Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 19

Wanti Kam Iyyuu Qajeelota hin Gufachiisu

Wanti Kam Iyyuu Qajeelota hin Gufachiisu

“Warri seera kee jaallatan nagaa hedduu qabu; Homtuu isaan gufachiisuu hin dandaʼu.”—FAR. 119:165.

FAARFANNAA 122 Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa!

QABIYYEE *

1-2. Barreessaan tokko maal jedheera? Mata duree kana keessatti maal qoranna?

YEROO harʼaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Yesuusitti akka amanan kan dubbatan taʼus, wanta inni barsiise garuu hin fudhatan. (2 Xim. 4:3, 4) Barreessaan tokko akkas jedhee ture: “Yeroo harʼaa Yesuus kan biraan utuu dhufee fi waanuma Yesuus inni jalqabaa dubbate utuu dubbatee, . . .  akkuma namoonni waggaa kuma lama dura turan isatti amanuu didan, nutis ni didinaa laata? . . . Deebiin isaa eeyyee isatti amanuu ni didna kan jedhu dha.”

2 Namoonni jaarraa tokkoffaatti turan hedduun Yesuus yeroo barsiisu dhagaʼaniiru, yeroo inni dinqii raawwatus arganiiru, taʼus isatti hin amanne. Maaliifi? Mata duree darbe irratti sababiiwwan namoonni wanta Yesuus dubbatee fi raawwatetti itti gufatan afur ilaallee turre. Mee amma immoo sababiiwwan dabalataa afur haa ilaallu. Kana gochuun keenya namoonni yeroo harʼaa jiran duuka buutota Yesuus maaliif akka hin fudhannee hubachuu fi gufachuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe beekuuf nu gargaara.

(1) YESUUS HIN LOOGU TURE

Namoonni hedduun Yesuus namoota michoota isaa akka taʼan filateen kan kaʼe gufataniiru. Yeroo harʼaa wanti akkasii namoota tokko tokko gufachiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 3 ilaali) *

3. Wanti Yesuus raawwatee fi namoonni akka isatti gufatan taasise maal ture?

3 Yesuus yeroo lafa irra turetti namoota hunda wajjin yeroo dabarsa ture. Sooressootaa fi namoota aangoo qabanii wajjin nyaata kan nyaate taʼus, namoota hiyyeeyyii fi cunqurfamanii wajjinis yeroo balʼaa dabarseera. Kana malees namoota “cubbamoota” akka taʼanitti ilaalamanitti gara laafina argisiiseera. Namoonni qulqulluu of godhan tokko tokko wanta Yesuus raawwate kanatti gufataniiru. Isaan, “Isin warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin kan nyaattanii fi kan dhugdan maaliifi?” jedhanii barattoota isaa gaafatan. Yesuusis, “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu. Ani namoota qajeeloo waamuuf utuu hin taʼin, cubbamoonni akka yaada geddaratan waamuufan dhufe” jedhee deebise.—Luq. 5:29-32.

4. Akka Isaayyaas raajichi dubbatetti Yihudoonni waaʼee Masiihichaa maal eeguu qabu turan?

4 Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Masiihiin dhufuu isaa yeroo dheeraa dura Isaayyaas raajichi addunyaan akka isa hin fudhanne raajii dubbatee ture. Raajichi akkas jedha: “Namoonni isa ni tuffatan, ni jibbanis . . . Akka waan fuulli isaa nu jalaa dhokfamee taʼee ture. Inni kan tuffatame ture, nutis akka waan gatii hin qabneetti isa ilaalle.” (Isa. 53:3) Masiihiin ‘namootaan’ jibbamuu waan qabuuf Yihudoonni jaarraa jalqabaatti turan Yesuus fudhatama akka dhabu eeguu qabu turan.

5. Yeroo harʼaatti namoonni hedduun duuka buutota Yesuus akkamitti ilaalu?

5 Yeroo harʼaatti rakkinni wal fakkaatu jiraa? Eeyyee. Geggeessitoonni amantii hedduun namoonni iddoo guddaa qaban, sooreyyii taʼanii fi addunyaa biratti akka ogeeyyiitti ilaalaman yommuu miseensa isaanii taʼan gammachuudhaan simatu. Isaan miseensonni isaanii haaraan kun naamusaa fi akkaataa jireenyaa ulaagaa Waaqayyoo wajjin wal hin simne yoo qabaatan iyyuu, gammachuudhaan simatu. Taʼus Dhugaa Baatota Yihowaa hinaaffaa qabanii fi naamusaan qulqulluu taʼan, akka ulaagaa addunyaatti iddoo guddaa waan hin qabneef qofa tuffiidhaan isaan ilaalu. Akkuma Phaawulos jedhe Waaqayyo warra “tuffatamoo” taʼan filate. (1 Qor. 1:26-29) Haa taʼu malee, Yihowaaf tajaajiltoonni isaa amanamoon hundi gatii guddaa qabu.

6. Akkuma Maatewos 11:25, 26 irratti ibsame ilaalcha Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Gufachuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? (Maatewos 11:25, 26 dubbisi.) Ilaalchi addunyaan saba Waaqayyootiif qabu dhiibbaa akka si irratti godhu hin heyyamin. Yihowaan namoota gad of qabuudhaan fedha isaa raawwatan qofatti akka fayyadamu hubadhu. (Far. 138:6) Namoota addunyaan ogeeyyii ykn beektota akka hin taanetti ilaalu kana fayyadamee waan hedduu akka raawwates yaadi.

(2) YESUUS BARUMSA SOBAA SAAXILEERA

7. Yesuus Fariisotaan fakkeessitoota kan jedhe maaliifi? Isaan hoo maal godhan?

7 Yesuus gocha fakkeessaa geggeessitoonni amantii bara isaa turan raawwatan ija jabinaan balaaleffateera. Fakkeenyaaf, fakkeessitummaa Fariisotaa saaxileera, isaan warra isaanii kunuunsuu caalaa akkaataa harka isaanii itti dhiqataniif xiyyeeffannaa kennu. (Mat. 15:1-11) Barattoonni Yesuus wanti inni dubbate kun isaan dinqisiisee taʼuu qaba. Kanaafuu, “Fariisonni wanta ati dubbatte dhagaʼanii akka gufatan hubatteettaa?” jedhanii isa gaafatan. Innis deebisee akkas jedhe: “Biqiltuun Abbaan koo inni samii hin dhaabne hundi ni buqqifama. Waaʼee isaanii dhiisaa. Isaan geggeessitoota jaamota taʼani dha. Kanaafuu, jaamaan jaamaatti karaa yoo argisiise lamaan isaanii iyyuu boolla keessa buʼu.” (Mat. 15:12-14) Yesuus geggeessitoonni amantii isatti aaruun isaanii dhugaa dubbachuu akka dhiisu isa hin goone.

8. Yesuus, Waaqayyo biratti fudhatama kan qabu barumsa amantii hunda akka hin taane akkamitti ifa godhe?

8 Yesuus barumsa amantii sobaas saaxileera. Inni barumsi amantii hundi Waaqayyo biratti fudhatama qaba hin jenne. Kanaa mannaa, namoonni daandii balʼaa badiisatti geessu irra jiran baayʼee akka taʼan, namoonni daandii dhiphaa jireenyatti geessu irra jiran immoo muraasa akka taʼan dubbateera. (Mat. 7:13, 14) Namoonni tokko tokko Waaqayyoon akka tajaajilan kan dubbatan taʼus, dhugumaan isa tajaajilaa akka hin jirre ifa godheera. “Raajota sobaa, keessa isaaniitti yeeyyii beelaʼe taʼanii utuu jiranii, kalʼee hoolaa uffatanii gara keessan dhufan irraa of eeggadhaa. Firii isaaniitiin adda baastanii isaan beektu” jedhee akeekkachiiseera.—Mat. 7:15-20.

Namoonni hedduun Yesuus amantii sobaa fi gochawwan isaa balaaleffachuu isaatiin kan kaʼe gufataniiru. Yeroo harʼaa wanti akkasii namoota tokko tokko gufachiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 9 ilaali) *

9. Barumsawwan amantii sobaa Yesuus saaxile tokko tokko kamfaʼi?

9 Kitaabni qulqulluun maal jedha? Raajiin Kitaaba Qulqulluu Masiihiin hinaaffaa mana Yihowaatiif qabuun akka gubatu dubbata. (Far. 69:9; Yoh. 2:14-17) Hinaaffaan kun, Yesuus barumsaa fi gocha amantii sobaa akka saaxilu isa kakaaseera. Fakkeenyaaf, Fariisonni lubbuun akka hin duune amanu; Yesuus garuu warri duʼan rafaa akka jiran barsiiseera. (Yoh. 11:11) Saduuqonni duʼaa kaʼuutti hin amanan; Yesuus garuu michuu isaa Alaazaariin duʼaa kaaseera. (Yoh. 11:43, 44; HoE. 23:8) Fariisonni waan hundumaa carraa fi Waaqayyoo wajjin wal qabsiisu; Yesuus garuu namoonni Waaqayyoon tajaajiluuf ykn dhiisuuf filachuu akka dandaʼan barsiiseera.—Mat. 11:28.

10. Namoonni baayʼeen barumsa keenyatti kan gufatan maaliifi?

10 Yeroo harʼaa rakkinni wal fakkaatu jiraa? Eeyyee. Namoonni hedduun barumsawwan keenya Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan yaada amantii sobaa waan saaxilaniif ni gufatu. Geggeessitoonni amantii Waaqayyo cubbamoota ibidda qileetiin akka adabu hordoftoota isaanii barsiisu. Namoota toʼachuuf barumsa sobaa kanatti fayyadamu. Nuti tajaajiltoota Yihowaa Waaqa jaalalaa waaqeffannu waan taaneef, barumsa sobaa kana ni saaxilla. Kana malees, geggeessitoonni amantii lubbuun akka hin duune barsiisu. Barumsi kun dhugaa yoo taʼe, namni kam iyyuu duʼaa kaʼuun isa hin barbaachisu. Kanaafuu, barumsi kun Kitaaba Qulqulluu keessa akka hin jirre ni mirkaneessina. Akkasumas amantiiwwan hedduun wanti raawwannu hundi Waaqayyoon ykn humna hin mulʼanne tokkoon dursee murtaaʼeera jedhanii kan barsiisan taʼus, nuti namoonni mirga filannaa akka qabanii fi Waaqayyoon tajaajiluuf filachuu akka dandaʼan barsiisna. Barumsa sobaa isaanii yommuu saaxillu geggeessitoonni amantii maal godhu? Yeroo baayʼee garmalee aaru.

11. Jechoonni Yesuus, Yohaannis 8:45-47 irra jiran akka argisiisanitti, Waaqayyo saba isaa irraa maal eega?

11 Gufachuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? Dhugaa kan jaallannu yoo taʼe wanta Waaqayyo dubbate fudhachuu qabna. (Yohaannis 8:45-47 dubbisi.) Seexana irraa haala faallaa taʼeen nuti dhugaa keessa jabaannee dhaabanna. Matumaa amantii keenya hin laaffisnu. (Yoh. 8:44) Waaqayyo sabni isaa akkuma Yesuus, ‘wanta hamaa akka jibbanii fi wanta gaariitti akka maxxanan’ isaan irraa eega.—Rom. 12:9; Ibr. 1:9.

(3) YESUUS ARIʼATAMEERA

Namoonni hedduun Yesuus muka dhiphinaa irratti duʼuu isaatiin kan kaʼe gufataniiru. Yeroo harʼaa wanti akkasii namoota tokko tokko gufachiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 12 ilaali) *

12. Akkaataan Yesuus itti duʼe gufachuu Yihudoota hedduutiif sababa kan taʼe maaliifi?

12 Sababii kan biraan Yihudoonni bara Yesuus turan itti gufatan maal ture? Phaawulos, ‘Nuti Kiristoos isa muka irratti fannifame lallabna; kunis Yihudootaaf wanta gufachiisu dha’ jedheera. (1 Qor. 1:23) Yesuus muka irratti fannifamee ajjeefamuun isaa Yihudoonni hedduun akka isa hin fudhanne kan godhe maaliifi? Akka ilaalcha isaaniitti Yesuus muka irratti fannifamee duʼuun isaa Masiihii utuu hin taʼin, yakkamaa fi cubbamaa isa fakkeessa.—Kes. 21:22, 23.

13. Namoonni Yesuusitti gufatan wanti isaan hin hubanne maal ture?

13 Yihudoonni Yesuusitti gufatan, inni qulqulluu akka taʼe, sobaan akka himatamee fi jalʼinni haqaa akka isa irratti raawwatame utuu hin hubatin hafaniiru. Namoonni Yesuusitti murteessan waaʼeen haqaa isaan hin yaaddessine. Manni murtii ol aanaa Yihudootaa Yesuusitti murteessuuf hatattamaan walitti qabaman, seera mana murtiis hin hordofne. (Luq. 22:54; Yoh. 18:24) Abbootiin murtii sun, himataa fi ragaa Yesuus irratti dhihaate loogii malee dhaggeeffachuu mannaa Yesuusiin ajjeesuuf ofuma isaaniitiin “ragaa sobaa isa irratti barbaadu turan.” Kun yommuu isaaniif hin milkaaʼin hafu lubni ol aanaan, Yesuus wanta yakkamaa isa taasisu tokko akka dubbatu gochuuf yaalii godhe. Kun seera jiru wajjin guutummaatti wal hin simu ture. (Mat. 26:59; Mar. 14:55-64) Yesuus erga duʼaa kaʼee booda immoo abbootiin murtii jalʼoota taʼan kun, sababii awwaalichi duwwaa itti taʼe ilaalchisee oduu sobaa akka babalʼisaniif loltoota Roomaa awwaalicha eegaa turaniif, “saantima meetii hedduu” kennan.—Mat. 28:11-15.

14. Kitaabni Qulqulluun duʼa Masiihii ilaalchisee maal raajiidhaan dubbateera?

14 Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Yihudoonni bara Yesuusitti turan hedduun Masiihiin duʼuu akka qabu kan hin eegne taʼus, Kitaabni Qulqulluun dursee akkas jedheera: “Inni lubbuu isaa hamma duʼaatti illee dabarsee kenneera, Yakkamtootaa wajjinis lakkaaʼameera; Cubbuu namoota hedduu ni baate, Yakkamtootaafis ni kadhate.” (Isa. 53:12) Kanaafuu Yihudoonni Yesuus akka cubbamaatti lakkaaʼamee ajjeefamuu isaatti gufachuu hin qaban turan.

15. Himatawwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti dhihaatan kamfaatu namoonni tokko tokko akka gufatan taasise?

15 Yeroo harʼaa rakkinni wal fakkaatu jiraa? Eeyyee. Yesuus karaa haqa hin qabneen himatameera, akkasumas yakkamaa taʼeera, Dhugaa Baatonni Yihowaas jalʼinni haqaa wal fakkaatu isaan irratti raawwatamaa jira. Mee fakkeenya tokko tokko ilaali. Baroota 1930manii fi 1940manii keessa Yuunaayitid Isteetisitti bilisummaa waaqeffannaa keenyaaf falmuuf irra deddeebinee mana murtiitti dhihaanneerra. Abbootiin murtii tokko tokko qaanii tokko malee loogii nu irratti raawwataniiru. Kuubeek Kaanaadaatti Waldaan amantii fi Mootummaan hojii keenya mormuuf tokkummaadhaan hojjetaniiru. Babalʼistoonni hedduun waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ollaawwan isaanitti waan himaniif qofa hidhamaniiru. Jarmanitti obboloonni amanamoon dargaggoota taʼan hedduun bulchiinsa Naaziitiin ajjeefamaniiru. Waggoota dhihoodhaa asitti obboloonni keenya Raashiyaa jiran hedduun Kitaaba Qulqulluu irratti waan mariʼataniif qofa yakkamtoota taʼuudhaan hidhamaniiru; abbootiin taayitaa gocha kana ‘finxaalessuu’ akka taʼetti ilaalu. Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa afaan Raashiyaatiin qophaaʼe maqaa Yihowaa waan qabateef qofa dhorkameera, akkasumas ‘yaada finxaaleyyii’ akka qabatetti ilaalameera.

16. Akka 1 Yohaannis 4:1 irratti ibsametti, oduu sobaa waaʼee saba Yihowaa dubbatamuun dogoggorfamuu kan hin qabne maaliifi?

16 Gufachuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? Dhugaa jiru baradhaa. Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti namoonni tokko tokko ‘sobaan wanta hamaa hundumaa akka isaan irratti dubbatan’ dhaggeeffattoota isaa akeekkachiiseera. (Mat. 5:11) Maddi sobawwan kanaa Seexana dha. Inni, mormitoonni warra dhugaa jaallatan irratti soba hamaa akka babalʼisan dhiibbaa isaan irratti godha. (Mul. 12:9, 10) Soba mormitoonni keenya dubbatan mormuu qabna. Sobawwan akkasii akka nu sodaachisan ykn amantii keenya akka laaffisan heyyamuu hin qabnu.—1 Yohaannis 4:1 dubbisi.

(4) YESUUS GANAMEERA, DHIIFAMEERAS

Namoonni hedduun Yesuus Yihudaan dabarsee isa kennuu isaatiin kan kaʼe gufataniiru. Yeroo harʼaa wanti akkasii namoota tokko tokko gufachiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 17-18 ilaali) *

17. Haalli Yesuus duʼuu isaa dura ture namoota tokko tokko gufachiisuu kan dandaʼu akkamitti?

17 Yesuus duʼuu isaa dura ergamoota isaa 12 keessaa inni tokko isa ganeera. Ergamaan kan biraan immoo siʼa sadii akka isa hin beekne dubbateera; ergamoonni isaa hundis galgala duʼuu isaa dura turetti isa dhiisanii deemaniiru. (Mat. 26:14-16, 47, 56, 75) Yesuus hin dinqisiifamne. Kun akka taʼu illee dursee dubbateera. (Yoh. 6:64; 13:21, 26, 38; 16:32) Namoonni tokko tokko yommuu kana argan ‘ergamoonni isaa erga akkas godhanii ani miseensa garee kanaa taʼuu hin barbaadu’ jedhanii yaaduudhaan gufachuu dandaʼu turan.

18. Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura raajiiwwan kamfaatu raawwatame?

18 Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Jaarraawwan hedduu dura, Masiihiin meetii sheeqilii 30n dabarfamee akka kennamu Yihowaan dubbii isaa keessatti ibseera. (Zak. 11:12, 13) Namni dabarsee isa kennus michoota isatti dhihaatan keessaa tokko dha. (Far. 41:9) Zakkaariyaas raajichis, “Tiksee sana rukuti, hoolonnis haa bittinnaaʼan” jedhee barreesseera. (Zak. 13:7) Namoonni garaa qajeelaa qaban haala kanatti gufachuu mannaa raajiin kun Yesuus irratti yommuu raawwatamu arguun isaanii amantii isaanii cimsee taʼuu qaba.

19. Namoonni garaa qajeelaa qaban maal hubatu?

19 Yeroo harʼaa rakkinni wal fakkaatu jiraa? Eeyyee. Bara keenyatti Dhugaa Baatonni beekamoo taʼan muraasni dhugaa dhiisaniiru, gantoota taʼaniiru, achiis warra kaan dhugaa irraa fageessuuf yaalaniiru. Miidiyaalee fi intarneetii fayyadamanii waaʼee Dhugaa Baatotaa oduu gadhee, oduu nama dogoggorsuu fi soba babalʼisu. Taʼus namoonni garaa qajeelaa qaban hin gufatan. Faallaa kanaatiin, Kitaabni Qulqulluun wantoonni kun akka raawwataman dursee akka dubbate ni hubatu.—Mat. 24:24; 2 Phe. 2:18-22.

20. Warra dhugaa dhiisanii baʼaniin gufachuu irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? (2 Ximotewos 4:4, 5)

20 Gufachuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? Dhaabbataadhaan qoʼachuu, yeroo hunda kadhachuu fi hojii Yihowaan nuu kenne hojjechuu irratti qabamuudhaan amantii keenya cimsachuu qabna. (2 Ximotewos 4:4, 5 dubbisi.) Amantii kan qabnu yoo taʼe, oduu dogoggoraa yommuu dhageenyu garmalee hin sodaannu. (Isa. 28:16) Jaalalli Yihowaaf, Dubbii isaa fi obboloota keenyaaf qabnu warra dhugaa dhiisanii baʼaniin akka hin gufanne nu eega.

21. Yeroo harʼaa namoonni hedduun ergaa keenya kan hin fudhanne taʼanis, waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

21 Jaarraa tokkoffaatti namoonni hedduun waan gufataniif Yesuusiin fudhachuu didaniiru. Taʼus, namoonni isatti amanan hedduunis jiru. Kun immoo yoo xinnaate miseensa Saanhediriin tokkoo fi ‘luboota hedduu’ dabalata. (HoE. 6:7; Mat. 27:57-60; Mar. 15:43) Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman hin gufanne. Maaliifi? Dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru beeku, ni jaallatus. Dubbiin Waaqayyoo, “Warri seera kee jaallatan nagaa hedduu qabu; Homtuu isaan gufachiisuu hin dandaʼu” jedha.—Far. 119:165.

FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu

^ key. 5 Mata duree darbe irratti sababiiwwan namoonni kanaan dura Yesuusiin fudhachuu itti didanii fi yeroo harʼaattis duuka buutota isaa fudhachuu itti didan afur ilaallee turre. Mata duree kana keessatti immoo sababiiwwan dabalataa afur qorra. Kana malees, namoonni garaa qajeelaa qabanii fi Yihowaa jaallatan wanti kam iyyuu akka isaan gufachiisu heyyamuu kan hin qabne maaliif akka taʼe ni ilaalla.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Yesuus, Maatewosii fi warra qaraxa sassaabanii wajjin nyaachaa jira.

^ key. 62 IBSA FAKKII: Yesuus daldaltoota mana qulqullummaa keessaa yommuu ariʼu.

^ key. 64 IBSA FAKKII: Yesuus muka itti fannifamu akka baatu godhame.

^ key. 66 IBSA FAKKII: Yihudaan Yesuusiin dhungachuudhaan dabarsee kenne.