karichi isa Kana”

^ key. 5 Mata dureen kun, madda qajeelfama amansiisaa kan taʼe Yihowaa qofa taʼuu isaa amanannaa qabnu jabeeffachuuf nu gargaara. Kana malees, ogummaa addunyaa hordofuun miidhaa gaddisiisaa akka geessisuu fi ogummaa Dubbii Waaqayyoo hojii irra oolchuun immoo faayidaa akka argamsiisu ibsa.

^ key. 50 IBSA FAKKII: Dhugaa Baatonni hiriyoota gaaʼelaa taʼan tokko dargaggummaadhaa kaasee hanga dulluma isaanitti haala gara garaa keessa utuu jiranii. Obboleessii fi obboleettiin kun dhuma waggoota 1960maniitti hojii lallabaa irratti yommuu hirmaatan.

^ key. 52 IBSA FAKKII: Baroota 1980maniitti abbaan manaa kun haadha manaa isaa dhukkubsattu yommuu kunuunsu intalli isaanii yeroo isaan ilaaltu.

^ key. 54 IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa kun yeroo harʼaa jireenya tajaajila Yihowaa keessatti dabarsan yommuu yaadatan gammachuutu isaanitti dhagaʼama. Intalli isaanii ishiin nama guddaa taatee fi maatiin ishii gammachuu hiriyoota gaaʼelaa kanaa wajjin gammadaa jiru.