Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Bara duriitti dhallaadduun bidiruu hojjechuuf ni tajaajila turee?

Biqiltuu dhallaadduu

GIBXII duriitti dhallaadduun irratti barreessuuf akka itti hojjetamu balʼinaan ni beekama. Warri Giriikii fi warri Roomaas dhallaadduu * irratti barreessuuf ni fayyadamu turan. Taʼus dhallaadduun irratti barreessuuf qofa utuu hin taʼin, bidiruu ittiin hojjechuuf akka tajaajilu balʼinaan hin beekamu.

Fakkii bidiruu dhallaadduu awwaala Gibxoota keessatti argame lama

Gara waggoota 2500 dura Isaayaas raajichi namoonni ‘naannoo lageen Itoophiyaa keessatti argaman ergamtoota isaanii galaana irra Bidiruuwwan dhallaadduutiin bishaanota gamatti’ akka ergan barreesseera. Yeroo booda immoo Ermiyaas raajichi magaalaan Baabilon warra Medoonii fi Faaresiin yommuu weeraramtu Baabilononni akka harkaa hin baaneef “Bidiruuwwan dhallaadduu” isaanii akka guban dubbateera.—Isa. 18:1, 2; Er. 51:32.

Kitaabni Qulqulluun geggeessa hafuura Waaqayyootiin waan barreeffameef, barattoonni Kitaaba Qulqulluu argannoon arkiyooloojii dhallaadduun bara duriitti bidiruu hojjechuuf hojii irra oolaa akka ture argisiisuun isaa isaan hin dinqisiisu. (2 Xim. 3:16) Maarree wanti argame maali dha? Arkiyooloojistoonni Gibxiitti dhallaadduun bidiruu hojjechuuf hojii irraa oolaa akka ture ragaa argisiisu hedduu argataniiru.

BIDIRUUN DHALLAADDUU AKKAMITTI HOJJETAMA TURE?

Fakkiiwwanii fi bocawwan awwaalcha Gibxootaa irratti argaman dhallaadduun akkamitti akka walitti qabamuu fi bidiruu hojjechuuf oolu ni argisiisu. Namoonni dhallaadduu ni muru, hihhiranii walitti hidhu, achiis isa hihhidhame jabeessanii walitti hidhu. Mukti dhallaadduu bifa roga sadee qaba. Kanaafuu yommuu walitti hidhamu mukti isaa walitti maxxanuudhaan hidhaa cimaa taʼa. Kitaabni waaʼee seenaa Gibxootaa dubbatu tokko bidiruuwwan dhallaadduu kun meetira 17 akka dheeratanii fi gama tokkoon qofa batoo 10 ykn 12 akka qaban ibsa.

Boca bidiruun dhallaadduu akkamitti akka hojjetamu argisiisu

NAMOONNI BIDIRUU HOJJETAN DHALLAADDUU KAN FAYYADAMAN MAALIIFI?

Dhallaadduun sulula Abbayyaa keessatti baayʼinaan argama. Dabalataan immoo bidiruun dhallaadduu hojjechuuf salphaa dha. Bidiruu guddaa hojjechuuf mukti faayidaa irra kan oolu taʼus qurxummii qabdoonnii fi adamsitoonni bidiruu dhallaadduu xixinnoo fayyadamuu waan itti fufan fakkaata.

Yeroo dheeraadhaaf namoonni Bidiruu dhallaadduutti fayyadamaa turaniiru. Barreessaan Giriikii Piluutaarki inni Dh.K.B jaarraa tokkoffaa fi lammaffaa gidduu jiraate akka jedhetti bidiruun dhallaadduu namoota bara isaatti turan biratti beekamaa ture.

^ key. 3 Biqiltuun dhallaadduu bakka dhoqqee taʼee fi bishaan suuta deemutti guddata. Biqiltuun kun gara meetira 5 kan guddatu siʼa taʼu, furdinni hundee isaa immoo gara seentii meetira 15 taʼa.