Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 18

Jaalalaa fi Haqa Gumii Kiristiyaanaa Keessatti

Jaalalaa fi Haqa Gumii Kiristiyaanaa Keessatti

“Baʼaa walii keessanii baachuu keessan itti fufaa; karaa kanaanis seera Kiristoos ni raawwattu.”—GAL. 6:2.

FAARFANNAA 12 Yihowaa, Waaqa Guddaa

QABIYYEE *

1. Waaʼee wantoota lamaan kamii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

YIHOWAAN waaqeffatoota isaa ni jaallata. Inni yeroo hundumaa isaan ni jaallata, gara fuulduraattis isaan jaallachuu isaa itti fufa. Yihowaan haqas ni jaallata. (Far. 33:5) Kanaafuu, waaʼee wantoota lamaa mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya: (1) Yihowaan yeroo tajaajiltoonni isaa karaa sirrii hin taaneen qabaman ni gadda. (2) Inni sabni isaa haqa akka argatan abdii kenne ni raawwata. Mata dureewwan walitti aanan kana keessaa isa jalqabaa irratti, * Seerri Waaqayyo karaa Musee Israaʼelootaaf kenne jaalala irratti akka hundaaʼe baranneerra. Seerichi namoonni hundi, warri of eeguu hin dandeenye illee haqa akka argatan jajjabeessa. (Kes. 10:18) Seerichi Yihowaan waaqeffattoota isaatiif gad fageenyaan akka yaadu argisiisa.

2. Gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii kennina?

2 Seerri Musee Dh.K.B bara 33 yeroo gumiin Kiristiyaanaa hundeeffametti hojii isaa dhaabeera. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni seera jaalala irratti hundaaʼee fi haqa jajjabeessu irraa faayidaa hin argatan jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti! Kiristiyaanotaaf seerri haaraan kennameera. Mata duree kana keessatti jalqaba seerri kun maal akka taʼe ilaalla. Achiis gaaffiiwwan kanaaf deebii kennina: Seerri kun jaalala irratti hundaaʼe jechuu kan dandeenyu maaliifi? Haqa raawwachuu jajjabeessa jechuu kan dandeenyu hoo maaliifi? Akka seera kanaatti namoonni aangoo qaban warra kaan akkamitti qabuutu isaan irra jira?

‘SEERRI KIRISTOOS’ MAALI DHA?

3. ‘Seera Kiristoos’ Galaatiyaa 6:2 irratti ibsame maal dabalata?

3 Galaatiyaa 6:2 Dubbisi. Kiristiyaanonni “seera Kiristoos” jala jiru. Yesuus seerawwan waan hundumaatiif taʼan tokko tokkoon barreessee duuka buutota isaatiif hin kennine; haa taʼu malee, akka ittiin jiraataniif qajeelfamoota, ajajawwanii fi dhugaawwan buʼuuraa isaaniif kenneera. ‘Seerri Kiristoos’ wanta Yesuus barsiise hundumaa of keessatti qabata. Seera kana akka gaariitti hubachuuf yaadawwan armaan gadii ilaali.

4-5. Yesuus kan barsiise karaawwan kamiin ture? Kan barsiise hoo yoom ture?

4 Yesuus kan barsiise karaawwan kamiin ture? Tokkoffaa, dubbii isaatiin namoota barsiiseera. Wantoonni inni dubbate, waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa waan ibsaniif, kaayyoo jireenyaa isa dhugaa waan barsiisanii fi rakkoowwan ilmaan namootaa hundaaf furmaata kan kennu Mootummaa Waaqayyoo akka taʼe waan argisiisaniif humna qabu turan. (Luq. 24:19) Yesuus fakkeenya taʼuudhaanis barsiiseera. Akkaataa itti jiraateen, duuka buutonni isaa akkamitti jiraachuu akka qaban isaanitti argisiiseera.—Yoh. 13:15

5 Yesuus kan barsiise yoom ture? Yeroo tajaajila isaa isa lafa irraa raawwachaa turetti barsiiseera. (Mat. 4:23) Erga duʼaa kaʼee yeroo muraasa boodas duuka buutota isaa barsiiseera. Fakkeenyaaf, garee barattootaa tarii 500 ol taʼanitti mulʼachuudhaan, ‘barattoota akka godhan’ ajaja isaaniif kenneera. (Mat. 28:19, 20; 1 Qor. 15:6) Yesuus mataa gumii Kiristiyaanaa waan taʼeef, erga gara samiitti deebiʼees barattoota isaatiif qajeelfama kennuu isaa itti fufeera. Fakkeenyaaf Kiristoos, Dh.K.B naannoo bara 96⁠tti Yohaannis ergamaan Kiristiyaanota dibamoodhaaf jajjabinaa fi gorsa akka kennu isa ajajeera.—Qol. 1:18; Mul. 1:1.

6-7. (a) Wantoonni Yesuus barsiise kan galmeeffaman eessa keessatti dha? (b) Seera Kiristoosiif kan ajajamnu akkamitti?

6 Barumsawwan Yesuus kan galmeeffaman eessa keessatti dha? Wangeelonni arfan wantoota Yesuus yeroo lafa irra turetti dubbatee fi hojjete hedduu isaanii qabataniiru. Kutaan Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii inni hafes kan barreeffame, namoota hafuura qulqulluutiin geggeeffamanii fi “yaada Kiristoos” qabaniin siʼa taʼu, isaanis ilaalcha Yesuus wantoota gara garaatiif qabu hubachuuf nu gargaaru.—1 Qor. 2:16.

7 Barumsa argannu: Wantoonni Yesuus barsiise kutaawwan jireenya keenya hundaa ilaallatu. Kanaafuu, seerri Kiristoos wanta mana keessatti, bakka hojiitti ykn mana barumsaa fi gumii keessatti hojjennu irratti dhiibbaa godha. Seera kana, Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan baranna. Jireenya keenya qajeelfamoota, ajajawwanii fi dhugaawwan kitaaba geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kana keessa jiran wajjin wal simsiisuudhaan seera kanaaf ajajamna. Seera Kiristoosiif yommuu ajajamnu, Waaqa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼe, jechuunis isa wanta Yesuus barsiise hundaaf Madda taʼe sanaaf ajajamna.—Yoh. 8:28.

SEERA JAALALA IRRATTI HUNDAAʼE

8. Buʼuurri seera Kiristoos maali dha?

8 Manni buʼuura jabaa irratti akka gaariitti ijaarame tokko, namoonni achi keessa jiraatan nagaa fi tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamu godha. Haaluma wal fakkaatuun, seerri gaariin buʼuura jabaa irratti hundaaʼe, namoonni isaan geggeeffaman nagaa fi tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamu godha. Seerri Kiristoos buʼuura hunda caalu, jechuunis jaalala irratti kan hundaaʼe dha. Akkas kan jennu maaliifi?

Namoota kaan jaalalaan yommuu qabnu ‘seera Kiristoosiif’ ajajamaa jirra (Keeyyata 9-14 ilaali) *

9-10. Yesuus waan hundumaa kan raawwate jaalalaan kakaʼee akka taʼe fakkeenyi argisiisu isa kami? Nuti hoo fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Tokkoffaa, Yesuus wanta hundumaa kan raawwate jaalalaan kakaʼee ti. Gara laafinni karaa jaalalli itti argisiifamu keessaa isa tokko dha. Yesuus gara laafina akkasiitiin kakaʼuudhaan, namoota hedduu barsiiseera, warra dhukkubsatan fayyiseera, warra beelaʼan sooreera akkasumas namoota duʼan kaaseera. (Mat. 14:14; 15:32-38; Mar. 6:34; Luq. 7:11-15) Yesuus wantoota kana raawwachuun yeroo fi humna isaa hedduu kan isa jalaa fudhatu taʼus, fedhii ofii isaatiif utuu hin taʼin, fedhii warra kaaniitiif jaalalaan dursa kenneera. Hunda caalaa immoo, jireenya isaa warra kaaniif dabarsee kennuudhaan jaalala guddaa argisiiseera.—Yoh. 15:13.

10 Barumsa argannu: Nutis fedhii warra kaanii kan ofii keenyaa dursuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Kana malees, namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraniif gara laafina qabaachuudhaan fakkeenya isaa hordofuu dandeenya. Gara laafina akkasiitiin kakaanee misiraachoo yommuu lallabnuu fi barsiisnu seera Kiristoosiif ajajamaa jirra jechuu dha.

11-12. (a) Yihowaan baayʼee akka nuuf yaadu wanti argisiisu maali dha? (b) Jaalala argisiisuu irratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Lammaffaa, Yesuus jaalala Abbaa isaa mulʼiseera. Yesuus yeroo tajaajilaa turetti, Yihowaan waaqeffattoota isaatiif baayʼee akka yaadu argisiiseera. Wantoota hedduu Yesuus barsiise keessaa tokko, tokkoon tokkoon keenya Abbaa keenya isa samii biratti iddoo guddaa akka qabnu kan argisiisu dha. (Mat. 10:31) Yihowaan hoolota kanaan dura badanii turanii fi yaada geddaratanii gara gumiitti deebiʼan deebisee simachuuf hawwii guddaa qaba. (Luq. 15:7, 10) Yihowaan Ilmi isaa furii akka nuuf taʼu kennuudhaan jaalala akka nuuf qabu mirkaneesseera.—Yoh. 3:16.

12 Barumsa argannu: Jaalala argisiisuu irratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Efe. 5:1, 2) Tokkoon tokkoon obbolootaa fi obboleettota keenyaa gatii guddaa akka qabanitti isaan ilaalla; akkasumas “hoolaa badee” turee fi gara Yihowaatti deebiʼe gammachuudhaan simanna. (Far. 119:176) Keessumaa yeroo barbaachisaa taʼutti isaan gargaaruudhaaf of kennuudhaan, obbolootaa fi obboleettota keenya akka jaallannu mirkaneessina. (1 Yoh. 3:17) Karaa jaalala qabuun warra kaan yommuu qabnu, seera Kiristoosiif ajajamaa akka jirru argisiisna.

13-14. (a) Akkuma Yohaannis 13:34, 35 irratti ibsame, Yesuus duuka buutonni isaa maal akka argisiisan isaan ajajeera? Ajajni kun haaraa kan taʼe maaliifi? (b) Ajaja haaraa kana hojii irra oolchuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

13 Sadaffaa, Yesuus duuka buutonni isaa jaalala isa fedhii ofii aarsaa godhu akka argisiisan isaan ajajeera. (Yohaannis 13:34, 35 Dubbisi.) Ajajni Yesuus kenne, gosa jaalalaa Waaqayyo Seericha keessatti Israaʼeloonni akka argisiisan isaan ajaje irraa adda waan taʼeef haaraa dha. Jaalalli kun namoota hidhata amantii keenyaa taʼan akka Yesuus nu jaallatetti akka isaan jaallannu nu kakaasuu qaba. Kunis jaalala isa fedhii ofii aarsaa godhu * argisiisuu gaafata. Obbolootaa fi obboleettota keenya hamma ofii keenya jaallannu caalaatti illee jaallachuu qabna. Akkuma Yesuus nuuf godhe, hamma lubbuu keenya dabarsinee isaaniif kennuuf fedhii qabaannutti isaan jaallachuu qabna.

14 Barumsa argannu: Ajaja isa haaraa hojii irra kan oolchinu akkamitti? Gabaabumatti, obbolootaa fi obboleettota keenyaaf aarsaa kaffaluudhaani. Aarsaa guddaa lubbuu keenya kennuu gaafatu gochuu qofa utuu hin taʼin, wantoota xixinnoo aarsaa gochuudhaafis fedhii qabna. Fakkeenyaaf, yeroo hunda obboleessa ykn obboleettii maanguddoo tokko gara walgaʼiitti geessuuf yeroo yommuu ramadnu, ykn namoota jaallannu gammachiisuuf filannoo keenya yommuu dhiisnu ykn hojii gargaarsaa irratti hirmaachuuf boqonnaa yommuu fudhannu seera Kiristoosiif ajajamaa jirra jechuu dha. Kana malees, gumiin keenya bakka obboloonni hundi nagaa fi tasgabbiin itti dhagaʼamu akka taʼu gochuu irratti gargaarsa gochuu ni dandeenya.

SEERA HAQA RAAWWACHUU JAJJABEESSU

15-17. (a) Gochi Yesuus ilaalcha inni haqaaf qabu kan argisiisu akkamitti ture? (b) Fakkeenya Kiristoos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

15 ‘Haqni,’ akka Kitaaba Qulqulluu keessatti itti hojjetametti, wanta Waaqayyo sirrii akka taʼe dubbate hojii irra oolchuu, kanas loogii malee raawwachuu jechuu dha. Seerri Kiristoos haqa raawwachuu jajjabeessa kan jennu maaliifi?

Yesuus dubartoota kanneen warri kaan tuffatan dabalatee, dubartootatti kabajaa fi gaarummaa ni argisiisa ture (Keeyyata 16 ilaali) *

16 Tokkoffaa, gochi Yesuus ilaalcha inni haqaaf qabu kan argisiisu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Bara Yesuusitti, geggeessitoonni amantii Yihudootaa, namoota Yihudoota hin taane ni jibbu, Yihudoota barumsa amantii isaanii hin baranne ni tuffatu akkasumas dubartootaaf kabaja hin qaban turan. Yesuus garuu namoota hundumaa karaa haqa qabuu fi loogii irraa bilisa taʼeen isaan qaba ture. Namoota Yihudoota hin taanee fi isatti amanuudhaan gara isaa dhufan simateera. (Mat. 8:5-10, 13) Namoota hundumaaf, Sooressootaafis taʼe, hiyyeessotaaf utuu wal hin caalchisin lallabeera. (Mat. 11:5; Luq. 19:2, 9) Yesuus matumaa dubartoota gara jabinaan qabee ykn miidhee hin beeku. Faallaa kanaatiin, warra namoonni kaan tuffatan dabalatee, dubartoota kabajaa fi gaarummaadhaan qabeera.—Luq. 7:37-39, 44-50.

17 Barumsa argannu: Sadarkaan hawaasa keessatti qaban ykn amantiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe, namoota dhaggeeffachuuf fedhii qaban hundumaaf loogii malee lallabuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Dhiironni Kiristiyaana taʼan, dubartoota kabajaan qabuudhaan fakkeenya isaa hordofu. Wantoota akkasii yommuu raawwannu seera Kiristoosiif abboomamaa jirra jechuu dha.

18-19. Yesuus waaʼee haqaa maal barsiisee ture? Nuti hoo wanta inni barsiise irraa barumsa akkamii arganna?

18 Lammaffaa, haqa ilaalchisee wanta Yesuus barsiise haa ilaallu. Yesuus dhugaawwan duuka buutonni isaa warra kaan haqaan akka qaban isaan gargaaran barsiiseera. Fakkeenyaaf, mee waaʼee Seera Isa Beekamaa haa yaadnu. (Mat. 7:12) Hundi keenya namoonni haqaan akka nu qaban barbaanna. Kanaafuu, nutis warra kaan haqaan qabuu qabna. Kana kan goonu yoo taʼe, isaanis haqaan nu qabuudhaaf kakaʼumsa qabaachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, namoonni kaan karaa haqa hin qabneen yoo nu qaban hoo? Yesuus duuka buutonni isaa Yihowaan, ‘warra halkanii fi guyyaa isatti iyyataniif murtii sirrii akka kennu’ akka amanatanis isaan barsiiseera. (Luq. 18:6, 7) Yaadni Yesuus dubbate kun, Waaqni keenya inni haqa qabeessi qorumsawwan guyyoota dhumaa kana keessatti nu mudatan akka beekuu fi yeroo sirrii taʼetti haqni akka raawwatamu akka godhu abdii kenname dha jechuun ni dandaʼama.—2 Tas. 1:6.

19 Barumsa argannu: Dhugaa buʼuuraa Yesuus barsiise yommuu hordofnu, warra kaan karaa haqa qabuun isaan qabna. Addunyaa Seexanaa kana keessatti jalʼinni haqaa nu irratti raawwatameera yoo taʼe, Yihowaan haqni akka nuuf raawwatamu akka godhu beekuudhaan jajjabina argachuu ni dandeenya.

WARRI AANGOO QABAN NAMOOTA KAAN AKKAMITTI QABUUN ISAAN IRRA JIRA?

20-21. (a) Namoonni aangoo qaban warra kaan akkamitti qabuutu isaan irra jira? (b) Abbaan manaa tokko jaalala isa fedhii ofii isaa aarsaa godhu argisiisuu kan dandaʼu akkamitti? Ijoollee isaa hoo akkamitti qabuutu isa irra jira?

20 Akka seera Kiristoositti warri aangoo qaban warra kaan akkamitti qabuutu isaan irraa eegama? Jaalalli seera kanaaf buʼuura waan taʼeef, namoonni aangoo qaban, warra eegumsa isaanii jala jiran kabajuu fi jaalalaan isaan qabuun isaan irraa eegama. Daandiin Kiristoos daandii jaalalaa akka taʼe yaadachuu qabu.

21 Maatii keessatti. Abbaan manaa tokko, “akkuma Kiristoos gumiidhaaf godhu” haadha manaa isaa jaallachuu qaba. (Efe. 5:25, 28, 29) Fedhii fi nageenya haadha manaa isaa kan ofii isaa dursuudhaan, jaalala isa fedhii isaa aarsaa godhu argisiisuu irratti fakkeenya Kiristoos hordofuu qaba. Dhiironni tokko tokko tarii aadaa namoota kaan haqaa fi jaalalaan qabuun baramaa hin taane keessatti waan guddataniif, jaalala akkasii argisiisuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Amala gadhee balleessuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa taʼa, taʼus, seera Kiristoosiif ajajamuuf jijjiirama kana gochuu qabu. Abbaan manaa jaalala isa fedhii ofii isaa aarsaa godhu argisiisu, haadha manaa isaa irraa kabaja argata. Abbaan dhugumaan ijoollee isaa jaallatu tokko, dubbiidhaanis taʼe gocha isaatiin matumaa isaan hin miidhu. (Efe. 4:31) Kanaa mannaa akka isaan jaallatu ibsuu fi isa biratti fudhatama akka qaban argisiisuudhaan nageenyii fi tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamu godha. Abbaan akkasii ijoollee isaa irraa jaalalaa fi amanannaa argata.

22. Akkuma 1 Pheexiros 5:1-3 irratti ibsame, ‘hoolonni’ kan eenyuuti? Akkamitti qabamuu qabu?

22 Gumii keessatti. Jaarsoliin ‘hoolonni’ kan isaanii akka hin taane yaadachuu qabu. (Yoh. 10:16; 1 Pheexiros 5:1-3 dubbisi.) Yaadawwan “tuuta hoolota Waaqayyoo,” “Waaqayyo duratti” fi “qabeenya Waaqayyoo” jedhan hoolonni kan Yihowaa akka taʼan jaarsolii yaadachiisu. Yihowaan hoolonni isaa jaalalaa fi gara laafinaan akka qabaman barbaada. (1Tas. 2:7, 8) Jaarsoliin itti gaafatamummaa tiksitoota taʼuudhaan qaban karaa jaalala qabuun raawwatan Yihowaa biratti fudhatama argatu. Jaarsoliin akkasii obbolootaa fi obboleettota isaanii irraas jaalalaa fi kabaja argatu.

23-24. (a) Dogoggora cimaa ilaaluu irratti gaʼeen jaarsolii maali dha? (b) Jaarsoliin dhimmoota akkasii yommuu ilaalanitti maal yaadachuu qabu?

23 Dogoggora cimaadhaaf furmaata kennuu irratti gaʼeen jaarsoliin qaban maali dha? Gaʼeen isaanii, gaʼee abbootiin murtii fi jaarsoliin Seera Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne keessatti qaban irraa adda dha. Seericha keessatti dhiironni muudaman, dhimmoota hafuuraa qofa utuu hin taʼin, dhimmoota hawaasaa fi dhimmoota yakkaas ni ilaalu turan. Seera Kiristoos keessatti garuu jaarsoliin muudaman wantoota hafuuraa ilaalchisee dogoggora raawwatame qofa ilaalu. Dhimmoota hawaasummaa fi yakkaa akka ilaalaniif Waaqayyo abbootii taayitaa addunyaatiif aangoo akka kenne ni beeku. Aangoon kun qarshiidhaan ykn hidhaadhaan adabuu dabalata.— Rom. 13:1-4

24 Jaarsoliin dhimma hafuuraa ilaalchisee dogoggora cimaa raawwatameef furmaata kan kennan akkamitti? Dhimmoota madaaluu fi murtoo gochuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamu. Isaan jaalalli buʼuura seera Kiristoos akka taʼe yaadatti ni qabatu. Jaalalli jaarsoliin, miseensota gumii miidhaan irra gaʼe kam iyyuu gargaaruuf maaltu godhamuu qaba? Namni miidhaa geessise ilaalchisee, jaalalli, jaarsoliin namni sun yaada geeddarateeraa? Hariiroo Yihowaa wajjin qabu deebisee akka argatu isa gargaaruu ni dandeenyaa? jedhanii akka yaadan isaan kakaasa.

25. Mata dureen itti aanu waaʼee maalii ibsa?

25 Seera Kiristoos jala jiraachuu keenyatti guddaa galateeffanna! Hundi keenya seera kanaaf ajajamuuf jabaannee yommuu hojjennu, miseensonni gumii hundi gumiin keenya iddoo itti jaallataman, bakki guddaan itti isaaniif kennamuu fi nageenya itti argatan akka taʼe akka itti dhagaʼamu taasisna. Taʼus, addunyaa, ‘namoonni hamoonni dogoggorsuu fi dogoggoruudhaan isa gadhee irraa gara isa caalaa gadhee taʼeetti deeman’ keessa jiraanna. (2 Xim. 3:13) Kanaafuu dammaqoo taanee jiraachuu qabna. Gumiin Kiristiyaanaa yakkawwan miidhaa ijoollee gudeeduutiif furmaata yommuu kennu haqa Waaqayyoo calaqqisiisuu kan dandaʼu akkamitti? Mata dureen itti aanu gaaffii kanaaf deebii kenna.

FAARFANNAA 15 Ilma Yihowaa Isa Angafa Jaalladhaa

^ key. 5 Mata dureen kunii fi kan itti aanan lamaan, mata dureewwan walitti aananii baʼan keessaa tokko siʼa taʼan, Yihowaan Waaqa jaalalaa fi haqaa akka taʼe amanannaa qabaachuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe ibsu. Inni sabni isaa haqa akka argatan barbaada, akkasumas namoota addunyaa hamaa kana keessatti haqa dhaban ni jajjabeessa.

^ key. 1 Mata duree maxxansa Masaraa Eegumsaa Guraandhala 2019 irratti baʼee fi “Jaalalaa fi Haqa Israaʼel Durii Keessatti” jedhu ilaali.

^ key. 13 IBSA JECHAA: Jaalalli inni fedhii ofii aarsaa godhu nageenya warra kaanii kan ofii keenyaa akka dursinu nu kakaasa. Warra kaan gargaaruuf ykn fayyaduuf, wanta kan keenya taʼe tokko kennuu ykn dhiisuuf fedhii qabna.

^ key. 61 IBSA FAKKII: Yesuus dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi ilmi ishii tokkichi duʼe sana yommuu ilaalu. Yesuus gara laafinaan kakaʼee dargaggeessa sana duʼaa kaaseera.

^ key. 63 IBSA FAKKII: Yesuus mana Faarsii maqaan isaa Simoon jedhamu tokkoo nyaata nyaate. Dubartiin tokko tarii ejjituu taʼuu hin ooltu, imimmaan ishiitiin miilla isaa dhiqxe, rifeensa ishiitiin qoorsite akkasumas zayitii dibataa irratti dhangalaaste. Simoon wanta dubartittiin goote kan balaaleffate siʼa taʼu, Yesuus garuu ishiidhaaf falme.