Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Dhumaatti Mootummoota Wal Morkatan

Yeroo Dhumaatti Mootummoota Wal Morkatan

Raajiiwwan chaartii kana keessatti ibsaman yeroo tokkotti raawwatamu. Raajiiwwan kun kan jiraannu ‘bara dhumaa’ keessa taʼuu isaa karaawwan hedduudhaan ni mirkaneessu.​—Dan. 12:4.

  • Caqasa(wwan) Mul. 11:7; 12:13, 17; 13:1-8, 12

    Raajii “Bineensichi” jaarraawwan hedduudhaaf namoota lafa irra jiran bulchaa tureera. Bara dhumaatti mataan isaa inni torbaffaan ni madaaʼe. Boodas mataan isaa kun ni fayye, “guutummaan lafaa hundis” bineensicha duukaa buʼe. Seexanni ‘warra hafan irratti waraana banuuf’ bineensichatti fayyadama.

    Raawwii Bishaan Badiisaa booda mootummoonni Yihowaa morman bulchaa turaniiru. Jaarraawwan hedduu booda yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Bulchiinsi Biritaaniyaa akka malee dadhabe. Yunaayitid Isteetis wajjin yommuu michuu taʼetti ni bayyanate. Keessumaa yeroo dhumaatti Seexanni saba Waaqayyoo irratti ariʼatama geessisuuf guutummaa sirna siyaasaatti fayyadama.

  • Caqasa(wwan) Dan. 11:25-45

    Raajii Yeroo dhumaatti morkii mootii kaabaa fi mootii kibbaa gidduutti godhamu.

    Raawwii Mootummaan Jarmanii fi Angiloo Ameerikaa wal morkatu. Bara 1945⁠tti Tokkummaan Sooviyeetii fi michoonni isaa mootii kaabaa taʼan. Bara 1991⁠tti, Tokkummaan Sooviyeet ni diigame, yeroo booda Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa taʼan.

  • Caqasa(wwan) Isa. 61:1; Mil. 3:1; Luq. 4:18

    Raajii Yihowaan Mootummaan Masiihichaa hundeeffamuu isaa dura ‘karaa akka qopheessuuf’ “ergamaa” isaa ni erga. Gareen kun, ‘warra gadadamootti misiraachoo himuu’ jalqabe.

    Raawwii Bara 1870mmanii jalqabee Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa dhugaa Kitaaba Qulqulluu beekuuf qorannaa cimaa gochuu jalqaban. Bara 1880mmanitti tajaajiltoonni Waaqayyoo lallabuun akka isaan irra jiru cimsanii ibsuu jalqaban. Mata dureewwan kan akka, “Lallabdoonni 1,000 ni Barbaachisu” akkasumas “Lallabuuf Dibamuu” jedhan ni qopheessan.

  • Caqasa(wwan) Mat. 13:24-30, 36-43

    Raajii Diinni tokko maasii qamadii keessatti inkirdaada kan facaase siʼa taʼu, inkirdaadni sunis hamma yeroon makaraa gaʼutti akka guddatuu fi qamadicha akka dhoksu isaaf heyyamame; achiis inkirdaadichi qamadicha irraa addaan ni baafame.

    Raawwii Dhuma bara 1800 irraa jalqabee Kiristiyaanonni dhugaan Kiristiyaanota sobaa irraa adda baafamanii beekamuu jalqaban. Bara dhumaatti, Kiristiyaanonni dhugaan walitti qabamaniiru; Kiristiyaanota sobaa irraas addaan baʼaniiru.

  • Caqasa(wwan) Dan. 2:31-33, 41-43

    Raajii Miilli sibiilaa fi dhoqqee suphee irraa tolfame kan fakkii sibiilota adda addaa irraa tolfame sanaa ti.

    Raawwii Dhoqqeen suphee, namoota bulchiinsa Angiloo Ameerikaa jalatti bulanii fi mootummoota kana morman kan argisiisu dha. Mormitoonni kun mootummaan addunyaa kun jabina akka sibiilaatiin tarkaanfii akka hin fudhanne isa dadhabsiisaniiru.

  • Caqasa(wwan) Mat. 13:30; 24:14, 45; 28:19, 20

    Raajii ‘Qamadichi’ gara ‘gootaraatti’ walitti qabame; “garbichi amanamaanii fi ogeessi” “maatii” isaa irratti ni muudame. Lallabni ‘misiraachoo Mootummichaa’ kun “guutummaa lafaa irratti” babalʼachuu jalqabe.

    Raawwii Bara 1919⁠tti garbichi amanamaan saba Waaqayyoo irratti ni muudame. Yeroo sanaa jalqabee, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu caalaatti lallabuu isaanii itti fufaniiru. Yeroo ammaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota 200 olitti ni lallabu; afaanota 1,000 ol taʼaniinis barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan ni qopheessu.

  • Caqasa(wwan) Dan. 12:11; Mul. 13:11, 14, 15

    Raajii Bineensi gaanfota lama qabu, namoonni lafa irra jiraatan ‘bineensichaaf bifa fakkeenyaa akka hojjetan’ gochuu irratti adda durummaadhaan ni hojjeta; akkasumas ‘bifa fakkeenyaa sanaaf hafuura’ ni kenna.

    Raawwii Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa, Waldaan Mootummoota Addunyaa akka hundeeffamu gochuu irratti adda durummaadhaan hojjeteera. Waldaan kun saboota kan biroo irraa deggersa argateera. Yeroo booda mootiin kaabaas Waldaa kanatti kan makame yommuu taʼu, achi keessa kan ture garuu bara 1926-1933⁠tti qofa ture. Akkuma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii isa isa booda dhufe sanaatti, ulfinni Mootummaa Waaqayyootiif malu Waldaa kanaafis kennameera.

  • Caqasa(wwan) Dan. 8:23, 24

    Raajii Mootii sodaachisaan tokko “badiisa sodaachisaa in fida.”

    Raawwii Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa badiisa guddaa geessiseera. Fakkeenyaaf, Waraana Addunyaa Lammaffaatti Yunaayitid Isteetis yommuu diina mootummoota lamaan kanaa irratti boombii atoomikii lama roobsitetti badiisa hammana hin jedhamne geessisteetti.

  • Caqasa(wwan) Dan. 11:31; Mul. 17:3, 7-11

    Raajii Bineensi ‘diimaan dhiiga fakkaatu’ qilee keessaa ni baʼa; innis mootii saddeettaffaa dha. Kitaabni Daaniʼel mootiin kun “wanta jibbisiisaa nama rifachiisu [“badiisa geessisu,” NW]” akka taʼe ibseera.

    Raawwii Waldaan Mootummoota Addunyaa yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti diigameera. Waraanicha booda Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ‘achi kaaʼameera.’ Akkuma Waldaa Mootummoota Addunyaa isa dura ture sanaatti, ulfinni Mootummaa Waaqayyootiif qofa malu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifis kennameera. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii amantii irratti haleellaa bana.

  • Caqasa(wwan) 1 Tas. 5:3; Mul. 17:16

    Raajii Saboonni “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhanii labsu, ‘gaanfonni kurnanii fi bineensichi’ ‘gaalamoota sana’ ni haleelu. Sana booda saboota irra badiisni ni gaʼa.

    Raawwii Saboonni nagaa fi tasgabbii akka argatan dubbatu taʼa. Achiis saboonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deggeran dhaabbilee amantii sobaa ni balleessu. Kunis jalqaba rakkina guddaa ni taʼa. Rakkinni guddaan kun yommuu waraana Armaagedoonitti guutummaan sirna addunyaa kanaa balleeffamutti ni xumurama.

  • Caqasa(wwan) His. 38:11, 14-17; Mat. 24:31

    Raajii Goog biyya saba Waaqayyoo ni weerara. Achiis maleekonni ‘warra filataman’ walitti ni qabu.

    Raawwii Mootiin kaabaa mootummoota addunyaa warra kaanii wajjin taʼuudhaan, saba Waaqayyoo irratti haleellaa bana. Haleellaan kun erga jalqabamee yeroo muraasa booda dibamtoonni hafan samiitti walitti qabamu.

  • Caqasa(wwan) His. 38:18-23; Dan. 2:34, 35, 44, 45; Mul. 6:2; 16:14, 16; 17:14; 19:20

    Raajii ‘Inni farda adii irra taaʼe’ Googii fi raayyaa waraanaa isaa balleessuudhaan “moʼicha” isaa xumura. “Bineensichi” ‘haroo ibiddaa dinyiidhaan bobaʼu keessatti darbatame,’ akkasumas fakkii guddaan sun ni caccabe.

    Raawwii Yesuus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchaa jiru saba Waaqayyoo ni oolcha. Namoota 144,000 warra isaa wajjin bulchanii fi maleekota warra raayyaa waraanaa isaa taʼanii wajjin taʼuudhaan, saboota tokkummaa uuman, jechuunis guutummaa sirna siyaasaa Seexanaa ni balleessa.