Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 19

Bara Dhumaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?

Bara Dhumaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?

“Bara dhumaatti mootiin inni kibbaa isaa [mootii kaabaa] wajjin wal ni dhiiba.”—DAN. 11:40, NW.

FAARFANNAA 150 Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa

QABIYYEE *

1. Raajiin Kitaaba Qulqulluu maal nuu ibsa?

DHIHEENYATTI saba Yihowaa maaltu eeggata? Kana tilmaamuun nu hin barbaachisu. Kitaabni Qulqulluun wantoota barbaachisoo dhiheenyatti hunda keenya ilaallatan nutti hima. Keessumaa raajiin inni tokko mootummoonni lafa irratti argamanii fi humna guddaa qaban tokko tokko maal akka godhan hubachuuf nu gargaara. Seenaan Daaniʼel boqonnaa 11 irratti galmeeffame kun, seenaa mootii kaabaa fi mootii kibbaa warra wal morkan lamaanii kan ibsu dha. Raajii kana keessaa harki caalaan isaa raawwatameera; kanaafuu, kutaan raajii kanaa inni hafes akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.

2. Uumama 3:15 fi Mulʼata 11:7 akkasumas 12:17 irratti akkuma ibsame, raajii Daaniʼel yommuu qoʼannu maal yaadachuu qabna?

2 Raajii Daaniʼel boqonnaa 11 irratti galmeeffame hubachuuf, seenaan kun waaʼee bulchitootaa fi mootummoota saba Waaqayyoo irratti kallattiidhaan dhiibbaa geessisaa turanii qofa kan dubbatu taʼuu isaa yaadachuu qabna. Tajaajiltoonni Waaqayyoo uummata addunyaa irratti argamuu wajjin yommuu wal bira qabaman baayʼee xinnoo yoo taʼan iyyuu, yeroo baayʼee taʼeewwan guguddaa addunyaa irratti raawwataman keessatti bakka guddaa qabu. Kun kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas Seexannii fi guutummaan sirna isaa kaayyoo tokko kan qabu siʼa taʼu, innis warra Yihowaa fi Yesuusiin tajaajilan balleessuu dha. (Uumama 3:15 fi Mulʼata 11:7; 12:17 dubbisi.) Dabalataanis, raajiin Daaniʼel barreesse, raajiiwwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman kaanii wajjin kan wal simu taʼuu qaba. Siruma iyyuu, raajii Daaniʼel sirriitti hubachuu kan dandeenyu, raajii kana kutaawwan Kitaaba Qulqulluu kan biroo wajjin yoo wal bira qabne qofa dha.

3. Mata duree kanaa fi isa itti aanu irratti waaʼee maalii mariʼanna?

3 Amma Daaniʼel 11:25-39 irratti mariʼanna. Bara 1870 hamma 1991⁠tti mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa eenyu akka turan, akkasumas kutaa raajii kanaa irratti hubannaa qabnu ifa gochuun keenya sirrii kan taʼe maaliif akka taʼe ilaalla. Mata duree itti aanu irratti immoo Daaniʼel 11:40–12:1 irratti mariʼanna; akkasumas kutaan raajii sanaa waaʼee bara 1990mmanii jalqabee hamma waraana Armaagedoonitti jiru ilaalchisee maal akka ibsu hubannaa arganne ifa goona. Mata dureewwan kana lamaan yommuu qoʼattan, chaartii, “Yeroo Dhumaatti Mootummoota Wal Morkatan” jedhu ilaaluun keessan isin fayyada. Jalqaba garuu mootummoota lamaan raajii kana keessatti ibsaman addaan baasnee beekuun nu barbaachisa.

MOOTUMMAA KAABAA FI MOOTUMMAA KIBBAA AKKAMITTI BEEKUU DANDEENYA?

4. Mootii kaabaa fi mootii kibbaa beekuuf wantoota akkamii sadii hubachuu qabna?

4 Maqaawwan “mootummaa kaabaa” fi “mootummaa kibbaa” jedhan, jalqaba irratti humnoota siyaasaa kaabaa fi kibba biyya Israaʼel keessatti argamaniif kan kennaman turan. Akkana kan jennu maaliifi? Wanta maleekaan tokko, “Guyyaa gara booddeetti saba keetti waan dhufuuf jiru si hubachiisuudhaaf nan dhufe” jechuudhaan ergaa kana Daaniʼelitti dubbate qalbeeffadhaa. (Dan. 10:14) Hamma Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti sabni Israaʼel saba Waaqayyoo turan. Haa taʼu malee, yeroo sanaa jalqabee Yihowaan barattoota Yesuus warra amanamoo taʼan akka saba isaatti akka ilaalu ifa godheera. Kanaafuu, raajiin Daaniʼel boqonnaa 11 irratti caqasame harki caalaan isaa saba Israaʼel utuu hin taʼin duuka buutota Kiristoos kan ilaallatu dha. (HoE. 2:1-4; Rom. 9:6-8; Gal. 6:15, 16) Eenyummaan mootii kaabaa fi mootii kibbaa yeroodhaa gara yerootti jijijjiiramaa tureera. Haa taʼu malee, mootummoonni kun wanti wal isaan fakkeessu jira. Tokkoffaa, mootonni kun saba Waaqayyoo irratti miidhaa guddaa geessisaniiru. Lammaffaa, akkaataa saba Waaqayyoo itti qabaniin Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe akka jibban argisiisaniiru. Akkasumas sadaffaa, mootonni lamaan aangoodhaaf wal morkatu.

5. Eenyummaa mootii kaabaa fi mootii kibbaa bara 100 hanga bara 1870⁠tti turanii beekuu ni dandeenyaa? Ibsi.

5 Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa lammaffaa yeroo taʼe tokkotti, gumiin Kiristiyaanota dhugaa Kiristiyaanota sobaa warra barumsa namoota Waaqayyoon hin beekne barsiisanii fi dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu dhoksaniin liqimfamuu jalqabe. Yeroo sanaa jalqabee hamma jaarraa 19⁠ffaa gara boodaatti lafa irratti gareen tajaajiltoota Waaqayyoo qabate tokko hin turre. Kiristiyaanonni sobaa akkuma inkirdaadaatti baayʼatanii eenyummaa Kiristiyaanota dhugaa dhoksanii turan. (Mat. 13:36-43) Kana beekuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yaanni kun mootii kaabaa fi mootii kibbaa ilaalchisee wanti dubbisnu bulchitootaa fi mootummoota bara 100 hanga bara 1870⁠tti aangoo qabatan kan hin ilaallanne taʼuu isaa argisiisa. Yeroo kanatti sabni Waaqayyoo gurmaaʼee fi isaan haleellaa irratti geessisuu dandaʼan hin jiru ture. * Haa taʼu malee, bara 1870 booda utuu baayʼee hin turin mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa deebiʼee akka mulʼatu eeguu dandeenya. Kana akkamitti beekna?

6. Eenyummaan saba Waaqayyoo deebiʼee kan beekame yoomi? Ibsi.

6 Sabni Waaqayyoo bara 1870 irraa jalqabee akka gareetti gurmaaʼuu jalqaban. Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa garee Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokko kan hundeessan waggaa sanatti ture. Obboleessi keenya Raasilii fi michoonni isaa Mootummaan Masiihichaa hundeeffamuu isaa dura ergamaa ‘karaa qopheessuu’ fi dursee dubbatame taʼanii tajaajilaniiru. (Mil. 3:1) Yeroo kanatti eenyummaan saba Waaqayyoo deebiʼee beekamuu dandaʼeera! Maarree yeroo sanatti humnoonni addunyaa tajaajiltoota Waaqayyoo irratti dhiibbaa guddaa geessisan jiru turanii? Mee dhugaawwan kanatti aananii jiran ilaali.

MOOTIIN KIBBAA EENYU?

7. Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti mootii kibbaa kan ture eenyu?

7 Bara 1870⁠tti Biritaaniyaan addunyaa irratti bulchiinsa hundumaa caalaa humna guddaa qabdu taate; humni waraanaa ishiis hundumaa irra kan caalu ture. Bulchiinsi kun gaanfa xinnoo gaanfota kan biroo sadan, jechuunis Faransaay, Ispeenii fi Neezarlaandiin injifatetti fakkeeffame sana ture. (Dan. 7:7, 8) Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaattis mootii kibbaa taʼeera. Yeroo kanatti Yunaayitid Isteetis oof Ameerikaan dinagdeedhaan sadarkaa guddaa irra kan geesse siʼa taʼu, Biritaaniyaa wajjinis michummaa cimaa uumuu jalqabde.

8. Guutummaa guyyoota dhumaatti mootii kibbaa taʼee kan itti fufe eenyu?

8 Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Yunaayitid Isteetisii fi Biritaaniyaan michoota humna waraanaa guddaa uuman taʼaniiru. Yeroo sanatti Biritaaniyaa fi Yunaayitid Isteetis Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa taʼaniiru. Akkuma Daaniʼel raajiidhaan dubbatetti mootiin kun, “loltuu sonaan baayʼeedhaa fi jabaa” taʼe walitti qabatee ture. (Dan. 11:25) Guutummaa guyyoota dhumaatti, Angiloo Ameerikaan mootii kibbaa taʼee itti fufeera. * Maarree mootii kaabaa kan taʼe hoo eenyu?

MOOTIIN KAABAA DEEBIʼEE MULʼATE

9. Mootiin kaabaa deebiʼee kan mulʼate yoomi? Daaniʼel 11:25 kan raawwatame hoo akkamitti?

9 Bara 1871⁠tti jechuunis Raasilii fi michoonni isaa garee Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokko hundeessanii waggaa tokko booda mootiin kaabaa deebiʼee mulʼate. Waggaa sanatti Oottoo Voon Bismaark Bulchiinsa Jarmanii hundeessuu irratti shoora guddaa taphatee ture. Mootiin Piruushiyaa Wiilhelm Tokkoffaan mootii ishii isa jalqabaa yommuu taʼu, Bismaarkiinis bulchaa isa jalqabaa godhee muude. * Waggoota kurnan muraasa itti aananiif Jarman biyyoota Afriikaa fi Garba Paasifiikii keessatti argaman weeraruudhaan humna guddaa kan qabdu taate; kana malees Biritaaniyaa morkachuu jalqabde. (Daaniʼel 11:25 dubbisi.) Bulchiinsi Jarman raayyaa waraanaa guddaa kan hundeesse siʼa taʼu, humna waraanaa galaanaa ijaaruudhaanis addunyaa irratti sadarkaa lammaffaa qabatee ture. Jarmaniin humna waraanaa ishii kana waraana addunyaa tokkoffaatti diinota ishii loluuf itti fayyadamteetti.

10. Daaniʼel 11:25b, 26 kan raawwatame akkamitti?

10 Itti aansuudhaan Daaniʼel wanta Bulchiinsa Jarmanii fi humna waraanaa ishiin ijaarratte irra gaʼu dubbateera. Raajichi mootiin kaabaa “jabaatee dhaabachuu hin dandaʼu” jedheera. Maaliif? Sababiin isaas, ‘Isaan isa irratti ni malu. Warri isaa wajjin nyaata baʼeessa nyaatan isa in balleessu.’ (Dan. 11:25b, 26a) Bara Daaniʼelitti warri ‘mootichaa wajjin nyaata baʼeessa nyaatan’ abbootii taayitaa mootummaa warra ‘fuula mootichaa duratti dhiʼaatanii hojii irra dhaabaman’ kan dabalatu ture. (Dan. 1:5) Raajiin kun waaʼee eenyuu dubbata? Kun abbootii taayitaa Bulchiinsa Jarman warra aangoo guddaa qaban, jechuunis jeneraalotaa fi gorsitoota raayyaa waraanaa mootichaa yeroo booda mooticha kuffisuu irratti gargaarsa godhan kan dabalatu dha. * Raajiin kun kufaatii bulchiinsa sanaa qofa utuu hin taʼin waraanni mootii kibbaa wajjin godhamus buʼaan isaa maal akka taʼu ni dubbata. Raajichi waaʼee mootii kaabaa yommuu dubbatu, “loltuun isaa in haxaaʼamu, baayʼeen isaaniis waraanamanii in kukkufu” jedha. (Dan. 11:26b) Akkuma raajiidhaan dubbatametti waraana addunyaa isa tokkoffaa irratti loltoonni Jarman, ‘haxaaʼamaniiru’; baayʼeen isaaniis ‘waraanamanii kukkufaniiru.’ Waraanni sun waraana seenaa ilmaan namootaa keessatti hamma yeroo sanaatti godhame irra caalaa lubbuu namoota hedduu galaafate dha.

11. Mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa maal godhan?

11 Daaniʼel 11:27, 28 wantoota Waraana Addunyaa Tokkoffaa dura raawwataman yommuu dubbatu, mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa ‘wal bira taaʼanii soba akka walitti dubbatan’ ibseera. Caqasichi mootiin kaabaa, “miʼa baayʼee” akka walitti qabatus ni dubbata. Yeroo kanattis wanti raawwatame kanuma dha. Jarmanii fi Biritaaniyaan nagaa akka barbaadan kan walitti dubbatan taʼus, bara 1914⁠tti yommuu waraanni jalqabe wanti isaan dubbatan kun soba taʼuun isaa mirkanaaʼeera. Waggoottan kurnan bara 1914 dura turanitti Jarman dureettii taʼuudhaan addunyaa irraa dinagdeedhaan sadarkaa lammaffaa irra geessee turte. Achiis akka raawwii Daaniʼel 11:29 fi kutaa jalqabaa lakkoofsa 30⁠tti, Jarman mootii kibbaa wajjin wal loltee moʼamteetti.

MOOTONNI KUN SABA WAAQAYYOO NI LOLU

12. Waraana addunyaa tokkoffaatti mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa maal godhan?

12 Bara 1914 irraa jalqabee mootonni lamaan kun lola walii isaanii fi saba Waaqayyoo irratti godhan finiinsaniiru. Fakkeenyaaf, waraana addunyaa isa tokkoffaatti mootummaan Jarmanii fi mootummaan Biritaaniyaa tajaajiltoota Waaqayyoo warra lola irratti hirmaachuu didan irratti ariʼatama geessisaniiru. Kana malees mootummaan Yunaayitid Isteetis warra adda durummaadhaan hojii lallabaa geggeessan mana hidhaatti galcheera. Ariʼatamni kun raajiin Mulʼata 11:7-10 irratti argamu raawwii isaa akka argatu godheera.

13. Bara 1930mmanii fi yeroo waraana addunyaa lammaffaatti mootiin kaabaa maal godhe?

13 Achiis bara 1930mmanitti, keessumaa yeroo waraana addunyaa lammaffaatti mootiin kaabaa gara laafina tokko malee saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessiseera. Yeroo warri Naazii Jarmaniin toʼatanitti Hiitlarii fi duuka buutonni isaa hojii saba Waaqayyoo dhorkaniiru. Mormitoonni kun saba Yihowaa dhibbaan lakkaaʼaman ajjeesaniiru, kumaan kan lakkaaʼaman immoo mana hidhaatti galchaniiru. Taʼeewwan kun kitaaba Daaniʼel irratti dursanii dubbatamanii turan. Mootummaan kaabaa kun bilisummaa tajaajiltoonni Waaqayyoo ifatti maqaa Yihowaa jajachuuf qaban daangessuudhaan ‘mana qulqullummaa xureessuu’ fi ‘aarsaan walitti fufee aarfamu akka balleeffamu’ gochuu dandaʼeera. (Dan. 11:30b, 31a) Geggeessaa isaa kan ture Hiitlar saba Waaqayyoo Jarman keessa jiran akka balleessu illee kakatee ture.

MOOTIIN KAABAA HAARAAN TOKKO NI KAʼE

14. Waraana addunyaa lammaffaa booda mootii kaabaa kan taʼe eenyu? Ibsi.

14 Waraana addunyaa lammaffaa booda, mootummaan Kooministii Tokkummaa Sooviyeet biyyoota Jarman irraa fudhate hedduu toʼannaa isaa jala galfachuudhaan mootii kaabaa taʼe. Akkuma bulchiinsa Naazii isa abbaa irree ture sanaatti, Tokkummaan Sooviyeetis nama mootummaadhaaf guutummaatti ajajamuu caalaa waaqeffannaa Waaqa dhugaatiif dursa kennu kam irratti iyyuu ariʼatama cimaa geessiseera.

15. Waraanni Addunyaa Lammaffaan erga xumuramee booda mootiin kaabaa maal godhe?

15 Waraana Addunyaa Lammaffaa booda utuu baayʼee hin turin mootii kaabaa haaraa kan taʼe Tokkummaan Sooviyeetii fi deggertoonni isaa saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessisuu jalqaban. Raajii Mulʼata 12:15-17 irratti argamuu wajjin haala wal simuun mootiin kun hojii lallabaa keenya ni dhorke, saba Yihowaa kumaan lakkaaʼamanis gara Saayibeeriyaa bakka jireenyaaf baayʼee ulfaataa taʼetti isaan ergee achitti isaan hidhe. Guutummaa guyyoota dhumaa kanatti mootiin kaabaa “laga” ariʼatamaa kan dhangalaase taʼus, yaaliin inni hojii sabni Waaqayyoo hojjetan dhaabsisuuf godhe isaaf hin milkoofne. *

16. Tokkummaan Sooviyeet raajii Daaniʼel 11:37-39 irratti argamu kan raawwate akkamitti?

16 Daaniʼel 11:37-39 dubbisi. Akka raawwii raajii kanaatti, mootiin kaabaa, ‘waaqa abboonni isaa waaqeffatan yaadatti hin fudhanne.’ Kana kan godhe akkamitti? Tokkummaan Sooviyeet aangoo isaanii fudhachuuf jecha amantiiwwan balleessuuf yaalii godheera. Kaayyoo isaa kana galmaan gaʼuufis bara 1918⁠tti ajaja barumsi Waaqayyo hin jiru jedhu mana barumsaatti akka kennamuuf buʼuura taʼe dabarseera. Mootummaan kaabaa “Waaqayyo tolfamaa ‘Isa masaraa eega’ jedhamuuf ulfina” kan kenne akkamitti? Tokkummaan Sooviyeet bulchiinsa isaa cimsachuuf jecha raayyaa waraanaa isaa ijaaruu fi meeshaawwan waraanaa niwukilarii kumaan lakkaaʼaman oomishuuf qarshii hammana hin jedhamne baaseera. Mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa yeroo booda meeshaawwan waraanaa namoota biliyoonaan lakkaaʼaman ajjeesuu dandaʼan walitti qabaniiru!

MOOTUMMOONNI LAMAAN WALIIN HOJJETU

17. ‘Wanti jibbisiisaan badiisa geessisu’ maali dha?

17 Mootiin kaabaa wanta iddoo guddaan kennamuuf tokko irratti mootii kibbaa deggereera; lamaan isaanii iyyuu, “wanta jibbisiisaa nama rifachiisu [“badiisa geessisu,” NW] sana achi in kaaʼu.” (Dan. 11:31) “Wanta jibbisiisaa” kan jedhame Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ti.

18. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii “wanta jibbisiisaa” akka taʼetti kan ibsame maaliifi?

18 Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii “wanta jibbisiisaa” akka taʼetti kan ibsame, wanta Mootummaan Waaqayyoo qofti raawwachuu dandaʼu, jechuunis addunyaa kanaaf nagaa fiduu akka dandaʼu waan dubbatuufi. Raajichi wanta jibbisiisaa “badiisa geessisu” kan jedhe Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii amantii sobaa hundumaa balleessuu irratti shoora guddaa waan taphatuufi.—Chaartii “Yeroo Dhumaatti Mootota Wal Morkatan” jedhu ilaali.

SEENAA KANA BEEKUUN KAN NU BARBAACHISU MAALIIFI?

19-20. (a) Seenaa kana beekuun kan nu barbaachisu maaliifi? (b) Mata duree itti aanu irratti gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?

19 Kana beekuun kan nu barbaachisu, seenaan kun bara 1870mmanii jalqabee hamma jalqaba bara 1990mmaniitti raajiin Daaniʼel mootii kaabaa fi mootii kibbaa ilaalchisee dubbate akka raawwatame waan mirkaneessuufi. Kanaafuu, kutaan raajii kanaa inni hafes akka raawwatamu amanannaa qabaachuu dandeenya.

20 Bara 1991⁠tti Tokkummaan Sooviyeet ni kufe. Maarree yeroo ammaatti mootii kaabaa kan taʼe eenyu dha? Mata dureen itti aanu gaaffii kanaaf deebii kenna.

FAARFANNAA 128 Hamma Dhumaatti Jabaachuu

^ key. 5 Raajiin Daaniʼel ‘mootii kaabaa’ fi ‘mootii kibbaa’ ilaalchisee dubbate yommuu raawwatamuu isaa itti fufu argaa jirra. Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Raajii kana gad fageenyaan hubachuun kan nu barbaachisu hoo maaliifi?

^ key. 5 Sababa as irratti kenname irraa kaʼuudhaan, kana booda Mootii Roomaa kan ture Awureeliyaaniin (isa Dh.K.B. bara 270-275⁠tti ture) ‘mootii kaabaa’ keessatti caqasuun ykn Zanuubiyaa Mootittii (ishii Dh.K.B. bara 267-272⁠tti turte) ‘mootii kibbaa’ keessatti caqasuun sirrii hin fakkaatu. Ibsi kun yaada kitaaba Raajii Daaniʼel Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! (Amaariffa) jedhamu boqonnaa 13 fi 14 irratti kennamee ture irratti sirreeffama godhame kan argisiisu dha.

^ key. 9 Bara 1890⁠tti Kaayizer Wiilhelm Lammaffaan Bismaarkiin aangoo irraa ariʼe.

^ key. 10 Abbootiin taayitaa kun kufaatiin bulchiinsa sanaa karaawwan hedduudhaan akka saffisu godhaniiru. Fakkeenyaaf, kaayizariin deggeruu dhiisaniiru, waraana ilaalchisee iccitiiwwan guguddaa baasaniiru, akkasumas kaayizar fedhiidhaan aangoo akka gadhiisu dhiibbaa isa irratti godhaniiru.

^ key. 15 Akkuma Daaniʼel 11:34 irratti ibsametti Kiristiyaanonni mootii kaabaa jala turan ariʼatama irraa boqonnaa xinnoo argataniiru. Fakkeenyaaf, yommuu Tokkummaan Sooviyeet bara 1991⁠tti kufetti kun raawwii isaa argateera.