Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 19

Jaalalaa fi Haqa, Yommuu Hamminni Nu Mudatu

Jaalalaa fi Haqa, Yommuu Hamminni Nu Mudatu

“Ati yaa Waaqayyo, isa jal’inni itti tolu miti’o, hamaanis si bira hin buufatu.”—FAR. 5:4.

FAARFANNAA 142 Abdii Keenya Cimsinee Qabachuu

QABIYYEE *

1-3. (a) Faarfannaa 5:4-6 irratti akkuma ibsametti jalʼina ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama? (b) Ijoollee gudeeduun “seera Kiristoos” wajjin wal faallessa kan jennu maaliifi?

YIHOWAAN jalʼina kam iyyuu ni jibba. (Faarfannaa 5:4-6 dubbisi.) Keessumaa immoo yakka saalqunnamtii ijoollee irratti raawwatamuu fi suukanneessaa taʼe garmalee jibba! Nutis Dhugaa Baatota isaa waan taaneef, fakkeenya isaa hordofuudhaan yakka saalqunnamtii ijoollee irratti raawwatamu ni jibbina, akkasumas gumii keessa akka jiraatu hin heyyamnu.—Rom. 12:9; Ibr. 12:15, 16.

2 Gochi ijoollee irratti miidhaa geessisu akkamii iyyuu “seera Kiristoos” wajjin guutummaatti wal faallessa. (Gal. 6:2) Akkas jechuu kan dandeenyu maaliifi? Sababiin isaas akkuma mata duree darbe irratti baranne, seerri Kiristoos, jechuunis wanti Yesuus gocha isaatiinis taʼe, fakkeenya taʼuudhaan barsiise hundi jaalala irratti kan hundaaʼee fi haqa raawwachuu kan jajjabeessu waan taʼeefi. Kiristiyaanonni dhugaan seera kanaan waan geggeeffamaniif, ijoolleen nageenya akka argatanii fi dhugumaan akka jaallataman akka isaanitti dhagaʼamu karaa taasisuun isaan qabu. Haa taʼu malee, ijoollee irratti miidhaa geessisuun gocha ofittummaa fi dogoggoraa waan taʼeef, mucaan tokko eegumsa akka hin qabnee fi akka hin jaallatamne akka isatti dhagaʼamu godha.

3 Kan nama gaddisiisu, ijoollee gudeeduun addunyaa maratti kan babalʼate siʼa taʼu, Kiristiyaanonni dhugaanis gocha babalʼate kanaan miidhamaniiru. Maaliifi? “Namoonni hamoonnii fi fakkeessitoonni” kan baayʼatan siʼa taʼu, tokko tokko immoo gara gumiitti seenuuf yaalaniiru. (2 Xim. 3:13) Kana malees, namoonni miseensa gumii akka taʼan dubbatan tokko tokko fedhii foonii dogoggora taʼeef moʼamuudhaan yakka saalqunnamtii ijoollee irratti raawwataniiru. Mee ijoollee gudeeduun cubbuu cimaa kan taʼe maaliif akka taʼe haa ilaallu. Achiis jaarsoliin ijoollee gudeeduu dabalatee cubbuu cimaadhaaf akkamitti furmaata akka kennanii fi warri ijoollee isaaniitiif akkamitti eegumsa gochuu akka dandaʼan ilaalla. *

CUBBUU CIMAA

4-5. Ijoollee gudeeduun cubbuu nama miidhame irratti raawwatamu kan taʼe maaliifi?

4 Yakki saalqunnamtii ijoollee irratti raawwatamu miidhaa yeroo dheeraadhaaf turu geessisa. Gochi kun nama miidhame sana irrattis taʼe, warra isa jaallatan, jechuunis miseensota maatii akkasumas Kiristiyaanota obbolootaa fi obboleettota isaanii taʼan irratti dhiibbaa geessisa. Ijoollee gudeeduun cubbuu cimaa dha.

5 Cubbuu nama miidhame * sana irratti raawwatamu. Gochi kun cubbuu warra kaan irratti dhukkubbii cimaa fi dhiphina geessisu dha. Akkuma mata duree itti aanu irratti ilaallu, namni ijoollee gudeedu tokko karaawwan hedduudhaan daaʼima sana irraan miidhaa guddaa geessisa. Isatti ykn ishiitti nageenyi akka hin dhagaʼamne gochuudhaan, amanannaa isaan warra kaan irratti qaban jalaa balleessa. Ijoolleen gocha hamminaa akkasii irraa eegumsa argachuu kan qaban siʼa taʼu, ijoolleen gochi akkasii isaan irratti raawwatame immoo jajjabinaa fi gargaarsa argachuu qabu.—1 Tas. 5:14.

6-7. Ijoollee gudeeduun cubbuu gumii fi abbootii taayitaa irratti raawwatamu kan taʼe akkamitti?

6 Cubbuu gumii irratti raawwatamu. Miseensi gumii yakka saalqunnamtii ijoollee irratti raawwate tokko, gumii irratti arrabsoo fida. (Mat. 5:16; 1 Phe. 2:12) Kun Kiristiyaanota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi ‘amantiidhaaf jabaatanii lolan’ irratti jalʼina guddaa raawwachuu dha. (Yih. 3) Namoonni yaada geddarachuu diduudhaan cubbuu raawwachuu isaanii itti fufanii fi maqaa gaarii gumichi qabu irratti arrabsoo fidan gidduu keenya akka jiraatan callisnee hin ilaallu.

7 Cubbuu abbootii taayitaa irratti raawwatamu. Kiristiyaanonni ‘abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif ni bitamu.’ (Rom. 13:1) Seera mootummaatiif ajajamuudhaan akka bitamnu argisiisna. Miseensi gumii tokko seera yakkaa kan akka ijoollee gudeeduu cabsuudhaan yoo yakka raawwate, abbootii taayitaa irratti cubbuu raawwachaa jira jechuu dha. (HoE. 25:8 wajjin wal bira qabii ilaali.) Jaarsoliin seera biyyichaa raawwachiisuuf aangoo kan hin qabne taʼanis, namni ijoollee gudeeduudhaan yakka raawwate tokko adaba isaaf malu akka hin arganne hin dhoksan. (Rom. 13:4) Namni cubbuu hojjete sun waanuma facaase haammata.—Gal. 6:7.

8. Yihowaan cubbuu namoota irratti raawwatamu akkamitti ilaala?

8 Hunda caalaa immoo cubbuu Waaqayyo irratti raawwatamu. (Far. 51:4) Namni tokko nama kan biraa irratti cubbuu yommuu raawwatu Yihowaa irrattis cubbuu raawwata. Mee Seera Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne keessaa fakkeenya tokko haa ilaallu. Seerichi namni ollaa isaa saame ykn gowwoomse tokko ‘Waaqayyotti balleessee akka yakke’ dubbata. (Lew. 6:2-4) Kanaa irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamu, miseensi gumii ijoollee gudeede tokkos, nageenya mucaa sanaa ykn ishii isaan jalaa saamuudhaan Waaqayyo irratti yakka raawwata. Namni miidhaa geessise sun maqaa Yihowaa irratti arrabsoo guddaa fida. Kanaan kan kaʼes, ijoollee gudeeduun cubbuu cimaa Waaqayyo irratti raawwatamu waan taʼeef, balaaleffatamuu qaba.

9. Jaarmiyaan Yihowaa waggoota hedduudhaaf odeeffannoo akkamii dhiheessaa tureera? Maaliifi?

9 Jaarmiyaan Yihowaa ijoollee gudeeduu ilaalchisee waggoota hedduudhaaf odeeffannoo hedduu Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennaa tureera. Fakkeenyaaf, mata dureewwan Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! irratti baʼan, namoonni yakki saalqunnamtii isaan irratti raawwatame, dhiphina miiraa akkamitti akka dandamatan, warri kaan isaan gargaaruu fi jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼee fi warri ijoollee isaanii eeguu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsaniiru. Jaarsoliin yakka ijoollee gudeeduutiif akkamitti furmaata akka kennan leenjii Kitaaba Qulqulluu gad fageenya qabu fudhataniiru. Gumiiwwan yakka ijoollee gudeeduutiif akkamitti furmaata akka kennan ilaalchisee jaarmiyichi qorannoo gochuu isaa itti fufeera. Maaliifi? Akkaataan dhimma tokkoof furmaata itti kenninu, seera Kiristoosii wajjin kan wal simu taʼuu isaa mirkaneeffachuufi.

CUBBUU CIMAA RAAWWATAME ILAALUU

10-12. (a) Jaarsoliin dhimma cubbuu cimaa wajjin wal qabate kam iyyuu yommuu ilaalan maal yaadatti qabatu? Galmi isaanii inni guddaan hoo maali dha? (b) Akkuma Yaaqoob 5:14, 15 irratti ibsame jaarsoliin maal gochuuf yaalii godhu?

10 Jaarsoliin dhimma cubbuu cimaa wajjin wal qabate kam iyyuu yommuu ilaalan, seerri Kiristoos hoolota jaalalaan qabuu fi akka ilaalcha Waaqayyootti wanta sirrii taʼe raawwachuu akka gaafatu yaadatti qabatu. Kanaan kan kaʼes, cubbuu cimaan akka raawwatame yommuu dhagaʼan wanti hedduun isaan yaaddessa. Jaarsoliin maqaan Waaqayyoo qulqulluu taʼee akka itti fufu gochuun hunda caalaa isaan yaaddessa. (Lew. 22:31, 32; Mat. 6:9) Kana malees, nageenyi hafuuraa obbolootaa fi obboleettota isaanii gumii keessa jiranii baayʼee kan isaan yaaddessu siʼa taʼu, namoota cubbuu cimaan isaan irratti raawwatame kam iyyuu gargaaruu barbaadu.

11 Kana malees, namni cubbuu raawwate sun miseensa gumii yoo taʼe, jaarsoliin kan dandaʼamu taanaan, hariiroo Yihowaa wajjin qabu deebisee akka sirreessu gargaaruuf yaalii godhu. (Yaaqoob 5:14, 15 dubbisi.) Kiristiyaanni fedhii dogoggoraatiif moʼamee cubbuu cimaa raawwatu tokko karaa hafuuraa dhukkubsataa dha. Kana jechuun sana booda Yihowaa wajjin hariiroo gaarii hin qabu jechuu dha. * Karaa kan biraatiin jaarsoliin doktaroota hafuuraati jechuu dha. Isaan ‘dhukkubsataa sana [nama cubbuu raawwate sana] fayyisuuf’ yaalii godhu. Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii gorsi isaan kennan hariiroo Waaqayyoo wajjin qabu akka deebifatu gargaaruu dandaʼa, taʼus kun kan dandaʼamu namni sun dhugumaan yoo yaada geddarate qofa dha.—HoE. 3:19; 2 Qor. 2:5-10.

12 Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, jaarsoliin itti gaafatamummaa guddaa qabu. Hoolota Waaqayyo imaanaadhaan isaanitti kenneef baayʼee yaadu. (1 Phe. 5:1-3) Gumii keessatti obboloonnii fi obboleettonni isaanii eegumsa akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu gochuu barbaadu. Kanaan kan kaʼes, ijoollee gudeeduu dabalatee cubbuu cimaan akka raawwatame yommuu dhagaʼan, hatattamaan tarkaanfii fudhatu. Mee gaaffiiwwan jalqaba  keeyyata 13,  15, fi  17 irra jiran ilaalaa.

13-14. Jaarsoliin yakka ijoollee gudeeduu gabaasa gochuu ilaalchisee seera mootummaatiif ni ajajamuu? Ibsi.

 13 Jaarsoliin, seera mootummaa yakka ijoollee gudeeduu, abbootii taayitaatiif gabaasa gochuu ajaju ni deggeruu? Eeyyee. Biyyoota seerri akkasii jiru keessatti, jaarsoliin seera mootummaa gocha ijoollee gudeeduu gabaasa gochuu ilaalchisee baʼeef ni ajajamu. (Rom. 13:1) Seerawwan akkasii seera Waaqayyoo wajjin wal hin faallessan. (HoE. 5:28, 29) Kanaafuu, jaarsoliin yakki ijoollee gudeeduu raawwatamuu isaa yommuu dhagaʼan, seera mootummaa dhimma kana gabaasuu ajaju akkamitti akka hojii irra oolchan yeruma sana qajeelfama gaafachuu qabu.

14 Jaarsoliin, ijoolleen miidhaman, warri isaanii fi namoonni dhimmicha beekan kan biroon, yakka sana abbootii taayitaatiif gabaasuuf bilisummaan isaanitti dhagaʼamuu akka qabu isaaniif mirkaneessuu qabu. Haa taʼu malee, namni yakka kana akka raawwate isaan gabaasa godhan miseensa gumii yoo taʼee fi sana booda dhimmichi hawaasicha keessatti yoo beekame hoo? Kiristiyaanni dhimma kana gabaasa godhe maqaa Waaqayyoo irratti arrabsoo akka fide isatti dhagaʼamuu qabaa? Matumaa. Maqaa Waaqayyoo irratti arrabsoo kan fide nama yakka sana raawwate dha.

15-16. (a) Akka 1 Ximotewos 5:19 jedhutti, tarkaanfii murtii fudhachuu dura ragooleen lama jiraachuu kan qaban maaliifi? (b) Miseensi gumii tokko ijoollee akka gudeede yommuu beekan jaarsoliin maal godhu?

 15 Gumii keessatti, jaarsoliin tarkaanfii murtii fudhachuu isaanii dura, yoo xinnaate ragoonni lama jiraachuu kan qaban maaliifi? Qajeelfamni kun ulaagaa haqaa Kitaaba Qulqulluu isa sadarkaa ol aanaa qabu keessaa isa tokko dha. Namni sun yakka raawwachuu isaa kan hin amanne yoo taʼe, himanni sun dhugaa taʼuu isaa mirkaneessuu fi jaarsoliin koree murtii hundeessuuf ragoonni lama jiraachuu qabu. (Kes. 19:15; Mat. 18:16; 1 Ximotewos 5:19 dubbisi.) Kana jechuun dhimmicha abbootii taayitaatiif gabaasni godhamuu isaa dura ragoonni lama jiraachuu qabu jechuudhaa? Matumaa. Jaarsoliinis taʼe warri kaan yakka tokko gabaasa gochuuf ulaagaa kana guutuun isaan hin barbaachisu.

16 Jaarsoliin miseensi gumii tokko ijoollee akka gudeede yommuu dhagaʼan, seera mootummaa dhimma sana gabaasa gochuu ajaju hojii irra oolchuuf carraaqu, achiis Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan koree murtii hundeessuun barbaachisaa taʼuu fi dhiisuu isaa murteessu. Namni sun himata isa irratti dhihaate yoo amanuu dide, jaarsoliin wanta namoonni dhimma sana beekan dubbatan dhaggeeffatu. Yoo xinnaate namoonni lama, jechuunis namni himata sana dhiheessee fi namni kan biraan himatamaan sun gocha sana ykn kanaan dura yakka ijoollee gudeeduu kan biraa akka raawwate ragaa baʼu yoo jiraate, jaarsoliin koree murtii hundeessu. * Taʼus, namni ragaa baʼu kan biraan hin jiru jechuun, namni himata sana dhiheesse sun soba dubbateera jechuu miti. Himata yakki cimaan akka raawwatame dhihaate sanaaf ragoonni lama yoo jiraachuu baatanis, jaarsoliin cubbuu cimaan warra kaan irratti miidhaa guddaa geessisu raawwatamee taʼuu akka dandaʼu ni beeku. Jaarsoliin namoota miidhaan irra gaʼee taʼuu dandaʼu kamiif iyyuu gargaarsa itti fufiinsa qabu gochuu qabu. Kana malees, jaarsoliin namni himatame sun gara fuulduraatti gumicha irra miidhaa akka hin geessisneef dammaqoo taʼuu qabu.—HoE. 20:28.

17-18. Gaʼeen koree murtii maali dha?

 17 Gaʼeen koree murtii maali dha? Jechi “murtii” jedhu, jaarsoliin namni yakka raawwate sun seera cabsuu isaatiif abbootii taayitaatiin adabamuu akka qabu akka itti murteessan kan argisiisu miti. Jaarsoliin dhimma seeraa keessa hin galan; dhimma yakkaa ilaaluu abbootii taayitaatiif dhiisu. (Rom. 13:2-4; Tit. 3:1) Kanaa mannaa, jaarsoliin namni sun miseensa gumii taʼee itti fufuu akka qabuu fi akka hin qabne murteessu.

18 Jaarsoliin koree murtii keessatti yommuu tajaajilan gaʼeen isaanii dhimmoota hafuuraa irratti murtii kennuu dha. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan namni sun yaada geddarachuu isaa ykn kan hin geddaranne taʼuu isaa murteessu. Namni sun yaada hin geddaranne yoo taʼe gumiidhaa baafamee gumiidhaaf beeksisni himamuu qaba. (1 Qor. 5:11-13) Yaada geddarateera yoo taʼe gumiidhaa baafamuu dhiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, jaarsoliin, namni sun gumii keessatti mirga kam iyyuu matumaa argachuu akka hin dandeenye ykn gumii keessatti itti gaafatamummaa akkamii iyyuu fudhatee tajaajiluu akka hin dandeenye isatti himuu qabu. Jaarsoliin nageenya ijoolleetiif yaaduudhaan, warri ijoollee xixinnoo qaban walitti dhufeenya ijoolleen isaanii nama sanaa wajjin qaban akka toʼatan dhuunfaatti isaan akeekkachiisuu dandaʼu. Jaarsoliin tarkaanfii akkasii yommuu fudhatan, iccitii namoota cubbuun irratti raawwatame sanaa akka hin baasne of eeggachuu qabu.

IJOOLLEE KEESSAN EEGUU KAN DANDEESSAN AKKAMITTI?

Warri saala ilaalchisee odeeffannoo sirrii taʼe isaaniif kennuudhaan ijoollee isaanii miidhaa saalaa irraa eegu. Kana gochuuf, warri odeeffannoo jaarmiyaa Waaqoyyootiin qophaaʼetti fayyadamu. (Mata duree qoʼannaa 19-22 ilaalii)

19-22. Warri ijoollee isaanii eeguuf maal gochuu dandaʼu? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

19 Ijoollee miidhaa irraa eeguuf itti gaafatamummaa kan qabu eenyu dha? Warra dha. * Ijoolleen keessan “kennaa Waaqayyo” biraa hadaraadhaan isinitti kennamani dha. (Far. 127:3) Hadaraa isinitti kenname kana eeguun itti gaafatamummaa keessani dha. Ijoollee keessan miidhaa irraa eeguuf maal gochuu dandeessu?

20 Tokkoffaa, waaʼee yakka kanaa beekumsa gaʼaa qabaadhaa. Waaʼee namoota ijoollee gudeedanii fi ijoollee gowwoomsuuf tooftaa isaan itti fayyadaman beekaa. Haalawwan ykn namoota balaa geessisuu dandaʼan ilaalchisee dammaqoo taʼaa. (Fak. 22:3; 24:3) Yeroo baayʼee miidhaa kana kan geessisan namoota ijoolleen akka gaariitti beekanii fi ijoolleen amanan akka taʼe yaadadhaa.

21 Lammaffaa, ijoollee keessanii wajjin akka gaariitti waliin dubbadhaa. (Kes. 6:6, 7) Kana gochuun akka gaariitti dhaggeeffachuus ni dabalata. (Yaq. 1:19) Ijoolleen yeroo baayʼee miidhaa isaan irra gaʼe dubbachuuf sodaachuu ykn fedhii dhabuu akka dandaʼan yaadadhaa. Tarii na hin amanan jedhanii sodaachuu ykn namni yakka raawwate sun akka dhoksan isaan sossodaachisee taʼuu dandaʼa. Dogoggorri tokko akka raawwatame yoo isinitti dhagaʼame, gaarummaadhaan gaaffiitti fayyadamuudhaan baasanii akka dubbatan godhaa, akkasumas yommuu isaan dubbatan obsaan dhaggeeffadhaa.

22 Sadaffaa, ijoollee keessan barsiisaa. Umurii isaanii tilmaama keessa galchuudhaan waaʼee saalqunnamtii isaan barsiisaa. Ijoollee keessan akkamitti eeguu akka qabdan ilaalchisee odeeffannoo jaarmiyaan Yihowaa baasetti fayyadamaa. Saanduqa, “ Ofii Keessanis Taʼe Ijoollee Keessan Barsiisaa” jedhu ilaali.

23. Ijoollee gudeeduu akkamitti ilaalla? Mata dureen itti aanu gaaffii kamiif deebii kenna?

23 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, ijoollee gudeeduun cubbuu guddaa fi yakka cimaa akka taʼetti ilaalla. Seera Kiristoosiin waan geggeeffamnuuf, gumiiwwan keenya namoonni ijoollee gudeedan adaba cubbuun isaanii isaanitti fidu akka hin arganne isaan hin golgan. Taʼus, namoota sababa miidhaa kanaatiin dhiphatan gargaaruuf maal gochuu dandeenya? Mata dureen itti aanu gaaffii kanaaf deebii kenna.

FAARFANNAA 103 Tiksitoota Dhiirota Kennaa Taʼa

^ key. 5 Mata dureen kun yakka saalqunnamtii irraa ijoollee eeguun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsa. Jaarsoliin, gumii eeguuf akkamitti tarkaanfii akka fudhatanii fi warri akkamitti ijoollee isaanii eeguu akka dandaʼan baranna.

^ key. 3 IBSA JECHAA: Ijoollee gudeeduun kan raawwatamu namni gaʼeessa taʼe tokko fedhii saalqunnamtii ofii isaa ykn ishii guuttachuuf ijoolleetti yommuu fayyadamani dha. Gochi kun saalqunnamtii karaa afaanii ykn karaa hudduu raawwatamu akkasumas qaama hormaataa, harma ykn hudduu susukkuumuu ykn gochawwan naamusaa ala taʼan kan biraa raawwachuu dabalata. Gama kanaan miidhaan kan irra gaʼe gara caalaan shamarran taʼanis, ijoollee dhiiraa hedduu irras miidhaan gaʼeera. Namoonni yakka saalqunnamtii kana raawwatan hedduun dhiirota taʼanis, dubartoonni tokko tokkos gocha akkasii ni raawwatu.

^ key. 5 IBSA JECHAA: Mata duree kanaa fi isa itti aanu keessatti gaaleen nama miidhame jedhu, nama ijoollummaa isaatti yakki saalqunnamtii irratti raawwatame argisiisa. Jecha kana kan itti fayyadamne, daaʼimni sun waan miidhamee fi namni kan biraan waan isatti fayyadameef, inni ykn ishiin qulqulluu akka taʼan ifa gochuufi dha.

^ key. 11 Hariiroon namni tokko Yihowaa wajjin qabu laafuun isaa cubbuu cimaa raawwachuuf sababa hin taʼu. Namni cubbuu raawwate sun filannoo godhee fi gocha dogoggoraa raawwateef Yihowaa duratti itti gaafatama.—Rom. 14:12.

^ key. 16 Daaʼimni miidhaan irratti raawwatame tokko, nama himatame sana falmachuuf jaarsolii duratti dhihaachuun matumaa isa hin barbaachisu. Mucaa sana dhiphina miiraa kan biraatiif saaxiluun utuu hin barbaachisin, warri isaa ykn namni amanamaa taʼe kan biraan himata sana jaarsolii duratti dhiheessuu dandaʼa.

^ key. 19 Gorsi warra ilaalchisee kenname, namoota seeraan fudhatanii ijoollee guddisan ykn namoota ijoollee kan isaanii hin taane guddisaniifis ni hojjeta.