MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Caamsaa 2020

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Adoolessa 6-Hagayya 2, 2020⁠tti qoʼataman qabateera.

Bara Dhumaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?

Mata duree qoʼannaa 19: Adoolessa 6-12, 2020. Raajiin Daaniʼel waaʼee “mootii kaabaa” fi “mootii kibbaa” ilaalchisee dubbate raawwatamuu isaa akka itti fufe ragaa argisiisu argaa jirra. Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Raajii kana gad fageenyaan hubachuun kan nu barbaachisu maaliifi?

Yeroo Dhumaatti Mootummoota Wal Morkatan

Raajiin waaʼee ‘mootii kaabaa’ fi ‘mootii kibbaa’ dubbatu raajiiwwan kan biroo wajjin yeroo tokkotti kan raawwatamu dha. Raajiiwwan kun sirni kun dhiheenyatti akka badu kan mirkaneessan akkamitti?

Yeroo Ammaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?

Mata duree qoʼannaa 20: Adoolessa 13-19, 2020. Yeroo ammaatti ‘mootiin kaabaa’ eenyu? Kan badu hoo akkamitti? Deebii kanaa beekuun keenya amantii keenya cimsuu fi qorumsawwan dhiheenyatti nu mudataniif qophaaʼuuf nu gargaara.

Kennaawwan Waaqayyoo ni Dinqisiifattaa?

Mata duree qoʼannaa 21: Adoolessa 20-26, 2020. Mata dureen kun Yihowaa fi kennaawwan inni nuu kenne tokko tokkoof dinqisiifannaa qabdu nuu guddisa. Namoota Waaqayyo jiraachuu isaa shakkaniifis ragaa dhiheessuuf nu gargaara.

Kennaawwan Ijaan hin Argamneef Dinqisiifannaa Qabdan Argisiisaa

Mata duree qoʼannaa 22: Adoolessa 27–Hagayya 2, 2020. Mata duree darbe irratti kennaawwan Waaqayyo biraa argaman hedduu warra ijaan argamuu dandaʼan ilaalleerra. Mata dureen kun kennaawwan ijaan arguu hin dandeenyee fi kennaawwan kanaaf dinqisiifannaa qabnu akkamitti guddifachuu akka dandeenyu ibsa. Kana malees, dinqisiifannaa Yihowaa isa Madda kennaawwan kanaa taʼeef qabnu nuu guddisa.