Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garraamummaa—Amalli Kun kan Nu Fayyadu Akkamitti?

Garraamummaa—Amalli Kun kan Nu Fayyadu Akkamitti?

Saaraan * akkana jetteetti: “Ani uumamaan sodaattuu dha; ofitti amanamummaa guddaas hin qabu. Kanaafuu, namoota ofitti amanamummaa guddaa qabanii fi dafanii aaranii wajjin yommuun taʼu nan dhiphadha. Nama garraamii fi gad of qabu wajjin yommuun taʼu garuu miirri tasgabbii natti dhagaʼama. Nama akkanaatti ifatti nan dubbadha, miira koo nan ibsa, rakkoowwan koo irrattis nan mariʼadha. Michoonni koo namoota akkanaa ti.”

Wanti Saaraan dubbatte garraamummaan namoota kaanitti akka nu dhiheessu argisiisa. Garraamummaan Yihowaas ni gammachiisa. Dubbiin isaa, “Garraamummaa . . . uffadhaa” jechuudhaan nu gorsa. (Qol. 3:12) Garraamummaan maali dha? Yesuus garraamummaa kan argisiise akkamitti? Amalli kun jireenyi keenya caalaatti gammachiisaa akka taʼu gochuu kan dandaʼu akkamitti?

GARRAAMUMMAAN MAALI DHA?

Garraamummaan miira nagaa keessa keenyatti nutti dhagaʼamu dha. Namni garraamiin warra kaan gaarummaadhaan qaba, akkasumas wantoota jireenya isaa keessatti isa aarsan tasgabbii fi of toʼachuudhaan dabarsa.

Garraamummaan mallattoo keessi keenya cimaa taʼuu isaa argisiisu dha. Jechi Afaan Giriikii “garraamummaa” jedhu, farda leenjifame argisiisuuf itti hojjetama ture. Fardi sun cimaa taʼus, humna isaa akka toʼatu leenjifameera. Haaluma wal fakkaatuun nutis yommuu garraamummaa argisiisnu, amala keenya isa badaa taʼe ni toʼanna, akkasumas nagaadhaan warra kaan qabna.

‘Ani uumamaan nama garraamii miti’ jennee yaanna taʼa. Kan jiraannu addunyaa aarii fi obsa dhabuun itti babalʼate keessa waan taʼeef, amala garraamummaa argisiisuun nu rakkisuu dandaʼa. (Rom. 7:19) Garraamummaa argisiisuun carraaqqii gochuu akka gaafatu beekamaa dha, taʼus hafuurri Yihowaa murtoo amala kana argisiisuuf goone akka cimsannu nu gargaara. (Gal. 5:22, 23) Amala garraamummaa qabaachuuf carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifi?

Garraamummaan amala namoota hawwatu dha. Akkuma Saaraan ishiin olitti ibsamte dubbattetti, nama garraamii wajjin yommuu taanu miirri tasgabbii nutti dhaga’ama. Yesuus garraamummaa fi gaarummaa argisiisuudhaan fakkeenya hunda irra caalu dha. (2 Qor. 10:1) Ijoollee xixinnoon isa hin beekne illee isatti dhihaachuu barbaadu turan.—Mar 10:13-16.

Garraamummaan nuufis taʼe namoota naannoo keenyatti argamaniif eegumsa argamsiisa. Garraamota yoo taane, dafnee hin aarru ykn aariidhaan tarkaanfii hin fudhannu. (Fak. 16:32) Kanaafuu, keessumaa nama jaallannu erga miinee booda miira of ceephaʼuu nutti dhagaʼamuu dandaʼu irraa ni fagaanna. Kana malees, garraamummaan namoonni naannoo keenyatti argaman of toʼachuu dhiisuu keenyaan kan kaʼe akka hin rakkanne isaan eega.

GARRAAMUMMAA ARGISIISUUDHAAN FAKKEENYA HUNDA IRRA CAALU

Yesuus itti gaafatamummaa guddaa kan qabuu fi hojiidhaan kan qabame taʼus, namoota hundumaatti garraamummaa argisiiseera. Namoonni bara isaatti turan hedduun waldhaansoo gochaa kan turanii fi baʼaan kan itti ulfaate waan taʼaniif, boqonnaa argachuun isaan barbaachisa ture. Yesuus, “Gara koo kottaa, . . . ani garraamii fi kanan gad of qabu [dha]” yommuu isaaniin jedhetti hammam jajjabaatanii akka turan mee yaadaa.—Mat. 11:28, 29.

Garraamummaa Yesuus argisiise qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Yesuus akkamitti namootaa wajjin jiraachaa akka turee fi haalawwan rakkisoo taʼaniif akkamitti furmaata akka kenne beekuuf Dubbii Waaqayyoo ni qoranna. Achiis yommuu haalli garraamummaa keenya qoru nu mudatutti, akkuma Yesuus godhe gochuuf carraaqqii goona. (1 Phe. 2:21) Wantoota Yesuus garraamii akka taʼu isa gargaaran sadii ilaalaa.

Yesuus dhugumaan nama gad of qabu ture. Yesuus, ‘garraamii fi kan gad of qabu’ taʼuu isaa dubbateera. (Mat. 11:29) Garraamummaan gad of qabuu wajjin walitti dhufeenya cimaa waan qabuuf, Kitaabni Qulqulluun amalawwan kana lamaan waliin caqasa. (Efe. 4:1-3) Kun kan taʼe maaliifi?

Gad of qabuun wanta warri kaan waaʼee keenya dubbatanitti dafnee aaruu irraa akka fagaannu nu gargaara. Yesuus namoota jalʼinaan “nama albaadhessaa fi nama wayiniidhaaf bule” akka taʼetti sobaan isa ceephaʼaniif deebii akkamii kenne? Fakkeenyummaan isaa ceephoo sana akka ukkaamsu godheera; ‘ogummaan qajeelaa taʼuun ishii hojii ishiitiin akka mirkanaaʼus’ garraamummaadhaan ibseera.—Mat. 11:19.

Namni tokko waaʼee sanyii kee, saala kee, ykn akkaataa guddinaa kee wanta nama miidhu yoo dubbate, garraamummaadhaan deebii kennuuf maaliif carraaqqii hin gootu? Piitar inni Afriikaa Kibbaatti jaarsa taʼee tajaajilu akkana jedheera: “Wanta namni tokko dubbateen akkan aare yommuun hubadhutti, ‘Utuu Yesuus taʼee maal godha ture?’ jedheen of gaafadha.” Itti dabaluudhaan: “Wanta warri kaan waaʼee koo dubbatanitti dafee aaruu akkan hin qabne baradheera” jedheera.

Yesuus dadhabina namootaa ni hubata ture. Barattoonni Yesuus yaada gaarii qabu turan; haa taʼu malee, mudaa kan qaban taʼuun isaanii yeroo tokko tokko yaada isaanii kana akka hin raawwanne isaan dhowwa ture. Fakkeenyaaf Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis gargaarsa karaa miiraa akka isaaf godhan inni gaafate utuu isaaf hin godhin hafaniiru. Yesuus, ‘hafuurri qophaaʼaa, foon garuu dadhabaa’ taʼuu isaa hubateera. (Mat. 26:40, 41) Yesuus mudaa kan qaban taʼuu isaanii waan beekeef, ergamoota isaatti hin aarre.

Obboleettiin teenya Maandiin kanaan dura wanta hedduu nama irraa eegaa kan turte siʼa taʼu, amma garuu garraamummaa argisiisuu ilaalchisee fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii guddaa gochaa jirti. Akkana jetteetti, “Dadhabina namoonni qaban rakkina isaa hundumaa wajjin fudhachuuf, akkasumas wanta gaarii warri kaan qabanii fi Yihowaan dhugumaan ilaalu ilaaluufan yaalii godha.” Ilaalchi gara laafinaa Yesuus dadhabina namootaatiif qabu atis warra kaan garraamummaadhaan akka qabdu si gargaaruu dandaʼaa laata?

Yesuus wantoota tokko tokko Yihowaadhaaf dhiiseera. Yesuus yommuu lafa irra turetti jalʼinni haqaa isa irratti raawwatameera. Namoonni karaa sirrii hin taaneen isa hubataniiru, tuffatameera, akkasumas muka irratti fannifameera. Taʼus ‘isa qajeelummaadhaan murteessu sanatti imaanaadhaan waan of kenneef’ garraamii taʼee itti fufeera. (1 Phe. 2:23) Yesuus Abbaan isaa inni samii akka isaaf yaaduu fi yeroo sirrii taʼetti jalʼina haqaa isa irratti raawwatame akka sirreessu beeka ture.

Yoo aarree fi jalʼina nu irratti raawwatame sirreessuuf yaalii yoo goone salphaatti wanta sirrii hin taane gochuu fi rakkinni sun caalaatti akka hammaatu gochuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun, “Dheekkamsi namaa qajeelinni Waaqayyoo akka raawwatamu hin godhu” jechuudhaan kan nu gorsu kanaafi. (Yaq. 1:20) Sababa itti aarre kan qabnu taʼus, mudaa kan qabnu taʼuun keenya karaa dogoggora taʼeen tarkaanfii akka fudhannu nu gochuu dandaʼa.

Obboleettiin biyya Jarmanii Kaatii jedhamtu, ‘Ofiif hin falmitu taanaan namni sii falmu hin jiru’ jettee yaaddi turte. Yihowaatti amanamuu yommuu barattu garuu, ilaalchi ishii ni jijjiirame. “Amma, yeroo hunda ofiif falmuun na hin barbaachisu,” jetteetti. “Yihowaan wantoota hundumaa sirriitti akka toʼatu waanan beekuuf, garraamummaadhaan tarkaanfii fudhachuuf bilisummaan natti dhagaʼama.” Jalʼinni haqaa si irratti raawwatameera taanaan, Waaqayyotti amanamuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuun kee hafuura garraamummaa argisiisuuf si gargaara.

“WARRI GARRAAMIIN GAMMADOO DHA”

Haalawwan rakkisoo taʼan keessatti garraamummaan kan nu gargaaru akkamitti?

Yesuus garraamummaan gammachuu keenyaaf shoora guddaa akka taphatu ibseera. “Warri garraamiin gammadoo dha,” jedheera. (Mat. 5:5) Mee garraamummaan haalawwan armaan gadii irratti akkamitti akka nu fayyadu yaadaa.

Garraamummaan gaaʼela keessatti dhiphina hirʼisa. Obboleessi Roobart jedhamuu fi Awustiraaliyaa jiraatu akkana jedheera: “Garaa koo irraa taʼuu baatus wanta haadha manaa koo miidhu hedduu dubbadheera. Haa taʼu malee, dubbii aariidhaan dubbatame duubatti deebisuun hin dandaʼamu. Hammam akkan ishii miidhe yommuun hubadhu baayʼeen gadde.”

Dubbii keenyaan “hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna,” dubbiin utuu itti hin yaadin dubbannus nagaa gaaʼela keessatti argamu balaadhaaf saaxiluu dandaʼa. (Yaq. 3:2) Yeroo akkanaatti garraamummaan tasgabbii akka qabaannuu fi arraba keenya akka toʼannu nu gargaara.—Fak. 17:27.

Roobart tasgabbaaʼuu fi of toʼachuuf carraaqqii cimaa godheera. Maarree faayidaa akkamii argate? Akkana jedheera: “Yeroo ammaatti yeroo walitti buʼiinsi uumamu hundatti, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf, garraamummaadhaan dubbachuu fi aarii irraa of qusachuuf carraaqqiin godha. Walitti dhufeenyi ani haadha manaa koo wajjin qabu amma baayʼee fooyyaʼeera.”

Garraamummaan warra kaanii wajjin walii gallee akka jiraannu nu gargaara. Namoonni dafanii aaran michoota hedduu hin qabaatan. Garraamummaan garuu, “hidhaa nagaa isa tokko godhu” qabaachuuf nu gargaara. (Efe. 4:2, 3) Kaatiin ishiin olitti caqasamte akkana jetteetti: “Namoonni tokko tokko rakkisoo yoo taʼan iyyuu, garraamummaa yommuun argisiisu warra kaanii wajjin taʼuun na gammachiisa.”

Garraamummaan keessi keenya nagaa akka qabaatu godha. Kitaabni Qulqulluun, ‘ogummaa ol gubbaadhaa dhufu’ garraamummaa fi nagaa wajjin wal qabsiisa. (Yaq. 3:13, 17) Namni garraamiin ‘yaada nagaa qaba.’ (Fak. 14:30) Maartin inni amala garraamummaa qabaachuuf carraaqqii guddaa godhe, “Ani yeroo ammaatti caalaatti nama yaada isaatti hin cichinee fi dafee hin aarre taʼeera; kanaafuu, keessi koo nagaa fi gammachuu qaba” jedheera.

Dhugaa dha, amala garraamummaa qabaachuuf carraaqqii gochuu qabna. Obboleessi tokko akkana jedheera: “Dhugaa isaa dubbachuuf, harʼa illee taanaan yeroo tokko tokko keessi koo aariidhaan ni danfa. Haa taʼu malee, Yihowaan inni garraamummaa akka hordofnu nu jajjabeessu, waldhaansoo kana irratti nu gargaara” jedheera. (Isa. 41:10; 1 Xim. 6:11) Inni ‘leenjii keenya xumuruu’ fi ‘nu cimsuu’ dandaʼa. (1 Phe. 5:10) Yeroo booda, akkuma Phaawulos, “garraamummaa fi gara laafina Kiristoos” calaqqisiisuu dandeenya.—2 Qor. 10:1.

^ key. 2 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.